Facts and Knowledge
2.58K subscribers
389 photos
31 files
569 links
Did you Know?
Download Telegram
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿ‘4๐Ÿฅฐ2๐Ÿ˜˜2
๐Ÿ‘5๐Ÿ˜˜2
#Mucaa miiraa Beelas ta'ee Miiraa dhukkubaa hin qabnee!!!!๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ™

#Olivia_Fransworth jedhaamtii lammii biyyaa #UK yoo tatuu "Chromosome 6 deletion" jedhamuun qabamtettii.

Sababaa kanaa irraa kan ka'ee Jireenya ishee keessattii tasuuma Miira dhukkuuba , Hirriiba, fi kan Beela kessumeesite hin beektuu jechuun Hin dhukkubsattu , Hin beelooftuu , Hirribnis ofi ishee hin qabu!!!!!

#Nyaata kan nyaattuu namni normal tokkoo waan nyaatu qofaf malee beeloftee yookiin ishee barbachise miti .

#Hirriibas kan raftuu yeroo namnii rafuttii Qoriichaa sa'ati 6 f ishee raffiisuu fudhatteti.

#Baraa 2016 GC Balaan Makiina salphaan irraa gahee turee garuu yeroo sanattii Miirri dhukkuuba kaamiiyyuu ishettii hin dhagahamne turee
โค3๐Ÿ‘2๐Ÿ˜˜2
โ€‹โ€‹Pilaaneetii yuuranus(Uranus) irratti bonni waggaa 42 akka turu beektu laata?!!! ๐Ÿ™ˆ

`
Facts and Knowledge๐Ÿ’ก
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿ˜4๐Ÿ‘2๐Ÿ˜˜2
Kana Beektuu Laata โ“
๐Ÿ‘‰Yeroo takka Adoolf Hitler "medaaliyaa " namicha tokko badhaase ture sababni isaas qoosan isa waan isa buhaarse tureefidha ๐Ÿ˜„๐Ÿ˜„
``

Facts and Knowledge๐Ÿ’ก
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค3๐Ÿ‘2๐Ÿฅฐ2๐Ÿ˜1
#Deebii_Albert_Einstein


โ˜›Albert Einstein yeroodhuma barataa tureetti haalli inni itti yaaduu fi barattoonni biroo itti yaadan gargar ture. Gaafa tokko barsiisaan waa'ee qooyyabota herregaa osoo barsiisaa jiruu barattoota gaafii gaafate.

#Barsiisaa: simbirroonni #sadii muka irra jiru,sadii keessaa #tokko dhagaadhaan rukunnee yoo buusne simbirroo meeqatu mukarratti hafa?

#Baratoota:lama

#Barsiisaa:eeyyeen sirriidha.3-1=2 waan taheef

#Anastaayiin harka baaseโ˜: lakki homtuu hin hafu.simbirri tokko yoo rukutamte warri hafan maaliif taa'uu? barrisani deemu.Kanaaf Zeroodha.

#Barsiisaa: gatiin hoolaa tokkoo qarshii 1000, yoo tahe gatiin hoolota shanii meeqa?

#Barattoota: 5000 taha.

#Barsiisaa: eeyyeen sirriidha.5x1000=5000 waan taheef.

#Anastaayiin: lakki hin beekamu.Maal hoolonni kuni hundi xiqquma illeen wal hin caaltuu? Kanaaf ani gama kootiin hin beekamuun jedha.
"Loojikiin tarkaanfii tokko nu deemsisa,xinxaalliin garuu bakka fedhe nu deemsisa".

Albert Einstein
โค3๐Ÿ˜3๐Ÿ˜˜2๐Ÿ‘1
โœ…๏ธAkka Allaattii Samii irra kan balaliโ€™uu fi akka Qurxummii Galaana kan daaku:- Teeknooloojiin 'SkyX' Addunyaa dinqisiisaa jira!!

โœ…๏ธOlka'insa samii irraa hanga gadi fageenya Galaanaatti rakkoo tokko malee ce'uu kan danda'u meeshaan ammayyaa haaraan kun addunyaa teeknooloojii baay'ee dinqisiisaa jira.

โœ…๏ธKampaaniin teeknooloojii Chaayinaa beekamaan 'Changsha Nighthawk Intelligent Technology' samii irra balali'uu fi bishaan keessa daakuuf dandeettii addaa kan qabu meeshaa ammayyaa "SkyX" jedhamu dhiheesseera.

โœ…๏ธ  Meeshaan kun amala Qurxummii uumamaan balali'u (flying fish) irraa moodela fudhachuun kan hojjetame yoo ta'u, qilleensa irra yeroo balali'u baallee isaa diriirsee haala dinqisiisaadhaan sochoโ€™a; gara bishaan keessaatti yeroo seenu ammoo baallee isaa dachaasuun salphaatti akka daaku isa dandeessisa.

โœ…๏ธKalaqni dinqisiisaan kun bishaan keessa sa'aatii tokkotti kiiloo meetira 50 deemuu kan danda'u, saffisa olโ€™aanaa kan qabu yoo ta'u, qilleensa irra garuu sa'aatii tokkoo oliif otoo addaan hin kutiin balali'uuf dandeettii qaba.

โœ…๏ธTeeknooloojiin kun qorannoo Saxaxaa fi qorannoo bishaan jalaa milkaahinaan kan darbe yoo taโ€™u, yeroo ammaa kaayyoowwan gurguddoo adda addaatiif akka oolu qorannoo balโ€™aan taasifamaafii jira.

โœ…๏ธKeessattuu hojiiwwan tajaajila hatattamaatiif, eegumsa fi hordoffii garbaa, akkasumas dameewwan ittisaa fi nageenyaatiif gumaacha olโ€™aanaa ni taasisa jedhameet abdiin olโ€™aanaan irra kaawwameera.

#SkyX #Innovation #FutureTech #FlyingFish #Technology
#join๐Ÿ‘‡
โค4๐Ÿ‘3๐Ÿฅฐ2๐Ÿ˜1
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿ‘5โค2๐Ÿ˜˜2
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿ˜˜5โค2๐Ÿ‘1
๐Ÿ”ต"Hello" jechuun maal jechuudha?

๐Ÿ‘‡๐Ÿพ

Namootni isin suura kana irratti argaa jirtan Girihaam Beel fi Margaaret Hello jedhamu!!

Girahaam Beel nama jalqaba bilbila harkaa kalaqe yoo ta'u, yaalii bilbila jalqabaa haadha warraa isaa Margaret Hello waliin ture kan taasise!

Bilbila kana yoo irraa kaastu jechi jalqabaa inni fayyadame "Hello" kan jedhu ture! Sanaa booda, jechi bilbila jalqabaaf hunduu fayyadamu "Hello" ta'ee hafe!

Addunyaan kun guutuun guyya guyyaan yeroo Biiliyoona ol maqaa ishee waama oola - maqaa waamsisuun erga hin oollee akka malee!๐Ÿคท๐Ÿพ
๐Ÿ˜5๐Ÿ‘3๐Ÿฅฐ3๐Ÿ˜˜1
#Biyyi_yeroo_jalqabaaf
***
1.Hoospitaala ijaarte-Sirilaankaa

2.Daandii baaburaa ijaarte-Ingilizii

3.Poostaa jalqabde-Iraan

4.Maallaqa waraqaa eegalte-Chaayinaa

5.Gaazexaa maxxansuu egaalte-Jaarman

6.Kitaaba maxxansuu eegalte-chaayinaa

7.Seera biyyaa barreeffamaan keesse-Ameerikaa

8.Dimookiraasii eegalte-Giriiki
9.Tapha Oloompikii egaalte-Giriik

10.Yuunivarsiitii ijaarte-Morokoo

11.Baankii ijaarte-Xaaliyaan

12.Lakkoofsa Uummataa gaggeessuu egaalte-Chaayinaa

13.Sagantaa Hawaa abuuruu egaalte-Raashiyaa

14. samiirra naannofte -Raashiyaa

15.ji'a irra qubatte-Ameerikaa

16.Tamsaasa Television egaalte-Ingilizii

17.Inteerneetiitti fayyadamuu egaalte-Ameerikaa

18.Filannoo biyyeessaa irratti Dubartoota hirmaachiste-Niwuuzlaand

19.Industirii konkolaa egaalte-Jaarman

20.qarooma egaalte-Itoophiyaa

21.Sagantaa anniisaa atoomikii egaalte-Ameerikaa

22.Bilbilaan haasa'uu egaalte-Ameerikaa


Facts and Knowledge๐Ÿ’ก
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค10๐Ÿ‘4๐Ÿฅฐ2
๐Ÿ‘‚KANA DHAGEESSANII โ“

Mana fincaanii wayita deeman of qulqulleessuuf waraqaa ykn Sooftiin otoo hin uumamiin dura Amerikaanonni muka boqqolloo
#qoroqondaa fayyadamu turan.๐Ÿ˜๐Ÿ˜

โ™ก ใ…ค    โใ…ค      โŽ™             โŒฒ
หกแถฆแตแต‰   แถœแต’แตแตแต‰โฟแต—    หขแตƒแต›แต‰  ๐‘ โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’


Facts and Knowledge๐Ÿ’ก
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค5๐Ÿ‘2๐Ÿฅฐ2๐Ÿ˜1๐Ÿ˜˜1
๐Ÿ‘4๐Ÿ˜˜3
Facts and Knowledge
Photo
๐Ÿ‘‰Nikoolaas Tesilaa: jabaa harki daaraa ammaare!


โœตGaafa ๐‘Ÿ๐‘’๐‘š๐‘œ๐‘ก๐‘’'dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta.
โœตGaafa ๐‘ ๐‘ค๐‘–๐‘ก๐‘โ„Ž fayyadamtee ibsaa bantus argannoon isaa keessa jira.
โœตOgeessonni fayyaa dhukkubsattoota gaafa raajii kaasan (x-ray) argannoo isaa fayyadamu.
โœตSagale-guddiftuu, raadiyoo fi bilbilakee dabalatee, waan ๐‘ค๐‘–๐‘Ÿ๐‘’๐‘™๐‘’๐‘ ๐‘ 'dhaan daddarbu kamuu gaafa fayyadamtu argannoo isaa fayyadamaa jirta.

๐Ÿ‘‰Tesilaan wantoota nuti jireenya keenya guyya-guyyaa keessatti itti fayyadamnu argannoolee dhibbootaan lakka'aman qaba. Garuu nama oolmaa haga kanaa addunyaadhaaf oole kanaaf bakki kenname faallaadha.

โœ…Bara 1884 yeroo hojii argannoo isaaf bilchaatetti Toomaas Ediisan biratti qacaramee ture. Ta'us garuu yeroo muraasa booda waliif galuu hin dandeenye. Ediisan karaa daddarbiinsa kaarentii irratti DC wayya yoo jedhu, Teslaan ammoo argannoosaa kan ta'e AC filate. DC'n wantoota akka tirikkaafaa irratti nu fayyada. AC'n garuu fageenya dheeraa deemuu kan danda'uu fi warshaalee humna ibsaa guddaa gaafataniif kan fayyaduudha. Wal morkiin kun isaan gidduutti yoo ka'u, Ediisan beekamtii guddaa waan qabuuf AC'n miidhaa fiduu akka danda'u agarsiisuuf arbi ibsaadhaan qabamee akka du'u godhee Tv'dhaan mul'isee ture; gama baay'eedhaanis irratti duule. Ummatis kanaaf isa balaaleffatanii turan. (Har'a addunyaan kan isheen fayyadamaa jirtu garuu caalmaatti AC'dha).

โœ…Tesilaan ilaalcha siyaasaa yeroo sana turerraa adda ta'e waan qabuuf kara mootummaa hacuucamaa ture; miiltoo wajjin hojjetu irraas qarshii guddaa haalamee ture; laaboraatoriin isaas boodarra jalaa waan gubateef argannoo baay'ee dhabe. Yaadotni argannoo isaa yeroo hatamanittis, "wanti guddaan argannoon dhala namaa fayyadu hojjetamuu isaati" jedhee dhiisaa ture.

๐Ÿ‘‰Nama kallattii jireenya isaa hundumaan gufuun itti baay'ate ture. Xalayaa yeroo tokko haadha isaatiif barreesse irratti, "Waggaa hamma kanaa dhala namaa gargaaruuf hojii an hojjedhe galata hin argannee
........
๐Ÿฅฐ6โค2๐Ÿ‘2๐Ÿ˜1
#Dinqisisoo Adunyaa kanaa. โœ…

#Maxwell_Day Namni jedhamu Miila isaa digirii 157 Gara duubatti naannessuu kan dandaโ€™uu fi ittiin dhaabatee Deemuu kan dandaโ€™uu dha.
Maxwell Day Akka jedhutti yegguu miila isaa kana Naannessuu fi ittiin adeemu dhukkubbiin akka itti hin dhagamnes Dubbatee jira.๐Ÿง‘โ€๐Ÿฉฐ๐Ÿ•บ๐Ÿคทโ€โ™‚๏ธ


#Cathie_Jung Dubartiin jedhamtu Ameerikaa kutaa United States kan jiraattu yoo taatu. mudhii xiqqaa qabaachuun Akka Adunyaa tti Ishee jalqabaa ti Dheerinni hojjaa ishee meetira 1.72 Yoo taatu Jung, mudhiin ishee seentimeetira 38.1 inchi 15, jechuudha.๐Ÿ’ƒ๐Ÿ’ƒ

#Kiim_Guudmaan dubartii ija guddaa addunyaa kanarraa qabdudha. Ija ishee Ala baasuu kan dandeessuu dha. Kanaanis Galmee dinqisoo Adunyaa kanaa irratti Riikardii qabattee jirti. Kiim amerkaa kutaa Chikaagoo, keessa jiraatti.๐Ÿ˜ณ๐Ÿ˜ณ๐Ÿ˜…




#Garry_Turner, lammii biyya England, kan taโ€™e gogaa Qaama isaa dheerina hanga seentimeetira 15.8 (6.25 in) dheeratutti diriirsuu nama dandaโ€™uu dha kanaanis ,akka Adduniyaatti nama duraa irratti argama๐ŸŒš๐ŸŒ





#C.Manoharan namni jedhamu dhalataa biyya India magaalaa madras jedhamtu yoo taโ€™u sekendii 30 keessatti raammolee lafarra adeeman 200 nyaachuu fi Bofa Lubbuu Qabdu kan maqaan ishee manu jedhamtu.Funyaan isaa keessaan Ol seensisuun Afaan isaa keessaan nama Baasuu dandaโ€™uu dha. Kanaanis Galmee dinqisoo Adunyaa irratti Ajab jedhameeti jira.๐Ÿฅธ๐Ÿซจ๐Ÿ˜ฌ



#EDWARD_MOODRAKE โ€“ ykn Abba fuula lamaa jedhamuun kan beekamu

Fuula lama kan qabu yoo taโ€™u, tokko fuulduraa, inni kaan immoo duubaan kan Uumamaan kalaqamee jiruudha Fuulli isaa inni lammaffaan jinnii itti fakkaate, hakiimonni akka buqqisan barbaadus garuu namni Fuula kana gidduu baqaqsuuf itti gaafatamummaa fudhatu hin argamne๐Ÿคฏ๐Ÿคฏ



#Jonathan_Lee jedhama. Suusii nama himachuu qaba hanga ammaatti abbaa qabeenyaa addunyaa kanaa #Bill_Gates, #phaaphaasii #Roomaa 16ffaa Benedikt dabalatee gara namoota 4000 ol taโ€™an irratti himata baneera. Galmeen dinqisiisoo addunyaa (#World_Guinness_books) Guinness, s namoota hedduu himachuutiin (kasasuutiin) addunyaarratti sadarkaa 1ffaa irra kaahuun maqaasaa galmicharratti barreesseera.
Yonaataanis kanaan gaheera jedhee hin dhiisne eeyyama koon ala maqaa koo maaliif galmee dinqisiisoorratti barreessitan jechuun isaaniinis himateera.
๐Ÿ˜๐Ÿ˜„๐Ÿ˜‚
โค5๐Ÿฅฐ2๐Ÿ˜2๐Ÿ˜1
#โ€‹โ€‹Miseensa polisii #Afrikaa kibbaa kan ture #Anderi #Stander, namni jedhamu bara 1977-1980 A.L.A jidduu baankota shororkeessaa ture. Yeroo laaqanaaf hojii irraa bahu baankii saamuun(hatuun), waaree booda qorataa yakkichaa tahun hojiitti deebiโ€™a ture.๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚
โค4๐Ÿ‘2๐Ÿ˜2
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค3๐Ÿฅฐ3
#๐‘ฉ๐’†๐’†๐’Œ๐’–๐˜ฎ๐’”๐’‚ ๐’˜๐’‚๐’๐’Š๐’Š ๐’ˆ๐’‚๐˜ญ๐˜ข๐˜ข

๐ŸŒŒ

โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚
โœ๏ธ Osoo ๐Ÿ›ซ xiyyaaraan gara pilaanetoota kanneen biroo deemuun ni dandaa'ama ta'ee...

๐Ÿ›ซ Xiyyaarri nuti ittiin deemnus sa'aatii 1 keessatti saffisa kiilomeetira 900 km balali'uu kan danda'u ta'ee, ๐ŸŒlafa irraa kaanee tokkoon tokkoon pilaanetootaa bira gahuuf:

โ—‰
#๐€๐๐ฎ ๐Ÿ›ฌ bira gahuuf waggaa 19 nutti fudhata.

โ—‰
#๐Œ๐ž๐ซ๐ค๐ฎ๐ซ๐ข๐ข ๐Ÿ›ฌ bira gahuuf waggaa 11.6 nutti fudhata.

โ—‰
#๐•๐ž๐ง๐ฎ๐ฌ(๐๐š๐ค๐๐š๐ฅ๐œ๐ก๐š) ๐Ÿ›ฌ bira gahuuf waggaa 5.3 nutti fudhata.

โ—‰
#๐Œ๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ข ๐Ÿ›ฌ bira gahuuf waggaa 9.9 nutti fudhata.

โ—‰
#๐‰๐ฎ๐ฉ๐ข๐ญ๐ž๐ซ ๐Ÿ›ฌ bira gahuuf waggaa 80 nutti fudhata.

โ—‰
#๐’๐š๐ญ๐ฎ๐ซ๐ง ๐Ÿ›ฌ bira gahuuf waggaa 162 nutti fudhata.

โ—‰
#๐”๐ซ๐š๐ง๐ฎ๐ฌ ๐Ÿ›ฌ bira gahuuf waggoota 34 nutti fudhata.

โ—‰
#๐๐ž๐ฉ๐ญ๐ฎ๐ง๐ž ๐Ÿ›ฌ bira gahuuf waggoota 552 nutti fudhata.

โ—‰
#๐๐ฅ๐ฎ๐ญ๐จ ๐Ÿ›ฌ bira gahuuf waggoota 774 nutti fudhata.

โ—† ๐‘ป๐’–๐’•๐’Š ๐‘พ๐’Š๐’๐’‚๐’‚๐’๐’†๐’•๐’๐’๐’๐’๐’Š ๐’ƒ๐’Š๐’Š๐’‡๐’•๐’–๐’–๐’•๐’•๐’Š ๐’๐’‚๐’‚๐’๐’๐’‚'๐’–๐’– ๐’Š๐’…๐’…๐’๐’ ๐’Š๐’”๐’‰๐’†๐’•๐’•๐’Š ๐’…๐’†๐’†๐’ƒ๐’Š'๐’–๐’–๐’‡ ๐’ˆ๐’–๐’š๐’š๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’‡๐’–๐’…๐’‰๐’‚๐’•๐’–!๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ซ
โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚โ–‚

โ—‰
#๐Œ๐ž๐ซ๐ค๐ฎ๐ซ๐ข๐ข๐ง biiftuutti naannoftee iddoo isheetti deebi'uuf guyyoota 88 (baatii 3 hin guunne)itti fudhata.

โ—‰
#๐•๐ž๐ง๐ฎ๐ฌ/๐๐š๐ค๐๐š๐ฅ๐œ๐ก๐š guyyaa 225 qofa

โ—‰
#๐‹๐š๐Ÿ๐š keenya guyyaa 365 (waggaa 1)

โ—‰
#๐Œ๐š๐ซ๐ฌ๐ข guyyaa 685

โ—‰
#๐‰๐ฎ๐ฉ๐ข๐ญ๐ž๐ซ waggaa 2

โ—‰
#๐’๐š๐ญ๐ฎ๐ซ๐ง waggaa 29

โ—‰
#๐”๐ซ๐š๐ง๐ฎ๐ฌ waggoota 84

โ—‰ ๐๐ž๐ฉ๐ญ๐ฎ๐ง๐ž waggoota 165 itti fudhata.๐Ÿฅบ
โค7๐Ÿ‘3๐Ÿฅฐ2
#Gorsa_Albert_Einstein ๐Ÿšฒ
*******
Bara 1930 keessa, Albert Einstein ilma isaa Eduard, yeroo sana umuriin isaa waggaa 19 tureef xalayaa barreesse.

Eduard dandeettii guddaa qabu, muuziqaa jaallatu fi piyanoo sirriitti taphatu ture. Garuu yeroo tokko tokko, maqaa fi beekamtii abbaa isaa jalatti akka gaaddidduu keessa galee jiru itti dhagaโ€™ama ture.

Yeroo sanatti rakkoo fayyaa sammuu cimaa keessa seenaa ture. Einstein immoo fagoo waan tureef, yaaddoo fi jaalala isaa karaa xalayaa qofa ibsuu dandaโ€™a ture.

Xalayaa sana keessatti jecha gabaabaa garuu hiika guddaa qabu tokko barreesse:

โ€œNama birattis akkuma biskileetii oofuuti; yeroo sochoโ€™u qofa madaallii isaa sirriitti eeggachuu dandaโ€™a.โ€

Bara 1933tti, Einstein Jarmanii dhiisee Ameerikaa godaane. Sababa haala siyaasaa yeroo sanaatiin gara Awurooppaatti deebiโ€™uun isaaf balaa qaba ture. Kanaaf, Eduardiin deebiโ€™ee qaamaan arguuf carraa hin arganne. Garuu xalayaa waliif barreessuu isaanii itti fufan.

Waggoota itti aanan keessa, fayyaan Eduard caalaatti hammaachaa dhufe; jireenya isaa keessaa waggoota dheeraa mana yaalaa sammuu keessatti dabarse.

Garuu jechi gabaabaan abbaan isaa waggoota sana keessa barreesse sun harโ€™as ergaa guddaa qaba:

๐Ÿšฒ โ€œMadaallii kee eeggachuuf, SOOCHOOโ€™UU ITTI FUFI.โ€

Jireenyi yeroo tokko tokko ulfaachuu dandaโ€™a.
Kufuu dandeessa. Dadhabuu dandeessa.
Garuu yeroo baayโ€™ee, furmaanni jireenyaa dhaabbachuu osoo hin taane, tarkaanfachuu itti fufuudha.

Sochoโ€™uu itti fufi.
Madaallii kee eegi.
โค2๐Ÿ˜˜2๐Ÿ‘1