Oromia Health Bureau
21.3K subscribers
1.88K photos
41 videos
19 files
29 links
Download Telegram
Guyyaan dhibee Busaa addunyaa mata duree "Kalaqa haarawaa fi leecalloo walitti qindeessuun kutannoo hunda-galeessaan dhibee busaa haa ittisnu." Jedhuun kabajameera. Jimmaa, Ebla 18/ 2017
Guyyaan dhibee Busaa addunyaa 18ffaan akka biyyaa fi akka naannootti magaalaa Jimmaatti kabajameera.

Ministirri Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, dhibee busaa akka addunyaatti keessaattuu biyyoota Afrikaaf rakkoo guddina hawaas diinagdee ta'uurra darbee lubbuu lammiilee hedduu gaaga'aa jiru qolachuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa akka ta'e ibsaniiru.

Akka naannoo Oromiyaatti ittisaa fi to'annoo dhibee Busaa irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiruun bu'aa abdachiisaan galmaa''uusa Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaannat Warqinah dubbataniiru.

Naannichatti ittisaa fi to'annoo dhibee busaa irratti tola ooltota qindeessuu, leenjisuu fi leecalloo argametti sirnaan gargaaramuun dhimmootni ijoo kanneen akka bakkeewwan walhormaata bookee busaa dhabamsiisu saaxilamoo ta'anitti saaphana siree miliyoona 8 ol raabsuu fi namoota dhibee kanaan qabaman yaaluu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Dhuma irratis "Dhukkubai busaa nutu dhabamsiisa, busaa dhabamsiisuuf deebinee haa gumaachinu, deebinee haa xiinxallu, deebinee haa dadammaqsinu" jechuun dhaamaniiru. Sagantaa kana irrattis bulchaan godina Jimmaa fi kantiibaan magaalaa Jimmaa ergaa kan dabarsan yoo ta'u qophiileen garaa garaa dhiyaataniiru.
Waliin taanee fayyaa eegeree daa'imman keenyaa haa mirkaneessinu." Pirofeesar Natsaannat Warqinah Hooggantuu biiroo fayyaa Oromiyaa.
Jalqabsiifni sagantaa talaallii qindaa'aa ittisa dhibee Gifiraa geggeeffame. Caamsaa 06/2017/Bishooftuu
Hooggantuun biiroo fayyaa piroofesar Natsaannat Warqinah sagantaa kana irratti qindoomuun dhimma kana irratti hojjechuun keenya kutannoo fi murannoo qabnu kan agarsiisu akka ta'ee fi yeroo ammaa du'aatii daa'imman miliyoona 3 ol ta'an baraaruun akka danda'ame ibsaniiru.
Akka addunyaatti biyyoota daa'imman hedduu hin talaalamin qaban 10 keessaa tokko biyya keenya akka ta'ee fi akka biyyaatti daa'imman miliyoona 17 talaalaman keessaa kan naannoo keenyaa miliyoon 7 ol akka ta'an eeraniiru.
Sagantaa talaallii kanaaniis kanneen fagoorra jiranii fi sababa rakkoo garaa garaan bira gahuun hin danda'amneef xiyyeeffannoon addaa kan kennamu ta'uusaa dubbaraniiru.
Milkaa'ina sagantaa kanaaf qaamoleen gahee qabanii fi qaada fudhattoonni martinuu gahee keenya bahachuun gumaacha nurraa eegamu haa taasifnu jechuunis dhaamaniiru.
Sagantaa kana irratti kantiibaan bulchiinsa magaalaa Bishooftuu, bakka bu'oonni ministeera fayyaa fi dhaabbilee deeggartootaa argamuun milkaa'ina sagantichaaf tumsa akka taasisan ibsuun ergaa dabarsaniiru.
Sagantaa kanaan daa'imman umurii waggaa shanii gadii talaallii hin jalqabinii fi addaan kutanii, hanqina nyaataa qabaniif calalliin kan geggeeffamu fi kanneen rakkoo fayyaa qabaniif tajaajilli fayyaa biroo qindoominaan Caamsaa 06 – 15/2017 dhaabbilee fayyaa fi wiirtuulee qophaa'aniitti guutummaa naannoo keenyaatti kan kennamu ta'a.