Gadaa Media Service (GMS)
339 subscribers
55 photos
1 file
24 links
Qophiilee Keenya
πŸ‘‰Qophii ispoortii
πŸ‘‰Xiinsammuu
πŸ‘‰Walaloo
πŸ‘‰Qoosaa
πŸ‘‰Gorsa
πŸ‘‰Xiinxala
Beeksisa
πŸ‘‰Paartiin Keenya dhugaa!
πŸ‘‰Falmaan Keenya haqa!
Join godhaa
Download Telegram
Gudunfaa tapha Piriimeerliigii Ingilaandi Torbee 1'ffaa.

πŸ₯¦Tapha torbee kanaatiin kilaboonni 10 qabxii Sadii (3) dhabuun yoo moo'aman, kilaboonni Sadii immoo qabxii Sadii (3) argachuun garee faallaa Isaanii moo'ataniiru. Torbee kanaan qabxii qooddachuu waan jedhamu hin jiru.

🏐Baniinsa bara dorgommii 2021/22 Liigii Ingilaandiin Jimaata galgala Bireentifoordi dirree isaa Bireentifoordi Kommuniitii irratti Arsenaaliin simachuun goolii 2 fi 0' dhaan injifachuun xumurame. Galchicha Bireentifoordiif kan lakkoofsisan Seerjii Kaanoosii fi Kiristiyaan Noorgaardi ture.
🀝 Birentford 2:0 Arsenal

πŸ›‘Bifuma wal-fakkaatuun Sanbata taphoonni Torba dirreewwan biyyaattii adda addaa irratti taphatamaniiru. Maanchiister Yuunaaytid dirree Isaatti Kilaba Maarselloo Biyeelsaa simachuun reebee ofirraa gaggeesse. Kana jechuun goolii 5 fi 1'n moo'ate. Taphichaan Biruunoo Fernaandeez Sadeessoo (Hatrick) hojjetee jira. Erga Siir Aleksi Feergusan mana Maanchiister Yuunaaytidii deemanii booda Taphataa Sadeessoo (Hatrick) hojjete 2'ffaa jedhameera. Isa dura Antooniyoo Maarshaal bara dorgommii 2020/21tiin Sheefiildi Yuunaaytid irratti Sadeessoo (Hatrick) hojjeteera. Paawul Laableey Poogbaan kubbaawwan Afur (4) mijeessee kennuun taphataa dinqisiifatameedha. Maason Giruunwuud fi Paastar Fireed walitti gooliiwwan lama lakkofsisaniin warra milkii turani.
🀝Man. United 5:1Leeds United

🀝Saatii wal-fakkaataa 11:00 irraa kaasee taphoota Jahatu (6)'tu adeemsifame ture. Isa keessaa taphni darbii warra London Cheelsiin dirree Isaatti warra culullee (Kiristaal Paalaas) simate eegamaa ture. Cheelsiin galchii Maarkos Aloonsoo, Kiristiyaan Puulisiich fi Tireevoh Chalobaan galchaniin 3 fi 0' dhaan moo'ataniiru. Kiristiyaan Puulisiich Kiristaal Paalaas irratti galchii isaa 5n gaheera. Tireevoh Chalobaan taphataa umrii Xiqqaa Paawul Huuwis booda baniinsa Piriimeerliigii irratti Cheelsiif goolii galcheedha jedhame. Paatriik Viyeeraan milki-dhabeessa ture.
🀝 Chelsea 3:0 Cristal Palas

🏐Kilabni Magaalaa Liiverpuul, Eeverton Raafaayel Benetiziin durfamuun dirree isaanii Gudiisan Paarkitti Saawuthihaampitan wajjin falmatanii turani. Eeverton durfamuu irraa ka'uun galchii 3 fi 1'n moo'ataniiru. Eevertoniif galchii kan lakkoofsisan Riichaarlison, Dikkaawuree fi Kaalverti Leewiin turani.
🀝 Eeverton 3 :1 Southampton

πŸ₯¦Baarnileey dirree isaa Tarfi Mooritti Biraayitan Aalbi'ooniin simatee goolii 2 fi 1'n moo'ameera. Baarnileey daqiiqaa 2'tti galchii Tarkawuksiin dursa qabatanis, Daqiiqaa 73' fi 78'tti Biraayitaniif kan goolii galchan Niil Muuppaayii fi Aleeksis Maak Allister dha.
🀝 Burnley 1:2 Brighton

πŸ₯¦ Tapha biraatiin Leeysiisteer Siitiin Kiingi Paaworitti Woolverhaampitan waammachuun goolii Jaamis Vaardiin 1 fi 0' dhaan moo'ateera. Woolverhaampitan Erga Nuunoo Ispiriitoo Saantos gaggeessanii Biruunoo Laages fidanii tokko jedhanii moo'umsa jalqabaniiru.
🀝 Leicester 1:0 Wolves

πŸ’ΏKilabni Chaampiyoonshiippii irraa dhufe Waatfoordi dirree isaa Vikaareej Roodirratti Astoonvillaa simachuun goolii 3 fi 2'n moo'ateera. Gama Waatfoordiin goolii kan galchan Imaanu'eel Deennis, Ismeelaa Saar fi Juwaan Hernaandeez turani. Astoonvillaaf Johoon Miik Giinii fi Daanii Ingiis goolii 2 wal-duraa duubaan lakkofsisaniiru.
🀝Watford 3:2 Astonvilla

πŸ₯¦Chaampiyoonaan Chaampiyoonshiippii Ingilaandi Noorwiich Siitiin dirree isaa Kaarrow Rood irratti Liiverpuul simachuun goolii 3 fi 0'dhaan injifatameera. Liiverpuuliif warri galchii oomishan Diyegoo Jootaa, Rooberti Feermiinoo fi Mohaammad Saalaadha. Mohaammad Saalaan kubbaawwan Lama mijeesseera. Daani'eel Firaank milkii dhabeessa turani.
🀝Norwich 0:3 Liverpool

πŸ’­Dilbata kaleessaa Niwukaastil Yuunaaytid dirree isaa Jeemis Paarkitti Weestihaam Yuunaaytidiin simachuun goolii 2 fi 4'n moo'ameera. Niwukaastil Yuunaaytidiin daqiiqaa 5'tti Kaalluum Wiilsan dursummaa qabachiisee ture. Akkasumas goolii injifatamuu hin baraarre Jaakoob Muurfi galcheera. Goolii infannoo Weestihaamiif kan galchan Aaron Kireesweel, Sayid Bemrahama, Toomas Su'eek fi Mikaayel Antooniyoo ture.
🀝 Newcastle 2:4Westham

🏐Taph Torbee kana eegamaa tureen Tootnaahaam dirree Isaatti Maanchiister Siitii goolii 1 fi 0 dhaan moo'ateera. Galchii moo'ichaa Tootnaahaamiif kan galche Hiyuungi Miin Son ture. Gurbattiin kun galchii 7 Maanchiister Siitii irratti roobsuun Jaamis Vaardiitti aanuun (galchii 9'n) seenaa qabdi. Ammas Peep Gaardiyoolaan Ispiriitoo Saantosiin waan danda'e miti.
🀝 Totnaham 1:0 Man. City

πŸ’ͺ Fuul-Barruu kanaan, Afaan keessaniin odeeffannoo Ispoortii hordofaa! #Like_Comment_Share gochuun nu hordofaa!
*999*1*1*2*3*4*2#
Get 4Gb internet freely
Obboleessi Saadiyoo Maanee waan ajaa'ibaan mullate;jechuun lammii Seenegaal jechuumaaf.
Namichi addunyaarratti bakkalcha TikTok ta'e kun akka warra kaanii TikTok irratti osoo shubbisuu hin mul'atu. Qaamnisaayyuu shubbisaaf kan abboomamuuf hin fakkaatu.
Asoosama ykn diraamaa barreessee hojjetee agarsiisun qalbii hawwachuufis hin carraaqu. Sagaleefi akkaataa itti diraamaa warra kaan hojjetan akkeessuufis nama kufee ka'u miti.
Akkuma qoosaatti calliseedhuma gocha wal xaxaa dhala namaa qeeqa. Namoota addunyaarratti bakkalcha TikTok ta'an hunda caalaa sadarkaa lammaffaa irratti argama.
Hordoftoota miiliyoona 100 qaba. Lakkoofsi kunis Awurooppaatti tokkoffaa isa taasisa. Viidiyoowwan TikTok irratti maxxansuus baayyee salphaafi gabaaboodha.
Qeeqsi isaas kan haasaan guutaman miti, gochaan agarsiisa.
Viidiyoowwan namoota karaa walxaxaa ta'een hojii salphaa raawwatan agarsiisuun, ofiisaatiif wantuma sana karaa salphaa ta'een mul'isa.
Isaan booda harkasaa facaasuufi mormasaa sochoosuun xumura.


Akkaawwuntiin TikTok isaas hordoftoota miiliyoona 100 kan qabuufi yeroo biiliyoona 1.3 kan (Like) jaalatameedha.
Lakkoofsi kun osoo sadarkaa biyyaatiin ilaalamee lammiilee Yunaatidi Kingdamiitiin ol jechuudha.
Namoonni tokko tokkoos tarii sadarkaa Chaarliin qabate fudhachuu danda'a jechuun tilmaamu.
Nami kun eenyu? Maaliifis hammana beekame?
Kaabii Laamee kan dhalate biyya lixa Afriikaa taatee Seenegaaliitti. Amma kan jiraatu Xaaliyaan keessa.
TikTok bara 2020 keessa aappii namni hedduun buufate ta'e
Dargaggoon umurii waggaa 21 Kaabiin, TikTok fayyadamu kan eegale baatii Bitooteessaa 2020 keessa ture. Wayita Covid addunyaa mudate ture innis TikTok jalqabe.
Wayita Covid-19 mudateetti warshaa keessa hojjataa ture irraa gaggeeffame. Isaan boodas Kaabiin kallattiin gara maatiisaatti qajeele.
Hojii biraa barbaada jedhamee eegamulleen, inni garuu guyyaa guyyaan TikTok irratti viidiyoo maxxansuu eegale
Gudunfaafi yaada deggertootaa!

Qindoomina Cheelsii waan jettu si dhabsiisa.
Cheelsiin Baarseloonaa Bara 2015, 16, 17, 2018, fakkaata malee Cheelsiidha nama hinjechiisusu;garuu cheelsiidhuma.
Kubbaatu joonja'e;isa keessa fiigu miti isa tahee ilaaluufuu mata bowwuu guddaa ture.
Sagalee gazeexeessaa
Meendii -Aspilikeettaa-Kovaachaach-Joorjiinihoo-Ammas Aspiliikeettaa-Kovaachaach-Harveertez-Maarkos Aloonsoo-Ammas Reece Jeemsi dinqisiifachuun waan maluudha. Kubbattiin akka ajaa'ibaatti darbiti. Lukaakuun Jifataa cimaadha.
Kubbaa akka kanan saree bataskana lixxe taate iyya sagalee Reemeeloo luukaakuuu Lukaakuu... Dhiibboo baayyee danda'a.

Lukaakuun adda ture, dhiisi.
Taphataa cimaa taphichaa jedhamuun lukaakuu wal nama hingaafachiisu,lafa warra dhukaastoota sara gidduu hanga muka galchii Arseenaal Ragaadha.
Lafa miilli isaa hinejjatin,kubbaatu dhaqe taha malee keessuma naanna'e!
Rees jeemsiii ....rees Jeemsii score for the chelsea again,what incrideble it is !
Kubbaa mata dhukkubbii warra Arseenaal taate keessa Naannesse!
*
Galchii sadeessoo kubbaa Lukaakuu mataan qolate sunfaa eenyuunuu rifaasisa.
Ciisee oljedhee harka isaa facaasee galeeraaf hingallee natti himaa waan jedhe fakkaata.
Jedhees hinjenneesaa hinbeeku anis inuma natti fakkaate malee...
**
Xiinxaltootni kubbaa Miillaa Addunyaa Cheelsiif tilmaama guddaa laataniiru. Ciminnii fi qindoominni Toomaas Tuukeel Leenjistoota liigota Awurooppaa keessa jiran keessaa tokkoffaa akka ta'ee fi Cheelsiin kilaba Awurooppaa hundarrayyuu kilaba sodaachisaa akka ta'e tilmaamu. Kanammoo ragaadhaan kilabichi nu daawwachiisaa jira. Kubbaawwan daddabarsuu, Kubbaawwan of harka tursuu, caalmaa taphaa, zooniiwwan garee faallaatti deddeebi'uu, yaalii milkaa'aa taasisuu, dogoggoroota irraa walaboomuu, naamusa taphaa, tooftaa taphaa jijijjiiramaa, gababsanii lallachuu fi ittisaa dhiibuu ....
Itti fayyadama taphattootaa, kubbaawwan qusachuu fi gahumsawwan kkf...n kilaba duroomeedha.
*

Leenjisaa akkas ofitti amanu, tooftaa taphaa Liigii tokkoo kilaba tokoorratti kalaqee itti fayyadamu Tuucheel qofan arge. Ziyeech, Kaantee, Puulisiich, Chaalobaa, Weerneer lafa kaa'ee akka hin baratamnetti tapha dinqisiisaa nu daawwachiise.
Taphattoota filatee taphachuu mitii,taphattoota iyyuu garee Goolii eegaa Meendiin durfamuufi Arizaabalaagaan durfamu jedhee yoo adda baase kilaba kamiifuu mata bowwuudha.
Torban dhuftu ,Cheelsiin Liiverpool faana falmata.

**
Raajii kubbaa miilaa waliin ilaalla!
Taatee torban lachuu irratti taheen gareen Miikeel aarteettaa kutaa sarara gadii darbii 19 irra buburraaquutti jira.
Mikeeyeel Arteettaan gidduu kana arii'amuun isaa waan oolu miti. Torbee Maanchisteer Siitii wajjin falmata.
****
Yaada deggertoota cheelsii!
Taphi utuu hineegalin Kaleb Markos
Kaleb: Tapha 'Chelsea fi Arsenal' har'aa in ilaaltaa?
Eyasu: Taphattoonni Arseenaal Tole jedhanii dirree seenu jetteetuu!
Waan hinyaadamne akkaataa yaadamuun ibsee ture.
πŸ˜‚
****
Akkasumas Maqaan fb isaa Sabbona Oromo jedhamu Cheelsiin 2fi 0 injifata jechuun dhugaa jiru qacum godhee lafa kahe!
...
join our telegram channel
https://telegram.me/Gadaafactpress
Waltajjii Marii!

Deggertoota Maanchiisteer Yuunaaytidtu tapha Torbee 2'ffaa Saawuthaampitan dirree isaa St. Meeriiyisitti Maanchiisteer Yuunaaytid simateen mufatee ture. Keessattuu taphataa Biruunoo Fernaandeez irratti komii jabaa kaasani.

Garuu, Kilabni tokko jajamuufis ta'e tuffatamuuf wantoota deggertootni yeroo kam giddu-galeeffachuu qaban maali?

Garee tokko gaafa arrabsitus ta'e gaafammoo jajju waan Lama irratti hundaa'uu qabda. Innis, gahumsa kilaboota Lamaanuudha. Fakkeenyaaf, tapha Noorwiich Siitiin, Torbee 1'ffaa fi 2'ffaatti Liiverpuul fi Maanchister Siitii wajjin taphate fudhachuu dandeeya. Tapha Liiverpuul wajjin taphatan irratti jarri Simbirrootaa gahumsa Isaanii sanaan goolii 3 keessummeessani. Torbee 2'ffaatti Maanchiisteer Siitii keessummeessanii yandoo gooliidhaan reebamani. Asirratti gahumsi Noorwiich Siitii taphoota isaanii torbee Lamaan kanaan yoo madaalame kilaba kamiif iyyuu muka qoosaadha. Yeroo kana ta'utti kilaboonni kilaba kana faana taphatan gahumsi isaanii jajamuuf gahumsi Noorwiich Siitii murteessaadha.

Kilaba tokko gaafa gadi-buuftee komattu, gahumsi kilaba faallaa sun murteessaadha. Qaawwa kilaba faallaa tokko ilaaltee argitee, kilabichi immoo qaawwichatti hin fayyadamne taanaan komachuu dandeessa. Dogoggora gareen faallaa irra deddeebiidhaan uuman tokko argitee kilabni Ati deggertu sun itti hin fayyadamne taanaan ammas komadhu. Walumaa galatti, qaawwa kilabii faallaa tokko moo'amuuf saaxilu utuu hin argin kilaba tokko akkasumas taphataa tokko tuffachuun, kubbaa miillaa wallaaluudha.

Taphichaan Maanchister gahumsa bareedaa argisiisaniiru. Akka jaallataa kubbaa miillaa tokkotti taphataan "Gahumsa gaarii hin argisiifne" jedhu hinqabu; hunduu gahee isaanii bahataniiru. Haa ta'u garuu, akka rogeessa Ispoortii tokkootti Aantoonii Maarshaal taphichaan gahee isaa hinbahanne. Kun dhugaatti deeggertoota mufachiisuu danda'a. Galchiin luka Paastor Fireed tuqxee galte sunis baayyeema waan nama miiressu miti. Sababni isaa, ittisarra jirakaa!

Waa'ee Biruunootti yoon dhufe, Biruunoon isuma dheengaddaati; gahumsi isaas isuma dheengaddaati. Kanaafuu, gahumsa warra Saawuthihaampitan kan Liidsi Yuunaaytidii wajjin yoo wal-bira qabne baayyee gaarii ture. Keessattuu Ittisa irratti jarri qaawwa hinqabani. Kilaba ittisa irratti gahumsa gaarii qabuu wajjin immoo qixa bahuun mataan isaayyuu gahumsa tokkodha. Kanaafuu, rakkoon biraan hin jiru.
*
βœ…Kubbaan miilaa qindoomina taphattoota 11ti.
Deemsi yaa'iinsa isaa Karra-eegaatii qabee hanga jifatattiidha.
Namni immoo nama waan taheef gahuumsi isaa takka ni dabala, takkammoo ni hirrata.
"Biruunoo Feernaadez bara darbe mataarratti Yuunaayitid baate" yoo jenne soba miti.
Deggertoonni warra adii kun gocha ati gooteef daftee dagatti; boqonnaa namaan laattu.
Kilaabni Ingiliiz xiqqaanis guddaanis sodaatamaafi sodaachiisaadha.
**


βœ…Tapha garee tokkootiin leenjisaan haaraa gaafa raajii dalagu ilaaluu dandeessa.
Kubbaa Miilaa ajajaa (coach) bareeddi.
Eenyu eessatti fi yoom akka fayyadu gahumsa maadaaluun gahee leenjisaati.
Mee Cheelsii ilaali!

πŸ‘‰ Firaanki Laampaardi taphattoota guuree gara itti taphatu wallaalee sadarkaa gadiirraa burraaqu fidee Toomaas Tuukeel eessa akka kahe ilaali.
Kilaaba Pirimiirliigiitti gocha dhabe fidee Waancaa dureessotaa akkamitti "Qelem" akka godhe ilaaluu dandeessa!
Kubbaan miillaa, tapha miillaan taphatamu qofa osoo hintaane tapha sammuutisi.

Gama Maanchiisteer Yuunaaytiditti yoo deebinu, dhugumatti gahumsi Leenjisaa Oli Gunner Soolshiyeer baayyee gadi-bu'aa akka ta'e sitti hima. Fakkeenyaaf taphicha irratti leenjisichi hiriira taphattootaa fi taphataa gahumsa qabu hiriirsisuu irratti dadhabaa ture.

Fakkeenyaaf sarara gidduutti taphattoota amala ittisuu qaban (double pivot) irratti dogoggora tokko uumeera. Paawul Laableey Poogbaan amala bakka kanaa qaba (centeral defensive midfielder as the pivot) ta'ee tajaajila. Garuu, leenjisichi Poogbaa kan fayyadame bakka baallee bitaa (right Wing)tti fayyadame. Iskoot Miiktoominaayiin, sarara gidduutti micaa
dinqiidha. Garuu, ammas leenjisichi bakka Miiktoomiinaatti Nemaanjaa Maatiich fayyadame. Nemaanjaa Maatiich taphataa umriin deemeedha. Yeroo baayyeellee carraa hiriiruu hinqabu; taphataa teessoo jijjiirraa irra taa'uudha. Bakka kanatti Leenjisichi Miiktoomiinaa erga dhiisee Poogbaa fi Paastar Fireed sarara gidduutti wal-faana qindeessuu qaba. Yookiin immoo erga Poogbaa baallee bitaa irratti hiriirsee Miiktoomiinaa fi Fireed wal-faana qindeessuu qaba ture. Utuu kana godhees leenjisichi dogoggora milkii isaa danqu bakka taphataa jifataa irratti uumeera. Innis Aantonii Maarshaal akka (Forward striker true number 9)tti fayyadamuu isaati. Taphataan kun taphicha irratti gahumsa dadhabaa argisiisee jira. Gahumsuma taphataa 'Profitional'ii tokkorraa hin eegamne, taphataan Liigii gadii wayii argisiisuu danda'u argisiise. Kubbaa mokommoke hinqabu, kubbaa dabarse hinqabu, kubbaa gara gooliitti yaales hinqabu. Inumaayyuu taphattoota 10 qabatanii waan dirree seenan wayii fakkaatu jarri. Bakka gurbaa kanaatti egaa Eedisan Kaavaanii fayyadamuu qaba ture.

Leenjisicha jalaa taphataa fi bakka taphataan itti gahumsa isaa argisiisutu jalaa wal-dhahe.

Maanchiisteer Yuunaaytid taphataa bituu dhiisee, taphataa qabu seeraan hiriirsinaan Abbaa waancaawwanii ta'uuf gahaadha.

@[1052089671636969:274:Gadaa Sport Press]

Afaan Oromootiin!
ODUU JIJJIIRRAA TAPHATTOOTAA.

βœ… "Taphataan sarara fuul-duraa garee biyyoolessaa Faransaayii fi kilaba Paari-Siyeent-Jarman (PSG) Kiyiiliyaan Mebaappeen gara Ispeen kilana warra Loos Bilaankoos (Riyaal Maadriid) deemuu akka barbaadu odaaffadheera" jedha
#Fabrizio_Romano. Kiiliyaan Mebaappeen ganna dhuftu kana kontiraatni isaa waan dhumuuf, Kontiraata dabalataa kilabichi dhiheesseef kuffiseera. Carraa kanatti fayyadamuun Riyaal Maadriid gatii taphatichaaf baajata Paawundii Miliyoona 165 qopheesseera jedha.

βœ…Jijjiirraa biraatiin Maashiniin galchiiwwanii qe'ee warra Poorchugaal Kiristiyaanoo Ronaaldoon kilaba dureessicha Juuventuuz gadi-lakkisuufi jedhame. Qaawwa kana fayyadamuudhaan warri Lammiiwwanii (Maanchisteer Siitiin) jijjiirraa Haarii Keen milkeeffachuu kan dadhabe Kiristiyaanoo Ronaaldoo ofitti dabaluufi jedhame. Ammas garuu, warri Maanchisteer Siitii Haarii Keeniif carraa dhumaa ijibbaachuu barbaadu. Waa'ee Kiristiyaanoo Ronaaldoo irratti Faddaalli isaa Joorji Meendes gama Maanchisteeritti imaluun haasaa jalqabe jedha
#Fabrizio_Romano.

πŸ’ͺAandiree Roobertisan Liiverpuul wajjin Kontiraata dabalataa hanga 2026'tti Isa tursiisu mallatteesseera.

Gadaa Sport Press

Boonsaa Caalii tiin!

https://telegram.me/GadaamidiaService
Tokko jedhanii waliin taphachuu bara dhibba kudha sagaliifi torba kan eegalan Livarpuuliifi Cheelsiin guyyaa isaanii jalqabaa Cheelsiin 4fi 1 mo'us olee bulee Kilabni Livarpuul olaantummaa isaa gonfachaa dhufe.
Livarpuul caalaa Olaantummaa kan Cheelsii irratti qabu Ingilaandi keessaa hinjiru.
Walumaa gala tapha 188 yoo taphatan Livarpuul tapha 82 mo'ee tapha 65 injifatamee tapha 41 qixaan xummuree jira.
***
Xiinxala Maatii Gadaa πŸ‘‡
Cheelsiin egaa akkuma beekamu dirreen ala deemee falmata; Isayyuu dirree dadhabsiisaa fi deggertoota magaalaa Liiverpuul hunda walitti qabe Amfiildirooditti falmata. Dirreen kun baayyee ulfaatadha. Haa ta'u egaa:-

Ammatti Cheelsiin taphataa lakkoofsa 9, taphattoota Ittisa garee faallaa rakkisuu fi salphaatti darbuu danda'u argatee jira. Innis Roomeeroo Lukaakuudha (Gahumsa isaa dheengaddaatiin). Waan tokko beekuu qabna. Innis jarri Liiverpuul xiyyeeffannoon Isaanii guutummaan guutuutti Lukaakuu qabuudha. Akkuma baratame Jeergan Kiloop hiriira taphattootaa (4-3-3) qabatee dhufuu mala. Hiriira kanaan Joyeel Maatiippii fi Vergil Vaandaayiikiin wal-faana (Center Back) irratti fayyadama. Kana jechuun Lukaakuun kubbaa rukutuuf baayyee rakkata jechuudha. Egaa hojiin Isaanii inni guddaan Lukaakuu danquudha. Yeroo kanatti bakkeewwan mijatoon taphattoota Cheelsiif ni uumamu.
Asitti egaa Lukaakuun gahee tokko bahachuu qaba. Innis taphattoota rukutuu danda'an Kaay Haavertiiz, Maason Maawuntii fi Puulisiichiif( yoo bayyaannate) bakka bansiisuu fi kubbaawwan argatu mijeessuu qaba.

Cheelsiin tapha kanaan hiriira 3-4-2-1 yoo fayyadame taphattoota Sarara ittisaa amala fuul-diratti bahuu hinqabne, Aandiriyaas Kiristeensan (walakkeessa)tti, Qarqara mirgaatiin Seezaar Aspilikuweettaa akkasumas qarqara bitaatiin immoo Antoniyoo Ruudgeer fayyadamuu qaba. Sarara gidduutti immoo dugda-duuba qarqara Qoochoo mirgaatiin Riis Jaamsi fi dugda-duuba qarqara Qoochoo Bitaatiin immoo Maarkos Aloonsoo fayyadamuu qaba. Sarara gidduutti taphattoota amala ittisuu qaban sadan Cheelsiin qabu (Kaantee, Kovaasiich fi Jorjiinihoo) keessaa Kaanteef carraa dursaa kennuu qaba. Isa booda immoo Joorjinihoon immoo Kovaasiich irra ni wayya. Kanaafuu, Kaantee fi Jorjiinihoo ( Central defensive midfielder as the Double Pivot) irratti yoo fayyadame gaarii ta'a.

Taphacha irratti gahumsi Saadiyoo Maanee qarqara Qoochoo bitaatiin sodaachisaadha. Asitti dirqamni Riis Jaamsi olaanaadha. Riis Jaamsi taphataa dammaqaadha. Bakkeewwan biroollee huwwisee taphataa taphachuu danda'uudha. Akkas taanaan Saadiyoo Maaneen darbuudhaaf baayyee rakkata. Karaa qarqara Qoochoo mirgaatiin immoo Mohammad Saalaan, qindoomina Maarkos Aloonsoo fi Seezaar Aspilikuweettaatiin danqama. Nigooloo Kaantee fi Jorjiinihoon kubbaawwan Joordaan Hemderson fi Nabii Keeytaa irraa dhufan ittisuuf dirqama fudhatu. Inni guddaan taphattootni sarara ittisaa Cheelsii kubbaawwan dhedheeroo Vergil Vaandaayik irraa furguggifamanii deebisanii dhiibuu (courter attack)f saaxilan irratti ofeeggannoo gochuu qabu. Carraan akkasii argamnaan Mohammad Saalaa fi Diyeegoo Jootaan kubbaawwan akkasiitti fayyadamuu ni danda'u.

Walumaa galatti, Kiristiyaan Puulisiich bayyaannatee deebinaan carraa bal'aa qaba. Bakka Kaay Haavertiizitti inni gahumsa bareedaa ni mul'isa.

Taphichi hawwataadha; kilaboonni Lamaanuu moo'amuuyyuu utuu hintaane qabxii qooddachuuyyuu hin fedhani. Guutummaa. guutuutti taphicha moo'uuf dirree seenu.

Maal daawwanna laata? Eenyuutu ajaa'ibsiifannaadhaan Afaan nu bu'a laata? Walumaan ilaalla.
Sanbata xiqqaa dhuftuudha!
.
✍️ Eduwaardoo Meendii - Cheelsii irraa -Gooli eegaa Cimaa
βœ… Ruuben Diyaas -Maanchistar siitti irraa - taphataa sarara ittisaa Cimaa
βœ… Nigooloo Kaantee - Cheelsii irraa - Taphataa sarara Gidduu cimaa
βœ… Erliingi Haalandi - B.D.Muundi irraa- Taphataa cimaa sarara Fuulduraa Kan Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa 2020/21 ta'uun Filatamanii Jiru.

Tokkummaa Abdiisaa
.
✍️ Xiyyaarichi Dirree kubbaa miilaa Keessaa Kiristiyaanoo Roonaaldoon Mana Warra Juventus keessaa Bahuuf Akka Jiru erga Dhaga'amee Kilaboonni Masaanuun Magaalaa Maanchistar Daandii Cufanii Wal eeggachaa jiru kan jedhan Gabaasaalee Joorgee Meendees Garuu Isa Amansiisee Itihaad qubachiisuuf jedha jechuun Fabriziyoo Roomaanoo yoo dubbisiisu Lakkii Namichi Magaalaa Firaansi Kan taate Paaris qubaateera Jedha transfare News.


CR 7 Maanchistar Siitii Seenee Maan Yuunaayit qofa Osoo hin taane kilaboota Awurooppaa Garaa Gubuuf jira.
βš™οΈPiriimeerliigiin Ingilaandi Torbee 3'ffaan Sanbataa fi Dilbata itti fufuun dirreewwan biyyaattii adda addaa keessatti gaggeeffamuufi.

πŸ—£οΈHanga Torbee 2'tti kilaboonni Shan (5) morkattoota Isaanii moo'achuudhaan qabxii Jaha (6) walitti-qabachuun mataa Liigichaa 1-5 qabatanii jiru. Isaanis wal-duraa duubaan:
πŸ‘‰ Weesthaam Yuunaaytid
πŸ‘‰ Cheelsii
πŸ‘‰ Liiverpuul
πŸ‘‰ Biraayiton fi
πŸ‘‰ Tootnahaam dha.

πŸ—£οΈ Hanga Torbee 2'tti kilaboonni Afur (4) dirreen alas ta'e, dirree isaaniitti goolii homaayyuu hin keessummeessine. Isaanis:-
πŸ‘‰ Cheelsii
πŸ‘‰ Liiverpuul
πŸ‘‰ Tootnahaam fi
πŸ‘‰ Bireentifoordi dha.

πŸ—£οΈ Hanga Torbee 2'tti kilaboonni Afur (4) dirreen alas ta'e, dirree isaaniitti goolii homaayyuu hin lakkoofsifne. Isaanis:-
πŸ‘‰ Noorwiich Siitii
πŸ‘‰ Arsenaalii
πŸ‘‰ Woolverhaampitan fi
πŸ‘‰ Kiristaal Paalaasii dha.

πŸ—£οΈTorban 2 keessatti kilabni gooliiwwan hedduu galche Burruusota (Westihaam Yuunaaytid) gooliiwwan 8'tiin 1'ffaadha. Cheelsii fi Liiverpuul gooliiwwan Shan (5) wal-qixa lakkoofsisaniiru. Kilabni tapha qeenxee tokkoon goolii hedduu morkataa Isaa irratti galche Maanchiisteer Siitiin 1'ffaadha. (Goolii 5 Noorwiich irratti galchuun). Faallaa kanaa Noorwiich Siitiin gooliiwwan hedduu 8 keessummeessuun 1'ffaadha.

πŸ—£οΈ Torbee 3'ffaatiin taphoonni Lama hawwiin eegamu.
βœ… Man. City πŸ†š Arsenal
βœ… Liverpool πŸ†š Chelsea β™₯️πŸ’ͺ
kilaboonni 10 dirree ormaa yoo deeman, 10 immoo qe'ee isaaniitti keessummoota simatu. Liiverpuul, Maanchiister Siitii, Astoonvillaa, Biraayitan, Niwukaastil, Noorwiich, Westihaam, Baarnileey, Tootnahaam fi Wolverhampitan warra dirree isaaniitti falmataniidha. Cheelsii, Arsenaal, Bireentifoordi, Eevertan, Leeysiisteer, Saawuthihaampitan, Kiristaal Paalaas, Liidsi, Waatfoordii fi Maanchiister Yunaayitid immoo warra qe'ee ormaatti falmataniidha.

βœ… Sanbata Duraa
πŸ‘‰ Man. City 8:30 Arsenal
πŸ‘‰ Astonvilla 11:00 Brentford
πŸ‘‰ Brighton 11:00 Everton
πŸ‘‰ Newcastle 11:00 Southampton
πŸ‘‰ Norwich 11:00 Leicester
πŸ‘‰ Westham 11:00 Cristal Palas
πŸ‘‰ Liverpool 1:30 Chelsea

βœ… Dilbata
πŸ‘‰ Burnley 10:00 Leeds United
πŸ‘‰ Totnaham 10:00 Watford
πŸ‘‰ Wolves 12:30 Manchister United
Channel photo updated
Eduardo Meendiin
πŸ™ Goolii eegaa Afrikaa Jalqabaa kan Cheelsiiti
πŸ™ Goolii eegaa Afrikaans xummura Chaampioonsi liigii Awurooppaa hirmaateedha.
πŸ™ Goolii eegaa Jalqabaa Waancaa Champioonsii Awuroppaa nyaateedha.
πŸ™ Goolii eegaa Jalqabaa Goolii eegaa Waggaa Champi'oonsi liigii Awurooppaa taheedha.
πŸ™. kabajatu malaaf !
βœ… Taphni Cimaan Piriimerliigii Ingilaandi Torbee 3ffaa Sanbata Guyyaan Kilaboota Gahumsa Faallaa irratti argaman Lama Wal Falmisiisa.

8:30 Maan Siitii πŸ†š Arsenaal

βœ… Barri Kilaboonni kun Goolii hedduudhaan Wal injifatan bara 1956/57 yoo ta'u taphichaan Arsenaal 7 fi 3'n maanchistar siitii injifachuun geggeesse.

βœ… Barri 1912/13 Bara maanchistar siitiin Goolii hedduudhaan Arsenaal injifatee geggeesse yoo ta'u goolii 4 fi 0'n ture.

✍️ Maanchistar siitiin taphoota as dhihoo 11 arsenaal waliin taasise tokkoyyuu hin injifatamne.taphoota 9 injifachuun taphoota 2 immoo qixaan xumure.

✍️ Erga Fulbaana bara 2019 Arsenaal irraa goolii keessummeessee Taphoota 7 keessaa 6'n goolii osoo hin keessummeessiin bahe.

✍️ Arsenal Taphoota piriimerliigii 2 walitti aansuun injifatame.Seenaa keessatti Qabxii gad aanaa kuufachaa jira.eenyutu injifata ?

✍️ Shaampiyoonaan Pirimerliigii Bara darbe maan siitiin Gahumsa isaa torbee darbee irra deebi'aa ?

πŸ™ Sanbata Guyyaa Sa'aatii 8:30
Maan Siitii πŸ†š Arsenaal
Istaadiyeemii Itihaad
.
πŸŽ—ODUU QABAA DHOWWATTE

β­•Roonaaldoon carraa guddaan gara Manchistar Yuunayitid deemuuf jechuun Faabiriizoo Roomaanoo dubbate.
Manchistar Yuunaayitid Bulchiinsii isaa Kontaraata Waltawaa gochuuf qarqara irra gaheera jedha.
Manchistar Siitiin Jaarsummaa sana dhaabuuf ❎
Kiristaan Roonaaldoon Jorjii Meendiitti Yuunaayitid galuuf akka jedhu dubbate.
βˆšβ€’Erga Leenjisummaa Manchistar siititti dhufe Peeppee Gaardiyoolaan Mo'icha haaraa 221ffaa isaa galmeessee jira.
Kunis Leenjisaa Mo'icha hedduu Lammiiwwaniif galmeesse tahee jira.
Af gaaffii Kiristaan Roonaaldoo kutaa biraa
βœ…Yoo Waancaa Addunyaa injifannee 100% kubbaa miilaa nan dhaaba.
βœ…Liyooneel Meesiin nama addaati;nama gaariidha.
Waggaa 16 wajjin turre.Isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabna;garuu, Walii hinbilbillu, mana walii hindhaqnu.
βœ…Gara M.Yuunaayitid hindeebi’uu jedhee dubbachuun natti ulfaata.
βœ…Yoo Pirimarliigii M.Yuunaayitid hininjifatu ta’e, Arseenaal yoo injifate natti tola.
βœ…Gaazexeessaa:Ofii keetti aansitee Meesiin taphataa cimaa sitti fakkaataa?
Roonaaldoo:Eyyee Meesiifi Zinaddin Zidan
βœ…Gaazexeessaa:Yoo PSG deemtee Meesii wajjin ni taphattaa?
Roonaaldoo:Kubbaa miilaa keessatti lakki, gonkumaa jechuu hindandeessu!

Join
Gadaa Media Service (GMS)
Qophiilee Keenya
πŸ‘‰Qophii ispoortii
πŸ‘‰Xiinsammuu
πŸ‘‰Walaloo
πŸ‘‰Qoosaa
πŸ‘‰Gorsa
πŸ‘‰Xiinxala
Beeksisa
πŸ‘‰Paartiin Keenya dhugaa!
πŸ‘‰Falmaan Keenya haqa!
Join godhaa
https://t.me/GadaamidiaService