Galmo Show
139 subscribers
79 photos
25 videos
21 links
Baga nagayaan gama Channel keenyaa dhuftan.🥰🙏💝
Download Telegram
Liivarpuul yeroo amma kana leenjisaa haarawaa Arne Slot jalatti tapha bareedaa fi hawwataa nu daawwachiisa jiru kana ijaaruu keessatti qoodni leenjisaa jaallatamaa fi kabajamaa Liivarpuul duraanii kan tahan Yergaan Kiloopp baayyee guddaadha,kanaaf deeggartootni liivarpuul leenjisaa akkanatti Kilabaa ijaaree leenjisaa isa boodaa dhufuuf hojjii mana irraa xiqqeesse adeemuu isaatiif yeroo hundumaa galateeffachuu qabu.
Yeroo akkana jedhu Kilabichi waan hundumaa guuttatee ijaaramee jira jechuu kootii miti hanqinni jiru akkumaa jiruutti ta'e jechuu kootii.

Leenjisaa dandeettii garee ijaaramee jiru kana sirriitti itti fayydamuu danda’u fi tooftaa tapha Liivarpuul duraanii irratti yaadaa isaa itti dabaluun itti fufsiisuu barbaadani fiduu keessatti gahe hoji gaggeessaa FSG keessatti itti gaafatama dhimmoota kubbaa Miilaa kantahan yookaan immoo CEO Maayikeel Edwaards,fi daayreektarri ispoortii Liivarpuul kan ta'e Riichaard Hughes, dinqisiifannaa guddaa godhamuufi qaba akkasumas immoo yeroo hundumaa galateeffamuu qabu.

Namoonni tokko leenjisaa Arne Isot Kilabaa ijaaramee jirutti dhufe jedhu dhugaadha,kana isaas ta'e nutis sirriitti amanamne jirra.
Haa ta'u malee akkaataan inni hanqinoota jirataniif furmaataa keessoodha itti barbaaddachuun itti fayyadamaa jiru fi taphattoota akka dhuunfaattis fooyyeessaa jiru akkasumas immoo akkaataa inni taphattoota itti madaqsuu dinqisiifachuu dhiisuun immoo gaarii ta'e nati hin muldhatuu.

Leenjisaa Arne Islot jalqabiin isa gaarii te illee, ammallee qormaanni hedduu fuulduraa isaa akka jiru ni beekamaa ,ha ta'u malee Hanga amma arginetti jechuun taphoota dorgommii duraa(pre season) fi tapha idilee Piriimeerliigii Ingilaandi sadii irratti ilaalti immoo fuul-durii isa waan abdii qabu fakkaata.
Dhummarrattis immoo leenjisaan kun mallattoolee leenjisoota ciccimoo qaban akka qabu irraa ni muldhataa .
Hanga ammatti gaariii jira gara fuul-duraatti akkam taha laata? Akksumaas immoo akkanumatti itti fufa moo tari ni rakkataa laata? gaaffiiwwaan kana fi kan kana fakkaataaniif yeroon kan nuuf deebisuu ta'a !!!!
🔥🔥 Waraana Taaktikaa (Tactical battle)

Tapha jalqabaa Anfielditti taphatame irratti Nuunnoo Ispiriintoo saantoon taphattoota fuulduraa qarqaraa baay'ee saffisoo fi sodaachisoo ta'an 2'n Ellanga fi Odoi hanga daqiiqaa 60'tti teessoo jijjiirraa irra tursiise.

Kun ammoo ta'e jedhamee utuu hin taane waan itti yaadamee godhameedha.

Liivarpuul kilaba injifachuuf taphatu waan ta'eef dirqama daqiiqaa sana booda humna qabu hundaan gara duraatti deemee taphata.

Sararri ittisaa qarqaraa 2'n (Fullbacks) Robertson fi Biraadliinis gara fuulduraa adeemuun dhiibbaa uumuu keessa seenu. Fuuldurri Liivarpuul 6 ta'a. Taphattoota warra CB irraan kan hafe hundinuu final 3rd keessatti argamu. Sababa kanaa Duubni Liivarpuul ni haphata. Iddoo banaa ni argaama.

Yeroo kanatti taphattoonni fuulduraa qarqaraa saffisoon kun Counter attack 'n haleellaa Liivarpuul irratti gaafa banan qaamni isaan dhaabu hin jiru.

Tooftaan isaan itti fayyadaman kun dirree ulfaataa akka abiddaatti si bilcheessu Anfield irraa qabxii 3 guduunfatanii har'a sadarkaa 3ffaa irra akka taa'aniif isaan qarqaareera.

Har'as Saantoon tooftaa akkasii fayyadamuu danda'u ni ilaalla. Garuu Arne Slot fi taphattoonni Liivarpuul yeroo gara duraatti adeeman Space duuba isaanii jiru akka hin ballanneef of eeggannaa gochuu qabu.

Kanaaf har'as waraana Taaktikaa guddaa eegna.!!
Maalumaafuu kilaba guddicha England Liivarpuuliif carraa gaarii hawwina.!!
1
2
✍️Gareen koo akka inni kubbaa haleella (Attacking) irratti xiyyeeffannoo godhe taphatuun nan barbaada,'' jedhe Arne ISloot

✍️Leenjisaan olaanaa kilabii Merseyside Liivarpuul Arne ISloot gareen dorgommii itti aanuuf qopheessan garee Kubbaa ijaaruudhaan safisaan Haleelaa irratti xiyyeeffannoo cimaa gochuudhan duulaa cimaa akka taphatuu ibsaniiru jiru.

✍️Leenjisaan Arne ISloot yeroo jalqabaaf gaazexeessitoota waliin Durree Shaakalaa Liivarpuul keessatti wal arguun gaaffiiwwan gaafatamaniif deebii inni kennee akkasumaas yaadoota inni kaase keessaa muraasa akka armaan gaditti ha ilaaluu;-

✍️ Gareen ani leenjisu garee humna guddaa qabu fi haleellaa irratti hundaa'uun kubbaa miilaa akka taphatu nan barbaada.

✍️Liigii kana keessatti leenjisaa ta'e yeroon leenjisuu fooyyaa’insaa agarsiisuu qaba,sababni isaas gareen hundinuu foyya’aa jira,wonni akkana uumamuun Liigota gurguddaa kessatti waan baratama ta’edha.

✍️ Leenjisaa Jurgeen Kilooppii waliin yeroo hedduu haasa'een ture garuu ammas nu waliin jira,wanti inni waa'ee koo deeggartoota fuul-duraatti sirbe waan adda ture.

✍️Taphattoonni gurguddoon waancaa injifachuu barbaadu, Mohaammad Saalaa fi Vaan Daayikiis nu waliin ammas irraa deebi'un waancaa injifachuu barbaadu." Jechuudhan dubbataniiru.

✍️Akkaataan Arne Isloot itti leenjisuu fi yaadni inni tooftalee(Tactic) irratti qabu maal fakkaata kan jedhu immoo akka armaan gaditti ha ilaaluu:-

✍️Yeroo baayyee dirree keessa fiigdan ni dadhabduu utuu hin taane cimaa adeemtuu jechuudhan taphattoota isaanii kakaasudhaan beekamuu.

✍️Gareen isaanii yoo kubbaan taphattoota Kilabaa faalladhaan harka fudhatame sakondii 40 keessatti deebistanii irraa fudhachuu ykn harka buufachuu qabdu ejjannoo jedhu qabu.

✍️Ittisni kan inni jalqabuu fuul-duraa irraayyi yaada jedhu qabu ,akkasumaas immoo Kilabni isaanii Naannoo Goolii isaa irraa meetira 49 fuul-duraatti siqee akka ittisuu jalqabuu leenjisaa barbaaduudha.

✍️Ittisuun gahe taphattoota sarara ittisaa irratti taphataan qofa utuu hin taane, gurmuun ittisuu akkasumas immoo gurmuun gara fuul-duraatti haleeluu qabdu yaada jedhu qabu.

✍️Yeroo taphattootaaf ergawwaan tooftalee dabarsuu kara iftoominaa fi ifa ta'e taphootaa isaaf dabarsuu.
Ergaan ati dabarfatu keessa parsentii 60 yaada ergaa sana yoo ta'u, Parsentiin 40 n immoo akkaataa ittiin ergaa sana dabarfatuudha yaada jedhu qabu.

✍️Akkaataan tooftaan Arne Isloot taphattootni isaanii miidhamaaf hin saxilamneef taasisaaan immoo hedduu nama aja’ibsiisa ,inni yeroo taphattoota isaanii shaakalaa hojjachiisaan Dirree baldhinni isaa meetira 40 hin caale keessatti akka hojjataan taasisuu.
Shaakalaa taphattoota kudhatokko fi kudhatokkon wolitti fiduun hojatamu hedduu balaaleffatu,sababni isaas taphattoota miidhaa ulfata saxilamuu danda’u waan jedhanii yaadaniif.

✍️Arne Isoot taphattoota dargaayyiif carraa kennuun beekamu,akkasumas taphattoota fooyyessuu keessatti ciminaa guddaa akka qaban hojjii inni duraan hojjatee ,irraa kahuudhaan dinqisiifna guddaa leenjisaa argatee jirudha.
Reis Mohammed AbaFita
1👍1
1