Burqaa jaalala dhugaa πŸ’“
2.19K subscribers
100 photos
2 videos
645 links
Jaalala dhugaa
Download Telegram
βœ…GORSA JIREENYAAβœ…οΈ
━━━━━━━━━━━
➑️Namoota jaallattu akka jaallattu itti himi.  Jireenyi baay'ee gabaabaa waan ta'eef nama tokkotti aaruu ykn mufachuuf yeroo hin qabnu.  Hafuura baafadhuu dhiisi.  Jireenya kee gammachuun dhandhami.  🀍

@ https://t.me/walaloojalal
@ https://t.me/walaloojalal
Amaloota Hadhaa manaa gaarii kuttaa 5ffaa


✍ Tan Gochuun Nama Moo'attu


βž‘β†© dubartoonni Uumamaan hedduu osoo hin Haasayin Nama Moo'achuu danda'u. Gama Kanaan  dubartoonni Abbaa warraa isaaniitiin dubbii hin taane  walitti deebisuu irra gochaan (action)niin Akka Abbaa manaa isii Moo'achutu caala. dubartiin Abbaa manaa isii too'achuu Kan dandeettu osoo baay'ee haasawuun gaarii ta'es baay'ee haasawuun Qofa Osoo hin taane gochaan Moo'achuun Yoo Gargaarsa Abbaa manaa isii taate Qofa keessattuu Abbaan manaa kee Yoo kan Amalli isaa Gaarii hin taane fi Kan amnataa  hin Qabne ta'e jecha irra gochi humni cimaa Qaba Gorsaa fi jechi haadha manaa Isaani itti hin bu'u itti hin galu kanarra dalagaa Guddaa dalaguun Abbaa manaa isii Jijjiiruuf yaaluu Qabdi jenna


πŸ’β†©Ilmi namaa irra caalatti Kan Ajaa'ibsiifatu barumsaan Qofa osoo hin taane wanta barate San hojitti Yoo hiikeedha Tarii dubartii gaarii tan Jennuun tan baay'ee haasoftu osoo hin taane gochaan tan Abbaa manaa isii Moo'attu kana Yoo jennuu haasawuun dhoorkamaa dha jechuu keennaa miti Yoo ta'es yeroo fi eddo itti haasoftu filattee haasawuu fi gorsuu Qabdi

πŸ‘‰Abbaa manaa kee dongongora isaa sirreessuun sirra Jiraata ta'a. haa ta'u malee jecha Jaalalaa fi Rahmataan guutameen barsiisuu Qabda. Yoo kana dongongora inni itti seene keessaa harkiftee nagaan baasuu dandeetta Tarii Abbaa manaa kee biirootti ykn eddo dalagaatti Nama birootiin Wal dhabee wanti isa aarsu isa mudatee  mana galuu danda'a, yeroo kana jecha nama Rakkoo isaa hubateef osoo jetteenii itti tola yookan ammoo suuta Jettee harka isaa qabattee Rakkoon isaa Akka si Galu osoo Gootee haalan faayidaa Qaba.

As irratti seenaa tokko kaasuun barbaade

πŸ’Namni shu'eyb ibn harib Jedhamu tokko intala fuudhuu barbaade takkaan akkana jedhe "ani nama Dafee aaruu fi lolu " jedheen

isiinis malaan akkana jettee  deebifteef "namni Akka aartu si godhu Nama sirra aaru/lolu"jetteen.  lnnis intaliti tun qaroo ta'uu hubatee tole jedhee haadha manaa taasifachuuf murteesse


β¬…πŸ’Seenaa kanarraa wanti hubannu haadhotiin manaa qaroo Akka ta'uu qabanii fi Abbaa manaatiif namaa Barbaadan Kan ofii gochu akka danda'an ifatti nu agarsiisa. Yoo haasahuun isirra jiraate jechoota Filattee dubbachuu Yoo kan gochaan agarsiisuun isirra jiraate dalagaadhaan mul'isuun akka Hadhaa manaa gaarii taate ibsuu Qabdi.

Yaa dubartoota keenya jaalatamoo Abbaa manaa kee Jaalachisuuf waan dandeette cufaa Dalaguu Qabda  sadarkaa Tokkoffaatti Jaalala Rabbii ergasii ammoo Jaalala Abbaa manaa kee dhuunfatta. Kanaaf jaalala kanneen lamaan argachuuf qaroo ta'i.


🌷 Itti fufa.....

πŸ‘‰β™‘ γ…€  ❍ㅀ    βŽ™γ…€  ⌲            
  ˑᢦᡏᡉ  αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅—  ˒ᡃᡛᡉ  ˒ʰᡃʳᡉ

β‚ͺβ‚ͺβ‚ͺβ‚ͺβ‚ͺ┅┅┅┅┅┅┅⇍
@πŸŒΈπŸƒ

@πŸŒΈπŸƒ
@
β‚ͺβ‚ͺβ‚ͺβ‚ͺβ‚ͺ┅┅┅┅┅┅┅⇍
@ https://t.me/walaloojalal
✍️ ... sin kunuunsa

Galma Koo dur durii
Abjuu bara dheeraa
Giiftii jireenya koo
Si'iin argadheera

Jaalala naaf laattee
Kan jaalalaan sooru
Ga'eera galma koo
Kana booda jooru

Miila keerra deemeen
Miiltoo kankee ta'aa
Taa'i jennaan taa'ee
Ka'i jennaan ka'aa

Siif bitameen jiraadha
Umrii kiyya guutuu
Baadheen si kunuunsa
Barruu koorraa buutu

πŸ‘   β€οΈ      πŸ’¬     ♂️
ˑⁱᡏᡉ  Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅— αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅— ˒ʰᡃʳᡉ

βœ¨γ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ·
@ https://t.me/walaloojalal  
@ https://t.me/walaloojalal
   πŸ’”γ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚βΊ
          #share
            #join
βœ…Of irratti xiyyeeffadhuβœ…

✍Yeroo of irratti xiyyeeffachuu eegalte  wantoonni gaaffii sitti ta'an hunduu deebii siif argachuu eegala. jijjiirrama keetif gargaarsa namaa eeggachuus nii dhaabda!

➑️Ilaa nama koo:
jireenya kee kan jijjiiru gargaarsa harka namaa osoo hin taane ykn haalonni yeroo jijjirramanii miti!

➑️Jireenyi kee kan jijjiiramu of irratti xiyyeeffachuun  kennaa uumaaan kee siif kennuuni.  kanaafi yeroo ati of irratti xiyyeeffachuu eegalte kan namoonni si kabajan, hojiis ta'ee carraawwan garaa garaa akkasumas hariiron waantota si milkeessan itti bartudha.

➑️Kanaafuu of irratti xiyyeeffadhu! sana booda jijjiirrama ammaa argita.
Yeroo Gaarii Isiniif haa ta'u

@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/walaloojalal
#sin kunuunsa

Galma Koo dur durii
Abjuu bara dheeraa
Giiftii jireenya koo
Si'iin argadheera

Jaalala naaf laattee
Kan jaalalaan sooru
Ga'eera galma koo
Kana booda jooru

Miila keerra deemeen
Miiltoo kankee ta'aa
Taa'i jennaan taa'ee
Ka'i jennaan ka'aa

Siif bitameen jiraadha
Umrii kiyya guutuu
Baadheen si kunuunsa
Barruu koorraa buutu


@ https://t.me/walaloojalal
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
#Achi

Achi kan guute
Wal geettin tuute

Ejersa urgaa'u
Qurquraa mi'aa'u

Galma Afaan Irreecha
Harka mirgi meedhecha

Booka ulaan Ettecha
Biluuf bulaan Dullacha

Ciibsan cincaa
Mijuun Waancaa

Guduruu Uumoo
Cicha Huummoo

Seenxoo mudhii baataa
Mudhii Seenxoo nyaataa

Dachee akka lamaa
Dachee akka namaa

Kan qotanii facaafatan
Kan qotanii hobbaafatan

Nyaattee bor soortuu
Nyaattee bor hortuu

Kan dhageechu
Kan dandeechu

Achi kan guute Coqorsa
Dil'uu buusaan Goromsa

Achi dhaquuniyyuuπŸ‘‡
Akka lamaan miti! akka tokko
Bojaa Sirnaa, didaa cokoo

Hin sileessu yoo jette
Hin mi'eessu yoo jette

Gogoraa jalaa buufattee
Labbaasa dirratti uffattee

Sirnaan sirba caaltee
Bobbaastuyyuu daartee

Arraba kee liqimsitee
Sakkaba kee dhidhimsitee

Lama yoo hin dagatin
Lama yoo hin kakatin

Tokko, Habaabilee durba keetii yoo jedhatte
Lama, Habaabilee duuba keetii yoo kadhatte

πŸ‘   β€οΈ      πŸ’¬     ♂️
ˑⁱᡏᡉ  Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅— αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅— ˒ʰᡃʳᡉ

βœ¨γ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ·
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/walaloojalal
   πŸ’”γ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚βΊ
          #share
            #join
Sammuu gaarii fi onnee gaariin yeroo hunda walitti hidhata sodaachisaa dha.  Garuu arraba ykn qalama dubbisuu fi barreessuu danda'u sana irratti yeroo dabaltu, sana booda waan baay'ee adda ta'e qabaatta.
━━━━━━━━━━━
πŸ–‹οΈ@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ πŸ–ŒοΈ
Sin_jaalladha_nama_ta'ee_akkamittaasi_jibba...

:¨·.Β·Β¨: 
 `Β·.  @ 🌹

Ati gaaf dhukkubsattu anis nan dhukkubsadha, madaan kee madaa kooti...yaa'iinsi imimmaan kee anaanis na boossisa....Imimmaan sirratti ilaalaa..hidhii koo addaan harkisee kolfuu hin danda'u...cabni kee caba kooti......Hanga ammatti gargarsaaf jedhee, hiriyyummaaf jedhee bineensa bira deemee hin beeku....Gaafa gaaffiin sammuu na yaabee, yaaddootti na awwaluuf deemu dhufeen icciiti koo sitti himadha....ati anaaf hamileedha...Rabbiin si'iin eebbisee naaf kenne....Kayyoo koo inni guddaniis hamma Rabbiin na gargaree wanaan qabu siif kennee darbuudha....Onnee kiyya ammoo si jaalatti. .Sammuu koo waa'ee kee yaada...Jaalala dhugaan si jaalladha...waa takkaanu sin madaalu...

Rabbiin koo balaa garagaraa irraa akka si eegu nan kadhadha..

Ati anaaf diina osoo hin taane fira kiyyaadha....Diina gaafa natti taatuu seenaanuu si aabara, waaqnis sitti mufata...Osoo ati hamaa natti yaaddeeyyuu jaalalliin ani siif qabu gonkuma gadi hin bu'u... Ati fakkatti kiyya, kanaafan si jaalladha. Uumaan keenya tokko...kanaafan si jaalladha...

Gaafan si jaalladhuu, nagaan koo naaf deebi'a kanafaan si jaalladha...

Wanaan beeku siif kennuuf yoomillee of hin qusaadhu...Ammaan naaf danda'amee...waan gaarii siif hojjachuuf tabba bahee, sululaas nan bu'a........Ani yaada kee, sanyii kee, biyya kee osoo hin taanee namummaa keen jaalladhee...

.Si jaallachuuf, dirqama amma ati na jaalatutti si eegu danda'u...An kanaan si jaalladhu waan na jaallattuuf osoo hin taane wanaan si jaalladhuufii....inniin ani  Akkatti jaalladhu kun eenyu beekta
"NAMA" jedhama...

Sin_jaalladha_nama_ta'ee_akkamittaan nama_jibba...
Jaalala baadhee akkamittan jibbaa rabsa?...IHIm!

Mootii jaalala irra talalli jaalala wanaan wal'anameef..Jaalalan rabsa......Isiniin jaalladha...

Wal haa jaallannu;, waggaa kuma meeqa wal bira jirannaaf wal jibbinaree....

Qalbiin kee waan biraa shakkee hanga kana hunda dubbistee aarteerta yoo ta'eef dhiifama!

yoo sitti tole share gochuu dandeessa!πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
:
......✍️
:¨·.Β·Β¨: 
 Β·.  🌷 https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
Sitti hoo'uun,
hundaaf hin hoo'ine
Sitti qorruun,
maraatti hin qorrine
..
Haalakeetiin hin madaaliin kan warra biraa
Abuuraan jireenyaa hundaaf adda-adda hira
Ijji waliin arguyyuu gamaa-gamana walii jira.
Manni tokkoo, tuggee gargariini kan hundaa'u
β€˜β€˜Abbaan daadhii dhugeef, ilmi afaan hin urgaa'u ’’
..
β€˜Hubannoon huuba guuraanβ€˜ dhugaadha
Akkasumas,
Abbaarra kan beeku ammoo β€˜budaadha!’
..
Kanaaf,
Uraa banatteen
Ulaa argatteen
Giroo ormaa ilaaluun
Haala maraa madaaluun
Dhugaatti siquu danda'a
Garuu,
Dhugaan akka Abbaan itti jiru ta'a.
..
Uffatni ati uffattu manatti,
Hoo'a hinta'u kan alaatti!
* *
Kanaa'ol Badhaadhaa
πŸŒ·πŸ‘‡πŸ’–πŸ’šπŸ‘‡βœ”
@ https://t.me/walaloojalal
πŸ‘ Aayyookoo,...

Bishaaniif biyyoorra
Siinan nama ta'e
Aayyoo koo deessee koo
Baga isiniin ga'e

Hidda dhiiga kootii
Wiirtuu lafee dugdaa
Wabii egeree koo
Jireenya koo hundaa

Kankee jechaan ibsuuf
Hin yaadu; hin seeradhu
Deessee koo Aayyoo koo
Umrii naaf dheeradhu πŸ™

πŸ‘   β€οΈ      πŸ’¬     ♂️
ˑⁱᡏᡉ  Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅— αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅— ˒ʰᡃʳᡉ

βœ¨γ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ·
@ https://t.me/walaloojalal
@ https://t.me/walaloojalal
   πŸ’”γ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚βΊ
          #share
            #join
πŸ“ Akkan si jaaladhu

Akkan si jaaladhu
Sitti himuu sodaadhee
Callisee taa'udhaaf
Sin dhabaan sodaadhe

Ati naan hubattuu
Siif miidhamuu koo
Callistee dabarta
Maali yaa lubbuu koo

Siif galuu dadhabee
Gochaan jaalalli koo
Onnee koo sii baneen
Jaalala keef kunoo

Jedhee dubbachuudhaaf
Afaan kiyya qabdee
Kunoo siif nan du'a
Waa'ee koo maaf dhabde

  @ https://t.me/walaloojalal
#Sin_Yaada!

β«Έ sin yaadu seetee
bar hedduun si yaada
har'a qofa miti
boriifan si barbaada

β«Έ Halkan waarii ka'een
bilbilakoo dararaa
text kee arguun hawwee
naaf kottuka Adaraa

β«Έ bilbila lafa hin kaa'u
naaf daawwaltaan eega
akkattan jiraachaa jiru
anafi Waaqaatu beeka

β«Έ har'a si dhabus of cinaa
nan eega guyyaan jira
Eessa badde jedheetoo
Qalbiin na jeeqaa jira

β«Έ dhugaadha ni dhufta
Abdiinin si eega
sin jaaladha Qaalii koo
Onneen ketu beeka❀️

@ https://t.me/walaloojalal

   β«Έβ™‘ @ https://t.me/walaloojalal
πŸ₯Ή Naan himtuu,...

Hin qaanoftuu garuu
Hangana yoo turtu
Na'eegallee jettee
Xiqquma hin jarjartuu

Karra seensa keetii
Waggaa ji'aan diigaa
Har'a dhufta jedhee
Inuman si eega πŸ₯Ή

Silaa dhufaa hin jirtuu,...
Hafuu kee naan himtuu?!

πŸ‘   β€οΈ      πŸ’¬     ♂️
ˑⁱᡏᡉ  Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅— αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅— ˒ʰᡃʳᡉ

βœ¨γ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ·
@ https://t.me/walaloojalal 
@ https://t.me/walaloojalal
   πŸ’”γ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚βΊ
          #share
            #join
Yoo hin affeeramne hin dhaqin

Yoo sitti hin himamne hin gaafatin

Affeerraa barfata hin fudhatin

Kabajaa siif maluun ofi kunuunsi

@ https://t.me/walaloojalal
Jireenya duutuuf hin qabdu yoo ta'e jireenya maalii jiraachaa jirta?🀞

@ https://t.me/walaloojalal
☎️ 🌹Dubartiin sirreessituudha. Maltuudha. Utuu humna hin fayyadamin, utuu irree ol kaaftee hin dhaadatin lola danuu, wal’aansoo hedduu mooti
@ https://t.me/walaloojalal
Lubbuu koo.....

Akkam jiruuf jireenyi
Sitti toleeraa laataa
Erga narraa adda baatee
Erga naan na dhiiftee

Mee maaloo natti himi
Hirriibni si qabaa
Osoo naan bilbiliin
Rafuuf yoo gad ciiftee

Moo na dagatteettaa
Na irraanfatteettaa
Dhimma koos hin qabduu

Raftee bultaa laataa
Na yaadee akka koottii
Ati ciisaa hin dhabduu

An jiraachaa hin jiruu
Ciisus ciisa hin qabuu
Rafuudhaaf gad ciisee

Erga ati na dhiiftee
Naan si qofaa mitii
Ani iyyuu ofan dhiisee

Ijaan si arguudhaaf
Bakka ati jirtu dhabee
As achi kaadhee

Siin iyyee si waamaa
Ati owwaachuu didnaan
Al meeqan owwaadhee

Beekaa diddee garuu
Kan ati hin owwaannee
Al meeqa an si waamee

Beektaa laata garuu
Siif ifuudhaaf jedhee
Ibsaan koo akka dhaamee

πŸ‘   β€οΈ      πŸ’¬     ♂️
ˑⁱᡏᡉ  Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅— αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅— ˒ʰᡃʳᡉ

βœ¨γ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ·
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
   πŸ’”γ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚βΊ
          #share
            #join
πŸ’ Jaalatamtuu!

Bareedduu koo
Hundaan toltuu
Tokkittii koo
Jaallatamtuu!

Naasolee koo
toltuu maraa
jaalattuu koo
mootii namaa!

Marartuu koo
gar laafettii hundaaf naatu
Obsituu koo,
ka dandeettee hundaa baattu!

Jajjabeessituu koo
miyeessituu jiruu
addunyaa kanarra
fakkaattin ke in jiru!πŸ’”

πŸ‘   β€οΈ      πŸ’¬     ♂️
ˑⁱᡏᡉ  Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅— αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅— ˒ʰᡃʳᡉ

βœ¨γ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ·
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/walaloojalal
   πŸ’”γ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚βΊ
          #share
            #join
βœ…Baasi Jireenya kee Keessaa!🀞

➑️Namni yeroo ati kolfitu si wajjin kolfee yeroo ati gadditu ykn boossu immoo sibiratti hin argamne maal jireenya kee keessaa fuudha? Nama akkanaa qabda taanaan dafii baasi jireenya kee keessaa!
Namni akkasii jireenya kee keessa jiraachuun inumaayyuu gadda kee irratti gadda biraa sitti dabala.
Akkamitti yoo jette rakkoo si mudate irratti si bira dhaabachuu dhabuu isaa yaaduun kee ykn komachuun kee hin hafu yeroo sanammoo sammuu keetu miidhama.

➑️Ati nama gaafa kolfaa yoom dhabde kan gaafa gaddaa fi rakkinaati malee! Gaafa kolfaa gabaatu si wajjin kolfa!.


Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.

@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/walaloojalal
Sobadha...✍️

Sobadha giiftiikoo
Jaalalli jaamaadhaan
Jaalalli duudaadhaan
SobadhaπŸ”΅

Jaalalli ulaagaadha
Jaalalli gucadha
Jaalalli barbaaduu
Jaalalli araaduu
Jaalalli hawwuudha
Jaalalli arguudha

Didiitii liqiimsi
Didiitii cillimsi!

Jaalalli…
Kennuuf fudhachuudha
Fedha guuttachuudha

Jaalalli
miiradha
Miira waloomadha βœ…

Jaalalli 
Lafa goobe
Samii cobee
Qilleensa’ee
Faffaca’ee
Suuta lo’ee
Quruphisaa
Bububbisaa
Nama hinqabu ❌

Jaalalli ilaallatee
Filateetu
Hubateetu
Wanta sirraan…
Ilaalchakee
Amalakee
Biifakankee
Beekumsakeef beekamtiikee
Soqateetu
Qorateetuu
Sitti duula.

Malee...
Junuunfatee
Waan hin argin
Hinjaallatu
Hin simatu

Maaf πŸ€”
nuti nama
Ulaagaa itti dhiifne
Haalotarra buufne 
Waljaallachuu mitii

Rabbi isa nuuf godheef
Nuti homa hingooneef
Uuma isa nuuf jedheef
Nuti homaa hinjenneef

Tarii…
ulaagaan alatti
Inni jaalaladha
Inni nuuf arjaadha
Jaalalli inni tolaa
Jaalala waaqaadha

Kan isarra hafe
Hunduu ulaagaadha

πŸ‘   β€οΈ      πŸ’¬     ♂️
ˑⁱᡏᡉ  Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅— αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅— ˒ʰᡃʳᡉ

βœ¨γ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ·
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
   πŸ’”γ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚βΊ
          #share
            #join