ABDII SABAA
499K subscribers
12.5K photos
185 videos
205 files
6.26K links
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Download Telegram
#Xiyyeeffannoo

“Magaala Walisootti Ibsaan erga badee ji’a guutuuf” jiraattoota.

Magaalaa Walisootti Ibsaan baduun jiraattoonni rakkoo hedduuf saaxilamaa jiraachuu miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himan.

Erga ibsaan badee ji’a guutuuf kan jedhan jiraattoonni, Sababa kanaan manni baaburaa hojii dhaabuun, namni waan nyaatuufi dhugu dhabuun rakkachaa jiraachuu himaniiru.

Magaalattiitti yeroo ammaas Biddeena gogaan qarshii 50'n bitamaa jiraachuu eeruun hawaasarra miidiyaa @Abdii_Sabaa qaqqabe ni mullisa. Kana malees bishaan Liitirri 10 qarshii 130-180 tti gurguramaa jiraachuu himu jiraattoonni.

Ibsaan baduun rakkoowwan kanniiniif kan saaxilaman jiraattonni magaalaa Walisoo, qaamni dhimmi ilaallatu furmaata akka kennuuf gaafataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
ODUU:

“Beekumsaa fi waraqaa ragaa walsimsiisuuf hojjechaa jirra” - Pirofeesar Birhaanuu Naggaa.

Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, hojiirra oolmaa fooyya’iinsa barnootaa keessatti beekumsaa fi waraqaa ragaa walsimsiisuuf hojjetamaa jiraachuu himan.

Barattoonni karaan itti gowwoomsanii ittiin darban akka hin jirre maatii fi barsiisotaaf ifatti ibsamaa jiraachuus beeksisan.

Sirna qormaataa hannaa fi gowwoomsuu irraa qulqulleessuuf tattaaffiin itti fufiinsa qabu taasifamaa akka jirus Pirofeesar Birhaanuun hubachiisaniiru.

Qulqullina barnootaa eeguu fi dandeettii barsiisotaa gabbisuuf, barsiisonni kuma 60 ol fi daareektaroonni manneen barnootaa kuma 13 ol leenjii fudhachuu isaanii ibsaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf waggoota 5 darban keessa manneen barnootaa duraa kuma 40 ol ijaaramuus himan.

Pirojektii Barnoota Hirmaannaa Hawaasaattin hojiirra ooleen bara 2016 qofa manneen barnootaa haaraa kuma 5 fi 966 ol ijaaramanii tajaajila kennuu eegaluu isaanii eeran.

Ji’oota jahan darban keessa Ministeerri Barnootaa pirojeektii of qopheesse bu’uura godhachuun manneen barnootaa bultii shan ijaarsisee xumuruu ibsaniiru.

Bara barnootaa dhufu barattoota fudhachuu akka eegalus eeran.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Balaa Tiraafikaa muudateen hanga ammaatti lubbuun namoota afurii darbuun heerame.

Magaalaa Wolaayitaa Sooddootti balaa tiraafikaa muudateen hanga ammaatti lubbuun namoota afurii darbeera.

Balaan tiraafikaa kun ganama har'aa magaalaa Wolaayitaa Sooddoo, ganda Markaattoo Yushuwaa, naannoo Bashannanaa jedhamutti kan muudate ta’uun ibsame.

Balaan kun kan muudate, konkolaataan Doolfiinii imaltoota fe'ee ture konkolaataa walharkisu wajjin walitti bu'uu isaatiinis jedhameera.

Poolisii Magaalaa Wolaayitaa Sooddootti hogganaan damee too’annoo fi ittisa balaa tiraafikaa Saajin ol’aanaa Zinaabuu Gazzaahany akka himanitti, balaa kanaan hanga ammaatti konkolaachisaa Doolfiinii dabalatee lubbuun namoota afurii darbeeras jedhe.

Sababni balaa kanaa fi odeeffannoowwan dabalataa ammoo qoratamaa akka jiru himameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Oduu Gaddaa

Barataan maqaan isa Dajanee Dabalaa Jedhamu barataa wagga 4ffaa Yuunivarsitii Walloo du’ee reeffi isaa argame.

Barataa Yuunivarsitii Walloo muummee Fayyaa Naannoo (environmental health)du’uun reeffi isaa argame. Akka hiriyooti isaa miidiyaa @Abdii_Sabaa tti humanitti May 15-2025 magaalaa Daseen deemaa maallaqa naaf liqeessaa jedhee hiriyoota isaa gaafate , hiriyoonni isaas maallaqa akka hin qabne ture kan itti himan. Sanbooda barataan kun halkan guyyichaa gara doormitti kan hin deebine yommuu ta’u , eessatti akka bades iyyafataa turan hiriyoonni.

Ganama May 15-2025 tti hiriyoonni Dajanee isa barbaachaaf kaatan. Osoo barbaadaa jiranii reeffa isaa Boolla Qilee keessatti ciisee argan.

Haala mucaan kun itti du’e ykn ajjeefame nuuf gaaffidha kan jedhan hiriyoonni Dajanee dhugaan hiriyaa isaanii akka ba’ee qoratamus gaafataniiru.

Reeffi barataa kanaa yeroo ammaa gara magaalaa Finfinneetti ergamee jira.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa lubbuun darbuu barataa kanaaf gadda guddaa itti dhag’ame ibsaa, odeeffannoo dhimma kanaan walqabachuun argannu qulqulleessuun kan isiniin geenyu ta’a.

Maatii Firoottaniifi hiriyoota isaa maraaf jajjabina hawwina.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
ODUU:

Mul'isa Diroonii guddaa Ardii Afrikaa Finfinneetti geggeeffame.

Magaalaa Finfinneetti qaama Agarsiisa Teeknooloojii Ityoophiyaa 2025 kan ta'e muul'ifni Diroonii gaggeeffameera.

Dirooniwwan kumni 1 fi 500 Samiitti ol ba'uun sadarkaa guddina dameen Teeknooloojii Itiyoophiyaa irra gahe mul'isaniiru.

Muul'ifni Diroonii galgala kana gaggeeffame kun agarsiisa guddaa Ardii Afrikaa jalqabaati jedhame.

Agarsiisicha Bulchiinsa nageenya odeeffannoo biyyaalessaa fi Inistiityuutiin Hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa waloon qopheessituu ibsame.

Agarsiisichi Nageenya Saayibarii, Hubannoo namtolchee, Faayin Teech, Ismaart Siitii fi barnoota Teeknooloojii bu'uura kan godhate dameewwan 5 kan hammate ta'uun eerameera.

Agarsiisa hanga Caamsaa 10, 2017tti turu kana daawwattoonni kumni 10 ol ni daawwatuun eegama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Sa'attiin takka haal tokkotti jabbiiwwan 5 akka dhalte himame.

Aanaa Guraawaatti Sa'attiin takka yeroo tokkotti jabbiiwwan 5 dhalte.

Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaatti Sa'attiin takka yeroo tokkotti jabbiiwwan 5 dhaluu ibsameera.

Saani kun kana duras yeroo tokkotti jabbiiwwan 3 dhaluu abbaan qabeenyaa Sa'attii obbo Aadam Ahimad ibsaniiru.

Taateen akkanaa loon maalaa irratti darbee darbee kan uumamu ta'uu Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaatti Itti Gaafatamaan Damee Eegumsa Fayyaa Beelladaa Dooktar Fayyisaa Alii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himaniiruu.

Yeroo ammoo jabboota dhalatan keessaa 3 haala gaarirratti kan argaman yoo ta'u, lama ammoo du'uu eeraniiru

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Balaa tiraafikaa Magaalaa Gilgal Balasitti mudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 12 darbe.

Godina Matakkal Magaalaa Gilgal Balasitti balaa tiraafikaa mudateen hanga ammaatti lubbuun namoota 12 darabuu fi manca’iinsi qabeenyaa qaqqabuu isaa Waajjirri Poolisii Magaalichaa beeksise.

Balaan tiraafikaa kun kan mudate har'a ganama sa'aatii 3:15 irratti ta’uu hogganaan Kutaa Poolisii Magaalaa Gilgal Balas Komaandar Taayyee Gurmeessaa ibsaniiru.

Komaandarichi akka jedhanitti, balichi kan mudate konkoolaataan ‘Loader’ jedhamuun beekkamu ‘Skaavatara’ fe'ee otuu deemuu furguggisaa to’achuu dadhabuu isaatiin mana nyaataa, suuqiiwwanii fi baajaajiiwwan isa fuuldura jiran irra bahuu isaatiini.

Sababuma kanaan namoonni lakkoofsi isaanii hin beekkamne kan du’anii fi miidhamni qaamaa kan irra gahe yoo ta’u, hanga ammaatti reeffi namoota 12 hawaasa naannichaa fi humnoota nageenyaatiin argameera jedhaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Qarshii 10,00 Injifadhaa!

Asbeks badhaasa garaa garaa kennuun hojjettoota isaa jajjabeessa. Amma immoo, nama marsaa kana tokkoffaa ta’eef qarshii 10,000 ulaagaa tokko malee badhaasa!

Marsaan kun adda – ulaagaa tokko malee, namni 1ffaa ba’e ni injifata. Namoonni Sadarkaa 2 haga 50ffaa akkuma duraatti qarshii isaanii baafachuu danda’u. Ammallee eegallaan carraan injifachuu keessanii ballaadha!

Viidiyoo Ergaa injifattoota marsaawwan darbanii! 🫴
🔵 https://t.me/ABDII_SABAA/18032
🔵 https://t.me/ABDII_SABAA/18160

Injifachuuf 1ffaa ta’uu qofa gaafata!

Eegalaa – Asbeks kuufachaa Qarshii 10,000 mo’adhaa!

Eegaluuf @asbeksplatform hordofaa!

Akkaataa itti eegalan

@asbeksplatform seenuun maxxansa jalaa hidha Start Now jedhu cuqaasuun Asbeks eegaltu. Akka Asbeks keessan isiniif banee bakka “Earn Asbeks” jedhu tuqxu sanbooda wanta isiniif dhufu cuqaastu! Sanbooda Asbeks keessanitti deebitu.

Bifa kanaan erga Asbeks walitti qabattanii Claim ka jedhu tuquun Asbeks kuufattan galmeeffattu.

Sadarkaan keessan hamma Asbeks qabdaniin osoo hin taane amma isin “Earn Asbeks” click gootaniin “Reward Clicks” keessaniin isiniif kaawwama!

CARRAA GAARII!

#Asbeks Waliin Fuulduratti!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Joo Baayidan dhibee Kaansariin qabamuun dhagahame.

Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Joo Baayidan dhibee kaansariin qabamuu waajjirri isaanii beeksiseera.

Joo Baayidan dhibee kaansarii "Pirooteesti" jedhamuun akka qabamaniifi seeliin isaa gara lafee isaaniitti tatamsa’uu eerameera.

Dhibeen isaanii sadarkaa olaanaarra gahuu kan ibsame yoo ta’u, filmaatawwan wal’aansa isaaniif taasifamurratti maatii isaanii waliin mari’ataa akka jiran Asooshiyeetid Pirees gabaaseera.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi, Joo Baayidan dhibicharraa dafanii akka dandamataniif hawwii qaban ibsaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:

Muummichi ministeeraa Dooktar Abiy Ahimad Eenyummeessaan Diijitaalaa filannoo osoo hin taane bu’uura misoomaa daran murteessadha jechuun dubbatan.

Ammaan booda Eenyummeessaan Diijitaalaa filannoo osoo hin taane namoota tajaajilaan, hawaasummaan, dhaabbilee fi mootummaan wal qunnamsiisuuf bu’uura misoomaa daran murteessaa ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsanii jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU

Naannoo Oromiyaatti barattoonni onlaayiniin qoraman wiirtuulee garaagaraatti shaakalaa jirachuun ibsame.

Naannoo Oromiyaatti bara kana barattoonni qormaata biyyaalessaa Kutaa12ffaa onlaayiniin qoraman wiirtuulee garaagaraatti akkaataa itti fayyadama kompiiwuteraa fi teeknooloojichaa shaakala eegaluu Biiroon Barnootaa Naannichaa ibse.

Naannichatti bara kana barattoonni kumni 200 fi Kuma 30 fi 974 qormaata biyyaalessaa kan fudhatan ta’uu Sadarkaa Hogganaa Itti Aanaa Biirootti Gorsaa Olaanaan Biirichaa himan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Qacarrii

Barsiisaa Anatomy (Human)

Barsiisaan gosa barnootaa Anatomy online bareechee barsiisuu danda’uufi viidiyoo bareedaa qopheessuu danda’u karaa @AbdiiSabaaDm nu qunnamuun galmaa’uu ni danda’a.

Lakkoofsa nama barbaannuu nama tokko qofa.

Barsiisonni yeroo nu qunnaman , maqaa isaanii, muuxannoofi kaka’umsa online barsiisuuf qaban, sadarkaa barnoota isaaniitiifi “Sample Video” karaa @AbdiiSabaaDm nuuf ergitu.

Dandeettii Barsiisuu, hubannaa, ibsaafi qulqullinni qopheessii viidiyoo , qacaramuuf wantota murteessoodha.

Namni dorgomuu danda’u nama ulaagaa armaan olii guutu mara.

Odeeffannoo dabalataaf @AbdiiSabaaDm nu qunnamaa .

Galmeen ka xumuramu May 23/2025 ALA!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
Qacarrii Barsiisaa Anatomy (Human) Barsiisaan gosa barnootaa Anatomy online bareechee barsiisuu danda’uufi viidiyoo bareedaa qopheessuu danda’u karaa @AbdiiSabaaDm nu qunnamuun galmaa’uu ni danda’a. Lakkoofsa nama barbaannuu nama tokko qofa. Barsiisonni…
#Update
Qacarrii

Barsiisaa Human Anatomy (Gross, Embryology), Veterinary Anatomy, physiology, Pathology, Biochemistry, Microbiology fi barnoota fayyaa hafan.

Barsiisaan gosa barnootaa armaan olii online bareechee barsiisuu danda’uufi viidiyoo bareedaa qopheessuu danda’u karaa @AbdiiSabaaDm nu qunnamuun galmaa’uu ni danda’a.

Lakkoofsa nama barbaannuu gosa mara irratti nama dorgomee injifate tokko tokko.

Barsiisonni yeroo nu qunnaman , maqaa isaanii, muuxannoofi kaka’umsa online barsiisuuf qaban, sadarkaa barnoota isaaniitiifi “Sample Video” karaa @AbdiiSabaaDm nuuf ergitu.

Dandeettii Barsiisuu, hubannaa, ibsaafi qulqullinni qopheessii viidiyoo , qacaramuuf wantota murteessoodha.

Namni dorgomuu danda’u nama ulaagaa armaan olii guutu mara.

Odeeffannoo dabalataaf @AbdiiSabaaDm nu qunnamaa .

Galmeen ka xumuramu May 23/2025 ALA!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Asbeks Giddugala Aappii Teelegiraamaa (Telegram App Center) irratti Tarraa’uun Beekkamtii Argate.

Waltajjiin dijitaalaa saffisaan guddachaa jiru kan fayyadamtoonni yeroo fi dandeettii isaaniin maallaqa akka argatan gargaaruufi tajaajiloota hedduu kennuuf qophaa'e, guyyaa har'aa Telegram App Center irratti tarreeffamuun milkaa'ina guddaa galmeessee jira.

Telegram App Center irratti Tarreeffamuun Asbeks kun kalaqa teeknooloojii Asbeks fi hirmaannaa fayyadamtootaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane , Asbeksiin fayyadamtoota addunyaa Teelegiraamaa biratti bal’inaan akka fudhatamuufi yeroo xiqqaatti akka sadarkaa addunyaatti guddatuuf balbala bana.

Asbeks erga hundeeffamee kaasee meeshaa galii salphaa bira darbee gara sirna bal’aa ta’etti guddateera,

Amaloota ijoo yeroo ammaa Asbeks irratti argaman kanneen akka:
• Tajaajila Sammuu namtolchee AI: Asbeks AI , chaanalaa Teelegiraamaa Automate taasisuu.

• ID Ogummaa Mirkanaa’e: Waraqaa eenyummaa mirkanaa’ee fi qoodamuu danda’u kennuudhaan amanamummaa ogeessotaa guddisuu.

• Hojii ofii Uumuun hojii namoota siif hojjetan badhaasuu.

• Namooti kaffalanii akka sitti haasa’an taassisuun yeroo ofii salphaatti maallaqatti jijjiiruu.

• Fayyadamtoonni hojiiwwan gabaabaa irratti bobba’uudhaan maallaqa argachuufi kkf fa’i.

Asbeks Addunyaa dijitaalaa keessatti gara waltajjii murteessaatti dagaaguun saffisaan bilchaachaa jira — tarreefamni har’aa immoo tarkaanfii murteessaa gara egeree isaa babal’achaa jiruutti kan geessudha.

@ASBEKSPLATFORM hordofaa.

Asbeks Telegram App Center irratti argachuuf hidha kana fayyadamaa.
👇
https://t.me/tapps_bot/center?startapp=app_asbeks

ASBEKS WALIIN FUULDURATTI.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ODUU:Murtiin Du'aa itti murtaa'e.

Haatii fi abbaan buddeenaa ragaa yakka gudeeddii daa’imarratti raawwatame dhoksuuf yakka ajjeechaa raawwatan du’aan adabaman

Magaalaa Dirre Dhawaatti Haadhaa fi Abbaa Buddeenaa ragaa yakka gudeeddii daa’ima guddattuurratti raawwatame dhoksuuf wayita yaalaan yakka ajjeechaa raawwatan du’aan akka adabaman itti murtaa’eera.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi dhimmoota yakkaa ramaddii 4ffaa Dirre Dhaawaa murtoo kana dabarsuu ibsameera.

Himatamtoonni Haannaa Bayyanaa fi Biruuk Alamuu jedhaman seera yakkaa Mootummaa Federaalaa bara 1996 bahe keeyyata 32 muraa 1 A fi keeyyata 539 muraa A jalatti tumame darbuun yakka kana raawwatan jechuun abbaan alangaa himata 4 irratti dhiyeesseera.

Himatamtoonni kunneen daa’ima yakki guddeeddii irratti raawwate akka haadhaa fi abbaatti kunuunsii fi jaalala kennuufii osoo qabanuu haala suukaneessaa fi gara jabina qabuun yakka guddeeddii irratti raawwatame dhoksuuf jecha yakka ajjeechaa cimaa raawwachuu isaaniin himatamaniiru.

Shakkamtoonni kunneen dhimmoota ittiin himataman arfaniinuu badii raawwachuu isaanii abbaan alangaa ragaa sanadaa fi namaan irratti mirkaneesseera.

Manni murtichaas dhaddacha har’a ooleen himatamtoonni du’aan akka adabaman itti murtaa’eera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡