ADEMO TECH πŸ’»
1.84K subscribers
72 photos
2 videos
210 files
62 links
Daily updates on crypto, AI ,science & technology, plus practical how-to guides! Join @Ademo_tech and never miss out.

Contact: @mucaa_koo or @ademo4yu
Youtube: https://www.youtube.com/@ademoshow
Download Telegram
Telegramiin namootaa ammallee hatamaa jira!
Of-eeggannoo godhaa😳
#Telegram #Hack #ScamAlert #OnlineSafety #OTP #CyberAttack @Ademo_tech
❀6πŸ‘1
Today #TON 1.4$
❀5πŸ‘1
βœ…AI Intarneetii Malee Hojjetu!

Google AI Edge Gallery: Intarneetii malee AI fayyadamuu dandaadhu.

βœ… Internet Free
βœ… Privacy: Odeeffannoo keessan bilbila keessatti qabama.
βœ… Saffisa: Daataa hin fixu.

πŸ‘‰ Buufadhu: Google Play Store

Hiriyeota keessaniif SHARE godhaa! πŸ“±βœ¨
@Ademo_tech
πŸ‘6❀1
Ethio Cart Update πŸ”„

Ethio Cart irratti Mini App dabalamee jira.

πŸ€– Mini App kana fayyadamuun:
⭐️ Telegram Premium
πŸ’° USDT
πŸ’³ Visa Card
🎬 Netflix

Karaa salphaa ta'een argachuu dandeessu.

πŸ”’ Feature inni guddaan Visa Card irratti Security dhaf Fingerprint dabalamee jira.

πŸ“± Yeroo Visa Card keessan fayyadamuu barbaadan kamuu ☝️ Fingerprint dhan banuun Details Card kessani argachuu dandeessu
Jedhamee jira.
@ademo_tech
❀4
Forwarded from ADEMO TECH πŸ’»
Maxxansi English'n isiniif maxxanfamaa jiru kun akka ana hin taane beekaa. #ADS dha waan ta'eef laaltaniituma dhiisu dandeessu.
❀7
#Binance P2P birr Ethiopia akkuma kanaan dura jedhe cufee jira!
❀8
#Telegram_wallet irrattiis P2P dhabachuuf deema jedhan.😏
❀11
Grade 12th information
As irra argachuuf kana fayyadamaa.
https://t.me/tikvahethiopia/107561
❀6
Namoonni network isin rakkisu isiniif laalla ergadhaa!! πŸ“‘πŸš€
❀8πŸ₯°3
Waggoota 10 booda, teknoolojiin 'Artificial Intelligence' jedhamu ilma namaa lafarraa fixuu akka malu %10 dubbatan. πŸ€–
@ADEMO_TECH
❀8πŸ”₯3
πŸ•ŠοΈβœ¨πŸŒ»πŸŒ»πŸŒ»βœ¨πŸ•ŠοΈ
HAPPY NEW YEAR!
πŸ•ŠοΈβœ¨πŸŒ»πŸŒ»πŸŒ»βœ¨πŸ•ŠοΈ

WAAGGA HAARA BAGA GEESSAN
መልካም αŠ α‹²αˆ΅ αŠ αˆ˜α‰΅
αˆ­αˆ‘αˆ΅ αˆ“α‹±αˆ½ α‹“αˆ˜α‰΅
πŸŽ‰6❀4
Ethio Telecom appilikeeshinii Telebirr keessatti tajaajila β€œOnline teleSIM” birookaan manuma keessanii kadii SIM akka ajajattan taasiseera. πŸ“±
Tarkaanfiilee:
1. Appii Telebirr saaqqachuun β€œOnline teleSIM” barbaadaa.
2. Lakkoofsa FAN itti galchuun seenaa (login godhaa).
3. Gosa SIM (eSIM/SIM uumamaa, 5G/4G, Prepaid/Postpaid) fi lakkoofsa bilbilaa filachuun ajaja dabarsa.
4. Ajaja erga xumurtaniin booda, damee Telebirr dhiyoo jiru dhaquun SIM keessan fuudhaa.

Odeeffannoo technology wal qabatan akkasii argachuuf @ademo_tech hordofaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@ADEMO_TECH
❀7πŸ‘3
πŸ“± SIM irraa gara eSIMtti β€” Guddinni Teknooloojii! πŸš€
SIM kaardiin yeroo gara yerootti akkana guddate:
➑️ Standard SIM β€” SIM guddaa, bilbila moofaa keessatti
➑️ Micro SIM β€” xiqqaa fi smartphone jalqabaa keessatti
➑️ Nano SIM β€” baay’ee xiqqaa, bilbila ammayyaa keessatti
➑️ eSIM β€” SIM qaamaan hin mul’anne, bilbila keessatti ijaaramee argamu
⭐ Faayidaa eSIM:
βœ… Sarara jijjiiruun salphaa
βœ… Nageenya fooyya’aa
βœ… Iddoo qusata
βœ… Bishaan irraa ittisa fooyya’aa
πŸš€ Gabaabumatti: Standard SIM β†’ Micro SIM β†’ Nano SIM β†’ eSIM.
Teknooloojiin gara fuulduraatti deemaa jira! πŸŒπŸ“²

Odeeffannoo technology wal qabatan akkasii argachuuf @ademo_tech hordofaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@ADEMO_TECH
❀4πŸ₯°3
#AI: Hojii Keenya Nuraa Fudhataa Jira Moo carra nuuf ta'a jattan mee?

Namoonni tokko:
❌ β€œAI hojii keenya nu jalaa fudhata!” jedhu.

Kaan immoo:
βœ… β€œAI jireenya keenya salphisa!” jedhu.

Dhugaan maali seete? πŸ‘‡

πŸ”₯ AI’n maal nuuf fiduu danda’a?
πŸ“š Barnoota β€” Personal Tutor
πŸ’» Hojii β€” yeroo qusachuu & productivity
πŸ₯ Fayyaa β€” doctors deeggaruu
πŸ’‘ Kalaqa β€” yaada haaraa saffisaan qopheessuu

⚠️ Garuu balaa isaas dagachuu hin qabnu:
πŸ’Ό Hojiiwwan tokko tokko bakka bu’uu danda’u
🎭 Deepfake’n dhugaa fi soba walitti makuu danda’a jedhan.
🧠 AI irratti hirkachuun dandeettii namaa laaffisuu danda’a :kun beekkama kaa!

πŸ’‘ Kanaaf furmaanni maali?

πŸ‘‰ AI sodaachuu qofa osoo hin taane, AI fayyadamuu barachuu!
«🧠 β€œAI won't replace you, but a person using AI will.”»

πŸ‘‡ Ati hoo maal yaadda? Comment godhi!
AI = Yaaddoo moo Carraa Gaarii nuuf ?

πŸ“² @ademo_tech β€” Teeknooloojii Afaan Oromootiin!

#AI #ArtificialIntelligence #AIOromia #Tech #Technology #Innovation #FutureOfWork #DigitalSkills #Upskill #AademoTech
πŸ‘4πŸ”₯2
Barreeffama abdulhakim hajo (AI engineer) waa'ee #AI barreessee tokko isiniifan fida na eegaa😊 hangasitti react gochaa please .πŸ₯Ί
πŸ‘5❀3
Teenshina addunyaan keessa seente: walitti hidhamiinsa
filmii "The Terminator" bara 1984 bahe,
filmii "Clossus: The Forbin Project" bara 1970 bahe,
"Artificial Super Intelligence!"(dubbii ijoo ammaa).

tuttuqaa fi haalota as dhiheenya kanaa irraa haa eegallu:

1: Dhaabbanni OpenAI(ChatGPT) moodeelii AI laabii keessatti leenjii irra jiru tokko test gochuuf siistama "A" jedhamu fayyadamii siistama "B" jedhamu haak godhi jedhanii gadi dhiisan, moodeeliin AI kuni waan jedhame dhiisee ajajaan ala bahuun siistama pilaatfoormii AI kan "hugging face" jedhamu haak godhe. tokko jedhaa qabadhaa...

2: Leenjisaan AI "Jacob Coxon" oluma ka'ee halkan tokkotti AI nu fixuu danda'a jedhee barreeffamoota hedduu Twitter irratti barreessuun dubbii ijoo ta'e, hooggantoonni dhaabbilee gurguddaa AI leenjisaa jiranis dubbicha ija jabaatanii haaluu hin dandeenye. maaliif jennaan AI amma leenjifamaa jiru kuni isa "Artificial Super intelligence" jedhamuu fi siistama "Recursive self improvement" jedhamuun kan hojjatu waan ta'eef tasuma ilmi namaa control gochuu waan hin dandeenyeef 100% nama tuquu hin danda'u jedhee waakkachuu hin dandeenye, inumaahuu sodaan Jacob kuni probablity'n akka jiru addeesse.

"Recursive self improvement" jechuun, siistama maashinaa kan mathimatically sirna probablity irratti hundaa'uun hojjatuu fi walitti dhufeenya moodeelota AI hedduun hojii(task) qooddatanii kaayyoo tokkoof kan hojjatan yemmuu ta'u moodeeliin kunis moodeelota biroo ofumaan uumaa, code ofii isaatii ofii barreessee update godhaa, siistamoota IoT, roobootii, siistamoota nikularii, siistamoota baankii, siistamoota ergameef kami keessayyuu osoo itti hin beekamin seenuun waan kaayyoo isaa raawwachuu kan danda'uudha.

-asitti waa naaf qalbifadhaa: yaadni maashina kana uumuu kuni yeroo jalqabaatiif bara 1965 mathematician fi cryptologyst nama maqaan isaa "Irvin Jon Good" jedhamuun kan dhiyaate yemmuu ta'u yaanni isaas maashina "ultraintelligent jedhamu kan dandeettiin isaa dandeettii ilma namaa addunyaa guutuu irra jiru caaluu, ammas gargaarsa ilma namaa malee maashina maashinoota biraa ofumaan uumuu danda'u yoo uumne hoo?" jechuun yaadicha dhiheesse.

bara 1970: yaanni isaa kuni filmii America "Clossus:The Forbin Project" jedhamuun sadarkaa Fiction tiin hojii irra oolee gara filmiitti jijjiirame. taateen filmichaa akka asii gadii kana ture....

-maashinni clossus jedhamu nageenya amerikaatiif kalaqama, maashinichi ammoo kan control ilma namaatiin ala hojjatuu fi siistamoota nageenyaa ittisa biyyattii keessa seenuun ufuma isaatii akka aggaamii dinaa detect gochuun deebisee ajaja ilma namaatiin ala siistama misaailii fa'a too'achuun furguggaasu danda'u programm godhame, yoo akka tasaa siistamni kuni ajaja keenya fudhachuu didee waa balleesse jedhaniis safety guardrails, waan jedhamu siistama isa dhaabuu danda'u cinaatti programm godhan, wanti nama ajaa'ibu siistamichi deebisee isuma balaa eegu san waliinuu communicate gochuun walii galanii afaan ofii isaanii uummatanii, siistamoota misaa'ilii fi nikularii too'annoo ofii jala galchuun addunyaa guutuu bituu danda'an.(maashinumti ilmi namaa hojjate).
asitti amma waa'ee filmichaa irraa haasa'aa hin jiru waan ta'eef akeeka isaa isiniif haa ibsu. maashinni ilmi namaa balaa hir'isuufi guddinaaf jedhamee hojjatame deebisee yoo kan ajajamuu hin dandeenye ta'e balaa inni qabu tilmaamuun nama hin dhibu, akkasumas filmichis akka "warning" itti kan hojjatameedha.

-ammas filmii "The Terminator" bara 1984 bahee fi isa hedduun keenyyuu daawwachuuf carraa arganne qofa xiinxaluun balaan as deemaa jiru kan maashina ofumaaf of hojjatu, ofumaan update of godhu, ofumaan deebisee maashinoota biroo uumuu danda'u, kan dandeettiin isaa cufa ilma namaa caalu oomishamee gadi dhiifamnaan maashinni kuni software waan ta'eef, siistamoota nikularii, siistamoota banking, siistamoota robootii siistamoota fedhe keessatti yeroo fedhe seenee akka fedhe ajajuu danda'a.
πŸ‘6πŸ₯°4
-siistamni kuni kaayyoo hojjadhu jedhamee itti kenname hanga hojjatutti of duuba hin deebi'u, maaliif jennaan sirna "Loop" waan jedhamu irratti hojjata, yoo tasa carraan waa balleessuu keessa seene ammoo dhugumatti ilmi namaa dandeettii ittin dhaabu hin qabu, niiklarii tokko gadi dhiisee nu fi.....danda'a!

maashinni Artificial Super intelligence jedhamu kuni ammoo yeroo ammaa kanatti kalaqamee gara xumuraa irra gahamuuf turtii waggoota lamaa fi sadihiitu tilmaamamaa jira.

-ilmi namaa osoo balaa kana beeku maaf hojjatuu itti fufa, ykn mootummaan biyyattii maaf eeyyama jechuun keessan hin oolu: deebiin gabaabaan, osoo amerikaan hojjachuu dhaabneeyyuu, chinan, raashiyaan hojjachuu hin dhiiftu, kanaaf wal dorgommii malee balaan dhuftu itti hin mul'atu.

-gama biraatiin probablity'n jiru, lamaan kana keessaa tokko, yookiin ilmi namaa sababa Artifcial Super intelligence badhaadhina takkaa argee hin beekne argata, ykn balaa takkaa dhagahamees uumamees hin beeknetu isa muudata. kanuma lamaani.

hanqina yerootiin barreeffama koo keessa deebi'ee hin gulaalle, dogongorri qubee fi hanqinootni jechootaa yoo jiraate na ofkolchaa.

By #Abdulhakim Hajo (AI Engineer)
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@ADEMO_TECH βœ…join godhaa!
❀5πŸ‘5πŸ‘2
Barattota #Department filachuuf deemtan illee ni gargaara!

πŸ’» IT fi ICT Gidduu Garaagarummaan Maali?
IT (Information Technology) jechuun teknooloojii odeeffannoo kuusuu, qopheessuu, bulchuu fi eeguuf gargaaru dha.
πŸ”Ή Fakkeenya: πŸ–₯️ Computer
πŸ’Ύ Software
πŸ—„οΈ Database
πŸ–§ Server
πŸ‘¨β€πŸ’» Programming
πŸ” Cybersecurity
🌐 ICT (Information and Communication Technology) immoo IT qofa osoo hin taane, qunnamtii fi odeeffannoo dabarsuu illee hammata.
πŸ”Ή Fakkeenya: πŸ“± Mobile
🌍 Internet
πŸ“‘ Network
πŸ“§ Email
πŸ“² Social Media
πŸŽ₯ Zoom & Google Meet
🎯 Gabaabumatti:
πŸ’» IT = Odeeffannoo fi sirna teknooloojii bulchuu
🌐 ICT = Odeeffannoo + Qunnamtii
πŸ‘‰ Kanaaf, ICT’n IT caalaa bal’aa dha; sababni isaas qunnamtii dijitaalaa illee of keessatti qaba.

πŸ“’
Teknooloojii fi odeeffannoo haaraa hordofuu barbaaddaa?
πŸ’‘ Barnoota, tips, tricks fi odeeffannoo Technology yeroo yerootti argachuuf:
πŸ‘‰ @ADEMO_TECH
πŸš€ Channel keenya JOIN godhaa, hiriyoota keessaniifis SHARE godhaa!
πŸ‘5❀4πŸ”₯3
πŸ“Š JUST IN : #Bitcoin hits $87,000πŸ₯°
⚑8πŸ‘2