Addis Standard Afaan Oromoo
27.9K subscribers
5.56K photos
97 videos
2 files
4.62K links
Download Telegram
Oduu: Sochii Ogeeyyii Fayyaa #Itoophiyaa keessatti hogganaafi qindeessaa olaanaa kan ta’e Dr. Daani'eel Fantaaneh #Baahirdaaritti hidhame

Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa keessatti hogganaafi qindeessaa olaanaa, akkasumas Yunivarsiitii Baahirdaaritti rezidantii yaala dubartootaa fi hordoffii da'umsaa kan ta’e Doktar Daani'eel Fantaaneh Roobii Waxabajjii 25, 2025 naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaaritti to’annoo jala ooluu maddeen Addis Standard'tti himan.

Feesbuukii irratti fuula Dr. Debol ykn ‘Team Debol’ jedhamu fayyadamuun duula kana qindeessaa kan ture Dr. Daani'eel Roobii waaree booda naannoo sa'aatii 7:30tti magaalaa Baahirdaaritti humnoota nageenyaatiin to'annoo jala kan oole yoo ta'u, yeroo ammaa kanas magaalaa Baahirdaar Waajjira Poolisii 13ffaa keessatti hidhamee akka argamu himameera.

Gama biraatiin Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa turban lama dura eeyyamni isaa ugguramuu hordofee Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) ibsa baaseen, mootummaan Itoophiyaa uggura waldaalee ogeeyyii fayyaa ijoo irratti kaa’e hatattamaan akka kaasu fi “gaaffii ogeeyyii fayyaa hin xumuramne akka furu” hubachiiseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6439
Mormii #Keeniyaa irratti namoonni 16 ajjeefaman, namoonni dhibbaan lakkaa’aman madaa'aniiru

Keeniyaatti lammiilee kumaatamaan lakkaawwaman daandiitti bahuun mootummaa biyyattii Wiliyaam Ruutoon durfamu irratti hiriira mormii gaggeessan irratti yoo xiqqaate namoonni 16 ajjeeffamuu Amnastii Intarnaashinaal fi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa beeksisan.

Mormii Roobii kaleessaa gaggeeffameen mormitoota, poolisii fi gaazexeessitoota dabalatee namoonni 400 biroo madaa’uu Aljaziiraan gabaaseera.

Poolisiin Keeniyaa mormitoota waliin kan walitti bu'e, wayita waggaa tokkoffaa hiriira mormii mootummaa bara 2024 lubbuu namaa galaafate yaadachuuf hiriirri nagaa taasifamaa turetti.

Namoonni hiriira bahan hedduun dhaadannoo "Ruutoo aangoorraa bu'uu qaba" jedhu dhageessisuun, mallattoo mormii karaa nagaa bulchiinsa isaa agarsiisuufis baalaa mukaa qabatanii bahan.

https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid031SGN6phRrGgttDeCCMWDqDnA5Ni2qTq4w9sfpAsJfn3cMdxiS2La3mqsPKdbthiCl
Baankiin Biyyoolessaa har'a irraa eegalee damee baankii biyyattii invastaroota fi baankoota biyya alaatiif banamuu beeksise

Baankiin Biyyaalessaa #Itoophiyaa baankonni biyya alaa fi invastaroota damee baankii Itoophiyaa irratti bobba’uu barbaadan har’a Waxabajjii 19, 2017 irraa eegalee qaamaan baankii kanatti dhiyaachuun iyyachuu akka danda’an beeksiseera.

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa Qajeelfamni hayyama kana hojiirra oolchu mata duree "Ulaagaalee Hayyama Baankii fi Haaromsaa" jedhuun kaleessa Waxabajjii 18, 2017 kan beeksise yoo ta’u ji'oota darban Marii namoota damee kana irratti bobba’aani fi qooda fudhattoota damichaa waliin gaggeeffame irraa galteewwan argaman hammatamuu isaanii agarsiiseera.

Qajeelfamni haaraan kun bu’uura seeraa Labsii Bizinesii Baankii dhiheenya kana mirkanaa’een diriire irratti hundaa’uun haala bal’aa ta’een kan qophaa’e ta’uu ibsameera.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02eVdYYkY2XS5bwzgQZtPmuwtDtXu6HcpHJyehNyiK3G7zo8bHphnm8tqU5LQAq6pMl
Oduu: Sagantaan Nyaata Addunyaa waajjira isaa Naannoo #Tigraay magaalaa #Shiree argamu cufuufi

Sagantaan Nyaata Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (#WFP) dhuma ji’a Waxabajjiitti waajjirasaa Kaaba Lixa Tigraay magaalaa Shiree, magaalaa lakkoofsa buqqaatota olaanaa keessummeessitu, keessa qabu cufuuf akka jiru hojjettoonni dhaabbatichaa Addis Standard’tti ibsan.

Kanaafis hanqina baajataa fi adeemsi hojii irra deebiin gurmaa’uu akka sababaatti eerameera.

Hogganaan Waajjira Sagantaa Nyaata Addunyaa Damee Naannoo Tigraay Leevaan Chaachuwaa turtii Addis Standard waliin taasisaniin, “waajjirri Shiree keessa jiru cufaa jirra. Garuu hojii keenya kan godina Kaaba Lixaa Tigraay jiru Maqalee irraa qindeessuu itti fufna” jedhan.

Dubbi himtuun WFP Itoophiyaa Kileer Neeviil gama isaaniin, murteen kun qaama ce’umsa “waliigaltee mootummaa Itoophiyaa fi arjoomtoota waliin ta’uun dhuma bara 2024tti eegalame” ta’uu himaniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6442
Oduu: Bahaa Itoophiyaatti roobni cimaa miidhaa hamaa geessisuu malu akka eegamu ogeessi akeekkachiise

Kutaalee Bahaa #Itoophiyaa keessa ji’oota ganna dhufan keessatti roobni cimaa miidhaa hamaa geessisuu malu ni jiraata jedhamee akka eegamu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Biyyaalessaa beeksise.

Waggoota darban keessatti #Dirree_Dhawaa fi naannolee lolaadhaaf saaxilaman birootti balaa lolaa gaaga'ama guddaa geessisu uumamuu akka danda’u inistiitiyuutichi eereera. Tarkaanfiiwwan of eeggannoo barbaachisoo ta’an akka fudhatamanis dhaameera.

Inistitiiyuutichatti Itti gaafatamaan Deeskii Raaga Meetirooloojii fi Akeekkachiisa Duraa Inistiitiyuutichaa Naannoo Somaalee fi naannolee ollaa kan ta'an Ashannaafii Mulunah yaada laataniin, “ganni bara kanaa kan bara 1998 fi 2010 ALI rooba cimaa fi lolaa hamaan galmaa’e waliin walfakkaata jedhamee eegama,” jedhan.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid02UoXWgrZ83YFQAFhq2vj3caasEHDy7vN9cFrF6io4kKUjkce6ZK5wLXYnvD35oNvrl/?app=fbl
#Finfinneetti namoota dhuunfaa fi dhaabbilee dambii cabsan irratti tarkaanfii fudhatameen birriin miiliyoona 390 ol sassaaabame

Magaalaa Finfinneetti bara baajata 2017 ALI keessatti namoota dhuunfaa fi dhaabbilee dambii cabsan irraa birriin miiliyoona 397.6 bifa adabbiidhaan sassaabamuu Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee raawwii karoora baajata bara 2017 irratti waltajjii gamaaggamaafi marii gaggeessee jira.

Waltajjii kanarratti argamuun ibsa kan laatan Hogganaan Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Kurnaalaa Zarihuun Tafarraa, abbaan taayitichaa bara baajataa kanatti “ergamasaa milkaa’inaan bahachuu” dubbataniiru.

Barana cabiinsi seeraa dambii cabsitootaan raawwatamu bara darbe yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu %69.8 hir’achuus ibsaniiru.

https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid025sto3Nf39QCY59AR3wtGmKrUuBkebKyiynFMCofasC8Grj4ALdRQaibJge87qMVMl
Oduu: Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo #Tigraay dhimma “lafa naannichaa deebisiisu” fi buqqaatota irratti MM Abiy waliin mari’achuuf akka yaada ibsan

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Lt. Jeneraal Taaddasaa Warrada dhimmoota buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an taasisuu fi lafa Tigraay “humnoota weerartootaan qabaman” jedhan bilisa baasuu irratti dursa kennuun Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin akka mari’atan beeksisan.

Letenaal Jeneraal Taaddasaan, “rakkoolee irra deddeebiin naannicha mudatan waaraadhaan furuuf mootummaa federaalaa waliin marii siyaasaa akka taasifamu waamicha goona” jedhan.

“Sababni waraanatti nu seensisu hin jiru” kan jedhan pireezidaantichi, “namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara qe’eetti akka deebi’anii fi daangaa naannichaa eeguuf mootummaa federaalaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu barbaachisaadha” jechuu dubbatan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6447
Gadaan #Michillee walharkaa fuudhinsa Baallii gara Gadaa #Birmajii taasisuuf jilarra jira

Godina #Shawaa_Lixaa Aanaa Noonnootti sagantaan walharkaa fuudhinsa Baallii Michillee irraa gara Birmajiitti dabarsuuf miseensonni #Gadaa Galma Giddu Gala Aadaa Oromoo Jahaan Noonnootti jilarra jira.

Jilli kunis guyyaa shaniif walitti fufinsaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, kaleessa guyyaa sadaffaa isaatti miseensonni Gadaa korma dagaagaa qaluun seerota garaa garaa raawwataniiru.

Jila gaggeeffamaa jiruun Birmajiin Gadaa kan ofkalu yommuu ta'u horanni jifuu kan dhaabbatu ta'ee Birmajiin abbaa baraa irra kan ture amma waggoottan saddeettan dhufuutti Abbaa Gadaa ta'ee itti fufa jedhamee eegama.

Suuraa: Kominikeeshinii Aanaa Noonnoo
Oduu: #Eertiraan mootummaan #Itoophiyaa “walitti bu'iinsa kakaasuu fi sababaan haguuguuf” dhiibbaa dippilomaasii gochaa jira jechuun himatte

Motummaan Itoophiyaa xalayaa dippilomaasii Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi “gaggeessitoota biyyoota hedduudhaaf” ergeen Eertiraan “Itoophiyaa irratti irra deddeebiin gocha dubbii barbaacha fi sarbama birmadummaa fi daangaa” akka raawwatte himateera jechuun Eertiraan komatte.

Gochi Itoophiyaa kunis “walitti bu'iinsa kakaasuu fi sababaan haguuguuf” kan yaadame ta’uu kan himte Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa, mootummaan Itoophiyaa guyyoota darban keessa “duula dippilomaasii isaa daran cimseera” jedhe. Duulli kunis toftaa ifa ta’e “ajandaa waraanaa itti karoorfateef deeggarsa argachuuf” godhame jechuun ibseera.

Ibsi Eertiraa kun kan bahe tibbana miidiyaa hawaasaa irratti xalayaa hin mirkanoofne kan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa barreesse jedhame bal’inaan tamsa’uu hordofeeti. Xalayaan kun mootummaan Eertiraa irra deddeebiin Itoophiyaa irratti “gocha dubbii barbaacha raawwachuu” fi “birmadummaa fi daangaa Itoophiyaa sarbuu” himata.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6450
Oduu: Naannolee biyyattii tokko tokkotti hanqinni boba’aa mudate; Tigraayitti barattoota qormaataaf geejjibsiisuuf danqaa ta’uu ibsameera

Naannolee #Oromiyaa, #Amaaraa fi #Tigraay dabalatee kutaalee biyyattii tokko tokkotti “sababa hanqinni Naafxaa mudateen” rakkoof saaxilamuu konkolaachiftoonni Addis Standarditti himan. Naannoo Tigraay keessa sababa hanqina boba’aan barattoota gara wiirtuuwwan qormaataa geejjibsiisuuf rakkoo ta’uu Biiroon Barnootaa Naannichaa beeksiseera.

Konkolaachisaan naannoo Oromiyaa magaalaa #Adaamaa jiraatu Jibriil Ahmad yaada Addis Standard’tti laateen, magaalattii keessatti "benzilli hin jiru jechuun ni danda'ama" jedhe. "Naafxaafis tarree dheeraaatu jira," kan jedhe obbo Jibriil, magaalattiiti hanqinni boba'aa erga mudatee waggaa tokkotti dhiyaachaa akka jiru eereera.

Konkolaachisaan naannoo Amaaraa magaalaa #Baahirdaar keessa jiraatu kan biraan gama isaatiin, sababa hanqina Naafxaa magaalattii keessatti mudateen hojiin guyyaa guyyaa isaanii miidhamaa jiraachuu ibse. "Ganamarraa kaasee Naafxaa guuttachuuf tarree dheeraa eegaa jira. Hanga ammaatti tarreen xiqqoollee hin hir'anne."

Haaluma walqabatuun Biiroon Barnoota Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay barattoota qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 ALI fudhatan gara wiirtuuwwan qormaataatti geejjibsiisuuf hanqinni boba’aa akka isa mudate ibseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6455
Oduu: Oomishni warqee #Gaambeellaa kan baranaa dachaa saddeet ol dabaluu ibsame

Naannoo Gaambeellaatti oomishni albuuda warqee kan bara baajataa 2017 kiiloo giraama kuma shan ol gahuu Biiroo Misooma Qabeenya Albuudaa Gaambeellaa beeksise.

Kunis oomisha kiiloo giraama 650 bara 2016 ALI argame irraa dachaa saddeetii ol dabaluu ibsameera.

Naannichi bara kana ji’oota 12 jalqabaa keessatti warqee kiiloo giraama kuma 5 fi 295 ol Baankii Biyyaalessaatti galchuu isaa itti gaafatamaan biiroo qabeenya albuudaa naannichaa obbo Ujuluu Giiloo Ujuluu himaniiru.

Bara baajataa 2016tti hammi warqee naannichatti oomishame kiiloo 650 ta’uu ibsuun; haaluma kanaan oomisha warqee kan bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa saddeet dabaluu agarsiisa.

Haaromsi dinagdee maakroo sadarkaa biyyaatti hojiirra ooleen naannichatti oomisha warqee guddina guddaa akka argamsiise ibsaniiru.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0nA1TX6jMAy72ieVkezy7YXH5TwJ6f9jm5TVuCK1huFYjPE9mudZjENqHySx9T2yml/?app=fbl
Oduu: Gondar Lixaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin yoo xiqqaate konkolaachiftoonni 16 ajjeefaman

Naannoo Amaaraa godina Gondar Lixaatti haleellaa hidhattoonni raawwatan jedhameen yoo xiqqaate konkolaachiftoonni xaa’oo fe'anii imalaa turan 16 yoo ajjeefaman, kanneen lakkoofsi isaanii hin beekamne butamuu bulchiinsi naannichaa fi waldaan konkolaachiftootaa beeksisan.

Haleellaan kun kan raawwatame aanaa Matammaa iddoo addaa Maqaa jedhamutti Wiixata Waxabajjii 16, 2017 ALI naannoo sa'aatii 11:30 yoo ta'u, bulchiinsi naannawa sanii haleellaa kanaaf "hidhattoota Qimaant" gaafatamaa godheera.

Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa harki caalaan isaanii konkolaachiftoota konkolaataa fe'umsaa eegumsa humnoota nageenyaatiin xaa’oo Jibuutii irraa geejjibaa turan ta’uu BBCn gabaaseera.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0H7zL7CMhZ1J8Xdcz1mMoRetzkG4srDHK8k7h52Ng9Da45XYuUWFwZaBsyuMufnfzl
Badhaasni #Haacaaluu_Hundeessaa 4ffaa adeemsifamaa jira

Badhaasa Haacaaluu Hundeessa marsaa 4ffaa fi yaadannoo wareegama isaa waggaa shanaffaa har'a Waxabajjii 29, 2025 Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti adeemsifamaa jira.

Badhaasni kun Artistii gameessa waggoota shan dura ajjeefame yaadachuu fi maqaa isaatiin artistoota hojii isaaniin cimina olaanaa agarsiisaniif beekamtii laachuuf waggaa waggaadhaan qophaa'a.

Sagantaa kanarratti maatii artiistichaa, artistoota badhaasaaf kaadhimamanii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Barana gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabamuu faawundeeshiniin maqaa isaatiin hundeeffame beeksisee ture.

Hojiileen kunneen ogeeyyii fi abbootii murtee kan calalaman ta’uu fi sagaleen uummataas ilaalcha keessa akka galu ta'a.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0HpWLZd1BpQduvqvpr8XcKp9xWExA4s9vUMGEKjyZBPGjVjwiNz2HfnQioDvskJWel/?app=fbl