Oromia Health Bureau
21.2K subscribers
1.87K photos
41 videos
19 files
29 links
Download Telegram
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Marsariiti Biiroo Fayyaa Oromiyaa (Oromia health bureau website ) ( https://www.orhb.gov.et/ ) seenun odeeffannoo dhimma fayyaa hordofuu ni dandeessu.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama:- https://t.me/ORHBcommunication
Yuutiyuubii :- https://youtube.com/channel/UCq73LUo1B4XPmzAVIxWDUiw
Marsariitii:- https://orhb.gov.et/
Feesbuukii:- https://www.facebook.com/OromiaHealth
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Sagantaan babal'isuu kanfatii duraa inshuraansii fayyaa hawaasaa gaggeefamee jira.
==================================
Sagantaa kana irratti  l/ G waajjira kilaastara hawaasummaa naannoo Oromiyaa Obbo Nuuraa Guyyoo, daayreektara olaantuu  dhaabbata  inshuraansii fayyaa federaalaa Adde Firwoot Abbabaa  fi qaamoleen dhimmi ilaallatu  argamanii jiru.

H/I/A Biiroo Fayyaa Oromiyaa Sr. Tigisti Tafarii saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin akka naannoo Oromiyaatti  namoonni miiliyoona 26 ol  sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa keessatti kan hammatamanii ta'uu ibsuun, tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa fooyyessuuf biiroon fayyaa Oromiyaa sagantaa garaa garaa qopheessun hojiirra oolchaa jiru keessaa  tarkaanfii haaraa sagantaa   kanfaltii tajaajilaan duraa Inshuraansii fayyaa hawaasaa 'Capitation program' isa tokko akka ta'e kaasanii jiru.

Sagantaa kana  hojiirra oolchuf magaalaa Sandaafaa fi Godiina Shawaa kibba Lixaa Aanaa Sooddoo Daaccii  keessatti sagantaa yaalii gaggeefamaa tureen bu'a qabeessummaan isaa  mirkanaa'uu  ibsanii jiru.
Kaayyoon sagantaa kanfaltii duraa, maallaqa miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa irraa walitti qabamee jiru baay'ina namoota dhaabbatichatti tajaajilamuu danda'anii fi baasii barbaachisu dursanii adda baasuun dhaabbilee fayyaatif kanfaltii dursaa raawwachuudhan gahuumsa dhaabbilee fayyaa cimsuun kenna tajaajila fayyaa qulqulluu fi haqa qabeessa  ta'e hawaasni akka argatuuf akka ta'e dubbatanii jiru.

Sr. Tigisti itti dabaluun,  sagantaa kun marsaa  jalqabaa kanaan  godiinaalee 8, bulchiisota magaalaa 3 keessatti kan argaman buufataalee fayyaa 68 fi hospitaalota 2 keessatti   kan babal'atu yoo ta'uu, itti aansun haala qabatamaa irratti hundaa'udhan  godiinaalee fi bulchiinsota maagaalaa  biroo keessatti kan   hojiirra  oolu ta'a jedhan.

Sagantaa kana irratti  dhiyeessin haala qabatamaa hojiirra oolmaa sagantaa kanaa fi bu'aa argame agarsiisu  dhiyaachun mariin irratti gaggeeffamee jira.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama:-   https://t.me/ORHBcommunication
Yuutiyuubii :-  https://youtube.com/channel/UCq73LUo1B4XPmzAVIxWDUiw
Marsariitii:-  https://orhb.gov.et/
Feesbuukii:-  https://www.facebook.com/OromiaHealth
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Waxabajjii 20  bara 2015 Adaamaa.
Raawwii  hojii tarkaanfilee haaraa (Inshetivoota) Biiroo Fayyaa Oromiyaa  bara 2015
Milkii Biiroo Fayyaa Oromiyaa Bara 2015
Hayyamni ogummaa fayyaa (professional license) karaa 'online' jalqabee jira.

Ogeeyyiin fayyaa kan kanaan dura ragaa ogummaa fayyaa "professional license"haaraa baafachuu, haaromsuu fi moggaasa maqaa baafachuuf qaamaan gara biiroo fayyaa Oromiyaa dhufuun baafataa turan, yeroo ammaa Biiroon fayyaa Oromiyaa  'Software' haaraa (URL  196.188.171.42"  kana qopheessun ogeeyyin karaa 'online' baafachuu akka danda'aniif haala mijeessee jira.
Kanaafuu ogeessonni fayyaa keenya moosaajii (siftware) kanatti fayyadamuun hayyama ragaa ogummaa fayyaa fi moggaasa maqaa baafachuu dandeessu!
DHUKKUBA KOLEERAA FI TOOFTAALEE ITTISAA
Dhukkubni Koleeraa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaa vibroo koleereetiin (Vibro cholerae) tiin dhufu ta’ee garaa kaasaa fi haqqee sardaaf kan nama saaxiluu fi du’aatii geessisuu kan danda’uudha.   
MALLATTOOLEE DHUKKUBA "KOOLERAA"
• Garaa kaasaa sardaa yookiin walirraa hin citne. Bifti garaa kaasaa bishaan ruuzii ittiin miiccan ykn affeelan fakkaata.  Akkasumas, foolii baay’ee badaa kan hin qabnee dha
• Balaqqamsiisa/Haqqee  sardaa yookiin wal irraa hin citne
• Dhukkubbiin mataas qabaachuu danda’a
DHUKKUBA KOLEERAAF MAALTU NAMA SAAXILA?
• Hanqina Qulqullina dhuunfaa fi naannoo
• Mana fincaaniitti sirnaan fayyadamuu dhabuu
• Nyaataa fi Bishaan dhugaatii qulqulluu hin taane fayyadamuu
• Nyaata dheedhii yookan hin bilchaatiin soorachuu
• Kuduraa fi fuduraa faalaman soorachuù
• Meeshaalee nyaataa fi dhugaatii qulqullina hin qabnetti fayyadamuu fi kkf dha.
Maloota ittisa dhibee Koleeraa
• Nyaata qulqullinni isaa eegamee fi bilchaate soorachuu
• Kuduraa fi fuduraa bishaanii fi saamunaan miiccuudhaan soorachuu
• Bishaan qulqulluu dhugaatii fi nyaata qopheessuuf fayyadamnu 
• Harka bishaanii fi saamunaadhaan dhiqachuu
• Mana fincaaniitti sirnaan fayyadamuu
Nama mallattoon dhukkuba "Koleeraa" irratti mul'ate bifa tuttuqqii hambisuu danda'uun hatattamaan gara dhaabbata fayyaa dhiyoo jiruutti geessuun yaalchisuu qabna
Fayyaan nama hundaaf!