Bara 2017 Baga Nagaan GGeGeeGeesGeessGeessan
Forwarded from Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo (Gutema Mekonen (Wolde Michael))
ወትባርክ አክሊለ ዓመተ ምሕረትከ
ወይጸግቡ ጠላተ ገዳም
ወይረውዩ አድባረ በድው
መዝሙር 64:11
ቅዲስት ሆይ ዘመኑን በርክልን ❤️🙏❤️
እንኳን ለ2017 ዓ፡ም በሠናይ አደራሳችሁ ❤️🙏❤️
Baga Bara Haaraa Nagaan Geessan. Bara milkii jaalalaf tokkumma, gammachuu nuuf yaa taasisu ❤️🙏❤️፡፡

Phaagumee ጳጉሜ maali?
©B/saa Guutamaa M. ( Walda Mikaa'el)
https://t.me/Hi21Mar share join
Sharee Waliif Godhaa Miseensa Page ta'a
Akka Abushaahirii Itiyoophiyaatti Phaagumee kan jedhmtu ji’a 13ffaa kan taate yoo ta’u afaan Tsiri’iitiin Eepaagumee yoo jedhamtu hayyoonni Haftee ykn Tarefa jechuun waamu. Namoonni tokko tokko Qaammee, ykn phaaqumee, darbee darbees qaaqumee jechuun baay’ina guyyoota ishees 5 qofa akka taatetti himu. Hiika ishee illee dabalata ykn tecemaarii jechuun hiiku. Akka yaada hayyoota abushaahiriitii phaagumee yoo jedhamuu hiikni ishee haftee yoo ta’uu baay’inni guyyoota phaagumee 5, 6, 7 dha. Baay’ina guyyoota waggaa tokko ji’ootaaf yeroo hiramuu fulbaanaa hanga haagayyaa guyyoota 30, 30, gahuun guyyoonni 5n kophaatti hafti. Bartee nutti ta’ee phaagumeen guyyoota shan qabdii jennee yaa dubbannuu malee phaagumeen baroota adda addaatti, 5, 6 fi 7 n ooluu ni danda’a. Biyyoonni biro guyyoota waggaa keessatti argaman ji’ootaaf walqixa hiruu dhabuun phaagumee ykn guyyaa 5, 6, ykn 7n kana dhabamsiisaniiruu. Garuu Itiyoophiyaannooni haala addaatiin herreganii phaagumee guyyoota 5 fi 6 bira darbuun phaagumee guyyoota 7 argataniiruu.
Hayyoonni Itiyoophiyaa durii haala isaan ittiin phaagumee 5 argatan yoo ilaalle.
Guyyaa 1 kan jedhamu, 24 sa’aatiif, 52 kaali’iit, fi 31 saalsiit ta’a. Tokko tokkoon Kaali’iiti 52 fi saalsiit 31 fulbaanaa kaasee hanga haagayyaa jiruu of eeggannoon herreguu qabna.
52 kaali’iit meeqa jenne yoo kaane.
=1 kaali’iit = 24 sekondii yoo
=25 Kaali’iit = 1248 Sekondii { 52 x 24 = 1248 }
=1248 sekondiin = 20 daqiiqaa fi 48 sekondii ta’a.{ 1248/60 = 20.48 }
=31 Saalsiit meeqa qabna ?
=1 Sekondiin = 2.5 = 12.4 sekondii ta’a.
Walitti yoo ida’amu
=20 daqiiqaa + 48 sekondii + 12.4 sekondii
=21 daqiiqaa + 0.4 sekondii
Walumaagalatti guyyaa tokko keessaa 24 sa’aatii, 21, daqiiqaa fi 0.4 sekondii tu argama. Sekondiin 0.4 kun waggoota 600tti walitti ida’amte phaagumee 7 ta’a. gama biroon guyyaa tokko keessattii haftee 21 daqiiqaa fi 0.4 sekondiin argannu walitti ida’amee phaagumee 5 , 6, fi 7 arganna.
Diyaaqoon Injineer Abrehaam xeenaaw Kitaaba አቡሻህር የኢትዮጵያ የዘመን ቀመር jedhu fuula 171_172 akka barreeffameetti
Guyyaa tokko keessa 21 daqiiqaa fi 0.4 sekondii yoo ta’e
= 1 ji’a = 630 daqiiqaa { 21 x 30 = 630 }
= 630 daqiiqaa gara sa’aatiitti yoo jijjiiru {630/60 = 10.30 } ta’a.
= 630 daqiiqaa = 10 sa’aatii fi 30 daqiiqaa ta’a.
Ji’a 3tti = 30 sa’aatii fi 90 daqiiqaa
= 90 daqiiqaa gara sa’aatiitti 90/60 = 1 sa’aatii fi 30 daqiiqaa ta’a.
= 30 sa’aatii + 1 sa’aatii = 31 sa’aatii fi 30 daqiiqaa arganna
= 31 sa’aatii fi 30 daqiiqaa gara guyyaatti { 31/1 = 24.7
= 24 sa’aatii = 7 sa’aatii fi 30 daqiiqaa arganna.
= 1 guyyaa 7 sa’aatii fi 30 daqiiqaa jechuudha.
Ji’a 3 keessatti walitti 1 guyyaa, 7 sa’aatii fi 30 daqiiqaa yoo argannee waggaa guutuu keessatti ykn ji’oota 12 keessatti meeqa argannaa jenne yoo kaane 4n baay’isna. Sababni isaas ji’oota 12n bakka 3tti yoo hirre 4 arganna waan ta’eef. Kunis
= 1 guyyaan waggaatt = 4 guyyaa ta’a. { 1 x 4 = 4 }
= 7 sa’aatiin waggaatti = 28 sa’aatii ta’a. { 7 x 4 = 28 }
= 30 daqiiqaan waggaatti = 120 daqiiqaa ta’a. { 30 x 4 = 120 }
= 120 daqiiqaa gara sa’aatiitti = 2 sa’aatii ta’a { 120/60 = 2 }
= 28 sa’aatii + 2 sa’aatii = 30 sa’aatii ta’a. { 28 + 2 = 30 }
= 30 daqiiqaa gara guyyaatti = 1 guyyaa fi 6 sa’aatii ta’a { 30/24 = 1.6 }
= 4 guyyaa + 1 guyyaa = 5 guyyaa ta’a. { 4 + 1 = 5 } kunis guyyaan 1 fi 4 phaagumee 5 yoo ta’uu sa’aatiin 6 haftee immoo waggaa afuritti ida’amtee sa’aatii 24 dhufuun phaagumee 6 taasisti.
Akka herrega Abushaahiirii Itiyoophiyaa duriitti waggaan tokko guyyoota 365, sa’aatii 6, fi sekondii 0.4 of keessaa qaba. Kun waggaa 4tti 366 yoo ta’u waggaa 600tti 367 ta’ee oola.
Oolmaa Phaagumee 6
Oolmaan phaagumee 6 immoo armaan olitt Waggaa tokko keessaatti 6 sa’aatii { 15 keekiroos } yoo lakkoofnu, waggaa 2ffaatti 12 sa’aatii { 30 keekiroos }, waggaa 3ffaatti, 18 sa’aatii { 45 keekiroos } waggaa 4ffaatti 24 sa’aatii { 60 keekiroos } arganna.

Kunis bakka tokkotti guyyaa tokko yoo ta’u phaagumee ishee dhuma bara Luqaas jalqaba bar Yohaannis jahaan ooltuudha. Hayyoonni Abushaahirii Itiyoophiyaa “ Qixxee Raabi’iit, utaala/ce’a/ Yohaannis” መጠነ ራቢዒት፣ ሠግረ ዮሐንስ jechuun waamu.
Qixxee Raabi’iit jechuun hayyootaa, isheen guyyaan wangeelaa waggaan waan wal qixxaa’aniif.
Utaala Yohaanniis jechuun hayyoota, bara Yohaannis utaalee ykn ce’ee kan oolu jechuudha.
Hayyoonni Itiyoophiyaa durii haala ajaa’ibaa fi dinqisiisaa kanaan herreganii waggaa 4tti al tokko Phaagumee 6 yeroo teechisan warroonni lixaa immoo guyyoota waggaa ji’ootaaf, 30, 31, 28n wal caalchisanii hiruun phaagumee sirumaa balleessudhaan, jiini isaanii Guraandhalli 28 ture waggaa 4tti al tokko 29 taasisu.
Phaagumee 5 fi 6 Kitaabaa Heenokiin
Heenok nama qulqulluu Addaam irraa dhaloota 7ffaa kan turee nama yeroo jalqabaa ogummaa barreeffamaa argatee fi adeemsaa isaa waaqayyoo waliin taasisuun du’a osoo hin argiin gara samii ol fudhatameedha. Manni amantaa Ortoodoksii Tewaahidoo addunyaas ta’ee kan Itiyoophiyaa kitaaba qulqulluun Heenok barreesse kitaaba qulqulluu 81 waliin lakkoofte fudhatte. Sirni Abushaahirii Itiyoophiyaa kitaaba qulqulluu waliin wal qabachuu isaa kan nuuf mirkaneessu kitaaba qulqulluu Heenokiidha. Sababni isaa qulqulluun Heenok waa’ee bu’uura Abushaahiirii kalaandarii, guyyoota, torbee, ji’oota fi waggoota barreessera.
Heenok Subaa’ee lakkaawuudhaaf waggaa tokko guyyoota 364 taasise. Kunis waggaa tokko subaa’eef yoo qoodan subaa’ee 52 ykn torbee 52 ta’a.
= 1 Subaa’ee = 7 guyyaa = 1 torbee ta’a
= 1 waggaa = 52 torbee/subaa’ee/ = 364 guyyaa fi ta’a. { 364/7 = 52 }
= 365 guyyaa gara torbeetti = 52 torbee fi guyyaa 1 ta’a
= 365/7 = 52 gahee hafteen 1 ta’a. Hafteen guyyaa 1 kun phaagumee 5 niidha.
Akka seera herrega Abushaahiiritti haftee dhiisee hir’uu guutee herreguun amala kitaaboota baay’eeti.
Heenok, haftee fi hir’uu malee subaa’ee / torbee 52 kan fi guyyoota 364 qofa waan hireef haftee guyyaa 1 dhiisuudhaan Kitaaba Heenok 24:5 irraatti guyyoota 364 taasisee barreesseera. Kana booda subaa’ee qofa of eegannoon lakkaawuun haftee malee kan lakkaawaman walitti qabee haftee hir’isaa hanga waggaa 8ti herrege lakkaa’a. Haftee subaa’ee irraa haftee irra utaaluun kana argachuun waggaa bakka 4tti ykn waqtiilee 4f qoode, Fulbaana, Muddee, Bitooteessa, Waxabajjii, guyyoota 31, 31 gochuun kanneen hafan ji’oota 8n guyyoota 30, 30 taasisa.
Heenok iddoo gara garaattis waggaan 1 guyyoota 365 akka ta’ee fi waggaa afur keessatti al tokko 366 akka ta’ee fi phaagumee 5 fi 6 akka dhufu barreesera.
Heenok Phaagumee 5 yoo ibsu “ sirna ji’oota isaaniin aduun aduun akka bahuu fi akka seenu, jiraachuu isaanii akkatti argeera. Ji’oonni kunniin waggaa shan dabala. Aduudhafis guyyoota soddomatuu gaha” jedha. Heenok. 23:14
Heenok waa’ee phaagumee 6 yoo ibsu, “ Aduu fi urjiileef guyyoota jaha gaha” jedha. Heenok. 23:16
Hayyoonni Itiyoophiyaa durii kanneen sirna aduu fi sirna pilaaneetii qoratan kitaaba Heenok barreesse irraa dhaabbachuun waa’ee phaagumee 5 fi 6 yoo barreessan.
ቃለ ሔኖክ ዘይነግር በእንተ ኀምሲት ወሳድሲት ጳጉሜን ወይቤ ከመዝ ርኢኩ ምንባሮሙ ከመ ይሠርቅ አውራኀ ወየዐርብ ፀሓይ በእማንቱ መዋዕል ወይትዌሰክ ፭ ዓመት ወይበጽይ ፴ መዋዕል፡፡ ( Waa’ee Phaagumee 5ffaa fi 6ffaa kan dubbatu jechii Heenok akkas jedha, “ sirna ji’oota isaaniin aduun aduun akka bahuu fi akka seenu, jiraachuu isaanii akkatti argeera. Ji’oonni kunniin waggaa shan dabala. Aduudhafis guyyoota soddomatuu gaha” { Heenok. 23:16 }
ይቤ ዘተርጎመ ከመ ርእየ ሔኖክ ፲ወ፪ ለፀሓይ አሐደ ዓመት ይዔሪ በበ፴ ወትዌሰክ ላዕለሁ ፭ ወበዝ ይመልዕ ለከ ዓመተ ጥንቁቀ ወለእመሰ ኢወሰከ ወለእመሰ ፭ ላዕለ ፲ወ፪ አውራኀ ኢይመልዕ ለከ ዓመተ ጥንቁቀ ( Kana kan hike akkana jedhe, Heenok waggaa tokkoof, ji’oota 12, guyyoota 30, 30n akka wal qixxaatan Heenook ilaale, Isa irraatti 5 dabalta jedhe, { phaagumee 5ffaa } kanaan qajeelaan waggaa guuta. Ji’oota 12n irraatti 5 yoo hin daballeeqajeelan waggaa hin guutu.

ቃለ ሔኖክ ወኵሎሙ መዋዕል ይበጽሕዎ ለዓመት ፩ እም እልኩ ፭ ዓመት ትመልዖሙ ወይከውን ፫፻፷ወ፬ መዋዕለ ( Jechi akkana jedhe, waggoonni hundi waggaa tokkoof kanneen shananii waggaa gaha. Guyyoonni 364 guyyaa ta’u.
ይቤ ዘተርጐመ እስመ ለለዓመት ይነግር ሔኖክ እንዘ ይብል እም እልኩ ፭ ትመልዕ ዓመት ወእመሰ ገበርከ ፬ የኅጽጽ ዓመተ ወበእንተዝ ይቤ ሔኖክ ፭ ትመልዖሙ ርኢኬ ከመ ነገረ ሔኖክ በእንተ ኀምሲት ጳጉሜን ወይከውን ፫፻፷ወ፭ ( Kana kan hiikee akkaana jedhe, Heenok, waggaa waggaan, yoo dubbatu, kanneen keessaa waggaa shanaffaa irraa guutti jedhe. Afur { phaagumee 4 } yoo goote garuu waggaan ni hir’ata. Waa’ee kanaa yoo dubbatu Heenok shan guutte jedhe. Heenok waa’ee phaagumee shanaffaa akkuma dubbate waggaanis 365 akka ta’e ilaalli.
ወመጽሐፈ ኩፋሌኒ ይነግር እንዘ ይብል ወይቤሎ መልአከ ገጽ ለኖኅ ወይገበሩ ደቂቅከ ፫፻፷ወ፬ ባሕቲቱ ወይጌግዩ ዘንተ ዘይቤሎ በእንተ ኀምሲት ጳጉሜን ነገሮ ለጥዩቀ ለእመ እገብሩ ፲ወ፪ አውራኀ ፭ ዕለታት ኢየዐውደ ዓመት( Waa’ee pahaagumee shanaffaa kitaabni Kufaalee akkaana jedha, Eergamaan ijoollee Noohin 364 qofa taasisanii si balleessu jedheen, Kana kan jedheef waa’ee phaagumee shanaffaa dhugummaan yoo himuudha. Ji’oota 12n irraatti guyyoota 5 yoo hin idaane waggaan hin naanna’u. Kufa. 7:36
Waaqayyoon Noohin “ guyyoota 364 qofa waggaa akka taasisaanii akka murteeffataniif siifan murteessa” shanaffa ishee phaagumee dabalanii akka yaadan malee waggaan guyyoota 364 qofa jechuun sirna akka hin jijjiire ajaja jabaan ajajeera. Homa hundaafuu baayi’inni guyyoota waggaa kitaaba, Heenok, kitaaba Kufaalee, fi ktaaboota biro irraattis 365 dha.
ቃለ ሔኖክ ዘይነግር በእንተ ሳድሲት ጳጉሜን ወይቤ ይበጽሕ ምጽባሒሁ ለፀሓይ ወለከዋክብት ስሱ መዋዕል በ፭ ዓመት ስሱ ይበጽሕዎሙ ( Waa’ee phaagumee jahaffaa kan dubbatu, jechi Heenok akkana jedha, “ Aduu fi urjiileef guyyaa jaha 6 gaha. Waggaa shanitti 6 isaan gaha. Heenok. 23:16
ይቤ ዘተርጐመ ይበጽሕ ምጽባሒሁ ለፀሓይ ወለከዋክብት ዘይቤ በእንተ ራቢዒት ዓመት እንተ ዮሐንስ በ፭ ዓመት ስሱ ይበጽሕዎሙ ዘይቤ በ፭ጳጉሜን ፮ ትመልዖሙ ብኂል፡፡ ( Kana kan hike akkaana jedhe, “ aduu fi urjiileef kan jiru waa’ee waggaa afraffaa bara Yohaannisiidha. Waggaa shanitti 6 isaan gaha kan jedhe shannaffaan phaagumee irraatti 6 guutti jechuudha” jechuun hiikee lafa teechise.
Bara Ooriitii baay’inni guyyoota ji’a tokko 30, 30 ta’uu isaa bara Noohi ji’a 2ffaa kaasee hanga 7ffaa walitti ji’oota 5f roobu barreesera. Ji’oota 5 kanaaf roobuu isaa kitaabni qulqulluun ifaan ifa gara guyyaatti jijjiiree guyyoota 150f roobuu barreessera.
Bishaanis guyyoota dhibbaaf shantama lafa irraatti moo’e. Se. Uum. 7:24, Se. Uum. 8:3-4
Guyyoonni 150 ji’oota 5f yoo hiramee guyyoota 30, 30, gahuu isaa yoo shallagamu = 150 /5 = 30 ta’a 30 x 5 = 150 ta’a. Kanaaf hayyoonni Itiyoophiyaa durii kitaaba qulqulluu ragaa godhachuun ji’oota waggaa 12f guyyoota 30, 30 hiranii teechisaan malee akka warroota dhihaa 31, 30, 28n, hiruun phaagumee ykn haftee hin balleesine. Walumaagalatti hayyoonni Itiyoophiyaa Abushaahirii qoratanii fi barreessan raga isaanii kitaaba qulqulluudha jechuudha.
Galannii Waaqayyoof
Deesuu waaqa Dubree Maariyaamiif
Kabajamoo Fannoo Iyyaasuusiif
Hanga Bara Baraatti Yaa Ta'u
Ameeen.
©B/saa Guutamaa Makonniin ( Walda Mikaa'el )
Telegram Channel. https://t.me/Hi21Mar share join
Telegram dhuunfaa:- https://t.me/mar21mich
E.mail:- wolde21mar.@gmail.com
Facebook. https://www.fb.com/ Wolde Michael Mekonen

Telegram
Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo
Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha.
Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.
Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.
Forwarded from Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo (Gutema Mekonen (Wolde Michael))
Phaagumeen 7 oolu eessa jira?????
Phaagumee 7 fi Dhufiinsa Isaa.
©B/saa Guutamaa M. ( Walda Mikaa'el)
https://t.me/Hi21Mar share join
Dandeetti hayyoota Abushaahirii Itiyoophiyaa keessaa inni baay’ee nama ajaa’ibsiisuu fi dinqisiisuu dhufaatii phaagumee 7ffaati. Namoonni hedduun keenyaa phaagumee yoo jennuu guyyaa 5 fi bara wangeelaawii Yohaannis 6 ta’uu ishee qofa beekna. Harki caalaan keenya immoo phaagumee 5 qofa beekna. Garuu Abboonni bataskaanaa Itiyoophiyaa durii sirna aduu fi pilaaneetii qoratan dhufiinsa phaagumee 7 bifa ifa ta’een kitaaboota birhaannaa isaannii kan waa’ee Abushaahirii irraattii barreessaniiru. Kanas kan shallaguu danda’an qixxee halkanii fi qixxee guyyaa jechuun.
Waggaan tokko, guyyoota 365, keekiroos 15, fi kaali’iit 6 qaba
Ykn guyyoota 365, sa’aatii 6, daqiiqaa 2, fi sekondii 24, kan qabu naanna’a aduu waggaan, kaali’iit 6, { daqiiqaan, 2 fi sekondii 24 } ykn saalsiit 31, keessaatti sekondii 0.4 argameedha.
Diyaaqoon Injineer Abrehaam Xeenaaw, kitaabaa አቡሻህር የኢትዮጵያ የዘመን ቀመር jedhu fuula 172_173 irraatti akkuma ibseetti
= 1 guyyaa = 0.4 sekondii yoo qabate ji’atti meeqa? Jedhee ka’uun
= Jiini 1 guyyoota 30 waan qabuuf 0.4 x 30 = 12 sekondii ta’a.
= 1 ji’a = 12 sekondii yoo qabatee waggaan tokko meeqa qabaata?
= 1 waggaan = 12 ji’a waan ta’eef, 12 x 12 = 144 sekondii ta’a.
= 144 sekondii gara daqiiqaatti , 2.4 daqiiqaa ta’a
Waggaa 1 keessaatti daqiiqaa 2.4 arganneera
= 10 waggaa = 24 daqiiqaa { 2.4 x 10 = 24 }
= 100 waggaa = 240 daqiiqaa = 4 sa’aatii { 2.4 x 100 = 240 ( 240/60 = 4 }
= 200 waggaa = 480 daqiiqaa = 8 sa’aatii { 2.4 x 200 = 840 (840/60 = 8 }
= 300 waggaa = 720 daqiiqaa = 12 sa’aatii { 2.4 x 300 = 720 ( 720/60 = 12 }
= 400 waggaa = 960 daqiiqaa = 16 sa’aatii { 2.4 x 400 = 960 ( 960/60 = 16 }
= 500 waggaa = 1,200 daqiiqaa = 20 sa’aatii { 2.4 x 500 = 1,200 ( 1,200 /60 = 20 }
= 600 waggaa 1,440 daqiiqaa = 24 sa’aatii = 1 guyyaa { 2.4 x 600 = 1,440 ( 1,440/60= 24 ( 24/24 = 1 }
= sa’aatiin 24 guyyaatti guyyaa 1 waan ta’eef bara 600ffaatti phaagumee 7ffaa ta’ee oola.
Hayyoonni Abushaahir karaa biroon yoo shallagan
= 5 waggaa = 30 kaali’iit
= 10 waggaa = 60 kaali’iit = 1 keekiroos = 24 daqiiqaa
= 100 waggaa = 10 keekiroos = 240 daqiiqaa = 4 sa’aatii
= 200 waggaa = 20 keekiroos = 480 daqiiqaa = 8 sa’aatii
= 300 waggaa = 30 keekiroos = 720 daqiiqaa = 12 sa’aatii
= 400 waggaa = 40 keekiroos = 960 daqiiqaa = 16 sa’aatii
= 500 waggaa = 50 keekiroos = 1,200 daqiiqaa = 20 sa’aatii
= 600 waggaa = 60 keekiroos = 1,440 daqiiqaa= 24 sa’aatii
= 24 sa’aatii = 1 guyyaa waan ta’uuf
Bara 600ffaatti phaagumee 7ffaa ykn phaagumeen 7 oolte jedhama.
Akka yaada kitaaboota Abushaahir fi hayyoota sirna aduu fi pilaaneetii Itiyoophiyaa duriitti phaagumeen 7 ffaan kan argamtee safartuuwwaan baay’ee xixiqqoo ta’an walitti qabuudha. Hayyoonni sekondii 0.4 fa’a waliitti dadabalanii waggaa 600 tti guyyaa tokko geessisan. Kun ogummaa baay’ee gad fagaataa ta’ee fi aja’ibsiisadha.
Akka seera lakkoofsa Abushaahiritti phaagumeen labsii yaada galaanaa ykn labsii oolmaa ayyaanoota baraa fi tsoomii ittin baasuuf gargaara malee guyyaa keessa galtee hin lakkaawamtu. Erga guyyaa keessa hin gallee maaf lakkaawwamti yoo jedhamee yoo phaagumee 7 lakkaawamee addaatti hin bahiin labsiin yaada galaana ykn baahira assaab, kan oolmaa ayyaanoota fi tsoomii dhufuu hin danda’u. Kanaaf oolmaa ayyaanoota fi tsoomii argachuuf phaagumee 7 of eeggannoo guddaan baasuun barbaachisaa akka ta’ee hayyoonnii Abushaahir ibsaniiru.

Akka shallaggii yaada Abushaahir fi galaana yaadatti qixxeen guyyaa fi qixxeen halkaanii { phaagumeen 7 deeddeebi’ee bara 1700 A.L.I irraa 13ffaan erga eegalee waggoota 313 ta’ee barri Yohaannis, 2012 irraatti waggoota 287 kan hafu yoo ta’u bara 2300 A.L.I ttii phaagumeen 7n oola jechuudha. Baroota 313 + 287 = 600 yoo ta’u bara itti ta’uu argachuuf bara 1700 irraatti yoo bara 600 daballe bara 2300 A.L.I ttii ta’a jechuudha. Sababni bara 1700 irraatti idaanuuf dura bara 1700 A.L.I ttii phaagumeen 7n waan oolteefi dha. Yeroo phaagumeen jahaan ooltuu urjiin aduu fakkaatu gurraachi maqaan isaa Aqaad jedhamuu bahee ad
uu haguuga. Yeroo kan halkanii fi guyyaan dukkaana ta’ee bulee oola. Kunis agarsiistuu gidiraa ykn joora jedhama. Kunis bara Atsee Tsahaay Saggad Iyyaasuu akka ta’ee galmaa’era. { Matsihaafa Abushaahiir, p, 206 }
Yaadannoof baroota phaagumee 7ffaa kan darbee
Dh.K.B bara 2300 A.L.I = phaagumee 7ffaa
Dh.K.B bara 1700 A.L.I = phaagumee 7ffaa
Dh.K.B bara 1100 A.L.I = phaagumee 7ffaa
Dh.K.B bara 500 A.L.I = phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 100 _ _ _ = phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 700 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 1300 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 1900 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa

Dh.K.D bara 2500 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 3100 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 3700 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 4300 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 4900 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 5400 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Kan fulduraatis argachuuf phaagumee dhiyyenya dabarsine bara 1700 irraatti 600 yoo daballe, bara 2300 phaagumeen 7 ta’a . Kan itti aanuus argachuuf ammas 2300 irraatti 600 yoo daballe bara 2900 tti phaagumeen 7 ta’a, jechaa itti fufa.
Dhugumaan Itiyoophiyaa biyyaa baay’ee badhaatuu fi beekumsa qorannoo lakkoofsa baraan kan fagaatte ta’uu ishee oolmaa phaagumee 7 baasuu ishee irraa hubachuun ni danda’ama. Biyyoonni biro phaagumee 7 miti 5 fi 6 baasuu dadhabuun balleesaniiru.
Galannii Waaqayyoof yaa ta'uu.
Ameen.
Kitaabota Wabii
#:- አቡሻህር የኢትዮጵያ ዘመን ቀመር= ዲ/ን ኢንጅነር አብረሃም ጤናው
#:- ባሕረ አሳብ= ማኅበረ ቅዱሳን
#:- አንድሮሜዳ = መጋቤ ሐዲስ ዶክተር ሮዳስ ታደሰ & ዶክተር ጌትነት ፈለቀ
#:- Koorsii Bu'uuraa= D.n Naahimii Fayyisaa
Galannii Waaqayyoof
Deesuu waaqa Dubree Maariyaamiif
Kabajamoo Fannoo Iyyaasuusiif
Hanga Bara Baraatti Yaa Ta'u
Ameeen.
©B/saa Guutamaa Makonniin ( Walda Mikaa'el )
Telegram Channel. https://t.me/Hi21Mar share join
Telegram dhuunfaa:- https://t.me/mar21mich
E.mail:- wolde21mar.@gmail.com
Facebook. https://www.fb.com/ Wolde Michael Mekonen
uu haguuga. Yeroo kan halkanii fi guyyaan dukkaana ta’ee bulee oola. Kunis agarsiistuu gidiraa ykn joora jedhama. Kunis bara Atsee Tsahaay Saggad Iyyaasuu akka ta’ee galmaa’era. { Matsihaafa Abushaahiir, p, 206 }
Yaadannoof baroota phaagumee 7ffaa kan darbee
Dh.K.B bara 2300 A.L.I = phaagumee 7ffaa
Dh.K.B bara 1700 A.L.I = phaagumee 7ffaa
Dh.K.B bara 1100 A.L.I = phaagumee 7ffaa
Dh.K.B bara 500 A.L.I = phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 100 _ _ _ = phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 700 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 1300 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 1900 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 1900 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 2500 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 3100 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 3700 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 4300 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 4900 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Dh.K.D bara 5400 _ _ _ = Phaagumee 7ffaa
Kan fulduraatis argachuuf phaagumee dhiyyenya dabarsine bara 1700 irraatti 600 yoo daballe, bara 2300 phaagumeen 7 ta’a . Kan itti aanuus argachuuf ammas 2300 irraatti 600 yoo daballe bara 2900 tti phaagumeen 7 ta’a, jechaa itti fufa.
Dhugumaan Itiyoophiyaa biyyaa baay’ee badhaatuu fi beekumsa qorannoo lakkoofsa baraan kan fagaatte ta’uu ishee oolmaa phaagumee 7 baasuu ishee irraa hubachuun ni danda’ama. Biyyoonni biro phaagumee 7 miti 5 fi 6 baasuu dadhabuun balleesaniiru.
Galannii Waaqayyoof yaa ta'uu.
Ameen.
Kitaabota Wabii
#:- አቡሻህር የኢትዮጵያ ዘመን ቀመር= ዲ/ን ኢንጅነር አብረሃም ጤናው
#:- ባሕረ አሳብ= ማኅበረ ቅዱሳን
#:- አንድሮሜዳ = መጋቤ ሐዲስ ዶክተር ሮዳስ ታደሰ & ዶክተር ጌትነት ፈለቀ
#:- Koorsii Bu'uuraa= D.n Naahimii Fayyisaa
Galannii Waaqayyoof
Deesuu waaqa Dubree Maariyaamiif
Kabajamoo Fannoo Iyyaasuusiif
Hanga Bara Baraatti Yaa Ta'u
Ameeen.
©B/saa Guutamaa Makonniin ( Walda Mikaa'el )
Telegram Channel. https://t.me/Hi21Mar share join
Telegram dhuunfaa:- https://t.me/mar21mich
E.mail:- wolde21mar.@gmail.com
Facebook. https://www.fb.com/ Wolde Michael Mekonen
Telegram
Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo
Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha.
Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.
Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.
Forwarded from Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo (Gutema Mekonen (Wolde Michael))
Kalaandarii Bara 2017

Seenaa Qulqulluu Dimeexiroos
©B/saa Guutamaa M. ( Walda Mikaa'el)
https://t.me/Hi21Mar share join
Qulqulluun Dimeexiroos Iskiindiriyaa teessoo qulqulluu Maarqoosiif duree phaaphaasii 12ffaa jaarraa 3ffaa keessa ture yoo ta’u, Dimeexiroos jechuun, daawwitii, aduu, fuullee, ifaa jechuu yoo ta’u dhalootni isaa Iskiindiriyaa dha. Bara beelaa obbolleeyyan lama, Armaasqoos, fi Damaasqoos kan jedhaman ture. Armaasqoos intala Li’iilta Weeyni jedhamtu yoo qabaatu, Damaasqoos immoo mucaa Dimeexiroos jedhamu qaba. Obboolleeyyan lamaan kun sababa beelaaf yeroo gara Mo’aab godaanan Armaasqoos du’ee ture. Yeroo du’uuf jedhu, Obboleessa isaa Damaasqoosiin “adaraa mucayyoo koo, Li’iilta Weeynii, mucaa kee Dimeexiroosiin addaan na jalaa hin baasiin, ija tokkoon naaf ilaallii guddisii” jedhee waan du’eef Damaasqoosiis adara Armaasqoos kabajee Dimeexiroos fi Li’iilta Weeyni waliin guddise. Biyyaa ormaa warra amantaa hin qabne keessatti waan guddataniif yeroo gaa’eela gahanitti, Dimeexiroos eenyu akka fuudhuu fi Li’iilta Weeyni eenyuun akka heerumtu hiibboo guddaa itti ta’e. Sababni isaas namni akka isaanii waaqayyootti amanuu waan hin jirreef nama amantaa hin qabne waliin yeroo tokko ta’an amantaa isaanii dagatu, mana qulqullummaa hafuuraa sillaasee balleessu waan ta’efidha. Kunu hundi ta’uu irraa Dimeexiroos fi Li’iilta Weeyni ijjoollee obbolleeyanii akka wal fuudhaan yaadun walitti heerumsiisan. Guyyaa cidhaa yeroo isaan mana misirroo seenaan yaadni fi kaayyoon Li’iilta Weeyniif waan hin gallee, “ ati aniif ati ilmaan obbolleeyyaan, nutis obboleeyyan akka taane hin beektu moo? Kan kana irraa hafee maaliif hojii ormoota dalagna?” Jechuun Dimeexiroos gaaffate. Dimeexiroosis “fedha maatii koon guutaafan malee, fedhii kee qabaadhe miti, fedhii kee yoo hin taane ni dhiisna,” jennaan, isheenis “ ni dhiisna” Jetten, innis deebisee “erga wal dhiisnee si illee dhiira biraa ormootaaf, anafis dubartii biraa ormoota keessa nutti fuudhu kana irra haadha manaa fi abbaa manaa fakkaannee yaa jraanuu” jennaan, “isheenis fakkaannee yaa jiraannuu” jechuun, mana tokko keessa jiraachaa siree tokko irra rafaa fedhii foonii irraa fagaatanii walii isaaniif obboleeyyaan ormootaaf haadha warraa fi abbaa warraa fakkaatanii jiraatan.
Yeroo kana qulqulluummaa isaanii argee Ergamaan waaqayyoo qulqulluun Mikaa’el koola mirgaa Dimeexiroositti, koola bitaa Li’iilta weeynitti uffisee bulee ganama bifa guggeen bahee adeema. Bara sana Phaaphaasiin Iskiindiriyaa Yooliyaanoos yoo jedhamu, teessoo qulqulluu Maarqoosiif phaaphaasii 11ffaa ture. Innis yeroo dulloomee, of dadhabeetti namoonni bira dhaquun, “yaa abbaa keenya, heddu dulloomtanii jirtu, baay’ees dadhabdan isiin booda phaaphaasii kan nuuf ta’u nutti himaa’’ yeroo jedhanii gaaffatan, “isinis gara waaqayyootti himadha, anis waaqayyoon nan gaaffadhaa” jechuun gaggeessan. Yeroo Yooliyaanoos subaa’ee keessa tureetti ergamaan waaqayyoo gara isaa dhufee, “Dimeexiroos kan jedhamuu kan yeroon argamsiisee weeynii bareedaa sadi qabatee eebbiffamuu si bira ni dhufa, sitti aanee kan phaaphaasii ta’u isaadha” jechuun itti hime. Yooliyaanoos yeroo uumanni beellaman isa bira dhufanitti, “ argattanii ?” jechuun yoo gaaffatu, isaaniis, “hin arganne” yeroo jedhaniin, inni immoo deebisee, “ ani immoo aragdheera” Dimeexiroos kan jedhamuu kan yeroon argamsiisee weeynii bareedaa sadi qabatee eebbiffamuu si bira ni dhufa, anatti aanee kan phaaphaasii ta’u isaadha yeroof hin ta’u jedha, dirqamaan muudaa” jedheen.
Dimeexiroos qonnaan bulaa waan tureef guyyaa tokko dhaabaa weeynii osoo daawwachaa jiruu weeynii yeroo isaa malee buusee bareede mul’ate argee fuudhee galeenii, Li’iilta Weeyniitti yeroo kennu isheen, “kun nuuf hin ta’u hayyuu phaaphaasotaaf kennii eebba fudhadhuu koottu” jetteen. Innis Weeynicha qabatee Yooliyaanoos bira geese eebbiffame. Yooliyaanoos Dimeexiroos eebbisee “ana booda phaaphaasii kan ta’u kanaadha’ jedhee yeruma sana waan boqateef, uumanni phaaphaasichaa awwaalee yeroo galu, “Dimeexiroos nuuf yaa muudamu” jedhan.

Dimeexiroos yeroo kana gadi of qabuun, “ teessoo Maarqoos irra kan taa’u, kan barate, dubrummaa kan qabu, ana akkuma beektan ani uummata, fooniidha, ani wallaalaadha, teessoon hayyuu Yooliyaanoos anaaf? Ani abbaan gaa’elaa, teessoo dubrummaa? Akkam ta’ee anaaf ta’a? “ yeroo jedhuun, uummanni “ nuti abbaan keenya kan nuuf ajaje si dhiisnee kan biraa hin muudnu jedhaniin. Dimeexiroos uummanni akka isa dhiisu hin feene hubachuun, “tole! Hayyuun phaaphaasiin yeroo muudamuu maal isiniif godha?” jedhee yeroo gaafatu, “keeyyata tiksee hoolaa nuuf hiiki” jedhaniin. Dimeexiroosis wangeela fidaa jedheeni yeroo wangeela kennaniif, hiikka miti dubbisaa kan hin beekne qotee bulaan qubee hin lakkoofne hafuurri qulqulluun ibseefi, keeyyata tiksee hoolaa, Yoh. 10:1-30 dubbisee hiikeef. Sana booda kakuu moofaa fi kakuun haaraa kitaabni 81 hiikun ifeefi hike barsiisuu eegale.
Qulqulluun Dimeexiroos hafuura qulqulluun cubbuu namoota beekun qurbaanaf gahuu fi gahuu dhiisuu yeroo itti himu uummanni, “phaaphaasiin kun niitii bareeddu takka manaa qaba, nuti immoo maaf nu dhoorka?” jechuun komachuu eegalan. Dimeexiroosis komatamuu isaa hafuuraa qulqulluun beekun, “ bishaan leematii xiqqaa keessa godhee, irraan, ibidda godhee mootichaaf yeroo ergu ibiddichii homaa hin gubne”. Mootichiis kana argee Dimeexiroos phaaphaasii qulqulluu ta’uu hubatee komii isaa irraa haqe. Kana boodas ergamaan waaqayyoon, “fayyina kee fi niitii kee qofa hin eegin fayyina namootas itti dabali, iccitii si fi niitii kee gidduu jiru uummataaf ibsi” yeroo jedhuun, Dimeexiroos labsii labsiisee uummata muka walitti qabsiise. Dimeexiroosis, uffata lubummaa, kaawwatee, qiddaaseef seenee, kadhannaa qiddaasee, fixee, uffata lubumma akkuma uffateetti uumatni daamaraa hojjechiisee, ibiddaan gubee jidduu deeddeebi’ee ixaanaa aarsaa, ture. Niitii isaa Li’iilta weeyniis waame “ uffata kee bal’isii “ jedheen, isheenis ishinnis bal’iste, innis barbadaa ibiddaa uffata ishee irraatti yeroo dabaluu ibiddi ishees uffata ishees hin gubne.
Uummannis kana ilaalle “yaa abbaa keenyaa maaliif raajii kana raawwatte?”n yeroo jedhaniin, Dimeexiroos, “ ani fi Li’iilta Weeyni erga wal fuunee waggoota 48 taane, garuu siree tokko, saleenii tokko irra rafaa waggoota 48 waliin jiraannus akka obboleessaaf obboleetitti malee akka dhirsaaf niitiitti fedhii fooniin { qunnamtii saalaan } wal hin beknu, Isin garuu cubbuu keenya malee nu komatan” jedheen. Uummannis “yaa abbaa keenya si balleesinee jirraa dhiifama nuuf godhi” yeroo jedhaniin, Dimeexiroos, “ይፍታሕ ወይኅድግ ያንጽሕ ወይስረይ ካህን ሊቀ ካህናት ኢየሱስ ክርስቶስ ( hayyuun luboota Iyyaasuus Kiristoos dhiifama isniif yaa godhu jedheen.
Qulqulluun Dimeexiroos hojii guddaan inni mana amantaf buuse kitaaba “Baahira Hassaab” ykn Yaada galaanaa jedhamu barreessudhan. Kitaaba kanas gooftaan erga gara samii ol bahee waggaa 207 booda bara 240 B.A bara aangoo isaa waggaa 27ffaa barreesse. Kitaabni kunis haala guyyoota tsoomii fi ayyaanoota fulduraatti dhufanii, beekuuf kan gargaarudha. Kanas duuka bu’oota iraa kaasee, hanga bara isaatti, tsooma faasikaa Amajjii eegaluun, Guraandhala 21 xummuru. Dhukkubbii gooftaa immoo Bitooteessa keessa taasisu ture. Kana gochuun isaanii gooftaan cuuphamee waan tsoomeef jedhanii ayyaanotaa fi tsoomiiwaan argachuuf tsoomu. Dimeexiroosiis, tsooma nanawee, tsooma faasikaa, tsooma duuka bu’ootaa wiixata irra, tulluun ejersaa { debra tabor } hoosaa’inaa, du’aa ka’uun sanbata kiristiyaana irraa, pharaaqilixoos, gad of qabuun luboota { rikba kaahinat}, kadhannaa fayyinaa roobii irraa, ol bahuun { irgat } kamisa irraa, fannoon jimaata akka hin bane yaa gooftaa naaf ibsi” jechuun subaa’e gale.
Waaqayyoon biraa kan ergamee ergamaan waaqayyoo dhufee “ halkan 23, 23n hanga subaa’ee 7 lakkaa’I 161 ni ta’a. 161 immoo 30 yoo hirte 5 gahee hafteen 11 ta’a. Haftee 11 kanas abaqtee jettee guyyoota waliin walitti idate baafata halkanii akka baaftuf siif yaa ta’u” jedheen. Kan guyyaa hanga subaa’ee 7 lakkaa’I 49 ta’a. 49 immoo 30 gahee haftee 19 hafuun maxqi’ii jettee daballii ykn tawusak waliin idaatee guyyaa tsoomii fi ayyaana baasta” jedheen.

Kan guyyaa waan xiqqeesseef guyyaa hojiin akka baay’atu ibsuu barbaadeeti. Dimeexiroos akkuma hawweeti hafuurri qulqulluun ibseefi guyyoota ayyaana fi tsoomii guyyaa isaaniin waliin dalageera.
Har’as shallaggii galaana yaadaa qulqulluu Dimeexiroos irraatti hundaa’uun manni amantaa Ortoodoksii Tewaahidoo addunyaas ta’e Itiyoophiyaa guyyoota Ayyaanoota fi tsoomiin itti eegaluu dursanii shallagu. Har’a irraa taa’uun kan fulduratti dhufuu kan waggaa 100 shallaguun ni danda’ama. Kanas shallaguuf duraa duuba isaa hordoofuun barbaaachiisaadha.
Galannii waaqayyoofyaa ta'uu
Ameen
Kitaabota Wabii
#:- አቡሻህር የኢትዮጵያ ዘመን ቀመር= ዲ/ን ኢንጅነር አብረሃም ጤናው
#:- ባሕረ አሳብ= ማኅበረ ቅዱሳን
#:- አንድሮሜዳ = መጋቤ ሐዲስ ዶክተር ሮዳስ ታደሰ & ዶክተር ጌትነት ፈለቀ
#:- የዘመኑ ታሪክ = ዲያቆን መላኩ አስማማው
#:- ባሕረ ሐሳብ የዘመን ቁጠራ ቅርሳች ከታሪክ ማስታወሻ ጋራ= ፕሮፌሰር ጌታቸው ኃይሌ
#:- መፅሐፈ ሥነ ፍጥረት በግዕዝ
#:- መፅሐፈ ምስጥረ ሰማይ ወምድር ግዕዝ
#:- Koorsii Bu'uuraa= D.n Naahimii Fayyisaa
፡
Galannii Waaqayyoof Deesuu waaqa Dubree Maariyaamiif Kabajamoo Fannoo Iyyaasuusiif Hanga Bara Baraatti Yaa Ta'u Ameeen.
©B/saa Guutamaa Makonniin ( Walda Mikaa'el )
telegram Channel. https://t.me/Hi21Mar share join
Telegram dhuunfaa:- https://t.me/mar21mich
E.mail:- wolde21mar.@gmail.com
Facebook. https://www.fb.com/ Wolde Michael Mekonen
06/01/2017
Har’as shallaggii galaana yaadaa qulqulluu Dimeexiroos irraatti hundaa’uun manni amantaa Ortoodoksii Tewaahidoo addunyaas ta’e Itiyoophiyaa guyyoota Ayyaanoota fi tsoomiin itti eegaluu dursanii shallagu. Har’a irraa taa’uun kan fulduratti dhufuu kan waggaa 100 shallaguun ni danda’ama. Kanas shallaguuf duraa duuba isaa hordoofuun barbaaachiisaadha.
Galannii waaqayyoofyaa ta'uu
Ameen
Kitaabota Wabii
#:- አቡሻህር የኢትዮጵያ ዘመን ቀመር= ዲ/ን ኢንጅነር አብረሃም ጤናው
#:- ባሕረ አሳብ= ማኅበረ ቅዱሳን
#:- አንድሮሜዳ = መጋቤ ሐዲስ ዶክተር ሮዳስ ታደሰ & ዶክተር ጌትነት ፈለቀ
#:- የዘመኑ ታሪክ = ዲያቆን መላኩ አስማማው
#:- ባሕረ ሐሳብ የዘመን ቁጠራ ቅርሳች ከታሪክ ማስታወሻ ጋራ= ፕሮፌሰር ጌታቸው ኃይሌ
#:- መፅሐፈ ሥነ ፍጥረት በግዕዝ
#:- መፅሐፈ ምስጥረ ሰማይ ወምድር ግዕዝ
#:- Koorsii Bu'uuraa= D.n Naahimii Fayyisaa
፡
Galannii Waaqayyoof Deesuu waaqa Dubree Maariyaamiif Kabajamoo Fannoo Iyyaasuusiif Hanga Bara Baraatti Yaa Ta'u Ameeen.
©B/saa Guutamaa Makonniin ( Walda Mikaa'el )
telegram Channel. https://t.me/Hi21Mar share join
Telegram dhuunfaa:- https://t.me/mar21mich
E.mail:- wolde21mar.@gmail.com
Facebook. https://www.fb.com/ Wolde Michael Mekonen
06/01/2017
Telegram
Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo
Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha.
Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.
Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.
Forwarded from Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo (Gutema Mekonen (Wolde Michael))
Hewaan Lammaffaa Giiftii Maariyaam
ዳግሚት ሔዋን እመቤታችን ማርያም
©B/saa Guutamaa M. ( Walda Mikaa'el)
https://t.me/Hi21Mar share join
Maariyaam jechuun Hewaan lammaffaa jechuudha. Abboonnii bataskaanaa Itiyoophiyaa haadha keenya qulqulleettii Maariyaam ergaa dhugaa qulqulluu Gabri’eel irraa fudhattee fi Hewaan kan ergaa sobaa Diyaabiloos irraa fudhattee wal bira qabuun hiika itti kennaa barsiisu. Haati keenya jalqabaa Hewaan faallaa kanaan ergaa sobaa diyaabiloos sobaa irraa fudhachuun cubbuu ulfaa’uun ilmaan Addaam hundaaf saba kuffiinsaa fi du’a taate jirti , gama biroon haati keenyaa qulqulleetti Dubree Maariyaam, ergaa dhugaa kan qabatee ergamaa Waaqayyoo qulqulluu Gabri’eel irraa fudhachuun, ilma namaa gabrummaa kan baasee fi iddoo kabajaattii kan deebisee gooftaa keenyaa Iyyaasuus Kiristoos dubrummaaf ulfooftee akkuma deesse .. Hewaan jalqabaa ergaa sobaan dogongortee gorsaa seexanaa qabachuun ajaja waaqayyoo cabsuun muka du’aa fi gabrummaaf isaan dabarsuu nyaattee abbaa warra ishee Addaamiif kennitee nyaachifte. Se. Um. 3÷1-6 Haatii keenyaa qulqulleetti Maariyaam Hewaan ajajaa waaqayyoo cabsitee irraa deebiin gaafattee, amantaa, sirnaa gaariin, gadi of qabuun ergaa dhugaa waaqayyoo irraa ergamaa dhugaa qulqulluu Gabri’eel irraa dhufe Anaaf yaa ta’uu jechuun fudhachuun Iyyaasuus Kiristoos budeena jireenyaa argamsiisuun budeena jireenya waan nu nyaachifteef Hewaan haaraa ykn hewaan lammataa jechuudhan . Luq. 1÷38. Dubree Maariyaam fi Hewaan yoo waliin madaalchisan.
Hewaan yeroo dursa uumamtuu mudoo ykn cubbuu malee dhalatte. Se. Um. 2÷22-28. Hewaan haaraan Dubreen Maariyaamis mudoo ykn cubbuu malee dhalatte. Isa. 1÷9, Luq. 1÷28, Far. Far. Ca. 4÷7.
Hewaan ergamaa kuffetuu dogongorsiisee. Se Um. 3÷1-6, Dubreen Maariyaam garuu ergamaa amanamaa qulqulluu Gabri’eel irraa fudhattee. Luq. 1÷26
Gurraa Hewaaniin ergamaan du’aa yoo seenuu Gurraa Dubree Maariyaam garuu ergamaa jireenyatuu seenee. Luq. 1÷31.
Hewaan waaqummaa barbaaddee oftuulluun ajaja waaqayyoo gante. Se. Um. 3÷5-6, Dubreen Maariyaam garuu Haadhaa waaqayyoo akka taatee yeroo itti himameetti gadi of qabuun kunoo garbittii kee jechuun gadi of qabdee ajaja waaqayyoo akka sagalee kee anaaf yaa ta’u jette. Luq. 1÷39.
Hewaan gowwummaa fi yaadachuu dhabuun gaaffii tokkoo malee gorsa bofaa kan diyaabiloosin ergamee fudhatte. Se. Um. 3÷6, Hewaan lammaataa Dubree Maariyaam of eegannoon sirriitti hubachuuf gaaffii gaaffattee. Luq. 1÷29-34.
Hewaan ilmaan namaaf kuffiinsaa fi du’a fidde. Se. Um. 3÷16-19. Dubree Maariyaam garuu qorichaa fi jireenya deesse. Luq. 2÷11.
Hewaan gara muka jireenya hin dhiyaannee dhoorkamte. Se. Um. 3÷24. Dubree Maariyaam garuu muka jireenyaa kan ta’e gooftaa nuuf deesse. Yoh. 15÷1.
Hewaan gara gannatii akka hin seenee ergamaan albee abiddaa qabatee ittise. . Se. Um. 3÷24, Dubree Maariyaam garuu ergamaan jaalalaan ishee eegaa ture. Luq. 1÷26.
Hewaan ajajamuu dhabuu ishee irraa kan ka’ee karri gannatii nutti cufame, Se. Um. 3÷24, Dubree Maariyaam garuu waaqayyoof ajamuun karri gannattii akka nuuf banamu sababa taate. Luq. 23÷43.
Hewaan abaarsaaf jecha cinuunsuu fi dhiphuun akka deessu itti murtaa’e, Se. Um. 3÷16, Dubree Maariyaam garuu hafuuraa qulqulluun dhukkubbii tokko malee gooftaa keenya deesse. Luq. 1÷39.
Hewaan ilmi ishee dursa deesse Qaayel kan badii fi nama yeroo duraaf lubbuu balleessee dha. Se. Um. 4÷8, Ilmi dursaa ( ye bakur lij ) Dubree Maariyaam Iyyaasuus addunyaa hundaaf qorichaa fi du’aa ka’uumsa ture. Yoh. 4÷42. 1Qor. 15÷20-21.
Hewaan fooniin Haadha hundaa taate, Se. Um. 3÷20, Dubree Maariyaam haadha hafuura jiraattoota qulqulloota hundaa taate. Yoh. 19÷26-27.
Hewaan cubbuu isheen gara biyyee deebite. Se. Um. 3÷19, Dubree Maariyaam garuu qulqulluummaa isheen akkuma ilma ishee gara samii baate. Mul. 11÷19, 12÷1-, jechuudhan hayyoonni fi beektoonnii mana amantaa Itiyoophiyaa bifa ajaa’ibsiisaa fi raga kitaaba qulqulluun hiikaniiruu

Dhugumaan abboonni mana amantaa iccitii maqaa, qulqullummaa, kabajaa, dubrummaa, fi olaantummaa haadha keenyaa qoratanii biraa gahuu dadhabuu irraa kan ka’e maaliin akka ishee fakkeessanii ishee ibsan ishee gaaffatan. Araarri dubree fi kennaan ilma ishee kan irraa bule phaaphaasiin Bihiinsaa qulqulluun Abbaa Hiriyaaqoos qiddaase giiftii Maariyaam lakk. 22-24 irraatti, ንትነሣእ በፍርሃተ እግዝአብሔር ናዕብያ ወንወድሳ ለምልዕተ ውዳሴ እንዘ ንብል፣ ኦ ምልዕተ ጸጋ፣ ኦ ሙኃዘ ፍሥሓ ፍድፋደ ብኪ ግርማ ራእይ ዘየዐቢ እምኪሩቤል እለ ብዙኃት አዕይንቲሆሙ ወሱራፌል እለ ፮ ክነፊሆሙ፡፡ ውሰተ ጽባሕ ነጽሩ ( እግዝእትነ ማርያም )፣ በአማን ነጸረ እዝግአብሔር አብ እምሰማይ ምሥራቀ ወምዕራበ ሰሜነ ወደቡበ ውስተ ኵሉ አጽናፍ፡፡ አስተንፈሰ ወአፄነወ ወኢረከበ ዘከማኪ፣ ወሠምረ መዓዛ ዚአኪዋፍቀረ ሥነኪ ወፈነወ ኀቤኪ ወልዶ ዘያፈቅር፣ ንነጽር ቅዱስ እግዝአብሔር አብ ዘሠወምረ ኪያኪ፣ ቅዱስ ወልድ ዋሕድ ዘኀደረ ውስተ ከርሥኪ፣ ቅዱስ ጰራቅሊጦስ መንፍስ ጽድቅ ዘአጽንዐኪ፡፡( Waaqayyoo sodaachuun ka’aa.galataan kan guuttamte, ishee ol ol akka taasisnuuf, akkana jechaa yaa galatteeffannu, kennaan kan guuttamte, yaa dhangalaastuu gammachuu, ijji isaanii baay’ee kan ta’an, koochoon isaanii baay’ee kan ta’an Suraafeel caalaa miidhagina bifaa qabda. Gara baha ilaalaa ( Giiftii Maariyaam ) Waaqayyoon abbaan samii irra ta’ee qarqara bahaa fi lixa, kaabaa fi kibbaa hunda dhugaan ilaalee. Hafuura baafate, ni fuunfates kan akka kee jiru hin arganne, urgaa’ina keetis jaalate, naatoo keetis jaalateera ilma isaa jaalatus gara kee erge. Yaa xiyyeeffannu, si kan jaalate waaqayyoon abbaan qulqulluudha. Gadaameessa kee kan bule ilmi foon uffates qulqulluudha kan si jajabeesse hafuurri qulqulluu dhugaan qulqulluudha” jedhee waaqayyoon filamuu fi kennaa fi galataan guuttamuu ishee erga ibsee booda, lakk. 29 irraatti, ኦ ድንግል ምልዕተ ውዳሴ በመኑ በአምሳለ መኑ ናስተማስለኪ ( Galataan kan guuttaamtee yaa dubree eenyuu fi eenyuun si fakkeesina ? ” fakkeenyi isheen wal fakkaatu akka hin jirre ibse. Bara kakuu haaraa keessa kana hunda ilaaluun kabajaa ishee jaalala ishee irraa kan ka’ee namoonni maqaa Maariyaam jedhu moggaaffatu. Manni amantaas akka maqaa kiristiyaanummaatti dhiiroonni guyyaa 40tti dubartoonni guyyaa 80tti miseensa mana amantaa fi qaama Kiristoos ta’an maqaa dubree maariyaamiin moggaasa jirti, fulduraattis ni moggaasti.
Waanan barreese barreesseera. Yoh. 19÷22.
Galanni waaqayyoof yaa ta’u
Ameen.
Galannii Waaqayyoof Deesuu waaqa Dubree Maariyaamiif Kabajamoo Fannoo Iyyaasuusiif Hanga Bara Baraatti Yaa Ta'u Ameeen.
©B/saa Guutamaa Makonniin ( Walda Mikaa'el )
telegram Channel. https://t.me/Hi21Mar share join
Telegram dhuunfaa:- https://t.me/mar21mich
E.mail:- wolde21mar.@gmail.com
Facebook. https://www.fb.com/ Wolde Michael Mekonen
10/01/2017
Waanan barreese barreesseera. Yoh. 19÷22.
Galanni waaqayyoof yaa ta’u
Ameen.
Galannii Waaqayyoof Deesuu waaqa Dubree Maariyaamiif Kabajamoo Fannoo Iyyaasuusiif Hanga Bara Baraatti Yaa Ta'u Ameeen.
©B/saa Guutamaa Makonniin ( Walda Mikaa'el )
telegram Channel. https://t.me/Hi21Mar share join
Telegram dhuunfaa:- https://t.me/mar21mich
E.mail:- wolde21mar.@gmail.com
Facebook. https://www.fb.com/ Wolde Michael Mekonen
10/01/2017
Telegram
Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo
Chaanaalii Barumsi Bataskaana Otoodoksii Tewaahidoo kan irratti darbuu fi gaaffii shakkitootaa fi gantoota irraa ka'aniif deebiin abboota keenyaa itti deebi'uudha.
Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.
Kitaabbilleen garagaraas kan itti upload ta'uudha.
Forwarded from Harmee Ortoodoksii Tewaahidoo (Gutema Mekonen (Wolde Michael))
Dubree Maariyaam Iyyasuus Waliin Gara Gibxii Godaanuu.
©B/saa Guutamaa Makonniin ( Walda Mikaa'el)
https://t.me/Hi21Mar share join
Haati keenya qulqulleetti Maariyaam yeroo ilma ishee mootii ardii fi samii deesseetti warroonni ogeessoonni ykn baha fagoo irraa dhufan, Warqee, Ixaanaa fi Qunbii qabachuun urjiin gaggeeffamaa “Mootiin Yihudaa dhalate jedhame” eessa jechuun gaaffachaa gara iddoo daa’imni itt dhalatee adeemuun kennaa kennaniifi sagadaniif. Yeroo kana mootii lafaa fi foonii yeroo sanaa kan ture Heroodsi akka mootii lafaa fi foonii qofaatti lakkaa’uun hinaaffaan qabamee Iyyasuus Kiristoos barbaadee ajjeessuuf yeroo ka’u warroonni baha fagoo irraa dhufan karaa jijjiiruun kallatti biraan galan. Yeroo kana Heroodsi kallattii addaan Iyyasuus Kiristoos ajjeessuuf yeroo loltoota isaa ergu, Ergamaan Waaqayyoo abjuun Yooseeffitti mul’achuun, “Ilma ajjeessuuf barbaadu, ka’ii ilmaa fi haadha isaa qabadhuu gara Gibxii baqadhu, hangan sitti himutti achi taa’i” ( Maat. 2÷1-12) jechuun akkuma itti himetti Yooseef halkanuma sana qulqulleetti Maariyaam fi daa’ima ishee Iyyasuus Kiristoos qabatee gara biyya Gibxii deemuu wangeelli Maatewoos, “Innis ka’ee daa’imichaa fi haadha isaa halkaniin qabee, gooftaa biraa raajiidhaan ‘ilma koo Gibxii Waame” kan jedhame akka raawwatuuf gara Gibxii deeme, hanga Heroodsi du’ettis achuma jiraate” (Maat. 2÷14-15) jechuun Yooseef hanga Heroodsi du’eetti achii akka jiraatu barreessee jira. Wangeelli Maatewoos raajii dursee qulqulluu Hoose’iin, “ilma koo Gibxii Waame” (Hoos. 11÷ 1), jedhamee raajame sun dirqama akka raawwates ibsee jira. Dabalataan Raajichi Waaqayyoo hangafni qulqulluun Isayaas hafuura qulqulluun gaggeeffamee, “Kunoo Waaqayyoon duumessa ariifataan gara Gibxii ni dhufa, Xaa’ootiin Gibxiin fuulduratti ni roomma’u” (Isa. 19÷1) jechuun akkuma raaje yeroon geenyaan Iyyasuus Kiristoos gara biyyaa Gibxii godaanee jira. Raajii Isayaas keessatti duumeessa ariifataa kan jedhamte, dugda haadha keenya qulqulleetti Maariyaam, yoo ta’u waaqayyoon immoo ilma Waaqa jiraataa innis waaqayyoo kan ta’e daa’imni Iyyasuus Kiristoos dugda dubree Maariyaamin baatamee biyya Gibxitti godaanuu kan agarsiisuudha. Iyyasuus Kiristoos haadha isaa waliin yeroo gara biyya Gibxii godaaneetti jinniiwwan namoota irra buluun isaan dogongorsaa turee moo’achuun ari’ee jira. Haati isaa qulqulleetti Maariyaamis ilma ishee jaalatamaa dubrummaan deesse dugda isheetti baachuun Beeteliheemi biyyaa Israa’eeli ka’uun gammoojjii hedduu keessa qaxxaamurtee, beelaa fi dheebuu rakkoo hedduu dabarsaa waliin gara biyya Gibxii baqattee jirti. Biyya Gibxii Yeroo geessettis jinniiwwan namoota irra buluun laphee namootaa jabeessuun gidiraa hedduu irraan gahaa wan tureef dubreen Maariyaamis yeroo kana imaammaan ishee ilma ishee jaalatamaa dubrummaan deesse ana jala ajjeessuuf jechuun boohaa turte. Beelli fi dheebuun gammoojjii Gibxii keessatti isaan simates waan xiqqaatti dubbatamee fi barreeffamee dhumuu miti. Garuu duuti ilma Waaqayyoo guyyaa issa malee waan hin taaneef akka ishee sodaatte osoo hin taane gidiraa fi dhiphuu qofaan goodansa dabarsanii jiru.
Ilmi dubree Maariyaam haadha isaa waliin biyyoota hunda keessaa gara Gibxiitti godaanuun isaa, godaansa abbootni keenya kan akka Yooseef ilma Yaa’iqoob fi Abrehaam gara Gibxii waan godaananiif innis gara biyya Gibxii godaane. Akksumas Israa’eeloota foonii kan jedhaman ijoolleen Yaa’iqoob sababa beelaaf gara biyya Gibxii godaanuun gabrummaan waggoota dhibba afurii fi soddomaaf booji’amanii waan turaniif gooftaan keenyas Israa’eeloota foonii bakka bu’uun beela lubbuu Israa’eel lubbuu tasgabbeessuuf biyya Gibxii bu’ee xaa’ootii burkuteessuuf godaanee. Tokkos Iyyasuus fakkeenya Si’ooliin waan fakkeeffamtuuf, iddoo waaqa harkee ykn xaa’otiin itti baay’atan waan ta’eef gara biyya gibxii baqachuun xaa’ootii sana balleessee Waaqummaa isaan gadaamoota biyya Gibxii eebbise.

Mootichii Heroodsis Iyyasuus Kiristoos argachuuf jecha daa’imman naannoo Beeteliheemitti dhalatan badhaasatu kennamaan jechuun gowwomsuun, kanneen biroo humnaan walitti qabuun daa’imaan waggaa lamaa gadii, kuma dhibbaaf afurtamii afurii ol albeen dhiiga isaanii dhangalaasuun akka wareegaman godheera. (Maat. 2÷16)