Addis Standard Afaan Oromoo
23.8K subscribers
3.21K photos
63 videos
2 files
2.44K links
Download Telegram
Oduu: Boordiin Filannoo haala hoggantoota #ABO mana hidhaa jiran irratti hordoffii taasisaa ture bu’aa akka hin argamsiisne ibse

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa dhimma hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana murtiidhaan bilisa jedhamanii hanga ammaatti hin hiikamne ilaalchisee hordoffii taasisaa ture “bu’aa waan hin argamsiineef” Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhaabbilee Dimokraasii gama isaatin “yaalii akka godhu” xalayaadhaan gaafate.

Addi Bilisummaa Oromoo, qondaalli dhaabichaa Battee Urgeessaa Ebla 09 erga ajjeefaman booda haalli qondaaltota paartichaa torba biroo mana hidhaa keessa jiran akka isa yaaddeessu xalayaa Ebla 14 boordichaaf barreesseen beeksisuu ibsameera.

Qondaaltota Addi Biisummaa Oromoo ammallee ajaja mana murtii malee mana hidhaa akka argaman ibse kun; Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Gadaa Oljiraa, Gadaa Gabbisaa, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa fi Girmaa Xurunaati.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4014
Oduu: Ragaan barnoota sobaa diinagdeerratti dhiibbaa uume jedhame

Ragaan barnootaa sobaa sirna haqaa miidhuufi qulqullina kenniinsa tajaajilaa irratti dhiibbaa uumuun diinagde biyyattii miidhaa qaqqabsiisuu ministeera barnootaatti abbaan taayitaa barnootaafi leenjii beeksise.

Ragaalee barnootaa 10,238 qorataman keessaa dhibbeenta 1.6 qofti madaallii ragaa haqaa guutuu abbaa taayitichaa ifoomseera.

Hojimaatonni seeraan alaa kan akka ragaalee sobaa omishuu, dhaabbata barnootaa dhimmi isa hin ilaallanneefi eeyyama hin qabnerraa waraqaa ragaa argachuun rakkoolee mudatan ta’uu eerameera.

Ragaan sobaa kunneen carraa lammiilee dandeettii qabanii kan cufuufi hojimaata seeraan alaa babal’isuun diinagdee biyyattiirratti dhiibbaa uumeera jedhame.

Adeemsi sanada qulqulleessuu kuni itti fufee kan jiru ta’uu himuun qabxiin waliigalaa of duratti kan ifoomsu ta’uu abbaan taayitichaa ibseera.AS
Komishiniin Marii Biyyaaleessaa #Finfinneetti marii ajandaa walitti qabuu guyyaa 2ffaa gaggeessaa jira; adeemsichi qeeqa isa mudateera

Boqonnaan marii ajandaa walitti qabuu Komishiniin Marii Biyaaleessaa Itoophiyaa Finfinneetti gaggeessaa jiru oolmaa isaa guyyaa lammaffaan itti fufeera. Hirmaattonni marichaa kutaalee hawaasaa garagaraa irraa walitti babbahan, gareen qoodamuun yaada ajandaa walitti qabuurratti marii taasisaa jiru.

Adeemsichaan kutaaleen hawaasaa hundi yaada ajandaa itti waliigalan caalmaatti cimsuun qaboo yaa’iin komishinichaaf akka dhiyeessan komishinichi beeksiseera. Akkasumas sagantaa har’a gaggeeffamuun kutaaleen hawaasaa mariirratti argaman bakka buutoota marii boqonnaa itti aanurratti hirmaatan 121 ni filatu jedhameera.

Mariin kun sadarkaa Finfinneetti Roobii darbe yeroo eegalu miidiyaa hawaasaa irratti qeeqni cimaan isa mudateera. Adeemsicha keessatti hammatamummaa fi walabummaa dhabamuu, akkasumas adeemsa filannoo hirmaattotaa fi hojiin komishinichaa yeroo qeeqamu mul’ateera.

Kana malees, komishinichi paartilee siyaasaa ijoorraa mormiin isa mudateera. Kongirasii Federaalawaa Oromoo (#KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (#ABO) dabalatee paartilee ijoo 11 of keessa hammate Kokasiin Paartilee Mormitootaa ibsa torbe darbe baaseen, komishinichi marii “hunda hammatu” mijeessuuf kaayyoo qabate galmaan gahuu dhiisee “kaayyoo siyaasaa paartii biyya bulchu raawwachiisaa jira” jechuun himate ture.

Addis Standard gulaallii baatii Bitootessa keessa maxxanseen, mariin kun bu’a qabeessa akka ta’uuf hirmaannaan qaamolee hidhatanii fi hidhannoo hin qabne hunda barbaachisaa ta’uu hubachiiseera. Gareewwan hidhatan kan akka Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) marii kanarraa ala taasisuun, marichi jeequmsa biyyattiif furmaata akka hin taane akka taasisu ibseera.

Akkasumas mariin kun naannoo #Oromiyaa keessatti amanamummaa argachuuf paartileen mormitoota gurguddoon kan akka ABO fi KFO hirmaachuu akka qabanis ibseera. Komishinichi kutaalee hawaasaa adda addaa irraa hirmaattota adda baasuu ibsuus, gulaalliin Addis Standard kun waldhabdeen naannolee hedduu keessatti gaggeeffamaa jiru adeemsa kanarratti danqaa uumuu eereera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3273
Xiinxala Oduu: Qonnaan bultoonni #Harargee sababa ‘kufaatii gabaa #jimaan’ kadhaaf saaxilamuu himan

Aliyyii Kadir qonnaan bulaa godina Harargee Bahaatti waggoota dheeraaf oomisha Jimaatin jireenya isaa gaggeeffataa turedha. Haata’u malee, sababa dambii walxaxaa fi “dhiibbaa mootummaan gabaa jimaarratti uumeen” jireenyasaa gaggeessuu rakkatee gara #Finfinnee godaanuun kadhannaan jiraata.

Akka Aliyyiin himutti, dambii daldala jimaa haaraa mootummaan yeroo muraasa dura hojiirra oolche hordofuun gatiin gurgurtaan jimaa garmalee gadi bu’uu fi qaraxni mootummaaf kafalamuu gatii jimaatii ol ta’uun walqabatee galiin oomisha jimaarraa argamu jiruu fi jireenya qonnaan bultootaa utubuu dadhabeera.

Jiraataa godina Harargee Bahaa Magaala #Awwadaay tokko Addis Standard’tti akka himetti, sababa rakkoo kanaan qonnaan bultoonni ijoollee isaanii barsiifachuu dadhabanii barattoonni hedduu barnoota ala ta’uu hima.

Ka’umsi rakkoo qaala’insa jireenyaa kun qaraxa dachaa daldala jimaarra kaa’ame ta’uu kan himan qonnaan bultoonni Addis Standard dubbise, jimaa kiiloo tokkoof bakka sakatta’insa garaa garaatti birrii 30 ol kaffaluuf dirqamuu eeru. Sababa kanaaf, oomisha isaanii gabaatti baasanii gurgurachuun “kasaaraa” itti ta’uu himu.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4018
#Oromiyaatti bu’uuraalee misoomaa elektiriikii sababa rakkoo nageenyaan miidhaman suphuu eegalamuu ibsame

Naannoo Oromiyaatti bu’uuraalee misoomaa elektiriikii sababa rakkoo nageenyaatiin miidhaman suphuuf sochiin eegalamuu Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa beeksise.

Suphaan bu’uuraalee misoomaa elektiriikii kan taasifamus godinaalee #Wallaggaa arfanitti iddoowwan rakkoo nageenyaan miidhaan qaqqabeefi tajaajilli addaan citee ture tokko tokkotti ta’uun ibsameera.

Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa suphaa bu’uuraalee misoomaa eegaluuf garee teeknikaa hundeessuufi meeshaalee hojii kanaaf barbaachisan qindeessuun hojiitti galuun isaas ibsameera.

Hawaasni garee teeknikaafi hojjettoota hojii kanarratti bobba’an akka deeggaruus waamicha dhiyeesseera.

OBN
Donaald Tiraamp himannaa irratti dhiyaatee 34 hundaan yakkamaa jedhaman

Pireezidantiin duraanii #Ameerikaa Doonaald Tiraamp Niiw Yoorkitti dhimma ragaalee daldalaa waliin dhahuun himannaawwan irratti dhiyaatan 34n yakkamaa ta'anii argamuu Manni Murtii ibseera.

Tiraamp seenaa Ameerikaa keessatti dursaa duraanii fi kan deebii'anii filatamuuf qophiitti jiran yakkamaa ta'uun itti murtaa'e jalqabaa kan tahan yoo ta’u, murteen dhumaas Waxabajjii 11 irratti dabarfamaan eegama.

Pirezidantiin duraanii Tiraamp, galmeewwan daldalaa isaanii dogongorsuun kaffaltii maallaqa taasisan dhoksuuf haquu isaanitti yakkamaa jedhamaniiru. Walumaa galattis himannaa 34 irratti dhiyaate hundaan yakkamaa ta'anii argamun ibsame.

Tiraamp erga balleessaa jedhaman booda osoo mana murtiichaatii bahaa jiranuu ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin,, "Kun salphina ture, kun dhaddacha sobaa ture" jedhan.

''Kun xumura irraa fagoo jira'' kan jedhan Tiraamp, ''hanga dhumaatti qabsoo itti fufna'' jechuun abdii akka hin kutannee dubbatan.

BBC
Oduu: Mariin jijjiirama siyaas-diinagdee naannawa #Galaana Diimaa marsaa lammaffaa eegalame

Mariin dhimma siyaasa naannawa Galaana Diimaa irratti xiyyeeffatu marsaa lammaffaa #Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Walttajjii marichaarratti hogganaa biiroo ministeera dhimma alaa Isheetee Xilaahun, daayreektara instuutii dhimma alaa Obbo Jaafar Badiruu, aanga’oota ministeera raayyaa ittisa biyyyaa, Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraafi hayyoonni biroo hirmaachuun eerameera.

Maricharratti sodaa nageenyaafi tasgabbii naannawa Galaana Diimaatti mul’atu, dhiibbaa inni daldalarratti uumaa jiruufi akkaataa itti fayyadama buufata doonii haqa-qabeessa ta’eerratti mariifi muuxannoo wal jijjiiruurratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera.

Waltajjii instiituutiin dhimma alaa qindeesse kanarratti, sodaa nageenyaa naannawa Galaana Diimaa, itti fayyadama buufata doonii haqa-qabeessaafi muuxannoon idiladdunyaatiin walqanateen yaadonni furmaataa ni dhiyaatu jedhame. AS
Oduu: #Gamtaan_Awurooppaa “falmattoota mirga namoomaa mana hidhaa jiran” dabalatee qaamolee saddeetiif badhaasa kenne

Gamtaan Awurooppaa kaleessa Caamsaa 30, 2024 Finfinneetti falmattoota mirga namoomaa manneen hidhaa biyyattii garagaraa keessatti argaman dabalatee dhaabbata fi namoota dhuunfaa saddeetiif Badhaasa Mirga Namoomaa Shuman (EU Schuman Human Rights Award) kenne.

Gamtichi namoota dhuunfaa jaha biyyattii keessatti mirgoonni namoomaa akka kabajamaniif dhiibbaa gochuu fi warreen sagalee hin qabneef sagalee ta’uurratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjetan jedhe kan badhaase yoo ta’u, isaan keessaas Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (#KMNI) Daani’eel Baqqalaa (PhD) ni argamu.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4025
Oduu: Abuna Luqaas irratti hidhaan waggaa jahaa murtaa’e

Abuna #Luqaas yakka hokkora kakaasuutiin yakkamuun hidhaan cimaa waggaa jahaa irratti murtaa’e.

Murtee kana kan dabarse mana murtii olaanaa federaalaa dhaddacha lidataati.

Haa ta’u malee, Abuna Luqaas jiraataa biyya ormaa waan ta’aniif too’annoo poolisii jalan waan hin galfaminiif murteen kuni bakka inni hin jirretti dabarfame.

Ministeeri haqaa seera keeyyata 247©fi keeyyata 258 (A) cabsaniiru jechuun Abuna luqaas irratti himatoota lama banuun ni yaadatama.

Abuna Luqaas miseensa Mana Lubummaa Olaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaafi Paaphaasii olaanaa lallaba Baha Awustraaliyaati.

Lubi kuni sirna kabaja ayyaana amantaa Ortodooksii Mudde 19, 2016 ALI Ameerikaa bulchiinsa Teeksaasitti gaggeeffameerratti muummichi ministeera Itoophiyaarratti ergaa hokkora kakaasu dabarsaniiru.

Lubi kuni hidhaa cimaa waggaa jahaatiin akka adabamu murteesseera. AS
Oduu: Wixineen labsii gareewwan siyaasaa kanaan dura sochii nagayaa ala turan seera qabeessa taasisu paarlaamaaf qajeelfame

Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 32ffaa har’a gaggeesseen wixinee labsii paartilee kanaan dura bu’uura sochii siyaasaa seera qabeessaa fi nagayaa ala turan irra deebiin beekamtii seera qabeessummaa akka argatan taasisu dabalatee dhimmoota afur irratti mari’atee sagalee guutuun gara mana maree bakka bu’oota ummataatti dabarseera.

Manni marichi jalqabaarratti kan mari’ate wixinnee labsii Filannoo, Galmee Paartiilee Siyaasaa fi Namuusa Filannoo Itoophiyaa fooyya’uuf dhiyaate irrati yoo ta’u, labsiin kun Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (#ABUT) beekamtii seera qabeessummaa irraa muluqame deebisee akka argatu ni taasisa.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4028
‘Loltoonni #Itoophiyaa dhuma bara 2024tti #Somaaliyaa gadhiisanii bahu’

Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa hundi haga dhuma baatii Muddee 2024tti Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan akka eegdu gaazexeessaan VOA Haarun Maaruf Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Pirezedaantii Somaaliyaa kan ta’an Huseen Sheek Alii wabeeffachuun gabaaseera.

Akka gorsaan pireezidaanticha jedhanitti, “Somaaliyaatti Ergamni Ce’umsa Gamtaa Afrikaa ergama Somaaliyaa keessa qabu baatii Muddeetti erga xumuree booda loltoonni Itoophiyaa qaama humnoota Gamtaa Afrikaa durfamuun Somaaliyaatti bobbahan hin ta’an. ”

Somaaliyaatti Ergamni Ce’umsa Gamtaa Afrikaa hojiisaa baatii Muddee keessa erga xumureen booda humnoonni biyyoota afur - #Jibuutii, #Keeniyaa, #Ugaandaa fi #Burundii irraa dhufan erga akka fudhatan ibsameera.

Amajjii bara 2024 Itoophiyaa fi #Somaalilaand waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa erga mallatteessaniin booda hariiroon dippilomaasii Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru boora’eera. AS
#Boosatitti dhibee koleeraan lubbuun namootaa darbe

Tamsa’ina dhibee koleera godina #Shawaa_Bahaa aanaa Boosat keessatti mudateen lubbuun namoota sadii yammuu darbu, namoota 200 ol irratti argamuusaa BBCn gabaaseera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin Asaffaa dhibichi ALI Caamsaa 14, 2016 aanicha keessatti mul’achuu eeruun, namoota 240 irratti argamuusaafii isaan keessaa 179 fayyanii manatti deebi’uu himaniiru.

Adaadaan isaanii dhibee koleeraan qabamanii yeroo ammaatti buufata fayyaa magaalaa #Boolee keessatti yaalamaa akka jiran kan himan jiraataan tokko, hanga ammaa daa’imman afur dhibichaan lubbuun darbuu dubbatan.

“Olluma kiyyaayyuu ijoolleen afur lubbuun dabartee jirti. Daa’imman kun waggaa tokko hanga kudhanii gidduu kan jiranidha” jedhan.

Haata’u malee, Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin daa’ima tokko kan umriin wagga saddeet ta’en ala kan lubbuun darbe umuriin wagga 15 fi 23 akka ta’an eeran.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c4nnry62k67o
Oduu: #Itoophiyaatti namoonni miiliyoona 3 ol buqqa'aniiru, walakkaa ol sababa walitti bu'iinsaan mudate: #IOM

Itoophiyaa keessatti hanga dhuma bara 2023tti namoonni miiliyoona 3 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) gabaasa dhimma buqqa’iinsa biyyoolessaa irratti xiyyeeffatee baasurratti ibseera.

Gabaasni kun akka agarsiisutti, kanneen buqqa’an keessaa harki caalaan – dhibbeentaan 69 – kallattiidhaan waldhabdee waliin kan walqabatu yoo ta’u, kanneen dhibbeentaa 17 ta’an sababa hongeedhaan, dhibbeentaa 9 taateewwan faalama qilleensaa kanneen akka lolaa, sigiga lafaa fi ibiddaan buqqa’an.

Naannoon #Tigraay buqqaatota biyya keessaa (IDP) baay’inaan kan keessummeessuun sadarkaa jalqabaarra kan argamu yoo ta’u, kunis adda durummaan sababa waraanaatiin kan mudate ta’uu ibsameera. Gama biraatin, Naannoon #Somaalee namoota sababa hongeen buqqa’an hedduu akka keessummeessu ibsameera.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa hirmaachisummaa fi walabummaa isaa, akkasumas adeemsa filannoo hirmaattota marii biyyaalessaa ilaalchisee qeeqa jabaa irratti ka’aa jiruus boqonnaa marii ajandaa walitti qabuu jalqabaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Komishinichi, walgahiin ajandaa walitti qabuu kun konfiraansii marii biyyaalessaa waliigalaa dhufuuf qabxiilee marii adda baasuuf kan akeeke ta'uu beeksiseera.

Haata’u malee, Adda Bilisummaa Oromoo (#ABO), Kongiresii Federaalawaa Oromoo (#KFO) dabalatee dhaabbileen siyaasaa ijoo biyyattii adeemsa hundeeffama komishinichaa fi hirmaachisummaa marii kanaa "haqa qabeessa miti" jechuun adeemsa marii kanarratti hirmaachurraa of qusataniiru.

Dhimma kana ilaalchisee miseensa koree hojii raawwachiiftuu KFO kan ta’an Sulxaan Qaasim baatii tokkoon dura turtii Addis Standard waliin taasisaniin, paartiin isaanii sababoota garagaraan bu’aa qabeessummaa marii kanarratti akka hin amanne himan.

Obbo Sulxaan, "mariin biyyaalessaa mootummaan itti fiigaa jiru kuni furmaata hin fidu," jedhan.

Turtii waliin goone daawwadhaa👇
https://www.youtube.com/watch?v=lvtMOMPtvFU
#Itoophiyaa fi #Kooriyaan_Kibbaa waliigaltee tumsa misoomaa doolaara biiliyoona 1 mallatteessan

Yaa’ii Kooriyaa-Afrikaa irratti hirmaachuuf Dilbata Waxabajjii 02, 2024 magaalaa Se’uul kan galan Ministirri Muummee Abiy Ahmad, Pirezidaantii #Kooriyaa_Kibbaa Yoon Suuk Ye’ol waliigaltee tumsa faayinaansii doolaara biiliyoona 1 mallatteessaniiru.

Waliigaltee tumsa misoomaa doolaara biiliyoona 1 dureewwan biyyoota lamaanin mallattaa’e kun hojiilee misoomaawwan bu’uuraa, babal’ina inarjiirratti humna namaa gahoomsuu, misooma ruuzii cimsuu, fayyaafi misoomaa qarqara lageen magaalaa Finfinneef akka oolu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee himaniiru.

Waliigalteen maallaqaa kunis kan duraaniirra dachaa sadii akka caalu kan himan Obbo Ahimad, kana malees hojiilee gama daldalaa, investimentiifi teknoloojii akkasumas hariiroo waliin hojii naannawaafi idil addunyaa irratti tumsa waloosaanii cimsuuf waliigaluu eeraniiru.
Oduu: Guyyoota 50 keessatti lammiileen 35,000 ol #Saa’udii_Arabiyaatii gara biyyaa deebifamuu ministeerichi beeksise

Jalqaba Eblaa keessa lammiilee 70,000 ta’an gara biyyaa deebisuuf karoorfate keessaa guyyoota 50 keessatti namoota 35,000 ta’an gara biyyaa deebisuu ministeerri daa’immaniifi dubartootaa beeksise.

Ebla 2016 eegalee lammiileen 35,000 ol ta’an torbanitti balallii xiyyaaraa 12n gara biyyaa akka deebifaman karoorfamee ture.

Lammiilee gara biyyaa deebifamaniif iddoo boqonnaa, gargaarsaafi kunuunsi barbaachisaan ni taasifamaaf jedhame. AS
Oduu: Naannoo #Amaaraatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin bulchaan aanaa Efraataa Gidim ajjeeffame

Haleellaa hidhattoonni halkan Sanbata duraa raawwataniin bulchaa aanaa #Efraataa Gidim kan ta’an obbo Albis Adafraash ajjeefamuu biiroon sab-qunnamtii aanichaa beeksise.

Akka ibsa biirichaatti, Albis kan ajjeefame “humnoota finxaaleeyyii” naannicha keessa socho’aniin mana jireenyaasaa keessattiidha.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4037
Ijaarsi daandii aspaaltii #Naqamtee - #Buree irra deebiin eegalame

Ijaarsi piroojektii daandii aspaaltii Naqamtee - Buree irra deebiin eegalamuu ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Daandifi Loojistiksii Godina Wallagga Bahaa Obbo Sanbatoo Imaanaa, hojii daandichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajila ummataaf oolchuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.

Ijaarsi piroojektichaa kontiraaktaroota sadiif qoodamuun hojjetamaa akka jiru kan eeran Obbo Sanbatoon, kunis Naqamtee - Angar Andoodee, Andoodee - Agamsaa fi Agamsaa - Buree ta’uu ibsaniiru.

Kanneen keessaa daandii Andoodee hanga Buree geessu xumuramaa jiraachuu, akkasumas daandii Naqamtee hanga Andoodee jiru xumuruuf saffisaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.