ABDII SABAA
501K subscribers
12.5K photos
185 videos
205 files
6.26K links
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Download Telegram
'Dhagaan' samiirraa dhufe jedhame maali?

Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti dhagaa dhiheenya kana Samii irraa bu’e jedhame Ilaalchisuun Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’ooIspaashaal ibsa kenne.

Ibsi isaas akka armaan gadiitti:

"Astirooyidoonni qaama dhagaa hawaa keessa jiranidha."

Isaanis adda durummaan qaama Sirna Aduu yoo ta'an, geengoo uumuun Aduutti naanna'u.

Qaamonni samii kun guddaa ta’uu danda’u. Gariin isaanii kiiloo meetira dhibbaan lakkaa’aman kan dheeratudha.

Meetiyooraayitoonni ammoo ciccitaa asteroyidii ykn koomeetota nannoo ardii seenaniidha.

Sararri ifaa samii halkanii keessatti arginu kan uumamu Meeteyoorooyidootaan, yeroo dhagaan hawaa xixiqqoon hawaa irraa ardii seenanii gubataniidha.

Meetirooyidoonni baay’een isaanii xixiqqoo waan ta’aniif osoo lafa hin ga’iin guutummaatti gubatu.

Dhagoonni gurguddoo fi jajjaboo ta’an gubaa atmmosferaa dandamachuun lafa gubbaa ga’u.

Dhagaan suuraan armaan olitti mul'atu kun Zoonii Jimmaa Magaalaa Yabbuu keessatti argame.

Dhagaan argame kun bifa armaan oliin kan dhufe taanaan meeti’oorayitii ykn gosa dhagaa hawaa kan biraa ta’uu isaa adda baasuuf qorannoon laabraatoorii barbaachisaadha.

Meetirooraayitoonni dhagaa lafaa waliigalaa wajjin amala hedduu kan qabaatan taʼus, mataan isaanii bifaafi caasaa adda taʼe waan qabaniif ijaan adda baasuun rakkisaa taʼa.

Qorattoonni tooftaalee ulfaataa fi meeshaalee saayinsii fayyadamuun walnyaatinsa meetirooraayitii xiinxalu.

Kunis argama elementoonni lafaan ala jiran adda baasuu fi qabiyyee albuudaa xiinxaluuf reeshiyoo Aayizootooppii tasgabbaa’aa safaruu dabalata.

Xiinxalawwan kun ka’umsa meeti’oraayitii fi madda ka’umsa isaanii irratti hubannoo argachuuf gargaaru.

Dhiibbaan fi miidhaa meetirooraayitiin lafa irratti fidu xiqqaadha.

Waggaa waggaan lakkoofsi isaa muraasa qofatu gara lafaatti gad bu’a. Sababni isaas qaamni isaanii irra caalaan isaa yeroo qilleensa lafaa keessa darban gubachuun barbadaa’u.

Meetiyooraayitionni gurguddaan darbanii darbanii gadi kan dhufan taanaan miidhaa geessisuu danda’u. Haa ta’uyyuu male kum kan mudatuu waggoota kumaatama keessatti al tokko lamadha.

Miira kanaan ogeeyyiin urjii teleskooppii fayyadamuun sochii isaanii itti fufiinsaan hordofuu fi kanneen miidhaa guddaa geessisuu danda’an dursanii adda baasuun tarkaanfiiwwan of eeggannoo adda addaa fudhatu.

Fakkeenyaaf: Kaalaandarii biyya keenyaa keessatti, waggaa 5 booda, jechuunis bara 2021. Asteroyidii bal'inni isaa meetira 340 kan ta'e Apoofis bakka saatalaayitoonni Ji'oosinkiroonasii jiran irraa km 35,786 fagaata. Lafa irraa km 31,860 itti dhihachuu akka danda’u Ragaan ni agarsiisa.

Yeroo ilmi namaa meeshaalee fi tooftaalee adda addaa fayyadamee hawaa qorachuu jalqabee kaasee yeroo jalqabaaf dhagaan guddaan hamma kanaa lafatti dhihaachuun isaa yeroo jalqabaatiif akka ta’e ni himama.

Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’ooIspaashaal Itiyoophiyaa Inxooxxootti michoota waliin ta’uun teleskooppii hordoffii asteroyidiif oolu ijaaraa jira.

#SSGI

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#YuunivarsitiiDabireMaarqoos

Yuunivarsitiin Debre Maarqoos yeroo galmee barattoota sagantaa gannaa digrii tokkoffaa fi lammaffaa jiran dheeresse.

Yuunivarsitichi yeroon galmee barattoota ganna bara 2016 Adoolessa 16 fi 17/2016 akka ta’e ibseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#Waamicha
#Yuunivarsitii_Haramaayaa

Yuunivarsitiin Haramayaa barattoota digrii tokkoffaa sagantaa gannaaf waamicha taassise.

Barattoonni waggaa 3ffaa fi 4ffaa guyyaan seensaa Adoolessa 21/2016 yommuu ta’u, Galmeen Adoolessa 22 fi 23/2016 akka raawwatamu ibsameera.

Barattoonni eebbifamoo PGDT waggaa 6ffaaf guyyaan seensaa Adoolessa 28/2016 yommuu ta’u, Galmeen Adoolessa 29 fi 30/2016 akka raawwata.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#kutaa_12ffaa

Qormaatni biyyaalessaa Kutaa 12ffaa marsaa lammaffaa eegaleera.

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa saayinsii uumamaa marsaa lammaffaa har'a Adoolessa 9/2016 irraa eegalee guyyoota sadiif walitti aansuun waraqaa fi toora interneetii irratti ni kennama.

Qormaanni har'aa Afaan Ingiliffaa fi Herregaan kan eegalu yommuu ta’u, qormaanni xumuraa Keemistiriifi Baayooloojidha.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa barattoota maraaf carraa gaarii hawwa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#Waamicha

Barattoota Gannaaf

📌Yuunivarsitii Samara- Galmeen Adoolessa 17-19/2016. Barnooti Adoolessa 22 eegala.

📌Yuunivarsitii Aksuum barattoota digrii jalqabaafi lammaffaa- Galmeen Adoolessa 21-22/2016.

📌Yuunivarsitii Madda Walaabuu- Galmeen Adoolessa 22-23/2016. Barnooti Adoolessa 24 eegala.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
ABDII SABAA
#Waamicha Yuunivarsitiin Jinkaa barattoota Idileefi Gannaaf waamicha taassise. Yuunivarsitiin Jinkaa galmee barattoota gannaa mara gosa barnootaa maraan Adoolessa 15-16/2016 akka geggeessu beeksise. Barnoonni Adoolessa 17/2016 eegala. Dabalataan Yuunivarsitichi…
Jijjiirraa Waamichaa

Yuunivarsitiin Jiinkaa Guyyaa waamichaa jijjiire.

Yuunivarsitiin Jiinkaa waamicha barattoota Saayinsii Fayyaafi fayyaa beeyladootaa Adoolessa 15fi 16/2016 ture dheeresse.

Haaluma kanaanis galmeen barattoota kanneenii Adoolessa 29-30/2016 akka geeggeeffamu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Itiyoophiyaa Fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii Bittaaf Gurgurtaaf Maallaqa Isaanii Fayyadamuuf Waliigalan.

Itiyoophiyaa fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii bittaaf gurgurtaaf maallaqa isaanii fayyadamuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessa Itiyoophiyaa Obbo Maamoo Mihiratuu fi kan Emireetoonni Araba Gamtoomanii Mahaammad Baalaamaan waliigalticha mallatteessaniiru.

Biyyoonni lamaan maallaqa isaanii fayyadamuuf waliigalteerra ga’aniiru.
Hojiirra oolmaa waliigaltichaaf kan hojjetan ta’uu Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa ibsa baaseen eereera.

Waliigaltichi hariiroon biyyoota lamaanii cimaa dhufuu mul’isa jedhame.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Balaa Tiraafikaan lubbuun namoota 9 darbe

Godina Geediyoo Aanaa Corsootti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 9 darbuun ibsame.

Balaa konkolaataa fe’uumsaa Diillaarraa gara Mooyyaaleetti imalaa ture akkasumas konkolaataan ummaataa Doolfin jedhamu Diillaarraa gara Bulee Horaa imalaa ture giddutti uumameen lubbuun namoota sagalii darbe.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa maatiifi firoottan akkasumas hiriyoota namoota balaa suukanneessaa kanaan darbaniif jajjabina hawwa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Barnoota Isaanii xumuruun biyyatti kan deebi’an kantiibaan magaalaa Finfinnee duraanii Inj. Taakkalaa Uumaa hojii geggeessaa Olaanaa Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii ta'un muudamuu dhaabbatichi beeksise.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
#Finfinnee

"Ji'a 2 hanga 3 gidduutti Konkolaattonni koodii 2 dabareen akka socho'an ni taasifamu, " - Abbaa Taayitichaa

Magaalaa Finfinneetti dhiphina tiraafikaa ganamaa fi galgalaa hir'isuuf konkolaattonni koodii 2 dabareen akka socho'an murtaa'e.

Konkolaattonni Koodii 2 lakkoofsa qeenxee fi guutuu qaban dabareen akka hojjetan taasisuuf bu’uurri seeraa qophaa’ee jira jedhameera.

Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee akka beeksisetti ji'a lamaa hanga sadii keessatti konkolaattonni Koodii 2 magaalattii keessatti dabareen kennamuufiin socho'u.

"Ganama hojii seenuufis ta'e ba'uuf dhiphina tiraafikaa cimaatu jira," kan jedhe waajirrichi, kana furuuf qaamolee dhimmi ilaaluu waliin ta'uun bara haaraa sochii geejjibaa irratti haaromsi ni taasifama " jechuun waajirrichi ibseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡