Humna Jaalalaa pinned «Lubbuu umrii malee gidirfamte. Waggaa hedduu dura miti. Yoo baay'ate waggaa 5 duradha. Bara sana mana barnootaa caatediraalaa Finfinnee naannoo piyaasaatti argamu tokkoon barsiisan ture. Barataa umriinsaa 17 hin guunne tokkon qaba. Roobeeraa jedhama. Ilma…»
Bubbee S1E18
Misirroo
Siitkoomiin Bubbee garamitti deemaa jira? Bubbee fi Jiituun gaa’ela dhaabbatan moo? Michuun akkam taati laata? Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa!
https://youtu.be/LTPnq2dNB9I?si=IHWVrXF9HvyuK3_K

YouTube
Bubbee S1E18 | Misirroo | 2026 | AMN Afaan Oromoo
Kun Siitkoomii Bubbee AMN PLUS'n qophaa'uun isin bira gahu dha! Har'a Kutaa 18ffaarra gaheera. Daawwadhaa! Waliif Qoodaa! #BubbeeSitcom #bubbee #hirkoo #BubbeeComedy #afanoromo_comedy #besintu #ethiopiancomedy #viral #oromo #SiitkoomiiBubbee #KoomeediiBubbee…
#AYYAANTUU
#Kutaa 1.
"Mi’aa Callisuu"
Waajjirri keenya ganama yeroo sa’aatiin 3:00 ta'u, sagalee namootaatiin guutama. Kompiitaroonni ni banamu. Nagaa wal gaafachuun, wal kabajuun, hunduu gara hojiisaatti seena.
Namni tokko tokko araada bunaa waan qabuuf dhuguutti kaata, kan biroon borsaasaa darbatee ariifatee hojiisaatti gad-taa'a. Guyyaan hojii akkuma guyyaa hojii kanbiraa si'aayinaan eegala. Garuu ani yeroo baay’ee wanta tokkon eega. Eenyudha beektu? Isheedha. Eenyudha isheen? Dr J'dha.
Ani sa’aatii isheen itti hojii seentu hin lakkaa'u. Gara balbala ilaalee 'har’a sa'aatii akkamii dhufti?' jedhee of gaafadhee hin taa’u.
Garuu yeroo namni balbala banee ol-seenu, ijikoo ofumaan gara achii ilaala. Yeroo tokko tokko nan arga. Gaaf-gaaf immoo hin argu. Isheen akkuma nama addaa tokkootti lafa raasaa seenti; yeroo biraa immoo calluma jettee suuta olgalti.
Isheen egaa Doktar Jaallanneedha. Garuu ani maqaa kana yeroo hunda hin fayyadamu. Ayyaantuu jedheen waama. Jaalloon maqaan sun maal akka ta’e hin beektu. Maalif akka ani maqaa kanaan waamu hin hubanne jedheen yaada. Anaaf garuu hiika bareedaa qaba.
Nyaata tokko keessatti mi’eessituun yeroo baay’ee ijaan hin mul’atu. Garuu yeroo keessaa dhabamu, namni nyaata sana sooratu wanti tokko akka hir’ate ni hubata. Isheenis akkasuma.
Yeroo isheen waajjiricha keessa jirtu, wanti addaa tokko jiraachuu isaa namni hundi hin hubatu. Ani garuu nan hubadha.
Hojii yammuu seentu yeroo baay’ee callistee hojjatti. Bilbila ishees yeroo hunda hin tuttuqxu, hariiroo namaa wajjinis hin baay'istu. Garuu addunyaa ishee keessa wanti ani hin beekne tokko waan jiru fakkaata.
Namoonni yeroo baay’ee waan namni dubbatu qofa ilaalu, sanumaanis nama madaalu. Ani garuu yeroo tokko tokko waan namni hin dubbannen ilaala. Ayyaantuun callistuudha. Callisuu ishee wanta kanbiraatti hiikuu hin danda’u. Jira mitii? Kophummaa jaallatti jedheen darba.
Yeroo namoonni hedduun bakka tokkootti walitti qabaman, isheen achi fagaattee golee teessi. Yeroo namni tokko haasa’uuf garashee dhufu, ni dhaggeeffatti; garuu ofii isheetii waa’ee dhuunfaashee dubbachuuf hin ariifattu.
Sababni isaa maal? Ani hin beeku. Yeroo tokko tokko waa’ee nama tokkoo beekuu jechuun gaaffii hedduu nama sana gaafachuudhaan miti. Maarree? Gabaabumatti gaaffii gaafachuu dhiisuudhaanis ni danda'aama.
Kanaafoo? Kanaafuu anis hin gaafadhu.
Maaliif kophaa ta’uu jaallatta?
Maaltu si mudate?
Maaliif yeroo baay’ee callista?
Gaaffileen kun hundi salphaa fakkaatu. Garuu namni tokko waan keessasaatti dhoksee jiraatu yoo qabaate, gaaffiinkee deebii isaa caalaa ulfaachuu danda’a. Ani daangaa ishee hin cabsu. Waan isheen ofii isheetiin naaf kennitu yookaan natti himtu qofan fudhadha.
Guyyaa tokko, waajjirri keenya baay’ee cal’isee ture. Namoonni muraasni hojii isaanii xumuruuf ariifachaa turan. Anis kompiitarakoo irrattin wanta tokko barreessaa ture.
Osoon barreessuu dhuftee na bira darbite. Xiqqoo achi siqxee dhaabatte. Suuta jettee na na ilaalte.
"Ati har’a waan baay’ee aarte fakkaatta ” naan jette. Anis ol-jedheen fuula ishee ilaale.
“Maal jechuudha? anuma kanatu aaree? ” jedheen bifa qoosaatiin gaafadhe.
"Eeyyee " jette humnumaan akka kolfuu taatee.
Anis “Maaliif garuu " jedheen gaaffiikoo futtaase.
Isheenis sagaleeshee ishee xiqqoo ol kaastee “Fuulli kee nama mootummaa wajjin wal lolaa jiru si fakkeesse ” naan jette.
Anis yoona kana kolfuun jalqabe.
Isheenis ni kolfite. Kolfi ishee garuu gabaabaa ture.
Akka nama waan guddaa haasa'etti osoo hin taane akka nama dubbii gabaabaa tokko dubbatetti gabaabsitee xumuruuf kaate.
Animmoo haasaanshee waan natti mi'aaweef “Ati hoo?” jedhee gaaffii sammuushee keessatti Uume.
“Ani maali?” naan jette.
“Atis yeroo hunda akkuma callistetti jirta ” jedheen mata-duree kenneef.
Isheeniis sekendii muraasaaf garakoo ilaalaa; “Yeroo hunda mitiim” jette. Akkas taanaan “Yoom callisuu dhiista?” jedheen gaaffii dabaleef.
“Yeroo namni sirriin na haasofsiisu ” naan jette.
Jecha kana qofa dubbattee garagaltee deemte. Ani garuu achumattin gogee hafe. Jecha gabaabaadhaan na hiitee sokkite.....

Maal jechuufin jedhe? Yeroo tokko tokko, jechi gabaabaan sammuu namaa keessatti bakka bal'aa qabachuu danda'a.
Yaa Uumaakoo " Yeroo namni sirriin na haasofsiisu " jechuun maal jechuudha? jedheen yeroo kuma tokko of gaafadhe. Namni sirriin eenyudha? Ani gamakootiin deebii isaa hin barbaadne. Yookaan tarii deebiisaa sodaachuunkoo hin hafne.
Osooma akka sanatti jirruu; guyyaa kan biraa iddoon taa'u dhuftee na taphachiifte. Waan akka ashaangulliitii xiqqoo tokko harka isheetti qabattee na bira dhufte.
“Kun kankeetii?” jettee seeqa xiqqoo mul'isaa na gaafatte.
Ajaayibsiifachaan gara ishee ilaale.
Ofirraa-baasa kolfaan “Lakkii ” jedheen gara fuula kompiitarakoo ilaale.
"Garuu kankee natti fakkaate " jechaa ijashee narraa buqqisuu didnaanin qaana'e.
Urgooftuu isheen dibattee jirtu dinqisiifachaan “Garuu maaliif naa gaafatte?” jennaan “Sababnisaa ashaangulliitiin kunis akkuma kee callisa jaallata ” jettee afaan na qabachiiste.
Xiqqoo tureen “Ati har’a maal dhugde?” jedhee teessumakoo sirreeffachaa garasheetti siqadhe.
“Maaliif?” jette gaaffiishee hin deebine ija jabinaan gaafachaa.
“Waan baay’ee dubbachaa jirta bar ” jedheen gaaffiishee yaadachiise.
Isheenis kolfaa; “Ati anaan yeroo baay'ee ni callista jetta; har’a immoo baay’ee dubbatte naan jetta qoosaankee hin quufamu ” jechaa dubbiinshee akka bitaa natti galu goote.
“Ati bar akka gaararraa jijjiiramta ” jedheen callisee deebiishee eege.
Ayyaantuu dubbiin hin dhibu; “Namni tokko yeroo hunda bifuma tokko, addunyaama tokko keessa jiraachuu qaba?” jettee na callisiiste. Gaaffii sana deebisuu hin dandeenye. Isheenis deebii narraa hin eegne. Na dhiistee achii deemte. Akka waan homaa hin taaneetti akkuma amalashee callisaan deemte. Garuu kun anaaf barumsa tokko ture.
Ergasii yeroo tokko tokko na waliin taphatti. Gaaf-gaaf na haasofsiisti. Yeroo kanbiraa immoo na kolfisiisti. Yeroo hin eegamnetti immoo gara callisuu isheetti deebiti.
Ani garuu yeroo hundumaa wanta tokkon isheerraa baradha. Namni callisu marti nama hunda irraa fagaachuu hin barbaadu. Namni kophummaa jaallatu hundi nama jibbe jechuu miti. Tarii namni tokko tokko namoota muraasa qofa biratti qalbii isaa banuu barbaada.
Ani waa’eeshee waan hedduu hin beeku. Seenaa ishee guutuus quba hin qabu. Waan ishee gammachiisu hundumaa hin beeku. Waan ishee gaddisiisu-illee wantan hubadhe hin qabu.
Sababni isheen kophummaa filatteef maal akka ta’e hin beeku. Garuu waan tokko nan beeka. Isheen kabajamtuu durbaati. Akkaataa isheen nama itti haasofsiistu,karaa isheen daangaa nama biraa itti kabajju, haala isheen yeroo tokko tokko namatti dhiyaattu, yeroo hin eegamnetti immoo akkaataa isheen gara callisuu isheetti itti deebitu....sochiinshee hundi anaaf hiika qaba.
Kanaaf ani ishee jijjiiruu hin barbaadu. Isheen akka namoota kaanii ta'uu hin barbaaddu. Akkuma amma jirtutti jiraachuunshee anaaf gahaadha.
Callistuu, Kophummaa kan jaallattu, yoo feete yeroo tokko tokko kan nama taphachiistu, yoo isheetti tole sitti haasa’uuf kan gara kee dhuftu, yeroo kaanimmoo kolfi ishee waajjiricha keessatti akka ifa xiqqoo tokkootti calaqqisee kan darbu, isheen Ayyaantuudha.
Ayyaantuu! Maqaa ati ofitti hin moggaasne yookaan akka kankee ta'uu hin barbaanne garuu nama biraa keessatti gammachuu addaa siif kennu. Maqaa kana maaliif akkan isheetti moggaase yoo isheen na gaafatte tarii kolfaa;
“Sababni isaa ati mi’eessituudha,” jechuu nan danda'a.
Isheen immoo:
“Maaliif?” jettee gaaffiishee ulfaataadhaan yoo na joonjessite, deebii hedduun qaba garuu hundasaa hin dubbadhu.
Tarii yoon akkas jedhee deebiseef akkasheen gaaffii cimaadhaan nan qorre abdiin qaba. “ Sababni-isaa…yeroo ati jirtu, guyyaan hojii akka durii hin ta’u.”
Maaltu beeka tarii kolfaa; “ati nama ajaa’ibaa dha” jetti yookaan immoo akkuma amalashee callisti.
Garuu ani waan tokkon beeka. Nyaatni tokko mi'aawaadha jedhamuuf mi’eessituun sun ijaan mul’achuu qaba jechuu miti. Namni tokko jireenya kee keessatti bakka qabaachuu isaa beekuufis, yeroo hunda maqaa jaalalaa isaaf kennuun hin barbaachisu.

❤5
Yeroo tokko tokko maqaan tokko qofti ga’aadha. Anaaf immoo maqaan sun Ayyaantuudha.
Natti haatolu!
✍🏽 @abdimegersa
21/5/2025
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Natti haatolu!
✍🏽 @abdimegersa
21/5/2025
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
#AYYAANTUU
#Kutaa 2ffaa
#Balbala Isheen Cufatte.
Namni tokko tokko sitti dhiyaatee; garuu gara jireenya isaatti si affeeruu dhiisuu danda'a. Si waliin kolfee; garuu wanta isa kolfisiisu hunda sitti himuu dhiisuu mala. Ayyaantuun durba amala akkasii agarsiistu turte.
Ta'us guyyaa-guyyaatti wanti ani ishee irraa baradhu danuu ture. Garuu wantoota ani barachaa ture keessaa, inni tokko anaaf hunda caala. Isheen waan natti himuu hin barbaanne hedduu qabdi. Anis yammuun kana yeroo jalqabaatiif hubadhe, gaaffii itti aanu gaafachuu hin dandeenye.
Sababnisaa, namni tokko callisuunsaa waan dubbachuu hin dandeenyeef osoo hin taane yeroo tokko tokko waan dubbachuu hin barbaanneef ta'uu mala. Ayyaantuun immoo callisuu ishee keessatti waan hedduu eeggachaa turte.
Yeroo hojii booda gaafa bilbilaan haasofnu, haasaan keenya suuta jijjiiramaa dhufe.
Ana :"Oolmaan akkam? Har'a maaltu si gammachiise?”
Ishee :"Homaa wanti addaa hin jiru"
Ana :“Ati yeroo hunda ‘homaa hin jiru’ jetta.
Ishee :“Sababni isaa wanti hundi himamuu hin qabu.”
Ana : “Erga akkas ta'ee wanta natti himuu dandeessu natti himi.”
Ishee : “Ati immoo maalif waan hunda beekuu barbaadda?”
Ana : “Sababni isaa ati akka namoota kabiroo miti ”
Isheenis xiqqoo kolfaa;
“Ani nama akkamiiti?”
Ana : “ ati nama waan itti dhaga'aame keessaa walakkaallee hin dubbanneedha ”
Ishee :“Walakkaan akka hafes siif gala jechuudha?”
Ana : “Yeroo tokko tokko ”
Ishee “Yeroo tokko tokkohoo?”
Ana : “Na rakkisa.”
Ishee “Maalif?”
Ana : “Sababnisaa isati hin dubbanne waan si keessatti hafen yaaduu jalqaba ”
Isheenis yeroo muraasaaf callistee; sagalee ishee gadi-qabdee,
“Waan hafe sana yaaduun yeroo tokko tokko nama dogoggorsa, Abdi.” jettee haasaa jijjiirte.
Jecha gabaabaa sana booda mata duree kan-biraatti ceete. Ani garuu ishee wajjin hin ceene. Jecha ishee sana keessattin hafee ture. Tarii seenaa ani hin beekne qabdi ta'innaa? Tarii yookaan immoo anumatu waan hin jirre barbaadaa jira ta'a. Nan murteesse, gaafachuun dhiise.
Guyyaa tokko immoo waa'ee jireenya dhuunfaa isheen gaafadhe.
Ana :“Ati yeroo hojiirraa baatee galtu maalfaa hojjetta yookaan raawwatta?”
Ishee : “Waanuma namni kan biraan godhu.”
Ana : “Fakkeenyaaf?”
Ishee “Manattin gala.”
Ana : “Achii boodahoo?”
Ishee :“Calliseen mana tura.”
Ana : “Kophaakeemoo?”
Ishee :“Eeyyee.”
Ana :“Ati kophummaa kana baay'eema jaallatta ”
Isheenis ilkaanshee akka asheetaa toora galee taa'u basaq gootee,
“Atis akkasitti natti murteessite?”
Ana : “Haalakee ilaalee akkasumas amala ati natti agarsiiftu irraa ka'een kana dubbadhe ”
Ishee: “ Amala yookaan waan jireenya namarraa dubbiste qofaan guutummaatti murteessuun sirrii miti.”
Ana : “Egaa sirreeffama naaf kenni.”
Ishee : “Maaliif?”
Ana : “Akkan dogoggorakoo sirreessuuf.”
Ishee “Ati dogoggorakee sirreessuu caalaatti gaaffiikee dabaluu barbaadda.”
Anis keessakootti kolfeen;
“Dhugaa dubbachuuf, eeyyee yaadnikee sirriidha ” jedheen dogoggorakoo amane.
Isheenis akka seequu taatee; garuu sekendii muraasa booda sagaleen ishee jijjiirame. Anis akka rifachuun ta'e.
Ishee : “Abdi.”
Ana : “Hmm?”
Ishee : “Namni tokko kophaa jiraachuu filate jechuun nama jibbe jechuu miti.”
Ana : “Nan beeka.”
Ishee : “Namni tokko warra isatti dhiyoo jiranii wajjin haasa'uu dhiisuun isaas jibba hin agarsiisu.”
Ana : “Kan biraanoo?”
Ishee “Namni tokko namoota keessaa nama muraasa filachuu danda'a.”
Ana “Maaliif muraasa filata?”
Ishee: “Sababni isaa, nama hundumaatti of-ibsuun, of-agarsiisuun, eenyummaa ofii hubachiisuun nama dadhabsiisa.”
Sana-booda callistee bilbila tuttuquu Eegalte. Ani garuu waan tokkon hubadhe. Edaa Ayyaantuun namootarraa fagaattee osoo hin taane nama hundumaa biratti of eeggannoon jiraachaa turte.
An ishee sodaadhee callisnaan akkan haasa'uuf ijashee narratti dhiiste.
Anis garaakoo keessatti “ hiriyaa jaalalaa qabdaa?” jedheen hasaase. Gaaffiin kun sammuukoo keessatti hafe, arrabnikoo hin dubbanne. Sababnisaa, rifaatuun na weeraree ture. Sodaankoo deebii ishee caalaatti daangaa keessa ishee jiru tokko tuquun danda'a kan jedhuudha...

❤2
Isheen garuu akka nama yaadakoo dubbiseetti;
“Waan tokko na gaafachuu barbaaddee calliste, si qabeera” naan jette.
Ani kolfa gadhiisuu malee homaa hin jenne.
Ana :“Ati akkamitti beekta?”
Ishee :“Fuullikee ni dubbata.”
Ana : “Akkas taanaan maal si gaafachuu akkan barbaade beektakaa?”
Ishee : “Lakkii”
Ana : “Gaariidha!”
Ishee “Maalif?”
Ana : “Sababnisaa yoo beekte, deebii isaa natti himta jedheen yaada.”
Isheenis xiqqoo callistee;
“Tarii ani deebiisaa dubbachuu hin barbaadun ta'a.”
Ana : “Egaa akkas taanaan hin gaafadhu.”
Akka dinqisiifachuu taatee callistee fuulakoo ilaalaa;
“Galatoomi.”
Ana :“Maalif?”
Ishee “Waan tokko tokko gaafachuu dhiisuun kabaja agarsiisa.”
Jechishee kun na ajaayibe! Garuu wanti naaf gale yoo jiraate; isheen nama garashee dhufu hundaaf balbala hin bantu. Ta'us eenyu gara balbala sanaatti siquu akka qabu ofii isheetiin murteessiti.
Yeroo tokko tokko garuu miira ishee ilaaluun naaf salphaa ture. Gaaf-gaaf na waliin haasa'uu barbaaddi. Ija ishee irraa nan arga. Gaaffiis na gaafachuuf fedha qabdi. Haasaa tokko tokkos ofiisheen jalqabuu barbaaddi. Gaafa na argitu kolfuu amaleeffatteetti. Garuu akkuma namni yammuu tarkaanfii tokko fuulduratti tarkaanfachuuf ka'u of qusatutti, isheenis qabdee of-deebisti. Miirashee to'achuu yaalti.
Maaliif? kun Sodaa moo Of eeggannoodha? Yookaan iccitii ani hin beeknetu jira. Deebiin isaa ifa miti. Garuu waan tokko hubadheera. Isheen narraa fagaachuu hin barbaaddu; garuu daangaan wal-xaxaan tokko akka jiraatu barbaaddi jedheen yaaduu jalqabe.
Anis daangaa sana kabajeera. Sababni isaa; isheerratti dhiibbaa Uumuuf yaaluu caalaa, akka isheen nagaadhaan ofii-ishee taatee jiraattun barbaada.
Haasaan keenya itti fufee;
Ana : “Ati waa barreessuu nan jaalladha jettee turte miti?”
Ishee : “Eeyyee.”
Ana : “Ammahoo?”
Ishee : “Amma hin barreessu.”
Ana : “Maaliif dhiiste?”
Naaf hin galle malee gaaffiin kun miirashee jeeqeera. Ta'us deebii naaf kennuu hin dhiisne.
Ishee “Wanti ani barreessu hundi waan nama gammachiisu miti.”
Ana : “ Waan akka maalii barreessita?”
Ishee : “Tokko tokko nama sodaachisa.”
Anis gurra kenneefiin sirriitti dhaggeeffachuu jalqabe.
Ana : “Maaliif?”
Ishee : “Sababni isaa waan namni dubbachuu hin barbaannen barreessa.”
Ana : “Waan dhugaadha?”
Ishee : “Eeyyee yeroo tokko tokko.”
Ana : “Seenaakeetii?”
Isheenis asirratti deebii naaf hin kennine.
Anis " Ayyaantu seenaa nama kan-biraa barreessita?” jedheen gaafadhe.
Isheen ammallee callistee na ilaaluu fi takka immoo bilbilashee ilaaluu filatte.
Anis gaaffii kan-biraa isheetti hin daballe. Daqiiqaa muraasa booda garuu isheenis,
“ Namni bar waan barreessaa jiru addaan kutuu yookaan dhiisuu danda'a. Garuu sana jechuun wanti inni yaadu akka dhaabbatuuf jechuu miti. Wanta ani barreessu namni dubbisee rafuu dadhabuu danda'a. Akkas jechuun ani jireenya nama rifaasisun jiraadhe jechuu miti. Dhugaa dubbachuuf wantootan barreessu tokko tokko ofiiyyuu dubbisuu hin barbaadu "
Dubbiishee sana booda qoosuus kolfuus nan dhiise garuu itti fufee;
“Maaliif?” jedheen gaafadhe.
Isheenis “ Yeroo tokko tokko wanti ati barreessitu, iccitii yookaan ba'aa ati sammuukee keessa dhoksitee turte agarsiisa. Namni barreessu yeroo hunda miira gaarii qofa hin barreessu, Waan sodaate, waan dhokse, waan dagachuuf yaalu-illee barreessuu danda'a.”
Ayyaantuun callisuushee qofa miti, fuula namatti hin agarsiisne tokkos qabdi. Fuula sana keessa immoo yaadonni, seenaan akkasumas icciitii ani maqaa itti moggaasuu hin dandeenye hedduun jiraachuu danda'u. Seenaa ishee keessaa isa tokkotu akka isheen barreessitu godhee ture, akkasheen dhiistu kan godhe immoo seenaa kanbiraa ta'uu mala.
Callisaa fi tasgabbii Ayyaantuu duuba maaltu jira? Maatii akkamiitu ishee guddise? Jireenya akkamiitu ishee barsiise? Maaliif teessee nama hin hamattu? Maaliif namatti hin faraddu? Maaliif oduu namootaarraa fagaatti? Maaliif fageenya ishee eeggattee jiraatti?...

❤3
Gaaffileen kun anaaf deebii hin arganne turan. Deebiisaas argachuuf ariifachuu hin barbaanne. Sababnisaammoo,Ayyaantuun kitaaba ani fuula isaa hundumaa banuu qabu miti. Isheen kitaaba ani fuula tokko tokkoon eeggadhee dubbisuu qabu turte.
Guyyaa tokko, haasaa keenya gidduutti waa'een maqaa sun dhufe.
Ishee “Abdi.”
Ana “Ookoo?”
Ishee : “Maaliif Ayyaantuu naan jetta?”
Anis xiqqoo calliseen;
“ Maqaan sun sirraa bareeda sanaafidha”
Ishee : “Kun deebii miti.”
“Egaa deebii akkamii barbaadda?”
Fuulashee jijjiirtee “Deebii dhugaa.”
Anis yoona kana nan rifadhe, haasaatu naharkaa bade....
Kutaa 3ffaan itti fufa....

❤4
Humna Jaalalaa pinned «#AYYAANTUU #Kutaa 2ffaa #Balbala Isheen Cufatte. Namni tokko tokko sitti dhiyaatee; garuu gara jireenya isaatti si affeeruu dhiisuu danda'a. Si waliin kolfee; garuu wanta isa kolfisiisu hunda sitti himuu dhiisuu mala. Ayyaantuun durba amala akkasii agarsiistu…»
# AYYAANTUU
#Kutaa 3ffaa
#Sodaa Amantii!
Ana: Egaa dhugaasaa baruu barbaadda taanaan Ayyaantuu jechuun anaaf maqaa qofa miti.”
Ishee :“Egaa maaliree?”
Ana : “ Waan addaa ani nama tokko keessatti argedhas.”
Ishee : “Akkamitti? jechuun waan akkamii? ”
Ana : “Ati nama kanbiraa fakkaachuu hin yaaltu.”
Isheenis na ilaalaa; “Namni hundi akkasuma bar.”
Ana : “Lakkii. Namni hundi ofii isaa ta'uu hin danda'u.”
Ishee : “Atihoo?”
Ana : “Anis barachaan jira.”
Isheen kolfaa; “Deebiikee amma illee hin hubanne.”
Ana : “Hubachuun dirqama miti.”
Ishee : “Egaa maaliif maqaa kana filatte?”
Ana : " Sababni isaa ati yeroo baay'ee callisuu keetiin-illee waan baay'ee akkan baradhu na goota. Gaaf-gaaf kolfikee waan tokko dubbata. Yeroo kaan immoo fageenyikee waan kanbiraa haasa'a. Argamuunkee immoo bakka ati jirtuuf miidhaginaa fi simboodha, yeroo ati jirtu qilleensa nagaatu qilleensa'a.”
Isheen yeroo dheeraa na ilaalaa turtee; dhuma irratti suuta jette:
“Ati nama waan hundumaa hiikuuf yaaluudha.”
Deebiinkoo; “Ati immoo nama waan hundumaa dhoksuuf yaaltuudha.” kan jedhu ture.
Isheenis akka seequu taate; garuu yeroo sana kolfi ishee akka durii hin turre. Akka waan jechikoo lapheeshee tuqetti kolfishee rifaatuun kan wal make fakkaata ture.
Sagalee laafaadhaan “Galatoomi,” jette.
Ana : “Sababa maqaa sanaatiif?”
Ishee : “Eeyyee.”
Ana : “Maqicha jaallatte?”
Ishee : “Eeyyee jaalladheera.”
Anaaf maqaan Ayyaantuu jedhu hiika akkamii akka kennu sirriitti isheedhaaf hin ibsine. Tarii hiikni maqichaa jecha tokkoon kan ibsamee xumuramu waan hin taaneef ta'a. Yookaan, miidhaginni ani ishee keessatti arge maqaa tokkoon ibsamee dhumuu hin danda'u ta'a. Guyyaa sana wanti ani hubadhe; Ani maqaa isheef moggaasuukoo, Isheenimmoo maqaa sana jaallachuusheeti.
Garuu Doktar Jaallannee duuba seenaa guddaan tokko akka dhokatee jiru waanin beeku hin qabun ture. Haaluma kanaan ji'ootaaf akkuma amalashee takka narraa fagaachaa takkammoo natti dhiyaachaa waliin hojjechaa turre. Yeroo dheeraa booda garuu amalashee jijjiiraa, hariiroo na waliin qabdus guddisaa dhufte. Guyya-guyyaatti mata-duree garagaraa irratti na waliin haasofti. Dur isheetu callisa amma garuu dabareekoo callisuuf naaf gama. Yoo ani callise immoo na lolti. Ammoo Ayyaantuu jalaa callisuun hin danda'aamu, ijishee nama marara, haasaanshee ni mi'aawa, kolfishee osoo jiruu mukaa'uun waan hin yaadamneedha.
Hammuma baay'ee walitti dhiyaachaa deemnu dubbiin keenya gara waa'ee jireenya dhuunfaa keenyaatti ce'uu jalqabe.
Isheen waa'ee jireenya dhuunfaakoo na gaafachuu jalqabde.
Ganama tokko osoo buna waliin dhugnuu; “Ati akkami garuu? Maatiinkee nagaasaaniitii?” jechuudhaan haasaa jalqabde. Anis gabaabseen haala maatiikoo itti hime. Callistee na dhaggeeffachaa, gaaffii kan biraa na gaafatte.
Ishee: “Ati kanaan dura hariiroo jaalalaa keessa turte?”
Gaaffiin sun isheedhaaf salphaa fakkaatus, anaaf salphaa hin turre.
Ani yeroo muraasaaf akka callisuu ta'een;
Ana: “Eeyyee hariiroo jaalalaa keessa tureera ”
Ishee: “Akkam ture?”
Anis haasa'uuf osoo natti ulfaatuu hafuura dheeraa baafachaa;
Ana: “Seenaansaa dheeraa dha ” jedheen deebiseef.
Isheenis kolfashee addaan kuttee, “Yoo barbaadde natti himuu dandeessa sin dhaggeeffadha.” naan jette.
Jecha 'yoo barbaadde' jedhu keessatti waan tokkotu naaf gale. Na hin dirqisiifne garuu akkan haasa'u yookaan dhiisuuf mirga naaf kennuusheeti.
Seenaa jaalalakoo kan kichuutti addaan cite suuta jedheen seenessuufii jalqabe.
Ana: “Maqaan ishee Urjii jedhama”
Isheen xiyyeeffannaan na ilaalaa turte; akka miirri haasaakoo guddatuuf ijashee narratti dhiiste. Itti fuftee;
“Urjii?”
Ana: “Eeyyee.”
Ishee: “Maal jechuu keeti?”
Ana: “Maqaa ishee Urjiidha.”
Xiqqoo callistee,
Ishee: “Imm..Egaa maaltu addaan isin baase?”
Gaaffiin ishee sun bakka ani yaadu hin barbaadnetti na geesse.
Ana: “Sababnisaa kana sana siin jechuu hin danda'u ”
Ishee: “Egaa?”
Ana: “Waan hedduutu wal-keessa makame.”
Ishee: “Baay'ee jaallattaa turte?”
Ani kolfuu hin dandeenye. Suutuma jedheen;
Ana: “Baay'ee.”
Isheen ammallee ijashee narraa hin buqqisne.....

❤1👍1
Gidduutti as ilaalaa achis ilaalaa;
“Isheenhoo si jaallatti turtee?” naan jette.
Gaaffii kana dhaga'uunkoo gara yaadannoo biraatti na deebise.
Ana: Eeyyee. Maal seete? dhiiraa fi durbi wal jaallachuu danda'u. Garuu yeroo hunda jaalalli qofti hariiroo isaan gidduu jiru baraaruuf gahaa miti.”
Isheen na ilaalaa turte. Callistee taa'uu waan dadhabde fakkaatti. Gaaffiin keessashee guutee; “imm..Maaliif akkas jechuu dandeesse?” naan jette.
Ana: “Sababnisaa jaalala keessatti Eenyummaa nama tokkoo kabajuu qofa osoo hin taane, waan namni sun itti amanu-illee kabajuun dirqama. Yeroo tokko tokko wanti ati itti amantu, waan namni ati jaallattu itti-amanu waliin walitti bu'uu danda'a.”
Ishee: “Kana jechuun isin walitti mufattanii turtan jechuudha?”
Ana: “Eeyyee.”
Ishee: “Sana boodahoo?”
Ana: “Achiis wanti tokko tokko akka hin deebinetti cabe.”
Ishee: “Hariiroo keessanii?”
Ana: “Hariiroo qofa miti.”
Xiqqoo callisee, bunakoo habbuuqqachaa;
“Ana keessaas wanti tokko cabeera.”
Ayyaantuun yeroo sana sirriitti deebii ani kennuuf xiyyeeffannoon hordofaa turte.
Ishee: “Akkamitti?”
Anis sekendii muraasaaf deebii gaaffii kanaaf ta'u keessakoo barbaaduuf akka callisuun ta'e.
Ana: “Namni tokko yeroo nama baay'ee amanuun miidhamu, nama biraa amanuun isaaf salphaa hin ta'u.”
Isheen callistee mormashee raasaa akka haasaakootti waliigalte natti himte.
Ana: “ Bar ishee qofa miti kanin dhabe; wantan ishee waliin qabaachaa ture, amantiin isheerraa qabu, waan gara fuulduraatti waliin yaadne, karoora keenya... wanti hunduu yeroo tokko keessatti akka na harkaa citee dhangala'etti natti dhaga'ame.”
Ishee: “Ati baay'ee ishee amanta turte?”
Ana: “Eeyyee.”
Ishee: “Dhugaa?”
Ana: “Dhugaa Ofii koo caalaattin amanan ture.”
Yeroo sana ija ishee keessaa imimmaan gadi bu'uuf wal'aansoorra ture. Garuu of-qabde, dirqamaan miirashee to'atte..
Ani garuu dubbiikoon itti fufe.
Ana: “Miidhaansaa waan tokko qofa hin turre,Ayyaantu. Wanti si gubu nama tokko bifa kanaan dhabuu qofa miti; sana booda wantoota xixiqqoo-illee shakkuu jalqabda.”
Ishee: “Fakkeenyaaf?”
Ana: “Fakkeenyaaf erga akkasitti miidhamtee booda; dhiirri tokko yoo gaarummaa sitti agarsiise, ‘Maaliif akkas anaaf gaarii ta'e?’ jetta.”
Gidduutti isheen callistee waan ani haasa'u qofa dhaggeeffachuu itti fufte.
Ana: “Namni tokko hariiroo gaariidhaan yoo sitti dhiyaate, ‘Yoom na dhiisa?’ jetta.”
Sagaleenkoo xiqqoo gadi bu'eera. Garuu haasaakoo addaan hin kunne.
Ana: “Namni tokko yoo waadaa siif gale, ‘Dhuguma ni raawwatamoo?’ jetta.”
Osoon haasa'uu wanti na rifachiisu Uumame. Ayyaantuun imimmaan dhangalaasuu jalqabde. Hamma miirashee to'achuu dadhabdutti imimmaanofte.
Ishee: “Ati ammayyuu akkasitti yaadda?”
Anis deebii kennuuf sekendii natti hin fudhanne.
Ana: “Yeroo tokko tokko.”
Ishee: “Kanaaf jaalala irraa fagaachaa jirta jechuudha?”
Ana: “Eeyyee.”
Ishee: “Dubartii kanbiraa amanuun si sodaachisakaa?”
Anis akkumashee mataakoo suuta raaseen; “Eeyyee.” jedhee deebiseef.
Ayyaantuun daqiiqaa muraasaaf Ija ishee narraa kaastee, achi garagaltee hafuura dheeraa baafatte. Yeroo sana fuulashee irratti waan ani duraan argee hin beeknetu mul'ate. Akka nama waan guddaa tokko yaadaa jiruutti, akkasumas akka nama dhimma cimaa tokko dubbachuuf of qopheessaa jiruuti na ilaalaa;
Ishee: “Abdi, ani waanin sitti himun qaba.”
Ana: “Maal ture?”
Ishee: “Ani ogeettii fayyaati. Kana atis beekta. Garuu amma kanin si waliin haasa'aa jiru akka dokteera tokkootti miti.”
Anis akkan haasaasheetti walii-galaa jiru ijakoo isheerra gad-dhaabee fedhakoo itti agarsiisaan dhaggeeffadhe.
Ishee: “Ani akka hiriyaakoo tokkoottin si ilaalaa jira. Akka nama guyyaa guyyaan si argu tokkootti. Dhugaa dubbachuuf waa'eenkee na dhiphisa.”
Jechi sun keessakoo tuqe, jecha ani hin eegne ture.
Ana: “Waa'eenkoomoo? dhugaakeeti?”
Ishee: “Eeyyee dhugaakooti. Waan ati yaadannoo darbe keessa jiraachaa jirtu natti fakkaata.”
Ani ammallee callisuu malee deebii hin kennine. Isheen garuu dubbiishee itti fufte....

👍1
Ishee: “Ati nama tokko qofa waliin wal-lolaa hin jirtu. Nama tokko qofatti hin mufanne. Inumaayyuu yaadannoo nama sanaa wajjin wal-lolaa jirta.”
Ana: “Akkamitti akkasitti hubatte?”
Ishee: “ Akkan hubadhetti yeroo waa'eeshee dubbattu, sagaleenkee ni jijjiirama. Yeroo maqaanshee waamamu, akka nama seenaa darbe keessa deebi'ee jiraatuu taata.”
Ana: “Tarii sirrii ta'uu dandeessa ”
Ishee: “Ani sirrii ta'uukoo akkati yaaddu qofa hin barbaadu. Akka ati gaabbii fi Aarii sana keessaa baatun barbaada.”
Ana: “ Akkas taanaan...Ati maal na gargaaruu dandeessa?”
Ishee: “Ani guutummaatti madaakee kanarraa si fayyisuutti waadaa siif hin galu. Atis akka dokteerakeetti akka na ilaaltu hin barbaadu. Garuu akka hiriyaakeetti si dhaggeeffachuu nan danda'a.”
Ana: “Maaliif?”
Ishee: “Sababni isaa waa'eenkee na dhiphisa.”
Ani yeroo sanatti homaa hin dubbanne. Isheenis jecha sana irra deebi'uu hin barbaadne.
Ishee: “Ati yeroo tokko tokko namoota amanuu sodaachuukee natti himteetta. Garuu wanta tokko akkati hubattun barbaada.”
Ana: “Maalidha?”
Ishee: “Namni tokko si miidheera jechuun namni addunyaa kanarra jiru hundi si-miidha jechuu miti.”
Ana: “Sammuunkoo garuu akkasittiin na akeekkachiisa.”
Ishee: “Egaa sammuukee dhaggeeffadhu. Garuu waan inni jedhu hundumaa dhugaa hin se'in.”
Ana: “Akkamitti?”
Ishee: “Sodaankee dhugaa ta'uu danda'a. Garuu ragaa gahaa ta'uu hin danda'u.”
Jecha sana booda callistee wantan jedhu dhaggeeffachuuf yaaluu jalqabde. Ani garuu hin dubbanne, jechashee sanan irra deebi'ee sammuukoo keessatti dubbise malee.
Ishee: “Yeroo durbi haaraan tokko sitti dhiyaattu, amallishee yookaan eenyummaanshee jaalalleekee duraanii wajjin akka wal fakkaatutti hin amanin. Durba haaraa sana akka nama haaraatti ilaali. Yoo isheen siif amanamtuu taates ta'uu baattes, yeroo fi gochaanshee sitti ni mul'isa.”
Ana: “Amanamummaan sun yeroo dheeraa gaafata.”
Ishee: “Eeyyee. Kanaafuu atis ariifachuu hin qabdu.”
Ana: “Yoo amanuun na sodaachisehoo?”
Ishee: “Sodaankee akka battalatti baduuf of-hin dhiphisin. Suuta suutaan akka si keessaa bahuuf ofiif carraa kenni.”
Kana booda calliinsa guddaatu nu lamaan gidduutti Uumame. Yeroo sanatti dokteera na dura teessee na gorsaa jirtu osoo hin taane, dhuguma hiriyaakoo ta'uusheetu natti mul'ate, akkasitti natti dhaga'aame.
Nama dhiphinnikoo ishee dhiphisu, nama haasaakootiif deebii qopheessuu caalaatti na dhaggeeffachuuf fedha guddaa qabu, nama na dirqisiisuu hin barbaanne...isheen nama sanadha.
Yeroo sanatti yaadnikoo tamsa'ee ture. Tarii Ayyaantuun na gargaaruu barbaaddi turte ta'a; garuu maalif akka waa'eenkoo akkasitti ishee dhiphisu, osoon hin hubatin addaan baanee gara manaa deemne.
Kutaa 4ffaan itti fufa....

❤4👍1
Humna Jaalalaa pinned «# AYYAANTUU #Kutaa 3ffaa #Sodaa Amantii! Ana: Egaa dhugaasaa baruu barbaadda taanaan Ayyaantuu jechuun anaaf maqaa qofa miti.” Ishee :“Egaa maaliree?” Ana : “ Waan addaa ani nama tokko keessatti argedhas.” Ishee : “Akkamitti? jechuun waan akkamii?…»
#AYYAANTUU
#Kutaa 4ffaa
#Madaa Keenya, Seenaa Keenya!
Guyyaa sana addaan baanee gara manaatti yeroo deebinu, jechoonni Ayyaantuu sammuukoo keessa deddeebi'aa turan.
Yeroo “namni tokko si-miidheera jechuun namni lafa kanarra jiru hundi si-miidha jechuu miti.” jedhamu jecha salphaa fakkaata.
Garuu nama yeroo tokko amantii isaa guutuudhaan, humna isaa guutuudhaan jaallatee miidhameef, jechi akkanaa salphaa miti.
Halkan sana akka duraaniitti rafuu hin dandeenye. Gaaffiin tokkos sammuukoo keessa deddeebi'ee na qoraa ture.
Ayyaantuu maalif waa'eenkoo akkasitti ishee dhiphise? jedheen of-gaafachaa bule.
Akkumasaatti gangalachaa buleen ganamaan iddoo hojii deeme. Yeroon iddookoo taa'uuf deemu kolfaa natti dhufte. Yeroo seeqxu, ilkaan ishee keessaan ifni tokko waan na ilaalu natti fakkaata. Seeqni sun fuula ishee qofa hin miidhagsine; qalbiikoos dammaqseera. Akkuma yeroo kaanii baay'ee isheetti bareedeera. Ganama sana akka waan guyyaa kaleessaa nu gidduutti homaa Uumamee hin turreetti na simatte. Kolfishee amalashee ta'aa dhufullee, garuu ani akka duriitti ishee ilaaluun natti ulfaateera.
Sababnisaa; yeroo jalqabaatiif amalaa fi kolfashee duuba seenaan nama kanbiraa akka jiru hubadheen ture.
Hojjettoonni biiroo keenyaa hundi qalbii guutuudhaan yammuu hojiitti seenan, Ayyaantuun suuta jettee dhuftee na bira teesse.
Ishee: “ Akkam bulte? Har'ammoo ganamumaan callisteetta.”
Ana: “ Nagaa bultee? Situ na callisiisekaa.”
Ishee: “Akkamitti?”
Ana: “Jechootakee kaleessaan yaadaa jira.”
Isheen akkuma barame kolfaa;
Ishee: “Jechootakoo hundumaa yaadachuun hojiikee ta'aa jira miti?”
Ana: “Jechootakee tokko tokkohoo...”
Ishee: “Fakkeenyaaf isa kam?”
Anis ishee ilaalaa,
Ana: “Namni tokko si miidheera jechuun namni lafa kanarra jiru hundi si miidha jechuu miti.” isa jedhu.
Ayyaantuun yeroo muraasaaf callistee;
Ishee: “Sun sirriidha!”
Ana: “Har'a-illee yaadaan jira.”
Fuula-ishee irraa miirri kolfaa akka dimimmisaa'uu ta'ee,
Ishee: “Gaariidha.”
Ana: “Maalif akkas jette?”
Ishee: “ Namni sammuu gaarii qabu jechootakee keessatti ofii isaa argachuu qaba.”
Haasaa kana booda waan tokkon hubadhe. Ayyaantuun na gorsuu qofa osoo hin taane, na barsiisaas turte.
Garuu wanti isheen na barsiisaa jirtu beekumsa kitaaba irraa argatte qofa miti, kan jireenya ishee irraa barattes ni dabalata.
Guyyaa tokko gara galgalaa osoo hojii keenya xumuraa jirruu dhuftee haasaa eegalte. Anis miira gaariidhaan simadheen kabajaan waliin-dubbii jalqabe.
Ishee: “Ati na amantee seenaa Urjii natti himteetta.”
Ana: “Sirriidha.”
Ishee: “ Eeyyee..anis immoo si amanee waanin sitti himu tokkon qaba.”
Ani hojiikoo irraa ijakoo kaaseen xiyyeeffannoodhaan ishee ilaale.
Ana: “Waa'ee maaliiti?”
Isheenis xiqqoo itti yaaddee ijakoo keessa irra deddeebiin ilaalaa,
Ishee: “Anas wanti si mudate na mudateera.”
Ana: “Tole natti himuu dandeessa?”
Ishee: “Anis akkumakee nama tokko baay'ee amaneen ture”
Jechishee kun akka waan iddoo fagoo tokko irraa dhufee natti lallabamaa jiruutti natti dhaga'ame.
Ana: “Jaalalleekee ture?”
Ishee: “Eeyyee. Eebbaa jedhama. Akkuma maqaasaa nama eebbifamaa ture.”
Yeroo sana isheen fuula koo ilaalaa hin turre. Ijasheetiin qaaritee ilaalaa, akka nama fagoo ilaalaa jiruutti dubbachuu itti fufte.
Ishee: “Mana amantii keessatti wal-barre.”
Ana: “Baay'ee wal jaallattanii turtan?”
Ayyaantuun suuta jettee mataa ishee raaste malee gaaffii kana deebisuuf hin ariifanne. Garuu afaan keessa qaqqabachaa;
Ishee: “Baay'ee.”
Xiqqoo callistee,
Ishee: “Jaalala keenyatti amanuurra darbee isas nan amanan ture. Innis ammoo na amana jedheen yaadan ture.”
Ana: “Waggoota meeqaaf waliin turtan?”
Ishee: “Waggoota hedduudha.”
Callisashee keessa waan gadditu natti fakkaatullee; sagaleen ishee hin hoollanne, ijashees imimmaanni hin guunne, Aariinshees fuulasheerraa hin mul'anne ture.
Garuu jechoota ishee keessatti ulfaatinni waggoota sanaa ni dhaga'ama ture.
Ishee: “Gaa'ela ijaarrachuuf karoora qabna turre. Waan baay'ee waliin kaayyeffanne. Galma keenya, jireenya akkamii akka ijaarru, akkamitti maatii akka horannu... yaadannoo hedduu qabna.”

Anis calliseeman dhaggeeffadhe; jechi narkaa badee haasaa afaansheerraa bahu qofan eeguu jalqabe.
Ishee: “ Wanti dabarsines, wanti dhugaa ture sun hunduu hafee... guyyaa tokko na dhiisee deeme.”
Ana: “Akkuma kankootii jechuudha?”
Ni kolfite,garuu kolfi sun kolfa gammachuu qabu hin turre.
Ishee: “Jireenyi yeroo tokko tokko gaaffii ‘maaliif?’ jedhuuf deebii hin kennu.”
Ana: “Dhugaadha..garuu akkamitti dandamatte?”
Isheen yeroo muraasaaf gara suuraa compitarakoo irra jiruu ilaalaa,
Ishee: “Jalqaba jireenyakoo keessaa wanta hunda waanin dhabe natti fakkaatee ture.”
Ana: “Ammahoo?”
Ishee: “Amma waan tokko hubadheera.”
Ana: “Natti himuu dandeessa?”
Ishee: “Nama tokko dhabuu fi ofiikee dhabuun wal fakkaachuu danda'a. Garuu lamaan isaanii garagaradha.”
Jechi sun iddoon jirutti akkan dhaabbadhee of-ilaalu na godhe.
Isheen itti fuftee;
Ishee: “Ani waa'eesaa wantan gaabbee hin qabu.”
Ana: “Aariis hin qabdu?”
Ishee: “Lakkii.”
Ana: “Akkamitti?”
Ishee: “Sababnisaa, waan inni na godheef bara jireenyakoo guutuu isa abaaruun, madaakoo banaatti dhiisuudhaan wal hin caalu.”
Nan callise. Isheen garuu suuta jettee itti dabaltеe akkas jette:
Ishee: “Namni tokko si dhiisee deeme jechuun wanti gaariin ati isa waliin dabarsite hundi soba ture jechuu miti.”
Jecha sana dhaga'ee kallattiidhaan hariirookoo fi kan Yeroonin yaadadhe. Garuu yeroo kanatti waa'eeshee qofa hin yaadne, dhaabbadheen ofiikoo ilaale.
Ayyaantuun akka barnoota naaf ta'uuf seenaa hiriyaa ishee tokkoo natti himte.
Ishee: “Hiriyaa dhiiraa tokkon qaban ture. Baran mooraa yuunivarsitii ture waliin baranne.”
Ana: “Ammahoo?”
Ishee: “Amma-illee wal iyyaafanna.”
Ana: “Seenaansaa maal ture?”
Isheen: “Innis akkumakee shamarree tokko jaallatee miidhame. Jaalalli isaan gidduu ture erga addaan citee booda, yeroo dheeraaf shamarree sana dagachuu hin dandeenye ture. Isheerraan kan hafe dubartii kanbiraan gara jireenyakoo seenuu hin dandeessu jedhee amana ture.”
Ana: “Akkumakoo jechuudha?”
Isheen: “Eeyyee. Haallisaa kankeetiin baay'ee wal-fakkaata.”
Anis xiqqoo kolfuu yaaleen;
Ana: “Xumurrisaa maal ta'e?”
Ishee: “Guyyaa tokko dubartii gaarii tokko argate.”
Ana: “Sababasheetiin madaasaa irraanfate jechuukeeti?”
Ishee: “Lakkii. Madaasaa dafee hin daganne. Garuu dubartii haaraa argachuunsaa waan tokko isa barsiiseera.”
Ana: “Maal isa barsiise?”
Isheen: “Madaakee waliin nama haaraa simachuu dandeessa. Namni tokko si miidheera jechuun namni yeroo itti aanu si mudatus si madeessa jechuu miti ”
Ana: “Haata'u malee sodaan ni jira.”
Ishee: “Eeyyee. Sodaan jiraachuu danda'a.”
Ana: “Egaa yoo maal goone wayya?”
Ishee: “Sodaa sanaaf bakka malu ni kennitaaf. Garuu teessookee guutuu hin kennitu.”
Jechashee baay'een jaalladhe. Jecha gabaabaa barnoota dheeraa qabu. Sodaakeetiif bakka kenni; garuu teessoo kee guutuu hin kennin.
Gidduutti garuu wantan hin eegne natti dubbachuu jalqabde.
Ishee: “Abdi, Urjiinis yeroo ulfaataa dabarsaa jiraachuu dandeessi ”
Ana: “Akkamitti? maal jechuudha?”
Ishee: “Ati seenaa ishee keessaa isa isheen si miite qofa yaadatta. Garuu dhugaa ishee keessa ture hundumaa beekta?”
Ana: “Lakkii.”
Ishee: “Kanaafuu isheetti hin faradin.”
Ana: “Maal jechuu barbaadde?”
Ishee: “Namni tokko waan si miidheef, inni ofii isaatii hin miidhamne jechuu miti.”
Ani yeroo sana deebii hin deebisneef garuu aareen ture.
Ishee: “Kana jechuun isheen waan gaarii goote jechuu miti.”
Ana: “Nan beeka.”
Ishee: “Garuu yeroo tokko tokko nama tokko hubachuu jechuun, deebitee waa'eesaa yaaduu osoo hin taane, ati seenaa darbe sana keessatti hidhamtee hin hafne jechuudha.”
Haasaanshee naaf galeera, waan tokkos hubadheera. Dandamachuun seenaa nama si miidhee keessa deddeebi'aa ooluu osoo hin taane, dandamachuun wanti darbe tokko akka si bulchuuf aangoo kennuu dhiisuudha.
Ishee: “Abdi.”
Ana: “Hmm?”
Ishee: “Ati ammas sodaachaa jirta?”
Ana: “Maalin sodaadha?”
Ishee: “Nama amanuu.”
Ani asirratti deebii hin kennine.
Ayyaantuun garuu kolfitee,
Ishee: “Callisuunkee deebiidha.”
Ana: “Tarii.”
Ishee: “Anis sin ariifachiisu.”
Ana: “Maal jechuudha?”

Ishee: “Sababnisaa ani mataankoo nama amanuuf yeroo dheeraa fudhadheera.”
Ana: “Ati amma nama ni amanta?”
Isheenis xiqqoo itti yaaddee;
Ishee: “Eeyyee.”
Ana: “Eenyuun?”
Ijakoo keessa ilaalaa akka na rifachiisuu taate, garuu deebiishee dhaga'uufin jarjare.
Ishee: “Namoota tokko tokko.”
Ana: “Anahoo?”
Isheen kolfitee fuula ishee gara kallattii kanbiraatti deebifte.
Ishee: “ Gaaffii cimaa na gaafatte.”
Ana: “Deebiinsaahoo?”
Isheen: “Yeroosaatti ta'uu danda'a.”
Ana: “Ati wanti hundumtuu yeroosaatti ta'uu danda'a jetta.”
Ishee: “Ati immoo wanta hunda battalumatti beekuu barbaadda.”
Ana: “Sababnisaa ati iccitii baay'ee qabda.”
Isheen: “Iccitii miti.”
Ana: “Maaliree?”
Isheen: “Waan namni yeroo isaa eeggatee dubbachuu qabu.”
Achumaan callistee bilbilashee tuttuquu jalqabde. Garuu yeroo sana calliinsi ishee akka durii nan sodaachifne. Sababnisaa, calliinsashee ammaa keessatti ani fageenya qofa argaa hin jiru. Affeerraan tokko naaf godhamaa jira. Affeerraa gara jireenya isheetti suuta-suutaan na waamu. Garuu ani ammallee xiqqoo fagaadheen jira.
Ishee: “Abdi.”
Ana: “Ookoo”
Ishee: “Dhimma guddaa tokkoofin si barbaada.”
Ana: “Maaltu ta'e?”
Isheen daftee deebii naaf hin kennine.
Ana: “Ayyaantuu?”
Ishee: “Amma miti, amma sitti hin himu ”
Ana: “Egaa yoomiree?”
Isheen: “ Gaafa yeroonsaa gahu.”
Ana: “Dhimmi sun maal akka ta'e mata-dureesaa qofa natti hin himtu?”
Ishee: “Lakkii.”
Ana: “Akkamittin halkan kana rafuu danda'aree?”
Ishee: “Ati waan baay'ee yaadda.”
Ana: “Ati immoo waan baay'ee dhoksaa jirta.”
Ishee: “Tarii.”
Ergasii nagaa natti dhaamtee waajjira keessaa baate. Ani achuma dhaabbadheen ishee ilaalaa hafe. “Dhimma guddaa tokkoofin si barbaada.” Jecha shan qofa ture. Garuu halkan sana, jechoota dhibba caalaa sammuukoo keessatti sagalee godhatee na rakkisaa bule.
Dhimmi sun maal ture? Maalif na barbaadde? Maaliif anaan barbaadde? Deebii tokkollee hin arganne. Wanti ani beeku garuu waan tokko qofa ture. Ayyaantuu isheen duraan callisaan daangaa ishee eeggattu sun, amma suuta suutaan balbala jireenya ishee naaf banuu jalqabdee jirti.
Ani garuu gara balbala sanaatti ol-seenuuf ammallee sodaan qaba.
Kutaa 5ffaa itti fufa...
Natti haa tolu!

❤4🔥1
Humna Jaalalaa pinned «#AYYAANTUU #Kutaa 4ffaa #Madaa Keenya, Seenaa Keenya! Guyyaa sana addaan baanee gara manaatti yeroo deebinu, jechoonni Ayyaantuu sammuukoo keessa deddeebi'aa turan. Yeroo “namni tokko si-miidheera jechuun namni lafa kanarra jiru hundi si-miidha jechuu…»
# AYYAANTUU
# Kutaa 5ffaa
17-8-2025, Finfinnee.
#Sekondii Tokko, Yaadannoo Dheeraa
————-
Guyyaansaa Kamisa ture, wanti tokko naaf hin galle malee ganamaa kaasee keessikoo na hoollachaa ture. Yeroo darbe Ayyaantuun, “Waanan sitti himu qaba,” naan jettee turte mitiiree? Jechi sun sammuukoo keessaa hin baane ture. Maal akka ta'e hin beeku; garuu akka jechi tokko afaan namaa keessaa osoo hin bahin dursee qalbii namaa keessatti ulfaatuutti, sunis sammuukoo weeraree ture.
Sa'aatii laaqanaatti osoon biiroo keessa taa'ee bilbilakoo fayyadamaa jiruu, Ayyaantuun hojiishee dhaabdee nabira dhufte. Hojjettoonni kaan laaqanaaf bahanii turan. Namni tokkollee biiroo keessa hin turre. Isheen kallattiidhumaan garakoo dhuftee iddoo ani taa'ee hojjedhu cinakoo taa'uu filatte.
Ani bilbilakoo irraa harka kaaseen isheetti garagale. Yeroo sanatti wantan fayyadamaa ture caalaatti argamuunshee barbaachisaa ta'ee natti mul'ate. Isheen garuu daftee hin haasofne, anis callisee dhaggeeffachuun filadhe.
Yeroo muraasaaf lamaanuun keenyaa akka nama waan tokko eegaa jirruutti wal-bira teenye. Ani garuu dubbiishee yeroo darbeen yaadadhe. “Waanan sitti himu qaba.” isasheen jette.
Tarii har'a isa sana natti himuuf dhuftee ta'a jedheen yaade garuu wanti isheen natti himuu barbaadde maal akka ture, yookaan akkamitti akka ta'e har'allee sirriitti hin yaadadhu.
Wanti ani sirriitti yaadadhu miira guyyaa sanaati. Miirri sun jecha caalaatti jabaa ture. Na bira taa'aa turuushee, ishee ilaalaa turuukoo, Isheenis na ilaalaa turuushee fi biiroon sun yeroo sana akka addunyaa irraa citee nu lamaan qofaaf qophaa'eetti mijachuusaan yaadadha.
Wanti ta'e tokko gidduu keenya ture. Maqaa isaa hin beeku. Garuu ulfaatinni isaa ni dhaga'ama. Akkamitti akka ta'e hin beeku. Eenyu akka jalqabellee hin yaadadhu. Garuu yeroo tokko... sardama wal dhunganne.
Taateen sun akkuma abjuu tokkootti ariifatee darbe. Osoon yaadakoo guutuu dubbadhee hin fixatin, osoo maal akka goonu hin murteessin, hidhiin keenya walitti dhufan. Sana booda nan rifadhe. Isheenis baay'ee naate.
Lamaanuun keenyayyuu akka waan daangaa tokko osoo nutti hin beekamin cabsinee ceeneetti wal ilaalaa turre. Garuu eenyutu daangaa sana cabse? Ana moo isheedha? Moo lamaan keenyadha? Anuu deebiisaa sirriitti hin beeku.
Sagaleekoo gadi buuseen: “Maaltu ta'ee ture?” jedheen kolfaa ishee gaafadhe.
Ayyaantuun battala deebii naaf hin kennine. Ija ishee narraa buqqiftee, sekondii muraasaaf kallattii jijjiirtee iddoo kanbiraa ilaalaa turte.
Ishee: “Anis waan ta'e hin beeku.”
Jecha ishee sana booda calliinsi nu gidduutti Uumame. Garuu calliinsi sun akka isa duraanii hin turre. Inni duraanii calliinsa,tasgabbii ture. Inni guyyaa sanaa garuu gaaffii ture.
Ana: “Eenyutu jalqabe?”
Isheen xiqqoo kolfuu yaaltee turte, garuu kolfishee guutuu hin taaneef.
Ishee: “Ati ni yaadattaa?”
Ana: “Lakkii.”
Ishee: “Anis.”
Lamaan keenyaayyuu xiqqoo seeqne. Garuu kolfi sun sodaa keenya dhoksuuf malee gammachuu keenya ibsuuf hin turre.
Tarii wal dinqisiifachuu keenyatu gara sanatti nu geessee laata? Tarii walitti dhiyaachuu barbaadne ta'a. Tarii immoo wal hammachuu barbaadne ta'innaa?
Yookaan immoo tarii yeroo dheeraadhaaf waan laphee keenya keessatti callisaan baachaa turre tokkotu, guyyaa sana dubbii tokko malee of ibse ta'a? Dhugaadha kana Waaqatu beeka.
Ani garuu waan tokkon hubadhe. Wal dhungachuun sun nu gammachiisuu bira darbee nu sodaachisuunsaa hin hafne. Sababnisaammoo lamaanuun keenyaa waan tokko sodaachaa turre. Sunis jaalalli akka nu gidduutti hin jalqabnedha.
Jaalalli yeroo tokko tokko akka ifa barii suuta suutaan kan mul'atu miti; yeroo tokko tokko akka qaanqee ibiddaatti bakka hin eegamnetti qabatee, namni ittiin gubatullee osoo hin beekin bal'achuu danda'a.
Nuti lamaan garuu ibidda sana hin barbaadne. Yookaan osooma barbaanneellee, maqaa itti kennuuf hin qophoofne. Kun jaalaladha jennee dubbachuuf qophii hin turre.
Yeroo sana yammuun ishee ilaalu ija ishee keessatti gammachuu qofa hin argine. Gaaffii, sodaa akkasumas wanta tokko hubachuu akkasheen barbaadaa turten arge...

Tarii isheenis akkumakoo gaaffiidhaan qoramaa “Amma booda maal taana?” jettee dhiphatteetti ta'a. Anis osoon gaafatamee deebii hin qabu. Isheenis hin qabdu.
Wanti nuti guyyaa sana dubbachuu dadhabne, waan afaaniin ibsamu caalaatti jabina qaba ture. Kanaafuu lamaanuun keenya ni callisne.
Walitti dhiyaannee turre. Garuu gara fuulduraatti tarkaanfachuuf sodaanneerra.
Yeroo tokko tokko dhiirri tokko dubartii tokkotti dhiyaachuun salphaa ta'uu danda'a; garuu dhiyaachuunsaa gara lapheesheetti seeneera jechuu miti. Lapheen namaa balbala cufame miti; humnaan banamuus hin danda'u. Durbi tokko onneeshee akka siif bantuuf; yeroon ati ishee waliin dabarsitu, akkaataa ati itti yaadashee dhaggeeffattu, akkaataa ati itti gammachuu fi gaddashee hirmaattu, akkamitti akka daangaashee eegdu, akkamitti akka ati yeroo rakkinaatti ishee bira dhaabbattu baay'ee murteessaadha. Akkasumas jechakee gochaan mirkaneessuun dirqamadha. Jaalalli jecha miidhagaa qofa irraa hin ijaaramu; amala guyyaa guyyaan mul'atu irraa ijaarama. Kabajuu, dhaggeeffachuu, isheef obsuu, nama dhugaa ta'uufii, itti gaafatamummaakee bahachuu, gara-laafina qabaachuu, daangaashee sirriitti beekuu, akkasumas bakkashee buutee ishee hubachuu....
Ayyaantuu na bira turtus, an ishee bira jiraadhus garuu gidduu keenya sodaan akka keenyan manaatti dhaabbatee ture. Miirri yeroo sana ture; Wanta maqaa hin qabne, kan waadaa hin qabne, Jaalala jedhamees kan hin waamamne, garuu miira baay'ee sodaachisaa ta'e ture.
Guyyaa sana waan guddaa tokkotu nu gidduutti dhalate moo waan duraan turetu ifa ba'e? har'allee sirriitti hin beeku. Garuu waan tokko beeka. Sunis guyyaa sana jechi tokkoyyuu nu lamaan gidduutti hin dubbatamne; garuu calliinsi keenya waan hedduu dubbatee ture.
Gara fuulduraatti tarkaanfachuuf sodaanneerra, rifaatuunis nu dhiisuu dide. Eeyyee; tarii guyyaa sana jaalalli hin dhalanne ta'a. Tarii immoo dhalateera garuu maqaasaa jaalala jennee waamuu sodaanne ta'a.
Dhugaan haalamuu hin dandeenye garuu; guyyaa sana hidhiin keenya wal arguudhaan calliinsa keenya cabsaniiru; garuu lapheen keenya sodaa qaburraan kanka'e, afaanni keenya wanta Uumameef maqaa osoo hin kennin addaan bahuuf geenye.
Yeroo gargar ba'uuf kaanu, lamaan keenyayyuu namoota waan haaraa tokko hubatan fakkaanna. Garuu namni waan sana sagalee baasee dubbate hin turre. Ani calliseen gara balbalaa ilaale. Isheenis gara kallattii kanbiraa ilaalaa turte. Sekondii tokko keessatti wanti haaraan Uumame. Yeroo tokko tokko jireenyi namootaaf waan guddaa tokko kennuuf daqiiqaa dheeraa hin barbaadu. Sekendii tokko qofti gahaadha. Garuu sekendii sana booda, qalbiin namaa akka durii hin taatu.
Kutaa 6ffaan itti fufa...
Natti haatolu!
✍🏽@abdimegersa