Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
32.2K subscribers
110 photos
39 files
81 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Gaaffiifi Deebiin Dhimma Naamusaan Walqabatu Akka Oromiyaatti Gaggeeffamaa Jira.
############
BBO- Sadaasa 17/2016, Gaaffiifi Deebiin akka naannootti qophaa’e Manneen Barnootaa Sad.1ffaa, Sad.2ffaafi Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa hunda keessatti barattoota naamusaafi dandeettii isaaniin kanneen kaaniif fakkeenya ta’an gidduutti dhimma naamusaafi farra malaammaltummaan walqabate irratti kennamee ooleera.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoonni manneen barnootaa keessa jiran Seenaa, Aadaafi Duudhaa ganamaatti deebi’anii naamusa gaarii gonfatanii barnoota isaanii akka barataniif hojii bal’aa hojjetaa jira.

#Kanneen keessa;
1. Barnoota Gadaa akka gosa barnootaa tokkootti akka sirna barnootaa naannoo keessatti hammatamee akka kennamu gachuu
2. Barnoota Safuu sad.1ffaa keessatti akka kennamufi kkf
3. Gumii naamusaafi farra malaammaltummaa manneen barnootaa hunda keessatti hundeessuun akka cimu gochuun;
Akkaatuma Kanaan BBOtti Daayirektarri Deeggarsaafi Hordoffii Dhimma Naamusaafi Farra Malaammaltummaa kan ta’an Obbo Tashoomaa Abbabaa rakkoo gama naamusaan barattoota irratti mul’atu hir’isaa deemuuf tooftaa gara garaan hojjetaa jiraachuu himu.
Manneen barnootaa gara garaa deemuunis dorgommiin gaaffiifi deebuu kun akka itti kennamaa jiru ilaalaniiru.
KAAYYOON GAAFFIIFI DEEBII
#Barattoonni Naamusa isaaniin cimanii abdii egeree biyyaa akka ta’aniif kan gargaaru waan ta’eef;
#Mirgaafi dirqama isaanii beekanii gahee isaanirraa eegamu akka bahataniif waan gargaaruuf;
#Miidhaa Malaammaltummaan hawaasaafi biyyarratti qaqqabsiisaa jiru hubatanii irratti akka qabsaa’aniif waan isaan gargaaruuf;
#Barattoota gidduutti miirri wal-dorgommii akka uumamuufi fakkeenya akka ta’aniif waan isaan gargaaruuf gaaffiifi deebiin kun guutuu Oromiyaatti kennamaa jira.
Akka waliigalaatti barattoonni naamus-dhabeeyyii ta’an yeroo gara yerootti dabalaa waan dhufeef, kun ammoo lammii naamusa qabuufi amala qabu hawaasa keessatti fudhatama argatee jiraachuuf rakkoo waan ta’uuf, gamanumaan BBOn rakkoo kana furuuf itti yaadee barattoota manneen barnoota keessa jiran irratti bifa adda ta’een hojjetaa jira.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Moosaajii Ragaan Barnootaa irratti qindeeffamu(StatEdu.2)fi
Ragaa Barnootaa Bara 2016 Sassabuu Irratti Leenjiin Leenjistootaa Gaggeeffamu Eegalame.
-------------
BBO - Sadaasa 18/2016 Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Gareen Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa (Education Management Information System) Durasitoota Gareefi Ogeeyyota Godinaalee, Bul. Magaalotaafi Aanolee irraa walitti babahaniif leenjii leenjistootaa marsaa 1ffaa guyyoota afuriif turu Magaalaa Adaamaatti har'a kennuu eegalaniiru.

Leenjicha hasawaan kan banan ogeessa olaanaafi kaadhimamaa Doktoraa Mangistuu Lataa yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti muuxannoo hojii Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa irratti yeroo dheeraaf qaban ibsuun, ragaan barnootaa qulqullinaan sassaabame, qindaa'eefi kuufame guddinaafi qarooma biyya tokkoo kan murteessu waan ta'eef leenjiin kun xiyyeeffannoon itti kennamee hordofamuu akka qabu leenjitootaaf ibsaniiru. Dabalataanis ragaa sassaabuu, qindeessuufi bulchuun haalli barnoota naannoo keenyaa sadarkaa biyyaafi addunyaatti maalirra akka jirru kan agarsiisu waan ta'eef dogoggora tokko malee gucoota guutuuf leenjiin kun yaadaafi qalbiin hordofamuu akka qabu himuun leenjichi ifaan ifatti banamuu beeksisaniiru.
Itti aansuun haala mijeessaan leenjichaa obbo Baayisaan sanadaafi meeshaalee leenjiin ittiin kennamu erga raabsanii booda leenjiin jalqabameera.

Dursaan Garee Garichaa obbo Amanuu Baqqalaa hojii BBOtti Garee Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa hojjataa ture leenjitootaaf ibsuun kan eegalan yoo ta'u, haaluma wal fakkaatuun waa'ee #Marsaa Ragaa Barnootaa Sassaabuu, #Faayidaa Ragaa Barnootaafi Unkaalee Ragaan itti sassaabamu irratti ibsa bal'aa kennuun itti fufaniiru
Ragaan Barnootaa; qulqulluu, amansiisaa, sirriifi yeroo murtaa'etti kan dhihaatu yoo ta'e qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabuufi dhaabbilee barnoota keenya deeggaruu barbaadaniifis galtee guddaa qaba jedhaniiru.
Leenjiin Garee Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa kennaa jiru kun mata dureewwan:
#1_Haala Guutinsa Guca Gaafannoo Ragaa Barnootaa Ittiin Sassaabamuufi
#2_Moosaajii(Software)
'StatEdu.2' jedhamutti fayyadamuun haala Ragaa Barnootaa Daataa Beezii keessatti kuufachuu danda'an irratti leenjiin akka kennamu beekameera.

Leenjitootni leenjii kana hordofaa jiran Godinaalee, Bulchiinsa Magaalotaafi Aanota murtaa'aa irra dhufan #marsaa1ffaan akka leenji'an yoo ta'u, #marsaan_2ffaan immoo, Godinoota, Bul. Magaalotaafi Aanota hafaniif yeroo dhihoo keessatti kan ta'u sagantaa baherraa hubatameera.
Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa kanaaf leenjii leenjiftootaa kan fudhataa jiranis Durritoota Garee Karooraafi Ogeeyyota Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa irratti muuxannoo qaban 207 yoo ta'an, leenjii kana booda gara waajjira isaanii deebi'uun Dura Bu'oota Manneen Barnootaa akka leenjisan beekameera.

Walumaa galatti, #ragaa_barnootaa_dhugaa ta'e argachuuf teeknooloojiitti fayyadamuun karaa saayinsaawaa ta'een sassaabuu, qindeessuufi bulchuun dhimma yeroon keessa jirru gaafatu waan ta'eef hoggansiifi ogeessi sadarkaan jiru hundi deeggarsa barbaachisaa ta'e waliif gochuun murteessaadha.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Biiroon Barnoota #Oromiyaa bu'aa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara kanaa dhibbeentaa 20n fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Hogganaan
#Biiroo_Barnoota_Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo konfiraansii jijjiirama qulqullina barnoota naannichaa Adaamaatti gaggeeffame irratti akka ibsanitti, bara darbe barattoota naannichaa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan keessaa kanneen dhibbeentaa 1.8 ta’an qofa qabxii seensaa yunivarsiitii galmeessan.

Bu'aan kun ''rakkoon qulqullina barnootaa sadarkaa baay’ee yaaddeessaarra gahuu agarsiisa'' kan jedhan Dr Tolaan, haaluma walfakkaatuun qormaata naannoo kutaa saddeettaffaa fudhatan keessaa dhibbeentaan 40 qofatu gara kutaa sagalffaa darbuu eeran.

Akkasumas manneen barnootaa naannichatti kutaa saddeetffaa qoramsiisan 9,585 keessaa "kanneen 971 ta’an barataa tokkoyyuu hin dabarsine" jedhan.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Kitaabonni Miliyoona 3.5 Ol Gara Godinaaleefi Magaalotaa Raabsamaniiru
------------
BBO- Sadaasa 20/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa kitaabota Barnootaa Sadarkaa 2ffaa (kutaa 9-12) gosa barnootaa hundaa hanga har'aatti miliyoona 3.5 ol ta'u Godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaatiif raabsee jira.
Guyyaa guyyaan kitaabota kuma 200 ol kan raabsaa jiru BBOn hojjattoota biiroo heddumminaa irratti duulanii konteenara irraa gara konkolaataatti fe'uun raabsaa jiraachuun beekameera.
Kitaabotni Sirna Barnootaa Haaraa kunniin yeroo gabaabaa keessatti harka barattoota akka gahu humna namaa qabu irratti bobbaasuun hojjachaa jiru.
Kitaabota konteenaraan buufata doonii irraa fe'amanii dhufan otuu mana kuusaa(store) hin galin qilleensumarratti gara konkolaataatti ceesisuun kan raabsaa jiran yoo ta'u, torban dhufu keessa kitaabota miliyoona 1.7 ol raabsuu akka danda'an ibsamaa jira. Kitaabotni raabsamanis otuu olee hin bulle hatattamaan manneen barnootaa hedduu akka dhaqabaa jiru gabaasni manneen barnootaa irraa ergaman ibsaaru.
Ministeerri Barnootaa kitaabota maxxanfamanii gara biyya galche miliyoona 10.6 ta'u keessaa miliyoona 5 ol Naannoo keenyaaf kan ramade yoo ta'u, kanneen buufata doonii irra jiran mili.10 ol ta'an akkuma biyya keessa galeen kan raabsamu ta'uun ibsameera.
Ministeerri Barnootaa dabalataanis, akka biyyaatti kitaabota barnoota sad. 2ffaa miliyoona 20.7 ta'u dabalataan akka maxxanfamu ajaja dabarsuu isaanii fuula FB Ministeera Barnootaa irraa arganne ibseera.
Dhumarratti, kitaabotni yeroo ammaa gara Waajjiraalee Barnootaa Godinaalee/Magaalotaafi Aanotaa raabsamaa jiran kanneen hatattamaan gara MB akka dhaqqaban qaamni barnoota keenya deeggaru hundi akka irratti hirmaatu dhaamsa dabarsina.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Kitaabota Sirna Barnootaa Haaraa Kutaa 9ffaa - 12ffaa Argachuu ni dandeessu.
🔎Biiroon Barnootaa Oromiyaa Gahee Dhaabbatni Qorannoo, Saayinsiifi Teeknooloojii Guddina Biyyaatii Qabu (Seminar On: The Role of Research, Science & Technology Institute For Nation Dev't) jedhu Irratti Seminaara Guyyaa 1 Gaggeesse.
-----------------
BBO - Muddee 12/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Seminaara Mata Duree: "Gahee Dhaabbatni Qorannoo, Saayinsiifi Teeknooloojii Guddina Biyyaatiif Qabu" jedhu qopheessuun kessummaa kabajaa dhaabbata NASA irraa Dr. Birahaanuu Taaffasaa Bulchaa afeeraniiru.

Dr. Berhanu T. Bulcha dhaabbata Ameerikaatti argamu 'National Aernautics & Space Science Administration (NASA), Principal Investigator at Goddard Space Flight Center, fi dhaabbaticha keessatti muuxannoo yeroo dheeraa kan qabaniidha.

Seminaaricha haasaan kan banan hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo, dhaloota saayinsiifi teeknooloojiin qaroome horachuuf biiroo hojii cimaa hojjachaa akka jiru ibsuun, Saayintistoota akka Dr. Birahaanuu T. Bulchaa kan ta'an qorannoon, saayinsiifi teeknooloojiin addunyaa hogganaa jiran kanneen irraa deeggarsa beekumsaafi oggummaa argachuun keenya carraa guddaadha jedhaniiru.
Addunyaa ammayyaa keessa jiraachuuf saayinsiifi teeknooloojii irratti investimeentii bal'aa gaggeessuun dhaloota boru biyya bulchu qaruun filannoo biraa hin qabu. Kanaafuu Seminaarichi baay'ee barbaachisaa waan ta'eef ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.

Seminaaricha irratti kan hirmaatan hayyootaafi pirezidaantota Yunivarsiitiwwan adda addaa irraa dhufan, hayyoota seektaroota adda addaa keessa hojjatan, I/A hoggantootaafi daayirektaroota BBOfi qaamotni hawaasaa adda addaa kan irratti hirmaataniidha.

Dr. Birahaanuun gahee dhabbatni qorannoo, saayinsiifi teeknooloojii guddina hawaasaatiif qabu irratti barreeffama gabaabaa dhiheessuun, waa'ee biyyoota qorannoo, saayinsiifi teeknooloojii irratti investimeentii guddaa gaggeessaniifi haala guddina isaanii fakkeenya bal'aa kennaniiru. Kanaaf biyya keenya dabalatee, biyyootni guddataa jiran hundi beekumsa ilma namaa irratti investimeentii bal'aa gaggeessuu akka qaban himaniiru, kana ta'uu baannaan dhaloota dhufuuf rakkoo teessifnee darbuu keenya ta'a jedhaniiru.
Kanaafuu, lammiin biyya jaalatuufi dhaloota boruu ceesisuu barbaadu hundi gahee keenya bahuu qabna jechuun, isaanis garee isaanii waliin ta:uun dhaabbata qorannoo, saayinsiifi teeknooloojii biyya keenya keessatti babal'isuuf hojjataa akka jiran himaniiru.

Dhumarratti, waraqaa dhihaate irratti hirmaattotni yaadaafi gaaffii adda addaa kaasuun mari'atameera.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Leenjiin Leenjistootaa Barnoota Saffisaa, Barnoota Bu’uura Ga’eessotaafi Mala Ragaa Bu’uuraa “Data Base” Irratti Kennamuu Eegale
BBO,Muddee 17/2016 Leenjiin Leenjistootaa Barnoota Saffisaa (Speed Leaning), Mala Barnoota Bu’uura Ga’eessotaafi Mala Ragaan Bu’uuraa “Data Base” Irratti Qindeessuufi Gabaasuu Abbootii Adeemsaa Waajjira barnoota godinaaleefi Bul.Magaalotaa walumatti hirmaattota 48 ta’aniif guyyaa har’aa eegalamee jira.

Kaayyoon leejichaa:-
Hubannaafi humna raawwachiistummaa ogeessota Barnoota Al-Idilee, Barsiisota/haala mijeessitoota saffisaa fi haala mijeessitoota Ga'eessotaa cimsuun qulqullinaa fi raawwiin barnoota Al-idilee akka fooyya'u taasisuudha.

Leenjii kana Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr.Galaanaa W/Mikaa’eel jalqabsiisanii jiru. Haasawa taasisaniin Lammiin akka addunyaatti jiru hundi mirga barachuu qaba. Kana keessatti ammoo kanneen barnoota idilee sababoota gara garaan hin baratiiniif sagantaa addaa addaa qopheessuun ga’eessonni kunneen baratanii beekumsa horatanii jiruufi jireenya isaanii akka gaggeessan ni taasifama jechuun himan.
Biiroon Barnootaa Oromiyaas hawaasa umriin isaanii 14-64 jiraniif akka baratan gochaa jiraachuu Dr.Galaanaan ibsanii jiru. Haaluma Kanaan waggoottan darban keessa hojiin ga’eessota barsiisuu gama mootummaan xiyyeeffannoon waan itti deemamaa tureef bu’aa guddaan irraa argamaa jira jedhaniiru.
Ga’eessonni baratanii sadarkaan barnoota isaanii fooyya’e oomishaafi oomistummaa isaanii saayinsiidhaan deeggaramuun akka guddatu gochuu, jiruufi jireenyi isaanii akka fooyya’u karoora isaanii qixa sirrii ta’een akka fiixaan baasan akka isaan gargaarus ibsameera.
Kanaaf jedhan Dr.Galaanaan ogeessonni leenjii leenjistootaa fudhattan kun deebitanii hojii qabatamaatti jijjiiruu qabdu jechuunis dhaamsa dabarsanii jiru leenjitootaaf.

Daayirektarri Daayirektoreetii Barnoota Al-Idilee Aadde Galaanee Tasfaayees gama isaaniin Leenjii leenjiftootaa hojiilee ijoo Mala Barnoota Saffisaa (Speedy School), Mala Barnoota Bu'uura Ga'eessotaa(ALEF) akkasumas mala ragaa qindeessuu fi gabaasuu irratti kennamu kun haaluma leenjii ogeessonni Kolleejjii Barnoota Barsiisotaafi Ogeessonni Geneva Globaln kennamu gadi bu'ee Barsiisota/haala mijeessitoota Barnoota Saffisaa, Haala mijeessitoota Barnoota Bu'uuraa Ga'eessotaa fi ogeessota BAI hundaa biraan gahuu akka qabu himaniiru.
Bu’uuruma Kanaan Hoggansi barnootaa sadarkaa sadarkaan jiru hundi leenjii leenjiftootaa sadarkaa biirootti hojiilee ijoo 3'n guyyoota sadiif kennamu kun haala kamiin Barsiisota barnoota saffisaa, Haala mijeessittoota Barnoota Bu'uura Ga'eessotaa hundaa akkasumas ogeessota Barnoota Al-Idilee biraan akkaataa barbaadameen gahuu akka qabuufi deeggarsaafi hordoffiin walirraa hincinne akka taasifamus Aadde galaaneen dhaamaniiru.

Mata Duree Leenjiin Irratti Kennamu;
#Mala Barnoota Saffisaa (Speedy School)
#Mala Barnoota Bu’uuraa Ga’eessotaafi
#Mala Ragaa “ Data Base“ Educational Management Information System (EMIS)Irratti Qindeessuufi Gabaasuu irratti Ogeessota Kolleejjii Barnoota Barsiisotaafi Geneva Globaln kan kennamu ta’a.
Akka walii galaatti leenjiin leenjistootaa kennamu kun gara hojii qabatamaatti jijjiiramee bu’aa buusuu waan qabuuf abootiin adeemsaa leenjii kana fudhataa jiran sirriitti hordofuun galma gahuu akka danda’u dhaamsi darbee jira.


♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Kitaabota Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa (9-12) Miliyoona 5 fi Manneen Barnootaa Sad. 1ffaa(1-8) Miliyoona 5.3 Ol Ta'an Gara Manneen Barnootaa Raabsaman.
-----------
BBO- Muddee 17/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa hanga ammaatti miliyoona shanii ta'an manneen barnootaa akka gahan taasiseera.
Marsaa tokkoffaa keessatti kitaabota Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa Biiroo Barnootaa Oromiyaatiif erge hunda battalumatti gara manneen barnootaa kan erge yoo ta'u, marsaa 2ffaaf kitaabota Ministeerri Barnootaa biyya alaatti maxxassiisee galchaa jiru keessaa immoo kitaabotni kuma 200 ol ta'an konteenara 4n fe'amee dhufe har'a waan galeef boru ganama irraa jalqabee gara manneen barnootaa kan geejjibaman ta'uun beekameera.

Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa marsaa 1ffaan akka biyyaatti kitaabota miliyoona 10 ol gara biyya keessaa galche irraa miliyoona 5 Naannoo keenyaaf kan erge yoo ta'u, marsaa 2ffaaf gara biyya keessaa galaa kan jiru kuma 10 akka biyyaatti dhufaa jiran keessaa raabsaa akka jiran ragaa bahe agarsiiseera.

Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa kitaabota miliyoona 20 maxxansiise marsaa lamaan galchaa jiru qofti gahaa waan hin taaneef dabalataan akka maxxansiisan ji'a Sadaasaa keessa ibsa baasaniin himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, kitaabotni barataafi qajeelcha barsiisa manneen barnootaa sad. 1ffaa(1-8) bara bajataa 2016 keessa, hanga har'aatti kitaabota miliyoona 5.3 ol ta'an gara manneen barnootaa raabsamaniiru.

Dhumarratti, hoggantootni manneen barnootaa, barsiisotniifi barattootni keenya hir'inni kitaabaa hanga guutamutti haala rakkoo baruu barsiisuu furuu danda'uun akka bulchitaniifi waliin geessanii itti fayyadamuu dandeessan irratti ciminaan akka hojjatan dhaamsa keenya yoo ta'u, kitaabotni dafanii akka manneen barnootaa dhaqqaban biiroon cimee akka hojjatu beeksiseera.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu Ijaaruun Carraa Barnootaa Babal'isuufi Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu Keessatti Gahee Olaanaa Qaba Jedhame.
-------------------
BBO- Muddee 19/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Mootummaan Naannoo Oromiyaa daa'imman naannoo keenyaa carraa barnootaa akka argataniifi qulqullinni barnootaa bu'uura irraa akka mirkanaa'u taasisuuf manneen barnootaa Bu'uura Boruu kanneen dhalootni Bu'uura Boruu keessa darbuu qabu 15,000 ol ta'an ijaarsa xumuruun ji'a tokko booda guutumaa guututti tajaajilaa akka kennan taasisuuf hojjachaa jiru.
Hanga ammaatti Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu kuma 14 ol xumuramanii tajaajila baruufi barsiisuu kennaa kan jiran yoo ta'an, karoora bara 2016 hanga Muddee 30/2016tti MB BB 4574 ijaaruuf karoorfame keessaa 3800 ol yoo xumuramee tajaajilaaf olu, kan hafan immoo ji'a tokko keessatti xumuruuf hojjatamaa jira.
Ijaarsa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu Godinaaleen 4fi Bulchiinsi Magaalotaa 2 xumuruun karooraa isaanii irratti dabalataan kan hojjatan yoo ta'u,
#Godinaalee_Hojii_Boonsaa_Hojjatan;
#1_Harargee_Bahaa:
#Karoorri - 206, #Raaw'in -361;
#2_Jimmaa;
#Karoorri - 690, #Raaw'in -737;
#3_Shawaa Lixaa:
#Karoorri -302, #Raaw'in - 310;
#4_Baale:
#Karoorri - 96, #Raaw'in -100;

#Bulchiinsa Magaalotaa Keessaa immoo,
#1_Magaalaa_MAAYAA:
#Karoorri - 8, #Raaw'in -15;
#2_Magaalaa Roobee:
#Karoorri - 4, #Raaw'in -4 ijaaruun tajaajilaaf yoo oolchan, godinaaleefi magaalotni hafan ijaarsa kan jalqaban yoo ta'an garuu xumuranii guutumaa guututti tajaajilaaf ji'a tokko akka itti fudhatu hoggantootni godinaaleefi bul/ magaalotaa himaniiru.
#Karaa_biraatin bulchiinsi Magaalotaa ijaarsa Mana Barnootaa tokkollee karoora bara 2016 keessa xumuruu dadhaban;
1- Shaakkisoo
2- Dodolaa
3- Hoolootaa
4- Asallaa
5- Naqamtee
6 -Shanoofi
7- Walisoo ijaarsa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu kan jalqaban ta'ullee, #hanga 18/04/2016tti Mana Barnootaa #tokkollee_ijaaranii_hin_xumurre.
Walumaa galatti, carraa barnootaa babal'isuun lammiin hundi barnoota dhihootti akka argatan gochuufi dhalootni Ifa Boruu barnoota qulqullina qabu bu'uura irraa argachuu akka danda'an, daa'imman gara Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa galahan dubbisuu, barreessuu, lakkoofsota shallaguu akka danda'an gochuuf Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu murteessaa waan ta'eef ijaarsa karoorfame hanga Muddee 30/2016 xumuruun qulqullina mirkaneessuu qofarratti hojjachuu akka dandeenyu qaamni dhimmi ilaalu keessattuu #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa #sadarkaa_Godinaa,_Bul/_Magaalaa,_Aanaa,_Gandaafi_Mana_Barnootaa jiran gahee isaanii akka bahan dhaamsa biiroo keenyaati.
#Hub:- Ragaan ijaarsa MB BB kan hanga Muddee 18/2016 jiru qofa kan hammateedha.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Leenjiin Pirojektii #COWASH_IV Kennamuu Eegale

BBO, Muddee 19/2016 Leenjiin Pirojektii #COWASH_IV ogeessota waajjira barnootaa, waajjira fayyaa godinaalee 10fi aanaalee 30f itti fayyadama mana fincaanii manneen barnootaa, mooraafi jijjiirama amalaa barattootaa mana barumsaa hanga manaatti jedhu irratti Kennamaa Jira
Kaayyoon Leenjichaa;
#Mala_qaanessuu_Sodaachisuun_Jibbisiisuun(Fear, Shame and Disgusting) tarsiimoo jedhu ykn School Led Total Sanitation and Hyigene kennuun manneen barnootaa
#Bobbaarraa bilisa gochuu
#Open_defection_free school uumuu yammuu ta'u ;

BBOtti ogeessi Gamaaggamaafi Hordoffii Pirojektii Sagantaa One Wash Obbo Addunyaa Buttaa kaayyoofi barbaachisummaa leenjichaan walqabsiisanii itti fayyadama manneen fincaanii mooraa manneen barnootaafi naannoo manneen barnootaa irratti, akkasumas dhiibbaa gama fayyaan barattoota irratti kallattiin qaqqabsiisuufi hojii baruufi barsiisuu irratti dhiibbaa inni qabu ibsa gabaabaa kennuun leenjicha jalqabsiisanii jiru.

Leenjiin kennamaa jiru kun barattootaafi hawaasa manneen barnootaaf faayidaa guddaa qabaachuu
Ogeessi Saaniteeshiniifi Haayijinii WASH Obbo Tafarii Dajanee ibsaniiru. Qulqullinni manneen barnootaa balfa gara garaa irraa yoo eegame, mooraan manneen barnootaa hawwataa yoo ta'e, barattoonni mana barumsaa irraa akka hin hafne, akka hin harcaane ni gargaara. Kanaafis jedhu Obbo Tafariin ogeessonni fayyaa leenjicha BBO waliin qindoominaan akka kennamu taasifameera. Keessattuu harcaatii hambisuufi dhukkuboota daddarbaa ittisuu keessatti shoora guddaa akka taphatus ibsaniiru.
Obbo Tafariin itti dabaluun leenjiin leenjistootaa kanaan dura dhimmuma kanaan walqabatu akka naannootti kennamuufi gara aanaattis gadi bu'ee kennamuufi xiyyeeffannoon irratti hojjetamee qulqullina mooraa manneen barnootaa keessaa fooyya'uu isaa ibsu.

Akka waliigalaatti leenjiin kennamaa jiru kun gama qulqullina manneen barnootaa, mooraa manneen barnootaa, hubannaa uumuufi dhukkuboota daddarbaa ta'an ittisuu keessatti gahee ol'aanaa waan qabuuf, kun ammoo barattoonni barnoota isaanii sirnaan akka hordofan kan isaan gargaaru ta'uun hubatameera.
Leenjiin kun guyyoota 2'f kan itti fufu ta'a.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Oduu: Barnoonni #Gadaa sadarkaa kolleejjiitti akka kennamuuf sirni barnootaa (curriculum) qophaa’e

Biiroon Barnootaa #Oromiyaa (#BBO) gosa barnoota Gadaa sadarkaa kolleejjiitti kennuuf sirna barnootaa (Kaarikulamii) qopheessuufi barsiisota leenjisaa jiraachuu ibse.

Barsiisonni gosa kanaan kolleejjiirraa eebbifaman dhabamuu irraa kan ka’e qulqullinni barnoota Gadaa manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa (1-8) keessatti kennamaa ture gadi-aanaa ta’uu eeruun amma garuu barsiisota gosa barnoota Gadaatiin sadarkaa kolleejjiitti leenjisuufi eebbiiisuun barbaaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Gadaan manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa (kutaa 1-8) keessatti kennamaa jiraachuun ni beekama.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Hojiiwwan Baatii Jaha keessatti hojjataman jijjiirama barnoota keenyaaf agarsiiftuudha jedhame.
-------------------
BBO - Muddee 26/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojjattoota isaa waliin ta'uun hojiilee bara 2016 raawwachuuf karoorfte keessaa gabaasa kurmaana 2ffaa(baatii 6) irratti mari'achuun kurmaana itti aanuufu kallattii xiyyeeffannoo kaa'aniiru.
Gamaaggama gabaasa raawwii hojii kurmaana 2ffaa kana I/A Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Girmaa Baayisaa haasawaan kan banan yoo ta'u, haasawa taasisaniin hojjattootni hojjattoorni biiroo keenyaa hojiilee waggaa keessatti raawwachuuf karoorfatan guyyaa guyyaan, torbaniifi ji'a ji'aan gamaaggamaafi madaalaa deeman waan ta'eef akka biirootti immoo, kurmaanan kan gamaaggamnu yoo ta'u har'a gabaasa raawwii hojii kurmaana 2ffaa ji'a jahaaf hojjachaa turre bal'inaan waan dhihaatuf hojjattootni hundi yaada irratti kennuun akka hirmaattan jechuun dhaamsa dabarsuun, sagantaan ifaan ifatti banamuusaa ibsaniiru.

Haaluma kanaan gabaasni raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2016 Daayirektara Daayirektoreetii Karooraafi Bajataa obbo Hasan Idriis gabaasicha kutaa kutaan haala hirmaattotni marichaa salphaatti hubachuu danda'aniin mariif dhiheessaniiru.
Gabaasa dhihaate keessatti inisheetivota akka biirootti itti deemamaa jiran, hojiiwwan karoorfaman, ijaarsa Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu, ijaarsa manneen jireenyaa barsiisotaa. fooyya'insa istaandardii manneen barnootaa, fooyya'insa barachuu barattootaa, leenjiiwwan hoggantoota manneen barnootaa, barsiisotaa, nyaata barattootaa, sochii Gumii Tiransifoormeeshinii Barnootaa Oromiyaafi hojiiwwan waliigalaa biiroon keenya dhimma barnootaa irratti hojjataa jiru bal'inaan kan ibse yoo ta'u, dhumarratti, cimina mul'ate, hanqinaafi rakkoo qunnames kan gabaasichi ibseera.
obbo Hasan dhumarratti, gabaasa dhihaate irratti yaadni, gaaffiin, ykn raawwiin hin hammatamin yoo jiraate hirmaattotni kaasuu akka danda'an afeeraniiru.

Gabaasa dhihaate irratti hirmaattotni marichaa yaada gabbisaa ta'eefi dhimmoota dabalamuu qaban dabaluun gadi fageenyaan irratti mari'achuun
"hojiiwwan baatii jaha keessatti hojjataman jijjiirama barnoota keenyaaf agarsiiftuudha"! jechuun gabaasicha sagalee guutun mirkaneessaniiru
Kanuma bu'uura gochuun dhumarratti kallttii fuul duraafi hojiiwwan irratti xiyyeeffatamuu qaban qabxiilee ;
#Caasaa_barnootaa haaraa hojjatamsa jiru lafa qabsiisuu
#Hanqina_barsiisaa_manneen_barnootaa keessatti uumame sirreessuuf bakka #kuufamni_barsiisaa jiru hatattamaan sirreessuu irratti hojjchuu,
#Maxxansaafi_Raabsaa Kkitabaa irratti ciminaan hojjachuu,
#Hojiiwwan_tajaajila_lammummaatiin hojjatamaa jiran cimsuu,
#Dhaabbata_Qorannoo, Saayinsiifi_Teeknoolojii _Shaggar (Shaggar Research, Science & Technology Institute) hojii akka jalqabu saffisiisuu,
#Bu'aa #Barachuu_Barattootaa_fooyyessuu,
#Dubbisuufi_barreessuu barattootaa irratti hojjachuu,
#Piroojektoota jalqabaman akka xumuraman xiyyeeffannoon hojjachu,
#Bajata_mootummaafi dhaabbilee miti mootummaa irraa deeggarsaan argaman yeroofi dhimma barbaachisaa ta'eef fayyadamuu,
#Hojiin_inspeekshiniifi_Supparviizhinii saffisaafi qulqullinaan akka gaggeeffamuufi hojiiwwan kkf. xiyyeeffannoon akka hojjataman I/A Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Girmaa Baayisaa kennaniin mariin xumurameera.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
Manneen Barnootaaf Kitaabni Wabii Deeggarsaan Kenname

BBO,Amajjii 07/05/2016 Mana Barumsaa sad.1ffaa Seenaa Sabaafi Sad.2ffaa Gooroof kitaabilee wabii gosa gara garaa Ejansiin Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa manneen barnootaa kunneeniif guyyaa har'aa kennee jira.
manni barumsaa sad.2ffaa Bul.Magaalaa Adaamaatti argamu barattoota 4,000 ol barsiisaa kan jiru yammuu ta'u; barattoonni mana barumsaa kanatti baratanis baay'ina waan qabaniif hanqinni kitaabilee wabii kun akka kennamuuf waajjirri barnootaa Bul.Magaalaa Adaamaa akka kennamuuf murteesseera.
Akkasumas manni barumsaa sad.1ffaa seenaa sabaa ijoollee maatii qubattootaa waan ta'aniif akka jajjabeeffamaniif yaadamee kennamee jira.
Kitaabicha BBO bakka bu'uun Obbo Maammoo Birqaa Ejansii Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Daayirektarri Idileessa Kornayaa bakka bu'uun Aadde Aziizaa Ahmad irraa fuudhanii  manneen barnootaa kunneeniif kennanii jiru. 
Biiroon Barnootaa Oromiyaas deeggarsa manneen barnootaaf taasifameef galata guddaa qaba.

♻️ Join & 🔗SHARE
       👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1

ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!
#Exit_Exam

Qormaanni Bahuumsaa(#Exit_Exam) marsaa lammaffaan Amajjii 27 haga Gurraandhala 01/2016 kan kennamu ta'uu Ministeerri barnootaa beeksise.

Kaffaltii galmee qarshii 500.00 qofa kara Teeleebirriitiin kaffaluun galmaa'uu kan dandeessan ta’uun ibsameera.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
"Oromiyaatti barsiisootaf manneen jireenyaa kuma 5,369 ol ijaaraman":- Biiro Barnoota Oromiyaa

Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan ja’an darbanitti manneen jireenyaa kuma 5 fi 369 barsisootaf ijaaramuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Baatiiwwaan 6’n darbanitti manneen jireenyaa barsisoota kuma 4 fi 500 ijaaruuf karoorfame, manneen kuma 5 fi 369 ijaaruun, karooraa ol milkeessuun akka danda’ame Obbo Hasan eeraniiru.

Fuulduraattis barsiisootaaf haalota mijatoo uumuun qulqullina barnootaa keessatti gahee isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamuu ta’uu dubbataniiru.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
"Yeroon galmee dheerateera" - Ministeera Barnootaa

Ministeerri Barnoota yeroo galmee qormaata ba'iinsaa dheerachuu beeksiseera.

Bara 2016 qormaata ba'iinsaa fudhatuuf yeroon galmee Ammajjii 08/2016 irraa eegalee Ammajjii 15/2016 akka xumuramu jedhamuun isaa kan yaadatamuudha.

Haa ta'u malee gaaffii qoramtootaa hubannoo keessa galchuun yeroon galmee hanga Ammajjii 20/2016tti dheerachuu isaa Ministeerri Barnootaa ibseera.

Guyyaan qormaata ba'iinsa Ammajjii 27/2016 hanga Gurraandhala 1/2016 tti akka kennamu irra deebiin ibseera.

Ministeerri Barnootaa haalawwan biroo akkaataa hojimaata kanaan dura ibsameen akka raawwataman cimsee ibseera:

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Qoonsilli #Faransaay kitaabota afaan Faransaayiitin qophaa’an 900 ol manneen barnoota bultii addaatiif kenne

Itoophiyatti Qoonsilli #Faransaay kitaabota afaan Faransaayiitiin qophaa'an 968 manneen barnootaa bultii addaa fi manneen barnoota afaan Faransaay barsiisaniif kenne.

Qoonsilichi kitaabota kanneen Biiroo Barnoota #Oromiyaatiif (#BBO) dabarsee laate.

The French Embassy provided reference books to the Oromia Education Bureau.
-----
OEB, Ethiopia- January 29/2024
The French Embassy in Addis Ababa, Ethiopia, supported the Oromia Education Bureau with 968 reference books. It is known that the book will help the French language students of nine special boarding schools in Oromia. The books were handed over by Mariorie Paeourie-Khellef, Cooperation Attache for Education, and on behalf of the Oromia Education Bureau, Deputy Head of the Bureau Dr. Gelana Wolde Michael and Director of Special Boarding Schools Ato Seum Kebede attended the ceremony and received donated books.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1