Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.28K subscribers
1.18K photos
19 videos
14 files
94 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
Waldaan Tola Oltummaa Raabsaa Tajaajila Qur'aanaa Furqaan Aanaa Cawwaaqaa Seenuun Haala ho'aan Simatameera.

▫️▫️▫️▫️▫️ 18/09/2016
Waldaan Furqaan tajaajila qur'aanaa Fiinfinnee irraa ka'uudhaan fageenya 400Km irratti kan argamtu Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa dhufuudhaan Qur'aana 3000 fi kitaabota Addaa addaa 1000 maallaqatti yoo tilmaamame qarshii Miliyoona 1.3 ta'u Giddugalaa halqaa qur'aanaa Aanaa Cawwaaqaa Gandoota 28tiif qabatanii dhufuun deeggarsa taasisanii jiru.

Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee fi Ulamaa'ii Beekamaan Sheik Jamaal Kaliifaa Simannaa fi du'aa'iin Simatanii Mana Giddugala Mana Kitaaba Islaamaa (Islamic Library)tti simatanii ergaa dabarsaniiruu.

Hawaasni Muslimaa aanaa cawwaaqaas haala ho'aan konkoolaattotta bajaajotaa fi motoraan hanga 23km imaluudhaan simannaa ho'aa ajaa'ibaa taasisuun simataniiru.
Liigii Dargoota Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Marii jalqaban....
▫️▫️▫️▫️▫️▫️25/9/2015
Majlisa Godina Buunnoo Beddelleetti,Magaalaa Beddelleetti Itti Gaafatmtoota Liigii Dargaggootaa Godina Buunnoo Beddellee Aanaalee 9 fi Magaalaa 1 irraa walitti dhufuun Guyyaa har'aa walitti qabaa Liigii Dargaggoo Majlisa Godina Buunnoo Beddellee fi Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Waliin Sagantaa Marii mata duree addaa addaa irratti jalqabamee jiru.

Marii bal'inaan walitti deebina.
Forwarded from Amar Temam
Majlisni Oromiyaafi Finfinnee hawaasni muslimaa qixaan marii biyyaalessaa irratti akka hin hirmaachifamne ibsan

Spider Media: Zulqaida 27/1445
Manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaafi manni maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee xalayaa majlisa Federaalaatiif katabaniin calalliin hirmaattota Komishiiniin Marii Biyyaalessaa naannoo Oromiyaafi magaalaa Finfinneetti gaggeesse Muslimoota sirnaan kan hin hirmaachisneedha jedhan.

Komishiinichi walakkaa hawaasa biyyattii kan ta'e hawaasni muslimaa marii biyyaalessaa kana irratti bifa isa madaaluun akka hirmaachisu majlisni federaalaa gaafachuu qabas jedhan.

Rakkinoota biyyattii roga garaa garaa fura jedhamee kan abdatame mariin biyyaalessaa gamanumaa adeemsa eegaleen hawaasa biyyattii bifa madaalawaa ta'een hirmaachisuu dhabuun komiin irra deddeebiin dhihaataa jira.

Kana dura manneen marii dhimmoota Islaamummaa naannoo Amaaraa, Sidaamaa, Kibba Itiyoophiyaafi isaan biroo adeemsi calallii hirmaattotaafi ajandaa marii walitti qabuu komishiinichi gaggeessu muslimoota kam cinaatti dhiibuudha, kana sirreessuu qaba ta'uu baannaan garuu komishiinichaaf beekamtii hin kenninu jechuu isaanii Spider Media n gabaasee turuun kan yaadatamuudha.

© Amar Temam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia
Forwarded from Gali Ababor Official
የዙልሒጃ ወር ነገ ጁምዓ አንድ ብሎ ይጀምራል!

የኢድ አል አድሃ አረፋ በዓል ሰኔ 9 ዕለተ እሁድ እንደሚከበር ታውቋል!
አስሩን ቀናት በመልካም ስራ እናሳልፋቸው!
Forwarded from Gali Ababor Official
Jumu'aa borii Zulhijjaan tokko ta'uun mirkanaa'ee jira. Jum'aa waan ta'eef salawaata buusaa Ibaadaa adda addaa haa baay'ifnu.
اللهم صل وسلم على نبينا محمد.
Hoggantootni Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa fi Miseensi Gumii Ulamoota Majlisa Godina Buunnoo Beddellee Marii gagessan.

▫️▫️Zul Hijjaah 3/1445
Hoggantootni Majlisa Godina Buunnoo Beddellee fi Koreen Gumii Ulamoota Majlisa Godina Buunnoo Gamaggama hojii fi Haala Waliigalaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanolee fi Ajandaalee addaa addaa irratti Marii bal'aa gaggeessaa ooleera.

1.Hojiilee Waliigalaa Aanolee hundaa Gamaggamuun Kallattiin fuula duraa kaa'ameera.
2.Rakkoon yeroo ammaa Aanaa Boorrachaa Irratti Majlisa Islaamaa Qabsoo Ulamaa'otaa fi Hawaasa Muslimoota Itoophiyaatiif wareegamni Guddaan itti kaffalamee dhufe Dirree Eidaa fi Bakka adda addaa irratti Arrabsuu fi Qaamonni dhuunfaan Amantii Dawoo godhatanii fedhii dhuunfaa isaanii guutachuuf jecha dhugaa jiru Dhoksuu fi Waan biraan haguuguun Mul'ataa jiru irrattiis qoratamaa Akka jiruu fi qorannoo akkasumas furmaannii Seeraas qaama ilaallatun Akka itti kennamu Cimee akka itti fufuu Kallattiin itti Aanu kaa'ameera.
3.Gumiin Ulamoota Godina Buunnoo Beddellee kan Duraanii caalaa of cimsuun Aanaa hunda qindeessee Bu'uura Qajeelfama 1Gumiin Ulamootaa Ethiopia fi Oromiyaa Harargee irratti dabarseen Godinni keenyan daran Akka cimuu fi hojiin Ilaalcha Aqiidaa fi Tokkummaa Ummata Muslimaa Akka mirkanaa'uuf bakka Dura Bu'aa fi Barreessaan Gumii Ulamoota Godinachaa jiranutti irratti waliigalameera.
4.Ayyaana Iidan Arafaa fuula keenya dura jiruuf Hojiin Nageenyaa fi Tokkummaa Ummata Muslimaa bifa Naamuusa fi duudhaa Amantichaa eeggateen Akka milkaa'uuf Majlisni Aanolee ga'ee isaan irraa eegamu akka ba'anuu fi Korewwan Qindeessituu Ayyaanichaa hundeessuun hojiin haalduree mijeessuu Akka hojjetamu Kallattiin kennamee Sagantaa Guyyaa har'aa goolabameera.
🛑 የአረፋ ቀን ፆም!

ነቢዩ (ﷺ) ስለ አረፋ ቀን ፆም ተጠይቀው እንዲህ ብለዋል፦

“ያለፈውንና የመጪውን አመት ወንጀል ያስምራል።”

📚 ሙስሊም ዘግበውታል: 1162

🛑 የአረፋ ቀን ፆም የሚፆመው ነገ ቅዳሜ ሰኔ 8 ነው።

⚫️ ቀዳ ያለበትም ሰው ቢሆን የዐረፋን ቀን ጾም መጾም ይችላል።

⚫️ ማንኛውም ከነጋ በኋላ ምግብና መጠጥ ያልቀመሰ ሰው ከነጋ በኋላም ቢሆን ነይቶ ጾም መጀመር ይችላል። ነገር ግን ምንዳው የሚጀምረው ከነየተበት ሰዓት ጀምሮ ነው።

⚫️ከ9ኛው ቀን በፊት ምንም ላልጾመ ሰውም ቢሆን 9ኛው ቀን ብቻ መፆም ይቻላል/ችግር የለውም።

⚫️በዐረፋ (9ኛው ቀን) ላይ ይበልጥ የሚወደዱ 3 ዒባዳዎች፣

1/ ቀኑን መጾም

2/ ዚክር ማብዛት በተለይም ተክቢር

3/ ዱዓእ ማብዛት

⚫️ለዐረፋ ቀን ራሱን የቻለ ዱዓእ የለውም ሁሉም የቻለውንና የሚፈልገውን ዱዓእ ማድረግ ይችላል።

🛑 የአረፋ ቀን ፆም የሚፆመው ነገ ቅዳሜ ሰኔ 8 2016 ነው።
Arafaah Liman Arafah!
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴

Guyyaan borii guyyaa mana Qulqulleessu, jijjirraa maggaarajaati fi Guyyaa bashannanaati miti.

Guyyaan borii Rabbiin namoottan arafaatin/arafaa dhaabataniin malaa'ikotarratti ittiin boonu, ilmi namaa baay'inaan ibiddarraa kan bilisa jedhamu, waan mararrayyu guyyaa du'aa'iwwan guutumaan guututti qeebalama argatanii dha.

Laylatul qadr beekamu baatus guyyaan arafaa immoo ni beekama. Halkan laylatul qadr malaa'ikoonni ni buuti guyyaa arafaa immoo Allaahun (bu'iinsa isaan malu) bu'a.

Nama fayyaadhaan guyyaa borii qunnaamuf ibaadaa godhuu qabuu fi danda'uu isinif haa qoodu

Ganama

* fajriin duratti laylirraa salaatu, suhuura nyaachu fi istigfaara heddummeessu!

* salaata fajriin booda takbiiraa jalqabuu, haga aduun baatutti Qur'aana qar'uu, taahlila taahmiida jechu walumaa galatti zikriin dabarsuu(azkaarassabaah osoo hindagatamiin)

* yeroo aduun baatu achumatti sigaajaa keenyarraa osoo hinka'in salaata mindaa/ajrii rasuula wajjin(saw) hajjuu argachuuf salaatu.

* Ibaadaa guyyaa keessa goonuf nugargaara yoo jenne xiqqoo haa rafnu. Yeroo kaanu xiqqomaan rak'aa 4 haa salaannu.

Sa'aa booda

* salaata zuhrin booda Qur'aana haa qaraanu. Khuxbaa Arafaa(ergaa masjiida namiraah irraa dabarfamu) sirnaan hordofuu

* kitaaboota ykn vidiyoowwan onnee keenya jiisuu danda'aniin yeroo keenya haa dabarsinu

* akkasumatti asriin boodas Qur'aanaa fi zikriin haga magribni dhihaatutti isaan dabarsu

Yeroon guddaa isa ammaa kana.

* kan dhukkubsate ka itti yaalamu kan abdii kute abdiin isaa ka lubbuu itti hoortu sa'aa dinqii.

Du'aa'ii!!! Du'aayii qofa!

guyyaa kanatti ibiddarraa bilisa jedhamuu baatun kasaaraa dha. Fedhii qabaanne fedhii keenya osoo hin guutin hafuun wallaalummaa dha!

"Namni gaara arafaarratti dhaabatu hin dandeenne daangaa Rabbiin isa beeksiseerratti haa dhaabbatu.

Namni muzdalifaa buluu hin dandeenne ajaja Rabbii isaa irrratti haa bulu.

Namni minaarratti qalma qalu hin dandeenne fedhi lubbuu isaa haa qalu.

Namni gara mana Rabbii isaa sababa fageenyaatin deemuu hin dandeenne Allaahu hidda dhigaa isaa irra itti dhihaatu haa kajeelu!" Ibnu Rajab

Araaramatu nuu wayya!

Huzeyfa sultan
#Baga_Ayyaana_Eid_Arafaa_bara_1445__Geessan.
بسم الله الرحمان الرحيم
السلام عليكم ورحمة الله والبركاته
Dura bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Godina Buunnoo Beddellee #Ustaaz_Naziif_Adam Baga Ayyaana Eid Arafaa bara 1445H/2016 Hawaasni Muslimaa Adunyaa irraa Dachii Kabajamaa Makka irratti Wal ga'uun Sirna Hajjii raawwataa kan jiranuuf Ajaja Rabbii isaanii kan raawwataa jiranu dha.

Hawaasni biyya Keenyaa Rabbiin Isa dhufu Eyyama isaatiin Warra qooda hiriyoota Keenyaa argatu nu haa godhuu jedhaa Ayyaanni Eid Arafaa Bara 1445 Nagaan Geessan Hawaasni Muslimaa Godina Buunnoo Beddellee fi Biyya Keenyaa Keessatti argamu Sooma Zulhijjaa rabbi nurraa haa qeebalu jedhaa Ayyaana Arafaa kana Keessa Hawaasni Muslimaa Godinicha Keessa jiru hundii Guyyaa Ayyaanaa Obboleessa Muslima isaa Ziyaaruu Baga Geessee Waliin jedhaa Rabbii isaatiif Sirna ibaadaa hedduummessaa, Tokkummaa, Jaalalaa fi Miskiinaa fi harka qalleeyyii gargaaraa akkasumas Hojii gaggaarii Keenya kan hojjetaa turre "Rabbin nurraa haa qeebaluu" jechuun yeroo keessan Waliin dabarsaa.

Hawaasni Muslima Rakkataa ollaa fi naannoo isaa barbaaduun hanga rabbiin isaaf qoodeera irraa gargaaruun Akka itti fufuu fi Hawaasni Eid Arafaa Nageenyaa fi Naannoo isaa Waliin eeggataa Naamusa Amantichaas eggataa Amiiroota Islaamaa hordofuun Akka Nagaan gaggeessinu rabbiin kadhanna.

Ammas Guyyaa Ayyaana Eid Arafaa kanas bakka dirree Sagadaatti Yeroo deemuu Takbiiraan Waliin Tokkummaan jedhaa Wal ga'uun Tokkummaa Rabbii ibsaa bakka Dirree Iidaa deemuun Sagaduun Gammachuu Keenya ibaadaan ibsataa,Rabbii Keenyas Galateeffataa, Obboleessa isaatiin Wal Ziyaaraa rakkataa Naannoo Keenya jiranu nyaachisaa Waliin taanee isaan Waliin Akka dabarsinuu ergaan isiniif dabarsa.

Baga Ayyaana Eid Arafaa 1445/2016 Nagaan Geessan.