ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.66K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
👉#Of ta'i!

👉Namni akka namaa hiyyeessa nama hunda gammachiisuuf yaalu hin jiru. Keessattuu yaada namootaa akkuma gadi sitti bu'etti yoo fudhatte yeroo kee qisaasessaa jirta.

👉Nama dhaggeeffattu filadhu. Nama si hin caalle hin dhaggeeffatin! #Abjuu kee guddaa yeroo itti himtu ''Inni maraateera, calliseetuma hawwii qofaan mirqaana" siin jedha. Yeroo #milkooftu "Carraa(tolcha) qabda" jedha. Yoo ati hin milkoofne "Ani duraan sitti himeen ture" siin jedha... Yaa qomoo koo maaf isa dhaggeeffachaa jirtaree?! #Of ta'i!

Halkan gaariin isiniif hawwa!👏👏👏
https://t.me/Bedadina
👇👇👇👇👇👇👇👇
#Karaa lama qabda!

#Karaa tokkoffaa: Karaa bu'aa ba'ii hin qabne, #garuu booddeerra firiin isaa gaabbii kan ta'e.

#Karaa lammaffaa: Karaa dadhabbiifi hojii cimaa gaafatu, #garuu booddeerra firiin isaa yeroo bilisaa, qarshii hedduufi imala bareeda kan qabu.

Yeroo kee kan filatte irratti fayyadamuu dandeessa!

👉You have Two option:-
#Option 1: A path that looks comfortable, but ends with the pain of regret.

#Option 2: A path with obvious hard times that ends in freedom of time, money, and movement.

👉Invest your time and energy accordingly.

https://t.me/Bedadina
​​Yeroon Qaba jettee of gowwoomsuu dhiisii ammumarraa eegalii hojjedhu!
​​"Namoonni Milkaa'inaa Deemsa Itti Fufu. Ni Dogoggoru, Garuu Addaan Hin Kutan!"

Conrad Hilton
#Daandii #Milkaa'inaarra #Deemi!

#Daandii milkaa'inaa jechuun maal jechuudha? Daandii milkaa'inaa jechuun daandii gara galmakeetti si geessu jechuudha. Qajeeles jal'ates daandiin gara bakka yaadde sanaatti si geessu daandii milkaa'inaati. Kanaaf bakka yaadde ga'uuf daandii milkaa'inaarra deemi. Daandii milkaa inaa kanasgalmakeeirratti hundooftee filatta. Daandiin waan jajal'ateef hin dhiistu, waan qajeelaa ta'eefis irra hin deddeebitu. Daandii irra deemtu kan murteessu qajeeluma yookaan jal'ina daandii osoo hin taane galmakee yookaan bakka deemuu feetudha. Namni Wallagga deemuu barbaadu tokko daandiin Adaamaa qajeelaa waan ta'eef hin filatu. Daandiima wallaggaa jajal'aarra deema hanga Wallagga ga'utti. Atis galmakee bira ga'uudhaaf daandii milkaa'inaarra deemi! Daandii milkaa'inaarra deemuu jechuun maal jechuudha? Daandii milkaa'inaarra akkamiin deemuu qabda? Bakka yaadde sana, galmakee bira ga'uudhaaf qajeelfamootni armaan gadii haala kamiin daandii milkaa'inaarra deemtee galmakee bira akka geessuwaan si qajeelchaniif sirriitti qalbifadhu!

1. #Tarkaanfii kee Idileessi.
2. #Waantota Barbaachisoo ta'an dursa argachuu qabaniif dursa kenni!
3. #Ofitti Amanamummaa Qabaadhu!
4. #Galma keef Itti gafatamummaa fudhadhu!
5. #Dammaqaa/xuu Ta'i!
6. #Waantotaaf Daangaa Kenni. Lakki jechuus hin sodaatin
7. #Namoota si deeggaruu danda'an waliin hariiroo uummadhu!
8. #Yeroo yerootti of haaromsaa deemi!
9. #Dandeettii Rakkoo furachuu gabbifachaa Deemi!
10. #Waan Eegalte Kutannoon Xumuri!
11. #Gufuulee Daandii Milkaa'inaaf Harka Hin Kennin!

#Join and #Share
👇👇👇👇👇
@Bedadina
​​#Sammuun Kee Maagineetiidha!

#Waa'ee Milkaa'inaa Fi Eebbaa yoo yaadde Milkaa'inumaaf Eebba ofitti harkisa.
Waa'ee Rakkinaa yoo yaadde Rakkinuma ofitti harkisa.
#Kanaaf Yeroo hundumaa Waanuma gaarii yaadi, waanuma yaadde argatta waan ta'eef!!!!
Yaada qajeelaa Fi ifaa ta'e qabaadhu🙏🙏🙏

#Join @Bedadina

#Yoo xiqqaate namoota 10f #share godhaa!!!

#Barnoota Ajaa'ibaatu Afaan keenyaan Darba!
#Hundaa jijjiiri!

#Kaleessi Darbeera deebi'uu hin danda'u. Kanaaf Of komachuu(ceepha'uu) dhiisii ammuma jiraachuu jalqabi. #Har'a yoo kutattee kaate waan hunda jijjiiruu, hunda irra deebitee jalqabuu, waan balleessite sirreessuu dandeessa. #Hiriyaa koo carraa keetti fayyadami guyyaa kana kan hin #argine hedduudha. #Ati hunda kan caalu Fayyaa guutuu qabda hundaa jijjiiruu dandeessa.

#Yeroo Gaariin Siif hawwa🙏🙏🙏
@Bedadina
Channel Keenya #Join gochuun nu hordofaa!
#Galataa fi gammachuu!

#Umuriin keenya gabaabaadha. Wantoota yeroo kanatti si #dhiphisaa jiran natti himi,yoon siin jedhe waan baay'ee akka tarreessitu nan beeka. Wanti nama ajaa'ibu garuu, umriin siif kenname wantoota si gammachiisan dhandhamachuuf illee gahaa miti!

#Maarree umurii kee gammachuuf illee gahaa hin taane kana gaddaafi yaaddoon qisaaseessita? #Waan tokko tokko akka qabduyyuu erga harka kee keessaa bahee hubatta. Hiriyaa koo amma kan si madaalu galataa fi gammachuu qofa!
#Gammadaa ta'i

#Jireenya gammachuun siif hawwa🙏🙏🙏


#Yaadaa fi yoo qabaattan karaa kanaan nuun gahuu dandeessu!


@Yeroosan_bot
#Nama #Cimaa #Ta'i

#Namni Cimaan Ofiisaa Qofaaf hin jiraatu. Namoonni si eegan heddutu jiru, ofii kee qofaaf jiraatta taanaan garuu Biddeenni tokkoofi manni kutaan tokko gahaa ture, kana milkeessuuf aarsaa guddaa kanfaluu sin barbaachisu. #Namni waan guddaa barbaadummoo hojii xiqqoollee boruuf hin olkaa'u.
Siree keerraa ka'i, Ispoortii hojjedhu, qaama kee dhiqadhu, Kitaaba garagalchi ykn Hojii kee eegali.
#Yaa qomoo koo dhamaatii kee har'aatu walitti qabamee boru nama guddaa si taasisa waan ta'eef Dammaqii hojjedhu!!!

#Share and #Join
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Bedadina
#Jijjiiramni seera jireenyaati. Warri gara darbe ykn kan ammaa qofa ilaalanis kan gara fuula duraa dhabuun isaanii hin oolu.

#Change is the law of life. And those who look only to the past or present are certain to miss the future.

John F. Kennedy