Addis Standard Afaan Oromoo
27.9K subscribers
5.57K photos
97 videos
2 files
4.62K links
Download Telegram
Oduu: Naannolee biyyattii tokko tokkotti hanqinni boba’aa mudate; Tigraayitti barattoota qormaataaf geejjibsiisuuf danqaa ta’uu ibsameera

Naannolee #Oromiyaa, #Amaaraa fi #Tigraay dabalatee kutaalee biyyattii tokko tokkotti “sababa hanqinni Naafxaa mudateen” rakkoof saaxilamuu konkolaachiftoonni Addis Standarditti himan. Naannoo Tigraay keessa sababa hanqina boba’aan barattoota gara wiirtuuwwan qormaataa geejjibsiisuuf rakkoo ta’uu Biiroon Barnootaa Naannichaa beeksiseera.

Konkolaachisaan naannoo Oromiyaa magaalaa #Adaamaa jiraatu Jibriil Ahmad yaada Addis Standard’tti laateen, magaalattii keessatti "benzilli hin jiru jechuun ni danda'ama" jedhe. "Naafxaafis tarree dheeraaatu jira," kan jedhe obbo Jibriil, magaalattiiti hanqinni boba'aa erga mudatee waggaa tokkotti dhiyaachaa akka jiru eereera.

Konkolaachisaan naannoo Amaaraa magaalaa #Baahirdaar keessa jiraatu kan biraan gama isaatiin, sababa hanqina Naafxaa magaalattii keessatti mudateen hojiin guyyaa guyyaa isaanii miidhamaa jiraachuu ibse. "Ganamarraa kaasee Naafxaa guuttachuuf tarree dheeraa eegaa jira. Hanga ammaatti tarreen xiqqoollee hin hir'anne."

Haaluma walqabatuun Biiroon Barnoota Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay barattoota qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 ALI fudhatan gara wiirtuuwwan qormaataatti geejjibsiisuuf hanqinni boba’aa akka isa mudate ibseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6455
Oduu: Oomishni warqee #Gaambeellaa kan baranaa dachaa saddeet ol dabaluu ibsame

Naannoo Gaambeellaatti oomishni albuuda warqee kan bara baajataa 2017 kiiloo giraama kuma shan ol gahuu Biiroo Misooma Qabeenya Albuudaa Gaambeellaa beeksise.

Kunis oomisha kiiloo giraama 650 bara 2016 ALI argame irraa dachaa saddeetii ol dabaluu ibsameera.

Naannichi bara kana ji’oota 12 jalqabaa keessatti warqee kiiloo giraama kuma 5 fi 295 ol Baankii Biyyaalessaatti galchuu isaa itti gaafatamaan biiroo qabeenya albuudaa naannichaa obbo Ujuluu Giiloo Ujuluu himaniiru.

Bara baajataa 2016tti hammi warqee naannichatti oomishame kiiloo 650 ta’uu ibsuun; haaluma kanaan oomisha warqee kan bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa saddeet dabaluu agarsiisa.

Haaromsi dinagdee maakroo sadarkaa biyyaatti hojiirra ooleen naannichatti oomisha warqee guddina guddaa akka argamsiise ibsaniiru.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0nA1TX6jMAy72ieVkezy7YXH5TwJ6f9jm5TVuCK1huFYjPE9mudZjENqHySx9T2yml/?app=fbl
Oduu: Gondar Lixaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin yoo xiqqaate konkolaachiftoonni 16 ajjeefaman

Naannoo Amaaraa godina Gondar Lixaatti haleellaa hidhattoonni raawwatan jedhameen yoo xiqqaate konkolaachiftoonni xaa’oo fe'anii imalaa turan 16 yoo ajjeefaman, kanneen lakkoofsi isaanii hin beekamne butamuu bulchiinsi naannichaa fi waldaan konkolaachiftootaa beeksisan.

Haleellaan kun kan raawwatame aanaa Matammaa iddoo addaa Maqaa jedhamutti Wiixata Waxabajjii 16, 2017 ALI naannoo sa'aatii 11:30 yoo ta'u, bulchiinsi naannawa sanii haleellaa kanaaf "hidhattoota Qimaant" gaafatamaa godheera.

Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa harki caalaan isaanii konkolaachiftoota konkolaataa fe'umsaa eegumsa humnoota nageenyaatiin xaa’oo Jibuutii irraa geejjibaa turan ta’uu BBCn gabaaseera.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0H7zL7CMhZ1J8Xdcz1mMoRetzkG4srDHK8k7h52Ng9Da45XYuUWFwZaBsyuMufnfzl
Badhaasni #Haacaaluu_Hundeessaa 4ffaa adeemsifamaa jira

Badhaasa Haacaaluu Hundeessa marsaa 4ffaa fi yaadannoo wareegama isaa waggaa shanaffaa har'a Waxabajjii 29, 2025 Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti adeemsifamaa jira.

Badhaasni kun Artistii gameessa waggoota shan dura ajjeefame yaadachuu fi maqaa isaatiin artistoota hojii isaaniin cimina olaanaa agarsiisaniif beekamtii laachuuf waggaa waggaadhaan qophaa'a.

Sagantaa kanarratti maatii artiistichaa, artistoota badhaasaaf kaadhimamanii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Barana gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabamuu faawundeeshiniin maqaa isaatiin hundeeffame beeksisee ture.

Hojiileen kunneen ogeeyyii fi abbootii murtee kan calalaman ta’uu fi sagaleen uummataas ilaalcha keessa akka galu ta'a.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0HpWLZd1BpQduvqvpr8XcKp9xWExA4s9vUMGEKjyZBPGjVjwiNz2HfnQioDvskJWel/?app=fbl
Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa eegalame, #Oromiyaatti barattoonni kuma 200 ol qormaaticha fudhatu

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa giddugaloota qormaataa hundatti eegaluu Tajaajillli Barnootaafi Madaallii Qormaataa hubachiise.

Daayrektarri Olaanaan tajaajilichaa Dooktar Isheetuu Kabbadaan, qormaatichi guyyaa har’aa karaa oonlaayiniifi waraqaan kennamuu eegaluu Faanaa Diijitaaliiti himaniiru.

Qormaaticha waliigalaan barattoonni kumni 600 fi kumni 8 fi 588 kan fudhatan ta’uus eeraniiru. Qormaatichi marsaa afuriin kan kennamu yoo ta’u, barattoonni kumni 100 fi kumni 40 oonlaayiniin akka qoraman ibsaniiru.

Gama biraatiin Oromiyaa keessatti barattoonni kuma 200 ol qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa akka fudhataniifi isaan keessaa kuma 50 kan ta’an toora interneetiirtiin akka fudhatan Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksiseera.

https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0qosrTyqRj7Xsuzm5J3nJSeBoYzkxTcg12phacgsF4ZEhJHa7BPkVUsiWHVPd7Pgkl
#Itoophiyaan karoora al-ergii gaazii uumamaa #Ogaadeen haqxe;Bakka isaa Ministeerri Albuudaa pirojektii haaraa gaazii uumamaa fayyadama biyya keessaaf oolu qorachaa jira

Mootummaan Itoophiyaa karoora gaazii uumamaa Ogaadeen irraa ujummoon karaa #Jibuutiitiin erguuf qabdu, hanqina maallaqaa fi harkifannaa hojiirra oolmaa sababeeffachuun ifatti haqxe;Bakka isaa Ministeerri Albuudaa pirojektii haaraa gaazii uumamaa fayyadama biyya keessaaf keessumaa oomisha xaa’oo fi humna ibsaa maddisiisuuf oolu qorachaa jiraachu ibse.

Gabaasaa‘Ethiopia Energry Outlook 2025’ Addis Standard arge irratti kan mirkanaa’e haqamuun kun Pirojektichi haqamuuf sababni guddaan rakkoo maallaqaa akka ta’e kan gabaafame yoo ta’u, kunis dandeettii Itoophiyaan al-ergii gaazii uumamaa irraa galii argachuu qabdu akka hir’ise gabaafameera.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid038KKc3YhRJwdTMvdy183kgf8oTXLYabjfWhwPMpTtxDsW4rE3q8W8yg3FGRjkKmZYl
Oduu: #UN ajjeechaa hojjettuu gargaarsa namoomaa naannoo #Amaaraa keessa raawwatame balaaleeffate

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ajjeechaa hojjettuu gargaarsa namoomaa Maahileet Sixootaaw Abarraa jedhamtu irratti Waxabajjii 20, 2025 raawwatame balaaleeffateera.

Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) ibsa Waxabajjii 26 baaseen, hojjettuun kun naannoo Amaaraa godina #Walloo_Kaabaa aanaa Angoot keessa “walitti dhukaasa humnoota mootummaa fi hidhattoota gidduu tureen” ajjeefamuu ibseera.

Akka dhaabbatichi jedhutti, ajjeechaan Maahileet ajjeechaa hojjetaa gargaarsa namoomaa bara 2025 gabaafame isa jalqabaati. Dhaabbatichi itti dabaluun “bara 2024 guutuu #Itoophiyaa keessatti hojjettoota gargaarsaa 10 ajjeefaman keessaa saddeet Naannoo Amaaraa keessa akka ajjeefaman” hubachiiseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6459
Oduu: Paartiin Dimookiraatawaa #Booroo miseensonni isaa lama hidhamuu ibse; Mootummaan naannichaa ‘namni sababa siyaasaatiin hidhame hin jiru’ jedheera

Paartiin naannoo #Beenishaangul_Gumuz keessa socho’u Paartii Dimokiraatawaa Booroo miseensonni isaa lama – miseensi koree giddugaleessaa obbo Irgaataa Warquu fi miseensi kan biraa Taammiraat Gudeessoo jedhaman - to'annoo jala ooluu qondaalli paartichaa tokko Addis Standard’tti himan.

Miseensonni paartichaa kunneen Waxabajjii 23 fi 24, 2025tti to'annoo jala kan oolan yoo ta'u, akkasumas miseensa paartichaa kan biraa obbo Geetaachoo Daamxee jedhaman irratti ajajni hidhaa bahee akka jiru ibsan.

Dhimmicha kana ilaalchisee Addis Standard’tti yaada kan laatan Hogganaan Biiroo Ijaarsa Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Biiniyaam Mangashaa, “hanga ammaatti hogganaa paartii morkataa naannicha keessatti sababa siyaasaan hidhame hin jiru” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6463
Dhukkubsattoonni onnee kuma 7fi dhibba 5 ta'an tarree eeggachaa jiraachuu ibse

Giddugalli Onnee Daa'immanii Itoophiyaa dhukkubsattoonni onnee kuma 7fi dhibba 5 ta'an tarree eeggachaa jiraachuu beeksise.

Daarektarri fayyaa giddugalichaa Doktar Eli’eezar Haayilee DHPI’tti akka himanitti, Giddugala Onnee Daa'immanii Itoophiyaatti dhukkubsattoonni onnee kuma 7 fi 500 hiriiranii yaalaa eeggachaa jiru jedhan.

Namoota tarree eeggatan keessaa dhukkubsattoonni onnee kuma 2 ol daa’imman dhukkuba onnee erga dhalatanii kaasee muudatu kan qaban ta’uu agarsiisaniiru.

Qabeenyi giddugalichaaf arjoomamu dhukkubsattoota onnee gargaaruu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsuun qabeenyi giddugalichaaf barbaachisu guutumaan guututti biyya alaatii kan galfamu ta’uu hubachiisaniiru.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0nzPbqpduoHgY7KTXV2Da6Q6R6DWouryVhoadJwiacLWXtECnR5YEnERiMXTEQgnkl
Oduu: #Amnastiin qindeessaan sochii ogeeyyii fayyaa Dr. Daani’eel Fantaaneh ‘hatattamaan fi haal-duree tokko malee’ akka gadhiifamu gaafate

Amnastii Intarnaashinaal qindeessitoota sochii ogeeyyii fayyaa keessaa tokkoo fi Yuunivarsiitii Baahirdaaritti barataa ispeeshaalitii ulfaa fi gadameessaa kan ta’e Dr. Daani’eel Fantaaneh ‘hatattamaan fi haal-duree tokko malee’ akka gadhiifamu gaafate. Hidhaa ogeessa kanaa qaama “tarkaanfii ukkaamsaa” itti fufee jiru ta’uu ibseera.

Dhaabbatichi ibsa Waxabajjii 30 baaseen, hidhaa Dr. Daani’eel magaalaa Baahirdaaritti raawwatameen “baay’ee yaadda’uu” ibseera. Hidhamuun ogeessa kanaa “aangawoonni #Itoophiyaa yeroo baay’ee jaqeeltoowwan seeraa cabsuu fi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi karaa nagaan walga’uu sarbuu isaaniif fakkeenya” jedheera.

Fuula miidiyaa hawaasaa isaa “Dr. Debol” jedhamuun bal’inaan kan beekamu Dr. Daani’eel, Roobii darbe waaree booda naannoo sa’aatii 7:30tti to’annoo jala oole. Waxabajjii 27 Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Bahirdaaritti kan dhiyaate yoo ta’u, poolisiin hojjettoota fayyaa hojii dhaabanii turan “kakaasuu, sochoosuu fi qindeessuun” isa himateera. Sababa kanaanis “lubbuun namaa darbuu” poolisiin ibseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6469
Naannoleen maqaa ‘dargaggootaaf carraa hojii uumu’ jedhuun keellaa seeraan alaa akka hundeessan qorannoon Komishinii Gumurukaa mirkaneesse

Komishiniin Gumurukaa gabaasa raawwii hojii ji’oota 11 Ministeera Galiiwwanii waliin ta’uu Koree Dhaabbii Karoora, Baajata fi Faayinaansii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif dhiyeesse irratti maqaa dargaggootaaf carraa hojii uumuu jedhuun naannoleen buufata sakatta’iinsa (keellaa) seeraan alaa akka hundeessan qorannoon mirkaneessuu ibse.

Komishinnara Itti aanaa Komishinichaa Obbo Azzazaw Caannee akka jedhanitti, Komishiniin Gumuruukaa hoggansa Muummicha Ministiraa jalatti Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa fi Ministeera Geejjibaafi Loojistikii waliin ta’uun qorannoo baatii Ebla keessa xumurameen, biyyattii keessa keellaan seeraan alaa 237 jiraachuu mirkaneessuu himan.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02j1JQMkidwFe8bLiFqSDTzw4c5dT4iV6pf6ucjvqmhcsLpCABjbgaVSbWR9RDcEPnl
Siidaan yaadannoo Artistii Hacaaluu Hundeessaa #Ambootti ijaarame eebbifame

Bulchiinsa magaalaa Ambootti siidaan Artist Hacaaluu Hundeessaa yaadannoo isaatiif ijaarame bakka Itti Aanaan Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, kantiibaa magaalaa Amboo Obbo Acaaluu Gammachuu, haadha warraa artistichaa Aadde Faantuu Damissoo fi keessummootni kabajaa argamanitti eebbiffameera.

Sirna eebba kanarratti kantiibaan magaalichaa Obbo Acaaluu Gammachuu haasawa taasisaniin Amboo gidduugala Goota turte, giddugala aadaafi tuurizimii taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun, “eebbi projeektii guyyaa har'aa kan adda godhu siidaan gootaafi falmataa dhala namaa kan ture artistii Hacaaluu Hundeessaa yaadannoo waggaa 5ffaa isaatti eebbifamuu isaati” jedhan.

Itti dabaluunis, giddugalli fi siidaan kun dhaloonni goota kana akka yaadatanii fi akka irraa barataniif ta'uus kaasaniiru.

https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid029qg55CTTUQoN4dPKHgGmhimg5pWkqsvM5tSL5kjqWxAR85mnALc9WYo8X7xRYdEdl