Haadha Warraa Rasuulaa Tan Isaa Lubbuun Jiru Du’an
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Akkuma beekkamu barreeffama dabre keessatti haadha warraa Rasuulaa 11 maqaa isaanii isiniif himeetiin ture.
Isaan kudha Tokkan San keessaa Haadha Warraa lamaatu osoo Rasuulli Rabbii Lubbuun jiru du’anii gara Aakhiraa deeman.
Isaan lameen San eenyu faadha ?
1: Khadiijaa Bintu Khuweeylid
2: Zeeynab Bintu Khuzeeymaa
A• Khadiijaa Bintu Khuweeylid : Rasuulli Ergamaa Rabbii tahee Bara 10ffaa, Umriin Isii Yeroo sanitti amata 65 ture, Hijraa dura amata 3 yeroon isiin duutee addunyaarraa godaante.
• Du’a Khadiijaatiin Rasuulli hedduu gaddanii turan, waan isiin Haadha mana isaa tan jalqabaa, akkasuma Haadha ilmaan isaa jahanii fii akkasuma jaalatamtuu fii kabajamtuu waan qabdu hundaan Rasuula bira dhaabbbatte waan taateef.
• Barri Khadiijaan keessa duute San ( Aamul Huzni ) ykn Bara gaddaa ja’amuun beekkama: sababni akkas itti ja’ameefiis : Bara San keessa Adeerri Rasuulaa kan akkaan isa gargaaraa ture Abuu Xaalib du’ee osoo Rasuulli Gadda adeera isaa keessaa hin bahin yeruma gabaabduu keessatti khadiijaaniis aakhiramte.
Rabbiin Khadiijaa Waan isiin daleeyde hunda irraa haa jaalatuu.
B• Zeeynab Bintu Khuzeeymaa: Isiin Waan Miskiinaa fii Rakkataa akkaan gargaartuuf akkasuma waan ijoollee yataamaa haalaan toohattuuf Ummul Masaakiin ykn Haadha Rakkattootaa Ja’amuun Beekkamti.
• Hijraarraa Bara 3ffaa Ji’a Ramadaanaa keessa eega Rasuulli Hafsaa Bintu Umar Al-Khaxxaab fuudhe booda Isiis fuudhe.
• Zeeynabaa fii Rasuulli yeroo hedduuf waliin hin jiraanne, Yeroo Gabaabduu ji’a saddeet hin dabarre Rasuulaa wajjiin jiraattee osoo Rasuulli Lubbuun jiruu isiin duutee gara Aakhiraa godaante.
• Hijraarraa Bara 4ffaa keessa Umrii isii amata 30 tti aakhiramtee Madiinatti duutee.
• Rasuulli Rabbii Salaata janaazaa isiirratti salaatee Qabrii sahaabootaa beekkamtuu Biyya Madiinaa keessatti arkamtu tan maqaan isii Baqii’i ja’amtutti isii awwaalcha.
Rabbiin dalagaa kheeyrii isii hunda irraa haa jaalatuu.
• Obboleeyyan Kiyya seenaan tun bu’aa qabdi jettanii yoo yaaddan ifiifiis dubbisaatii eegasii obboleeyyan keessaniif Share godhaa kheeyrii tanarraa qooda fudhadhaa.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran.
By: Ibsaa Dhugaa
https://t.me/ibsaadhuga

Telegram
Ibsaa Dhugaa
Educational Channel
❤6👍2😁1
ilmaan Rasuulaa Meeqaatu Osoo Inni Lubbuun Jiruu Du’e ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Osoo Rasuulli Lubbuun jiruu ilmaan isaa Torban Keessaa Ja’aatu Isa Dura du’e. Isaaniis
1: Qaasim
2: Abdullaah
3: Ibraahim
4: Ruqayyaa
5: Zeeynab
6: Ummu Kulsuum
• Qaasim: Inni Osoo Rasuulli hin ergamin dura dhalatee joollumamatti osoo guddatee bakka hin gahin Makkatti du’e.
• Abdullaah : Erga Rasuulli Rabbii ergame booda dhalate Sababa saniif (Xaahir fii Xayyib) ykn Qulqullaawaa fii Gaarii jechuun yaaman. Absullaahiiniis daaimumma isaatti osoo Harma Luuguu hin dhaabin dura Makkatti du’e.
• Ibraahim : Inni xiqqoo guddatee eega amata tokkoo fii walakkaa gahe booda dhukkubsatee Madiinatti du’e.
• Ruqayyaa : Ruqayyaan Haadha Warra Sahaabticha beekkamaa kan osoo lubbuun jiruu jannataan gammachiifamee Usmaan Ibnu Affaan Turte. Hijraarraa Bara 2ffaa keessa duute. Isiin duunaan Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Usmaan Ibnu Affaaniif intala isaa Ummu Kulsuum kenneef. Usmaan Ibnu Affaan Radiyallaahu Anhu ilmaan Rasuulaa lama waan fuudheef (Zinnuureeyni) ykn Abbaa ifaa Lamaa ja’amuun Yaamamuu ture.
• Zeeynab : Isiin Haadha warraa Abil Aas Ibnu Rabii’i turte, Hijraarraa Bara 8ffaa Keessa duute.
• Ummul Kulsuum: isiiniis Haadha warraa Usmaan ibnu Affaan turte, obboleeytiin isii Ruqayyaan Usmaan jalaa duunaan Rasuulli isii Usmaaniif kenne, isiin ammoo Hijraarraa Bara 9ffaa keessa duute.
Hubachiisa:
ilmaan Rasuulaa keessaa tan eega Inni du’ee addunyaarraa gale isa booda duute Faaximaadha.
• Faaximaan haadha warraa Aliyyi Ibni Abii Xaalib akkasuma Haadha Hassanii fii Husseen turte, isiin irra caaltuu dubartoota addunyaa tanarratti Rabbiin uumeeti. Isiin Maatii rasuulaa tan eega rasuuli du’e booda itti aanee du’e keessaa tan jalqabaa turte.
•Yeroo Umriin isii 25 gahu Hijraarraa Bara 11ffaa zamana khilaafaa Abuu Bakru Siddiiq keessa duute.
Obboleeyyan Kiyya barreeffama kana erga dubbiftanii booda nama fayyada jattanii yoo yaaddan Share godhaa obbolleeyyan keessan hunda biraan naaf gayaa.
Waan dubbiftaniif galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran

❤11
Wantoota Gurguddoo Afur Tan Irraa Gaafatamuuf Teenyu !!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Hadiisa Sahiiha Abuu Zarri Rasuula keenayrraa odeeyse keessatti Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana ja’an “ Gabrichi Rabbii Guyyaa Qiyaamaa hanga waa Afur irraa gaafatamuu miilli isaa Rabbii duraa hin sossohuu ja’an” Hadiisa kana Tirmiiziitu Gabaase.
Wantoonni Afuran Irraa gaafatamuuf teenyu San :…….
1: Umrii Tee Maalirratti Fixxe ?
2: Beekkumsa Kee Maaliin Itti Hojjatte ?
3: Qabeenya Kee Eessaa fiddee eessatti baaste ?
4: Humna tee Maalirratti Fixxe ?
Rabbiin Warra wantoota asii olitti irraa dubbanne kana hunda tiiyfatee Guyyaa Qiyaamaa gaafii jajjabduu San Jalaa Nagaya bahu Nu Haa taasisuu.
Obboleeyyan kiyya barreffama kana ifiifiis dubbisaa, yoo nama fayyada jettanii yaaddan obboleeyyan keessan kan biraatiifiis Share godhaa.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa ; Jazaakumullaahu Kheeyran.

❤8👍8🥰4
HAQA MUSLIMNI TOKKO MUSLIMA BIRAA IRRAA QABU
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Hadiisa Abii Hureeyraan Rasuula Rabbii Irraa Nuuf Odeeyse Keessatti Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkam jechuun Dubbitan.
Muslimni tokko Muslimaa Biraa Irraa Haqa Haqa Jaha Qaba. Hadiisa kana Imaamu Muslimtu Nuuf Gabaase
1: Yeroo Arkite Salaamtaa Gaafachuu
2: Yeroo Si Afeere Afeerraa Isaaf Awwaachuu
3: Yeroo Si Gorse Gorsa Isaa Fudhachuu
4: Yeroo Haxxifatee Alhamdulillaah ja’e Duaaii Godhuufii
5: Yeroo Dhukkubsate Gaafachuu fii
6: Yeroo Due Gaggeessitee isa Awwaaluu
• Haqni gurguddaan Nuti akka obboleeyyan islaamaatti walirraa qabnu kanneen asii olitti tarteeffame kanaafii kan biraatiis hedduutu jira.
• Mee yoo arra durallee haqa kana guutuu dadhabne ammumarraa eegallee haqa Nuti akka obboleeyyaniitti walirraa qabnu kana hanga dandeenyeen namuutuu bakkaan haa geenye.
• Rabbiin Warra haqa kana hunda bakkaan gahee dirqama isaanirra jiru bahate nu haa taasisuu.
• Obboleeyyan kiyya barreeffama kana dubbisaatii yoo isinitti tole waliif raabsaa kheeyrii guddoo tanarraa qooda fudhadhaa.
Waan Dubbistaniif Hedduu Galatoomaa: Jazaakumullaahu Kheeyran

❤14
Torban Guyyaa Qiyaamaa Gaaddisa Arshii Jala Taa’an
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
“Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam, Guyyaa Qiyaamaa Guyyaa Gaaddisa Rabbii malee Gaaddisni biraa hin jirre, Rabbiin nama torba Gaaddisa isaa jala kaayaa Ja’e” Hadiisa Kana Bukhaarii fii Muslimtu Gabaase
Namoonni Torban saniis akka Armaan Gadii kana ….
1: Bulchaa Ykn Daanyaa Haqaan Nama Hogganu
2: Dargaggeessa Ibaadaa Rabbii Irratti Guddate
3: Nama Qalbiin isaa Masjiidatti Rarraatuu taate
4: Namoota lama kan Rabbumaaf Jecha wal jaalatee ammaas jaalaluma Rabbii sanirratti addaan bahe.
5: Gurbaa tokko kan dubartiin aangoo fii bareedina qabdu takka koottuu Badii natti dalagi jattee isa yaamtee, Ani Rabbiin sodaadha ja’ee jalaa dide.
6: Nama tokko kan dhokeessee sadaqaa kennate hanga waan harki mirgaa isaa kennitu harki biraa isaa hin beeynetti.
7: Nama Yeroo kophaa isaa taa’u Rabbi Yaadatee ijji isaa imimmaan Dhabgalaastu.
• Rabbiin Warra guyya San Gaaddisa isaa jala taa’u Irraa Nu Haa Taasisuu.
• Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran
By: Ibsaa Dhugaa
https://www.instagram.com/ibsaa_dhugaa/

❤20🥰1
Amata 14 Dura Guyyaa Akka Arraa !!!
Amata 14 dura Guyyaa Akka Arraa November 11/2011 maatii tiyyatti nagaya dhaammadhee Ethiopia keessaa Bahe. Umriin ilma namaa hin dhaabbattu, Guyyaan akka malee fiiga.
Eegaan biyyaa bahe kaniin dila kana ture natti hin fakkaatu ture, garuu guyyaan akka malee fiiga.
Bu’aa bahii jireenyaa hedduu booda dandamannee bakka arra irra jirru kana geenye. ilmi namaa yoo tattafatee waan lafaa kaheef galmaan gahuuf hojjate bakka yaade san numa gaha.
Gaafaan biyyaa bahu san dardara ajaa’ibaatiin ture 😂 arra ammoo akka malee manguddummaan miila natti fuutee jirti.
Mee Warri Biyya Ambaa keessa jirtan ……
Erga biyyaa baatan hangam geessan ?
Jireenyi Biyya ormaa maal fakkaata ?
Bu’aa Bahiin jireenyaa hoo akkami ?
Erga Biyyaa baate hangam takka jijjiiramte ?
Maal qabattee biyyatti deebi’uu barbaadda ?
Qabeenya moo, ilmoodha moo ilmiidha ?
Silaan biyyaa Deemuu baadhe jettee gaabbitee ni beeytaa ?
Eessaa kaatee eessa akka jirtu hin dagatin!
Galatoomaa

❤28😭1
Warra Osoo Lubbuun Jiranii Jannataan Gammachiifaman
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Rabbiin keenya Subhaanahuu Wata’aalaa ilma namaa uumee abbaa fedhe keessaa filata, Guyyaa fii halkan uumee sa’aa fedhe keessaa filata, ji’oota 12 uumee Afur irra caalchise akkasuma Ambiyoota hedduu ergee Rasuula keenya Nabi Muhammad Sallallaahu Aleeyhi Wasallam isaan hundarra caalchise.
Rasuulli Keenya Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Sahaaboota 10 osoo isaan Lubbuun jiranii Jannata Rabbiitiin isaan gammachiise. Isaaniis……
1: Abuu Bakru Siddiiq
2: Umar Ibnul Khaxxaab
3: Usmaan Ibnu Affaan
4: Aliyyi Ibni Abii Xaalib
5: Xalhaa Ibnu Ubeeydullaah
6: Zubeer Ibnal Awwaam
7: Abdurrahmaan Ibnu Oowf
8: Sa’aa Ibni Abii Waqqaas
9: Sa’iid Ibnu Zeeyd
10: Abuu Ubeeydaa Ibnul Jarraah
Radiyyaalahu Anhum Jamii’an : Rabbiin Isaan Hunda Toltuu Dalagaa isaanii irraa haa jaalatuu.
Hubachiisa: Isaa kurnan kana qofa osoo hin tahin Rasuulli Rabbii jireenya isaa keessatti sahaaboota biraatiis jannataan gammachiisee jira. Garuu jara kurnan Kana Rasuulli Rabbii Hadiisa tokko keessatti maqaa isaanii yaameeti jannataan isaan Gammachiise.
Rabbiin nutiis akka Warra kanaatti Rahmata Nuuf godhee jannataan Nu Haa Gammachiisuu.
Yoo isinitti tole dubbisaatii share godhaa kheeyrii tanarraa qooda fudhadhaa.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran

❤56👍24😁3