Jiruu islaamaa
144 subscribers
261 photos
6 videos
10 files
95 links
Haala jiruu fi jireenya islaamuuma hubachuuf gorsa addaa addaa nu biraa argattu

@jislaamaa join godhaa
Download Telegram
Abbaan Jaabir Abdullaah binu Amrii Jihaada keessatti bakka 80 ol waraaname. Rabbiin turjumaana malee isa dubbise.

Abdurhman ibnu Owfii {{R.A.H}} gaala kuma tokko meeshaa irratti fi’amee waliin hiyyeesoota muslimaa irratti sadaqate.
Abuu Xalahaan ((R.A.H)) ooruu isaa Rabbiif jecha sadaqaa kennee.

Abuu Hureyraan (R.A.H)) hadiisa hedduu Rasuularraa (Sallallaahu aleyhi wosallam ) haffazee ummata Muslimaatiif dabarse.
Jaabir Ibnu Abdullaah R.A.H Hadiisa tokko mirkaneefachuuf gara Misraa amna baatii tokko deeme.

Aashaan R.A.H hadiisa kuma 3000 ol ummata Islaamaatiif gummachite.
Imaamu Ahmad Ibnu Hanbal hadiisoota walitti qabuuf jedhee maaylii kuma 30 qaxxaamure. Akkasumas hadiisoota miliyoona tokko qomatti haffazee ture. Kitaabni isaa Musnad kan jedhamu hadiisa kuma 40 of keessaa qaba.

Ibnu teymiyyaan bakka taa’ee osoo hin kaane kitaaba tokko barreesa. Waa’ee isaa ilaalchisee kitaabni kuma tokko ol barreefamee jira.

A’amash namni je'amu amata 60 takbiraan hidhannaa salaata jama’aa isa hin dabarre.
Imaamu shaafi’iin ramadaan hunda keessa yeroo 60 Quraana xumura.
Naafiii atihoo?

Rabbin keeyri nuhaa dalagsiiisu rabbiin waan gabrootan uffi jallatun hunda obboleeyyaan islaamaa haa jallatuu.
RABBIIN SI QANANIISEE ISA FAARSI, ISAAF GALATA GALCHI!

Qananii Rabbiin nutti tola oole lakkooynee hin finnu.
Mee Ati kanuma qofa if gaafattee??

Adunyaa tanarra Namoota Ijaan hin garree Miliyoona hedduu jira, Ati ni agarta.
Adunyaa tanarra Namoota dubbachuu hin dandeenye Miliyoona hedduu jira ati ni dubbatta.
Adunyaa tanarra namoota Fayyaa hin qabne Miliyoona hedduu jira Ati fayyaa qabda.
Adunyaa tanarra nama arrabni isaa mi'aa fii hadhaa addaan hin baasne Miliyoona hedduu jira, Ati Biddeen nyaattee mi'eyfatta.
Adunyaa tanarra namoota Ergaa amma ati dubbiftu kana dubbisuu hin beynee mIliyoona hedduu jira. Ati ni dubbifta.
Adunyaa tanarra Kaafira Biliyoona meeqaatu jira? Ati Muslima!
Sa'aa amma ati Rabbii kee faarsitu kana meeqaatu bakka Rabbiin jibbuu fii waan Rabbiin hin jaalanne dalagaa, dhageefataa, dubbisaa, dubbataa jira.

Duuba Qananii Rabbii keetii tam khaadda? Tam wakkatta? Tam Lakkooytee? Tam dhiifta?

ALHAMDULILLAAHI_RABBIL_AALAMIIN
Share godhi
Abbaan Jaabir Abdullaah binu Amrii Jihaada keessatti bakka 80 ol waraaname. Rabbiin turjumaana malee isa dubbise.

Abdurhman ibnu Owfii {{R.A.H}} gaala kuma tokko meeshaa irratti fi’amee waliin hiyyeesoota muslimaa irratti sadaqate.
Abuu Xalahaan ((R.A.H)) ooruu isaa Rabbiif jecha sadaqaa kennee.

Abuu Hureyraan (R.A.H)) hadiisa hedduu Rasuularraa (Sallallaahu aleyhi wosallam ) haffazee ummata Muslimaatiif dabarse.
Jaabir Ibnu Abdullaah R.A.H Hadiisa tokko mirkaneefachuuf gara Misraa amna baatii tokko deeme.

Aashaan R.A.H hadiisa kuma 3000 ol ummata Islaamaatiif gummachite.
Imaamu Ahmad Ibnu Hanbal hadiisoota walitti qabuuf jedhee maaylii kuma 30 qaxxaamure. Akkasumas hadiisoota miliyoona tokko qomatti haffazee ture. Kitaabni isaa Musnad kan jedhamu hadiisa kuma 40 of keessaa qaba.

Ibnu teymiyyaan bakka taa’ee osoo hin kaane kitaaba tokko barreesa. Waa’ee isaa ilaalchisee kitaabni kuma tokko ol barreefamee jira.

A’amash namni je'amu amata 60 takbiraan hidhannaa salaata jama’aa isa hin dabarre.
Imaamu shaafi’iin ramadaan hunda keessa yeroo 60 Quraana xumura.
Naafiii atihoo?

Rabbin keeyri nuhaa dalagsiiisu rabbiin waan gabrootan uffi jallatun hunda obboleeyyaan islaamaa haa jallatuu.
Jaalalaa fi Kabajaa Ergamaan Rabbii ﷺ ilma namaatiif qaban

Anas ibn Maalik (Rabbi iraa haa jaalatuu) akkana jedhe:

“Osoma Ergamaa Rabbii ﷺ wajjiin masjiida keessa taa’aa jirru, namichi baadiyaa tokko dhufee masjiida keessatti fincaanuu eegale. Sahaabonni, ‘Dhaabi! DHaabi!’ Jedhanii itti iyyan. Garuu Ergamaan Rabbii ﷺ ‘dhiisaa adda hin kutinaa, haa fixatu’ jedhan. Sahaabonnis haga fixatutti ittuma dhiisan. Itti aansuun Ergamaan Rabbii ﷺ namicha baadiyaa san ofitti waamanii, ‘Masjiida kana keessatti wantoota akka fincaanii fi balfa garagaraa gatuun sirrii miti. Masjiidni Rabbi itti yaadachuuf, salaataa fi qur’aana keessatti qara’uuf akkasumas wantoota ibaadaan wal qabataniif ijaarame’ jedhanii isa gorsan. Kana booda Sahaabaa biraa yaamanii bishaan fidee bakka inni itti fincaane sanitti bishaan akka jigsu itti himan. Sahaabichis waan ajajame san ni raawwate”

Sahiih Muslim, Kitaaba Qulqullinaa, Hadiisa 285

Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo namicha baadiyaa dogoggora isaa itti himan san, dubbii jajjabduu fi dallansuu hin dubbanne. Dubbii isa saalafachiisuufi isa gad xiqqeessus itti hin dubbanne. Haala yeroo san ture hunda eega tasgabbeessanii booda, dalagaan inni dalage sun sirrii akka hin taane itti mul’isan. Akkasitti qalbii namicha baadiyaa san qofa osoo hin taane, qalbii namoota kumaatamaan laakkawamu booji’uu danda’an.
IRRA CAALTUU DUBARTOOTAA FAAXIMAA INTALA RASUULAA S.A.W
Qophii Urjii Ahmad

----Share -----share -------share

1-Faaximaan Intala irra caalaa Ilmaan namaa Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam.
2- Isiin kutaa Nabiyyii s.a.w irraahi, filamtuudha.
3- Nabiyyiin s.a.w ergamuun dura dhalatte.
4- Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isii haalaan jaalata, akkaan kabajaan, isii argu ni gammada.
5- Sadarkaa isii fii caalina isii wanni ibsu hedduutu dhufe kitaabboota hadiisaa keeysatti.

6- Faaximaan nama akkaan diina Isii jabeeysu, tiiyfamtuudha (badii irraa), Waan qabduun quuftuudha (bolola adunyaa hin qabdu), Rabbiif akkaan galata galchiituudha, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isiif jecha dallana (waan isii aarsuuf).
7- Deeminsa Isii kheeysati haalaan Abbaa Isii fakkaatti salallaahu aleeyhi wasallam.
8- A’ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu akkana jetti: “Nama tokkolleen kan haasawaa fii dubbii kheeysatti Rasuula salallaahu aleeyhi wasallam fakkaatu kan akka Faaximaa hin agarre.”
9- Hoggaa Rasuula s.a.w irratti ol seente Isiif dhaabbata, Isii dhungatee akkaan isii dhiheeysa. Isiinis hoggaa Rasuulli s.a.w itti dhaqe dhaabbatteefii dhungattee dhiheeysiti.
10- Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isii haalaan fitti dhiheeysa, Isii wajjiin taphata.
“Isiin kutaa narraa taate” je’a Rasuulli s.a.w

11- Isiin irra caaltu dubartoota ummata kanaati (ummata Muhammad s.a.w)
12- Isiin dubartoota sadarkaa guutuu gahan irraahi, dubartoota irraa afurtu sadarkaa guddinaa san gahe “Maryam, Khadiijaah, Faaximaah, Aasiyaa bint Muzaahim jaartii Fir’ownaati.”
13- Waan dubartoota biraatiin kophaa baateen kheeysaa akkasuma obboleeyyan isii kan dubartootaa Isaan irratti jaartiin biraa hin fudhamtu osoo lubbuun jiran.
14- Namni Isii rakkise, Rasuula salallaahu aleeyhi wasallam rakkise.
15- Aliyyii bin Abii Xaalib ilma adeera Abbaa Isiitu isii fuudhe. Fuudhaa fi heerumni isaanii lola Badrii Gudditti booda tahe.

16- Mahriin Isii uffata waraana ifirraa deebisuuf uffatan (sibila qoomatti gad kaayamu) kan Aliyyiiti.
17- Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam Faaximaa Cidha Isiitiif huccuu suufaa aadii takkaa fii qarbata tokko ammas makaddaa (baala xajji saar) takhashamte takkaa wajjiin baase.
18- Sa’ad binu Ubaadaah Rabbi irraa haa jaalatuu Aruuzaaf korbeeysa tokko qalee, kheeysummaaf nyaata afeerraa godhe. Warri Ansaaraa gariin miidhaan waa xiqqo walitti qabaniif.

19- Hoggaa Aliyyi Faaximaa irratti ol seene Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam wajjiin ol seenee du’aaii godheef. Akkana je’e “Yaa Allaah Isaan lamaan kheeysatti barakaa godhi, Isaanirrattillee barakaa godhi, Ilmaan Isaanii kheeysattis barakaa godhiif.”
20- Aliyyi Faaximaa irraa argate. Isaanis:
1/ Hassan
2/ Husseen
3/ Muhassin
4/ Ummu Khulsuum
5/ Zeeynab
Hunda Rabbi irraa haa jaalatu.
21- Sadarkaa Faaximaa irraa Ilmaan Isii lamaan Hassan fii Husseen Rabbi irraa haa jaalatuu irra caaloo daragaggoo Jannataati.
22- Ilmaa Ilmoon Nabiyyii gama Faaximaatin Malee hin argamne.
23- Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam akkana je’een “Yaa Faaximaah Ati irra caaltuu dubartoota Jannataa tahuu hin jaalattuu!”

24- Faaximaan fakkeenya dubartoota Muslimaa hundaaf. Rabbi sodaa kheeysatti, Ibaadaa kheeysatti, Abbaa Isii salallaahu aleeyhi wasallam Jaalachuu kheeysatti hidhannoo itti hidhatani.
25- Faaximaa Rabbi irraa haa jaalatuu Abbaa isii salallaahu aleeyhi wasallam booda baatii 6 turtee duute.
Maddi: Taghriidaati As-Sheekh Muusaa bin Raashid Al-Aazimii
1
🌹 🌸 Gorsa Nabi Daawuud Irraa ﻋﻠﻴﻪ ﺍﻟﺴﻼﻡ 🌸 🌹

Aalimni Taabi'ootaa Wahbi Bin Munabbih ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ akkana je'an 👉 Kitaaba Nabi Daawuud kan [Zabuur] je'amu keessatti jechoota kana arge -Gaafii Rabbiin Nabi Daawuudiin gaafate -

📢 Yaa daawuud " Namni ilma namaa keessaa dafee dildila jahannam Siraaxa gubbaa dabru eenyu beeytaa 👉 Bar kan dafee Siraaxa kiyya irra dabru isaannan murtii kiyya jaalatanii fudhataniifii isaannan arrabni jaraa Zikrii kiyyaan jettuudhaa

📢 Yaa Daawuud " Hiyyoolee keessaa kan caalu kan sadarkaa qabu eenyu beeytaa sii
Bar hiyyoolee keessaa kan caalan isaannan murtii kiyyaafii qooda kiyya fudhataniifii akkasuma isaannan waan ani kenneef irratti na shakkaranii

📢 Yaa Daawuud "Mu'umintoota keessaa kan na biratti sadarkaaf kabajaa qabu kami beeytaa Bar kan waan ani kenneef irra waan ani of biratti isaaf hambiseef caalaa gammaduu dhaa je'een.


ﺍﺧﺮﺟﻪ ﺍﺑﻮ ﻧﻌﻴﻢ ‏[ ٤ /٦٣ ‏] ﻓﻲ ﺍﻟﺤﻠﻴﺔ ، ﻭﺳﻨﺪﻩ ﺣﺴﻦ، ﻧﻘﻠﺘﻪ ﻣﻦ ‏[ ﻣﻦ ﻣﻮﺍﻋﻆ ﺍﻻﻧﺒﻴﺎﺀ ﻭﺍﻟﺼﺤﺎﺑﺔ ﻭﺍﻟﺘﺎﺑﻌﻴﻦ ‏] ﻣﺤﻤﻮﺩ ﺍﻟﻤﺼﺮﻱ ﺣﻔﻈﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺗﻌﺎﻟﻰ !

👉 Share. Fii Keyri In shaa Allaah.!!
Live stream started
Live stream finished (3 minutes)
Live stream started
Live stream finished (5 minutes)
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
1/4 Ofitti Amanamummaa
“Ofitti amanamummaan guutumaan guututti Rabbitti hirkachuu fi Isatti amanuu irraa kan
burquudha. Tarkaanfi hundaa kee keessatti Rabbiin akka si gargaaru beekudha. Yeroo hundaa
dadhabaa fi homaa hojjachuu kan hin dandeenye fi hanqinna xixxiqaa irratti of ajiifachuun(blame)
yoo duubatti of harkiste,kufaatif saaxilamta. Yaada Rabbiin haqa malee akka si kunuunse yookin
wanta nafseen tee hin dandeenye sirra akka godhe jedhu gonkumaa of amansiisu hin qabdu.
Rabbiin wanta nafseen baadhachuu hin dandeenye gonkumaa irra hin kaa’u.” – Khurram Murad
Keeyyata armaan olii yoo ibsinuu kana fakkaata. Ofitti amanamummaa jechuun dandeetti kee
amantee waa hundaa hojjachuu nan danda’a jechuu osoo hin ta’in, Rabbitti hirkachuu fi
amanta(trust) kee Isarra gochuun dandeetti kee iddoo sirrii ta’etti fayyadamuudha. Tarkaanfi
jijjiramaa fi of foyyeessu ati gara fuunduratti gootu keessatti Rabbiin akka si gargaaru abdachuudha.
Dadhabinna fi hanqinna keenya ilaalun duubatti of harkisuu akka hin qabne keeyyanni armaan olii
nu akeekachiisti. Namoonni baay’een dadhabinnaa fi hanqinna ofii ilaalun gara fuunduratti akka hin
tarkaanfanne gufuu itti ta’e. Yeroo hundaa hanqinna ofii irra mil’achuun gonkumaa jijjiramuu akka
hin dandeenye godhanii yaadu. Yommuu namoota milkaa’an ilaalan, Rabbiin haqa malee isaan akka
kunuunse fi wanta nafseen isaani hin dandeenye irra akka kaa’e godhanii yaadu. Gonkumaa Rabbiin
haqa malee ilma namaa hin kunuunsu Inni Abbaa Haqaa waan ta’eef. Eenyurralle wanta nafseen hin
dandeenye irraa hin kaa’u. Of komatuu dhiisanii Rabbiin komatu. Yoo carraaqanii fi tattaafatan
Rabbiin isaan gargaaru fi milkeessu akka danda’u haa hubatan.
”Warroota Nuuf qabsaa’an- dhugumatti karaa Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti
Rabbiin warroota hojiiwwan gaggaarii hojjatan waliin jira.” Suraa Al-Ankabut 29:69
Hiika ofitti amanamummaa hangana erga jenne sababoota ofitti amanamummaa akka hin qabaanne
nu godhan mee haa ilaallu.
1.Kaayyoo dhabuu-Namni kaayyoo malee jireenyatti yoo boba’ee kallattiin itti deemu harka baddi.
Kaayyoo dhabuun bu’uura Ofitti amanamummaa dhabuuti fi burqaa miira gadi aantummaati.
“Wanti jireenya nuffisiisa godhe jireenya mataa isaa osoo hin ta’in kaayyoo nama kakaasu dhabuu
isaati.”
Akkuma barruu “Daandii Jijjiramaa” keessatti jenne kaayyoo keenya guddaan Jaalala Rabbii
argachuu fi Jannataa seenudha. Kaayyon kuni kaayyoo hojitti nama kakaasu fi yeroo hundaa
gammachuu namaa kennudha. Wanta hojjachuu qabanii fi maaliif akka hojjatan namatti akeeka.
Humna harkisaa(driving Force) ta’uun gara fuunduratti nama dhiiba. Kaayyoo kana ilaalun hojii kam
keessattu ofitti amanamummaa akka qabaannu nu godha. Miirri gadii aantummaa nu keessa akka
buqa’u godha. Sababni isaas yoo karaa sirrii(Nabiyyanaa Muhammad(SAW) hordofuu) fi iklaasan
hojii keenya hojjanne,namni wanta fedhe yoo nun jedhe miirri gadi aantummaa fi ofitti
amanamummaa dhabuu nu keessatti uumamu hin danda’u. Namni karaa sirrii fi iklaasan hojii
gaggaari hojjatuu fi hojii gadhee irraa dheessu milkaa’innaa fi gammachuu galmaan gahuu akka
danda’u abdii fi amantii cimaa Rabbirraa qaba.
Namni jireenya keessatti kaayyoo hin qabne immoo miirri gadi aantummaa fi ofitti amanamummaa
dhabuu isatti dhagahama. Yeroo hundaa homaa hojjachu akka hin dandeenye godhee of ilaala.
Jireenyi nuffisiisaa itti taati. Kanarraa kan ka’e of jibba. Of jibbuun immoo sababoota ofitti
amanamummaa dhabsiisan keessaa isa tokkodha.
2.Of jibbuu– namni kaayyoo dhabuu qofaa mitii,bifaa fi dhaabbata ofii ilaalun of jibba. Namoota biroo
waliin ofbira of qabuun gadii aantummaan akka itti dhagahamuu of godha. Ummata keessa yoo
adeemu saalfataa fi of jibbaa adeema. Dhugumatti Rabbiin ilma namaa suuraa isa bareeda ta’een
kalaqe(uume) jira. Suuraa ofii ilaalun ani bareedaa miti ofiin jechuun miirri gadi aantumma akka
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
https://t.me/wallet/start?startapp=ref-1-PqUHnKVVi_M

👋 Hey!

I'm trading crypto and perps in Wallet in Telegram — and earning points on every trade for a chance to win a share of $500K in Rewards.

💰 Join me and 150M other users, and get a free bonus for signing up.
Maqaa ""AHMAD"" jedhamu kana
Rabbittu Samii Torban irraa Baasef

===> Isaalleen Towraat keessaatti fi
Injiil keessaatti Dubbatame jira

===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam

===> Achi booda Diina kanattii Rabbiin isaa isaa erginaan jabeessuuttii Seenee

===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam

===> Duraan gaara Hiraa keessaatti
Rabbii isaa gabbara Turee
Manama fa'a arga turee
Osoma akkana turu gaaf tokko Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam Osoma Akkanatti taa'a jiruu JIBRIL itti Dhufee

===> MUHAMMAD Jedhe yaame Qara'ii jedhen jedhe
Qara'uu hin dandahu jedhen jedhee
Qara'ii jedhe itti deebi'e
Qara'uu hin dandahuu jedhen jedhe
Sadaffa irratti hudhe qabe qara'ii
jedhen jedhe Qara'uu hin beeku maal Qara'a jedhen jedhe
Booda Suura IQRA Qara'ee akkasiin qara'ee jedhe

===> Rasuullii keenyaa Salalahu aleeyhii wosalam
Amma Dubbiin Tuni isaa Dhibde jedhe
Booda KADIJJATTI Dhufee
Mee akkam taha dubbii akkanattu Na qabate jedhen jedhe
Abboo jetten KADIJAAN Yaa
MUHAMMAD Atii Nama Aja'ibaati
1
Live stream started
Live stream finished (37 seconds)
https://t.me/wallet/start?startapp=ref-1-PqUHnKVVi_M

👋 Hey!

I'm trading crypto and perps in Wallet in Telegram — and earning points on every trade for a chance to win a share of $500K in Rewards.

💰 Join me and 150M other users, and get a free bonus for signing up.