Itoophiyaan hariiroo dippiloomaasii Ugaandaa waliin qabdu ni cimsiti
***********
Gaazexaa Bariisaa
Itoophiyaan hariiroo dippiloomaasii Ugaandaa waliin qabdu cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjettu ta'uu Ugaandaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Itsagannat Bazzaabbihi ibsanil.
Ambaasaaddar Itsagannat xalayaa muudamaasaanii Pirezidaantii Ugaandaa Yuuweerii Muuseeveeniif dhiyeessaniiru.
Dabalataan xalayaa nageenyaafi hawwii gaarii Pirezdaantii RFDI Saahilawarqi Zawdeerraa ergame Pirezdaanti Yuuweerii Muuseeveeniif kennaniiru.
Hariiroon dippiloomaasii Itoophiyaan Ugaandaa waliin qabdu tarsiimawa ta’uu eeruun, biyyoota lamaan gidduu wafakkeenyi aadaafi uumamaa jiraachuu kaasaniiru.
Turtii biyyattiitti taasisaniif hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uus dubbataniiru.

Walgahiin hirmaattota marii biyyaalessaa boru magaalaa Finfinneetti eegala
**********************
Gaazexaa Bariisaa
Hirmaattota Magaalaa Finfinnee Komishiniin Marii Biyyaalessa Itoophiyaarratti hirmaatan adda baasuun Hagayya 18 bara 2015 akka eegalu komishinichi beeksise.
Komishinichi ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Magaalaa Finfinneetti adeemsi qaamolee marii biyyaalessaa kanarratti hirmaatan adda baasuu boru Hagayya 18, 2015 ni eegala.
Hojii kanaaf qaamoleen qindoominaan hojjetan adda baafamuu himameera.
Kunneenis Mana Maree Waldaalee Siivilii Itoophiyaa, Mana Maree Waliinii Dhaabbilee Siyaasaa Itoophiyaa, Waldaa Barsiisota Itoophiyaa, Waldaalee Carraa Gamtaa Biyyaalessaa Itoophiyaa, Yaa'ii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaafi Bulchiinsa Aanaati.

#Oduu_ammee
Itoophiyaan miseensa ‘BIRCS’ taate
*********
Gaazexaa Bariisaa
Itoophiyaan garee 'BRICS’tti miseensummaan makamuun ibsame.
Yaa’iin biyyoota 'BRICS’ jedhamanii 15ffaan Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharrattis Itoophiyaa dabalatee Arjantiinaa, Ijibti, Iraan, Saa’ud Arabiyaafi Emereetota Araba Gamtoomanii miseensummaa haaraan akka makaman murtaa’uun ibsameera.

#Sagantaa iddoowwan ikoo turizimii haaraa beeksisu
************
Gaazexaa Bariisaa
Finfinnee: Sagantaan iddoowwan paarkii biyyaaleessaafi ikoo turizimii haaraa ifoomsuu Waajjira Pirezdaantii Oromiyaatti adeemsifamaa jira. Mariin paanaalii abbootii gahee hirmaachisees guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta'a.
Saganticharrattis Walittiqabaan Boordii Bulchiinsa Paarkiiwwanii Oromiyaa Komishinarri Jeneraalaa Kaffaaloo Tafarraa, Bulchitooni Godinaaleefi bakka buutoonni seektarichaa kan argaman yoo tahu, barreeffamoonni marii addaddaa dhihaatanii irratti kan mari'atamu ta'a. Guyyaa boriis Bosona Subbaa Magaalaa Shaggariitti argamutti sagantichi bakka pireezdaantiin Oromiyaa argamanitti ifaan kan beeksifamu ta'a.
Akka waliigalaattis paarkiiwwaniifi bakkeewwan ikoo turizimii 42 waggaa tokkoof qorannoon irratti taasifame ni ifoomu.
Saamraawiit Girmaatiin

Oromiyaatti maaddii guutuutiin omishni aannanii litira biliyoona 3.1 argame
**************************
Gaazexaa Bariisaa
Naannoo Oromiyaatti bara bajata xumurametti sagantaa maaddii guutuutiin aannan litirii biliyoona 3.1 omishamuusaa Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.
Dabalataanis omishni foon lukkuufi dammaa toonii kuma 169 argamuun danda’eera jedhame.
Daarektarri Misoomafi Foyya’insa Sanyii Beelladaa biirichaa Obbo Dammisee Kumsaa DhPItti akka himanitti, Onkoloolessa bara 2015 sagantaan maaddii guutuu erga iftoomeerra eegalee mandaroota misooma aannanii kuma sadiifi 472, kan lukkuu kuma jahaafi 900, akkasumas kan dammaa 768 adda baasuun gara hojiitti galameera.
Kanaanis omishni aannanii litirii biliyoona sadiifi miliyoona 160 argameera jedhan.

Ergaa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee
Har'a kutaa Magaalaa Lidataa Aanaa 8tti kan ijaarsisne Giddugala aanaa ismaarti abbaa darbii saddeetiifi Gamoo Koolleejjii Poliiteknikaa Misiraaq eebbisnee tajaajilaaf banaa taasisneerra.
Giddugalichi bu'urri misoomaa infoormeeshiiniifi teknoolojii kan diriireef, hojjattootaafi tajaajilamtootaaf mijataa yoota'u, kenniinsa tajaajilaa dijitaalayizi gochuun tajaajila mijataa, saffisaafi walgeettii qabu akka ta'uuf gargaara.
Bara bajataa qabannetti hojii ijaarsa giddu galaawwan aanaa ismaarti ta'an 11 ni eegalchiisna.