+• Dhaala Duuka bu'ichaa isa Dhumaa •+
Seenaa mana kiristanaa keessatti waa’ee Qulqulluu Yohaannis Wangeelaa duudhaan ni jira. Akka duudhaa kanaatti duuka buutonni eduuka bu'aan jaallatamaan sun deemuuf akka jiru hubatanii walitti qabamanii isa gaafatan. "Ergaa akkamii nuuf dhiifte?" Jedhani.Innis, "Ijoollee koo wal jaalladhaa" jedhaniin. Isaanis, Kun qofti nuf ga'adha? Jedhani."Kun abboommii Gooftaa waan ta'eef, siinif gahaadha"jedhee isaanif deebisee.
Ka'umsi, giddu-galeessi fi dhumni kiristaanaa jaalala dha. Kiristaanummaa malee amantiin biraa "Waaqayyo, jaalala irraa kan ka'e, nama cubbamaa fayyisuuf nama ta'e" jedhu hin jiru. Kiristaanummaa jecha tokkon ibsu yoo jedhame jaalala kan jedhuu deebii ni ta'a." Akkasumaas Eenyummaan Kiristaanota dhugaa maali? Kan jedhuufis"Jaalala caalaa kan ibsuu hin jiru jedhamee gabaabfamuu danda'a: Gooftaan keenya kana ibseera, "Kanaan namoonni hundinuu duuka buutota koo ta'uu keessan in beeku, yoo wal jaallattan." .yoh. 13:35
Yeroo tokko tokko jireenya keenya guutuu Kiristiyaana taʼuu keenya dubbanna malee Waaqayyoon beeku dhisuu dandeenyaa.‘Kun akkamitti taʼuu dandaʼa?’ gaafachuu dandeessu: Duukaa bu'aan Yohaannis deebii kana nuuf kenna: "Namni jalala hin qabnee Waaqayyoon hin beeku, Waaqayyo jaalala waan ta'eef." (1 Yohaannis 4:8) Akkas jedhee nutti hima: Kiristiyaanota ta’uu keenya addunyaa guutuutti labsuu dandeenya; Jaalala yoo hin qabaanne garuu lallabni hundinuu akkasumaan ta'a. kun maal akka nu dhowwu hubadhaa.Duukaa bu'aan kun akkas jedha, " kan barsiisa Kiristoositti hin jiraannef Waaqayyo hin jiruu; namni barumsa Kiristoosin jiraatuuf abbaa fi ilmi jiruuf." ." (2 Yoh. 1:9) jedhee nutti hima: Abboommiin Kiristoos jaalala yoo ta’e; Nutis jaalala yoo dhabne; "Jaalala Kiristoos irraa eenyutu adda nu baasa? Jennee okoora" Kiristoosiin yoo dhabne Abbaa fi Hafuura Qulqulluu dhabna jechuu mitii?
Kiristiyaana tokkoof kasaaraa kana caalu maali?
Baga Ayyaana Qulqulluu Yohaannis Wangeelaa geessan!

❤5👍4
ከክብሩ ውበት ከጽዮን እግዚአብሔር ግልጥ ሆኖ ይመጣል።
(መዝ 50:2)
Waaqayyoo ulfinaasa bareedaan xiyoon irraa ifaati ni dhufa.

👍4
Hojii Gooftaan Guyyaa Wiixataa hojjete
Akkuma qulqulluun Maatiwoos barii isaatti ni beela‟e (Mat21:18) jedhe, ayyaana Hosaa‟inaa barii Gooftaan Biitaaniyaa irraa gara Iyyarusaalemitti seenuun wantoota lama taasise.
Tokkoffaan muka baala malee firii ofirraa hin qabne abaareera. Lammaffaa immoo gara mana qulqullummaatti seenuudhaan warreen gurguranii fi jijjiiran achi keessaa isaan baaseera (Mat 21:19). Egaa Gooftaan saba Isaa Israa‟elootaaf Mannaa samiirraa buusuun soore; Eeliyaasiif nyaata samiirraa ergamaa fi allaattiidhaan ergee soore, namoota 5000 ol ta’an buddeena shanii fi qurxummii lama maaddessee nyaachise ofii Isaatiif ni beela’e yoo jedhamu mee hammam nama haa ajaa’ibu! Kanatti dabalees guyyaa afurtamayyuu nyaata malee kan ture guyyaa tokkotti ni beela’e jechuunuu nama ajaa’iba.
Egaa mukni firii dhabuun Isaa Isiraa’elirraa amantaa fi gocha gaarii dhabuu isaanii kan ibsu yoo ta’u, abaaruunis mukti firii hin qabne akkuma badu namni firii amantaa hin qabne akka badu ibsuufidha. Kanaaf fakkeenya mukichaan kan abaaraman Israa’eloota warra foonii bakka firii buusuu caalaa Gooftaaf qoraattii warra qopheessantu abaarame. Beelli Gooftaan beela’e qajeelummaa dha; qajeelummaa ykn qulqullummaa kanas saba Isaa irraa barbaadee argachuu hin dandeenye. Kanaanis Gooftaan keenya akka beela guddaa dhala namaa irraa qabu ibsee, kan qulqullummaa irraa barbaadee dhabe abaaramuuf akka jiru ibsuufii dha. Kanas hayyichi mana kiristaanaa keenyaa qulqulluun Yohaannis Af-warqeen (st.John Chrysosytom), “Kunoo namoota muka firee hin qabneen fakkeeffaman dheekkamsi ajaa’ibsiisaan guddaan Waaqayyoon biraa akka isaan irratti bu’u amma dhageenye” jechuun dubbichi fakkeenyummaaf raawwatamuu isaa dubbateera

👍3❤1
Hojii Gooftaa Guyyaa kiibxataa
Guyyaan kun hojiiwwan Gooftaa keenyaa guyyaa wiixataa hojjeteefi dubbate irratti gaaffii warri Ayuudootaa dhiyeesaaniifi guyyaa inni deebii itti kennedha. Sababuma kanaaf guyyaan kun guyyaa gaaffii fi baruumsaa jedhamees beekama. Gaaffii kanas warreen barreessiitotaa fi fariisotaan kan gaafatame yoo ta'u barumsa barsiiftu, raajii raawwattu fi warreen gurguran mana kiristaanaa keessaa kan hariitu "Gooftummaa maaliitiin kana hundumaa kan gootu? Gooftummaa kanas eenyutu siif kenne?" (Maat 21: 23) jedhaniin kan gaafataniidha."
Barsiisonni seeraafi Fariisonni kun gaaffii kan gaafataniif kiristoosin wallalanii osoo hin taane aangoon isaanii waan jalaa xuqameef; seera barsiisu malee, ofii waan hin kabajneef hojii isaanii isa badaa sana dhoksachuuf karaa isaan qaban kiristoosiin hadheessu qofa waan ta'eefi.
Hojiiwwan barsiisotaa fi warra fariisotaa kan hojjetan har'as mana kiristaanaa guutan. Lafa cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaattis taa'umsa olaanu warreen jaallatan, Gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan, barsiisaa guddaa akka isaaniin jedhanis kabaja Waaqayyoo caalaa kabaja mataa isaaniif warri jiraatan heddummataniiru. Garuu warra hojii akkasii hojjetaniif wayyoo!
Gooftaan keenyas "Waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa, eegaas! Garuu hojii isaanii duukaa hin bu'iinaa! Isaan in dubbatu malee, isa dubbatan hojiidhaan hin raawwatan." Akkuma jedhe isaan keessaa tokkoon isaaniillee baruumsa inni barsiiseen hin deebine Yohaaniis cuuphaas hin dhageenye." Yommuu Yohaannis cuuphaan qajelummaa isin barsiisuu dhufe, isin isa hinamanne; qaraxxoonnii fi gaalamootonni garuu isa in amanan. Isin immoo erguma kana argitanii booddee iyyuu, gaabbitanii isa hin amanne" isaaniin jedhe. (Maat 21: 32)

👍6❤3👎1
Hojii Gooftaa Guyyaa Roobii
Guyyaa kanati hojiiwwan raawwataman keessaa:- Guyyaan kun guyyaa angafoonni lubootaa fi
barsiisonni seeraa Gooftaa akkamitti akka qaban itti mari'ataniidha. Kanaaf guyyaa "walii
galtees" jedhame ni waamama. walii galteen kunis kan taasifame bartoota keessaa tokko kan
ta'ee Yihuudaa wajjin yoo ta'u walii galteen kun murtee hammeenyaaf ture.Walii galtee kana
erga raawwatee booda gara gooftaa fi waldaa duuka bu‟ootaatti deebi‟e. Roobii kaasee hanga
kamisa galgalaattis homaayyuu akka hin uumamne fakkeessee dabarse. Kunis sirriitti Yihuudaan
nama fakkeessaa fi hamaa akkamii akka ture nutti agarsiisa.
Qulqulluun Pheexiroos haalli isa sodaachisnaan Gooftaa isaa si‟a sadaffaa “hin beekuun” jedhee
erga ganee booda Gooftaan keenya si‟a tokko miil‟atee yoo ilaaluun qofa fuula gooftaa isaa
jabina ittiin ilaalu dhabee boo‟icha hadhaawaan mooraa keessaa ba‟e. Yihuudaan garuu yeroo
dabarsee laachuuf walii galtee uumee kaasee sagalee isaa balleessuun akkuma durii isaa gooftaa
wajjin taa‟uu si‟a tokkollee hin qaanofne.
Yaada mataa isaa burqisiisee, ofii isaa gara shangoo deemuun qarshii fudhachuuf abdii godhatee
deebi‟ees ija gooftaa keenyaa ilaaluun “Dabarsee kan si kennu ana ta‟aa laata?” jedhee
gaafachuufis ija jabina qaba ture. Yihuudaan gowwoomsuu yoo barbaadeenis Gooftaan
hundumaa beeku garuu “fakkeessituu nana” jedhee hin ifanneef obsa uumaa ni ajja‟ibsiifanna.
Guyyaan kun ammas guyyaa urgaa gaarii qabuu fi imimmaaniis hin jedhama. Kunis immoo
sababa Maariyaam urgooftuu dibata gati-jabeessa shurrubbeetti qabattee gara Gooftaa keenyaa
dhufte isa dibdeefi waa'ee cubbuu ishee fi baay'iftee itti boosse waan ta'eef. (Maat 26:3-13 7,
Marq 14:1-11 Luq 22:3-6). Maariyaam gara gooftaa dhuftee gaafa isheen urgooftuu dibdu
"Urgooftuun kun akka meetii dhibba sadii caalaatti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu
in danda'a ture" waliin jedhan; isheettis in dheekkaman. Iyyasuus garuu, "Ishee dhiisaa! Maaliif
rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote. Warra hiyyeessota, yeroo hundumaa of biratti
argattu, yeroodhuma feetanittis gaarii gochuufii in dandeessu, ana garuu yeroo hundumaa of
biratti hin argattan. Isheen waan dandeesse hojjetteetti; dhaqna koos duraan dursitee
awwaalaaf dibdeetti. Ani dhuguman isiniin jedha, biyya lafaa guutummaatti iddoodhuma
wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama" jedhe.
Warreen osoo urgooftuun kun gurguramee hiyyeessotaaf kennamee jedhan kun dhuguma
hiyyeessotaf yaadanii osoo hin taane urgooftuun sun yoo gurgurame tokko kurnee argamu
barbaacha malee! Abbaan yaada kanaas yihuudaa ta'u hin hafu!

👍5❤1
Hojii Gooftaa Guyyaa Kamisaa
Hojiiwwan Gooftaa keenyaa guyyaa kana raawwate:- Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaa
Iyyasuus Kiristoos gad of qabinsa, jaalala, ajajummaa akkasuma maalummaa tajaajilaa, barsiisaa
fi gorsaa, miilla duuka bu'oota isaa dhiqe waan ta'eef guyyaa miilla dhiqaa jedhama.
Duuka bu'ichi qulqulluun Yohaannis "Iyyasuus miilla isaanii dhiqee wayyaa isaa fudhatee, iddoo
isaatti erga deebi'ee booddee, "Waanan isiniif godhe hubattuu ree? "'Barsiisaa, gooftaas' jettanii
na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan
miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a. Ani akkuman
isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta'eera, (Yoh13:12-15)
Gooftaan waaqa ta'ee osoo jiruu inni waa'ee waaqummaa isaa hin ilaalle ture. Uumaa ta'ee otoo
jiruus gad ofi qabee miilla uumama isaa kan dhiqe Gooftaan duuka bu'oota isaaf fakkeenya ta'ee
jira. Ana irra baradhaa akkuma jedhe, barsiisaan keenya hojii fakkeenyummaa gaarii raawwate.
"Yaada garaa isa Iyyasuus kiristoos qabu ture qabaadhaa! Inni bifa waaqayyummaatiin utuma
jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti
hafanitti hin lakkoofne. ..... Inni gad of deebisee, hamma du'aatti, hamma fannifamee du'utti
iyyuu abboomamaa ta'e."(Fil 2:5-8)
Guyyaa Icciitiis hin jedhama. Gooftaan keenya fayyisaan keenya erga miilla duuka bu'oota isaa
dhiqee, gad of- qabinsa barsiisee booda kun foon kooti nyaadhaa kun dhiiga kooti dhugaa jedhee
aarsaa kakuu moofaa diigee, guyyaatti aarsaa kakuu haaraa kan ta'e iccitii qurbaanaa itti
hundeessedha.
"Iyyesuus buddeena fuudhee, eebbisee cabsees bartoota isaatiif kennee, "Fudhadhaa nyaadhaa,
kun Foon kooti!" jedhe. Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniifis kennee,
"Hundumti keessan kana dhugaa! Kun dhiiga kooti, dhiigni kun kakuu dhaabbate sana
cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay'eetiif dhangala'a. (Maat 26:26-28) jedhe. Kunis
ilmi namaa fooniifi dhiiga isaa fudhatee isa wajjin tokkummaa fi jabinaan akka jiraatu akkasuma
diina seexana moo'atee injifannoo argatee mootummaa waaqayyoo keessaa qooda akka
qabaatuuf humna moo'ichaa kan nuuf kennedha.
Guyyaa kadhanna kamisaas ni jedhama. Guyyaa kana halkan gooftaan keenya gara
Geetesemaanii dhaquun hanga harka Ayuudotaan qabamutti kadhachaa turedha. Iccitii
kadhannaas nu barsiisee jira. Yoo kadhanne qormaata jalaa bahuu akka dandeenyus nuuf ibsee
jira. (Maat 26:36-39)

❤1
Hojii Gooftaa Guyyaa jimaataa
Guyyaan kun guyyaa warri ayihuudotaa badii fi cubbuu tokko malee qulqulluu kan ta'e Gooftaa
keenya Iyyasuus kiristoosiin itti fannisanidha. Egaa guyyaa har'aa Gooftaan keenyaa Iyyasuu kiristoos fayyisaa addunyaa Hundaa kan ta'e, waadaa Addaamii fi ijoollee isaaf gale
raawwachuuf fannifamee qaaraniyoo gubbaa irra oole itti yaadannudha. (Maat 27:35-75)
Dabarsee Gooftaa kan kenne yihuudaan akka murteeffame yommuu hubate gaabbee, meetii
soddomman deebisee luboota warra angafootaa fi maanguddootatti fidee, "Ani dhiiga nama
yakka hin qabnee dhangala'uutti dabarsee kennuu kootiin yakkeera" isaaniin jedhe. Isaan garuu,
"Nuun maaltu dhibe ree? Atumtuu faladhu malee!" jedhan. Yihudaan kana irratti meeticha mana
qulqullummaa keessatti darbatee gatee, achii adeeme, dhaqees of rarraase. Luboonni warri
angafoonni garuu meeticha fuudhanii, "Meetiin kun horii dhiiga namaa dhangalaasise waan
ta'eef, horii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti" jedhan. Ergasii mari'atanii iddoo
awwaala warra ormaaf akka ta'utti, lafa namicha suphee dha'u tokkoo ittiin bitan. (Maat 27:3-9)
Guyyaan kun guyyaa abaarsi sanyii ilma namaa inni dadarbaa dhufe sun xumura itti argatedha.
Ummanni kiristaanaas guyyaa jimaataa kana fannifamuu, dhukkubsachuu fi du'uu gooftaa
guyyaa itti yaadataniidha. Akka seeraa fi sirna warra Roomaanotaatti fannoon namoota warra
jallootaaf kan ta'u mallattoo adabamtootaa yoo ta'u Gooftaan keenya dhiigasaan qulqulleessuun
faajjii moo'ichaa guyyaa itti nu taasiseedha.

👍1
Torbee Dhukkubbiitti Akka Nagaa Walgaafannaaf Itti Fayyadamnu
እንበለ ደዌ ወሕማም እንበለ ፃማ ወድካም አመ ከመ ዮም ያብጽሐኒ
ያብጽሕክሙ እግዚአብሔር በፍሥሓ ወሰላም አሜን፡፡
(Dhibee fi Dhukkubbii Malee, Laafinaan fi Dadhabbii Malees
Akkuma Har'aa Waggaa Har'aatiin Gammachuu fi Nageenyaan Waaqayyoon Nu Haa Gahu;
Isiniinis Haa Gahu, Ameen.)

👏5
" ኢየሱስም ሆምጣጤውን ከተቀበለ በኋላ። ተፈጸመ አለ፥ ራሱንም አዘንብሎ ነፍሱን አሳልፎ ሰጠ።"
(የዮሐንስ ወንጌል 19:30)
(የዮሐንስ ወንጌል 19:30)
🥰1
Raajaa Waaqayyoo Eeliyaas: Baay'ee Ajaa'ibsiisaadha!
-Rajaan kun nama du
-Raajan kun bara beelatti midhaan xiqqoo fi zayiita xiqqoo dhumuuf kaate kan baayyisedha
-Raajaa kana araagessatu Soorata isaa isaaf fida ture
-Raajaan kun osoo hin du
-Raajaan Kun Gooftaa Iyyasuus waliin Tulluu Taaboor irratti kan muldhatedha.
-Raajaan kun luboota xaa`otaa kan saalfachiisedha
Raajaan kun hojiin isaa dinqisiisaa ture,dubbisa gaarii
Dhalooti Isaa hardha Yaadatama
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.
Eeliyaas jechuun Waaqayyo Gooftadha/waaqadha/ jechuudha. Dhaloonni isaa gosa Leewii irraa, abbaan isaa Iyyaseeniyuu yoo jedhamu haati isaa immoo Toonaa jedhamti. Biyyi isaa immoo Tesbiyaa ishee Gale’aadidha. Qaamni isaa rifeensaan kan uffifamedha. Yoo dhalatus uffata abiddaan maramee dhalate(2Mot 1:8). Bara Mootichi Aka’aab fi mootittiin Eelzaabeel jedhaman kan , luboota waaqharkee 850 bulchan,lakkii karaa waaq-harkee kana hin deeminaa yoo jedhee isaan gorsuisaan garuu isa dhagahuu hin barbaanne. Kanaaf, egaa waaq-harkeen keessan isin haa fayyisu jedhee waggaa 3 roobni akka hin roobne kadhatee samii cufeera. Laftis wanta biqilchitu akka hin qabaanne ni dhorke. 1Mot 17:1(Room.11:2-4,Yaa’i.5:17-18). Eelzaabeel jalaa badeera gara lafa fagootti baqateera. Isaaf garuu arraagessi nyaata isaa fidaafii jiraate(1Moot.17:2-7)
Booda nyaanni isaaf arraagessaan dhufu jalaa hafe, lafti inni bishaan irraa dhugus ni gogde.Waaqayyo,“Gara Saraptaa deemi,” jedheen. Innis dhaqee,“Bishaan na obaasi waan nyatamus naaf kenni,” jedheen. Isheenis “Egaaani wanta nyaatamu tanumaan qaba dhaqeen tolchee atis anis mucaan koos nyaanne duuna,” jetteen. Eeliyaasis midhaan isheen qabatte sana,“Hanga barri beela darbutti haa sifaawu,” jedhe. Yoo olseentu daakunis dammis guutuu ta’ee agarte. Boodas mucaan dubartii sana jalaa du’e. Isheenis mucaa ishee gara Eeliyaas fiddee kadhannaa gochuufiidhaan yeroo torba irratti kufee yoo ka’uun mucicha du’aa kaaseera(1Moot.17:8-24)
Mootichis isa argatee,“Kan Israa’eel beelaan fixu si’ii?” jennaan, “Isin malee warri Waaq-harkeetti bulu; hanga yoomitti laphee lamaan okkoltan Be’aal’ Waaqa yoo ta’e isatti bulaa yookiin immoo Waaqayyo Waaqa yoo ta’e isatti bulaa tokko filadhaa,” jedheen. “Ammas wareega dhiyeessine isin kunoo luboota 450 kan waaq-harkee qabdu. Raajni Waaqayyo garuu anuma, wareeega dhiyeessinee isa Waaqayyo jaalatu haa ilaallu” jedheen. Yeroo kana isaanis wareega dhiyeessanii yoo eegan ibiddi samii irraa buutee wareega isaanii fudhachuu/gubuu/ didde. Inni garuu,“Waaqni keessan rafeera ta’a dhaqaatii kaasaa,” jechaa itti qoosaa ture. Isaanis nafa isaani shootalaan waraanaa hanga dhiigni isaanii bahutti kadhatanis hin taanefi. Isaan booda immoo inni dabaree isaatti aarsaa ni dhiyeesse, ibiddi samii dhuftee aarsaa isaa ni gubdeef. Innis luboota waaq-harkee hunduma isaanii ajjeesiseera. Kana booda gara tulluu Qarmeeloos irra bahee kadhatee duumessi xinnoon takka muldhatee yeruma sana roobni roobe guyyuma sana biqiltuun biqilee midhaanis gahee nyaatanii bulaniiru(1Mot 15:6). Eelzaabeel akka luboota waaq-harkee ajjeesise waan dhageesseef,“Anis bor akkasuman isa godha” jettee dhaadatte(1Moot.18:17-B19:3) Ergamaan Waaqayyos ija Eelzaabeeljalaa akka baqatu itti himnaan rifatee gammoojji gammoojjii osoo deemu muka jalatti boqote. Ergamaan Waaqayyo, “Ka’i,” jedhee nyaata dhiyeesseef. Guyyaa 40 fi halkan 40 deemeeDamaasqoo gaheera.Achiittis Eelsaan yoo qotu arge. Eelsaanis Qotiyyoo isaa qalee nyaachisee faana bu’eera(1Mot 19:1)
Aka’aab du’ee Aka’aaz mo’e. Innis waa’ee isaa yemmuu Eeliyaasin gaafachiisutti “ni duuta malee hin fayyitu jedhani” jedhee itti erge. Akkuma raajaa Eeliyaas jedhe mootichis ni du’e. Yeroo guyyaan olbahuu isaa gahu Eelsaatiin,“Gara Beetelan olbaha asitti na eegi,” jedheen. Eelsaan garuu,“Si biraa hin hafu,” jedhee dide.Ammas,“Iyyaarikoon deema asitti na eegi,” jedheen. Eelsaan ammas gonkuma akka isa biraa hin hafne kakate.
-Rajaan kun nama du
e kan duaa kaasedha-Raajan kun bara beelatti midhaan xiqqoo fi zayiita xiqqoo dhumuuf kaate kan baayyisedha
-Raajaa kana araagessatu Soorata isaa isaaf fida ture
-Raajaan kun osoo hin du
in hanga yoonaa lubbuun kan jiruufi kan ol fudhatamedha
-Raajaan kun samiin akka rooba hin kennine waggaa sadiif samii kan gaadiedha-Raajaan Kun Gooftaa Iyyasuus waliin Tulluu Taaboor irratti kan muldhatedha.
-Raajaan kun luboota xaa`otaa kan saalfachiisedha
Raajaan kun hojiin isaa dinqisiisaa ture,dubbisa gaarii
Dhalooti Isaa hardha Yaadatama
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.
Eeliyaas jechuun Waaqayyo Gooftadha/waaqadha/ jechuudha. Dhaloonni isaa gosa Leewii irraa, abbaan isaa Iyyaseeniyuu yoo jedhamu haati isaa immoo Toonaa jedhamti. Biyyi isaa immoo Tesbiyaa ishee Gale’aadidha. Qaamni isaa rifeensaan kan uffifamedha. Yoo dhalatus uffata abiddaan maramee dhalate(2Mot 1:8). Bara Mootichi Aka’aab fi mootittiin Eelzaabeel jedhaman kan , luboota waaqharkee 850 bulchan,lakkii karaa waaq-harkee kana hin deeminaa yoo jedhee isaan gorsuisaan garuu isa dhagahuu hin barbaanne. Kanaaf, egaa waaq-harkeen keessan isin haa fayyisu jedhee waggaa 3 roobni akka hin roobne kadhatee samii cufeera. Laftis wanta biqilchitu akka hin qabaanne ni dhorke. 1Mot 17:1(Room.11:2-4,Yaa’i.5:17-18). Eelzaabeel jalaa badeera gara lafa fagootti baqateera. Isaaf garuu arraagessi nyaata isaa fidaafii jiraate(1Moot.17:2-7)
Booda nyaanni isaaf arraagessaan dhufu jalaa hafe, lafti inni bishaan irraa dhugus ni gogde.Waaqayyo,“Gara Saraptaa deemi,” jedheen. Innis dhaqee,“Bishaan na obaasi waan nyatamus naaf kenni,” jedheen. Isheenis “Egaaani wanta nyaatamu tanumaan qaba dhaqeen tolchee atis anis mucaan koos nyaanne duuna,” jetteen. Eeliyaasis midhaan isheen qabatte sana,“Hanga barri beela darbutti haa sifaawu,” jedhe. Yoo olseentu daakunis dammis guutuu ta’ee agarte. Boodas mucaan dubartii sana jalaa du’e. Isheenis mucaa ishee gara Eeliyaas fiddee kadhannaa gochuufiidhaan yeroo torba irratti kufee yoo ka’uun mucicha du’aa kaaseera(1Moot.17:8-24)
Mootichis isa argatee,“Kan Israa’eel beelaan fixu si’ii?” jennaan, “Isin malee warri Waaq-harkeetti bulu; hanga yoomitti laphee lamaan okkoltan Be’aal’ Waaqa yoo ta’e isatti bulaa yookiin immoo Waaqayyo Waaqa yoo ta’e isatti bulaa tokko filadhaa,” jedheen. “Ammas wareega dhiyeessine isin kunoo luboota 450 kan waaq-harkee qabdu. Raajni Waaqayyo garuu anuma, wareeega dhiyeessinee isa Waaqayyo jaalatu haa ilaallu” jedheen. Yeroo kana isaanis wareega dhiyeessanii yoo eegan ibiddi samii irraa buutee wareega isaanii fudhachuu/gubuu/ didde. Inni garuu,“Waaqni keessan rafeera ta’a dhaqaatii kaasaa,” jechaa itti qoosaa ture. Isaanis nafa isaani shootalaan waraanaa hanga dhiigni isaanii bahutti kadhatanis hin taanefi. Isaan booda immoo inni dabaree isaatti aarsaa ni dhiyeesse, ibiddi samii dhuftee aarsaa isaa ni gubdeef. Innis luboota waaq-harkee hunduma isaanii ajjeesiseera. Kana booda gara tulluu Qarmeeloos irra bahee kadhatee duumessi xinnoon takka muldhatee yeruma sana roobni roobe guyyuma sana biqiltuun biqilee midhaanis gahee nyaatanii bulaniiru(1Mot 15:6). Eelzaabeel akka luboota waaq-harkee ajjeesise waan dhageesseef,“Anis bor akkasuman isa godha” jettee dhaadatte(1Moot.18:17-B19:3) Ergamaan Waaqayyos ija Eelzaabeeljalaa akka baqatu itti himnaan rifatee gammoojji gammoojjii osoo deemu muka jalatti boqote. Ergamaan Waaqayyo, “Ka’i,” jedhee nyaata dhiyeesseef. Guyyaa 40 fi halkan 40 deemeeDamaasqoo gaheera.Achiittis Eelsaan yoo qotu arge. Eelsaanis Qotiyyoo isaa qalee nyaachisee faana bu’eera(1Mot 19:1)
Aka’aab du’ee Aka’aaz mo’e. Innis waa’ee isaa yemmuu Eeliyaasin gaafachiisutti “ni duuta malee hin fayyitu jedhani” jedhee itti erge. Akkuma raajaa Eeliyaas jedhe mootichis ni du’e. Yeroo guyyaan olbahuu isaa gahu Eelsaatiin,“Gara Beetelan olbaha asitti na eegi,” jedheen. Eelsaan garuu,“Si biraa hin hafu,” jedhee dide.Ammas,“Iyyaarikoon deema asitti na eegi,” jedheen. Eelsaan ammas gonkuma akka isa biraa hin hafne kakate.
❤1
Iyyaarikoos gahani,“Yoordaanosiin deema na eegi,” jedheen,“Si biraa hin hafu,” jedheen. Yoordanoos uffata isaan bakka lamatti mure cehee,Eeliyaas Eelsaadhaan “wanta narraa barbaaddu nakadhadhu,” jedheen.“Afuurri kee dachaa lama ta’ee narra haa bulu,” jedheen Eelsaan. Innis,“Yoon ani fudhatamu yoo na agarte kadhannaan kee siif ni raawwatama,” jedheen. Saragallaanibiddaa adda isaan baase. Eelsaanis yoo Eeliyaas olbahu argee,“Abbaakoo abbaakoo,” jedhee yoo waamu Eeliyaas uffata isaa bakka lamatti tarsaasee tokko darbeefii olbaheera(2Mot 2). Raajichi Miilkiyaas, “Osoo guyyaan Waaqayyoo hin gahiin raajicha Eeliyaasiin nan isiniif erga,” jedhee raajii dubbateera. Miilk.4:5. Kana irraa kan ka’e namoonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin, “Eeliyaasidha, jedhu ture. Mar.8:28. Garuu Eeliyaas ta’ee kan dhufe Yohaannis cuuphaadha (Maat.11:14, Luuq.1:17). Yeroo Iyyesuus Kiristoos gaara Taaboor irratti ulfina isaa agarsiisutti Eeliyaas isa waliin dubbachaa ture (Maat.17:10-13, Luuq.9:30-33). Guyyaan yaadannoo olbahuu raajaa Eeliyaas Amajjii guyyaa 6. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti.
Ameen.(Yaadannoo Qulqullootaa)
Madda: fb Ilma Fayisaa
Ameen.(Yaadannoo Qulqullootaa)
Madda: fb Ilma Fayisaa
👍4
Hojii kee hojjedhu!
“Gooftaan namootuma hundumaaf hojii kenneefii jira. Isa kennameef sana hojjechuun gahee isaati. Osoo dandahameefii akka hin hojjetamne kan godhu gocha seexanaati. Akkuma Waaqayyo hojii sana akka hojjetuuf siif eyyame, seexanni ammoo si dhoorkuuf tattaafata. Wantoota biroo nama gammachiisan siif dhiheessuuf tattaafata. Abdii biyya kanaatinis si sossoba.Galaana hamiitinis akka guutamtu si godha. Barreessitoonni akka si gaafatan, namoonni beekkamoonis waan kee irratti akka badaa dubbataniif itti fayyadama. Philaaxoos,Heroodis Hanaaniyaa, Qayaaffa hundu si irratti ka’u. Yihuudaanis si maddii dhaabatee qarshii 30 si gurgurachuuf kajeela. Kuni hundi akka sira gahu kan godhu garuu seexanni hojii kee irraa si harkisuufi Waaqayyoof ajajamuurra si gufachiisuuf akka tahu hin hubattuuree?
Hojii kee hojjedhu, yoo leenci baroodu homaa sitti hin fakkaatin. Saroota seexanaas qaacaruuf hin dhaabatin; illeettiwwan ari’uudhaan yeroo kee hin gubin, hojii kee hojjedhu, sobduun haa sobdu, kan lola qabanis wal haa lolan, waldaanis haa murteessu, barreesitoonnis haa barreessan, seexannis waan fedhe haa godhu, ati garuu wanta tokkollee,,hojii Waaqayyo akka hojjetuuf sitti kenne hojjechuurraa akka hin dhaabanne of eeggadhu!!!
Hojii kee hojjedhu, horii akka horattuuf hin ergamne, akka sooramtuufis hin abboomane, kabaja keetiifis roorroo dhoowwadhu jedhamee sitti hin himamne, seexanni fi tajaajiltoonni isaa sobaan hojii si irratti haasa’an akka ‘akkas miti’ jettuuf hin gaafatamne. kana hunda nan godha yoo jette, hojii biraa hojjechuu hin dandeessu, sana qofas osoo hin taane ofiif malee gooftaaf hin hojjenneti.
Hojii kee hojjedhu, kaayyoon kee akka urjii kan dhaaba tolfate haa tahu, itti dhiisi addunyaan akkuma barbaade walitti haa wacu, balaan sirra gaha taha, ni arrabsamta ,ni hamatamta, ni madoofta, ni tuffatamtas taha. Kan humna qabu si cunqursuu, kan si jaalatanis si dhiisuu, namoonnis si tuffatu taha.Ati garuu murtii hin sochooneen,hanga dhumaatti kaayyoo keen dh aabadhu. Hojii ati naaf kennite xumure, amantaa koos eege, hanga jechuu geessutti, kaayyoo jireenya keefi galma uumama kees hordofi.”
(Dubbii Abuuna Gorgoriyoos,Lammaffaa, Phaaphaasii Shawaa kan turan, Gaazexaa Bitaaniyaa irra kan fudhatame. Afaan Amaaraa irraa gara Afaan Oromootti hiikee kana dura SDO irratti kanan maxxanserra)
Madda:Abbaa Beenol fb

❤11
**** ከንብ ጋራ ኑሮ ****
በገድለ ወለተ ጴጥሮስ ላይ እንዲህ የሚል ታሪክ አለ፡፡ እምነ ወለተ ጴጥሮስ ወደ ዋልድባ ገዳም በገባች ጊዜ ለአንዲት እናት ረድእ ሆነች፡፡ እኒህ እናት ፈጽሞ ጠባይ የሚባል ያልፈጠረባቸው ነበሩ፡፡ አሁን የተናገሩትን አሁን ይሽሩታል፣ በሆነው ባልሆነው ይቆጣሉ፤ ከእርጅናቸው ብዛት የተነሣ ይነጫነጫሉ፤ ትእዛዛቸው ሁሉ ውኃ ቀጠነ ነው፡፡ በዚህ ዐመላቸው የተነሣ ማንም ከእርሳቸው ጋር ለመኖር ፈቃደኛ አልነበረም፡፡ ከእርሳቸው ጋር ለመኖር ፈቃደኛ ሆና ለረዥም ጊዜ ያገለገለቻቸው ወለተ ጴጥሮስ ነበረች፡፡
አንድ ቀን መነከሳዪያቱ ተሰባስበው ‹እንዴት ከእኒህ እማሆይ ጋር ለዚህን ያህል ዘመን አብረሽ ለመኖር ቻልሽ? እንዴትስ ታገሥሻቸው? እንዴትስ መሮሽ ጥለሽ አልወጣሽም? ሲሉ ጠየቋት፡፡ ወለተ ጴጥሮስም ‹ንብ ታውቃላችሁ? እኒህ እናት ንብ ናቸው፡፡ ከእርሳቸው የሚገኝ ብዙ ዕውቀት፣ ብዙ ጥበብ፣ ብዙ ልምድ፣ ብዙ ታሪክ፣ ብዙም ጸጋ አለ፡፡ ነገር ግን እናንተ መናደፋቸውን ብቻ ነው የምታዩት፤ ስለዚህም ማሩን ከእርሳቸው ልትቆርጡ አልቻላችሁም፡፡ ንብ ትናደፋለች፣ ነገር ግን ማር የሚገኘው ከምትናደፈው ንብ ነው፡፡ የማትናደፈው ዝንብ ቆሻሻ እንጂ ማር የላትም፡፡ እኔ ግን ከንብ ጋር እንዴት እንደሚኖር ዐውቃለሁ፤ ከንብ ጋር እየኖርኩም ማሩን እቆርጣለሁ› አለቻቸው ይባላል፡፡
ትዳር ማለትም እንዲሁ ነው፡፡
‹አበባው አበበ ንቡም ገባልሽ
እንግዲህ አልማዜ ማር ትበያለሽ›
የሚለው የሠርግ ዘፈን ከዚህ ጋር ይስማማል፡፡ አፍንጅም ከጋብቻ በኋላ ያለውን ጫጉላ ‹ማር ጨረቃ› ሲለው ይኼ ታይቶት እንደሆነ እንጃ፡፡ አንዳንዶቹ የትዳር ንድፊያው ብቻ ስለሚታያቸው ወይ ትዳር ሳይመሠርቱ ወይም የመሠረቱትን ትዳር ሲፈቱ ይታያሉ፡፡ ሌሎቹ ደግሞ የትዳር በጎነቱን ብቻ ስለሚያውቁት እስኪገቡበት ሲጓጉ፣ ከገቡበት በኋላ ደግሞ
ስሳል እንዳልኖርኩኝ አስንቺን እስካገኝ
ካገኘሁሽ ወዲያ እላለሁ አውጣኝ
እያሉ ያንጎራጉራሉ፡፡
ምናልባትም ደግሞ በሠርግ ላይ የሚዘፈነው
ማን ፈርሚ አለሽ፣ ማን ፈርሚ አለሽ
በተወለወለው በአለንጋው ጣትሽ
የሚለው ዜማ ‹ትንቢት ይቀድሞ ለነገር› ዓይነት ሳይሆን አይቀርም፡፡
ትዳር ግን ሁለቱም ብቻ አይደለም፡፡ ትዳር ከንብ ጋር መኖር ነው፡፡ ንብ ሁለት ጠባይ አላት፡፡ አንዱ ያስደስታል፤ ሌላኛው ያስከፋል፡፡ አንዱ ጤና ይሆናል፣ ሌላኛው ግን ያማል፡፡ አንዱ ይጣፍጣል፤ ሌላው ግን ይመራል፡፡ አንዱን ይቆርጡታል፣ ሌላውን ግን ይከላከሉታል፡፡
ትዳርም እንዲሁ ነው፡፡ ሁለት ጠባይ አለው፡፡ አንደኛው ያስቃል አንዱ ያሰቅቃል፤ አንዱ ያስደስታል፣ ሌላው ያሳዝናል፡፡ አንዱ ግቡ ግቡ ሌላው ውጡ ውጡ ያሰኛል፡፡ አንዱ ይናደፋል፣ አንዱ ይጣፍጣል፤ አንዱ ጤና ሌላው ሕመም ይሰጣል፡፡ አንደኛው ግን ያለ ሌላው አይገኝም፡፡
ይኼን ለመድኃኒት፣ ለብርዝ፣ ለጠጅ፣ የምናደርገውን ማር የምትሰጠው ንብ ናት የምትናደፈው፡፡ ያቺ ስትናደፍ ፊት የምታሳብጠው፣ ውስጥን የምትመርዘው፣ የምትጠዘጥዘው፣ ንብ ናት ማሩን የምትሰጠው፡፡ በትዳርም ውስጥ ሁለቱም አሉ፡፡ ጭቅጭቁ፣ ንዝንዙ፣ ጠቡ፣ ኩርፊያው፣ አንዱ ለሌላው የግድ መታዘዙ፣ አንዱ የሌላው አገልጋይ መሆኑ፣ አንዱ ያለ ሌላው ለመወሰን አለመቻሉ፤ የሌላውን ጠባይ፣ የሌላውን ዐመል የግድ መታገሡ፤ ከሚታገሡት ሰው ጋር አብሮ መኖሩ፤ ይኼ ነው የንቧ ንድፊያ፡፡
ሰው የወለደውን አያገባም፡፡ ያሳደገውን አያገባም፣ የተዛመደውን አያገባም፡፡ የቤቱን ሰው አያገባም፡፡ ሰው ደግሞ በዐመልም፣ በፍላጎትም፣ በአመለካከትም ይበልጥ የሚቀራረበው አብሮት ከኖረና ካደገ ሰው ጋር ነበር፡፡ እምነቱና ባሕሉ ግን ጋብቻን እስከ ሰባት ቤት አርቆ ለባዕድ ይሰጠዋል፡፡ አብረነው ላልኖርነው፣ አብረን ላላደግነው አብረን ላልተወለድነው፣ ላልተዛመድነው ሰው፡፡ ከሌላ ተወልዶ፣ ሃያ ሠላሳ ዓመት ሌላ ቦታ ኖሮ፣ ከሌላ ጋር አድጎ፣ ሌላ ጠባይ ነሥቶ፣ በሌላ መንገድ መጥቶ ያገኘነውን ሰው ነው የምናገባው፡፡ ይኼንን ሰው ወይም ይህችን ሴትዮ በዕውቅ አላሠራናትም፣ አላሠራነውም፡፡ ዐመሉ እንዲህ፣ ሐሳቡ እንዲያ፣ መንገዱ እንዲህ፣ እምነቱ እንዲያ፣ ዕውቀቱ እንዲህ፣ ምግባሩ እንዲያ ብለን ዝርዝር ሰጥተን አላስመረትነውም፡፡ ‹ሬድ ሜድ› ነው ያገኘነው፡፡ ዓይተን እንመርጣለን እንጂ፣ መርጠን አናሠራም፡፡
ንብን እኛ ብናሠራት ኖሮ የርሷን መናደፍ ለዝንብ ሰጥተን የዝንብን ጠባይ ለንብ በመለስንላት ነበር፡፡ ግን ንብን እንዲሁ ሆና አገኘናት፣ አላመድናት፣ ወደ ቀፏችን አስገባናት እንጂ አንድም አልፈጠርናት፣ አንድም አላስፈጠርናት፡፡ ንቧን ማርና ንድፊያ እንደያዘች ነው ያገኘናት፡፡ ሰው በውስጡ ማርና ንድፊያ አለው፡፡ የተገዛ የሱፐር ማርኬት ማር የሚበላ ልጅ ንብ የምትባለውን የሚያውቃት በጣሳው ላይ ባለው ሥዕል ነው፡፡ መልኳን እንጂ ንድፊያዋን አያውቀውም፡፡ እርሱ እድሜ ልን በንብ እየተነደፈ ለጌቶቹ ማር ቆርጦ የሚሰጥ ገባርም ንብ እንደምትናደፍ እንጂ ማር እንደምትሰጥ አያውቅም፡፡ ‹ጌቶች ምን ምን ቢላቸው ነው ይህን የቀፎ እንጀራ የሚያስገፈግፉኝ› አለ የሚባለውም ለዚህ ነው፡፡
አንዳንዶች በሠርግ ዘፈን፣ በተረት፣ በሠርግ ሥነ ሥርዓት፣ በስብከት፣ በድራማና በፊልም ትዳርን ሲያዩ ምናልባት ማሩ ይሆናል የሚታያቸው፡፡ ያገኛቸውም ሰው ሁሉ ‹ምነው አንተ አታገባም እንዴ› ይላቸዋል እንጂ ተገብቶ ምን እንዳለ አይነግራቸውም፡፡
‹የዛሬ ዓመት፣ የዛሬ ዓመት፣
የእንትናዬ አባት
ሲወለድ ማሞ፣ ሲወለድ ማሞ
እንመጣለን ደግሞ፤
ያሉት ሰዎች ደግመው ላይመጡ ይችላሉ፡፡ አንዳንዶችም ማሞ ሲወለድ እንደማይመጡ እያወቁት የሚዘፍኑት ዘፈን ነው፡፡ ‹የዛሬ ዓመት የእንትናዬ አባት› መሆን ለሁሉ ያልተሰጠ መሆኑን የሚናገርም የለም፡፡ ይኼ ያልተነገራቸው የዋሐንም ናቸው ልጅ የለም ብለው የሚፋቱት፡፡
ሌሎች ደግሞ ትዳር ሲባል የንቧ ንድፊያ ነው ትዝ የሚላቸው፡፡
‹ታሠረች አሉ በትዳር፣
ከንግዲህ ቀረ መሽርቀር› የሚለው ዘፈንም ውስጠ ዘ አለበት፡፡
ትዳር ምን ዕዳ ነው ትዳር ምን ዕዳ ነው
ጉልቻው ስሙኒ ምጣዱ ብር ነው
የሚለው ባሕላዊ ዜማ የምጣዱና የጉልቻው ዋጋ ዛሬ ሰማይ በነካበት ጊዜ ቀርቶ ትናንትም በርካሹ ዘመን ትዳርን ‹ዕዳ› ነው እያለ የንቧን መናደፍ እየነገረን ነው፡፡
ትዳር ግን ሁለቱም ብቻ አይደለም፡፡ ትዳር ከንብ ጋር መኖር ነው፡፡ ለማሩ ስንል ንድፊያውን መታገሥ፡፡ ቆይተህ ደግሞ ንድፊያውን መልመድ፡፡ ገበሬ ቀፎ ሰቅሎ ንብ ሲያንብ ንብ እንደምትናደፍ ሳያውቅ ቀርቶ አይደለም፡፡ የማትናደፍ ንብ ከፈለገ በየደጁ ቆሻሻ ፍለጋ የምትጓዘው ዝንብ ነበረችለት፡፡ ዝንብ ምን ጠባይዋ ሸጋ ቢሆን፤ ጠብ የሚላት ግን ሌላ ነገር ነው፡፡ ይህን ያውቃል ገበሬው፡፡ እያወቀም ንብ ያንባል፡፡ ማነብ ብቻ ሳይሆን ከንብ ጋር እንዴት መኖር እንደሚቻልም ያውቃል፡፡ ንብ ትናደፋለች፤ ግን እንዳትናደፍ ማድረግም ይችላል፡፡ የምትወደውና የማትወደው ሽታ አለ፡፡ ስትቀርብህ ምን ማድረግ እና ምን አለማድረግ እንዳለብህ ገበሬው ያውቃል፡፡ በሀገራችን ንብ አትገደልም፡፡ ነውር ነው፡፡ ብትነድፍም አትገደልም፡፡ የንቧን ማር ለመውሰድም ንቧን ገድሎ፣ አጥፍቶ፣ ጎድቶ ወይም አሰቃይቶ ሳይሆን በጭስ ራሱን እየተከላከለ፣ ፊቱን በጨርቅ ሸፍኖ፣ ወደ ንቧ ቀፎ ገብቶ ነው ማሩን የሚቆርጠው፡፡ ንቧም ሳትጎዳ፣ ማሩም ሳይጠፋ፣ እርሷም ሳትናደፍ፡፡

ትዳርም እንዲህ ነው፡፡ አኗኗሩን ነው ማወቅ፡፤ የንቧን ንድፊያ የመቀነሻውን መንገድ ነው ማወቅ፣ የማሩን አቆራረጥ መንገድ ነው ማወቅ፡፡ ደግሞምኮ አስገራሚው ገበሬው የሚከባከበው ይህቺኑ የምትናደፈውን ንብ መሆኑ ነው፡፡ የምትቀስመው አበባ ትፈልጋለች፣ ንጹሕ አካባቢ ትፈልጋለች፣ ከጉንዳንና ከአውሬ ነጻ የሆነ ቀፎ ትፈልጋለች፡፡ ግን ትናደፋለች፡፡ ደግሞም ማር ትሰጣለች፡፡ ትዳር አስደሳች ነገር ብቻ ሳይሆን አስመራሪ፣ አንገብጋቢ፣ አስጠሊታ፣ ጨጓራ አንዳጅ፣ አንጀት ቆራጭ፣ ልብ አቃጣይም ክፍል አለው፡፡ ይናደፋል፡፡ ግን ደግሞ ክብካቤም ይፈልጋል፡፡ ንጹሕ ልብ፣ ታማኝ ኅሊና፣ ቻይ አንጀት፣ ታጋሽ ሆድ፣ ጠቢብ አእምሮ፣ አሳላፊ ልቡና ይፈልጋል፡፡ ለምን ቢሉ? ማር ይሰጣልና፡፡
አንዳንዶች ቤት ካለችው ወይም ካለው ንብ ይልቅ ውጭ ያቺውን ወይም ያለው ዝንብ ሲያደንቁ ይሰማል፡፡ መቼም ከቀፎ ውጭ ምን እንደሚኖር የታወቀ ነው፡፡ ንብ ትናደፋለች ብሎ ንብ የማያነባ ገበሬ ስንፍናውን እንጂ የንቢቱን ክፋት ማንም አይረዳለትም፡፡ ጥበብ አልባ መሆኑን፣ ትዕግሥት አልባ መሆኑን፣ ተሸናፊነቱን እየተናገረ እንጂ የንቧን ጠባይ እየተናገረ አለመሆኑን ሁሉም ያውቅለታል፡፡ የትዳርን ችግር ብቻ የሚያወራ፣ በትዳር ተመርሮ ከቀፎው ውጭ የሚሄድም ስንፍናውንና ዐቅመ ቢስነቱን እንጂ የቀፎውን ችግር እየተናገረ አይምሰለው፡፡ ቀፈ ውስጥ ማር የምትሠራው ን እንዳለች ሁሉም ያውቃልና፡፡ ሌላው ቀርቶ ውጭ ያለቺው ዝንብም ይኼንን ታውቃለች፡፡
አንዳንዶች ከንብ ጋር የመኖር ጥበብ ሲያንሳቸው የማትናደፍ ንብ ፍለጋ ይኳትናሉ፡፡ የማትናደፍ ንብ መፈለግ ከመረቁ አወጡልኝ ከሥጋው ጦመኛ ነኝ እንደማለት ነው፡፡ ወይም የማትዞር መሬት እንደመፈለግ፡፡ የመትናደፍ ንብ ከፈለግክ ከዝንብ ጋር ተጋባ፡፡
ይህ ጽሑፍ በአዲስ አድማስ ጋዜጣ የወጣ ነው፡፡
Dn Daniel Kibret