“Yabala Nagaaf" torban lamaaf ulaan Hormuuz banaa ta'uu Iraan beeksiste
Iiraan walii galtee dhukaasa dhaabuu torban lamaaf turu hordofuun, Ulaa Hormuuz yabala nageenyaaf yeroo muraasaaf akka banaa ta'e beeksiste.
Ministeerri dhimma alaa Iiraan, Abbaas Araaqchii, Mana Maree Olaanaa Nageenya Biyoolessaa bakka bu’uun fuula isaanii X (Tiwiitara) irratti ibsa baasaniin: “Torbanoota lamaan itti aananiif, humnoota ittisa Iiraan waliin qindoomina uumuun fi dhimmoota teeknikaa tilmaama keessa galchuun, Ulaa Hormuuz yabala nagaaf fayyadamuun ni danda’ama,” jedhaniiru.
Iiraan walii galtee dhukaasa dhaabuu kana kan fudhatte, Ameerikaan kallattii daldala bishaanii tarsiimawaa ta’e ulaa Hormuuz akka banamu ulaagaa dhiyeessite hordofuun, weerara dhaabuuf erga walii galtee boodadha. Mariin kunis magaalaa Islaamaabaaditti ni eegalama jedhamee eegama.
Odeessa guutuuf cuqaasaa
https://www.facebook.com/share/p/16iqaoqiwZ/

Waajjirri Muummee Ministiraa Israa’eel walii galteen dhukaasa dhaabuu torban lamaa #Libaanosiin hin laallatu jedhe
Finfinnee, Eebla 08, 2026: Waajjirri Muummee Ministiraa Beeniyaamiin Netaaniyaahuu, “walii galteen dhukaasa dhaabuu torbanoota lamaaf taasifame Libaanosiin hin dabalatu,” jechuun ibsa kenneera.
Waajjirichi itti dabaluun; “Iiraan Ulaa darbaa Hormuz hatattamaan kan bantuufi weerara Ameerikaa, Israa’eel akkasumas biyyoota naannichaa irratti raawwattu kan dhaabdu yoo ta’e; Israa’eel weerara Iiraan irratti raawwattu torbanneen lamaaf dhaabuuf” walii galuu ishee beeksiseera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1AH7JduBGn/

Aangoon Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa kan Bulchiinsa Yeroo #Tigraay waggaa tokkoof dheereteef
Waajjirri Muummee Ministiraa Abiy Ahimad, Eebila 09, 2026 irraa kaasee aangoo bara hojii Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa, Prezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayitti waggaa tokkoof dheeressuu beeksise.
Waajjirichi ibsa baaseen, murtiin kun “Heera Mootummaa FDRI Keewwata 62(9) fi Labsii Lak. 359/1987 Keewwata 14(2)(b)” akkasumas Dambii Lak. 479/2013 kan hundeeffame Bulchiinsa Yeroo Hunda-gareessa Naannoo Tigraay murteessu irratti hundaa’uun kan darbe ta’uu addeesseera. Murteen aangoo dheeressuu kun kan murtaa’e gabaasa raawwii hojii waggaa Leetanaa Jeneraal Taaddasaa dhiyeessan hordofuni.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/18aUKZ7DFd/

#Somaaliyaan yeroo jalqabaaf Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa keessatti teessoo argatte
Finfinnee, Eebla 08, 2026: Erga Manni Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa bara 2003 hundeeffamee as, seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf #Somaaliyaan mana maree kana keessatti teessoo argachuun ibsame.
Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa mana maree kana keessatti waggoota lamaaf akka tajaajilu kan filatame Gurraandhala 2018 (ALH) yoo ta'u; kunis biyyoonni Afrikaa gahee Somaaliyaan nageenyaa fi tasgabbii naannichaa ijaaruu keessatti bahuu dandeessu irratti amantaan isaan qaban guddachaa dhufuu isaa kan argisiisudha jedhameera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/18MUxY7Yxa/

Ismaa’el Omar Giillee bara aangoo bulchiinsa isaa ammas dheereffachuuf qophaayeera
Prezidaantiin Jibuutii yeroo dheeraaf biyyattii bulchaa jiran Ismaa’el Omar Giilleen, filannoo jimaata dhufu adeemsifamuun marsaa jahaffaaf injifachuun, biyya Gaafan Afrikaa bakka tarsiimawaatti argamtu kana aangoo bulchiinsaa ganna soddomatti dhiyaatuuf irratti horatan ammas dheerefachuuf jiru jedhamee eegama.
Jaarsi ganna 78, Pireezidaanti Omar Giillee, kan bara 1999 irraa kaasee biyyattii bulchaa jiran, Mohaammad Faaraah Samaataar waliin kan dorgoman yoo ta’u, kunis yeroo humnoonni mormitootaa tatatamsa’anii fi dadhabanii jiranitti dha. Xiinxaltoonni fi dhaabbileen mirga namoomaa filannichi dorgommii dhugaa kan hin qabne jechuun ibsaa jiran.
Jibuutiin, uummata miiliyoona tokkootti dhiyaatu kan qabdu yoo ta’u, karaa yabalaa addunyaa murteessaa ta’e hulaa Baab al-Mandaab irratti argamti.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/18HUqQfEBU/

Qoqqobbiin omishaalee abaaboofi kuduraa Itoophiyaa gabaa Kooriyaa Kibbaa akka hin seenne dhorku akka kaafamu Jilli Abbootii Taayitaa Qonnaa Itoophiyaa gaafate
Jilli abbootii taayitaa qonnaa Itoophiyaa qondaaltota Ejansii filmaata Beeyiladaa fi Biqiltoota Kooriyaa Kibbaa waliin marii taasisuun qoqqobbii omishaalee abaaboofi kuduraa Itoophiyaarra biyyattiin keessee jirtu akka kaaftu gaafate.
Dura-bu’aan jila Itoophiyaa Dr. Wondaalee Habtaamuu, qondaaltota biyyattiitti simannaa taasisaniif galateeffachuun, ergaa mootummaan Itoophiyaa dhorkaan omishalee abaaboo fi kuduraa irratti kaa’ame akka ka’uuf erge dhiyeessaniiru.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1GnJtSwNw9/

Paartiin Warraaqsa Ummata Itoophiyaa “yaaddoo haala filannoo irraa kan ka’e” Caamsa 08 hiriira mormii waame
Finfinnee, Eebla 08, 2026: Paartiin Warraaqsa Uummata Itoophiyaa, Itoophiyaa keessatti filannoo amanamaa gaggeessuuf “haalli mijataan” hin jiru jechuun, Caamsaa 08, 2026 hiriirri mormii nagaa guutuu biyyaatti akka taasifamu waamicha dhiyeesse.
Ibsa har’a Addis Standard-itti ergeen, paartichi hiriirri karoorfame kun magaalaalee gurguddoo kanneen akka Finfinnee, Maqalee, Baahir Daar, Gondar, Hawaasaa, Adaamaa fi Ambootti akka taasifamu beeksiseera. Lammiileen Itoophiyaas jijjiirrama siyaasaa gaafachuuf carraaqqii nagaa kanatti akka dabalaman gaafateera.
Paartichi aangoo karaa filannootiin dabarsuu akka deeggaru ibsee, garuu haalli yeroo ammaa jiru filannoo “bilisa, haqaaqaa fi amanamaa” ta’eef kan hin hayyamne ta’uu dubbate. Paartii Badhaadhinaa “filannoo fakkeessii” aangoo irra turuuf gargaaru gaggeessuuf yaalaa jira jechuun kan qeeqe Paartiin Warraaqsa Ummata Itoophiyaa, adeemsi kun “tapha gowwoomsaa irra kan darbe miti” jedheera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8450

Addis Standard
Paartiin Warraaqsa Ummata Itoophiyaa "yaaddoo haala filannoo irraa kan ka’e" Caamsa 08 hiriira mormii waame - Addis Standard
Finfinnee, Eebla 08, 2026: Paartiin Warraaqsa Uummata Itoophiyaa, Itoophiyaa keessatti filannoo amanamaa gaggeessuuf “haalli mijataan” hin jiru jechuun, Caamsaa 08, 2026 hiriirri mormii nagaa guutuu biyyaatti akka taasifamu waamicha dhiyeesse. Ibsa har’a…
Filannoo2026 – Tigraay imala qaxxaamurarra: Waraana, Qooddamiinsa, abdiifi ammas haala filannoo hirmaannaa malee
Addis Standard maxxansa Gabaasa Addaa isaa isa dhumaa kan sochii filannoo naannolee gurguddoo Itoophiyaa sadan irratti xiyyeeffatu wayita goolabu, xiyyeeffannoo saa gara naannoo Tigraayitti deebisuuni. Tigraay sababa walitti bu’iinsa hamaan federeeshinii Itoophiyaa irraa naannoo haala adda qoodamee jiru keessa yoo ta’u, kunis hanga har’aatti falmii siyaasaa filannoo guutuu biyyaa 2026 dura jiru kan haala isaas bocaa jirudha. Giddu-gala falmii kanaa kan ta’ee jiru gaaffii qindoominni siyaasa federaalaa yeroo ammaa deebii gahaa itti hin kenniniidha: innis Tigraay filannoo keessatti hirmaachuu ni dandeessii? Yoo dandeessis haala akkamiitiin?
Haalli siyaasa Tigraay ammas dhibbaa Adda Bilisabaasaa Ummata Tigraayiin (ABUT) jala jira. ABUT paartii yeroo tokko Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Uummatoota Itoophiyaa (ADWUI) dursuun siyaasa naannoofi federaalaa keessatti dhibbaa olaanaa qabaachaa tureedha. Haa ta’u malee, filannoo biyyaalessaa bara 2021 irratti paartichi hirmaachuu dhabuun isaa, waraanaan booda siyaasni naannichaa qoqqoodamuun, falmii bu’uura seeraa paartichaa irra jiruu, fi miidhaa waraana bara 2020–2022 mudatee ture —kan yakki sarbiinsa namoomaa, duguuggaa sanyii fi yakka waraanaa keessatti mullate olaantummaa paartichaafi hariiroo Tigraay mootummaa federaalaa waliin qabdu garmalee jijjiireera.
Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa fudhatama qabu Tigraay malee gaggeessuu ni dandeessii? Hirmaannaan ykn dhiibamuun naannichaa araara siyaasaa waraanaan boodaatiif hiika akkamii qabaata?
Xiinxala guutuufi gadi fagoo Addis Standard qindeesse kana dubbisuun wanta fuuldura naannichaafi biyyattii eeggatu hubadhaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8453

Filannoo2026 - Tigraay imala qaxxaamurarra: Waraana, Qooddamiinsa, abdiifi ammas haala filannoo hirmaannaa malee - Addis Standard
Finfinnee, Eebla 08, 2026: Yeroo Itoophiyaan filannoo waliigalaa torbaffaa Waxabajjii 2026tti adeemsifamuuf qophaa’aa jirtutti, Naannoon Tigraay haala filannoo biyyattii keessatti baay’ee walxaxaa fi abdii hin qabne keessatti argama. Naannoon Tigraay seenaa…
#Isiraa’eel #Libaanoos irratti haleellaa bantee namoota 254 ajjeestee, 1,165 madeessite; Iraan ammoo darba boba’aa Ulaa Hormuuz deebistee cufuu beeksifte
Finfinnee, Eebla 08, 2026: Iiraan erga Isiraa’eel haleellaa waraanaa Libaanoos irratti raawwattu cimsiteen booda, sochii dooniwwan boba’aa Ulaa Hormuuz irra yabalan cufuu ishee miidiyaaleen biyyattii gabaasaa jiran; kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaa dhiheenya kana labsame irratti dhibbaa guddaa uumeera.
Dhaabbanni Oduu Faarsis akka gabaasetti, Teehiraan sochii yabala doonii boba’aa murteessaa ta’e kanaa kan dhaabde, Isiraa’eel erga waraanni kun jalqabamee as haleellaa ishee isa guddaa Libaanoos irratti raawwachuu ishee hordofeeti.
Gara garummaan kun kan ittuu caale erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraan duuka waliigalamee boodadha.
Odeessa guutuuf cuqaasaa
https://www.facebook.com/share/p/1BAnWLHdw4/

Sudaanitti humni ibsaa gargar cituu hordofee namootni daandii gara Masrii geessu cufan
Roobii kaleessaa magaalaa Abrii keessatti jiraattonni mormiif bahan tajaajilli humna ibsaa yeroo baay’eef adda cituu mormuun, daandii guddaa Sudaaniifi Masrii walqunnamsiisu cufaniiru.
Namootni hiriira bahan kunneen gommaa makiinaa gubuun daandii murteessaa Dongolaa fi Waadii Halfaa wal qunnamsiisu cufuun, daldalaafi sochii imalaa biyyoota lamaan gidduu jiru danqaniiru.
Miseensi garee tuuta gargaarsaa hatattamaa Waadii Halfaa, nageenya isaaniitiif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan akka jedhanitti, jiraattonni magaalaa Abrii sagantaa fayyadama tajaajila humna iibsaa dhiheenya kana baheen humni addaan cituu isaa mormaa jiru.
Odessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1GSpnCcL8i/

Abbaan Seeraa Yuunaayitid Isteetis itti-fufiinsa dahannoo seeraa Itoophiyaanotaaf kennamu akka hin dhaabamne dhorke
Finfinnee, Eebla 09, 2026: Abbaan seeraa federaalaa Yunaayitid Isteetis, yaalii bulchiinsi Donaald Tiraamp mirga jiraachuuf dahannoo seeraa yeroo argachuu (Temporary Protected Status – TPS) Itoophiyaanota 5,000 oliif kenname dhaabuuf taasise dhaabsisuu isaa gabaasni Rooyitarsi ibse.
Murtii Roobii Ebla 08, magaalaa Boostanitti kennameen, Abbaan Seeraa Biriyaan Marfii, Ministeerri Dhimma Nageenya Biyya Keessaa (DHS) Itoophiyaanotaaf eegumsa dahannoo seeraa mirga yeroof jiraachuu eyyamu kana akka hin dhaabne dhorkeera; kunis carraaqqii bulchiinsi Tiraampi dahannoo seeraa akkasii dhaabuuf taasisutti gufuu ta’eera jedhame.
Dhannoon Seeraa yeroof dhalattoonni Itoophiyaa kun akka mirga jireenyaa qabaatan taasisu kun seera Yuunaayitid Isteetis alatti lammiilee biyyoota waraana, balaa uumamaa, yookiin haalawwan idilee hin taane biroo keessa jiranifi kan kennamu yoo ta’u, kunis namoonni ulaagaa kana guutan biyyattiidhaa akka hin ari’amne, sodaa malee akka jiraataniifi hojjetan kan dandeessisudha.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8458

Abbaan Seeraa Yuunaayitid Isteetis itti-fufiinsa dahannoo seeraa Itoophiyaanotaaf kennamu akka hin dhaabamne dhorke - Addis Standard
Finfinnee, Eebla 09, 2026: Abbaan seeraa federaalaa Yunaayitid Isteetis, yaalii bulchiinsi Donaald Tiraamp mirga jiraachuuf dahannoo seeraa yeroo argachuu (Temporary Protected Status – TPS) Itoophiyaanota 5,000 oliif kenname dhaabuuf taasise dhaabsisuu isaa…
Baankiin Addunyaa sababa waraana bahaa giddugaleessaatiin tilmaama guddina biyyoota Afrikaa Bahaa Saharaa gadii, gad buuse: Itoophiyaan qaalawiinsaafi hanqina sharafa maallaqaaf saaxilamuu dandeessis jedhe
Finfinnee, Eebla 09, 2026: Baankiin Addunyaa tilmaama guddina diinagdee Afrikaa bahaa kan biyyoota Saharaa gadii gadi bu’a jechuun raaga isaa ifoomse. Kunis sababa waraana Ameerikaafi Iraan gidduutti deemaa jiruun dhiibbaan dinagdee mudatu abdii guddinaa irratti dhiibbaa uumaa akka jiru kan akeekkachiise yoo ta’u, kunis biyyoota akka Itoophiyaa kan dabalatudha jedhe.
Gabaasa Rooyitarsi Roobii kaleessaa dhiyaate irratti, baankichi guddina naannichaa bara 2026tti dhibbeentaa 4.1 ni ta’a jedhee tilmaameera. Kunis tilmaama dhibbeentaa 4.4 kanaan dura Onkololeessa keessa kennamee ture irraa gadi bu’aadha.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=8461

Baankiin Addunyaa sababa waraana bahaa giddugaleessaatiin tilmaama guddina biyyoota Afrikaa Bahaa Saharaa gadii, gad buuse: Itoophiyaan…
Finfinnee, Eebla 09, 2026: Baankiin Addunyaa tilmaama guddina diinagdee Afrikaa bahaa kan biyyoota Saharaa gadii gadi bu’a jechuun raaga isaa ifoomse. Kunis sababa waraana Ameerikaafi Iraan gidduutti deemaa jiruun dhiibbaan dinagdee mudatu abdii guddinaa…
Kaadhimamaan Itoophiyaa Koree Mirga Namumoomaa Gamtaa Mootummootaaf filaman
Finfinnee, Eebla 09, 2026: Niwuyorktti yaa’ii Mana Maree Dinagdee fi Hawwaasummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Filannoo Sagalee kennameen, kaadhimamaan Itoophiyaa, Abdi Jibril Ali, Koree Mirga Dinagdee, Hawwaasummaa fi Aadaa keessatti filataman.
Obbo Abdiin miseensota mana marichaa 54 keessaa sagalee 49 argachuun, kaadhimamtoota jaha teessoo lameen Afriikaaf kennamee dorgoman keessaa tokko ta’uun injifatan.
Koreen kun ogeeyyii walaba ta’an 18 irraa kan of keessatti qabu yoo ta’u, hojiin isaanii immaammata Idil-addunyaa Mirga Dinagdee, Hawwaasummaa fi Aadaa biyyoota miseensa ta’aniin hojiirra ooluu isaa hordofuudha.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/1DaMtG5skx/

Ministiroonni dhimma alaa Sa’ud Arabiyaafi Iraan tasgabbii naannichaa deebisuu ilaalchisee marii bilbilaa taasisan
Finfinnee, Eebla 09, 2026: Ergii haleelalan Yuunaayitid Isteetisifi Israa’el kan Iraan irratti xiyyeeffate torban shan dura jalqabamee as, ministiroonni dhimma alaa Saa’ud Arabiyaafi Iraan yeroo jalqabaaf bilbilaan waliin mariyatan jedhame; marichi waa’ee carraaqqii walitti bu’iinsa naannichaa hir’isuufi tasgabbii buusuu irratti xiyyeeffate.
Akka ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaa baasetti, Ministirri Dhimma Alaa Sa’udii Feesal biin Farhaan Al Sa’ud gita isaanii kan Iraan Abbaas Araaqchii waliin bilbilaan dubbataniiru.
"Dhimmoota yeroo dhihoo uumaman irratti mari’achuun, tasgabbii naannichaa deebisuuf karaalee walitti bu’iinsa itti hir’isan irratti mari’ataniiru," jechuun ministeerichi beeksiseera.
Odeessa guutuuf dubbisaa
https://www.facebook.com/share/p/18drVxs5nA/