Galmee Seenaa Qulqulloota!
2.36K subscribers
49 photos
2 files
64 links
" Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman."
Ibroota 11: 37
Download Telegram
" Yaa ilma koo, gorsa abbaa keetii dhaga'i , barsiisa haadha keetiis hin tuffatin."
Macaafa Fakkeenyaa 1: 8

Gamni gorsa dhaga'a

Dargaggummattii wanti ani yaadu hunduu sirriidha yaada jedhu keessa bahi, waan hundayyuu arge malee hin amanu hin jedhiin, dhagahanii amanuun, warra dogongorerra barachuun hubannaa ta'uusa hin dagatiin!

Beekumsa nama waggaa 80 argachuuf dirqama umuriin kee 80 ta’uu hin qabu, warra umuriin isaani 80 guute hubannaan dhaggeeffadhu
gorsa yoo dhaggeffatte tola baratta, gorsa dhagahuu yoo didde garuu gatii kanfaltee akka barattu beeki, gatii kanfalanii barachuun dadhabsiisaa akkasumas nama gaabbisisa
gamna yoo taate waan namarra gaheeraa baratta gowwaa yoo taate garuu gaafa sirra gahu irraa baratta
waan agarte mul'isi, waan sitti hin mul'atiin dhiisi, waan sirritti hin hubanne hin barsiisiin, waan hin dhamdhamiin nama hin afferiin, waan dhageesse hunda hin amaniin, waan haasofte hundaan sirridha hin jedhiin

kan laatte irranfadhu malee hin odeessiin, dhumasaa osoo hin argiin galata hin bayisiin, osoo aduun hin dhihiin guyyaan kun bareedadha hin jedhiin
ijjike waan fulduraan argamu yoo yaadeyyuu garaanke boodasaa waan dhufu ha yaadu, waan boriirra akka geessuf isa kaleessa in dagatiin, karaan irra deemtu akka si jalaa hin badnetti karaa irra dhufte hin dagatiin.
hojii gaarii abboota fkn godhadhu, jireenya isaan dabarsanirraa baradhu malee jajjuus cabsituus hin ta'iin, namoonni kan biraa waan isaan ta'uu qaban gaafa bartu ati waan ofii ta'uu qabdu akka si jalaa hin badnetti of eeggadhu
jalinni si hin ho'isiin waan gaariniis sitti hin qorriin, jal'inaaf dandeettii yoo qabattee waan gaariifis dandettii waan qabduuf hojiinke filannookerratti waan hundawuuf itti yaadi


@qulqulloota @qulqulloota
Baga Geessan!

Baga Bara 2013'n isiin Gahe !

Kan Nageenyaa
Kan Jaalalaa
Kan Fayyinaa
Kan Milkaa’ina
Kan Jireenyaa
Kan Qalbii Jijjiirannaa

Waaqayyoo nuuf haa taasisuu. Ameen.
Forwarded from Faaruu Daawit®
🙏IRBUU🙏
ASOOSAMA AFUURAA
Dn Biqilaa Qana'aatiin
Yeroo dhiyootti...coming soon

Obboleessi keenya Dn Biqilaan kitaaba asoosama afuuraa mata dureen isaa 'IRBUU' jedhu yeroo dhiyootti waan nuuf maxxansiisuuf isa bira dhaabbannee jajjabeessuunii qabna! Kanaan dura kitaabni asoosamaa mana amantaa keenya keessatti kan beekamu miti, obboleessi keenyammoo nu bohaarsaa, nu barsiisuuf kitaaba akkasii maxxansuuf jaallateera. Yeroo maxxanfamee gabaaf dhiyaatu immoo isin beeksisna...obboleessa keenya kanammoo nuuf eebbisaa🙏🙏obboleessako eebbisami, qalamni kee hin gogiin...

⚫️@faaruuortodoksii⚫️
🔴@faaruuortodoksii🔴
⚪️@faaruuortodoksii⚪️
Abbaa Zooyoos
...... .. .... .. .....
Mucaan dhiiraan tokko abbaa Zooyoos bira adeemee akkana jedhe; "Daboon sadii yoon guyyaatti nyaadhe baay'ee dha?" Jedhee gaafate. Abbaa Zooyoosis "Gara gadamii kan dhuftee nyaatà lakkawuuf miti" jedheen. Obboolleessi kun itti fufuudhaan "Burcuqoo sadii Waayinii yoon dhuge ni baay'ata?' jedheen. Abbaa Zooyoosis"Seexanni osoo jiràachuu baatee hin baay'atuu ture. Haa ta'uu malee seexanni waan jiruuf baay'eedha. Waayiniin fedhii Waaqayyoodhaan jiraataaniif meeshaa waranaattidha" jedhanii deebisaaniif.

@qulqulloota @qulqulloota
Sagalee Isaa Baradhu

"Ati yaa namaa!
Sagalee waaqayyoo baradhu. Yoo jijjiiramuu baatte illee callisii baradhu. Yeroo hunda baradhu. Of sirreessuu dhiisuu dandeessa, of jijjiiruu dhiisuu dandeessa, garuu baradhu. Yoo xiqqaate nama gaarii ta'uu baattus dandeettii ittiin of ceephaatu ni argatta. Yoo barachuu baatte garuu dandeettii itti of ceephaatu illee hin argattu!. Kanaaf baradhu! Yeroo barattu yoo xiqqaate yammuu cubbuu hojjettu illee of ceepha'aa hojjetta. Isheen kun immoo balbala gaabbii siif taati. Guyyaa tokki gara gaabbiitti si geessiti!


#QYohaannis_Afaan_Warqee
Forwarded from Koree eebba Mana Kiristaanaa Ishee Xiqqoo
Nageenyi Waaqayyo Isiinif haa baayyatu akkam jirtan ?

Eyyemamoo taatanii gara koree eebba kitaaba mana kiristaanaa ishee xiqqoo tti dhuftan. Kitaaba kana hanga danda'ame eebba gaarii taasisuun dhaloota boru mana amantaa keenya nuuf bu'aniif daandii ykn balbala akka banuuf miseensoonni mana amantaa hundi, waldoolleen hundi, barattoonni mooraa yaa'iiwwanii, duuka bu'oonni Kolleejjiiwwan Afuuraa warreen isiin beektan, Abbootii amantaa dabalatee akka afeera dhiyyeesinu.

Inni biroon yaada dimshashaa kitaaba kana kan hirmatootaaf ibsuu danda'an tajaajiltoota Gurguddoo nama afur osoo filataanii kitaaba kana dubbisuun akka itti qopha'an gochuu. Kanaaf tajaajiltoota kana afeeruu.

Miseensoonni mana amantaa karaa sab qunnamtii hawaasa ammayyaan onlive irratti hirmachisuun akka sagantaa hordofaan taasisuu. Kanaafis haala mijjeessuu.

Koreen tokko miseensa meeqa dammaqsuu akka qabu murteessuu fi irratti hojjechuun barbachisaadha.
"Beekaa Beekamtii Hin Arganne"
Guta Cheru Jedhama.

Eebba kitaaba kana nu affeeree jira.
Irraa hin hafina irraa hin hafamu !

Barsiisaa Jabaa Amantootni Ortodooksiin Oromoo namaa kitaaba nu barreessee fi barreessuu qabna jennee qomaa dhiibne dubbatanu keessaa #B/saa D.n Guutaa Charuu isa angafaa dha.
Bara homaa nama hin gammachiisne keessa jirra.

Wanti ilaalluu, dhageenyu, dubbisnu, wanti barreessinu hundinu kan namatti hin tollee dha.

Yeroo ammaa kana oduu gidiraa fi oduu hamaa, oduu cabsaa, oduu gaddaa irraan kan hafee wanti namatti toluu hin jiru. Barichi faallaa taheera.

Oduu nagaan jibbamtee; oduun jibba jaallatamtee. Gaarii kan ta'ee Hundinuu namatti hadha’eera.

Garuu sagaleen waaqayyoo “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!” nuun jedha. Filp. 4:4

https://t.me/Qulqulloota
FB_IMG_15775464887250435.jpg
219.7 KB
Ergamaa du'aatiin kufuu jalaa kan nama baastu Yaa #Gabri'eel ! Nagaan siif haa tahuu.
Halkanis guyyaas ati nu eegi. Ameen
Wanti kamiyyuu harka waaqayyoo keessa akka jiru hubadhuutii kadhannaa geggeessi. Hojiin kamiyyuu harka kee keessa akka jiru beekiiti hojii hojjedhu. Bakka gahuu barbaaddu gahuudhaaf dandeettii qabdu hundatti fayyadami hojjedhu. Nama dadhabaa hin ta'iin. Hojiiwwan kamiyyuu abdiidhaan hojjedhu. Kan barumsa barannus firii gaarii qofa galmeessuuf miti. Kan hojjennuufis mindaa guddaan akka nuuf kaffalamu qofaaf miti. Jireenya keenyatti gammadne akka jiraannuuf malee. Dhiphachuu fi yaaddoo keessa galuu gaafa eegalu furmanni isaa harka waaqayyoo akka jiru hin dagatin. Hanga dandeettii keetii yoo hojjette kan biroo immoo waaqayyoo akka siif dabalu amani. Inni dubbii isaaf amanamaa dha.


Maddi: bu'ura jireenya afuuraa ykn mootii nageenyaa kan jedhurraa🙏💓🙏
Ilma kee isa arjaa fayyisaa addunyaa.

Gugee koo*2 gugee garaa laafeetti koo maariyaam giiftii harmee gooftaa koo qalama warqeetiin barreessi maqaa koo.

Nutti hin hidhiin badii keenyaa maariyaam giiftii harmee gooftaa keenyaa du'a ka'uu keetiin si kadhanneera.

Eenyuuti himadhuree gaddaa keessaa koo si malee maariyaam giiftii harmee gooftaa koo dafiitti naaf dhaga'ii kadhannaa koo.

Yaa giiftii keenyaa*2 nuu to'adhuu kaa gargaarsi ilma kee nurraa hin siqiin kaa.

Nun gatiin kaa nurraa hin siqiini nun muufatiinikaa yaa waaqaa nagaa nutti araarami kaa.

Waaqa muusee, waaqaa haroon waaqicha izraa hamaarra nu oolchii adaraa.

maqaa waaqa abbaafi ilmaa, afuura qulqulluu waaqarrattii si kadhannaa maariyaam duraaf booddeetti gaddaashee dhaga'i boo’ichaa fi iyyaashee kan amantaa keenya tewahidoo kadhannashee.




@qulqulloota @qulqulloota
Yaa waaqa Qulqulluu Rufaa'eel !
dhiphina foonii fi lubbuu jalaa na dhoksi !

Yaa Rufaa'eel ! Humni dadhabootaa si'iidha hoo.
Yaa Rufaa'eel ! Ajaa'iba kan hojjettu waan taateef ajaa'ibawwan kee nan dubbadha.
Yaa Rufaa'eel ! Kadhannaa koo fi galata koo ol gara samiitti akka ol na baastuuf, maqaa waaqayyoo Ilmaa fi haadhaasaa #Durboo Maariyaamiin sin kadhadha.

Hiriyoota koo dhiphina foonii fi lubbuu jalaa isaan dhoksi !

T.me/qulqulloota


🙏💓🙏
#Haadha_Ifaa..........Dubbisaa !

Dhugumaan firii muka tokkoo nyaachuun gatii hanga kanaa nama kafalchiisuu qaba turee ?
Waaqayyos maaliif mukicha uume ?
Mukichi muka waan gaarii fi yaraa kan nama beeksisu taanaan waaqayyo waan gaarii fi yaraa(hamaa) akka adda baasnu hin barbadu jechuudhaa ?

Mukicha erga nyaataniin booda iji isaanii ni banaman.
Kanaafuu, gorsi bofa sirrii ture jechuudhaa ?
Hewaan waan tokko illee hin balleessine jechuudhaa ?

T.me/qulqulloota

Bitadhaa dubbisaa maaloo !
🙏💓🙏
Yaa Addaamii fi Hewaan maal isin goone jettanii gaaffii warra gaafattaniif deebiin kunoo

Kitaaba #Haadha_Ifaa jedhuu dubbisuu dha.

"Yaa Addaamii fi Hewaan nuyi isin qeequun nuuf hin danda’amu. Utuu ittiin haasa'aanii arraba ofii qeequun akkuma hin danda'amne akkasuma isin nuyi dha;nutis isini dha.
Yaa Addaamii fi Hewaan akka nuti isin hin qeeqneef gidiraa gooftaan dhiifama taasisu isinitti fide irraa gaabbitanii gaabbii seentaniittu.

Yaa Addaamii fi Hewaan isinoo fayyitaniittu; dhiiga gooftaa bu'uura ta'ee isin fayyiseen gara dhaala keessan duraa sana gara jennataatti galtaniittu.....nuyii fi ijoollotni keenya garuu cubbuun akka abiddaatti nu gubde.
Fedhiin fooniis nu bobeessite" !

Qiddaasee Qulqulluu Atinaatiwoos irratti akkas jedha.

T.me/qulqulloota
🌹 BAGA GEESSAN🌹

🌽FULBAANA 26 YEROO YAADANNOO GODAANSA GIIFTII KEENYA DURBOO MAARIYAAMIITI.🌽

Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 ti kan yaadatamuu dha.

Yeroon kunis "Bara Abaaboo" jedhamee beekamaa.

Sababiin maqaan kun kennameef yeroo kana keessaa Abaaboon qalbii namaa hawwatan, urgaa'inni isaanii immoo kan nama gammachiisan, firii mucaan namaa nyaatu kennuuf kan nama abdachiisaan baay'inaan yeroo itti argamaniidha.
Haaluma kanaan abbootiin keenya durboo Maariyaamiin abaaboo kanatti akka isheen fakkeeffamtu godhanii barsiisaniiru.
Fakkeenyaaf Abbaan Efreem Galataa Sanbata Guddaa Lakk.7 irratti " Ati yaa #Maariyaam_Abaaboo bareedde urgooftuu dha, firiin si irraa argame #kiristoosiidha" jedhee barsiiseera.
Qulqulluun Gabri'eel "Firiin garaa keetii kan eebbifamee dha" jedheera.
Haati keenya #Durboo #Maariyaam waggaa 3 fi ji'a 6 guutuu bona aduudhaan, ganna bokkaadhaan, qorraan, dheebuu fi beela’an hanga biyya Gibxii geessutti, biyyaa Gibxii yeroo geessuu immoo simannaa dhabdee bosona biyya Gibxii keessaa baayyee rakkattee, dhiphattee buddeena jireenya isa ta’ee gooftaa keenya nuuf argamsiifte waan taheef yaadannoon ishee bara baraan ni yaadatamaa.

Gondaansi Maaliif Barbaachisee?

1. Raajii raajamee sana raawwachuudhaaf.
Isay.19:1-2 irratti " Yaa Gibxii, Waaqayyoo duumessa ariifataa yaabbatee gara kee ni dhufa, waaqa tolfamaa kees ni caccabsa!" kan jedhamee sana raawwachuudhaafi dha.
2. Hose'i 11:1 irratti " Mucaa koo biyya Gibxii ti naan waamee raajii jedhu akka raawwatamuuf.
3. Walumaa gala Raajii dubbatame ture dhugoomsuudhaa fi fakkeenya macaafa keessatti iccitiin caafame jiru dhugoomsuudhaaf. Mat.10:23, M.Yoh.12:13-17 fi k.k.fa'a ilaaluu dandeessu.

🌹@abbootii🌹
🌹@Qulqulloota🌹


Arjummaan Waaqayyoo, Araarsummaan Durboo Maariyaamii, Kadhannaan Qulqulloota Toloota fi Wareegamtoota ,bartootaa, Ergamoota bara baraan nuu waliin haa jiraatu. Ameen
Forwarded from Qabsuura Abbootii (#Baliye #Melaku)
Waaqayyoo obsaa waan taheef !

Waaqayyoo obsaadha. Obsummaan isaas cubbamootaan danda'ee callisuu isaa qofa miti. Rakkoon yommuu nurra gahu hanga yeroon hojii isaa gahutti waaqayyoo ni callisa. Callisuun isaa kunis obsa isaati. Waaqayyoo cubbuu yommuu hojjennu qofaa osoo hin taanee gidiraan yommuu nurra gahuus abbaa obsaadha. Ni callisa. Kunis kaniin callisuu hanga yeroon hojii isaa gahuuttii dha !


Maddi kitaaba: "Waaqayyoo kan nu irraanfate maaliif nutti fakkaata ?"
Kan jedhuurraa !

Dubbisa kitaaba baay'ee namatti toluu dha.
Nagaan waaqayyoo isiniif haa tahuu jechaa !

Haala adda addaan walirraa fagachuun keenya ni beekama.
Kanan booda heyyama waaqayyoo yoo ta'ee waliin barumsa amantaa baranna.

Garee kana keessa kanneen jirtan online fedhiidhaan koorsii barachuu kan barbaaddan karaa inbox kottaa sanaan booda garee koorsii baratuu hundeessina barnoota jalqabna yoo fedha waaqayyoo ta’ee.
Kiristoos du'aa ka'e, humnaaf Aangoo isaan, seexanni hidhame,Addaam bilisaa ba'e, kana booda ,nageenyiifi gammachuun ta'e. Baga Ifa Du'aa Ka'umsa Gooftaa keenya Iyyaasuus kiristoosii nagaan Gessan.
Ayyaana Gaarii !
Nagaan waaqayyoo isiniif haa tahuu maatiiwwan koo !

Dhiifama guddaa isin gaafadha. haala bara kana ilaaleen tajaajila afuuraarraa fagadhee turee. Amma garuu haala ilaalanii tajaajila afuuraa geggeessuun sirrii akka hin taane hubadheera.

Waaqayyoon na kadhadha.

Ulfaadha kabajamaa !