ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.6K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Ati #Bineensotarraa #Addadha!


#Dhalli namaa Sammuu yaadu waan qabuuf qofa bineensota biroorraa adda hin ta'u.

#Dandeettiifi akkaataan yaaduu isaanii kan namootaa waliin wal caalus, Bineensonnis waan nyaataniifi dhuganiif inuma yaadu. Waanti dhala namaa bineensota biroorraa adda taasisu maaliree? Waanti guddaan dhala namaa bineensota biroorraa adda taasisu #Fedhii Milkaa'inaati. Fedhii #milkaa'inaa jechuun fedhii mul'ata jireenya egeree milkeessuu qabaachuu jechuudha. Bineensonni fedhii milkaa'inaa hin qaban. Jaldeessi tokko galma jireenyasaa kan borii hin qabu. Har'uma waan argate nyaatee jiraata malee bor sadarkaa guddaa tokkorran ga'a jedhee hin karoorfatu. Bineensotni biroonis akkanuma. Garaagarummaa guddaan Dhala Namaafi Bineensota gidduu jiru isa kanaadha.

https://t.me/Bedadina
https://t.me/Saayikoloojii
#Bu’uuraalee Milkaa’inna ( #Elements of Success)

#Namoonni damee hojii garagaraa irratti bobba’uun milkaa’ina adda addaa galmeessu. Milka’inni namoota hundaa waliqixa miti. Milkaa’ina gurguddaa galmaan gahuuf ,bu’uura isaa sirritti lafa qabsiisuun baay’ee barbaachisaadha.
#Wantoonni milkaa’inaaf bu’uura ta’an muraasni kanneen armaan gadiiti.
1. #Yaaduu:- Bu’uurri wanta kamiyyuu hojjechuu yaaduudha. Burqaan jiruu yaada. Jiruu fi jireenya koo keessa maaltu jira, maaltu dhabame, maal itti dabaluun qaba, maal irraa hir’isuun qaba,dadhabinni koo maali, jabeenyi koo maali, akkamitti of jijjiruun qabaa fi gaaffileen kanaa fi kana fakkaatan yaadun deebii kan argataniidha. Bu’uurri jalqabaa jireenyaa yaadu fi xinxalluudha. Kaayyoo yeroo kaayyeefannu ol fageessinee yaaduu fi hawwuu qabna. Hanga fedhe ulfaataa nutti haa fakkaatu, ol fageessine yaaduu, xiinxaluun fi fedhii keenya ijjaaruun, hojii baay’ee salphaa ta’eetti jijjira.
2. #Kaayyoo ofii beekuu fi murteessuu:- Waanta hojjatan sana sirritti gadi fageenyaan xiinxalanii yoo hin barinii fi daangaa hin murteessiniif, kufaatif sababa guddaa ta’a. Fakkeenyaf, namni tokko doktora,enjinera, barreessaa, fi kkf ta’uuf yoo yaade murtessuun dura humna, yeroo fi gatii kaffaluu qabu sirriitti beekuu qaba. Kaayyoo ofii murteessun jiruu waldhaa'aa fi dukkanaa’aa gara salphaa fi ifaatti jijjira.
3. #Fedhii:-Waanta tokko hojjachuuf erga yaadnee booda miirri fedhii nu keessatti uumama. Fedhiin yoo hin jiraatin wanta yaadne sana lafatti buusnee hojjachuu hin dandeenyu.
4. #Ejjennoo fi Niyyaa(intention) qabaachuu:- Erga kaayyoo keenya murteessineen booda ijjannoo fi niyyaa keenya jabbeessu fi lafa qabsiisudha. İjjannoon cimaan wanta qabanne kaane akka hin dhiisne fi hin daganne nu taasisa.
5. #Xiyyeefannoo:- Akkuma daa’imni yeroo dhalattu xiyyeefannoo fi kunuunsa guddaa barbaaddu, kaayyoon nu kaayyefanne akkasuma xiyyeefannoo fi kunuunsa guddaa barbaada.
6. #Obsa:- Namni diida bahee hanga bakka yaade gahutti hin dhiisu. Bakka gahuuf immoo Obsa isa barbaachisa. Kaayyoo dheeraa qabanne galmaan gahuuf obsii akka bishaani fi qilleensaa nu barbaachisa.

@Bedadina
@Saayikoloojii