Oromia Health Bureau
21.1K subscribers
1.87K photos
41 videos
19 files
29 links
Download Telegram
Raawwii  hojii tarkaanfilee haaraa (Inshetivoota) Biiroo Fayyaa Oromiyaa  bara 2015
Milkii Biiroo Fayyaa Oromiyaa Bara 2015
Hayyamni ogummaa fayyaa (professional license) karaa 'online' jalqabee jira.

Ogeeyyiin fayyaa kan kanaan dura ragaa ogummaa fayyaa "professional license"haaraa baafachuu, haaromsuu fi moggaasa maqaa baafachuuf qaamaan gara biiroo fayyaa Oromiyaa dhufuun baafataa turan, yeroo ammaa Biiroon fayyaa Oromiyaa  'Software' haaraa (URL  196.188.171.42"  kana qopheessun ogeeyyin karaa 'online' baafachuu akka danda'aniif haala mijeessee jira.
Kanaafuu ogeessonni fayyaa keenya moosaajii (siftware) kanatti fayyadamuun hayyama ragaa ogummaa fayyaa fi moggaasa maqaa baafachuu dandeessu!
DHUKKUBA KOLEERAA FI TOOFTAALEE ITTISAA
Dhukkubni Koleeraa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaa vibroo koleereetiin (Vibro cholerae) tiin dhufu ta’ee garaa kaasaa fi haqqee sardaaf kan nama saaxiluu fi du’aatii geessisuu kan danda’uudha.   
MALLATTOOLEE DHUKKUBA "KOOLERAA"
• Garaa kaasaa sardaa yookiin walirraa hin citne. Bifti garaa kaasaa bishaan ruuzii ittiin miiccan ykn affeelan fakkaata.  Akkasumas, foolii baay’ee badaa kan hin qabnee dha
• Balaqqamsiisa/Haqqee  sardaa yookiin wal irraa hin citne
• Dhukkubbiin mataas qabaachuu danda’a
DHUKKUBA KOLEERAAF MAALTU NAMA SAAXILA?
• Hanqina Qulqullina dhuunfaa fi naannoo
• Mana fincaaniitti sirnaan fayyadamuu dhabuu
• Nyaataa fi Bishaan dhugaatii qulqulluu hin taane fayyadamuu
• Nyaata dheedhii yookan hin bilchaatiin soorachuu
• Kuduraa fi fuduraa faalaman soorachuù
• Meeshaalee nyaataa fi dhugaatii qulqullina hin qabnetti fayyadamuu fi kkf dha.
Maloota ittisa dhibee Koleeraa
• Nyaata qulqullinni isaa eegamee fi bilchaate soorachuu
• Kuduraa fi fuduraa bishaanii fi saamunaan miiccuudhaan soorachuu
• Bishaan qulqulluu dhugaatii fi nyaata qopheessuuf fayyadamnu 
• Harka bishaanii fi saamunaadhaan dhiqachuu
• Mana fincaaniitti sirnaan fayyadamuu
Nama mallattoon dhukkuba "Koleeraa" irratti mul'ate bifa tuttuqqii hambisuu danda'uun hatattamaan gara dhaabbata fayyaa dhiyoo jiruutti geessuun yaalchisuu qabna
Fayyaan nama hundaaf!
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Waa'ee dhibee Busaa beektuu laata?