Oromia Health Bureau
21.7K subscribers
1.88K photos
42 videos
19 files
29 links
Download Telegram
Waliin taanee fayyaa eegeree daa'imman keenyaa haa mirkaneessinu." Pirofeesar Natsaannat Warqinah Hooggantuu biiroo fayyaa Oromiyaa.
Jalqabsiifni sagantaa talaallii qindaa'aa ittisa dhibee Gifiraa geggeeffame. Caamsaa 06/2017/Bishooftuu
Hooggantuun biiroo fayyaa piroofesar Natsaannat Warqinah sagantaa kana irratti qindoomuun dhimma kana irratti hojjechuun keenya kutannoo fi murannoo qabnu kan agarsiisu akka ta'ee fi yeroo ammaa du'aatii daa'imman miliyoona 3 ol ta'an baraaruun akka danda'ame ibsaniiru.
Akka addunyaatti biyyoota daa'imman hedduu hin talaalamin qaban 10 keessaa tokko biyya keenya akka ta'ee fi akka biyyaatti daa'imman miliyoona 17 talaalaman keessaa kan naannoo keenyaa miliyoon 7 ol akka ta'an eeraniiru.
Sagantaa talaallii kanaaniis kanneen fagoorra jiranii fi sababa rakkoo garaa garaan bira gahuun hin danda'amneef xiyyeeffannoon addaa kan kennamu ta'uusaa dubbaraniiru.
Milkaa'ina sagantaa kanaaf qaamoleen gahee qabanii fi qaada fudhattoonni martinuu gahee keenya bahachuun gumaacha nurraa eegamu haa taasifnu jechuunis dhaamaniiru.
Sagantaa kana irratti kantiibaan bulchiinsa magaalaa Bishooftuu, bakka bu'oonni ministeera fayyaa fi dhaabbilee deeggartootaa argamuun milkaa'ina sagantichaaf tumsa akka taasisan ibsuun ergaa dabarsaniiru.
Sagantaa kanaan daa'imman umurii waggaa shanii gadii talaallii hin jalqabinii fi addaan kutanii, hanqina nyaataa qabaniif calalliin kan geggeeffamu fi kanneen rakkoo fayyaa qabaniif tajaajilli fayyaa biroo qindoominaan Caamsaa 06 – 15/2017 dhaabbilee fayyaa fi wiirtuulee qophaa'aniitti guutummaa naannoo keenyaatti kan kennamu ta'a.
Dhukkubni Mpox (Maariyyee Jaldeessaa) biyya keenyatti argamuun isaa mirkanaa'e.
Caamsaa 17/2017