Gaammee Media
3.78K subscribers
137 photos
3 videos
2 files
80 links
Join our Gaammee Media community for the
Latest news
Tech-Info
Education info

Owner👉 @Bek_i
I write educational and Technology Informations.
Download Telegram
✳️Xiyyaara Airbus A380 Superjumbo kan zayita nyaataa akka boba'aatti fayyadamee balali'e❗️

🔺 Xiyyaarri guddichi addunyaa "Airbus A380 Superjumbo" jedhamu Zayitii nyaata bilcheessuun akka boba'aatti fayyadamuun magaalota Faransaay Tuuloos fi Nice gidduutti balalii sa'aatii sadii milkaa'aa taasiseera.

🔺 Xiyyaarri Airbus A380 superjumbo boba'aa aviyeeshinii itti fufiinsa qabu 100% zayita nyaata bilcheessuun akka balali'u kan jalqabaa ta'uun himama; Xiyyaaronni Eerbaasii kanneen biroo waggaa darbe keessa balalii milkaa'aa 3 taasisaniiru.

🔺 Boba'aan zayita nyaataa haaraan kun gadi lakkifamuu kaarboonii dhibbeentaa 80n hir'isa jedhamee eegama; Zayitii nyaata bilcheessuuf fayyadame, coomaa fi midhaan hin nyaatamne irraa akka hojjetame himama.

🔺 Waldaan Geejjibaa Qilleensaa Idil-addunyaa (IATA) akka beeksisetti boba’aan aviyeeshinii itti fufiinsa qabu gadi lakkifamuu kaarboonii hir’isuuf ga’ee dhibbeentaa 65 qaba. Waldichi bara 2050tti damee geejjibaa qilleensaa keessatti gadi lakkifamuu kaarboonii gara zeerootti geessuuf karoora qabame galmaan ga’uuf kan gargaaru ta’uu beeksiseera.

🔺Akka Eerbaasitti yeroo ammaa xiyyaaronni isaa hundinuu boba'aa aviyeeshinii itti fufiinsa qabu hanga dhibbeentaa 50, jechuunis boba'aa idilee keeroosiinii waliin makameen akka balali'an ragaa isaan dandeessisu argataniiru.
#Tech_News


🟩 | @Gaammee_Media_channel