ABDII SABAA
500K subscribers
12.5K photos
185 videos
205 files
6.26K links
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Download Telegram
Dr Abiy Ahmed Goondar daawwatan.

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmed pirojektoota haaromsaa Faasiladasii fi misooma koridoorii magaalaa Goondar guyyaa harraa daawwataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Luba Balaay Makonniinitti murtaa’e.

Lakkoofsa Herreega Gamtaa Afrikaarraa Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 waliin dhahuuf yaaluun yakka malaammaltummaan kan himataman Luba Balaay Makonniin Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti dhihaachuun yakka himatamaniin balleessaa raawwachuu isaanii itti murtaa’eera.

Shakkamtoonni 5 Gamtaa Afrikaarraa kaffaltiin akka raawwatamuuf ajajni tokkooyyuu osoo hin jiraatiin Doolaarri miiliyoonni 6 fi kumni 50 akka kaffalamuuf sanada sobaa Baankiif dhiyeessuun kaffaltii gaafachuu isaaniin yakka waliin dhahuu cimaan himatamuun kan yaadatamuudha.

Lubni Baalay Makonniin ragaa ittisaa dhiyeeffatanii kan turan ta’us ragaan dhiyeeffatan ragaa Abbaan alangaa dhiyeesse qolachuu dhabuun sagalee guutuun murteen balleessummaa itti murtaa’eera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Oduu Ammee

Israa'elii fi Hamaas dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru

Waliigalteen kun lola ji’oota 15f baha jiddugaleessaa gaaga’aa ture akka xumuramuuf balbala akka banutu himama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
Oduu Ammee Israa'elii fi Hamaas dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru Waliigalteen kun lola ji’oota 15f baha jiddugaleessaa gaaga’aa ture akka xumuramuuf balbala akka banutu himama. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA…
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Erga walii galteen mallatteeffamee booda Israa’el Falasxiinota gammachuun daandii gubbaa turna irratti haleellaa raawwatte.

Guyyaa kaleessaa walii galtee Israa’eliifi Hamaas Falasxiinota gammadaa jiran irratti Israa’el haleellaa raawwachuun lubbuu namoota soddomaa olii kan galaafatte yommuu ta’u namoonni hedduun madaa’aniiru.

Walii galteen kun kan hojiirra oolu January 19 ta’us garuu haleellaa Israa’el raawwatte namoota hedduu mufachiiseera.

“Walii galteen kun injifannoo Hamaasiiti, Israa’el Hamaas dhabamsiisuu hin dandeenye, dabalataan hamaas hidhamtoota Israa’el tokko yeroo gadhiisutti Israa’el ammoo hidhamtoota poolotikaa Falasxinio 30 hanga 50 kan gadhiistu taati.” Jechuunis rogeeyyiileen garaa garaa ibsaa jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Yaada , qeeqa , eeruufi komiiwwan qabdan kamiif karaa @AbdiiSabaaSupport nu qunnamaa!
Komii Barattoota Yunivarsiitii Bulee horaa.

Barattoonni Yunivarsiitii Bulee horaa waggaa jalqabaa akka ibsanitti nyaataa qulqullinni isaa gadi bu'ee nyaachaa akka jiraniifii sababa kanaafis hedduu miidhamaa akka jiran heeran.

Dabalataan ammoo kaaffee San keessatti iddoon Teessumaa gahaa fi sadarkaa isaa eeggate akka hin jirres Himanii jiru.

Kanaafuu furmaata barbaanna jechuun Haala keessa jiran heeranii jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Komii Barattoota Yunivarsiitii walaayittaa sooddoo

Barattoonnii Yunivarsiitii walaayittaa sooddoo yeroo hedduu nyaannii kaaffee dhumuudhaan akka rakkachaa jiran miidiyaan Abdii Sabaatti himan.

Kana hordofee Barattoonnii kunneen ciree torbee keessa Guyyaa 4 qofa akka nyaatan Kan ibsan yoo ta'u nyaanni isaanii dhihaatus qulqullina Kan hin qabne ta'uu isaatiin rakkoo hammaaf saaxilamuu isaanii Himanii jiru.

Kanaafuu qaamni dhimmichi ilaallatu furmaata itti nuuf hin kennu taanaan miidhaa cimaaf saaxilamaa jirras jedhan.

Akkuma beekamu ministeerri barnootaa meenuu fooyyeesuun isaa Nii yaadatama haa ta'u malee komiin barattoonni qaban Yunivarsiitiiwwan hedduu irratti akkuma itti fufetti Jiraachuun isaa bal'inaan mul'ata.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Ajjeechaa lammiilee irra ga’aa jiru kan kaameeraan hin waraabin qilleensi Oromiyaa naannawee haa lakkaa’u.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#Iyaafannoo

Daa'imni suuraa irrattii argitan kun maqaan isaa Gammachiis hoxiyyuu jedhama.jiraataa Godina Gujii Aanaa sorraa Ganda 01 yoo ta'u gaafa guyyaa 27/3/2017 manaa baduu isaa maatiin himan.

Mucaan kun daa'ima Ganna 12 yoo ta'u namoonnii argitan karaa lakk.bilb 0975711204 irrattii bilbiluun heeruu akka nuuf keennitan Kan jedhan maatiin gatii dadhabbii keessanis Nii kaffalla jedhanii jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Ajjeechaan amma Lammiilee irratti taasifamaa jiruufi kan duraan Alagaan taasifamaa ture garaa garummaa!

Ajjeechaan lammiilee irratti taasifamu kan dur seenaan dhageennee, gariif siidaa ijaaruun gariif ammoo yaadannoo garaa garaa taasisna. Aanolee fi Calanqoo jechuun dhalooti barata. Dhalooti kana dhaga’aa guddates gochi kun akka irra deebiin hin uumamneef jecha qabsoo bifa garaa garaan geggeessa. Kaayyoon qabsochaas kanuma hanbisuun ummata kanaaf akkasumas dhaloota boru dhaaluuf ardii mijattuu dhiisee deemuudha. Abbaan ijoollee isaaf maqaafi dhaala dhiisee adeema. Ijoolleenis abbaa isaaniin ni boonu ani ilma ebeluuti jedhu. Sabni oromoo seenaa abbootii isaa kaasuun, sirna gadaa faarsuun jaalalaafi badhaadhina Abbootii duraaniin haga harraa boona.

Gooti goota ka jedhames kaayyooma kanaaf. Nama ofiif jiraatee qabeenya dhuunfaa horatee lubbuun darbe kan yaadatu bicuudha. Ykn ganda isaa, ykn namoottan lakkoofsaan xiqqootu seenaa namootta kanniinii yaadata. Nama kaayyoo kanaaf galaafatame ammoo, sirbaan, siidaan akkasumas sagantaalee garaa garaan bara dhufaa darba yaadannoon taasifamaaf.

Ajjeechaan tures jirus, seenaadha! Kanaan dura kan nuti duune, kan nuti ajjefamne, kan gooti ittiin gootome , roorroo “alagaati” jennaan xiiqiin ummati ofirraa mormee ammas akka hin deebineef mormaa jira. Dhalooti nutti aanoo eenyutu eenyu ajjeese jennee barsiisna? Sanuu ragaawwan qabatamaa suur sagaleen waggaa dhibba harraa yeroo seenaa kana ilaalu dhalooti, abbootii keenya duraanii jedhee nuun dhaadatamoo nuun saalfata? Garaagarummaa guddaan gidduu seenaa duriif ammaa jiruu kana. Warri nu duraa diddaa alagaati jennaan xiiqiin morme, Oromootu Oromoo ajjeese jennee dhaloota barsiisnamoo? Sababa kam faa tarreessina laata? Seenaan seenaa kana maal jedhee kataba? Eenyutu abbaa seenaa kanaa ta’a? Gooti eenyu? Alagaan eenyu? Diddaanoo?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Guyyaa harraa ayyaanni kataraa haala miidhagaafi hawwataa ta’een kabajamaa ooleera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Miidiyaan @Abdii_Sabaa Hordoftoota Amantaa kiristaana hundaan Baga Ayyaana Cuuphaatiin isin gahe jechaa, ayyaanni kun kan gammachuu fi kan eebbaa akka isiniif tahu hawwii isaa gaarii ibsa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡