Daawwitee Post
449 subscribers
33 photos
1 video
1 file
95 links
Chanalii kana jalaa kanneen akka :~
๐Ÿ‘‰Walaloo
๐Ÿ‘‰Asoosamoota gaggabaaboo๐Ÿƒ
๐Ÿ‘‰Seenaawwan nama barsiisan๐Ÿšถ
๐Ÿ‘‰Qoosaawwan adda addaa๐Ÿคฃ
๐Ÿ‘‰Seenaa jaalalaa โค๏ธfi
๐Ÿ‘‰Mudannoof muuxannoo ๐Ÿคฆ

โœ”๏ธ @Daawwite dhaan argattu
Na qunnamuuf https://t.me/Daawwitee
Download Telegram
JOIN ME ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ


https://t.me/Daawwite
โค1๐Ÿฅฐ1๐Ÿ™1
Mixii fardi irra ejjete
Lubbuun haftiif barbaaddaa?
Bungulloodhaan sibiila
Nan cabsa jettee yaaddaa?
Funyaaniin dubbattaaree?
Ciqilee dhungattaaree?
Lukkuu dhagaa nyaachiftaa?
Tulluu bakkaa kaachiftaa?
Botoroo muka battee
Kan mataan keessi dooluu
Erga dhugaa lagattee
Qullaatti hafuun kee hin oolu!
~
Jedhee ture #Lataan
โค4๐Ÿ‘1๐Ÿฅฐ1๐Ÿ™1
โœ…Without darkness there can't be light;

โœ… Without the moon, there can't be the sun and

โœ… Without the night, there can't be day.

โœ๏ธ In the same way, without sadness and disappointment,

โœ‰๏ธ Happiness and excitement will lose its shine.

https://t.me/Daawwite
โค2๐Ÿ‘2
GatiIkee fl Gitakee

โญ•๏ธ "Gatiin kee ilaalcha gad bu'aa namni waa'ee keef qabuun hin murtaa'u."

โœ…Gatiikee fi gitakee jechuun hanga kee fi bakka siif ta'u beekuu jechuudha.

โœ๐ŸฝBiyya lafaa kanarra yeroo jiraattu gatiikee fi gitakee beekuudhaan jireenya jiraachuuf uumamte tokko jiraatta. Gatiinkee gita kee murteessa. Gitakee akka beektuuf gatiikee dursitee beekuun barbaachisaadha.

๐Ÿƒ๐Ÿฝโ€โ™‚๏ธโ€โžก๏ธAti hangam geessa yoo siin jedhan, hanga gatii ofiif kennitee geessa jechuudha. Gatiinkee eenyuu wajjin akka sidhaabu ni hubatta.Kana jechuun koo dhalli namaa hundumtuu walqixa akka ta'e beeka garuu iddoo mul'ata kee fi namoota mul'ata kee wajjin hin deemne bira hin dhaabbattu jechuudha.

๐Ÿ”ตYeroo hundumaa gatiikee fi gitakee beekuuf gaaffilee kanneen hubachuu danda'uu qabda.

๐Ÿ‘‰๐ŸฟAti oflikeetiif eenyu?
๐Ÿ‘‰๐ŸฟAti mana keetiif eenyu?
๐Ÿ‘‰๐ŸฟAti hiriyoota kee biratti eenyu?
๐Ÿ‘‰๐ŸฟAti hawaasa naannoo kee wajjin jiraattu keessatti eenyu?
๐Ÿ‘‰๐ŸฟAti biyya keessa jiraattu keessatti eenyu?

Deebiin kun gatii ati ofiikeef qabdun murtaa'a. Ati eenyu gaaffii jedhuuf deebiin isaa, gatii ati ofiikeef qabduudha. Ati gatii keeti! Ati gatiikee osoo hin beekin, gita kee beekun sitti ni ulfaata.โœ‹

Maddi: Kitaaba Gatiikee fi Gitakee
Pr. Miratuu Shaanqoo

โคต๏ธโคต๏ธโคต๏ธ

https://t.me/Daawwite
๐Ÿ‘2โค1๐Ÿ‘1
ABDII KUTACHUU FI ABDII QABAACHUU !!
โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”
โœ…Wantoota guddaa sodaachisoo ta'an keessaa tokko abdii kutachuudha. Utuu Jiranii abdii kutachuun farra dhala namaati. Namni utuma lubbuun jiruu, utuu soorata nyaatee jiraatuu abdii kutata taanaan mataa isaattis, maatii isaattis, biyya isaattis, addunyaa irra jiraatuttis ba'aa sodaachiisaa ta'a.

โญ•๏ธKanaaf abdii kutuurra mormaa cituu wayya. Sababni isaa jiraa abdii dhaberra isa du'e wayya waan taheefi. Ariifattee na jalaatii hin aariin ragaan waan deeggaramen dubbadhaa jiraati.
Inni du'e seenaa isaa, karoora isaa, waanuma isa ilaalu hundumaa fudhatee gara lafa jalaatti waan darbeef bu'aas miidhaas hin fidu.

๐Ÿ‘‰ Jiraan abdii dhabe garuu bu'aa yoo dhabes miidhaa qabaafan, "jiraa abdii dhabe irra du'aa wayya" jedhe.
Namni nyaata addunyaa kanaa nyaatee, dhugaatii ishee dhugee, biyyoo addunyattii irra miilla isaatiin adeemee, oksiijinii tolaatiin jiraatee faayidaa guutuu argachaa ofiisaatif faayidaa dhaba. kanaaf addunyaan kun karaa nama kanaa kisaaraa olaanaa keessa jirti jechuudha. Adaraa kee obbolee koo hamma hafuura baafattutti abdii hin kutatin! Tolee? Waliif galleerra mitii?

โœ๏ธ Goototni yeroo baayyee karoora isaanii jijjiruu irra lubbuu isaanii kennu. Kana jechuun lubbuu isaanii caalaatti karoora isaanii jaallatu jechuudha. Karoorri kee qabeenya keeti, kanaaf karoora keef jiraachuutti abdii hin kutin.

โœ๐ŸฝWantoota abdii nama kutachiisan keessaa tokko KUFAATII dha. yoo itti fayyadamteef kallattiin milkaa'inaas kufaatiidha.
Sababni isaa namni kamiyyuu kufaatii irraa barachuu waan danda'uuf kufaatiin barsiisaa namaa isa hangafa.

Fakkeenya Namoota Kufanii Milkaa'anii Keessaa : -
๐Ÿ‘‰ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

๐Ÿ‘‰TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

๐Ÿ‘‰ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

โœ๏ธ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa karaa dhaabachuuf dhiisuun suma harka jira.
Haala yeroon jijjiirutti hirkatta taanan utuu ija hin godhatin hafta, seenaa kees biddeen ati nyaattee balleessiteef boolla awwaalaa isa si abaaraa hafu qofatu yaadata.

๐Ÿ‘‰ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu :
โœ”๏ธ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.

โœ”๏ธ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.

โœ”๏ธ #Har'a Miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!

โœ”๏ธ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!

โœ”๏ธ #Har'a baasii gejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaata kee yaabdee Adeemta!

โœ”๏ธ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baayyina fira keetif dhiphatta!

โœ”๏ธ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.


https://t.me/Daawwite
โค5๐Ÿ‘1๐Ÿฅฐ1
Forwarded from Beeksisa Hojii - Vacancy
Addis Ababa City Corridor Project

Namoota:60 barbaada
Qaxarrii Koontiraata
Bakki Galmee: Finfinnee,Piyaasa tti.
Galmeen hanga 29/9/2018 tti


Qulqullinaan Ilaaluuf akkasumas beeksisoota biroo argachuuf ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ

https://t.me/Beeksisa_hojii_vacancy
๐Ÿ”ฅ Nama 5 qofa afeeruun TON 3 argadhaa ๐Ÿฆ
https://t.me/gramevents_bot?startapp=ref_208015
โ˜‘๏ธWithdraw goone check goonerra

Link gadii jirun ammuma eegalaaa
๐Ÿ”— Link: ๐Ÿ‘‰

https://t.me/gramevents_bot?startapp=ref_208015


โœ…Ammuma eegalaa xiqqoo turee jennan dhaabbachuu dandahaa
Dubbiilee Hayyoota Addunyaa 16:
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
1. "Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. "
โ€” (Thomas Takias)

2. "Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu kaโ€™i!"
โ€” (Jecha warra Ingilizii)

3. "Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama."
โ€” (Wiiliyaam Sheekispir)

4. "Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa harโ€™aa balleessuudha."
โ€” (Maaksim Troobey)

5. "Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu."
โ€” (William Shekispir)

6. "Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru."
โ€” (Jecha warra Morookoo)

7. "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha."
โ€” (Jecha warra Arabaa)

8. "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha."
โ€” (Jecha warra Chaayinaa)

9. "Daandii bakka yaadde si geessitu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin!"
โ€” (Jecha warra Ingilizii)

10. "Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu dandaโ€™u qofaa hawwu immoo nama ogeessadha."
โ€” (Jecha warra Aayilaandii)

11. "Namni dogoggora isaa mulโ€™isee himatu akka nama kosii manaa haruuti."
โ€” (Maataammaa Gaandii)

12. "Nama tokko dogoggora isaa irraa deebisuun hojii guddaadha."
โ€” (Abrahan Liinkan)

13. "Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu."
โ€” (Abraham Liinkan)

14. "Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna."
โ€” (Rey Liiman Wiilber)

15. "Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu."
โ€” (Maaliif Waaltoo Imarsan)

16. "Maallaqni:
โˆš Nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu!
โˆš Qoricha malee fayyaa hin bitu!
โˆš Hordoftoota malee hiriyaa hin bitu!
โˆš Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu."
โ€” (Heenriik Ibsan)

https://t.me/Daawwite
โค2๐Ÿฅฐ1
โœ…Dura Ofiif ta'i

โžก๏ธNamni ofiif hin taane eenyuufiyyuu hin ta'u. Kanaafidha namoonni bakka nuti ofiif kenninu ilaaluun kan nu  tuffatan ykn nu kabajan. Innuu of hin kabajnee akkamittan kabaja jedhanii yaadu.

โžก๏ธObboleessa Kee qixusuu gorsuu dursa gorsa sana ati hojiitti hiikuu Kee mirkaneeffadhu. Yoo of hin jijjiirre nama kamuu jijjiiruu hin dandeenyu. Jechoota Kuma caala waan qabatamaa tokkotu sammuu namaa keessatti hafa. Ofiif gaafa taate namootaaf geessa.
โคต๏ธโคต๏ธโคต๏ธ

https://t.me/Daawwite
โค1
Channel photo updated
Dubbiilee Hayyootaa

โžŠ. Abrahaam Liinken
โ€” Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
โ€” Waan feete ta'i; garuu itti cimi!
โ€” Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
โ€” Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu ka'uu keef!

โž‹. Beenjaamiin Firaankiliin
โ€” Namni obsa qabaachuu dandaโ€™u waan barbaadu argachuu dandaโ€™a.
โ€” Qophaa 'uu yoo dadhabde kufaatiif qophoofta.
โ€” Yookiin waan dubbifamuuf malu barreessi!
โ€” Yookiin waan barreeffamuuf malu hojjedhu!
โ€” Investimentiin beekumsa irratti ta'u dhala hunda caalu namaaf kaffala.
โ€” Foddaan mana kee fuullee yoo qabaate, ollaa keetti dhagaa hin darbatin!

โžŒ. Guutamaa Budihaa
โ€” Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti.
โ€” Namni ogummaadhaan jiraatu du'ayyuu hin sodaatu.
โ€” Yoo waa dubbachuu feete yeroo hundumaa dubbiin sun dhugaa, barbaachisaa fi gaarii ta'uu of gaafadhu!
โ€” Okkoteen copha cophaan guutti!
โ€” Gammachuun keessa keetii dhufa, alaa hin eegiin!
โ€” Rakkoon kee maali seete? Yeroo qaba jettee yaadda.

โž. Maatamaa Gaandii
โ€” Namni dadhabaan dhiifama hin godhu. Dhiifama gochuun amala nama jabaati.
โ€” Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha.
โ€” Namni gaariin michuu uumama hundumaati.
โ€” Namni bu'aa yaadota isaati, waan yaadu ta'a.

โžŽ. Maartiin Luuter Kiing
โ€” Umurii qofaa lakkaa'uu dhaan dheerina yeroon namaa nyaatame caalaa kan nama gaddisiisu hin jiru.
โ€” Humni diina ofi irratti jijjiiruu dandaโ€™u tokkichi jaalaladha.
โ€” Namni dhiifama gochuuf humna dhabe, jaalachuuf humna hin qabu.
โ€” Urjoota arguu kan dandeessu dukkana keessatti qofaadha.
โ€” Fincilli sagalee warra hin dhaga'amneeti.

โž. Maazar Tereezaa
โ€” Namootatti kan murteessitu yoo ta'e, isaan jaalachuuf yeroo hin qabaattu.
โ€” Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu dandaโ€™u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu.
โ€” Namoota dhibba nyaachisuu yoo dadhabde tokko qofa nyaachisi!
โ€” Hojiin jaalala hin qabne garbummaadha.
โ€” Jireenyi namoota kaaniif hin jiraatamin jireenya miti.

Oolmaa gaarii qabaadhaa๐Ÿ™๐Ÿป๐Ÿ™๐Ÿป

https://t.me/Daawwite โœ…
โค1
๐Ÿ”ต Dhalli namaa kan inni hin dabarre guyyaa du'a isaa qofa dha. Guyyaan kamuu Waaqayyo wajjin ni darbama jabaadhu!

โœ… Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala.

โญ•๏ธ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu!

Halkan Gaarii
Obbolleessa keessan @Daawwite dha!!
โค4
YESUUS SITU JIRA HUNDUMAA GARARRAA!!๐Ÿ™๐Ÿป
โค4๐Ÿ‘1๐Ÿ‘1
Waan karaa baay'ee duubatti hafteef of hin jibbiin galgala keetu murteessa. Hojiin uumaa dinqiidha.
โค4๐Ÿ‘1
International NGO kanneen armaan gadii beeksisa qaxarriif baasan warri argachuuf barbaaddan telegram armaan gadii join gochuun yeroo yerootti hordofaa๐Ÿ™
Action Against Hunger (ACF)
ActionAid
ADRA โ€“ Adventist Development and Relief Agency
Alight
Amref Health Africa
CARE Ethiopia
Catholic Relief Services (CRS)
ChildFund
Christian Aid
Concern Worldwide
COOPI โ€“ Cooperazione Internazionale
Danish Refugee Council (DRC)
FHI 360
GOAL
Heifer International
HELVETAS
International Medical Corps (IMC)
International Rescue Committee (IRC)
Islamic Relief Worldwide
Jhpiego
Light for the World
Mercy Corps
Mรฉdecins Sans Frontiรจres (MSF)
Norwegian Refugee Council (NRC)
Norwegian Church Aid (NCA)
Oxfam
Pact
Plan International
Population Services International (PSI)
Save the Children
Samaritan's Purse
Self Help Africa
SNV Netherlands Development Organisation
SOS Children's Villages
TechnoServe
WaterAid
Welthungerhilfe (WHH)
World Vision Ethiopia
ZOA
CESVI
CISP
CEFA
LVIA
CUAMM
CBM
AIDOS
CIAI
CIFA
WeWorld
INTERSOS
People in Need (PIN)
Solidaritรฉs International
VSF Germany
VSF Switzerland
Malteser International
CARE International
World Relief
Food for the Hungry
PATH
Management Sciences for Health (MSH)
Clinton Health Access Initiative (CHAI)
GAIN โ€“ Global Alliance for Improved Nutrition
International Food Policy Research Institute (IFPRI)
International Fertilizer Development Center (IFDC)
ACDI/VOCA
Land O'Lakes Venture37
Farm Africa
British Council
WaterAid
CAFOD
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡


https://t.me/Beeksisa_hojii_vacancy
๐Ÿ‘1
QABXIIN SEENSAA REMEDIAL GAD DHIIFAMERAA

โœ”๏ธ MAARRE KANAAFIS BAKKA  CHECK RESULT JEDHU TUQUN START KAN JEDHU TUQAA ILAALAA.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐—œ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ณ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐—ผ ๐—ณ๐˜‚๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—น๐—ผ๐—น๐˜‚๐˜‚๐—ณ๐—ถ ๐—น๐—ผ๐—น๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚๐—ป ๐—ฑ๐—ถ๐—ฟ๐—พ๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ? โš”๏ธ

โœ…Mooโ€™icha ykn injifannoo dhugaa yoo barbaadde, dirqama lola yookiin dorgommii jireenyaa hunda keessa darbuu qabda. Sababni isaas mooโ€™ichi kamiyyuu kan dhufu erga lola jabaa ykn dorgommii cimaatti dhiyaattee boodadha. ๐—ก๐—ฎ๐—บ๐—ป๐—ถ ๐˜€๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ฐ๐—ถ๐—ถ๐˜€๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฑ๐—ผ๐—ฟ๐—ด๐—ผ๐—บ๐—บ๐—ถ๐—ถ ๐—บ๐—ผโ€™๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ๐—ฎ๐—บ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฒ๐—ธ๐˜‚ ๐—ต๐—ถ๐—ป ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐˜‚.

โœ…Osoo hindaldaliin daldalaan, osoo hinbaratiin barataan, osoo hinfiigin atileetiin, osoo hinqotiin qotee bulaan, osoo hinhojjetiin hojjetaan dorgomtee moโ€™ichi argamu hin jiru. Namni kophaa dorgomu mooโ€™icha hin qabu. Osoo hindorgomiin namni 1ffaa bahee jedhamee badhaafamee beekus hin jiru.

โญ•๏ธAkka tasaa dorgommii keessa lixuu yookiin hirmaachuu dandeessa, garuu akka tasaa dorgommii injifachuu ykn mooโ€™achuu hin dandeessu. Jireenyi dorgommii dha.
๐—ฌ๐—ผ๐˜‚ ๐—ฐ๐—ฎ๐—ป ๐—ฒ๐—ป๐˜๐—ฒ๐—ฟ ๐—ฎ ๐—ฐ๐—ผ๐—บ๐—ฝ๐—ฒ๐˜๐—ถ๐˜๐—ถ๐—ผ๐—ป ๐—ฏ๐˜† ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ๐—ป๐—ฐ๐—ฒ, ๐—ฏ๐˜‚๐˜ ๐˜†๐—ผ๐˜‚ ๐—ฐ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ผ๐˜ ๐˜„๐—ถ๐—ป ๐—ถ๐˜ ๐—ฏ๐˜† ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ๐—ป๐—ฐ๐—ฒ!

โœ๐ŸฝHubadhu! Yeroof garuu karaa qaxxaamuraa (shortcut) kan dorgommii jireenyaa moโ€™an fakkeessanii kan ka'an akka jiraanis beeki. Warri akkasii garuu, akkuma habaaboo ganna keessatti daraaree yeroo bonni dhufu harcaโ€™uuti; milkaa'inni isaanii yeroo gabaabaaf qofaadha. Baay'ina dorgommii fi qabsoo irratti hirmaatteen carraan mooโ€™ichaakees dabalaa adeema.

๐Ÿคทโ€โ™€๏ธMee fakkeenya tokko haa ilaallu: Atileetii tokko fiigicha gosa garagaraa sadii irratti hirmaatuufi inni biroo immoo dorgommii gosa tokko qofa irratti hirmaatu haa ilaallu. Inni gosa sadii irratti dorgomu yoo mooโ€™ate warqii sadii gonfachuu danda'a. Dadhabbiifi shaakkallii inni gaggeessuus harka sadiin isa gosa tokkoon hirmaatu nicaala. Kanaafuu, dorgommii jireenyaa keessatti qorumsi hammam gurguddatees, carraan ati injifannoo guddaa argattu isa caalaatti si cimsa. Taโ€™us garuu karaa hundumaa milkaaโ€™uuf jettee waan hunduma hojjechuu akka hin dandeenye beeki; ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ถ๐—ถ๐—ณ๐—ถ ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ด๐—ฎ๐—ฎ ๐—พ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ, ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ป๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐˜€ ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ๐˜€๐˜‚๐—บ๐—ฎ. Waan gochuu dandeessu beeki.

๐—ช๐—ฎ๐—ฎ๐—พ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ผ ๐—ต๐˜‚๐—บ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ๐—ถ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ ๐˜€๐—ถ๐—ถ๐—ณ ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ ๐˜๐—ฎโ€™๐˜‚. Jabaadhu, haala ilaaltee abdii hinkutiin. ๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ถ ๐—บ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ๐—ถ ๐—ด๐—ผ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป๐—ป๐—ถ๐˜€๐—ฎ ๐—ต๐—ฒ๐—ฑ๐—ฑ๐˜‚๐˜‚ ๐—พ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฑ๐—ถ. Taโ€™us garuu nidarba, boru guyyaa biraadha!

Dr. Jineenuus

Join Us ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ๐Ÿ‘‡๐Ÿฟ

https://t.me/Daawwite
๐Ÿ‘3โค1๐Ÿ‘1