ICCIITII MILKAA'INAA( የስኬት ምስጢር )
3.3K subscribers
39 photos
1 video
1 file
108 links
Download Telegram
#Dhiifama Baay'ee #ulfaataa!

#Dhiifama hunda keessaa inni  baay’ee ulfaataa ta’e ofiif dhiifama gochuudha. Badiin kanaan dura hojjanne ofuma keenya akka komannu(ceephaanu) nu taasisa. Animee balleesseeraa bakkan yaade dhiisee bakkan hin yaannetti argameeraa, waanan gochuu qabu dhiisee waan hin malle raawwadheera jennee of kommanna!

#Eeyyeen dur dogoggora hedduu raawwannee turre ta'a har'a garuu guyyaa haaraa waan ta'eef wanti osoo hin beekiin hojjenne hundi kaleessa keenya akka dhabnu nu taasiseera. Har'a keenya garuu lammaffaa akka nu jalaa fudhatu goonee badii biraa akka hin daballe, kan darbe hundaaf dhiifama haa goonu!!!

       #Waan dubbiftaniif galatoomaa!!!

#Halkan gaarii isiniif hawwina!!!


@Bedadina @Saayikoloojii
Forwarded from Kitaabota Saayikoloojii Irraa (Harka hin Kennu Never Give Up)
#Ani Kanan Jedhu!

#Ati hanga Yoomitti Warra Milkaa'aniif harka Reebaa fi hidhii xuuxaa jiraatta?
#Ati maaf hin milkooftu?

#Siif yoomi kan Harki Reebamu moo milkiitu siif hin malle moo jireenyatu carraadha jettee amantee fudhattee Rafaa jirta?
Anaan Natti hin fakkaatu Carraan Hojii keessa jira jedheen amana.

#Lotoriiyyuu yoo ati guyyaasaa eegdee kutte malee waan carraa ta'e qofaaf manatti siif hin dhufu.  Kan kutte sanas hanga guyyaansaa gahutti obsaan eeguu qabda. Kana jechuun Carraan kun hojii ofkeessaa qaba jechuudha. Maallaqa baastee kutta malee tola miti akkasumas waan kutte kana qulqullinaan hanga guyyaansaa gahutti olkeessee ilaallachuu qabda.

#Ani Barnoota Sadarkaa olaanaa ykn Yuunivarsiitii irraa akkan baheen hangan waanan ittiin baradheen hojii argadhutti hojii guyyaa(#የቀን ሥራ) 'n hojjechaa ture. Ati kaayyoof jecha Digirii baattee hojii guyyaa hojjetteettaa ykn ni hojjettaa? Har'a garuu achi hin jiru borummoo as hin jiru. #Dhiifama yeroo kanatti  seenaa koo odeessuuf miti gaaftokko garuu bifa barruutiinuu qopheessuun koo hin oolu waanti irraa baratamu baay'een waan jiruuf ammaaf waa'ee kutannoofan kaase.
#Ciminni kee maali naan jettee yoo na gaafatte '' #Ani kutannoo olaanaan qaba, Waan namni biraan natti fe'uuf deemu hunda hin baadhu, Lakki jechuus hin sodaadhu keessaa calaleen fudhadha. Hiriyoota koonis Akkasuman jedha Waanuma isinitti fe'ame hin fudhatinaan jedhaan, Ajaja gaggeessitoota ykn hooggantoota kooyyuu hunda hin fudhadhu, nan morma maaliif akkan mormu garuu nan beeka''.

#Walumaagalatti Namoonni Milkaa'oon  Addunyaa kana irra jiran hundi #Milkaa'ina gadameessa haadha isaanii keessaa fudhatanii miti kan dhalatan. Yaalanii, kufanii ka'anii osoo abdii hin kutatin kutannoon halkaniif guyyaa hojjetanii milkaa'an. Haala kanaan hojjennaan #Atis Milkaa'uu dandeessa!
#Milkaa'i
#Ani Abarraa dha Waan dubbiftaniif Galatoomaa🙏🙏🙏
👇👇👇👇👇👇
👉https://t.me/+VN_ccHy2Fj50kaT_