#4⃣ Fininsii qaama irratii Nama bahu.Mallatoon kun kallattidhan forforii waalin wal qabatuu baatus namoota gara gara irrati mullatuu dandaha
#5⃣Gogginsaa garaatinis Nama akka saxiilu qorranowan saayinsii heedun ibsaaniruu
BUNA FI FAYYAA
Bunna dhuguun faayidaan fayyaaf qabu maali?
Dhalli nama buna dhuguu kan eegale jaarraa 15 ffaa dha as akka ta'e ragaan mul'isa. Yeroo ammaa kana akka addunyati bunni dhugaatiiwwan hedduminaan dhugaman keessa tokkodha.
Tole ka har'a qorannoo godhameen faayidaa buna dhuguun fayyaadhaaf qabu isinitti hima. Faayidawwan buna kan dubbistanii ; warri duru buna jaalatan jaalala keessan cimsatu,😀
kan buna jibbus yoo jiraate tari yaada keessan jijjirattu jedhen yaada.

*Faayidawwan buna kun mee maal fa'a???
🌸Dhukkuba sukkaara ittisuuf. Qorannoon heddu kan mul'isu bunni dursee dhukkuba sukkaara (type-2 diabetes mellitus) nurra ittisuu akka danda'uudha. Dhukkuba sukkaara yeroo amma akka addunyaati nama miiliyoonni 300 oltu ittin rakkata. Namni buna dhugu carraa dhukkuba kanaan qabamuu parsantii 23-50tiin gadi buusa.
🌸Carraa dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessatti hir'isa. kara tokkoon dhukkubni onnee fi dhiiguun sammuu keessattii(stroke) walqabataa
waan ta'eef;dhukkuba sukkaara yoo ittisu dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessattis ittisa. karaa biratiin ammoo waldhahuu rukkutaa onnee(heart rythm disturbance) kan dhukkuba onneetii fi dhiiguu sammuu keessatiif sababa ta'uu maluu nurra dhorka.
🌸Dhukkuba narvii nurra ittisuuf. Buna dhuguun dulluma keessa dhukkuboota narvii dhufu malan ittisa kunis :
👉Madaala qaama eegachuu dadhabuu,maasha alee qaamaa garmalee kotoonfachuu,qaamaan hoolachuu fi deemsaan qususu..kun waliigalatti" parkinson's disease" jedhama.
👉Dandeettii waa yaadachuu dhabuu ykn waa hunda irranfachuu.."Dementia/Alzheimer's disease "jedhama.
Dhukkubootni lameen kun keessumatuu namoota umriin isaanii 65 ol ta'e irratti mul'atu. Dhukkuboota yaaluuf rakkisaa ta'aniidha. Namooni buna dhugan carraan dhukkuboota kanaan qabamuu ofirra ittisu.
🌸.Kaansarii ittisuuf. Qorannoon kan agarsiisu namootni buna dhugan carraan kaansarii tiruutiin qabamuu parsantii 40 gadi yoo busu,carraa kaansarii mari'imaanii parsantii 15 niin gad buusa.
🌸Tiruun keenya fayya-qabeessa akka ta'uuf. Hojii gudda kan qabu tiruun keenya keemikaalota nyaataa fi dhugaatii ,keessatuu alkoolii keessatti argamaniin yeroo gara garaati rakkoon irra gahuun dhukkubsatee sadarkaa dhuma(cirrhosis) jedhamuurra gahuu danda'a. kun ammo yeroo gabaaba keessati nama ajjeesa. Bunni tiruu qulqulleesuudha
an keemikaaloota hubatii fidan irra eega
🌸Dhiphinaa fi si'aa'ina dhabuu (depression) nurra qolata. Qorannoo yuuniveristii harvarditti godhameen buna dhuguun sababa si'aa'inna dhabuutii kan dhufu rakkoo ofiin of ajjeesuu(suicide) akka hir'isuu dha.
👉Fayyaan faaya☕️☕️☕️

🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅🌅
HUBACHIISA
>Faayidaa buna kaneen kana fakkatan yoo ta'u.
♦️Yeroo ulfaa garuu dubartoonni buna dhorkamuu batamuus xiqqeesani yoo dhugan gariidha. Akka qorannoon mul'isutti dubartoonni yeroo ulfaa garmalee buna baay'isan ulfi irra bahuu (miscarriage) danda'a jedha.
♦️Bunni xiqqoos taatu dhiibbaa dhiiga ni dabala. Kanaaf hin dhugina jechuus batamu namni dhiibba dhiiga qabu xiqqeesee dhugu qaba.
maaree "Buna fi nagaa hin dhabina " jedha mitiree oromoon. "Bunni jira......koottaa Buna dhuga!!"
Hirriyooya keessan buna jalaatanifis tahe hin jaalaneef share godhaafi
Fayaan Faaya☕️☕️☕️
source: authoritynutrition.com
Galatooma!!!FAYYA TA'A!!

DHUKKUBA GARAACHAA MAALTU FIDAA?
1. Baakteeriyaa H. paylori. Baakteeriyaan kun garaacha keenyaf
mar’umaan keenya ol’aanu miidhuudhaan kan dhukkuba kanaaf nu saxila.
2. Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman NSAID jedhaman. Isaan
kun kanneen akka aspirin, indomethacin, ibuprofen, fi kkf.
Qorichoota kana yoo ajaja ogeessaa malee ofii keenyaa bitannu kana beekaa of eeggachuu qabna.
3. Tamboo xuuxuu. Dhukkubni garaachaa akka dafee sadarkaa
badaa irra gahuu fi yaaluuf ulfaataa tahurra taasisa
4. Alkoolii dhuguu. Alkoolii keessumattuu kan qabiyyeen alkoolii
isaa olka’aa ta’e dhuguun yokaan ammo kan qabiyyeen alkoolii
isaa gadi aanaa tahe baay’isanii dhuguun dbukkuba kanaaf nama saaxila.
5. Rakkoo haawasummaa/Aarii/. Rakkoolee hawaasaa kana keessaa muraasni:
maatii waliin waldhabuu, hojiin garmalee bay’achuu, hojii dhabuu,
galii baay’ee gad aanaa argachuu, mana hidhaa fi kkf dha.

AKKAMIIN OF GARGAARUU DANDEENYAA?
1. Waantoota armaan olitti dhukkuba kana fidu jedhaman irraa of
qusachuu i.e alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja
malee fayyadamuu fi of dhiphisuu.
2. Nyaata dhukkuba kana nutti cimsan irraa fagaachuu. Nyaata
kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan
nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna.
Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna,
nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an
( farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu.
3. Nyaata dhukkuba kana irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu,
isaan keessa dammi isa hangafa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan
gargaarudha. Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa h. pylori jedhamu
sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa, kuduraa fi muduraaleen
ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne
garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.
4. Gara mana yaalaa deemuun sadarkaa inni irra jiruufi yoo
baakteriyaan h. pylori jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna.
Fayyaan faaya

FAAYIDAALEE FAYYAA SAMMUU BISHAAN QABBANAA'AAN QAAMA DHIQACHUU
......
1. Dhugaa addunyaa kana amananii akka fudhatan nama taasisa.
2. Aarii (anger 💢) hir'isuuf.
3. Dammaqina namaaf gumaacha.
4. Dhibee yaaddoo ni ittisa, namoota yaaddoo keessa jiraniifis furmaata.
5. Dhibee mukaa'uu(depression) hamaa ni ittisa.
6. Dhiphuu ni fura.
7. Dandeettii hormaataa ni dabala.
8. Abdii (hope) fi 'nan danda' aa' nama keessatti hora.
9. Ulfaatina qaamaa akka malee (overweight) ni hir'isa.
10. Hirriba qulqulluu fi boqonnaa qabu rafuuf ni gargaara.
Fayyaan keessan hin goolamiin Oromoo.

Goginsaa fi tatarsa'uu hidhii maaltu fida?
1. Qilleensa gogaa fi diilallaa'aa.
2. Hidhii arraabuu (ciniinuu).
3. Ho'a aduu cimaaf saaxilamuu.
4. Tamboo xuuxuu.
5. Afaaniin harganuu.
6. Bishaan ga'aa dhuguu dhabuu.
7. Alarjii wantoota hidhiitti dibamanii (💄)
8. Infekshinii
9. Hanqina vitamin A, B fi C

Wayita ulfaa fi da'umsaan booda wantoota dhorkaman
........ ✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️........
1. Nyaata hin bilchaanne.
2. Foon dheedhii.
3. Dhugaatii alkoolii.
4. Tamboo xuuxuu.
5. Hojii humnaa olii hojjechuu.
6. Nyaata al tokkotti heddumeessuun nyaachuu.
7. Kophee koomeen isaa ol ka'aa godhachuu.
8. Hordoffii wayita ulfaa addaan kutuu.
9. Da'umsaan booda yeroo dheeraaf sireerra turuu.
10. Daa'ima osoo addaan hin kutiin ji'oota 6f hoosisuu dhiisuu.
Harmooliif fayyaa fi umrii haa kennu!

ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa(Rh +ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee yoo ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaan pozaativii carraa ta’uu ol'aanaa qaba. Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu Rh+ ta'u, rakkoon dhufuu kan danda’uu yommuu seeliin dhiigaa diimaa kan miciree/mucaa dhiigaa haadha isa waliin walmakee dha. Yommuu kanati sirnii haadha irra dhukkubaa dhorkuu (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree kana akka aalagati illaaluudhaan kan ittiin loluu(maternal antibody) qopheessa.
Wantii kunis miciree gadameessaa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu iratis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
🍁Ulfa baasuu/abortion
🍁Hir’ina dhiigaa mucaa irratti/fetal anemia
🍁Du’aatii mucaa gadameessa keessatti/stillbirth
🍁Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu/fetal ascites
RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
♻️Yeroo ulfaa qoricha iminooglobuuliin (anti-D ) jedhamu haadhaf kennuu.
Iminooglobuuliin (anti-D ) yoomi kenamaa? Yeroo lama kenama
1. Ji’a 7 ykn torbee 28 irratti
2. Yoo gartuun dhiigaa mucaa pozativii ta’ee, deesse sa’a 72 keessatti haadhaf kenama
♨️♨️♨️♨️ HUBACHIISA: ♨️♨️♨️♨️
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabuu waliin ga’eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.