ABDII SABAA
557K subscribers
13.8K photos
214 videos
205 files
6.59K links
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬Contact Us💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Download Telegram
Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Naannoo Tigraay yaalii ajjeechaa fi miidhaa saalaa ogeettii fayyaa tokko irratti raawwatame cimsee akka balaaleffatu beeksise

Giddugaleessa Tigraay, Aanaa Chila keessatti buufata fayyaa Asayimee jedhamutti kan hojjettu ogeettii fayyaa tokko irratti yaaliin ajjeechaa fi miidhaan saalaa gareedhaan guyyaa gaafa Ebla 17, 2018 A.L.I raawwatamuun ibsameera.

Kana hordofee Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Tigraay akka ibsetti, namoonni seera maleeyyii ogeettiin fayyaa tokko yeroo hojii ittisa tiraakoomaa irratti hirmaachaa turtee bakka boqonnaa isheetti galtu, galgala keessaa sa’aatii 11:00 gara mana ogeettii fayyaa sanaa deemuun, mana ishii cabsanii miidhaa saalaa fi yaalii ajjeechaa irratti raawwataniiru jedhameera.

Namoonni kunneen sibiilaan balbala mana ishii cabsanii seenuu isaanii waldaan kun beeksisee, hanga ammaatti namoonni yakka kana raawwachuun shakkaman to’annoo seeraa jala akka hin oolle ibsuun, qaamoleen nageenyaa sadarkaa godinaa, aanaa fi naannoo akkasumas dhaabbileen dhuunfaa dhimmoota miidhaa saalaa dubartootaa ittisu irratti hojjetan akka walta’anii shakkamtoota kanneen seeratti dhiyeessan gaafataniiru.

Kana malees, Tigiraay Naannoo yakki kun itti raawwate kana buufata fayyaa tokko irraa kan hojjettu ogeettii fayyaa kan biroo irratti gaafa Amajjii 4, 2017 A.L.I miidhaan saalaa fi yaaliin ajjeechaa raawwatamuu waldaan kun yaadachiiseera.

Ogeettiin fayyaa sunis haadha ulfaa deessisuuf halkaniin mana isheetii ba’uun gara buufata fayyaa deemaa osoo jirtuu miidhaan saalaa fi yaaliin ajjeechaa irratti raawwatameera.

Miidhaan saalaa kun meeshaa qara qabuun sodaachisuu fi miidhuun akka raawwatames waldichi ibseera. Hanga ammaattis ogeettiin fayyaa miidhamte kun yaala hordoffii jala jiraattus, namoonni yakka kana raawwachuun shakkaman qabamuu dhabuun isaanii dallansuu fi yaaddoo guddaa akka uume dhaabbatichi hubachiiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
301💔56👍33🤯21😢15🔥4🥰3🤬1
Konkolaatota Xaa’oo Qonnaaf Fe’aniif, Fe’umsaa Madaallii Heyyamameef Olitti Akka Fe’an Heyyamni Kenname!

Ministeerri Geejjibaa fi Lojiistikii yeroo oomishaa bara 2018/19tti, xaa’oo qonnaaf oolu saffisaan qonnaan bultoota biraan ga’uuf yaada jedhuun, konkolaattoti ulfaatina xaa’oo fe’an daangaa ulfaatinaa mootummaan kaa’e olitti akka fe’an murtoo addaa dabarseera.

Akka odeeffannoo Ministeera Geejjibaa fi Lojiistikii irraa argame ibsutti, hanga har’a ganamaatti xaa’oon meetirik toonii miiliyoona 1 fi kuma 23 fi 406 ta’u gara biyya keessaa seenee jira.

Haa ta’u malee yeroo ammaa rakkoo naannoo Baha Giddugaleessaa keessatti uumamee fi haala nageenyaa irraa kan ka’e dhiyeessiin boba’aa rakkoo ulfaataa keessa seenuun, xaa’oon yeroo oomishaa kanaaf karoorfame buufata doonii irratti kuufamee akka jiru ibseera.

Xaa’oo buufata doonii irratti kuufame kana yeroo gabaabaa keessatti geejjibuun qonnaan bultoota biraan akka ga’aniif konkolaattotni xaa’oo fe’an daangaa ulfaatinaa isaanii (Axle Load) olitti fe’anii akka socho’an mootummaa irraa hayyamni kennamuufii himeera.

Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Lojiistikii Obbo Dangee Boruu akka ibsanitti, “Ammaaf kuufamni addaa buufata doonii irratti baay’inaan hin mul’atu; garuu torban kana keessa markabni tokko buufata qaqqabeera” jechuun ibsaniiru.

Sababa murtoon kun darbeefis, “Hormuuz cufamuu irraa kan ka’e rakkoon dhiyeessii boba’aa uumame jira. Kanaaf waan dhufe fi kan itti aanu saffisaan kaasuun qonnaan bultoota biraan geessisuuf murtoon kun darbe” jechuun himaniiru.

Kanaaf mootummaan daandiiwwan Itoophiyaa fi Inisheetiviin Daandii Kaffaltii Itoophiyaa hojii to’annoo fe’umsaarratti hojjetan keessatti murtoo addaa kana hojii irra oolchuun geejjiba xaa’oo kana akka saffisiisan fi deeggarsa barbaachisaa ta’e nakka godhan qajeelfamni kennameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
167👍38🔥4
Lammiileen Itoophiyaa sadii Johannesburg keessatti rasaasaan ajjeefaman

Afirikaa Kibbaa, Magaalaa Johannesburg keessatti lammiileen Itoophiyaa sadii mana nyaataa tokko keessatti nyaataa osoo nyaachaa jiranii rasaasaan ajjeefamuun gabaafamera.

Haleellaa guyyaa kaleessa jechuun Ebla 19, 2018 A.L.I raawwatame keessatti, lammiileen Naayijeeriyaa lamaas lammiilee Itoophiyaa kanaan alatti ajjeefamuun beekameera.

Haleellaan kun Afrikaan Kibbaa, filannoo dimokraatawaa ishee yeroo kabajaa turte keessatti raawwatame. Gochoonni akkanaa godaantota biyya sana keessa jiraatan irratti yaaddoo guddaa uumeeti kan jiru.

Poolisiin naannoo sana qorannoo ajjeechaa kana irratti jalqabuu isaanii beeksisuu irratti argamu. Poolisiin maqaan isaa hin insamne tokko miidiyaaf akka hime tti, “ajjeechaan kun wal hubannoo dhabuu lammiilee Itoophiyaa gidduutti uumame irraa ta’uu mala” jechuun shakkii isaa ibseera.

Hawaasni Itoophiyaa achi jiraatus gochicha irratti gadda isaanii ibsanii, qaamni bilisaa fi loogii hin qabne dhimma kana akka qoratu gaafataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
216😢90😭39🤯14👍13😱7🫡5
Bulchiinsi yeroo mootummaa naannoo Tigraay diigamuu fi Mana mareetti deebi’uu isaa Hiwat beeksise

Af-yaa’iin TPLF obbo Mikaa’el Asegedom haala yeroo mootummaa naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa kennaniin, bulchiinsi yeroo naannichaa diigamaa jiraachuun, mootummaa federaalaa waliin hariiroon ture addaan cituu isaa fi manni marii Tigraay waggaa jaha dura filannoo irratti hundaa’e gara hojii isaatti akka deebi’u paartiin murteessuu isaa beeksisaniiru.

Af-yaa’ichi mootummaan federaalaa umurii bulchiinsa yeroo sanaa dheeressuuf murtiinni dabarse waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa kan faallessudha jechuun mormii isaanii ibsaniiru.

Akkasumas bulchiinsi Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Waradaan kan durfamu, mootummaa aangoo naga-qabeessaa fi dimokraatawaa ta’een akka wal harkaa fuudhiinsa geggeessu waamicha dhiyeessaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
159👍27🔥7🤬7
ABDII SABAA
Bulchiinsi yeroo mootummaa naannoo Tigraay diigamuu fi Mana mareetti deebi’uu isaa Hiwat beeksise Af-yaa’iin TPLF obbo Mikaa’el Asegedom haala yeroo mootummaa naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa kennaniin, bulchiinsi yeroo naannichaa diigamaa jiraachuun, mootummaa…
Dhiheessiin Naafxaa Gara Haala Duraatti Akka Deebi’uuf Murtaa’uu Isaa, Ministeerri Maallaqaa Ahimad Shidee Ibsaniiru

Waraana Baha Giddugaleessaatti uumameen walqabatee mootummaa addunyaa irratti dhiibbaan guddaa uumamee keessaa tokko gatiin boba’aa olka’uu fi dhiheessiin isaa addaan cituu akka ta’e ni beekama. Rakkoon kun Itoophiyaa irrattis dhiibbaa cimaa uumee jira. Sababa kanaan dhiheessiin naafxaa biyyattii keessatti guyyaatti Liitira miiliyoona 4.5 qofaatti gadi bu’uu danda’eera. Kunis tajaajila geejjibaa, hojii daldalaa fi sochii dinagdee irratti rakkoo guddaa uumeeti kan jiru.

Ministeerri Maallaqaa obbo Ahimad Shidee ibsa haaraa baasaniin oduu gammachiisaa mootummaa biyyattii irraa uummataaf ifoomsaniru.

Akka ibsa isaaniitti, mootummaa fi qaamoleen dhimmi isaa ilaallatu marii bal’aa taasisaa erga turanii booddee, dhiheessiin naafxaa guyyaatti bakka duraan tureetti jechuun, gara Liitira miiliyoona 9tti akka deebi’u murtaa’uu ibsaniiru.

Murtiin kun har’a irraa eegalee hojiirra kan ooluu fi naafxaan Buufata Jibuutii irraa gara Finfinneetti geejjibamaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa borii irraa eegalee ammoo gara naannolee biyyattii gara garaatti raabsuun ni jalqabama.

Ministeerichi dabalataan akka ibsanitti, dhiheessiin beenzilaa fi boba’aa xiyyaaraa rakkoo tokko malee akkuma kanaan dura tureetti guutummaatti itti fufee jira jedhaniiru.

Mootummaan rakkoo boba’aa kanaa furuuf baasii guddaa baasaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Haaluma kanaan, mootummaan kan kanaan dura alatti ji’a ji’aan birrii biiliyoona 20 dabalataan deeggersa (subsidy) taasisuun dhiheessiin boba’aa akka hin gufanneef hojjechaa jiraachuun himameera.

Murtiin kun muddama naafxaa yeroo dheeraaf uummata rakkisaa ture hir’isuudhaan, geejjibni, daldalli fi sochiin dinagdee gara haala idileetti akka deebi’u taasisa jedhamee eegama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
447🥰108👍68👏64🙏29😭18🔥11🤯10💔4
Shamarreen Boontuu Waaqtolee yookaan Boni JA jedhamuun miidiyaa hawaasaa irratti beekamtu of ajjeesuun ishee rifaatuu hawwaasatti uume

Shamarreen TikTok fi Facebook akkasumas YouTube irratti baayyinaan qoosaa, taphaa fi haala jireenya’shee guyyaa guyyaan qooduun nama kolfisiisuun beekamtuu fi Jireenya ishee keessatti ijoollummaa irraa kaaftee rakkinoota hedduu keessa kan daarbitee fi jireenya ishee jijjiiruuf guyyaa guyyaa hojii kophee qulqulleessuu hojjechuu irraa kaasee, halkan immoo tikeetii onlaayinii irratti gurguruun bakka xiqqaa irraa ka’uun sadarkaa guddaa irra kan geesse, dhiyeenya kana dargaggoo Yoosef Caalaa jedhamu wajjin gaa’ila dhaabbachuun ishee kan beekamu yoo ta’u, shamarree Boontuu namooti hedduu qeeqaa fi arrabsoo cimaa Kara miidiyaa hawwaasaa irratti deemsisaa turaniiru; yeroo baay’ee namni kolfaan of haguugduu fi jabinaan beekamtu kun imimmaan buusaa, ala of ajjeesuuf jettu viidiyoo waraabdee gadhiiftee, daqiiqaawwan muraasa booda of ajjeefte oduun jedhu dhaga’ame.

Yeroo baay’ee namoonni miidiyaa hawwaasaa irratti kolfaan dhiyaatan jireenyi isaanii mana keessaa rakkoo qabaachuu mala; darbee arrabsoon nuti akka qoosaatti miidiyaa irratti walitti darbannu hamilee namaa cabsee, gara of balleessuutti nama geessuu waan danda’uuf, aadaan arrabsoo fi ceephoo miidiyaa hawwaasaa utuu hafaa deemee gaariidha jenna.

Egaan akka Miidiyaan Abdii Sabaa maddeen qaamaan bakka sana jiran irraa qulqulleeffateetti, yeroo ammaa reeffi ishee mana jireenyaa isaanii Magaalaa Finfinnee, Naannoo Saansusiitti argamuu poolisiitiin baatamee, gara Hospitaalaatti geeffamaa jiraachuu fi rakkoon ishee mudate gara fuula duraatti qoratamee kan ibsamu ta’uu odeeffanneerra.

Waan qaamonni seeraa qoratanii fi odeeffannoo haaraa akka arganneen isin beeksifna. Maatii fi hiriyoota ishee hundaaf jajjabina hawwina.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
😭1.97K462😢104💔99👍56😱51🔥14😨12🥰11👏9🤬6
🎥 BARNOOTA VIDEO EDITING BILBILA QOFA FAYYADAMUUN📱

Viidiyoo qulqullina qabu hojjechuuf dirqama kompiutara qabaachuu hin barbaachisu! 🚫💻 Bilbila harkaa keessan qofaan hojii 'Professional' ta'e hojjechuun ni danda'ama .

@Abdii_Sabaa_University waliin ogummaa kana yeroo gabaabaa keessatti dhuunfadhaa 🚀.

📚 Barnoota Kana Keessatti Maal Barattu?
Barumsi keenya waan baay'ee of keessatti qabata:

📱 Appilikeeshiniiwwan Beekamoo: Akkaataa itti App-wwan akka CapCut, VN, fi InShot dandeettii guutuun fayyadamnu.

✂️ kukkutuu fi Walitti Fiduu (Trimming & Merging): Viidiyoo kukkutuun haala namatti toluun walitti fiduu.

🎬 Transitions & Effects: Jijjiirama viidiyoo (Transitions) fi 'Effects' adda addaa fayyadamanii viidiyoo hawwataa gochuu.

🎵 Sagalee Qulqulleessuu (Audio Editing): Sagalee alaatti waraabame qulqulleessuu, muuziqaa jala galchuu fi 'Voiceover' fayyadamuu.

🎨 Bifa Viidiyoo (Color Grading): Bifa viidiyoo jijjiiruu fi qulqullina isaa (Lighting) sirreessuu.

📝 Barreeffama fi Subtitles: Viidiyoo irratti barreeffama babbareedoo fi 'Subtitles' (Lyrics) galchuu.

🖼️ Background Jijjiiruu: 'Green Screen' fayyadamuun duubbee viidiyoo jijjiiruu.

🏷️ Logo & Branding: Viidiyoo irratti mallattoo (Logo) mataa keessanii galchuu.

💾 Exporting: Viidiyoo hojjetan qulqullina (4K/1080p) qabuun 'Save' gochuu.

💰 Gatii Barnootaa
Barnoota kana hunda kan argattan gatii madaalawaa ta'een:

💸 Gatiin Guutuun: Qarshii 200 qofa!
(Kuni kaffaltii yeroo tokkoo qofa).

📝 Akkaataa Galmee
Iddoon keenya namoota muraasaaf qofa waan ta'eef daddafii galmaa'aa :

✈️ * Telegram keenya: @Jonamiyet irratti nu qunnamaa.
🔑 * Code: VER jedhu barreessitanii nuuf ergitu namoota code kan hin ergineef deebisuu dhiisuu dandeenya. Yeroo nu qunnamtan hi hin jedhinaa kallattiin kara dhimma keessaniitti seenaa 🛣️.

🔔 Hubachiisa: Barnoonni kun Online waan ta'eef bakka jirtan ta'uun hordofuu dandeessu 🌐. Bilbila harkaa qabaachuun keessan qofti gahaadha! 📲

"Ogummaan Har'a Barattu, Egeree Keetiif Galii Keeti!" 💡

Odeeffannoo barnootaa qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa! 👇

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📢

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
102👍11🤯3👏2🥰1
ABDII SABAA
Shamarreen Boontuu Waaqtolee yookaan Boni JA jedhamuun miidiyaa hawaasaa irratti beekamtu of ajjeesuun ishee rifaatuu hawwaasatti uume Shamarreen TikTok fi Facebook akkasumas YouTube irratti baayyinaan qoosaa, taphaa fi haala jireenya’shee guyyaa guyyaan…
Sirni Awwaalcha Shamarree Boontuu Waaqtolee (Boni JA), Guyyaa Har’aa Bakka Dhaloota Isheetti Raawwatame

Shamarreen jabduu miidiyaa hawaasaa irratti maqaa Boni JA (Boontuu Baqqalee) jedhamuun beekamtu, kan guyyaa kaleessaa jechuun Eebila 21/2018 Magaalaa Finfinnee, Mana jireenyaa ishee Naannoo Saansus jiru keessatti of ajjeeftee turte, guyyaa har’aa jechuun Eebila 22/2018 sirni geggeessaa reeffa ishee magaalaa Finfinneedhaa fuudhamee, Magaalota Garaagaraa keessatti dinqisiifattoota isheen simatamee bakka dhaloota ishee, Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Laaloo Assaabii, Bulchiinsa Magaalaa Dongoroo, Waldaa Kiristaanaa Makaana Yesuusitti sirni awwaalcha ishee raawwatamee jira.

Boontuun dargaggeettii jabduu haalota ulfaatoo hedduu keessa darbitee fi tattaafattuu qoosaa fi taphaan miidiyaa hawaasaa irratti beekamtu yoo taatu, Tiktok irratti hordoftoota kuma 800 ol, Facebook irratti immoo hordoftoota kuma 290 ol qabaachuun beekamti.

Du’a ishee kanaan walqabatee, sagaleen ishee dhumaa miidiyaa hawaasaa irratti bahe, kan namoota hedduu rifaasisee fi gaddisiise, hawaasa gidduuttis marii cimaa uume ta’ee jira.

Namoonni hedduun rakkoo miiraa fi dhiibbaa jechoota miidiyaa hawaasaa irratti dubbataman (online harassment) dabalatee, dhimmi fayyaa sammuu dhalootaa fi dhimmi maatii xiyyeeffannoo guddaa akka barbaadu akeekkachiisaniiru.

Miidiyaan hawaasaa fayyaa sammuu irratti dhiibbaa uumuu danda’uusaa hubachuun, itti fayyadama miidiyaa irratti of eeggannoo cimaa gochuun barbaachisaa ta’uu ogeessonni fayyaa fi ogeessonni miidiyaa ibsaa jiru.

Namoonni miira isaanii dhugaa gara miidiyaatti fiduu hin amaleeffanne yeroo hedduu yaada of ajjeesuu yeroo kaasan namni qoosaadha jedha. Kun ammoo nama rakkate tokkoof gargaarsa akkaa hin taasifne nama danqa.
Hawwaasa Oromoo, maatii fi hordoftoonni isheef jajjabina hawwaa, Rabbi lubbuu ishee jannataan haa qananiisu jenna.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
😢455311😭253💔79👍35🥰9😱3❤‍🔥2
Mirkanaa’eera: Dubartoonni dhiira caalaa sodaachisoodha... Sababni isaas maaliif akka ta’e ammayyuu hin baramne.

Kanaafuu, saayintistoonni simbirroonni nama isaanitti dhiyaatu saala isaanii irratti hundaa’anii deebii adda addaa kennu yoo ta’e ilaaluuf guutuu Awurooppaatti qorannoo gaggeessaniiru.

Dhiironni fi dubartoonni biyyoota Awurooppaa shan keessatti magaalota torba keessatti gareen qindaa’anii, simbirrootatti dhiyaachuun fageenya simbirroonni sun itti barrisan safaran.

Bu’aan isaas, simbirroonni dhiira caalaa hin sodaatan; dhiironni giddu-galeessaan meetira 1 caalaa simbirrootatti dhiyaachuu danda’u . Dubartoota garuu meetira dheeraa irratti barrisanii baqatuun . Wanti nama dinqisiisu, amalli kun gosa simbirrootaa 37 fi naannolee qorataman hunda keessatti wal-fakkaataa ta’uu isaati.

Wanti caalaatti nama ajaa’ibu immoo, qorattoonni garaagarummaa saala gidduu jiru dhoksuuf wanta danda’an hunda godhaniiru. Namoonni qorannoo irratti hirmaatan hojjaa wal-fakkaataa qabu turan, uffata wal-fakkaataa uffataniiru, rifeensa isaaniis haguuganiiru... garuu simbirroonni kun ammayyuu addaan baasanii beekuun warra dubartootaa fageegna dheeraa irratti baqachuu danda’aniiru.

Sababni isaa maaliif ykn akkamitti? Hin beekan. Barreessitoota qorannoo kanaa keessaa tokko akka jedhanitti, 'Wanta haaraa uumama keessatti raawwatamu tokko addaan baafnee barreerra, garuu maaliif akka ta’e hin beeknu.'

Kanaafuu gaaffiin jiru kanadha, maalif laata? Maaf simbirroon dubartoota sodaatu? : Isin kana irratti maal yaaddu?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
258🤩30👍15🤝14🤯11😢6🔥3👏3👌3🤗3🫡3
Yuunivarsitii Amboo mooraa Hacaaluu Hundeessaatti (AUHHC) dhimma qulqullina dhabuu nyaata barattootaaf dhiyaatuu irraa kan ka'e mormiin cimaan mudateera.

Barattoonni mooraa kanaa miidiyaa Abdii Sabaaf akka ibsanitti, nyaanni kaafteeriyaa keessatti isaaniif kennamu qulqullina kan hin qabne fi fayyummaa isaaniif baay'ee yaaddessaa dha. Nyaata qulqullina hin qabne kana soorachuu irraan kan ka'e, barattoonni baay'een dhukkuba garaachaa fi kaleetiif saaxilamaa akka jiran iyyannoo isaanii keessatti addeessaniiru.

Nyaata dhiyaatuuf kana soorachuunillee ni ulfaata kan jedhan barattoonni dhimmi kun fayyummaa keenyaafi adeemsa baruu-barsiisuu irratti dhiibbaa guddaa uumaa jira jedhaniiru.

Rakkoo nyaataa kana caalaatti kan hammaachise ammoo hanqina bishaan dhugaatii fi fayyadamaa mooraa keessatti mudate dha. Erga roobni roobuu jalqabee kaasee torbanoota lamaa hanga sadiitiif bishaan mooraa keessatti dhabamuun haalli jireenyaa baay'ee ulfaataa ta'eera. Bishaan dhabamuu kanaan kan ka'e barattoonni harka isaanii osoo hin dhiqatin nyaata qulqullina hin qabne sana akka sooratan dirqamaa jiru.

Dabalataanis, uffata miiccachuu fi qaama dhiqachuu dhabuu bira darbee, manni fincaanii bishaan dhabamuu kanaan ajaa'a hamaa uumuudhaan dhibeewwan daddarboo adda addaatiif isaan saaxilaa akka jiru barattoonni komii isaanii dhiyeessaniiru.

Miidiyaan Abdii Sabaa dhimma kanaan walqabachuun hooggansa yuunivarsitichaa kan qunname yoo ta'u, hooggansi rakkoon bishaanii kun yeroo roobaa madda bishaan magaalaa waliin walqabatee kan mudatu malee rakkoo addaa akka hin taaneefi komii barattoonni nyaataan walqabachuun qaban furuuf hojjetamaa jiraachuu deebii kennaniiru. Haa ta’u malee, barattoonni deebii bulchiinsaa kana guutummaatti kuffisuun, dhimma kana irra deddeebiin iyyatanii deebii akka dhaban dubbatu.

"Nu lammii keessaniif sagalee nuuf ta'a" jechuun qaama dhimmi ilaallatu hundaaf iyyannoo isaanii kan dhiyeessan barattoonni kun, hanga furmaanni qabatamaan argamutti fi mirgi bu'uuraa isaanii kabajamutti gaaffii isaanii akka itti fufan ibsaa jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
288👍53💔18😭16🔥11🤩6🤯5🥰4
Guyyaan har'aa jechunis Ebla 23/2018 guyyaa hojjettoota mootummaa jedhamuun kabajamaa oola.

Guyyaan kun sadarkaa idil adunyaatti xiyyeeffannoo guddadhaan kan kabajamu yoo ta'u biyya keenya keessaattis kabajamaa jira.

Mee seenaa fi ka'umsa  kabaja guyyaa hojjettoota Kanaa waa muraasa waliin haa ilaallu.

Guyyaan hojjettoota adunyaa kan jalqabame jaarraa 19ffaa keessa yoo ta'u dhaabbilee hojjettoota Ameerikaa keessattis eegalame.

Haaluma kanaan bara 1886 keessa mormiin magaalaa chicago keessatti ka'e.hojjettoonni mootummaa guyyaatti sa'aatii 12-16 hojjechuun haalli kun waan isaan nuffisiiseef guyyaatti sa'aatii 8 qofa hojjechuuf moormii geggeessan.

Mormii geggeeffame kana hordofee qaama nageenya kabachiisanii fi hojjettoota gidduutti lola uumameen lubbuun namoota hedduu akka darbes ragooleen nii mul'isu.

Egaa kanuma ilaalchisuun A.l.A tti caamsaan (1)tokko guyyaa yaadannoo hojjettoota mootummaa ta'uun akka kabajamu murtaa'e.

Kabaji yaadannoo Guyyaa kanaa kaayyoo gurguddaa of keessaa qaba.
isaan keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.
* kabaja mirgaa:- kana jechuun hojjettoonni humna isaaniitiin diinagdee biyyaa ijaaraa waan jiraniif kabaja isaaniif malu argachuu akka qaban akeeka.

*Dhimma inshuraansii fi wabii;- hojjetaa tokkoof wabii jireenyaa,inshuraansii,fayyaa fi bakka hojii mijaawaa uumuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Haaluma kanaan biyya keenya Itiyoophiyaa keessattis guyyaan kun waggoota dheeraaf kabajamaa kan jiru yoo ta'u xiyyeeffannoo biyyaalessaa qaba

Kabaja guyyaa kanaaf konfidereshiniin waldaalee hojjettoota mootummaa Itiyoophiyaa qindeessummaadhaan ayyaana kana nii geggeessa.

Gama kanaan hirmaannaan mootummaa kan jiru yoo ta'u dhimma kaffaltii taaksii irratti qeeqa hojjettoota irraa ka'uuf deebii kennuuf carraaqii godha.

Haaluma kanaan dhimmoonni akka addunyaatti fi akka biyya keenyaattis xiyyeeffannoo argatan dhimmoonni ijoon nii jiru.

Innis dhiibbaa qaala'insa jireenyaati,akkuma beekamu gatiin nyaataa fi tajaajilawwan kan biroo waan dabaleef hojjettoonni mootummaas "miindaan keenya haala gabaa waliin wal hin madaalle waan ta'eef akka wal madaalu nuuf haa taasifamu" jechuun gaaffii kaasuu irratti argamu.

Dabalataanis AI'n jechuunis guddiinni teknooloojii carraa hojii namootaa irratti dhiibbaa akka hin uumneef of eeggannoo fi leenjiin haaraan akka kennamuuf gaafatamaa jira.

Walumaa galatti guyyaan hojjettootaa hojii namaa qofa osoo hin taane kabaja namaas dabalata.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
154👍33🔥4👌4
Dhiphinni siyaasaa naannoo Tigraay, duula filannoo gufachiisaa jira jedhame

Naannoo Tigiraay keessatti walitti bu’iinsi siyaasaa yeroo ammaa jiru, sochii filannoo gaggeessuuf gufuu ta’uu paartileen morkattootaa ibsan.

Paartileen siyaasaa “Bayitona Abay Tigraay” fi Tsenaye Sabandurta” sochii filannoo barbaachisaa taasisuu akka hin dandeenye himan. Akka isaan jedhanitti haalli nageenyaa fi siyaasaa naannicha keessa jiru rakkisaa ta’uu ibsaniiru.

Paartileen kunneen waliigalteen Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra ooluu akka furmaata guddaatti ilaaluun, akkasumas haalli amma jiru filannoof akka hin mijannee fi rakkoo cimaa ta’uu isaa hubachiisaniiru.

Gama biraatiin, Boordiin Filannoo Biyyoolessa Itoophiyaa haala mijataa uumuuf tattaaffii taasisaa jiraachuun ibsameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

🌐 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 🌐
🌐 www.facebook.com/AbdiiSabaaFb 🌐
🌐 https://youtube.com/@abdiisabaamedia 🌐
🌐 https://www.tiktok.com/@abdiisabaamedia 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
25👏7😱6