YOOYYAA DOCTER
1.24K subscribers
134 photos
1 file
16 links
🍁Odeeffannoo fayyaa kanneen ni barsiisu ykn hubannoo ni kennu jennee yaadnu siniif dhiyeessina.

🍁Gaaffiwan fayyaa walliin wal qabatan issiinif deebisuuf Afaan Oromon Ogeessoota fayyaa quuqama sabaa qabaaniin issinif dhiyeesina
🍁Gaaffidhaf 👇
@yooyaDr
Download Telegram
🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅

HUBACHIISA
>Faayidaa buna kaneen kana fakkatan yoo ta'u.
♦️Yeroo ulfaa garuu dubartoonni buna dhorkamuu batamuus xiqqeesani yoo dhugan gariidha. Akka qorannoon mul'isutti dubartoonni yeroo ulfaa garmalee buna baay'isan ulfi irra bahuu (miscarriage) danda'a jedha.

♦️Bunni xiqqoos taatu dhiibbaa dhiiga ni dabala. Kanaaf hin dhugina jechuus batamu namni dhiibba dhiiga qabu xiqqeesee dhugu qaba.

maaree "Buna fi nagaa hin dhabina " jedha mitiree oromoon. "Bunni jira......koottaa Buna dhuga!!"

Hirriyooya keessan buna jalaatanifis tahe hin jaalaneef share godhaafi

Fayaan Faaya☕️☕️☕️

source: authoritynutrition.com
Galatooma!!!FAYYA TA'A!!
DHUKKUBA GARAACHAA MAALTU FIDAA?
1. Baakteeriyaa H. paylori. Baakteeriyaan kun garaacha keenyaf
mar’umaan keenya ol’aanu miidhuudhaan kan dhukkuba kanaaf nu saxila.
2. Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman NSAID jedhaman. Isaan
kun kanneen akka aspirin, indomethacin, ibuprofen, fi kkf.
Qorichoota kana yoo ajaja ogeessaa malee ofii keenyaa bitannu kana beekaa of eeggachuu qabna.
3. Tamboo xuuxuu. Dhukkubni garaachaa akka dafee sadarkaa
badaa irra gahuu fi yaaluuf ulfaataa tahurra taasisa
4. Alkoolii dhuguu. Alkoolii keessumattuu kan qabiyyeen alkoolii
isaa olka’aa ta’e dhuguun yokaan ammo kan qabiyyeen alkoolii
isaa gadi aanaa tahe baay’isanii dhuguun dbukkuba kanaaf nama saaxila.
5. Rakkoo haawasummaa/Aarii/. Rakkoolee hawaasaa kana keessaa muraasni:
maatii waliin waldhabuu, hojiin garmalee bay’achuu, hojii dhabuu,
galii baay’ee gad aanaa argachuu, mana hidhaa fi kkf dha.
AKKAMIIN OF GARGAARUU DANDEENYAA?
1. Waantoota armaan olitti dhukkuba kana fidu jedhaman irraa of
qusachuu i.e alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja
malee fayyadamuu fi of dhiphisuu.
2. Nyaata dhukkuba kana nutti cimsan irraa fagaachuu. Nyaata
kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan
nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna.
Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna,
nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an
( farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu.
3. Nyaata dhukkuba kana irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu,
isaan keessa dammi isa hangafa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan
gargaarudha. Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa h. pylori jedhamu
sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa, kuduraa fi muduraaleen
ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne
garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.
4. Gara mana yaalaa deemuun sadarkaa inni irra jiruufi yoo
baakteriyaan h. pylori jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna.
Fayyaan faaya
ክፍት የስራ ማስታወቂያ ከግንቦት 1 ቀን 2011 ዓ.ም ጀምሮ ለተመረቁ ጠቅላላ ሐኪሞች ለኦሮሚያ ክልል ብዛት 300 ፤ ለአማራ ክልል ብዛት 100 ፤ ለደቡብ ክልል ብዛት 50 ፤ ለአፋር ክልል ብዛት 9 ፤ ለሱማሌ ክልል ብዛት 11 ጠቅላላ ሐኪሞች ማስታወቂው ከተነገረበት ዕለት ጀምሮ ባሉት 10 ቀናት በየክልሎች የትምህርት ማስረጃችሁን ይዛችሁ በአካል በመገኘት መመዝገብ የምትችሉ መሆኑን እንገልጻለን፡፡
የየክልሎቹ ጤና ቢሮዎች
WAALIF QOODAA
SHARE THIS TO ALL YOUR FRIENDS
FAAYIDAALEE FAYYAA SAMMUU BISHAAN QABBANAA'AAN QAAMA DHIQACHUU
......

1. Dhugaa addunyaa kana amananii akka fudhatan nama taasisa.
2. Aarii (anger 💢) hir'isuuf.
3. Dammaqina namaaf gumaacha.
4. Dhibee yaaddoo ni ittisa, namoota yaaddoo keessa jiraniifis furmaata.
5. Dhibee mukaa'uu(depression) hamaa ni ittisa.
6. Dhiphuu ni fura.
7. Dandeettii hormaataa ni dabala.
8. Abdii (hope) fi 'nan danda' aa' nama keessatti hora.
9. Ulfaatina qaamaa akka malee (overweight) ni hir'isa.
10. Hirriba qulqulluu fi boqonnaa qabu rafuuf ni gargaara.
Fayyaan keessan hin goolamiin Oromoo.
Goginsaa fi tatarsa'uu hidhii maaltu fida?
1. Qilleensa gogaa fi diilallaa'aa.
2. Hidhii arraabuu (ciniinuu).
3. Ho'a aduu cimaaf saaxilamuu.
4. Tamboo xuuxuu.
5. Afaaniin harganuu.
6. Bishaan ga'aa dhuguu dhabuu.
7. Alarjii wantoota hidhiitti dibamanii (💄)
8. Infekshinii
9. Hanqina vitamin A, B fi C
Wayita ulfaa fi da'umsaan booda wantoota dhorkaman
........ ✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️........

1. Nyaata hin bilchaanne.
2. Foon dheedhii.
3. Dhugaatii alkoolii.
4. Tamboo xuuxuu.
5. Hojii humnaa olii hojjechuu.
6. Nyaata al tokkotti heddumeessuun nyaachuu.
7. Kophee koomeen isaa ol ka'aa godhachuu.
8. Hordoffii wayita ulfaa addaan kutuu.
9. Da'umsaan booda yeroo dheeraaf sireerra turuu.
10. Daa'ima osoo addaan hin kutiin ji'oota 6f hoosisuu dhiisuu.

Harmooliif fayyaa fi umrii haa kennu!
Namoonni Umuriin keessan Waggaa 18 ol ta'e Dhibbaa Dhiigaa Keessan Beektuu?
A. 120/80 mmHg gadi yoo ta'e sirriidha
B. 120/80 haga 140/90 mmHg of eeggannoo gochuudha
C. 140/90 mmHg fi isaa ol taanaan dhiibbaa dhiigaa olka'aadha jenna, yaalamuu qaba
WAA’EE GARTUU DHIIGAA NAGATIVAA (RH-VE BLOOD TYPE) FI ULFAA

Gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) jechuun maal jechuu dha?
----------------------------------
Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa(Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabuu ta’ee dha.
ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?

Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa(Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee yoo ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaan pozaativii carraa ta’uu ol'aanaa qaba. Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu Rh+ ta'u, rakkoon dhufuu kan danda’uu yommuu seeliin dhiigaa diimaa kan miciree/mucaa dhiigaa haadha isa waliin walmakee dha. Yommuu kanati sirnii haadha irra dhukkubaa dhorkuu (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree kana akka aalagati illaaluudhaan kan ittiin loluu(maternal antibody) qopheessa.

Wantii kunis miciree gadameessaa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu iratis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
🍁Ulfa baasuu/abortion
🍁Hir’ina dhiigaa mucaa irratti/fetal anemia
🍁Du’aatii mucaa gadameessa keessatti/stillbirth
🍁Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu/fetal ascites

RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA
?

♻️Yeroo ulfaa qoricha iminooglobuuliin (anti-D ) jedhamu haadhaf kennuu.
Iminooglobuuliin (anti-D ) yoomi kenamaa? Yeroo lama kenama

1. Ji’a 7 ykn torbee 28 irratti
2. Yoo gartuun dhiigaa mucaa pozativii ta’ee, deesse sa’a 72 keessatti haadhaf kenama

♨️♨️♨️️ HUBACHIISA: ♨️♨️♨️♨️

Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.
Channel photo updated
FAAYIDAALEE KAAROTII KANA BEEKTUU?
1. Qaroo keenyaaf hedduu gargaara. Keemikaala beettaa kaarootin jedhamu kan qaroo keenyaaf hedduu gargaaru of keessaa qaba.
2. Tiruun keenya xuraawaa qaama keessaa akka baasuuf ni gargaara.
3. Ilkaaniif afaan keenya sirritti akka ququllaa'uuf fayyaa akka qabaatu taasisa.
4. Carraa sammuu keessatti dhiiguu ni xiqqeessa
5. Keemikaalota antioxidant ta'an waan of keessaa qabuuf seelotni akka dafanii hin dulloomne taasisuun umurii dheeraa carraa jiraachuu namaaf kenna.
6. Vitaamina ga'aa waan of keessaa qabuuf gogaan keenya fayya qabeessaaf akka ta'uu fi bareedina akka qabaatu gargaara.
7. Kaanseriiwwan garagaraa keemikaala nama irraa ittisu (falcarinol) of keessaa qaba.
8. Dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onneen carraa qabamuu gadi buusa
Madda: Health Line Neutrion
Channel name was changed to «YOOYYAA DOCTER»
QUFAA (COUGH) YOO QABAATTAN....
*************************************
Qufaan mala/akkaataa qaamni keenya ittiin wantoota sirna argansuu keenyaaf hin taane of keessaa baasudha.
Qufaan darbee darbee/yeroo tokko tokko/ qofa nama qufaasisu akka dhukkubaatti hin ilaalamu. Qufaa walitti fufee nama qufaasisu garuu mallattoo dhukkuba salphaa (keessumaa yoo turtii yeroo gabaabaa)fi rakkoolee fayyaa kan biroo ta'uu danda'a.
Mallattoolee qufaan kana yoo qufaa waliin namarratti mul'atan ariitiidhaan mana yaalaa deemuudha.
1. Hakittaa dhiiga qabu yoo qufa'an qabaachuu
2. Dhukkubbii laphee/qoma yoo qufaa waliin jiraate
3. Afuura kutaa (shortness of breath) yoo jiraate
4. Dhiyeenyatti nama dhukkuba TB qabu waliin yoo turtii qabaatan ta'e
5. Sagalee addaa yoo afuura baafatan kan dhaga'amu (wheezing) yoo jiraate
6. Yoo dhiita'uu qaamaa (keessumaa dhiita'uu miillaa)jiraate.
7. Dhagna gubaa (fever) yoo namarratti mul'ate.
Source: Chest Foundation
ANAANAASIIN ADDATTI MAAL NU FAYYADAA?
1. Annisaa fi gosoota soortaa hedduu of keessaa qaba. Anaanaasiin giraama 165 ulfaatu tokkichi: carbohydrate giraama 21, vitaamin C, B6, Folate, Niacin, manganese fi elementoota biroo hedduu of keessaa qaba.
2. Inzaayimiin bromelain jedhamu kan fuduraa kana keessatti argamu sirna bullaa'iinsa soorataa keessatti ga'ee taphata
3. Dandeettii dhukkuba of irraa ittisuu (immunity) dabaluu fi kulkula qaamaa (inflammation) hir'isuu danda'a.
4. Dhukkuba kulkula buusaa (inflammatory arthritis) irraa nama fooyyeessuu keessatti ga'ee ol'aanaa taphata.
5. Erga sochii qaamaa cimaa (strenuous exercise) hojjannee booda qaamni keenya dafee akka dandamatu gargaara.
6. Nyaata biroo irratti dabalamuun fedhii nyaata (appetite) nama hin qabneef, gedhii nyaataa fiduu danda'a.
Fayyaa gogaa (Skin) Keenyaa eeggachuuf:
____________________________________
🔸🔸🔸🔸🔹🔹🔹🔹🔸🔸🔸🔸

1.Haga danda'ame gogaa keenya aduu kallattiin nutti ba'u irraa eeguudha. Kunis aduun gogaan keenya akka dafee shuntuuru (wrinkles), akkaa halluun xixiqqoon gara garaa itti ba'uu fi kanneen biroof ny saaxila. Kanaafuu keessumaa ifa aduu kan ganama sa'aa 4 haga sa'aa booda sa'aa 10 jiru irraa sirriitti of eeguudha. Kanas kan goonu, dibata aduu nurraa dhorku "sunscreen" jedhamu dibachuudhaan, uffata sirriitti qaama keenya golgu uffachuudhaan fi waan gaaddisa nuu akka dibaabee qabachuudhaani.
2. Gogaa keenya cunqursuu dhiisuudha.

🌸Yoo qaama dhiqannu yeroo dheeraaf dhiqachaa turuudhaan haga zayitni (oil) gogaa keenyaa gadhiisutti turuu hin qabnu. Yeroo dhiqannaa gabaabsuudha.

🌸Yoo rifeensota adda addaa gogaa keenyarratti argaman aaddannu dursinee dibata itti dibuu qabna, yoo aadnus eeggannoo gochuu qabna.

🌸Yoo qaama dhiqannee gogaa keenya gogsinu, kafana ittiin of gogsinu jabeessinee ofitti rignee jiidhinsa mara gogaa irraa fixuu hin qabnu, jidhiinsi xiqqoon gogaa irratti hafuu qaba.

3. Haala nyaata keenyaa sirreessuu qabna, kana jechuunis baay'inaan gogaan keenya fuduraaf muduraa yoo soorannu akka faayyaan isaa eegamu beekuudha.

4. Tamboo xuuxuun gogaan keenya akka umurii malee shuntuuru (wrinkles) taasisa. Hiddoota dhiigaa gogaa keenyaaf nyaata fi oksiijinii geessan dhiphisuun (cufuun) gogaa keenya miidhu, akkasumas halluu gogaa jijjiiruu fi carraa kaanserii gogaan qabamuu illee akka olka'u taasisa.

5. Sammuun garmalee dhiphachuu (stress) haga dandeenye xiqqeessuu qabna, hirriba ga'aas rafuu qabna.

Mayo Clinic
Fayyaan Faaya
GARGAARSA DURAA NAMA DHIIGAA JIRUUF

1. YOO DHIIGAN.

👉Gadi ciibsaa.


👉Bakka dhiigaa jiru sana kafana qulqulluudhaan yoo dhanbdanis waanuma argattaniin jabeessaa maraa. Yoo inni itti fufee dhiige kafana biraa irratti dabalaa malee kan jalqaba itti martan sana irraa hin kaasiinaa. Yoo itti martan garuu garmalee hin jabeessinaa yoo akkas akkas gootan marsaa dhiiga irraa dhorkee qaama sana waan ajjeesuuf.

👉Bakka dhiigaa jiru sana olkaasaa onnee olitti ( above the heart level ) qabaa.

👉Waanti waraanee keessa taa'ee jiru kan akka mukaa sibiilaa fi kkf yoo jiraatan haga mana yaalaa geessanitti keessaa baasuuf hin yaaliinaa.

👉Gargaarsa yaadaa kennaafii tasgabbeessaa.

◽️◽️◽️◽️◽️◽️◽️◽️◽️◽️◽️◽️

2. YOO ILKAAN BUQQA'E.

👉
Ilkaan buqqa'e karaa keessaa ( karaa inni qaamarraa itti buqqa'e ) hin qabatiinaa.

👉karaa alaa erga qabattanii booda bakka inni irraa buqqa'etti deebisuuf yaalaa.

👉Yoo bakka buqqa'etti deebi'e kafana qulqulluu ciniinsisaa akka bakkatti turu taasisaa mana yaalaa geessaa.