Oromia Health Bureau
25.5K subscribers
2.15K photos
47 videos
19 files
33 links
Download Telegram
👍43
10
17👏17
59👍28👎4
Sirna Fayyaa dandamataa, Hawaasa Fayya qabeessa!
(Guraandhala 13/2918 – Shaashamannee)

Raawwiin hojii hooggansa balaa tasaa, qorannoo fi qo’annoo fayyaa hawaasaa fi tajaajila laabratorii kan ji’oota jahan darbanii Hooggantootaa fi ogeeyyota dhaabbilee fayyaa akkasumas I/G wajjiraalee Fayyaa magaalotaa fi Godinoota kibba oromiyaa hirmaachise Shaashamanneetti gaggeeffamaa jira.
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Guushaa Balakkoo sagantaa kana irratti argamuun haasaa taasisaniin Akka poolisii haaraatti sirna fayyaa cimaa fi dandamataa uumuuf waggoota darban dhibeewwan bifa weeraraan ka’anii fayyaa hawaasa keenyaa hubaa turan kanneen akka Busaa, Koleeraa, Gifiraa, Marbarg fi kkf irratti hojiilee qindoominaan hojjetamaa turaniin milkaa’inoota gaarii galmeessuun akka dandaa’ame ibsaniiru.

Dhibeewwan bifa weeraraan ka’an osoo hin yaadamne tasa uumamuun fayyaa hawaasa keenyaa hubuurra darbanii gaaaga’ama lubbuu waan geessisaniif faana dhahiinsa, deeggarsaa fi hordoffii wal irraa hin cinneen hoogganamuu akka qaban ibsuun qooda fudhattoota hirmaachisuun barbaachisaa ta’uu Dr. Guushaan himaniiru.

Dabalataanis Dr. Guushaan tajaajila balaa tasaa fayyaa hawaasaa ajandaa hooggansa sadarkaan jiruu tasisuun qindoomina waloo cimaa ta’een bakka saaxilamummaa dhibeewwan bifa weeraraan ka’uu malan adda baasuu fi bu’aa qorannoowwan laabratorii murtoo ragaa sirrii irratti hundaa’e hojiirra oolchuu akkasumas garaagarummaa raawwii bakkaa bakkatti jiru dhiphisuu fi fayyaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Itti Gaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Arsii Lixaa Obboo Girmaa Yaazoo gama isaaniitiin mootummaan hawaasa fayya buleessa misooma keessatti dammaqinaan hirmaatu horachuuf inisheetiviiwwan fayyaa adda addaa hojiirra oolaa jiran irraa hawaasni godinichaa fayyadamaa ta’aa jiraachuusaa kaasuun dhibeewwan bifa weeraraan ka’an irratti dhimmoota raawwatamaa turaniin bu’aawwan gaarii argaman qidoominaan cimsuun kan itti fufsiisan ta’uu ibsaniiru.
I/A Itti gaafatamaa Waajjira Fayyaa Godina Arsii Lixaa Obboo Kadiir Xaahiir akka jedhanitti yeroo irraa gara yerootti qormaatiilee balaa tasaa nu qoraa turan irraa barachuun muuxannoo argachaa dhufneen sirni fayyaa godinicha keessatti jabaatee hawaasa fayya buleessa misooma keessatti hirmaatu uumuuf hojjatamaa akka jiru kaasan. Dhibeewwan balaa tasaa qindoominaan hoogganamuun sadarkaa yaaddoo hawaasaa hin taane irraan gahuun akka danda’ame Obboo Kadiir dabalanii kaasanii jiru.

Waltajjii gamaaggamaa kana irrattis gabaasni godinaalee, bulchiinsa magaalotaa, laabratoriiwwan naannoo, hospitaalotaa fi kan Biiroo Fayyaa Oromiyaa dhiyaatee marii geggeessuun kallattii hojii kennamuun guyyaa boruu kan goolabamu ta'a.
26👎5
22👌20👍15👎13