Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/
19.6K subscribers
16.5K photos
64 videos
3 files
2.06K links
Download Telegram
#ISPOORTII
Atileetota Itoophiyaa: Miidhagina waltajjii atileetiksii addunyaa baranaa
*****
Gaazexaa Bariisaa
Waggaa lamatti al tokko kan gaggeeffamu Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa ALA bara 1983 magaalaa Guddoo Fiinlaandi, Heelsinkitti jalqabame.

Waggoota kanneen keessatti osoo addaan hincitiin yeroo 17f biyyoota addaddaatti adeemsifameera. Baranas yeroo 18ffaaf Ameerikaa, magaalaa Origiinitti haala miidhagaadhaan adeemsifamaa jira.

Itoophiyaan shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa lammaffaa kan ALA bara 1985 Xaaliyaan, magaalaa Roomitti adeemsifameef qophii barbaachisu osoo hintaasisiin hafuusheetiin ala kan ammaa kana dabalate al 17f irratti hirmaateetti.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 18ffaan kun erga jalqabamee guyyoota sagal lakkoofsiseera. Biyyoota 192 irraa atileetonni kuma tokkoofi 972 akaakuuwwan ispoortii 50n hirmaachaa jiru.

Guutummaasaatiif
https://www.press.et/afanoromo/?p=15295

Gaazexaa Bariisaarraa odeeffannoowwan dabalataa argachuuf
- Telegram
Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo
ykn liinkii
https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo

- Marsariitii
https://www.press.et/afanoromo/
Bara dhufu kolleejjota ogummaafi teknikii hundatti sirni barnoota haaraa hojiirra oola
***
Gaazexaa Bariisaa

Bara dhufurraa eegalee kolleejjota teknikiifi ogummaa biyyattii hundatti sirni barnoota haaraan hojiirra akka oolu Inistitiyuutiin Leenjii Ogummaafi Teknikii Itoophiyaa beeksise.

Daarektarri inistitiyuutichaa Doktar Tashaalaa Bareechaa DhPItti akka himanitti, bu’ura qo’annoo leenjii barnootaarratti gaggeeffameen sirni barnootaa kolleejjota ogummaafi teknikiirratti mul’ate hir’ina agarsiiseera.

Hir’inoota kunneen kan guutuufi leenjifamtoonni ogummaawwan hundumaan dandeettiifi beekumsa guutuu qabatanii akka bahaniif sirni barnoota haaraa kolleejjota hundatti hojiirra oola jedhan.

Gaazexaa Bariisaarraa odeeffannoowwan dabalataa argachuuf
- Telegram
Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo
ykn liinkii
https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo

- Marsariitii
https://www.press.et/afanoromo/
Gammachiisitti manneen barnootaa bu’uura boruu tola ooltummaan ijaaramaa jiru
****
Gaazexaa Bariisaa
Godina Harargee Lixaa, Aanaa Gammachiisitti barana sagantaa tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu'uura boruu ijaaramaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa Aanichaa beeksise.

Aanichatti bara darbe sagantaa tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu’uura boruu 29 ijaaramuun tajaajilaaf kan oolan yoo ta'u; baranas manneen barnootaa bu'uura boruu 35 tajaajila lammummaan ijaaruuf karoorfame keessaa hanga ammaatti kan 22 eegalamuu ragaan Waajjira Barnootaa aanicharraa arganne ni mul'isa.

Koreen tajaajila lammummaa aanichaas hojii ijaarsa manneen barnootaarratti eegalame milkeessuuf meeshaalee ijaarsaa qorqorroofi mismaara araddoota deeggaruun hojicha daaw'ateera.

Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Aanichaatu gabaase
#Sagantaa_dorgommii_har'aa
*****
Gaazexaa Bariisaa
Shaampiyoonaa atileetiksii 18ffaa addunyaatiin fiigichi xumuraa dhiirotaa meetira 5000 halkan 10:05 irratti kan adeemsifamu yoo ta'u, atileetonni Muktaar Idiris, Yoomiif Qajeelchaafi Solomoon Baaraggaa ni hirmaatu.

Dorgommii xumuraa meetira 800 dubartootaa halkan 10:35 irratti adeemsifamurratti ammoo Atileet Dirribee Waltajjii ni hirmaatti.

Gaazexaa Bariisaarraa odeeffannoowwan dabalataa argachuuf
- Telegram
Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo
ykn liinkii
https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo

- Marsariitii
https://www.press.et/afanoromo/
#Dargaggoo_Mahammad Hasan meeshaa sa'aatiitti boolla 1000 haadhu kalaqe
****
Gaazexaa Bariisaa
Godina Jimmaa, Aanaa Geeraatti dargaggoon kun kanaan duras tiraaktara kalaqeera.

Dargaggoon gara fuulduraatti dandeettiisaa kanaan hojiilee hedduu hojjechuu waan danda'uuf otoo deeggarsi taasisameefii jenna.
WDhKAG

Gaazexaa Bariisaarraa odeeffannoowwan dabalataa argachuuf
- Telegram
Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo
ykn liinkii
https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo

- Marsariitii
https://www.press.et/afanoromo/