Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.34K subscribers
1.22K photos
20 videos
14 files
96 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa Mana Qur'aanaa Gara Madrasaatti ol guddate Ganda Siinassootti Da'awaatee Jira.
...............Waxabajjii 14/2016
Koreen Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa fi Koreen Madrasaa,Koree Majlisa Gandaa, Masjiidaa jaarsolii biyyaa Waliin Guyyaa Har'aa Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaa Ustaaz Madrasaa haala barnoota Madrasaa ammaattiin ijoolleen Ganda Siinassoo Akka barataniif Guyyaa har'aa waliigaltee Koreewwanii fi Ulamoota Majlisa Aanaa gidduuttii waliigaltee gaggeessee Barumsi Madrasaa Guyyaa 15/0/2016 irraa kaasee Galmee Akka jalqabuu ta'ee jira. Koreewwan addaa addaa fi Sheekolii Ganda Siinassoo akkasumas Kanneen biroos Tokkummaan barumsii Madrasaa ijaarame teessoo Waliin akkasitti Akka qophaa'uif tumsa Islaamummaa gootaniif Maqaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Dhidheessaatiin Galatoomaa jenneerra.
Gandoolee biroos jabaadhaa.

Kan Gabaase:-Gurmessa Milki.
#Oduu_Gaddaa
#Dr_Sheikh_Saalih_Al_Sheybiin_Gara_Aakiraa_Godaanuun_dhagahamee_jira
إنا لله وإنا إليه راجعون
🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️🗝️
🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋
Maanguddoo Furtuun Balbala Ka’abaa Harka Turee fi Itti Gaafatamaa Ka’abaa Gama Aakiraa Godaanuun Dhaga'amee Jira.
إنا لله وإنا إليه راجعون
INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN

#Dr_Sheikh_Saalih_Al_Sheybiin hortee Gosa Banii Sheybaa jedhamu kan Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) amaanaa furtuu Ka’abaa itti kennan irraa kan dhalatee dha.

Akka galmee seenaatti Furtuun Ka’abaa jarraa 16 dura Abaabayyuu Nabi Muhammad (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) isa shanaffaa(5) kan ta'e, #Qusayyi_Bin_Kilaab kan jedhamu harka ture.

Ilmaan Qusayyi kanarraa ilmi Sheybaa jedhamu gaafa dhalaterraa furtuun ka’abaa isatti kennamte. Gaafa sanirraa waggaa 1600 irraa hortee Banuu Sheybaa kanatti osoo dabarfamuu jaarraa 16 lakkoofsisee har’a qaqqabee jira.

Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) gaafa Makkaan bananis amaanaa furtuu isaanirraa hin fuune, akkas jechuun itti jabeessan;” Furtuu kana qabaa yaa Banii Sheybaa. Abadan harkuma keessan haa teessu. Nama jallataa malee namni isin harkaa fuudhu hin jiru “ jedhaniin.

Gaafa Sanarraa jalqabee Baniin Sheybaa furtuu Ka’abaa qabuu qofa osoo hin taane,Ka’abaa dhiquu,uffata isaa yoo moofa'e irraa jijjiiruu,Warra isa Ziyaaruu dhufu simachuu, Maqaama Nabi Ibraahiim (Aleyhissalaam) tiksuudhaan itti gaafatamummaa guddaa kana har’aan ga'aniiru.

#Dr_Sheikh_Saalih_Sheybii warroota furtuun Ka’abaa harka turte keessaa Abaabayyuu Ergamaa RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) irraa namaa 109 (dhibbaa fi saglaffaa) dha. akka Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Makkaan banan irraa ammoo nama 77 dha.
Namni kuni yeroo 100 ol Ka’abaa akka dhiqe himama.

Akkasumas namni suuraa isaa argitan kun nama 109 booda Nabi Muhammadiin abbaa tokkorratti walitti deebi’an jechuudha. Har’a ganama gama fuula RABBII deemuun Dhaga'amee. RABBIIN furtuu JANNATAA isaaf haa kennu. Jara Nabi Muhammadiin jannata keessatti wal argan isaan haa taasisu.

صلوات ربي وسلامه على
أشرف الأنبياء والمرسلين
#Hawaasni_Muslimaa_Magaalaa_Beddellee_dhugaa_beekuun_fi_baruun_barbaachisaadha.

Majlisni Magaalaa Beddellee akkasumas Kanneen Sadarkaa Sadarkaan jiru Hundaa ol #Dargaggootaaf_Bakka_Guddaa_kennee_hojjetaa_Jira.
Fuuldurattis ni hojjeta,Garuu Wanti namni Islaamaa hundi hubachuu qabu Keessumaa Namoonni tokko tokko Tokkummaan Ulamootaa fi Ummata Muslimaa yaaddoo Guddaa fi dhukkuba Sammuu isaanitti ta'ee jira, kunis Sababni isaa Fedhiin dhuunfaa isaanii waan jelaa tuqamuuf jecha Maqaa isaanii Facebook irratti jijjiirratanii Faallaa jechoota addaa addaa Karaa Facebook Majlisa Godina Buunnoo Beddellee #Comentii jelatti Ulamaa'ii nuu fidaa kanaa fi kana warreen jedhutu jiru.

Kanaafuu Warrii faayidaa dhuunfaa keessaniif fiigaa jirtanu of qusataa osoo deemtanii Gaarii dha.

Walumaa galattii Majlisni Sadarkaa Sadarkaan jiru Akka isin itti yaadaa jirtanitti yaadaa hin jiru.
Adeemsi Majlisaa Ammaa
👉Kaayyoo
👉Ergama
👉Galma
👉Duudhaalee Islaamaa fi
👉 Dambii ittin Bulmaataatiin deema.
👌Warreen Faayidaa dhuunfaa keessaniif gulufaa jirtanu hin Sardaminaa isiniif dhufaa jirra Akka duraanii asiin ba'aa achiin ba'uun hafeera.👌👌

Hundumaa dnadeenyee as geenyeerra kana booda Warra waa hidhuu fi xaxuu yeroon itti gubateera.
Majlisa Godina Buunnoo Beddellee. pinned «#Hawaasni_Muslimaa_Magaalaa_Beddellee_dhugaa_beekuun_fi_baruun_barbaachisaadha. Majlisni Magaalaa Beddellee akkasumas Kanneen Sadarkaa Sadarkaan jiru Hundaa ol #Dargaggootaaf_Bakka_Guddaa_kennee_hojjetaa_Jira. Fuuldurattis ni hojjeta,Garuu Wanti namni Islaamaa…»
Liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Ganda Guubitoo Mariin ijaaraman.

▫️▫️Waxabajjii 16/10/2016

Liigiin dargaggoo mana maree dhimmoota islaamummaa aanaa Boorrachaa Guyyaa Kaleessaa ganda Guubitootti Marii bal'aa Masjida nuuritti Dargaggoonni marii tokkummaa,Nageenyaa,barnootaa fi Ijaarumsa ulamaa'ii fi Majlisa Aanaa Boorrachaa jelatti ijaaramnee Waan Ulamoota Keenya bira dhaabannee Amantii Keenya Karaa Nagaan gaggeeffachuu fi Nageenyaa Aanaa Boorrachaa Ulamoota fi Majlisa Waliin taanee Akka eegnuu Jechuun Tokkummaan ijaaramanii jiru.

Dabalataan Nuti Dargaggoonni Namoota Hawaasa Muslimaa Dawoo godhachuun dhimma Amantaa fakkeessun Kaayyoo dhuunfaa isaaniitiif Socho'aa jiranii fi nama Amantiif quuqamu of fakkeessun Aanaa Keenya diiguuf yeroo yerootti Hawaasni Nageenyaan Akka Amantii isaa gaggeessinee fi Wal ga'ii Ulamootaa balaaleffataa jiranu kana nutis Akka Ganda Gubbitootti Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa bira dhaabannee tumsa ni goonee Jechuun waadaa isaa dura ta'aa liigii Dargaggoo Aanaa Boorrachaa birattii ijaaramuun waadaa galanii Sagantaa Xumura irratti du'aa'iin xumurameera.

Dura ta'aan liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa #Ustaaz_Juned Akka jedhanitti Dargaggoonni Liigii Dargaggoo jelatti ijaaramuun Ulamoota fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Waliin Ce'uu qaba Jechuun ergaa isaanii Xumuraa dabarsaniiru.

Jabaadhaa
#Kaayyoon Ulamoota fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa ni Milkaaha. Kaayyoon Nama Dhuunfaa ni kufa.
Mariin Darasoota Aanaa Boorrachaa magaalaa Yaanfaatti Gaggeeffame.

.....Waxabajjii 26/2016
Darasoonni Aanaa Boorrachaa magaalaa Yaanfaatti Marii bal'aa gaggeessaniin nutis akkuma Ulamoota Aanaa Boorrachaa Tokkummaa Keenya Waliin taanee cimsuu qabna Jechuun mata duree ✓Tokkummaa fi Nageenya Ulamoota ijaaramanii Hawaasa Muslimaa tajaajilaa jiranu bu'uura godhachuun nutis hoji-maata Ulamoota fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaatiin Darasoota Aanaa Boorrachaa keessatti argamanu Wal ijaaree hawaasa Aanaa Keenya tajaajila Amantii Akka argatanuuf Ulamoota Keenya bira dhaabannee hojjechuu qabna jedhan.

Aanaa Boorrachaatti Tokkummaa Ulamootaa diiguuf Abbaa Amantii of fakkeessun ilaalama Yaada fi Abjuu dhuunfaa isaanii milkeeffachuuf Ulamoota, Majlisa Aanaa Boorrachaa fi Hawaasa Muslimaa Aanaa Boorrachaa Akka waliitti hin dhufneef Hawaasa burjaajessaa kan jiranu Akka dhaabbachuu qaban irratti Walii galanii jiru.
Kallatti itti Aanuutti Marii isaanii Marsaa 2ffaa irra deebiin Dhimmoota hafan irratti gadi fageenyaan Marii taasisuuf Guyyaa qabatanii Sagantaa goolabaniiru.