Gorsa Abboota Ortodoksii Taawahidoo~•ምክረ አበው
7.01K subscribers
429 photos
4 videos
260 files
369 links
𝐁arumsa Abboota keenya kanaa ni barsiisna; abdii isaaniis ni abdanna; Amantaan itti amannu, kan abdannus ishee kana.Ittiin jiraanna, ittiin duuna, eeyyama waaqayyootiin ittiin kaana"
𝐀𝐦𝐚𝐧𝐭𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐊𝐚𝐧 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐫𝐢'𝐞𝐥 94:22
Download Telegram
Forwarded from 1137439312:AAGumjHJ7pzA6vrrfVMlKoqTUsCs59GySrg
✅Data Tola Fayyadama hin jirtaan tanan amumma Bakka Start jedhuu tuqa fayyadama 👇👇👇
Forwarded from Quality Button Bot
Badhaasa kaardii 450 irratti hirmaadha!! 🏃‍♂🏃‍♂

Nama 20 dursee chaanalota armaan gadii join godhe qofaaf!! 👇👇
700💠“ኢየሱስ ክርስቶስ እውነተኛ አምላካችንና
እውነተኛ መምህራችን ነው።’’
✍️ቅዱስ ቄርሎስ ዘእርክንድርያ

"𝙸𝚢𝚢𝚊𝚊𝚜𝚞𝚜 𝚔𝚒𝚛𝚒𝚜𝚝𝚘𝚘𝚜 𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚒𝚜𝚊 𝚍𝚑𝚞𝚐𝚊𝚊 𝚏𝚒 𝙱𝚊𝚛𝚜𝚒𝚜𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚒𝚜𝚊 𝚍𝚑𝚞𝚐𝚊𝚊𝚍𝚑𝚊."

🌿𝑸𝒖𝒍𝒒𝒖𝒍𝒍𝒖𝒖 𝑸𝒆𝒆𝒓𝒆𝒍𝒐𝒐𝒔 𝒊𝒔𝒂 𝑰𝒔𝒌𝒊𝒏𝒅𝒊𝒓𝒂𝒂𝒚𝒂
🥰5👏1
701💠"𝚂𝚊𝚋𝚊𝚋𝚊 𝚠𝚊𝚕𝚒𝚝𝚝𝚒𝚊𝚛𝚊𝚛𝚊𝚖𝚊 𝚖𝚊𝚕𝚎𝚎 𝚜𝚊𝚋𝚊𝚋𝚊 𝚋𝚊𝚛𝚋𝚊𝚊𝚍𝚊𝚗𝚒 𝚠𝚊𝚕𝚒𝚒 𝚕𝚘𝚕𝚒𝚗𝚊"

🌿𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝑮𝒂𝒃𝒓𝒂 𝑲𝒊𝒅𝒂𝒂𝒏
❤10👏3
‎
‎
‎
‎     ⛪⛪⛪  𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐇𝐨𝐣𝐚𝐝𝐡𝐮
‎
‎🎚️🔸"Gooftaan nama hundaaf hojii isaaf malu kenneera; hojii sana hojjechuun immoo dirqama isaa ti. Diyaabiloos garuu yoo danda'e hojii sana irraa isa gufachiisuun hojii isaa ti. Dhugumaan akkuma Waaqayyo hojii siif kenne, Seexannis hojii kee irraa si hambisuuf ciminaan hojjeta.
‎Waan hojii kee caalaa si gammachiisu fakkaatu siif dhiyeessuuf yaala; abdii fi hawwii addunyaa si duratti kaa'ee si soba. Oduu hammeenyaa fi jechuun namaa si irratti kaasa. Barreessitoonni akka si qeeqan taasisa; namoonni beekamoonis si irratti akka dubbatan itti fayyadama.
‎
‎Philaaxoos, Heroodis, Hanaan, Qayyaafaa hundi si irratti ni ka'u. Yihuudaanis si bira dhaabatee meetii soddomaan si gurguruuf ni qophaa'a. Kun hundi kan si mudatu, Seexanni hojii kee irraa si deebisee Waaqayyoof ajajamuu akka dhiiftu si gufachiisuuf akka ta'e hubachuu qabda.
‎
‎✔️🔸𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐇𝐨𝐣𝐚𝐝𝐡𝐮:- Kaayyoon kee akka urjii cimee haa dhaabbatu. Addunyaan akka fedhetti haa dubbattu, haa wal mormitu. Leenci yeroo aadu, ati hin rifatin. Sareewwan Seexanaa waliin wal loluuf yeroo kee hin fixin. Yeroo kee bineensota xixiqqoo ari'uudhaan hin balleessin.
‎✔️🔸𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐇𝐨𝐣𝐚𝐝𝐡𝐮:- Sobdoonni haa soban; wal loltoonni haa wal lolan; waldoonni haa murteessan; barreessitoonnis haa barreessan; Seexannis waan fedhe haa godhu. Ati garuu hojii Waaqayyo siif kenne raawwachuu irraa wanti tokko illee si hin gufachiisin; of eeggadhu.
‎✔️🔸𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐇𝐨𝐣𝐚𝐝𝐡𝐮:- Maallaqa walitti qabuuf hin ergamne; sooressa ta'uufis hin ajajamne; ulfina kee eeguuf qofa akka jiraattu sitti hin himamne. Oduu sobaa tajaajiltoonni Seexanaa facaasan hunda deebisuufis hin waamamne. Yoo waan kana hunda hojjette, hojii Waaqayyo siif kenne hojjechuu hin dandeessu. Kana malees, hojii kee Waaqayyoof osoo hin taane ofii keetiif hojjechaa jirta.
‎✔️🔸𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞 𝐇𝐨𝐣𝐚𝐝𝐡𝐮:- Kaayyoon kee akka dhagaa cimee haa dhaabbatu. Rakkinni si mudachuu danda'a; ni miidhamta; ni arrabsamta; ni maqaa bada; ni madaawta; namoonni si tuffatu. Garuu ati murannoo cimaadhaan hanga dhumaatti dhaabbadhu; akka guyyaa tokko,
‎"Hojii ati naaf kennite raawwadheera; amantii koos eegeera"
‎jedhitee dubbachuu dandeessutti kaayyoo jireenyaa fi hojii itti uumamte hordofi.
‎(Ebbiifammoo  Abune Gorgoriyoos Kaal'ii)
‎1932 – Adooleessa / 1982 A.L.I.
‎
❤7👍1
Baradhu!
Jireenya kee keessatti jijjiiramuu yoo baatte illee, callistee baradhu!
Sirreeffamuu yoo dadhabdeyyuu, barachuu dandeessa; jijjiiramuu yoo dadhabdeyyuu, barachuu dandeessa; garuu baradhu!
Yoo xiqqaate xiqqaatee, nama gaarii guutummaatti ta’uu baattus, of qeequu fi dogoggora kee hubachuu dandeessuuf humna argatta.
Garuu yoo hin baranne, ofii keetii illee of qeequu fi dogoggora kee hubachuu dandeessuuf humna hin argattu.
Kanaaf, baradhu! Yeroo ati barattu, yoo cubbuu illee hojjette, yoo xiqqaate of qeequu fi dogoggora kee hubachaa cubbuu sana hojjatta.
Kun immoo balbala qalbii jijjiirrannaa (ንስሐ — Niksaa) siif ta’a. Guyyaa tokko gara qalbii jijjiirrannaatti si qajeelcha.
Kanaaf, baradhu! Barachuun kee karaa qalbii jijjiirrannaa fi jireenya sirriitti si geessitti
❤5👍1
"Even if you speak the truth, if you speak without love, you speak in vain"
— St. John Chrysostom

እውነትን እንኳ ብትናገር፣ ያለ ፍቅር የምትናገር ከሆነ በከንቱ ትናገራለህ።»
— ቅዱስ ዮሐንስ አፈወርቅ


«Dhugaa dubbattu illee, jaalala malee yoo dubbattu, Waaqa biratti bu'aa hin qabu / gatii hin qabu.»
— Qulqulluu Yohaannis Af-Warqii
❤3
𝐃𝐔𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐀𝐁𝐁𝐎𝐎𝐓𝐈𝐈

Arraba Keenya Haa Eegnu!

➥Namni qaama xiqqoo afaan isaa keessa jirtu kana to’achuu hin dandeenye jireenya gadadoo fi muufannaatiin guutame qabaachuun isaa kan oolu miti. Jechoonni afaan keenya keessaa bahan halbee (billaa) irra kan caalan, abidda hoo'aa caalaa humna miidhaa guddaa geessisu qabu.

Sababa uumuu haa dhiifnu!

➥Kufaatii kamiyyuu fudhachuu diduudhaaf sababa gosa hunda baasnee dhufna. Kunis dogongora keenya irraa akka hin baranne nu dhorka/nu taasisa. sababa, sababaaf Addaam Heewaaniin sababeeffateera; Heewaan immoo bofa sababeeffatte... kanaaf eenyutu abaarsa jalaa hafe?

Kadhannaan qilleensa keenya haa ta'u!

➥Kadhannaan karaa guddaa Waaqayyoo wajjiin walitti hidhamnu dha. Jireenyi kadhannaa malee jiraatamu bakka qilleensi hin jirre irra akka jiraachuutti lakkaa'ama! Cancallii yaaddoo fi sodaa eessayyuu akka hin deemne, waan ifa ta’e akka hin yaadne nu dhorka/sakaalee nu qaba; Kadhannaan cancala sibiilaa akkamitti akka baqsuu dandeenyu ni baranna.

Yaaddoon Waaqayyoo irratti finciluudha!

➥Waaqni keenya yaaddoo keenya hunda isatti akka dhiifnu nutti himee jira. Nuti garuu yeroo baay'ee yaaddoodhaan yeroo of miinu argamna. Waan nutti himame raawwachuu caalaa osoo hin beekin rakkoo nurratti uumameen diddaa keessa seenna. Qorichi yaaddoo waan nu yaaddessu hundumaa Waaqa keenyatti dhiisuu dha.

Qoricha keenya haa liqimsinu!

➥Dhiifamni qoricha dhibee hedduu irraa nama fayyisuu dha. Summii hamaa mataa keenya booressu jalaa of baasuu kan dandeenyu dhiifamaani dha. Guyyaa guyyaan qoricha dhiifamaa liqimsinee fayyuu osoo dandeenyuu maaliif summiin of booressina?
~ Abuna shinoodaa

Abdii hin kutin!

➥"Yeroo cubbuun kuftu abdii kuttee kadhannaa addaan hin dhaabiin. Amman gaabbii galutti jettee yoo kadhannaa addaan dhaabde yoom iyyuu gaabbii hin galtu! sababni isaa kadhannaanumti mataa isaatiin iyyuu balbala galumsa gaabbii isa dhugaati."
~ Qulqulluu Qeerloos

Harka ol diriirsi!

➥"Meeshaan kiristaanotaa harkatti seefii hidhachuu osoo hin taane, harka isaanii gara oliitti kadhannaaf diriirsuudha".
~ Qulqulluu Atinaatiyoos isa Iskindiriyaa

Biyya keetii ba'i!

➥"Waaqayyo Abrihaamiin " biyya keetii ba'i firoottan kee irraas adda bahi" jedheenii ture. Waamicha kanaan Waaqayyo hunda keenya sanyii irraa dhalanne irraa adda akka baanuuf nu haa waamu."
~ Wareegamaa Yusxoos

Kiristoositti amani!

➥"Kiristoos Pheexiroosiin "Albee kee gara mannee isaatti deebisi" jechuun kan hidhate kan hiikachise Pheexiroos qofa miti; akka Pheexiroos warreen isatti hin amanne hunda malee"
~ Haayyuu Xarxuulas

Inni garuu dinqiidha!

➥"Ni kadhata garuu kadhannaa namoota biraa ni dhaga'a; Ni boo'a garuu imimmaan namoota biraa immoo ni qoorsa. #Nama waan ta'eef Al'aazaar eessatti akka awwaalame gaafate. #Waaqa waan ta'eef immoo Al'aazaariin du'aa kaase. Inni gatii rakasaan qarshii soddoma qofatti gurgurame. Haa ta'u garuu biyya lafaa kana gatii jabaa kabajamaa dhiiga isaan bite. Akka hoolaatti qalamuuf oofame inni garuu tiksee Israa'elootaa, addunyaa hunda kan eegaa jiruu dha. Inni kan fannifameefi kan madaa'e ture, madaa fi dhukkuba hundaa garuu kan fayyisuu dha."
~ Qulqulluu Goorgooriyoos isa Inzinaazuu

Galannii waaqayyoof
Haadha isa durbee maariyaamif
Ulfaata fannoo isaf Bara Baraan haa ta'uu Ameen!🙏

༺═───═༻✟༺═───═༻
✍𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐌𝐮𝐜𝐚𝐚 𝐓𝐚𝐰𝐚𝐚𝐡𝐢𝐝𝐨𝐨✍
༺═───═༻✟༺═───═༻

#Share_Follow_me_my_page
❤5
JECHOOTA ABBOOTA TOKKO TOKKO HAA ILALUU WAA'EE FANNOO IRRAATTII

✓•Mallattoo kana eegi hin argatuu Fannoon Iyyaasuus kiristoos akka mallatteessani of eegannooni ijoollee barsiisi (Abuna Shinooda)
✓• ይህን ምስል ጠብቅ ከቶ አታገኝም የኢየሱስ ክርስቶስ ስቅለት ሁሌም በፊታቸው ይስሉ ዘንድ ለልጆችሁ በጥንቃቄ አስተምራቸው፡፡ (አቡነ ሺኖዳ ሳልሳዊ )

✓• Yaa ilmaa koo hojii kammiyyuu yeroo jalqabduu kadhaannan eegali mallattoo Fannootiin eebisi( Abuna Shinooda)

✓• “ልጄ ሆይ ማናቸውንም ነገር በምትፈፅምበት ጊዜ ስራህን በፀሎት ጀምር፣ የምትሰራቸውን ሥራዎች ሁሉ በትምህርተ መስቀል ባርካቸ” (አቡነ ሺኖዳ ሳልስዊ)

✓• Fannoo Jechuun Muka jireenya jechuudha ifni isaas akka ifaa Aduuti jecha raajicha hin rawatminee? (Abbaa Giyoorgis za Gaassica)

✓• መስቀል ማለት የሕይወት ዛፍ ማለት ነው፡፡ ብርሃኑም እንደ ፀሐይ ብርሃን ነው ያለው የነቢዩ ቃል አልተተገበረም (አባ ጊዮርጊስ ዘጋሥጫ)

✓•በንጹሕ ኃይልና በፍጹም ልብ መስቀሉን ይሸከም ዘንድ ጌታችን ክርስቶስን የመሰለው (ገድለ ጊዮርጊስ ዘጋሥጫ) ምዕራፍ አንድ

✓•Balbali namooni sitti cufani hin ilaalani harka waaqayyoo kan jiruu fannoo ilaali (Abuna Shinooda)

✓•ሰዎች የሚዘጐብህን በር አትመልከት በእግዚአብሐር እጅ ያለውን ቁልፉ መስቀል ተመልከት (ብፁዕ አቡነ ሺኖዳ)

✓Harki hin mallatessinee (mallatto fannoo hin kaafnee) bitaan isaas mirgi isaas tokkodha (Abba Paasiyi’oos isa tullu Atoos)

✓•የማያማትብ እጅ ቀኙም ግራውም አንድ ነው (አባ ፓስዮስ ዘደብረ አቶስ)

@ Alemu Bedada
❤2
Forwarded from 1137439312:AAGumjHJ7pzA6vrrfVMlKoqTUsCs59GySrg
✅Data Tola Fayyadama hin jirtaan tanan amumma Bakka Start jedhuu tuqa fayyadama 👇👇👇
Forwarded from Quality Button Bot
Badhaasa kaardii 450 irratti hirmaadha!! 🏃‍♂🏃‍♂

Nama 20 dursee chaanalota armaan gadii join godhe qofaaf!! 👇👇
Bara Haaraa

(Akka Yohaannis Afaan Warqee Barsiisetti)

Mucaa koo barri haaraa kan gammachuu, kan nagaafi fayyaa akka siif ta'uu ni barbaaddaa? Egaa osoo hin eegaliin machiin,,  sirbaan,fi hojii cubbuun dabarsuuf hin karoorsin. Barri haaraa guyyaa jalqaba qofa osoo hin taane guyyoota hundayyuu hojii cubbuun hin eegaliin. Waaqayyon kan gammachiisu hojii gaarii tokko jedhii eegalii malee. Guyyoonni hamoo ykn gaarii kan ta'an, uumaan akkas ta'anii miti. Guyyaan gaarii ykn hamaa akka ta'u kan taasisuu nudha.  Kibxatni baranaa kan bara darbee irraa adda miti. Addaa kan taasisu ciminaa  ykn dhibaawummaa qofadha.

Hojii qulqulluu kan hojjennuu yoo ta'ee guyyaa haaraa qofa osoo hin taane barri haaraanu nuuf gaariidha. Cubbuu kan hojjennuu yoo ta'e immoo guyyaa qofa osoo hin taane barri haaraayyuu hamaafi gidiraan kan guutamee ta'a. Bara haaraa hojii gaariin kan eegalluu yoo ta'e barichatti wanta nuti raawwannu hojii kami irrattiyyuu dhiibbaa gaarii qabannaa. Soomaafi kadhannaan akka cimnuufis galaa nuuf ta'a. Machiin, sirbaan, gaddaan kan jalqabnuu yoo ta'e immoo bara kana guutuu akka rakkanneetti dabarsina. Jireenya keenya wanta nun fayyadneen dhiibnaa. Daabiloosis kan bareechee waan beekuuf bara keenya hojii cubbuun akka eegalluuf nu kakaasa. Fedhii keenya balleessee, ija laphee keenyaa jaamsee sirbaan fi machiin akka jalqabnuuf karaa garaa garaan iyyaa jira.

Namni dhibaa'an "guyyaan koo gaarii ykn hamaa kan ta'u sababa koon miti" jedhee amana. Akkeetti amanuunis guyyaa hamaadha jedhu kana hojiin gaariin ni hojjetama jedhee hin yaaduu.
Yoo hojjetus akka hiikka hinqabnetti lakkaa'a. Dhibaawuummaan  miidhaa akkamii akka qabuus hin hubatuu. Fayyinaa osoo hin raawwatanii bara isaa guutuu akkasumatti dhiiba. Osoo akkeetti jiru fooniifi lubbuu isaatti miidhaan akka dhufuuf Daabiloos ija laphee isaa waan jaamsuuf kiyyoo dinaa jalaa baqachuuf humna dhaba. Lubbuun keenya naannoo xuraawwatti awwaalamtee akka haftuu taasisa.

Yaa obboloota koo nuti garuu kan hubaachuutu nurraa eegama. Addunyaa kanarraa cubbuun ala wanti hamaan akka hin jirree beeku qabna.  Hojiin ala wanti gaariis akka hin jirree hubachuu qabna. Kananis guyyuun Waaqayyon gammachiisne jiraachuu akka qabnu beekuufi hubachuu qabna. Dhugaatiin gammachuu hin fiduu, gammachuu kan fidu kadhannaadha. Gammachuu kan argannuu sagalee Waaqayyo dhaga'uu irratti malee machiirra miti. Machii badii lubbuu fida, sagalee isaa dhaga'uun garuu fudhatamuu fida. Machiin iji laphee keenya akka jaamuu taasisa, sagaleen Waaqayyo garuu ija laphee dukkanoofte akka iftu taasisa.

Ijoollee koo! Gammachuu biyya lafaa kanaa tuffatanii ishee gammachuu samii akka barbaaduu ogummaan kamuu akka hin jirree isinittin himaa. Kan yoo qabeenya keenya taasifanne, jireenya keenya samiif dursa kan kenninuu yoo ta'e wanti addunyaa kanarraa  yoo nutti hafeeyyu nu hin fayyadu

Jaalatamtoota koo! Barri haaraa yoo dhufu waa'ee wantoota kanaa ofi eegannoo yaadu qabda. Kana raawwachaa waa'ee bara isa dhufuu haa yaadannu. Kana kan raawwannu yoo ta'e " guyyoonni kee akkasumaan dhumaanii, barri keessi ariitiidhaan" hin darbanii. (Faar 77/78:3) Guyyaa guyyaan ayyaana haa taasifnu jedhe kan isiniif ibse kanaadha. Ayyaanni keenyaa guyyaa guyyaan ta'uu qaba. Ayyaanni kiristaanootaa waggaafi guyyaan dangeeffamu hinqabu. Manni kiristaanaas torbaniin, ji'an, waggaan kan kabajamuu ayyaanoonni akka jiraatuu gochuun ishee yeroo hunda kan irraa fagaachuu akka hin qabne hubachiisuufi.

Barri dhufu kan Milkii, Kan Gammachuu, kan Jaalalaa, hunda keessaniif haa ta'u!

🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿

https://t.me//JechootaAbbootaa
https://t.me//JechootaAbbootaa
https://t.me//JechootaAbbootaa
https://t.me//JechootaAbbootaa
🍀🍀🍀🌿🌿🌿🪴🪴🪴
❤1
"Even if you speak the truth, if you speak without love, you speak in vain"
— St. John Chrysostom

እውነትን እንኳ ብትናገር፣ ያለ ፍቅር የምትናገር ከሆነ በከንቱ ትናገራለህ።»
— ቅዱስ ዮሐንስ አፈወርቅ


«Dhugaa dubbattu illee, jaalala malee yoo dubbattu, Waaqa biratti bu'aa hin qabu / gatii hin qabu.»
— Qulqulluu Yohaannis Af-Warqii
❤6
"Ollaa kee akka ofii keetii jaallachuu jechuun gammachuu isaa akka gammachuu ofii keetii, gidiraan isaa akka gidiraa ofii keetii ilaaluu jechuudha. Wanti ollaa kee mudatu kamiyyuu akka si mudatu yoo hin ilaalle jaalalli kee ammallee guutuu miti. Ollaan kee kutaa kee isa biraa kan ati keessa jiraattu waan ta'eef.''

Qulqulluu Yohaannis
❤5
MARAROO FANNOO

Haayyuun Qulqulluun Abbaa Giyoorgis inni Gaasiccaan , kitaaba tokko waa'ee Fannoo qofaaf barreessee ture. Kitaabichis , "Galatoo Fannoo" jedhama. Kiristoos , yommuu Fannoo baatee gara Qaraaniyootti ka'e , utuu karaa irra jiruu dubartoonni dhufanii bo'ani. Innis akkas jedhe , "Ofii keessaniif bo'a. Muka gogaan erga akkas godhanii tii , muka jiidhaa irrattoo akkam haa hammaatani ree?" Jechuutiin gogiinsa gindillaa Fannoo baatee dubbatee ture. Abbaan Giyoorgis garuu kitaaba isaa kana irratti , muka gogaa Gooftaan baate sana barreeffama isaan lalisiisee katabeera.

Sana keessaa muraasa haa ilaallu :-

Abbaan Giyoorgis , wantoota Gooftaan keenya itti fafakkeeffame fudhateetu galma fakkeenyota sanaa Fannoo taasisa.

"Ati tikee dha. Tikee michoota isaaf lubbuusaa dabarsee Fannoo irratti kenne"
"Ati Hoolaa dha. Hoolaa Fannoo irratti aarsaa taate"

"Ati Looni dha. Loon Fannoo irratti ofii qalamtee cidhi qoph'aaeraa kottaa nyaadhaa jettu" jedhee iccitii mararoon Fannoon qabee ni raajeffachiisa.

Maal kana qofa! Itti fufees akkas jedha : -

"Ati ibsaa dha. Ibsaatti uffata hin uwwisani ; atis ibsaa waan taateef , qullaakee Fannoo irratti fannifamte. Ati ibsaa dha! Ibsaan qabsiifamee lafa ka'aamuu hin qabu. Siinis kanaaf Fannootti ol si baasani"

Dabalees ,

"Yommuu Addaam yakke albee gaggalagaltuun kan Jannata eegsifte, muka Fannoon Jannata bante" jechuun yaada laph'ee keenyaa ol fuudhee ammanni dadhabee iddoosaa duriitti deebi'uutti yaadaan nu balaliisa.

Kana xumura haa godhannu : -

"Nuti bifa Fannootiin qubaan waa mallatteessinee eebbifna. Ati garuu guutummaa qaama keetiin Fannoo irratti diriirtee warra lafaaf warra samii mallatteessitee eebbifte."

Madda: ውዳሴ መስቀል [Galatoo Fannoo] /Qulqulluu Abbaa Giyoorgis Isa Gaasiccaa


https://t.me//JechootaAbbootaa
https://t.me//JechootaAbbootaa
https://t.me//JechootaAbbootaa
https://t.me//JechootaAbbootaa
🍀🍀🍀🌿🌿🌿🪴
❤2
Forwarded from EOTC Books ⛪️
ውዳሴ መስቀል (1).pdf
12.6 MB
ውዳሴ መስቀል
በልሳነ ግእዝ


🔹ሼር 🔻

https://t.me/EOTCBooks1/13026
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from EOTC Books ⛪️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM