ABDII SABAA
498K subscribers
12.5K photos
182 videos
205 files
6.25K links
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Download Telegram
ABDII SABAA
#Ethiopia #Paris Dorgommiin xumuraa meetira 5000 dhiirotaa adeemsifameen meedaliyaa tokkollee hin arganne. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#ETHIOPIA #PARIS

Dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira 1500 eegalameera.

Biyyi keenya Itoophiyaan
🇪🇹Atileet Dirribee Waltajjiifi
🇪🇹Atileet Gudaaf Tseggaayeen bakka buuteetti.

🏃‍♂️Kanaanoo ni injifannaa laata?

Isinoo maal jettu?

Waliin eegna.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
ABDII SABAA
#ETHIOPIA #PARIS Dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira 1500 eegalameera. Biyyi keenya Itoophiyaan 🇪🇹Atileet Dirribee Waltajjiifi 🇪🇹Atileet Gudaaf Tseggaayeen bakka buuteetti. 🏃‍♂️Kanaanoo ni injifannaa laata? Isinoo maal jettu? Waliin eegna. SABA GUDDAA…
Gudaaf Tseggaayee 12ffaa, Dirribee Waltajjii 4ffaa ba’uun dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira 1500 goolabameera.

Seenaa Olompikii kessatti Itoophiyaan hagana taate hin beektu.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Maraatooniin dubartootaa Itoophiyaan 🇪🇹 Atileet Tigist Asaffaan 2ffaa ba’uun xumurte.

Siifan hasan 1ffaa ba’uun warqii argatteetti.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
Maraatooniin dubartootaa Itoophiyaan 🇪🇹 Atileet Tigist Asaffaan 2ffaa ba’uun xumurte. Siifan hasan 1ffaa ba’uun warqii argatteetti. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Atileet Siifan Hasan Rikardii Olompikii Haaraa Galmeessite

Atileetiin Lammii Nezarlaandii sabaan Oromoo Sifan Hasan sa'aatii 02:22.55 galuun rikardii cabsuun medaaliyaa warqee argatte.

Siifan Hasan Olompikii Paaris irratti fiigicha meetira 5000 fi 10,000 irrattis 3ffaa bahuun medaaliyaa kan argatte yommuu ta’u maaraatoonii irratti ammoo rikardii addunyaa cabsuteetti.

Baga Gammadde!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Guyyaa Tokkotti Dhaabbileen Daldaan Seeraan Ala Gatii Dabalan Kumni 3 Fi 512 Saamsaman – MDWHN

Daldalaa seeraan ala gatii dabalan kumni 3 fi 512 saamsamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Miseensota koree waloo farra daldala seeraan alaa fi to’annoo gabaa dhaabbilee daldalaa biyyaalessaa waliin ta’uun daballii seeraan alaa ilaalchisee hojiiwwan tokkoon tokkoon naannootti hojjetamaa jiran guyyaa 12ffaa bal’inaan gamaaggamneerra jedhan Ministirri Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen.

Bu’uura kanaan dhaabbileen seeraan ala gatii dabalan kumni 3 fi 512 yoo saamsaman, daldaltoota 38 irratti adabbiin hidhaa murtaa’uu himaniiru.
Dhaabbileen daldalaa oomisha dhoksan kumni 2 fi 95 cufamuu fi daldaltoota 212 irratti adabbiin hidhaa murtaa’uu eeraniiru.

Walumaagalatti hanga har’aatti dhaabbileen daldalaa seera cabsuun isaanii mirkanaa’e kan saamsaman keessa, dhaabbileen kumni 24 fi 386 bu’uura seeraatiin hojjechuuf erga waliigalanii booda banamuun hojii eegalaniiru.

Hojiin to’annoo fi hordoffii meeshaalee ijaarsaa ilaalchisee dhaabbileen daldalaa simintoo 59, sibiila 9, fi qorqqorro 10 seeraan ala gatii dabalan saamsamaniiru jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Naannoo Tigraayitti dhukkuba Busaa fi Koleeraa Ittisuu fi to’achuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Naannoo Tigraayitti dhukkuba Busaa fi Koleeraa Ittisuu fi to’achuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru biiroon fayyaa bulchiinsa yeroo naannichaa ibse.

Hoogganaan biiroo fayyaa bulchiinsa yeroo naannichaa doktar Amaanu’eel Hayilee TOIf akka ibsanitti, Kanaan dura naannichatti busaan kan mudatu yeroo ganni bahe ture.

Haa ta’u malee baatii gannaa baranaa haala hinbaramneen busaan babal’achuusaa eeranii, keessumaa tamsaasni busaa Waxabajjii ture baatii Adoolessaa dabaluu eeraniiru.

Kanarraa ka’uun aanaalee tamsaasni busaa keessatti baay’atu adda baasuun bulchitoota aanaa fi bakka bu’oota ummataa waliin mari’achuun furmaata kaa’uuf carraaqamaa akka jiru ibsaniiru.

Hawaasni Agoobaratti akka fayyadamu, qulqullina bishaan naannawasaa akka eeguu fi mallattoon busaa wayita argame gara buufata fayyaa akka dhaqu hubannoon kennamaa jira jedhaniiru.

Gama biraatiin baatii darbe naannichatti koleeraan mudatee turuusaa fi tumsa taasifameen to’achuun akka danda’ame ibsanii, dhiheenya koleeraan aanaalee lama keessatti mul’achuusaa himaniiru.

Namoonni dhukkuba Kanaan qaban waldhaanamaa akka jiran dubbataniiru.

Sababni ka’umsa koleeraa ijoon bishaan qulqulluu hintaanee fi mana qulqullinaa sirnaan fayyadamuu dhabuu ta’uu kaasanii, dhukkuba kana to’achuuf tumsi taasifamaa jira jedhan.

Naannichatti dhukkuba Busaa fi Koleeraa hatattamaan ittisuu fi to’achuuf dhaabbilee fayyaa federaalaa fi qooda fudhattoota biroo waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Erga Teelgiraam eegaltanii waggaa meeqa akka guute baruuf

As cuqaasaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/dogshouse_bot/join?startapp=foHqqqqnQ9CnWa1CY_iaZQ
Balaa lolaa naannoo Gaambeellaatti mudateen jiraattonni 16,000 ol qe’eerraa buqqaafaman 

Balaa lolaa aanaalee naannoo Gaambeellaa afur keessatti mudateen jiraattoonni 16,000 ol qe’eerraa buqqaafamuu bulchiinsi balaa tasaa naannichaa beeksise. 

Bokkaa cimaan roobeen walqabatee balaan lolaa aanaalee naannichaa afur Goog, Balaareefi Waantuwaa, keessatti mudateen jiraattonni 16,000 ta’an kunneen mooraa baqattootaa yeroo keessatti kan argaman ta’uu hogganaan biiroo bulchiinsa balaa tasaa naannichaa Obbo Gaatbeel Muun ibsaniiru. 

Lolaan kuni meeshaalee manaa, miidhaan lafa qoonnaarra jiruufi beeyladootarratti miidhaa geessisuun himameera. 

Balaan lolaa kana booda mudachuu akka danda’u eeruun jiraattonni of eeggannoo akka taasisan Gaatbeel akeekachiisaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Gareen Idil Addunyaa Tajaajila Yaala Bilisaa Kennu Marsaan Jalqabaa Itiyoophiyaa Seene

Gareen Idil Addunyaa Waqtii Gannaa tajaajila yaala fayyaa bilisaa kennu marsaan jalqabaa Itiyoophiyaa seeneera.

Jilichi waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahu Hoggantoota olaanoo Ministeera Fayyaan simatameera.

Gareen kun ogeeyyii yaala fayyaa 26 kan of keessatti hammate ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Ogeeyyiin kunneen Hospitaale Qulqulluu Phaawuloositti Koollejjii Meedikaalaa Barkumee, Hospitaala Alaartii fi Xiqur Anbassaatti lammiilee kuma 1 fi 500 oliif tajaajila yaala baqaqsanii yaaluu bilisaan kan kennu ta’uu eerameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Chaayinaa keessatti shamarreen sababa baayyina hojiitiin dadhabe jechuudhaan gara giddu gala tursiisa Manguddootaa seente.

Chaayinaa keessatti dubartiin ganna 38 tokko saffisa jireenya ishee hojiin itti baay'atu tasgabbeessuuf gara giddu gala tursiisa maanguddoo seente.

Aadde Yaang waggoota 11f indaastirii fiilmii fi televijiinii keessatti barreessituu seeneffamaa ta'uun hojjechaa turte; Hojiin ulfaataa ta'uun fayyaa ishee irratti dhiibbaa geessisaa tureera. Dhukkubni jalqaba bara kanaa mudateen hospitaala akka galtu ishee taasiseera.

Doktooronnis dubartii ganna 38 kanaan of kunuunsuu akka qabdu fi yoo hin ta'e, ammo rakkoon fayyaa hamaan akka ishee muudatu itti himan.

warri ishee lamaanuu waan du'aan boqotaniif maatii dhiyoo kan biraa akka hin qabdu. Bakka itti boqottu fi fayyuu dandeessu  bakki sirrii ta'e mana kunuunsaa ta'uu murteessiti.

Yang Ji'oota sadan darban giddugala maanguddootaatti erga dabarsitee booda , namoota umriin isaanii 102 ta'aniinis marfamte erga dabarsitee booda, Yaang ilaalcha jireenyaa ishee irratti ilaalcha haaraa akka argatuuf akka ishee gargaarees dubbatte.

Saffisa jireenyaa suuta jedhu mana yeroof qabdu keessatti madaquun, guyyoota ishee gammachuudhaan dubbisuu, barreessuu fi jiraattota biroo waliin haasa'uudhaan akka dabarsitu ibsite.Waa'ee egeree baay'ee akkan hin yaadne har'a qofaaf jiraachuu akka baratte dubbatti.

Dubartiin ganna 38 kun bara Jireenya ishee guutuu mana kunuunsaa keessa turuuf karoorfattee jedhamtee gaaffii gaafatamteen yeroo tokkotti ba'uuf karoorfachuu ishee, garuu yoom akka ta'e sirriitti hin beektu jetteetti. Ammaaf nagaa fi tasgabbii mana kunuunsa dullootaa Yisenlin Magaalaa Jilinitti gammadaa jirti Kana malees yaadannoo maanguddoota jiraattota achi jiran keessaa tokko barreessuuf gargaaraa akka jirtu fi barreeffamni kun yeroo dheeraa fudhachuu waan danda'uuf yeroo dhiyootti bahuuf karoora hin qabdu jechuudhaanis dubbattee jirti.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Boordiin filannoo yaa’ii ABUT gaggeessuuf “beekamtii hin kennu” jedhe.

Boordiin filannoo biyyaaleessaa yaa’ii Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) gaggeessuuf deemuufi murtii yaa’ichi dabarsuuf beekamtii kan hin kennine ta’uu ibse.

ABUT, gamasaatiin, yaa’ii waliigalaa paartichaa guyyaa har’aa akka gaggeessu miidiyaaleen naannichaa gabaasaniiru. 

Yaa’iin  waligalaa kun beekamti Boordii Filannoo Itoophiyaatiin ala waan ta'eef murtoo yaa’ichi dabarsuuf beekamtii kan hin kennine ta’uu boordichi beeksiseera. 

Paartichi xalayaa Televiziyoona Tigraay, Sagalee Wayyaanee fi FM Maqaleetiif barreesseen, yaa’ii Hagayya 7 gaggeeffamu jaamsuu fi burjaajessuuf jecha gabaasa dogoggoraa dhiheessaa waan jiraniif kana gochuurraa akka of qusatan akeekkachiiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Atileet Tammiraat Tolaa Fi Atileet Tigist Asaffaaf Guddinni Gulantaa Kenname

Komishiniin Poolisii Oromiyaa Atileetota miseensota isaa Olompikii Paaris irratti hirmaatanii fi meedaaliyaa argamsiisaniif guddina Gulantaa kenneera.

Haaluma kanaan dorgommii maaraatoonii dhiirotaan Meedaaliayaa Warqee kan argamsiise Atileet Taammiraat Tolaaf Gulantaa Komaandaraa kenneera.

Dorgommii maaraatoonii dubartootaan Meedaalitaa Meetii kan argamsiiste Atileet Tigist Asfaffaaf guddinni Gulantaa Ittaantuu Komaandaaraa kenneera.

Dabalataan Atileet Lammecha Girmaa fi Sisaay Lammaa gulantaan Inspeekara Olaanaa yoo kennamu, Atileet Magartuu Alamuuf gulantaan Inispeekaraa kennameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Shakkamtoonni Zayiita Nyaataatti Albuuda Hinmalle Makuun Gabaaf Dhiyeessan To’ataman

Shakkamtoonni zayiita nyaataatti albuudaa hinmalle dabalanii fi qulqullinaa isaa hineegganne gabaaf dhiyeessan to’atamaniiru.

Magalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 1tti, daldalaa zayita nyaataa shakkamtootarraa bituun gara kutaa biyyatti erga geejjibsisee booda, sirrummaa fi qulqullummaa omishichaa shakkuun gara Finfinneetti fiduun kanneen omishichi irraa bitametti deebisaara.

Daldalichi oomishicha erga deebiseen boodaa eeruu poolisiif kenneen, poolisiin hordoffii taasisa tureen, sakatta’aa mankuusaa shakkamtootaatti taasiseera.

Haaluma kanaan zayita nyaata albuuda hinmalleen makamee fi qulqullina hineegganne jaarkaanii abbaa liitira 20tti guutamuun kuufaman waliin to’annoo jala oolchuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
#NewsAlert
Mootummaa fi “TPLF” walii galaa hin jiran

"TPLF dirqama kanaan dura seenee diigaa dhufuun har'a gocha qabatamaan diigee jira. Gochi kun ummata Tigraay nagaa argatee ture akka saamutti fudhatama!"

Gareen ABUT Dura Taa’aa Dabratsiyoon G/Mikaa’eel (Dr.)n durfamu yaa'ii kana eegaluun isaa yeroo beeksifamu, Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa (Dr.) Laggasaa Tulluu ergaa gabaaba cimaa ta’e dabarsaniiru.

Innis "Biyyi addunyaa kamiyyuu keessa jiru Heeraa fi seeraan bula" jedhaniiru.

"Seerri fi sirni ittiin bulmaataa nama, dhaabbata, sochii siyaasaa, garee kamiiyyuu olii dha jedhaniiru. Kunis seeraa fi sirna biyyaa hordofuun qaamni hin sochoonee kamiyyuu, galmi isaa badii dha." Jechuun hubachiisaniiru.

"TPLF dirqama duraan galee diigaa dhufuun har'a tarkaanfii qabatamaan diigee jira" jechuun Dr. Laggasaan beeksisaniiru.

"Tarkaanfiin kun nagaa ummanni Tigraay argatee ture akka irraa fudhatutti ilaalama," jedhaniiru.

"Kanaaf kan itti gaafatamu isa (TPLF) qofa" jechuun ergaa cimaa dabarsanii

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
#SagaleeSabaa

Dhabbannii dhuunfaa commercial nominees jedhamu wayita kana hojjettoota 6000 ol kan ari'ee fi sababa tokko malee hojjii akka dhaaban akka taasise hojjettoonni dhaabbaticha komii isaanii dhiheeffatan.

Egaa dhabbatichii hojjettoota kanneen waamuudhaan koottaa walii galtee keessan adda kutaa akka jedheen hojjettoonni komii dhiheessan keessatti heeraniiru.

Hojjetaa dhabbatichaa kan ta'ee fii waggaa 6f dhabbaticha keessa hojjechaa kan ture akka ibsetti ''ani dhaabbaticha keessa hojjechuu ergan eegalee waggaa 6 guuteera haa ta'u malee yeroo hammaa kana sababa hin beekmaneen  hojii nu dhaabsisanii jiru''jechuudhaan dubbatee jira.

Hojjettoonni kunneen hojii erga dhaabanii guyyoota 8 akka lakkoofsisaan ibsuudhaan qaama dhimmichi ilaallatuttii iyyata dhiheeffatanii akka turanis ibsaniiru.

Dhaabbatichi ittiin bulmaannii isaa Baankii daldala Ithiyoophiyaatiin yoo ta'u baankiin daldala ithiyoophiyaa bu'aa waan dhabeefidha jechuudhaan akka sababaatti kaasuu isaanis dubbatu.

Dhimma kana waajira hawwasummaatti ibsanii kan turan yoo ta'u isaanis gara dhimmichi ilaallatuttii isiiniif dabarsinaa nuun jedhani turan jechuudhaan sagalee nuuf ta'aa rakkoo keessas jirraa jechuudhaan komii isaanii dhiheeffatan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
#ASBEKS

Miidiyaan @Abdii_Sabaa guyyaa harraa irraa eegaluun kaffaltii tajaajilaa mara kara Asbeks qofa kan raawwatu ta’uu kabajaan ibsa.

Baasiifi galii hordofuufi Asbeks bitachuuf 👉 @AsbeksMarket

Adeemsa pirojektii Asbeks hordofuufi gaaffii qabdan garee Asbeks gaafachuuf 👉 @abdiisabaa

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Boba’aan Seeraan Ala Socho’aa Ture Leetirri Kumni 20 To’atame

Boba’aan seeraan ala socho’aa ture leetirri kumni 20 to’atamuu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksiise.

Boba’aan seeraan ala Finfinnee ka’uun gara magaalaa Asoosaa imaluuf ture leetirri kumni 20 Keellaa Buraayyuutti to’atamuu abbaan Taayitichaa himeera.

Beenzilli leetirri kumni 20 Buufata Boba’aa ‘Total’ jedhamu Finfinnee Karra ba’umsa Jimmaatti argamuu seeraan ala waraabamuun Konkolaataa fe’amsaan fe’amee osoo imalaa jiruu to’atamuu ibsameera.

Boba’aan to’atame kun dhaalamuun mootummaaf galii akka ta’u murtaa’uus eereera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
Dhibeen mariiyyee Jaldeessaa akka Afrikaatti yaaddoo guddaadha jedhame

Giddugalli Ittisaa fi To’annoo Dhibee CDC'n akka labsetti dhibeen Maariyyee Jaldeessaa (mpox) sadarkaa Afrikaatti yaaddoo fayyaa hawaasaa hatattamaa ta'eera.

Qorattoonni fayyaa giddugalichaa gosti dhibichaa saffisaan tatamsa'aa jiraachuu eeraniiru. Jalqaba baranaarraa kaasee hanga ammaattii namoonni kuma 13 fi 700 dhibichaan kan qabaman yoo ta’u, isaan keessaa namoonni 450’n Rippaabilikii Dimokiraarawaa Koongootti lubbuun darbuun ibsamuu BBC'n gabaaseera.

Dhibichi guutumma qaama namaa kan madeessuu yoo ta’u, biyyoota akka Burundii, Afrikaa Giddugaleessaa, Keeniyaa fi Ruwaandaa dabalatee biyyoota biroottis tamsa’uun ibsameera.

Dhibichi yaaddoo fayyaa hatattamaa jedhamee labsamuun dhiyeessii dawaa fi deebii mootummoonni biyyoota ardichaa dhibicha to’achuuf kennan qindeessuuf gargaara jedhameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡