Addis Standard Afaan Oromoo
27.9K subscribers
5.57K photos
97 videos
2 files
4.63K links
Download Telegram
Muummeen Ministiraa Abiy "Gabaasa Waggaa" Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa fudhachuu fi "bu’aalee gabaasichaa" irratti mari’achuu isaanii ibsan

Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa, Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gabaasa waggaa Pireezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayi, Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaatiin dhiyaate fudhatanii bu’aalee gabaasichaa irratti mari’achuu isaanii ibseera.

Leetenaal Jeneraal Taaddasaan waggaa tokko dura, Bitootessa 30, 2017 (Ebla 8, 2025 akka lakkoofsa Awurooppaatti), Obbo Getaachoo Raddaa bakka bu’uun Pireezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayi ta’anii muudamuun isaanii ni yaadatama.

Ministirri Muummee Abiy yeroo sana ibsa kennaniin, "[Letinaal Jeneraal Taaddasaan] jabinnaa fi gufuuwwan bulchiinsa darbe gadi fageenyaan waan beekaniif, yeroo murteessaa kana keessatti Tigraayiin gaggeessuuf qophii akka ta’an namoota baay’eedhaan amanamaniiru" jedhanii turan.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1KfRn9KeJE/
Ambaasaaddar Qonjiit Sinnagiyoorgis du’aan boqotan

Seenaa dippilomaasii Itoophiyaa keessatti bakka guddaa kan qabanii fi tajaajila qunnamtii dhimma alaa irratti hojjataa turaniin waggoota dheeraa kan lakkoofsisan Ambaasaaddar Qonjiit Sinnagiyoorgis, dhukkubsatanii wal’aansa utuu argataaa jiran Bitootessa 29, 2018 (Ebla 7, 2026 akka lakkoofsa Awurooppaatti) waggaa 86ffaa isaaniitti addunyaa kanaa du’aan boqotan.

Ambaasaaddar Qonjiit bara 1940 baha Itoophiyaa, magaalaa Hararitti dhalatan. Ambaasaaddar Qonjiit walakkeessa 1960mmoota keessa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa kan seenan yoo ta’u, waggoota shantaman oliif gahee dippilomaasii garaagaraatiin biyya isaanii tajaajilaniiru. Hojii isaanii keessatti sadarkaa ofisara deeskii irraa ka’uun hamma hoggansa ol-aanaatti kan tajaajilan yoo ta’u, Ambaasaaddar Yoodiit Immiruutti aansuun seenaa Itoophiyaa keessatti dubartii sadarkaa Ambaasaaddarummaa argatan lammataa turan.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8438
Waldhabdeen Baha Giddu Galeessaa dhiyeessii boba’aa Itoophiyaa danqe; ammoo walitti bu’iinsa bal’aa Gaanfa Afrikaa keessatti uumamuuf ture hambise — Gabaasa

Dhaabbanni miidiyaa Yuunaayitid Isteetis Baaronsi, sababa waraana Iraan waliiniin addaan cituun dhiyeessii boba’aa addunyaa mudate, dandeettii humna waraana Itoophiyaa gad buusuun Gaanfa Afrikaa keessatti walitti bu’iinsa bal’aa uumamuuf ture hambisee ta’uu danda’a jechuun xiinxala haaraa maxxanse.

Xinxalli kun akka agarsiisutti, dhuma Guraandhalaatti haleellaa Yunaayitid Isteetis fi Israa’el Iraan irratti raawwataniin hammaachuu waldhabdee Giddu-gala Bahaa hordofee, dhiibbaan isaa naannicha irra darbee biyyoota akka Itoophiyaa kan dhiyeessii boba’aa Galaana Paarsiyaa (Gulf) irratti hirkatan qaqqabeera.

Cufamuu Ulaa Galaanaa Hormuuz (Strait of Hormuz) waliin walqabatee gufuu dhiyeessii boba’aafi meeshalee kaanii addunyaa irratti uumame caqasuun, gabaasni kun Itoophiyaan torbanoota dhiyoo as hanqina boba’aa hammaataa keessa galuu ishee fi kanarraa kan ka’e mootummaan boba’aa qusannaan raabsuu fi sektaroota murteessoo qofaaf dursa kennuuf dirqamuu isaa addeessa.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8441
PoolisiinFederaalaa shakkamaa ajjeechaafi sarbiinsa mirga namoomaa godaantota irraan geessisaa ture jedhe irratti himata bane

Koomishiniin Poolisii Federaalaa Itoophiyaa dursaa garee gocha yakkaa daldala namaa irratti bobba’an Yitbaarek Daawit (Kibroom) fi waayillan isaa sagal, kanneen namoota 3,000 ol daangaa seeraan ala qaxxaamursiisuun du'a namoota 100 fi gudeeddii dubartoota 50 ol ta'aniif sababa ta'an, dhimma isaanii gara Abbaa Alangaatti iyyachuun himannaa irratti banuu isaa beeksise.

Poolisiin ibsa baaseen; shakkamaan addunyaa irratti akka qabamu barbaadamaa ture kun, kan qabame magaalaa Shiree naannoo Tigraay keessatti yoo ta'u, kunis tarkaanfii qindaa'aa haga Kaartuumitti qindeeffamee tureen ta’u ueere.

Adeemsi qorannoo kunis wal-jijjiirraa odeeffannoo bal'aa biyyoota hedduu gidduutti taasifame kan hammate ta'uus mul'iseera.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1BPh1wzpua/
Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa murtee sagalee wal faallessu Itoophiyaan filannoo Mana Maree Mirga Namoomaa Gamtaa Mootummootaa irratti kennite deeggaree dubbate

Itoophiyaan murtee sagalee filannoo wal-faallessu kan Mana Maree Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii (UNHRC) walga’ii 61ffaa irratti kennite sirriidha jechuun mormatte. Mormiin ishee murteewwan “biyyoota dhuunfaan irratti” xiyyeeffatan irratti qabdu “qajeelfama” irratti kan hundaa’e ta’uu jabeessitee ibsite. Kunis yeroo biyyattiin murteewwan biyya dhuunfatti xiyyeeffatan irratti sagalee garaagaraa kenniteetti kan dhagaa’amedha.

Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo, dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa, Itoophiyaan yeroo sadaffaaf miseensa ta’uun tajaajilaa utuu jirtuu, gahee hoggansaa ishee kan jalqabaa Itti-aantuu Pireezidantii Mana Maree miseensota 47 qabu ta’uun xumuruu ishee ibsan. Walga’iin Jeneevaatti Bitootessa 02 hanga 31, 2026tti gaggeeffame kun, murteewwan 38 dhimmoota mirga namoomaa addunyaa, kanneen tokko tokkoon biyyoota irratti xiyyeeffatan dabalatee, kan irratti mirkanaa’an ture.

Dubbi-himaan kun akka jedhanitti, Itoophiyaan ejjennoo “yeroo dheeraa” murteewwan biyya dhuunfatti xiyyeeffatan mormuu qabdi; sababni isaas tarsiimoowwan akkasii birmadummaa biyyaalessaa ni miidhu, akkasumas dhiibbaa siyaasaa mootummoota irratti gochuuf ooluu danda’u jechaan falman.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8444
Filannoo2026 – Giddu-gala siyaasaa irraa gara haala dhiphataatti: Dirreen filannoo Naannoo Amaaraa garmalee dhiphachuufi egereen isaa amansiisaa ta’uu dhabuu

Itoophiyaan filannoo waliigalaa torbaffaa Waxabajjii 2026 gaggeessuuf qophii irra wayita jirtu, naannoon Amaaraa—kan siyaasaafi seenaa biyyattii keessatti bakka guddaa qabu ammas gara sirna siyaasaa bulchiinsa olaantummaa paartii siyaasaa tokkootti deebi’uuf yaaddoo keessa jira. Adeemsi naannoo Amaaraa keessatti mul’achaa jiru kun bulchiinsa naannichaa qofa osoo hin taane, adeemsa dimookiraasii fi federaalizimii Itoophiyaa bal’aafis hiika mataa isaa qaba.

Xiinxalli kun, qaama gabaasa Addis Standard adeemsa filannoo xiyyeeffannoo guddaa barbaadan irratti dhiyeessu yoo ta’u, jijjiirama caasaa filannoo naannoo Amaaraa bara 1995 kaasee jiru sakatta’a. Naannoon Amaaraa naannolee biyyattii gurguddoo fi lakkoofsa sagalee kennan hedduu qaban keessaa tokko waan ta’eef, bara dheeraaf akka agarsiiftuu adeemsa dimookiraasii Itoophiyaatti tajaajilaa tureera.

Sakatta’iinsi filannoowwan waggoota kurnan sadan darban keessatti gaggeeffaman akka agarsiisanitti, naannichi amala walfakkaataarra adeemaa dhufeera. Dorgommiin siyaasaa naannoo Amaaraa keessa jiru, bara durii paartii dhiibbaa qabu tokkoon alatti dhiibamuu irraa eegalee, bara 2021 keessa yeroo gabaabaaf dorgommiidhaaf banamee, itti aansuun ammoo dafee qoqqoodamuu keessa darbee, amma gara hirmaannaa daangeffamaa fi fakkeessii ta’etti deebi’aa jira.

Adeemsi kun waa’ee hojiirra oolmaa sirna federaalizimii Itoophiyaa, gaaffii yeroo dheeraa ummanni Amaaraa ofiin of bulchuufi nageenya irrattus qabu, akkasumas filannoon naannichaa meeshaa dorgommii dimookiraasii ta’ee itti fufa moo deemsa seeraa (formal exercise) dorgommiin siyaasaa keessatti sirnaan hin mullanne qofa ta’ee hafa gaaffii jedhu kaasa.

Xiinxala gad fagoo haala filannoo Naannoo Amaaraa irratti Addis Standard qopheesse asiin dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8447
ODUU: #Raashiyaa fi Chaayinaan murtii Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Mootummootaa kan ulaa galaanaa Hormuz akka banamu gaafatu kuffisan

Raashiyaafi Chaayinaan har’a wixinee murtii Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii kanulaa galaanaa Hormuz (Strait of Hormuz) akka banamu gaafatu kuffisaniiru. Murtiin kun deeggarsa hedduu argatus, mirga sagalee sagaleen kuffisuu qabanitti dhimma ba'uun akka hin darbine taasisaniiru.

Wixineen murtii kun deeggarsa biyyoota 11 argateera: Bahireeyin, Diimookiraatawa Rippaabliika Koongoo, Deenmaark, Faransaay, Giriik, Laatviyaa, Libeeriyaa, Paanaamaa, Somaaliyaa, Yunaayitid Kiingidam, fi Yunaayitid Isteetis. Chaayinaa fi Raashiyaan murtii kanaan mormuun yoo sagalee kennan, Koloombiyaa fi Paakistaan immoo sagalee kennuu irra of qusataniiru.

Odeessa guutuuf cuqaasaa
https://www.facebook.com/share/p/1FeWnvKgWp/
“Yabala Nagaaf" torban lamaaf ulaan Hormuuz banaa ta'uu Iraan beeksiste

Iiraan walii galtee dhukaasa dhaabuu torban lamaaf turu hordofuun, Ulaa Hormuuz yabala nageenyaaf yeroo muraasaaf akka banaa ta'e beeksiste.

Ministeerri dhimma alaa Iiraan, Abbaas Araaqchii, Mana Maree Olaanaa Nageenya Biyoolessaa bakka bu’uun fuula isaanii X (Tiwiitara) irratti ibsa baasaniin: “Torbanoota lamaan itti aananiif, humnoota ittisa Iiraan waliin qindoomina uumuun fi dhimmoota teeknikaa tilmaama keessa galchuun, Ulaa Hormuuz yabala nagaaf fayyadamuun ni danda’ama,” jedhaniiru.

Iiraan walii galtee dhukaasa dhaabuu kana kan fudhatte, Ameerikaan kallattii daldala bishaanii tarsiimawaa ta’e ulaa Hormuuz akka banamu ulaagaa dhiyeessite hordofuun, weerara dhaabuuf erga walii galtee boodadha. Mariin kunis magaalaa Islaamaabaaditti ni eegalama jedhamee eegama.

Odeessa guutuuf cuqaasaa
https://www.facebook.com/share/p/16iqaoqiwZ/
Waajjirri Muummee Ministiraa Israa’eel walii galteen dhukaasa dhaabuu torban lamaa #Libaanosiin hin laallatu jedhe

Finfinnee, Eebla 08, 2026: Waajjirri Muummee Ministiraa Beeniyaamiin Netaaniyaahuu, “walii galteen dhukaasa dhaabuu torbanoota lamaaf taasifame Libaanosiin hin dabalatu,” jechuun ibsa kenneera.

Waajjirichi itti dabaluun; “Iiraan Ulaa darbaa Hormuz hatattamaan kan bantuufi weerara Ameerikaa, Israa’eel akkasumas biyyoota naannichaa irratti raawwattu kan dhaabdu yoo ta’e; Israa’eel weerara Iiraan irratti raawwattu torbanneen lamaaf dhaabuuf” walii galuu ishee beeksiseera.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1AH7JduBGn/
Aangoon Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa kan Bulchiinsa Yeroo #Tigraay waggaa tokkoof dheereteef

Waajjirri Muummee Ministiraa Abiy Ahimad, Eebila 09, 2026 irraa kaasee aangoo bara hojii Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa, Prezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayitti waggaa tokkoof dheeressuu beeksise.

Waajjirichi ibsa baaseen, murtiin kun “Heera Mootummaa FDRI Keewwata 62(9) fi Labsii Lak. 359/1987 Keewwata 14(2)(b)” akkasumas Dambii Lak. 479/2013 kan hundeeffame Bulchiinsa Yeroo Hunda-gareessa Naannoo Tigraay murteessu irratti hundaa’uun kan darbe ta’uu addeesseera. Murteen aangoo dheeressuu kun kan murtaa’e gabaasa raawwii hojii waggaa Leetanaa Jeneraal Taaddasaa dhiyeessan hordofuni.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/18aUKZ7DFd/
#Somaaliyaan yeroo jalqabaaf Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa keessatti teessoo argatte

Finfinnee, Eebla 08, 2026: Erga Manni Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa bara 2003 hundeeffamee as, seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf #Somaaliyaan mana maree kana keessatti teessoo argachuun ibsame.

Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa mana maree kana keessatti waggoota lamaaf akka tajaajilu kan filatame Gurraandhala 2018 (ALH) yoo ta'u; kunis biyyoonni Afrikaa gahee Somaaliyaan nageenyaa fi tasgabbii naannichaa ijaaruu keessatti bahuu dandeessu irratti amantaan isaan qaban guddachaa dhufuu isaa kan argisiisudha jedhameera.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/18MUxY7Yxa/
Ismaa’el Omar Giillee bara aangoo bulchiinsa isaa ammas dheereffachuuf qophaayeera

Prezidaantiin Jibuutii yeroo dheeraaf biyyattii bulchaa jiran Ismaa’el Omar Giilleen, filannoo jimaata dhufu adeemsifamuun marsaa jahaffaaf injifachuun, biyya Gaafan Afrikaa bakka tarsiimawaatti argamtu kana aangoo bulchiinsaa ganna soddomatti dhiyaatuuf irratti horatan ammas dheerefachuuf jiru jedhamee eegama.

Jaarsi ganna 78, Pireezidaanti Omar Giillee, kan bara 1999 irraa kaasee biyyattii bulchaa jiran, Mohaammad Faaraah Samaataar waliin kan dorgoman yoo ta’u, kunis yeroo humnoonni mormitootaa tatatamsa’anii fi dadhabanii jiranitti dha. Xiinxaltoonni fi dhaabbileen mirga namoomaa filannichi dorgommii dhugaa kan hin qabne jechuun ibsaa jiran.

Jibuutiin, uummata miiliyoona tokkootti dhiyaatu kan qabdu yoo ta’u, karaa yabalaa addunyaa murteessaa ta’e hulaa Baab al-Mandaab irratti argamti.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/18HUqQfEBU/
Qoqqobbiin omishaalee abaaboofi kuduraa Itoophiyaa gabaa Kooriyaa Kibbaa akka hin seenne dhorku akka kaafamu Jilli Abbootii Taayitaa Qonnaa Itoophiyaa gaafate

Jilli abbootii taayitaa qonnaa Itoophiyaa qondaaltota Ejansii filmaata Beeyiladaa fi Biqiltoota Kooriyaa Kibbaa waliin marii taasisuun qoqqobbii omishaalee abaaboofi kuduraa Itoophiyaarra biyyattiin keessee jirtu akka kaaftu gaafate.

Dura-bu’aan jila Itoophiyaa Dr. Wondaalee Habtaamuu, qondaaltota biyyattiitti simannaa taasisaniif galateeffachuun, ergaa mootummaan Itoophiyaa dhorkaan omishalee abaaboo fi kuduraa irratti kaa’ame akka ka’uuf erge dhiyeessaniiru.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1GnJtSwNw9/
Paartiin Warraaqsa Ummata Itoophiyaa “yaaddoo haala filannoo irraa kan ka’e” Caamsa 08 hiriira mormii waame

Finfinnee, Eebla 08, 2026: Paartiin Warraaqsa Uummata Itoophiyaa, Itoophiyaa keessatti filannoo amanamaa gaggeessuuf “haalli mijataan” hin jiru jechuun, Caamsaa 08, 2026 hiriirri mormii nagaa guutuu biyyaatti akka taasifamu waamicha dhiyeesse.

Ibsa har’a Addis Standard-itti ergeen, paartichi hiriirri karoorfame kun magaalaalee gurguddoo kanneen akka Finfinnee, Maqalee, Baahir Daar, Gondar, Hawaasaa, Adaamaa fi Ambootti akka taasifamu beeksiseera. Lammiileen Itoophiyaas jijjiirrama siyaasaa gaafachuuf carraaqqii nagaa kanatti akka dabalaman gaafateera.

Paartichi aangoo karaa filannootiin dabarsuu akka deeggaru ibsee, garuu haalli yeroo ammaa jiru filannoo “bilisa, haqaaqaa fi amanamaa” ta’eef kan hin hayyamne ta’uu dubbate. Paartii Badhaadhinaa “filannoo fakkeessii” aangoo irra turuuf gargaaru gaggeessuuf yaalaa jira jechuun kan qeeqe Paartiin Warraaqsa Ummata Itoophiyaa, adeemsi kun “tapha gowwoomsaa irra kan darbe miti” jedheera.

Odeessa guutuuf dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8450
Filannoo2026 – Tigraay imala qaxxaamurarra: Waraana, Qooddamiinsa, abdiifi ammas haala filannoo hirmaannaa malee

Addis Standard maxxansa Gabaasa Addaa isaa isa dhumaa kan sochii filannoo naannolee gurguddoo Itoophiyaa sadan irratti xiyyeeffatu wayita goolabu, xiyyeeffannoo saa gara naannoo Tigraayitti deebisuuni. Tigraay sababa walitti bu’iinsa hamaan federeeshinii Itoophiyaa irraa naannoo haala adda qoodamee jiru keessa yoo ta’u, kunis hanga har’aatti falmii siyaasaa filannoo guutuu biyyaa 2026 dura jiru kan haala isaas bocaa jirudha. Giddu-gala falmii kanaa kan ta’ee jiru gaaffii qindoominni siyaasa federaalaa yeroo ammaa deebii gahaa itti hin kenniniidha: innis Tigraay filannoo keessatti hirmaachuu ni dandeessii? Yoo dandeessis haala akkamiitiin?

Haalli siyaasa Tigraay ammas dhibbaa Adda Bilisabaasaa Ummata Tigraayiin (ABUT) jala jira. ABUT paartii yeroo tokko Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Uummatoota Itoophiyaa (ADWUI) dursuun siyaasa naannoofi federaalaa keessatti dhibbaa olaanaa qabaachaa tureedha. Haa ta’u malee, filannoo biyyaalessaa bara 2021 irratti paartichi hirmaachuu dhabuun isaa, waraanaan booda siyaasni naannichaa qoqqoodamuun, falmii bu’uura seeraa paartichaa irra jiruu, fi miidhaa waraana bara 2020–2022 mudatee ture —kan yakki sarbiinsa namoomaa, duguuggaa sanyii fi yakka waraanaa keessatti mullate olaantummaa paartichaafi hariiroo Tigraay mootummaa federaalaa waliin qabdu garmalee jijjiireera.

Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa fudhatama qabu Tigraay malee gaggeessuu ni dandeessii? Hirmaannaan ykn dhiibamuun naannichaa araara siyaasaa waraanaan boodaatiif hiika akkamii qabaata?

Xiinxala guutuufi gadi fagoo Addis Standard qindeesse kana dubbisuun wanta fuuldura naannichaafi biyyattii eeggatu hubadhaa

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8453