Burqaa jaalala dhugaa πŸ’“
2.2K subscribers
100 photos
2 videos
649 links
Jaalala dhugaa
Download Telegram
Icciitii dhugaa tokko
sittan hima dhageessaa?
Dhugaaf yoo jiraatte
Galma yaadame geessa!   

Channel Arma gadi kana join godha hordoofaa.
JoinπŸ‘‡πŸ‘‡

Share  @ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
Share @ https://t.me/walaloojalal
Dubbii Qabdii Dubbisi

Gaaftokko bakka abbaan warraa
Mana hin jirretti
Jaldeessi niitii leencaa
Argate dirreetti

Humnaaf dandeettisaa
Waa'ee gootummaasaa
Waan hu**uusaa diimesse
Dhiirummaa jedhee fakkeese

Booroo manaatti ol ba'ee
Yeroof mootii niitii leencaa ta'e.

Yeroo leenci alaa galu,
Niitiin fuula jijjiiratte.
Nyaara sassaabbattee,
Kan biraa fakkaatte.

'Maal taate har'ammoo'jedheen,
Of too'atee miira.
Ati dhiiraa mitii jetteeen
Ol seenii argi dhiira.

Yemmuu leenci booroo manaatti,
Deemsaaf ol akeeku.
Kunoo jaldeessaadha,
Isa inni duraan beeku.

Mootiin yeroof ture,
Baaxii manaatti ba'e.
Iyyaan lafa baqaqse,
Abjuu mootomuu raajii ta'ee.

Baaqum jechaa albaatii xarrisiisa
Baaqum- fincaan sharrisiisa
Baaqumii yoom danda'ee obsa
Baaqum -ammas dafqa cobsa.

Gootummaan yeroof,
Niitii leencaa ittiin dhiphise.
Albaatii of laaqqachiisee,
Jiraatti of salphise.
Gorsa Shamarran gaa'eela hin dhaabbatin jirtaniifπŸ˜‹...

1. Gaafa dhiirri tokko lakk bilbila keetii si gaafatu takka didii rakkisi. Yoo ati daftee lakkoobsa bilbila keetii laatteef banamtuudha siin jechuu danda'a.πŸ˜‘

2. Gaafa dhiirri tokko gaaffii jaalalaa siif dhiyeessu, Gammaddee miira keessa galtee, aniyyuu si gaafachuun saalfadhe malee, baayyeen si jaalladha ittiin hin jedhin.πŸ₯±

3. Dhiira kilaasii teenyee haasofna ykn mana siree teenyee haasofna siin jedhu baqadhu,πŸƒπŸΎβ€β™€οΈ Inni sitti taphatee deemuu barbaada malee si fuudhuuf miti.πŸ€—

4. Walumaa gala dhiira kashalabbee wajjin yeroo kee hin gubin.πŸ‘πŸΎ

Addaggeen dhiiraa akka isheen postii kana jalatti dhuftee na arrrabsitu abdiin qaba😁

@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/walaloojalal
Kan uumama yakkee
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide

Baraa mitui nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?

Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabe
Cidhaaf nama yaamu

Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?

Osoo akka namatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin

Kan faaydan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu

Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?

Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru

Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu

βœ¨γ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ·
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/walaloojalal
   πŸ’”γ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚βΊ
          #share
            #join

πŸ‘   β€οΈ      πŸ’¬     ♂️
ˑⁱᡏᡉ  Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅— αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅— ˒ʰᡃʳᡉ
Durbi durii harka tokkoon
aannan raafti.
Durbi ammaa harka
tokkoon textii xaafti.πŸ₯²

@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
Heerumuu jechuun paakeejii daangaa hin qabne guuttachuu jechuudha πŸ™πŸΏπŸ™„

@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
βœ…Wantoota 3 yeroo ammaa kanatti si barbaachisan:

1. Waan barbaaddu beeki
2. Waan barbaaddu argachuuf waan hin barbaanne keessa darbuu akka qabdu beeki
3. Waan barbaaddu yeroo argattu  jireenya hin barbaanne akka oofkalte (miliqxe) beeki

@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
Utuu jecha kuulee
Maqaa siif sararuu
Sirraa adda ba'uun
Maaf sin mararuu

Silaa badiin qabu
Mee maali badiinkoo
Jaalalli mala dhabu
Mee maali fallikoo

Jedheen mala dhaha
Deebiikee barbaacha
Dhugaa faana dhaha
Jaalalli nama maraacha


╔════════════╗
  @ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
😱 Dhiirota Qofaaf - See More

πŸ—£οΈ Amaloota dubartiin tokko jaalala keen kufuu fi qabamuu ishee ittin adda baafattu fuula irraa dubbisuun haala ittiin hubachuu dandeessu ammuma link kanaan seenuun miira ishii bariif
      πŸ‘‡
   See More......@ https://t.me/walaloojalal
  See More.......@ https://t.me/walaloojalal
Sii gaddisiise ka'ee πŸ₯Ί
"natti gadditee"nama jedhu,
Dhaga addati qaaraqarrii sii dhukkubsee jedhin😑😁

@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
#H_A_R_M_E_E

Jaalallikee dhugaa
Kan hin qabne haaluu
Kan akka harmee hin jiru
Yemmuttiin ilaalu

Afaanii baafattee
Afaan ana keessa
Amala kiyyallee
Obsumaan dandeessa

Waqumaa gaditti
Hin jirtu akkikee
Anaaf tattaafatta
Beeloftee ofiikee

Waa'ekoo si cinqa
Anumaaf dhiphatta
Hiriyaa olitti
Na wajjin xaphatta

Anaaf dhaggeeffatta
Rakkoon sitti himadhu
Heedduun si kabaja
1000 naaf jiraadhu!

            @ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
#Lafee_dugdaa
Ati anaaf lafee dugdaa
Jireenya koo keessatti
Kanaafan yeroo hundaa
Si milladha fageenyatti

Gaddakeef hin seequ
Si wajjinan hirqinfadha
Gammachuukee kolfeen
Jaalalakeef jilbeenfadha

Na mo'ate jireenyikee
Naa kennite jaalala
Kan akkakee hin argamu
Dhiyoos ta'e halaala

Jireenyakoo boriif
Wabiin si waammadha
Hundumtuu haa baru
Baayyeen si jaalladha
            @ https://t.me/walaloojalal
Fuudhaaf heerumni qooda Rabbiiti.

Garuu akka galma keetiitti fuudhuuf waggaa 1 oltu siif hafa yoo tahe relationship hin jalqabin !

Relationship keessa waggaa 10f turanii ergasii wal fuudhanii warra milkaa'an fkn godhachuu dandeessa, garuu ammoo Rakkina achi keessa jiru ati hin beektu. Warra relationship keessa waggaa dheeraa turee ergasii wal fuudhe laalte yeroo kee hin gubin.

Fuudhaaf dhiyoo miti taanaan hamma dandahuu kee argituutti yeroo kee mataa kee irratti invest godhi.

Dargaggeessa qarshii haakima ittiin of geessu hin qabne taatee ganamuu taaziyaa heart broken social media irratti dhaabaa hin oolin.

@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
..πŸ‘Obbolleessaf..
❀️Jaalala Keetiin!!!

Ati Naaf Ija Kiyya
Siif Dhahata Onnen Koo
Si Malee Hin Gammaddu

An Yoomuu Qalbiin Koo
Ati Naaf Bareedinaa
An Siinin Midhagaa..

Yoo Ati Jiraatteen
Guddadhee Dagaaga
Jaalala Kan Keetin..

Arraa Fii Borullee
Rabbiin Na Milkeessa
Shakkii Tokko Malee ..

Gaafa Guyyaa Cinqii
Garri Deebin Jirree
Aduun Gadi Dhihaatee
Qaama Nama Ciree

An Si Jaallachuu Kootin
Qabbana Argadhaa
Yoon Si Male Tahe

Duubni Koo Hongeedha
Akka Bor Milkoofnee
Taanu Jannata Keessa
Ani Sin Jaalladhaa
Atis Na Jaalladhu Obboleessa

Rabbiin Nu Haa Godhu
Nama Dhugaan Wal Jaallatu
Kan Obboleessa Isaatif
Lubbuu Isaa Laatu

Dhugumaan Namni
Obboleessa Rabbiif Jecha Jaallatu Hin Qabne Jireenya Akkam Jiraata .........


Bakka jirtanitti turti
Garrii  Isiinif Hata'u......
Ani ✍ Galme πŸ“– Haqatti πŸ“š

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/walaloojalal
https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
➨  Sabboonttuu to
        Lubbuu Gifttii
       Jirruu_Tiyyaa
       Jaalalaan Simaale
       Diddee Lubbuun Tiyaa

βž₯ Essuuman Nasseentte
      Tofudhattee Onnee
      Maratuu koo Hin Shakkiin
      Gaafa siin Waldhabne
     
πŸ‘‰ Arggaa Ijaa tiyyaa
     Onneen Nadhaahatii
     Ijumaan Si'argguuf
     Qalbbiin Na Riffatti

🍌 Soora Lubbuu Tiyyaa
      Siin Jaaladha Onneerra
      Tansi Caaltuu hin jirtuu
      Adduuniyaa Tanarraa
                      
                   πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
               πŸ‘‰https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
                πŸ‘‰ https://t.me/walaloojalal
Jaalallee joollummaa
Shukkee tiyya aaddee
Yaa taniin guddise
Harka qabee daaddee

Itti gaafatamtuu
Misooma onnee
Furtuu tana beekhi
Siqofattiin khannee

Sagalee tee laayyoo
Tan das nama gootu
Tan gurra si buutu
Qalbii nama fuutu

Siitu na booji'e
Tanaatu na dinqe
Hunda caalaa tana
Sammuu wanti cinqeπŸ˜˜β£οΈπŸ™
By Firaan
Giiftii  πŸ“Έ
      
                     πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
             πŸ‘‰ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
             πŸ‘‰ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
➨ #Waalif_taana_kaadhima
πŸ‘‰ Anii Sittii dibbadhu
      Icciita Keessa koti
      Atii naafi hin hubattu
      Midhama onnee kottii
      Siiti Siiqe dubbachuuf
      Qaamatu naa hoolotaa
      Sirraa Siiqqee jiraachuuf
      Boqonnaa naa dhowwata

πŸ‘¨β€πŸ¦½Midhama bara dheerraa
     Baadhe sii waalin joraa
     Tarii Naaf hubaattee
     Onnee koof taattaa soora
     Moo diddee darbarttee
     Abjuu koo buushesitaa
     Biqiltuu jaalala koo
     Naa keessaati caalaqista ?

πŸ§—  Buuse baase maadalee
       Gaalana yaadan daaka
       Onnee koo Sif baanamte
       Ormaaf hin qabdu bakka
       Garruu Akkamin kan kee
       Anaaf qabdaa jaalala ?
       Moo ofuuman iyyee
       Bakkee keesse walala
      
πŸ‘‰ Tarii naaf maltaa laata
      Yeroon maaqa kee wamu
      Sitii riifadhee kaa'uu
      Yoon hirribban jeeqamu
      Moo gaaran kee jaabatadha
      Akkaa dhagaa Gurraacha
      Boo'iichaa koo dhiisetu
      Gammachuu kee ililchaa

⭐ Jedheen gaaffiin of qoree
      Golaa sammuu koo seene
      Muurtii tokkon murteesse
      Akkaa si dhabuu hin feene
      Waan hundaa Gaadi baase
      Jaalala koo siif himee
      Feedha keettin yoo ta'e
      Waalif taana Kaadhimaa πŸ’πŸ’β€β€
              
                    https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
   https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ                
Heloo... Heloo πŸ“’

Na dhageessaa lubbuu
Callisuun kee kuni
Sittin ta'uu cubbuu?

Waan tokko naan jedhi
Miirri kee maal hima
Jecha tokko baasun
Akkamitti cima?

"Anis sin jaaladha
Yookanis sin fedhu"
Afaan kee saaqamee
Maalif tokko'n jedhu

Bitaa natti galee
Hin turre hin deemne
Jechi sitti roobu
Afaan koorraan caamne

Heloo. . Na dhagaa'aa jirtaa
Maaf qalbii koo hirta?

Cufi yoo waan jenne
Innumtuu deebidha
Yookan jecha baasi
Callisuun maalidha?

Lamaan keessaa tokko
Baruuf uman yaala
Amman waa barutti
Inuman bilbila

πŸ‘   β€οΈ      πŸ’¬     ♂️
ˑⁱᡏᡉ  Κ³α΅‰α΅ƒαΆœα΅— αΆœα΅’α΅α΅α΅‰βΏα΅— ˒ʰᡃʳᡉ

βœ¨γ€‚οΌΌο½œοΌγ€‚πŸŒ·
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
   πŸ’”γ€‚οΌο½œοΌΌγ€‚βΊ
          #share
            #join
Chiikiin koo durii tokko na aarsuuf jettee chiikii ishee amma waliin utuu wal dhungatanii suuraa kaatee naaf ergiteπŸ’Œ

Ani immoo suurichaa dabarseen abbaa isheetiif ergeπŸ’Œ

Eenyuu balleessaa qabaa?
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
🫢Jaalalli miira osoo hin taane filannoodha, Waan sitti dhaga'amu osoo hin taane caalaatti waan hojjettudha.

🫢Jaalalli waan barbaadde hunda argachuu miti, yeroo tokko tokko waan jaallattu gadhiisuu of keessaa qaba.

Halkan jaalalaa qabaadha❀️
@ https://t.me/JalalaadhπŸŒΉπŸ’Œ
@ https://t.me/walaloojalal