Hojiin Barnootaa Caasaalee Mootummaa Hunda keessatti Hojii 1ffaa Ta'ee Akka Irratti Xiyyeeffatamee Hojjatamu Murtaa'eera.
BBO-Sadaasa 16/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa kufaatii qulqullina barnootaa akka biyyaafi naannoo keenyatti qunname keessaa bahuuf waltajjii Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Ambaasaaddara Barnoota Oromiyaa kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaa, hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa kabajamoo obbo Fiqaaduu Tasammaa, hoggantootni olaanon, abbootiin qabeenya, hayyootni Yunivarsiitiiwwanii, hayyootni dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa irraa walitti babahan, hoggantootni barnootaa sadarkaan jiran, seektarootni adda addaafi aangawoon dhaabbilee Mootummaa Federaalawaa irraa afeeraman kan irratti argaman qopheessuun marii taasisee irratti murteen qabxii saddeet qabu murtaa'eera.
Kufaatii Barnootaaf sababafi mala furmaataa irratti waraqaan qorannoo hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisootiin kan waltajjiif dhihaate yoo ta'u, waraqaa qorannoo dhihaate irratti hirmaattota kan mariisisan kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaa, kabajamoo obbo Fiqaaduu Tasammaafi kabajamoo Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an, hirmaattota irraa yaadniifi gaaffii adda addaa ka'anii erga irratti mari'atanii booda, qulqullina barnoota keenya rakkoo jalaa baraaruuf guyyaa har'aa irraa jalqabee hojiiwwan akka mootummaafi qaama hawaasa hundaatiin hojjatamuu qaban qabxiin saddeet murtaa'aniiru.
Hojiiwwan hojjatamuuf murtaa'an kunniin dhaloota eger horannuuf murteessaafi Seena Qabeessummaan isaa daran olaanaa ta'uu mul'iseera.
#Murtee_Seena_Qabeessafi kutannoo Mootummaafi Hawaasa keenyaa kan Mirkaneessan:
#1_Gumiin Tiraansifoormeeshinii Barnootaa Oromiyaa Hundeeffameera. Gumiin Kun Sadarkaa Naannootti kan Pirezidaantii Naannoo keenyaa kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaatiin hogganamu yoo ta'u, caasaan kun sadarkaa Godinaa, Aanaafi Manneen Barnootaatti haala wal fakkaatuun kan ijaaramu ta'uusaa,
#2_Manneen Barnootaa hundaaf hogganaan Siyaasaa tokko abbummaan ramadamee akka hordofuufi deeggaru, Qaamni siyaasaa kun haala walii galaa MB, nyaata barattootaa, rakkoo barsiisaa, barattootaa, maatii barattootaa, hawaasa naannawa MB, caasaalee mootummaafi walitti dhufeenya MBfi kkf kan hordofuufi deeggarsa kan kennu ta'a,
#3_Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Waldaan Barsiisota Oromiyaa waliin ta'uun Barsiisaa Mana Barnootaa keessa akka turu haala mijeessuu,
#4_Dhiyeessa Barsiiotaan qabate,
#Lafa mana irratti ijaarratan, #Baadiyaa keessatti immoo dhihootti mana jireenyaa ijaaruufi kan jalqabame xumuruu,
#Barsiisotaaf Mana Barnootaa keessatti #Nyaata_dhiheessuu, kanas dhaabbanni Buusaa Gonofaa cimee akka hojjatu murteen darbeera. Barsiisota nyaanni dhihaatufii qabanis yeroo gabaabaa keessatti ni ibsama.
#5_Dhiyeessi Nyaata Barattootaa haala fooyya'aafi qulqullina qabuun itti fufsiisuu,
#6_Hoggansi Barnootaa sadarkaan jiru hundi ulaagaalee Biiroon Barnootaa Oromiyaa baasuun irra deebi'amee ijaaramuu akka qabu,
#7_Hojiin Barnootaa caasaalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti hojii 1ffaa ta'ee akka karoorfamuufi hojjatamu qabu,
#8_Murtee har'a murtaa'e kana bara2017tti raawwiin isaa 10%n dabalee akka wal agarru haata'u jechuun murtaa'eera.
Dhumarratti, hojiiwwan hatattamaan yeroo gabaabaa keessatti hojjatamuu qaban kallattiin kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaatiin kennameera.
Hojiiwwan Hatattamaan Hojjatamuu Qabanis:
#Gumiin Tiraansifoormeeshinii Barnootaa kun Qulqullina Barnoota Oromiyaa kufaatii kaasuuf hundaa'e kun hatattamaan sadarkaa Godinaa, Bul. Magaalaa, Aanaafi Gandaatti hundaa'ee hojii akka eegalu,
#Gumiin kun, yeroo gabaabaa keessatti maatii barattootaa waliin marii akka gaggeessuufi hubannoo akka uumu,
#Barsiisota waliin akkasumas,
#Barattoota waliin marii taasisuun kallattii jiruufi hojiiwwan hojjatamuu qaban akka hubachiisan walii galuun mariin xumurameera.
#Hubachiisa: Mariin Dhaloota Ceesisuuf bal'inaan mari'atameefi murteewwan kennaman #Seena_Qabeessa waan ta'eef guutuu marichaa qabannee waan deebinuuf nu hordofaa jenna.
♻️ Join & 🔗SHARE
👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
ɢᴀʟᴀᴛᴏᴏᴍᴀᴀ!