Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
33.4K subscribers
111 photos
39 files
99 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Hojiiwwan Baatii Jaha keessatti hojjataman jijjiirama barnoota keenyaaf agarsiiftuudha jedhame.
-------------------
BBO - Muddee 26/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojjattoota isaa waliin ta'uun hojiilee bara 2016 raawwachuuf karoorfte keessaa gabaasa kurmaana 2ffaa(baatii 6) irratti mari'achuun kurmaana itti aanuufu kallattii xiyyeeffannoo kaa'aniiru.
Gamaaggama gabaasa raawwii hojii kurmaana 2ffaa kana I/A Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Girmaa Baayisaa haasawaan kan banan yoo ta'u, haasawa taasisaniin hojjattootni hojjattoorni biiroo keenyaa hojiilee waggaa keessatti raawwachuuf karoorfatan guyyaa guyyaan, torbaniifi ji'a ji'aan gamaaggamaafi madaalaa deeman waan ta'eef akka biirootti immoo, kurmaanan kan gamaaggamnu yoo ta'u har'a gabaasa raawwii hojii kurmaana 2ffaa ji'a jahaaf hojjachaa turre bal'inaan waan dhihaatuf hojjattootni hundi yaada irratti kennuun akka hirmaattan jechuun dhaamsa dabarsuun, sagantaan ifaan ifatti banamuusaa ibsaniiru.

Haaluma kanaan gabaasni raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2016 Daayirektara Daayirektoreetii Karooraafi Bajataa obbo Hasan Idriis gabaasicha kutaa kutaan haala hirmaattotni marichaa salphaatti hubachuu danda'aniin mariif dhiheessaniiru.
Gabaasa dhihaate keessatti inisheetivota akka biirootti itti deemamaa jiran, hojiiwwan karoorfaman, ijaarsa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu, ijaarsa manneen jireenyaa barsiisotaa. fooyya'insa istaandardii manneen barnootaa, fooyya'insa barachuu barattootaa, leenjiiwwan hoggantoota manneen barnootaa, barsiisotaa, nyaata barattootaa, sochii Gumii Tiransifoormeeshinii Barnootaa Oromiyaafi hojiiwwan waliigalaa biiroon keenya dhimma barnootaa irratti hojjataa jiru bal'inaan kan ibse yoo ta'u, dhumarratti, cimina mul'ate, hanqinaafi rakkoo qunnames kan gabaasichi ibseera.
obbo Hasan dhumarratti, gabaasa dhihaate irratti yaadni, gaaffiin, ykn raawwiin hin hammatamin yoo jiraate hirmaattotni kaasuu akka danda'an afeeraniiru.

Gabaasa dhihaate irratti hirmaattotni marichaa yaada gabbisaa ta'eefi dhimmoota dabalamuu qaban dabaluun gadi fageenyaan irratti mari'achuun
"hojiiwwan baatii jaha keessatti hojjataman jijjiirama barnoota keenyaaf agarsiiftuudha"! jechuun gabaasicha sagalee guutun mirkaneessaniiru
Kanuma bu'uura gochuun dhumarratti kallttii fuul duraafi hojiiwwan irratti xiyyeeffatamuu qaban qabxiilee ;
#Caasaa_barnootaa haaraa hojjatamsa jiru lafa qabsiisuu
#Hanqina_barsiisaa_manneen_barnootaa keessatti uumame sirreessuuf bakka #kuufamni_barsiisaa jiru hatattamaan sirreessuu irratti hojjchuu,
#Maxxansaafi_Raabsaa Kkitabaa irratti ciminaan hojjachuu,
#Hojiiwwan_tajaajila_lammummaatiin hojjatamaa jiran cimsuu,
#Dhaabbata_Qorannoo, Saayinsiifi_Teeknoolojii _Shaggar (Shaggar Research, Science & Technology Institute) hojii akka jalqabu saffisiisuu,
#Bu'aa #Barachuu_Barattootaa_fooyyessuu,
#Dubbisuufi_barreessuu barattootaa irratti hojjachuu,
#Piroojektoota jalqabaman akka xumuraman xiyyeeffannoon hojjachu,
#Bajata_mootummaafi dhaabbilee miti mootummaa irraa deeggarsaan argaman yeroofi dhimma barbaachisaa ta'eef fayyadamuu,
#Hojiin_inspeekshiniifi_Supparviizhinii saffisaafi qulqullinaan akka gaggeeffamuufi hojiiwwan kkf. xiyyeeffannoon akka hojjataman I/A Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Girmaa Baayisaa kennaniin mariin xumurameera.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!