ABDII SABAA
500K subscribers
12.5K photos
185 videos
205 files
6.26K links
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Download Telegram
#Kutaa_12ffaa

Barattoonni qorumsa kutaa 12ffaa Wallaggaa Yuuniversiitiitti Fudhatan utuu galaa jiranii  guyyaa gaafa 21/04/2015 galgala keessaa naannoo sa'atii Kudhanii keessa Gaara Abbaa Seenaatti Aayisuuzuun ittiin gala galee Namoota 27 irraan miidhaa geessisuu odeeffanne.

Akka odeessi miidiyaa @Abdii_Sabaa dubbise himetti Namoonni miidhaman Kun kaan warqee Gujii, kaanimmoo Gullisoo yammuu ta'an, Gullisoo Jalaa Namni maqaansaa Magarsaa Tasammaa Daannoo jedhamu Abbaa maatii kan ta'e  nama mucaaa tokko qabu yommuu ta'u miidhaa Cimaan irra gahuun yammusuma  gara Hospitaala Naqamtteetti deebisuun gaafa guyyaa 22/04/2015 tti miillisaa gama mirgaa akka irraa citu ajajuun achuma Naqamtteetti  Guyyaama kana miillisaa Kun jilbatti irraa kutameera.

Barattoota miidhaan kun irratti qaqqabe kan yeroof maqaan isaanii adda ba'e.

Gullisoo Jalaa

1.Magarsaa Tasammaa, Abdii Mootii, Abdii Jabeessaa, Karrasaa Wayyeessaa.

Odeeffanno dabalataa qulqulleeffachuun kan isiniin geenyu ta'a.

@ABDII_SABAA
Itoophiyaa keessatti bajata doolaara miliyoona Saddeetiin, Deekitooppiifi Laaptooppiin oomishuuf dizaayiniin hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi odeeffannoofi nageenyaa beeksiseera.

Oomishni biyya keessaa kunis fayyadamaa Teekinooloojii biyyatti ni fooyyessa jedhamee eegama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
Biyyoonni Addunyaa garaagaraa waggaa haaraa bara 2023 simachuu eegalaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
#Yaadachiisa
Magaalaa Finfinnee keessatti Namoota Waraqaan Eenyummaa  jalaa bade  akka hin baafanneef dhorgamee kan ture, Wiixata dhufu irraa kaasuun baafamuu akka eegalu ibsameera.

Namoonni Jiraataa Magaalichaa taataanii Waraqaan Eenyummaa keessanii isin jalaa badee ture kamuu, Waraaqaa eenyummaa baafachuuf jalqaba irraa kaasuun jiraataa magaalichaa akka taataan  Waajjira Aanaa keessa jiraattan irraa waraqaa ragaa poolisiif dhiyeessitanii, Waajjira Poolisii irraa ammoo waraqaan eenyummaa keessanii baduun ragaan yeroo isiniif kenname qofa tajaajila kana kan aragattanu ta'uun beeksifameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
#Najaat_Reduwaan (PhD): Keemistiifi barsiistuu yunivarsitii.

Najaat Reduwaan (PhD) dhalattee kan guddatte Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Mojootti yoo ta’u, barnoota sadarkaa tokkooffaafi lammaffaa bakkuma dhalootasheetti baratte.

Bara 2000ttis akaakuu barnootaa appilaayiid keemistiriidhaan Yunivarsiitii Hawaasaa seentee digrii jalqabaashee bara 2002 qabxii olaanaadhaan eebbifamteetti.

Isaa boodas carraa barnoota tolaa Ministeerri Barnootaa qopheesse argachuun bara 2003 Yunivarsiitii Gondaritti ramadamtee akaakuu barnootaa Indastiriyaal Keemistirii (appilaayiidi Keemistiriitiin) digrii lammaaffaashee argatteetti.

Bara 2006 irraa eegalee ammoo Yunivarsiitii Saayiinsiifi Teknolojii Adaamaatti waggoota sadiif erga barsiisteen booda Yunivarsiitii Haramaayaatti carraa digirii sadaffaa barachuu argatteetti.

Barnoota kanas Yunivarsiitiin Haramayyaafi dhaabbanni Ispeen ‘ICP-CSIC The Institute of Catalysis and Petrochemistry’ jedhamutti wiirtuu Qorannoo ‘Spanish Council for Scientific Research waliin ta’uun kan kennaniidha.

Kunis koorsiiwwan barbaachisan asitti erga xumurtee booda qorannoowwan gara caalu kan hojjette Ispeenitti. Akaakuuwwan barnootaa fudhatteefi qorannoowwan hojjetteetti qabxii olaanaa galmeessisteetti. Qorannoowwanshees barruulee barnootaa beebbeekamoo ardii Awurooppaarratti maxxanfamaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
#Kookeen

Qorichi sammuu namaa adoochu Kookeenii jedhame bifa Kiniinii fi daakuun qophaa’ee geejjiba ummataan Finfinnee gara Humaraa imalaa ture 108 to’atameera. Qorichi kun shaqaxaalee keessa dhokfamuun wayita imalaa ture to’atamuu ibsameera. Hordoffii Tajaajjilli Odeeffannoo Biyyaalessaa taasiisaa tureen qorichi seeraan ala socho’aa ture kun magaalaa Bahirdaaritti namoota daddabarsaa turan waliin to’atameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
#Yuunivarsitii_Odaa_Bultum

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
Kutaan ciisichaa Liyooneel Mesiin Kataaritti keessa qubatee ture Muuziyeemiitti geeddaramuufi.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
Kutaa magaalaa Eekkaatti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona 50 olii manca’e

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 5 naannoo Shoolaa Gabaatti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona 50 olii manca’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Ibiddaa magaalichaa beeksise. Balaa ibiddaa aanichatti guyyaa kaleessaa halkan keessaa naannoo sa’aatii 10:00 suuqiiwwan 84 irra miidhaan qaqqabuu Ogeessi quunnamtii hawaasaa komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoon himaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
Laa Liigaan Ispeen arrabsoo sanyummaa irratti ''waawuu gochuu dhiisee'' callisee ilaalaa jira jechuun injifataan Riyaal Maadriid Vinishiyees Juuniyeer komate.
Taphataan lammii Biraaziil kun Jimaata darbe tapha Riyaal Maadriid Riiyaal Vaalaadooliin 2-0 injifate irratti gurraachummaa isaa bu'ureffachuun arrabsamuu hin oolle.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
Hojjettoonni Tajaajilaa nageenya odeeffannoo biyyaalessaa 4 Mana Amala Sirreessaa akka turan ajajame

Bittaa simmintoon walqabatee Birrii miiliyoona30 ol seeraan ala faayidaa dhuunfaaf oolchaaniira jedhamuu kanneen himataman hojjettoonni Tajaajilaa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa 4 Mana Amala Sirreessaa akka turan ajajame.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot
#Yuunivarsitii_Wachaamoo

Barattoota Yuunivarsitii Wachaamoo maraaf!

Sababa walga'ii barsiisotaaf Guyyaa lamaaf, jechuun gaafa fi Roobiifi kamisaa hojiin baruufi barsiisuu kan dhaabbatu ta'uun ibsameera.

Jimaata ganama irraa eegaluun hojii baruufi barsiisuu kan itti fufu ta'a.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡MIIDIYAA📡
@ABDII_SABAA

🌐MARSAARIITII🌐
WWW.ABDIISABAA.COM

📩Yaada📩
@YaadaafQeeqabot