JECHOOTA HAYYOOTA
10.9K subscribers
228 photos
2 videos
3 files
116 links
Channel kana baanuf kanaan
murtesse dhalli nama jireenya
Isa guutuu waan gaarii hojjete
itti gamadu Caalaa waan tokkole
hojjechu akka hin dandenye
waanan hubadhefii!!!!!

YOUTUBE KEENYA ARGACHUUF
👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Download Telegram
Namoota baay'ee callisan dhaggeeffadhaa.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Aangoo qabaachuu jechuun hiyyeessa arrabsuu dandeessa jechuu miti.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Jireenya keessatti wanti ati dhuguma barbaaddu yoomiyyuu salphaatti hin dhufu.

   ━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Callisuun kee filannoo keedha malee sagaleen kee maal jechuu akka danda’u waan sodaatteef akka hin taane mirkaneessi.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
YEROO TOKKO NI MOO'ATTA.
YEROO TOKKO Ni BARATTA.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Yeroo jaalalati dhugaa taatetti, dogoggorri miira khee jirjiiruu hin dandahu Sammuun 🧠 aaruu malti Garuu Onneen🫀 yeroo hunda dhiifama gootee jaalatti!.❤️‍🩹🖇



@Jechootahayyoota
Akka carraa tahee Abaaboon Waan xurii/qushaasha irraa biqiluu dandaha, Rakkoo boodaan ballinni akka dhufuuf taa'u nu barsiisuuf jacha!.🥀🖤🖇


@Jechootahayyoota
Baga Geessan!❤️

Eid Al Faxir guyyaa boruu Sanbata Guddaa Ni Kabajama.

Id Al-Fixrii kan bara 1446 ALH/2025 guyyaa boruu ni kabajama.

Maatii Channel keenyaa kanneen Hordoftoota amantaa Islaamaa hundaan baga Ayyaana Iid Alfaxir kan bara 1446ffaa nagaan isin gahe jechaa ayyaanni kun kan Nagaa,kan Jaalalaa fi kan Barakaa akka isiniif tahu hawwina!


Isin Jaallanna! Ayyaana Gaarii!

EID MUBAARAK!!!

@jechootahayyoota   
 @jechootahayyoota
Namni tokko yoo deeme kha biraa ni dhufa dhugaadha Garuu namni hundi bakka namaa bu'u. Nama tokko tokkoo jira namni kumnilleen osoo wali qabame bakka bu'u kha dandahamne!.❤️🖇


@jechootahayyoota
Milkaa'ina namatti gammaduu gaafa eegalte, milkaa'inni khee dhihaatee jachuudha!.🖤🖇


@jechootahayyoota
JECHOOTA HAYYOOTA
Photo
#Physics Barachuun Amma ture maal godhu🫣❤️
Dargaggeesi yeroo sadi yuunivarsiitiirraa ari’amee daandiirra jiraachaa ture, seenaa hojjate.

Daani’eel Shaambal jedhama. Magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalate.

Yeroo barnoota sad.1ffaa barachaa turetti barataa dhibaa’aa, qabxii gadi aanaa galmeessu (poor performance) ture.

Akka carraa ta’ee yeroo ‘ministirii’ fudhatan mucaa cimaa tokko bira taa’ee qabxii 96 fide.

Abbaan isaa immoo mana barumsichaatti wardiyyaadha. Isatu dursee qabxii mucaa isaa sana arge. Hedduu itti gammade. Maatiin isaas sireerraa bu’aniifi ofii lafa bulaa, isa immoo sireerraa bulchuu eegalan. Ulfina uffachiisan. Miseensonni maatii hundi mataarratti baatan.

Mucichis achirraa eegalee ilaalcha barnootaaf qabu jijjiirate. Yeroo kutaa 9ffaa seenu qo’annaa isaatti gadi jedhe. Haaluma kanaan, barattoota waliin baratan keessaa sad. 3ffaa bahuun tarree barattoota ciccimoo hiriire. Qorumsa kutaa 12ffaa immoo qabxii 515 fidee Yuunivarsiitii Finfinnee seene.

Osoo gara Finfinnee hindhufin dura, Daani’eel maatii irraa fagaatee hinbeeku. Mucaa manaati. Amantii isaattis cimaa ture. Kanarraa kan ka’e, mucaa maatiifi ollaan abdii guddaa irraa qaban ture.

Ta’us, Daani’eel erga Yuunivarsiitii Finfinnee seeneen booda addunyaa biraa keessa gale. Garba araadawwan adda addaa keessa seenee. Barataa ta’uu isaa irraanfatee jimaa qama’uu, sigaaraa aarsuu, akkasumas shiishaa harkisuu hojii idilee isaa godhate.

Kanarraa kan ka’e, waan qabxii gadi aanaa galmeesseef waggaa 2ffaa semisteera 1ffaa irratti yuunivarsiiticharraa ari’ame.

Giddumatti immoo biyyi Hindii beeksisa carraa barnoota biyya alaa (scholarship) baaste. Innis beeksisicha argee dorgome. Garuu, afgaaffii osoo hinqoramin waan jala darbeef milkaa’uu hindandeenye.

Gara maatii galees, “Biyyi Hindii carraa barnootaa baastee turte. Anis barnoota koo isa Yuunivarsiitii Finfinnee ‘withdrawal’ guutee isa sana immoo dorgomaa ture. Garuu, loogiin na hanbisan. Kanaaf, bara dhufu irra deebiin barachuun dirqama natti ta’a” jedheen.

Yeroo kana maatiin isaa hedduu gaddan. Gaddanis hindhiisne. Waan qaban gurguranii carraa barnootaa biyya Chaaynaatti argate tokko akka baratuuf ala ergan.

Daani’eel asii fulla’ee Chaaynaan bahe. Achittis barnoota cinamatti dhiisee akkuma baratame garba araadota adda addaa daakuu itti fufe.

Gara biraatiin immoo, appilikeeshinii
‘Wuchat’ jedhamurratti hojii daldalaa eegaluun galii maddisiifachuu eegale. Takka turees ‘doormii’ yuunivarsiitichaa keessaa bahuun kophaa mana kireeffatee jireenya qananii jiraachuu eegale.

Sababa barnootatti xiyyeeffachuu dhabeef ammas yeroo 2ffaaf yuunivarsiitii biyya Chaaynaa irraa ari’ame.

Sana booda, guyyaa tokko osoo ashiishii dhugu qabame achuma Chaaynaatti guyyoota kudhan erga hidhameen booda gara biyyaatti galfame (deported).

Ammas yeroo 2ffaaf biyyuma Chaaynaa Magaalaa biratti barachuuf apply godhe. Milkaa’uunis garas imale.

Yeroo kana, araada wanta jedhamu tokkos keessa galuu akka hinqabne waadaa ofiif gale. Ta’us, guyyaa jalqaba doormii yuunivarsiitichaa seenee eegalee osomaa dhuguu waggaa tokkoof osoo daree hinseeniin hafe. Ajaa’iba!

Ammas yeroo 3ffaaf yuunivarsiii irraa ari’amuun darsa isaa guurratee fuulan Itoophiyaa ilaale.

Erga biyya gales maatii isaa dhokatee Finfinneetti daandiirra jiraachuu eegale. Takkaa turees, “Hiriyyoota kootu asitti na arguu mala” jedhee jireenya daandiirraa Finfinnee gara Bishooftuutti jijjiirate.

Bishooftuutti dhaqnaanis jireenyi itti ulfaate. Guyyoota lamaaf agabuu oole. Nilaaffate. “Yoo du’es Finfinneetti du’uu naaf wayya” jechuun ijoollee buufata konkolaataa keessa hojjatan qarshii geejjibaa kadhatee baasiin imala isaa gara Finfinneetti taasise.

Jireenyi isaa guyyaa kanarraa ka’ee jijjiirame. Baasii keessatti intala Bishooftuu deddeebitee Finfinneetti hojii miidhaginaa (decoration) hojjattu takka bira taa’e. Osomaa imalaa jiranuu sagalee guyyaa lama nyaatafi dhugaatii malee oolte, sagalee laaftuu takkaan “Biyyi teessan nibareeddi!” jedheen.
Isheenis itti seeqatte. Biyya isaa gaafatte. Innis biyyaa isaafi waan keessa jirus itti hime. Biyya Chaaynaatti barachaa akka tureefi ari’amuun biyyatti galuu, erga biyya gales daandiirra jiraachaa kan jiru ta’uu gurra buuse.

Intalattiin garmalee gaddite. Fuutee manattiin galte. Osoo akkasiin jiranuu jaalala eegalan. Rakkoo heddus waliin siphatan.

Osoo kun kanaan jiruu ijoollee naannoo isaa jiran, barattoota kutaa 8ffaa walitti qabee bilisumaan barnoota Fiiziksii qo’achiisuu eegale. Ijoolleen garmalee jaalatte. Dandeettiin isaa garmalee isaan raaje.

Akka carraa barsiisaan Fiiziksii mana barumsa ijoollee sanaa hojii gadi dhiisee barattoonni barnooticha malee taa’aa turan. Achumaan mucaan jabaan akkasii nijira jedhanii hooggantoota mana barumsichaatti himan.

Manni barumsichaas bilbileefi waame. Garuu, Daani’eel barnoota Fiiziksii danda’a malee ogummaa barsiisummaatiin leenji’ee dokmantii hinqabu. Kanaaf, yoo isaan ragaa barnootaa gaafatan dhiyeeffachuu hindandeenye. Gara manaatti deebi’e.

Manni barumsichaa guyyaa borumtaa bilbilaniifii hanga barsiisaan Fiiziksii qacaramuufii barattoota fuuldura dhaabbatee akka too’atu itti himan. Kanaanis, guyyaatti qarshii shantama akka kafalaniif himaniif.

Baay’ee gammade. Tole jedhees hojii eegale. Akka ijoolleen hinjeeqne too’achuu malee kitaabarraa barsiisuun waan isaaf hin eeyyaminiif gaafa guyyaa jalqabaa ‘Boqonnaa O’ jedhee gabatee gurracharratti barreessee maalummaa barnoota Fiiziksiifi xiyyeeffannoo barnootichaa barattootaaf ibse. Guyyaa sana akka ajaa’ibaatti barsiise. Barattoonni hundi irraa gammadan.

Ittuma fufee barsiisuu eegale. Hooggantoonni mana barumsichaas odeeffannoo kana nidhagahan. Dandeettii isaatiin hedduu raajaman. Mindaa isaas dabalaniifi kuma sadiif dhibba shanirraa kuma sagal galchaniif. Isa dura kutaa 8ffaa seenu hanga kutaa 12ffaas seenee akka barsiisu taasifame. Haala kanaan mana barnootichaa keessatti barsiisaa adda duree ta’e. Ajab!

Takka turee yaadni tokko dhufeef. Mana barnootichaa gadi dhiisuun kophaatti mana barumsa dhuunfaa isaa kan barattoota keessatti qo’achiisu hundeessuu. Achumaan mana barumsaa barattoonni bkeessatti qo’atan kan maqaan isaa Sed of My School jedhamu hundeessuun hojii eegale. Bara 2016 barattoota 45 inni qo’achiise keessaa 42 qabxii guddaa fiduun Yuunivarsiitii Finfinneefi Adaamaa seeneen. Barattoonni 3 immoo qabxii ‘remedial’ argachuun irra deebiin qoramanii amma Yuunivarsiitii keessatti barachaa jiru.

Nama kanatu gidduu kana viidiyoon isaa kan yeroo inni waa’ee #enersia barsiisuu #tiktok irratti gadi dhiifame mul’achuun ijoo miidiyaa hawaasaa ta’ee, namni gariin barsiisaa Fiiziksii isaa kan duraanii akka abaaru, gariin immoo osoo guyyuma tokkos taatu barsiisaa kanaan baradhee, kanneen hafanis irraa deebiin Fiiziksii nama kanarraa barannuu laata akka jedhan isaan taasise!

Seenaa nama kanaa irraa barnoota kumaatamtu baratama.

Isin maal fa’atu irraa baratama jettu?

Dita Husein Abdurehim tu barreesse. ✍️ @JECHOOTAHAYYOOTA
...Araddaan kaleessa
loon irra yaafannu,
Man-duubeen jabbilee
itti bobbaafannu;
Dirree dhiigaa ta'e;

Ilmi biyyaaf jennee
egereef abdannu,
Koodeen kiyya jennee
nuti ittiin kakannu,
Diinaaf kooluu ta'ee
golaa nutti ba'ee... @JECHOOTAHAYYOOTA
JECHOOTA HAYYOOTA
Photo
DHUKKUBA ONNEE
Addunyaa kanarraa lubbuu namaa galaafachuun dhukkubni sadarkaa 1ffaa irra jiru isa kamii? Deebiinsaa dhukkuba onneeti.

Dhukkuba onnee kana rabbi nurraa haa qabu jechaa, akka namaatti ofirraa ittisuuf maal gochuuyu nurraa eegamaa?

1. Sochii qaamaa keessumaa "push up" hojjachuun qoricha kamuu caalaa dhukkuba kana namarraa ittisuu danda'a. Namoonni biiroo keessa taa'aa oolan, kan konkolaataa keessa taa'aa oolan, fi kkf ofdagachuu hin qaban. Namoonni guyyaa tokkotti push up 40 (afurtama) hojjetu ykn torbanitti daqiiqaa 150 spchii qaamaarratti dabarsu carraan dhukkuba onnee kanaan qabamuu isaa baay'ee gadi bu'aadha.

2. Ulfaatina qaamaa keenya garmalee akka ol hin kaane ittisuu, garmalee furdachuun dhukkuba onnee qofa osoo hin taane kanneen biroofis nama saaxila.

3. Sigaaraa ykn tamboo xuuxuu/aarsuu dhiisuu fi naannoo namoota aarsaniitti yeroo baay'ee dabarsuu dhiisuu.

4. Nyaata onnee keenya miidhan irraa fagaachuu. Kunis nyaata nuti yaannu kuduraaf muduraatti baay'achuu qaba. Nyaata cooma, ashaboo fi sukkaaraan hedduummate irraa ammoo of fageessuu dha.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa @JECHOOTAHAYYOOTA
Jabaadhuu hojjedhu, hiyyeessa gaafa taatu nagaan ati nama gaafattu illee kadhaa fakkaata waan ta'eef.

@jechootahayyoota
Kakuu baay’ee-
Abdii meeqa utuu qabduu
Eegdee eegdee yoo dadhabduu…
“Hin abdadhu” jettee diddaa?
Abdii kutteemmoo maal fiddaa?
Eelaan garaa - bowwuun mataa
Abdii kutnaan siif salphataa?
Yoos hiibboon kee hiika argataa?

Kana beeki-
Hagam turus karaan haqaa
Bakka abdatan namaan dhaqa…
Si dhukkubus imimmaan kee coccobsitee
Rakkoo har’aa ciniinnattee yoo obsite,
Ni argita-
Bara aduun siifis baatu
Fagaatullee-
Kakuu kan kee ormi hin nyaatu!

Via:- Leta Kenei Aaga.

Join 👇👇👇👑❤️
@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
Gaazexeessituttiin Sooressicha gaaffiif deebii waliin gochaa jirti.... Icciitiin milkaa'ina keetii maali? Sooressicha, cheekii duwwaa gaazexeessituttiitti kennee qarshii hamma barbaadde itti barreeffadhu ittiin jedhe! Gaazexeessituttiin, cheekii duwwaa itti deebistee " Lakki ani waan akkasii barbaade osoo hin taane, Icciitii milkaa'ina kee si gaafachuu barbaadeeti" jette. Sooressichi ammas cheekii duwwaa itti deebisee, "Qarshii hamma feete itti barreeffadhu" jedhe. Gaazexeessituttiin lakki hin barbaadu jette.
Sooressichi cheekicha itti agarsiisee, "Icciitiin milkaa'ina koo carraa amma si qunnamee ture akka kee of dabarsuu dhiisuu kooti. Icciitiin milkaa'ina koo carraa na mudatu hundumaa fayyadameeti, amma ati carraa si quunnametti fayyadamte otuu taatee gaazexeessituu soorettii addunyaa keenyaa taata turte. Akka amma ani carraa lama siif kenne addunyaan carraa yeroo lama siif hin kennitu.Carraa sii quunname tokkotti fayyadamuun icciitii milkaa'inaati" jedhe.

Argitee? Carraan yoo itti fayyadamte daqiiqaa muraasa keessatti si jijjiiruu akka dandeessu. Garuu, itti hin fayyadamtu yoo taate faallaa kanaati. Carraa si qun
unnamu yeroofi bakka argattetti fayyadamiin dhaamsa kiyya. Madda: BaalaTsaggooch Andebet 2!. Afaan Amaaraa irraan gara Afaan Oromootti jijjiire.

© Ifaa G Galataatiin
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
SHARE🔥JOIN🔥
#Gammachuu_Jechuun_Kolfuudha_Malee_Kofalchiisuu_Miti

Adeemsa jireenyaa keessatti wanti hundumaa caalaatti barbaachisaa ta'e gammachuu hawwuudha. Hojiifi adeemsa jireenya keenyaa keessatti gammachuu barachuun meeshaa dadammaqinaa isa dhugaadha. Shakkii tokko malee gammachuu hawwuun galma isa jalqabaati.
Ta'us garuu akka nuti har'a arginutti namoonni hedduun gammachuu hin qaban. Bakkaafi yeroo kamittuu dadhabbii, gaddaafi tasgabbii dhabuun fuula nama hundumaarraa waan mul'atuuf waan amaleeffatame fakkaatee jira. Jaarraa amma keessa jirru kana keessa wanti heddumminaan mul'atu of balleessuu/ of ajjeessuudha.
Namoonni hedduun haala nama gaddisiisuun waan gammachuu qaban fakkaatanii mul'achuudhaaf carraa qaban hundumaa fayyadamanii utuu itti fakkeessanii, utuu sobanii ni argina. Mana tiyaatiriitti goranii tapha qoosaa hedduu of keessaa qabu daawwatanii yookaan dhaggeeffatanii kolfa gaggabu. Garuu kolfisaanii kolfa irra keessaati. Sababni isaas barreessaan saantaanaawwii jedhamu kitaabasaa kan "The Last Pooritan" jedhu keessaati "Gammachuu Qabaachuu Jechuun Kolfuudha Malee Kolfisiisamuu Jechuu Miti" jedhee ture.
Eeyyee gammachuun waanta nuti bakka hundumaatti salphifnee ilaallu miti. Gammachuun waanta eenyummaa keenyaan uumamee, hojii keenyaan immoo bakkee ba'ee nurraa mul'atuudha. Kanarraa kan hafe garuu waanti biraan gammachuu irra keessaafi kan yeroo muraasaati. Hundeefi bu'uura hin qabu.
Kitaaba Noormaan Viinsenti Piil keessaan fudhe.

© Ifaa G Galataatiin
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Halkaan Gaarii Qabaadhaa