Walaloo Ortodoksii
3.45K subscribers
80 photos
7 links
“Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas ni dubbata.” (Iyo.33:14).

Dubbii sagalee Waaqayyoo bifa Walaloon baranna!

Walaloo nuu erguuf: @Sanyiimulaatuu
Download Telegram
Forwarded from Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa (Misganu Mulatu)
​​“YouTube fi Telegram Channel” barsiisaa keenya jaalatamaa fi kabajamaa Meggaabee A’ilaaf [Sooraa Kitilaa] Barsiisaa Dn Iyyaasuu Fiqaaduu [Iyasu Tube] hundumtuu “Subscribe/Join” taasifachuun, Irraa haa barannu! Isaan cina dhaabannees jajjabina haa taanuuf!

YouTube — Subscribe - Iyasu Tube

TelegramJoin - Iyasu Tube
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadan Waaqayyoo Tokkoon Ameen.

Galatoomaa!

“Inni faarfannaa haaraa, isa ani ittiin isa jajadhu afaan koo keessa in kaa’e; baay’een kana arganii isa in sodaatu, waaqummaa isaa in amanatu.”
— Far. 40:3

Akkam jirtuu Abboonnikoo luboonni, obboloonnikoo Diyaaqonoonni, Farfattoonnii, Daa'imman, Maanguddoonni, Biyya alaaf keessaa, baadiyyaa fi magaalaa, bahaaf dhihaa, kibbaaf kaabaa nagaan waaqayyoo isiniif haa ta'uun nagaa keessani? Anis nagaa kootiin galata Sillaasee.

❝GALATOOMAA❞

Dhugumayyuu baayyee galatoomaa! Sababnisaa channali keessan Walaloon Afuura hordoftoota kuma sadii/3k/horateere. Kanaafiyyuu bakka dadhabina keenyaa, bakka laafina keenyaa hundumaa Sillaaseen nu duraa ta'ee kunoo harra galataan fuulasaa nu dhaabeera galanni isaaf haa ta'uu malee! Egaa yaa saba waaqayyoo dubbii afuuraa keessatti qoramnuus, dararamnuus jabina keenyaan osoo hin taanee Waaqummaa sillaaseetti amannee harra geenyeera. Ammas darbine ni jiraannaan kanaafiyyuu adaraa keessan jabaadha. Ana garbicha Sillaaseef immoo naaf kadhadhaani. Maqaa kiristinnaa kooti GARBICHA TSAADIQ.

Sillaaseef,
Ulfaataa Fannoosaaf,
Deessuu Waaqayyoof,
Ergamoota isaaf,
Qulqulloota isaaf bara baraan galanni haa ta'uuf Ameeeeeeeeeeeeeeen.
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen
...giiftiin mootee lapheekoo...
Godaannisa taatee lapheekoorratti
Mallattoo beekamtii lubbuukoorratti
Waa'ee keetu hin galleef kanaaf maraatti
Jarri bor hin beeknee garaa isheef jiraatti

Mallattoo bara baraa taatee ati naaf
Kan naaf kennamte fannoo jalatti
Giiftii hundumaa ati dhuguma anaaf
Lubbuukoof wabii hamma dhumaatti

Guyyaan durbee waamu hedduudha
Arrabnikoo siif hiikama Haadhakoo
Atis naaf hubatte jireenyakoo hudhaa
Maariyaam giiftiin mootee lapheekoo

Haadha Gooftaa naafis Haadhakoo
Ati anaaf adda habaaboo Jennataa
Badhaasa uumaa kennaa waaqakoo
Waadaan kee kabajamee baraan jiraata

Abbaatu filatee Bultoo ilma waaqaaf
Jireenya bade deebisee nuu kennuuf
Afuurri golboobee durbee jabeessee
Kennaa Abbaan ilma nuuf deessee

Durbee bareedduu biiftuu barii lafaa
Jireenyi ati keessa hin jirre ni hafa
Nuuf kadhachuuf kennaa Abbaati
Maarree jireenyaaf kennamte ati

Gugee bareedduu haadha nagaa jedhamti
Mallattoo dhiifamaa araarsituu dhala namaati
Kan namaaf gadditu durbee garaa laafeetti
Jireenyaaf nuuf kadhatti araarsuun beekamti

Gammachuun kan kooti jireenya lubbuukooti
Haadha dhugaa isheenoo baraan qulqulleettii
Badhaasa tewaahidoo Kennaa fannoo jalaati
Yoomiyyuu na keessa jirta hin haqamtuu ati

Maalifan gana ani durbee hin ganu yoomuu
Akkan sin ganneef ati naaf kadhu ilmakee
Ani ta'us cubbamaa sin leellisa yoomuu
Araarsummaan kennaakee ta'eera hojiikee

Galmaa qulqullooftuu baattuu Abiddaa
Baachuu dandeesseetta taatee bultoo
Eebbifamtuu durbaa baraan gammadda
Na keessa keesseetta siidaa mallattoo

Ulfina qabeettii gammadi Haadhakoo
Nagaan siif haa ta’u durbee giiftiikoo
Kunuunsituun lubbuu imaanaan waadaa
Jecha ormaa gaafan dhaga'u na waada

Gaarummaa kee dhiisanii daba sitti yaadu
Waa'ee kee gaafa dhaga'an kanaaf aadu
Amma itti dukkanaa'ee booda ni gaabbu
Gaarummaakee hundumaa kanaaf jibbu

Shakkiin shakkanii waa'ee haadhummaa
Tokko lama miti jarattiin silaa hundumaa
Harraaf bor miti yeroo hundaa jibbuma
Manaafiqaaniin bulee ka'ee si adamsuma

Ani yoomiyyuu sin jibbu durbee haadhakoo
Maariyaam anaaf kabajamtuu lubbuukoo
Jennataaf si abdadheera balleessuuf du'akoo
Galanni koo siif jechikoo maqaakeef haadhakoo
...................................itti fufa................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn /Sanyii Mulaatuu
Oromiyaa Finfinnee ⚫️🔴⚪️
Gugee bareedduu haadha nagaa jedhamti
Mallattoo dhiifamaa araarsituu dhala namaati
Kan namaaf gadditu durbee garaa laafeetti
Jireenyaaf nuuf kadhatti araarsuun beekamti
Baga geessan🤲
Guyyaa Eebbifamtuu yeroo Afuuraan Sillaasee waliin haasofnuu guyyaa kabajamaa.
❝Garaakootu boo'aa keessisaa madaa’ee❞
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadan Sillaaseetti Nii Amanna Ameen
...garakootu boo'aa keessisaa madaa’ee...
Garaakoon dadhabe,imimmaan fuula na dhiqee waa'eekeef
Na marartaa siin mararsiifadhees,naaf duuteen Cubbuukoof
Ba'aa koo naaf eeltee alangeen dirrikee dhanamee gubatee
Rakkoo koof cubbuukoo simalee eenyuree kan naaf hubatee

Waa'eekee gaafan yaaduu gochaa abbummaakee
Isa naaf dhiphattee wareegama hedduu naaf taatee
Abbaan eebbifamaa gammachiisaan mucaa kee
Kan naaf taatee anaaf atii waan hundumaa gootee

Dhiphinni kee gaaf jimaata kanaaf garaankoo raafama
Gochaan abbummaakeen iji cubbuukoo haguugamaa
Garaa laafessa Abbaa atii danda'a waan hundumaa
Dhiphinnikee hundii na duraa jiraam guyyaa hundumaa

Yoon siif walaleessee faarfadhe,lallabee waaqeffadhu
Garaan diinota akkaan gubate na loluuf isaan ariifatuu
Anii yoomiyyuu sin waaqessaa maqaakee hin galaafadhu
Warraa naan mormaan aangookeen kan narraa ariituu

Kaballaan dhaanamtee,naatookee bareedaatti hanchufa
Reebichaan madoofte qorees mataattii si baachisanii
Waa'ee Waaqummaa keettii qoosaa hanchufa sitti tufaa
Yihuudonni akkanni fannifamuu akka malee itti wacanii

Hoolaan cidhaa qalmaaf deemuu callisee kan qalamuu
Garraamiin akka gugee Waaqummaasaan kan kabalamuu
Gaarii nuuf yaadeeti kan ofii fuullii dhiigaan diimatee
Balleessaan lubbuu hojiin Seexanaas kanaaf isaan diigamtee

Dhangala'ee dhiignikee Qulqulluun addunyaa kan fayyisee
Mukaa jiidhaarratti fannifamtee lubbuukoo naaf obaastee
Kabaja morma koorraa mallattoo jaalalaan kan na moosisee
Waa'ee mootummaa kees cimsitee kan nuun barsiiftee

Waaqummaakee kan mormanii obboloonni Musiliimaa
Kan Waaqummaakee ganee jiraatuu warrii siin mormanii
Bor baduuf jiruu isaan kan isaanii mannisaani ibiddumaa
Anii siin ganuu sin gannes waaqummaakee hin shakkuunii

Hundaarratti mootee mootii bara baraan mo'ee jiraatuu
Gaddaaf dhiphina rakkinaaf ballinaan nu waliin hirmaateetu
Gaddaa koof jajjabina,rakkinaa koof obsaa naaf laatteetu
Kanaaf garaan koo siif raafame waa'eekeef walaleesseetu
.....................................................itti fufa........................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Mulaatuu Ittaanaa
Oromiyaa,Finfinnee. Jabaan waaqa⚫️🔴⚪️
Garaakoon dadhabe,imimmaan fuula na dhiqee waa'eekeef
Na marartaa siin mararsiifadhees,naaf duuteen Cubbuukoof
Ba'aa koo naaf eeltee alangeen dirrikee dhanamee gubatee
Rakkoo koof cubbuukoo simalee eenyuree kan naaf hubatee
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen.
...fuullikee dhiiga uffatee...
Yihuudotaan dhiitamaa jireenya badhaafta
Cubbuu isaaniif dhiitamaa hawwiitaafiim Jennata
Fannoorraa otoo jirtuu Abbaakee kadhattaafiim!
Abbaan akka kee danda'aa cubbuukoo hin jiruum!

Fannoo isa jiidhaa uddeellattee Cubbuukoof eeltee
Kaballaan dhaanamtee fuullikee dhiiga uffatee
Cinaacha waraanamtee dhiigakee naaf lolastee
Fannoorraatti duutee jireenya naaf labsite

Waaqa Sadan Sillaasee keessaa tokkoo
Jaalalan Garaa addunyaa kanaa gadii dhufee
Sillaasee Qulqulluu keessaa isaa tokkoo
Waaqayyoon Gabrummaan Seexanaa kufee

Balleessaan koo hedduuf jibbisiisaa
Ati cubbuu jibbitee cubbuuma jaallatte
Cubbuu koof beenyaa gatiikoo baasaa
Teessoo kee dhiiftee biyyaa lafa dhuftee

Addaam garbichaa koo eessaa jirtaa?
Qullaa koo ta'een sii dhokadhe gooftaa
Jedheen Addaam imimmaan lolasaa
Boo'icha jalqabee imimmaan galasaa

Garraamiikoo Gugee mootii Lafaaf Samii
Ilma Waaqayyoo kan Ilma Maariyaamii
Cubbuu jibbitee Cubbumaa kan jaallattu
Ogummaakeen dadhabaa kan gargaartu

Gochaankoo si jibbisiisnaan biyya lafaa dhuftee
Durboo Maariyaamiin haadha godhattee dhalattee
Cubbuukoof jettee ba'aa ulfaataa naaf baatte eeltee
Abbaa garraamii Cubbuukoof jaalalaan naaf duute

Mootii Moototaa Gooftaa Gooftotaa ilma Waaqayyoo
Goota du'a hin sodaanne Ati Goota Qaraaniyoo
Hundeen Amantaa hundeessaan lubbuu keenyaa
Harka namaatti duutee nuuf kaffalte beenyaa

Ati badhaasa kooti sin jaalladha akka lubbuukoo
Jireenyi koo simalee hin bareedu waaqa koo
Abdii lubbuu koo badhaadhummaa lubbuukoo
Iyyesuus iddoo boqonnaa Dawwaa lubbuukoo

Kennaa Qaraaniyoo Qulqulluu fooniif dhiiga kee
Anis nyaadhee dhuguuf hawweera jireenyakee
Si waliin jiraachuuf deebi'eera gara manakee
Atis nan dhiifne na waamteetta gara jireenyakee

Abbaa Abbaa caalu mootiif goota lubbuukoo
Lafarra hin qabu qabeenyaa sin malee waaqakoo
Ati lafaaf samiirratti naaf taatee beenyaaf hirkoo
Ani yoon cubbamaa ta’es ati yoomiyyuu abdiikoo

Mootii Addunyaa maraa si qofaatu na mararaa
Ati gargaaraaf jajjabeessaa dadhabaa nama maraa
Hiyyeessaaf cubbamaa gargaaraa Namoota hundaa
Ati hundumaa caaltaa aangoonkee baay’ee guddaa

..................................itti fufa........................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn/ Sanyii Mulaatuu
Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Yihuudotaan dhiitamaa jireenya badhaafta
Cubbuu isaaniif dhiitamaa hawwiitaafiim Jennata
Fannoorraa otoo jirtuu Abbaakee kadhattaafiim!
Abbaan akka kee danda'aa cubbuukoo hin jiruum!
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokkoon Ameen
...Anii sooma soomuu hin dandeenyeen...😭🤲🤲🤲
Qulqullummaa qabaadheef miti yeroon kana dubbadhu
Jireenya lafa kanarraa yeroon taa’ee iyyaafadhu
Gaariin tokkollee hin jiru gaafan dhaggeeffadhu
Mee ka'eetan dubbadha ofii kooti guutuu baadhusii
Akka jecha wangeelaatti baayyisee hirruu ta'uusii
Bara yeroo keenya kanatti yeroon taa'ee ilaalu
Waa'ee namummaa namaa yeroon taa'ee xiinxalu
Madaalee madaaleen barbaadeen nama keessaa dhabe
Isa dhugaan soomutu baroota keenya kanatti dhibe
Mee waan si gaaffa ati Dhuguma soomaa jirtaa?
Moo nyaataaf dhugaatii dhiistee dubbii alanfattaa?
Sooma waan jedhameefi kan ati nyaata dhiistee?
Qaama foonii qofaasaa ijaajjiitti kan gogsiitee?
Yaa namaa maal na dhibdee ofirraa baasuuf soomtaa?
Inni kunoo soomaa jira akka siin jedhaniif lagatta?
Utuumati dubbii jallinaa guyyaati guyyaatti abbuuqqattuu
Garuma bakke keessaa utuu haaloo namaa baaftuu
Nyaata foon gabbisu dhiisnee namuma soomuu fakkaanna
Seenaa cubbuu keenya irraanfannee maaloo of waraanna
Soomaa jirtaa waa'ee lubbuukeetiif akka hin duuneefi
Foon kee dhiphiftee Mootummaa Waaqayyootti galuufi
Jireenyaa kee harra obsitee bor Waaqayyoo waliin jiraachuufi
Lafarratti yoo dhiphattes hagabuun yoo sitti ulfaattes
Soomiin maal naaf godha jettee qoonqookee mararsiifattes
Jireenya afuuraa jibbitee jireenya foonii yoo filattes
Sooromuu filattee jireenyatti ishee galgalaa yoo dhabde
Cubbuu lagachuu dhiistee hojiinkee boollatti yoo si darbe
Maqaaf nyaata lagatta hojiinkeemmoo du'a sitti fide
Waan arraba gabbisummoo bareechitee nyaatta nyaataa
Haala kanaan osoo jirtuu Mee egaati sooma soomaa jirtaa?
Abbootiin keenya kaleessaa barumsaan kan nu barsiisanii
Lallaba isaaniitiin kana hundumaatti himanii hubachiisanii
Dhageesseetta?Ija;arrabniifi gurri qaamni keenya hundii
Tokkoonishee osoo hin hafin sooma soomuu qabdii
Kana osoo hin raawwatin sooma soomna hin jennuunii
Balleessaa qabnu hundumaaf gaabbiif haa qophoofnuunii
Mana Waaqayyoo keessa seeraa isaatiin haa jiraanuunii
Yaadadhaa bara dhufaatii isaatti mirgaasaa haa arganuunii

Yaa Waaqayyoo nutti araaramiin🤲🤲🤲🤲
...............................................itti fufa.........................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan walaloo Dn Sanyii Mulaatuutin
Finfinnee,Oromiyaa
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen
...dadhabdee kuftu...
Kaballaan dhaanama gaafa dadhabdee kuftu
Gindillaa sitti fe’anii namummaan dadhabdee
Waaqummaake amanuu dhiisanii kan si tuffatu
Fuullikee jijjiirame naatoonkee bareeda dhabdee

Ofiikeetii qulqulluu qulqulloota dhiiga qulqulluu
Cubbamaan si reebaa gaafa si balleessaan lubbuu
Tabba qaraaniyoo ol baatee sodaa malee qalamu
Namni dhiisa jedhuu hin jiruu hunduu wal falmuu

Yihuudotaan dhiitamaa jireenya badhaafta
Cubbuu isaaniif dhiitamaa hawwiitaafiim Jennata
Fannoorraa otoo jirtuu Abbaakee kadhattaafiim!
Abbaan akka kee danda'aa cubbuukoo hin jiruum!

Fannoo isa jiidhaa uddeellattee Cubbuukoof eeltee
Kaballaan dhaanamtee fuullikee dhiiga uffatee
Cinaacha waraanamtee dhiigakee naaf lolastee
Fannoorraatti duutee jireenya naaf labsite

Kun siif hin maluu tureen gaafan ilaaluu oolmaakee
Cubbamaa hin jibbitus tasumaa uumama harkakee
Nuuf jechaadha gatii kanaan foonke ciccitee dhumuuni
Dhiigake Qulqulluu addunyaa fayyisuu dhangalaasuuni

Ofiikeeti dhiphattee gidiramaa,jaalalaan naaf du'uukee
Qullaake naaf buuftee anaaf jechaa salphachuunkee
Jecha siif hin Malleen arrabsamaa hancufaa sitti tufaa
Fannoo jiidhaa baachuu dadhabdee gatantaraa kufaa

Oolmaankee gaafa sana na nyaatti keessakoo gubdee
Kaballaan dhaamamee jinfuun rukutamtee dhiphattee
Anaaf of laattee foonkee naaf kukkuttee fannoorrattii
Nu fayyifteettaa nuuf duutee du’a mootee kaateetii

Naatookee bareedaa yeroo dhaanamtuu kaballaani
Sittii ga’isani haa fannifamu jechuun sitti iyyanii
Gaarii namaaf yaadde malee lubbuu fayyisuuni
Akka nama cubbamaa si hadheessani si ajjeesuuni
........................................itti fufa...............................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn Sanyii Mulaatuu
Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Ofiikeeti dhiphattee gidiramaa,jaalalaan naaf du'uukee
Qullaake naaf buuftee anaaf jechaa salphachuunkee
Jecha siif hin Malleen arrabsamaa hancufaa sitti tufaa
Fannoo jiidhaa baachuu dadhabdee gatantaraa kufaa
Forwarded from Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa (Misganu Mulatu)
Gaafa as irratti, “‘Miidiyaa Sootiriyaa’ ‘Subscribe,’ ‘Join’ fi ‘Follow’ godhaa!” jedhamu, jechaan waanuma salphaa nutti fakkaata. Dhugaadha, garuu aarsaan kana as nutti fiduudhaaf kaffalame hagam akka ta’ee eenyuutu hubate? 🤔

Kanaaf isin immoo ‘kana gochuun keenya gatii isaanii kana deebisuudhaafidha’ jedhaa yaadaatii waanuma isiniin jedhame, “Miidiyaa Sootiriyaa” : ‘YouTube Channel’ — ‘Subscribe’ ;  ‘Telegram Channel’ —  ‘Join’ ; ‘Facebook Page’ — ‘Follow’ gochuun miseensa taane cina dhaabannee jajjabina taanee, tajaajila mana kiristiyaanaa keenyaas daran akka cimuuf yoo deeggerre mee maal rakkoo qaba?🤔

Kanaafuu:

1. ‘YouTube Channel’ - ‘Subscribe

2. ‘Telegram Channel’ - ‘Join

3. ‘Facebook Page’ - ‘Follow’ taasisaa!🙏
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen
...utuun siin hin qabaannee...
Utuun siin hin qabaannee yoonaa akkamin ta'aa
Bakkeetti gatameen bineensaaf ta'an turee soora
Jaalallikee dhugaan hin jijjiramnee yoomu mi'aa
Ormi jaalala kee wallaalee ciisee ta'eera gororaa

Jaalalakee dhugaa nutti agarsiiftee fannoorratti
Lubbuukee nuuf laattee guddummaakee dagattee
Jaalala abbummaakee tolaa hojiikee baranneeti
Fayyina argannee lubbuun nu gammadee jiraattee

Maaloo yaa amantoota maaliif dagannee olmaasaa
Akkamumaan callisnaa nuuf of kennee dhufuusaa
Jaalalaa mucaa namaaf jedhee ofiin of kennee du'uusaa
Fayyina keenyaaf jedhee reebamee barruun waraanamuusaa

Dhiphinni qaraaniyoo kaballaan gaafa fannoo nuuf jedhee
Hadhooftuu obaafamtee utuu dammaaf Haannaan siif maluu
Atii utuu hundaa gochuu dandeessuu hadhooftuu dhugdee
Hadhaawaa dhugdee ofii,nuun mi'aawa nu obaaftee Abbaakoo

Yakkamaa si godhanii hattoota gidduu fannifamtee salphatte
Kabaji kee mulqamee qullaa kee lafaaf samii gidduu dhaabattee
Cubbuunkoo gatii si kaffalchiisee kan birriin hin shallagamnee
Utuu Waaqummaa kee arganii jal’oonni kan sitti hin amannee

Sittii qoosani Waaqummaake sarbanii, hancufaa sittii tufaa
Wayyoo abbaakoo naaf jettee argitee dhiphuu siif mallee
Kan si ganee harraa itti fakkaatuus bor hin beekuu ni kufaa
Nutoo siif jiraanna taanee garbichakee arras boruu yoomillee

Maaloo nu godhadhuka nuun siif hojjenna taanee garbakee
Egaa adaraa Nurraa fagaatiin nuuf ergii qulqulluu afuurakee
Nutoo hin qabnuu humna siin malee hin bulluu nagaa arganne
Atii afuura sombaa keenyaa,raabsituu dhiiga keenyaa onnee

❝Adaraa Sillaasee naaf dirmadhuu atii na gargaari
Ana cubbamaa kanaa fayyisii jedhaa naaf kadhadhaa
Gubachuu sanaa kan qabnee boqonnaa na gargaarii
Maaloo naaf kottuu Sillaasee adaraa naaf dirmadhaa❞
................................................itti fufa...........................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan walaloo Dn Sanyii Mulaatuu
Finfinnee,Oromiyaa⚫️🔴⚪️
Jaalalakee dhugaa nutti agarsiiftee fannoorratti
Lubbuukee nuuf laattee guddummaakee dagattee
Jaalala abbummaakee tolaa hojiikee baranneeti
Fayyina argannee lubbuun nu gammadee jiraattee

Garbichaa Tsaadiqin jedhama naaf kadhadha adaraa🤲
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen
... burkutaayee ciccitee...
Fannookee jalattii argannee haadha keenyaa
Kennaa bara baraa lubbuu keenyaaf beenyaa
Badhaasa haadhummaa kennaa jaalalakeetii
Eessaattiyyuu hin argamuu Abbaan akka keetii

Yohaannis jaalalleen Gooftaa isaa walin deemee
Badhaasaf Gooftaa walin garaasitti argame
Ilma ishee tokkicha fannoorratti agartee
Imimmaan loolastee fannoorrattii ilaaltee


Obsuu hin dandeenyee haatii mucaa tokkoo
Isa walin isheen kan agartee hedduu rakkoo
Akkamin haa callistuu durbeen Maariyaami?
Maaloo boo'ichaa isheef jedhii nuttii araaramii

Gammoojjii Gibxii keessa isa walin deemtee
Mucaa isheef jechaa kan walin achitti godantee
Garaa dhala akkamin callistii durbeen haatii isaa?
Itti huursaanii Qaraaniyoo gubbaatti fannisaa!

Akka hoolaa qalmaaf deemtuu ati callistee
Gochawwan isaani hundumaa kan simattee
Gaarii malee hin beektuu dubbachuu hamaa
Hoolaa Faasiikaa dhiigaan faayyiftee nama

Gonfoo qoree gochuun mataatti tolchuuni
Mataa Gooftaa waranaani hedduu dhiigsaanii
Ilmaa waaqayyoo gidirsaa lafarraa harkisaa
Dhiigaasa Qulqulluu lafaatti gadii lolasaa

Anaaf jecha cubbuu koof dhiigaakee dhangalaasaa
Foonkee Qulqulluu anaaf jecha burkutaayee cicciitee
Abbaa gar-lafeessaa ati lubbuukoof badhaasa
Durboon Haatikee rakkookee ilaaltee siif dhiphattee

Fannoo jiidhaa sii bachisaa shimalaan dhaanamtee
Dadhabe kufee akka nama gadii of qabe gooftaani
Jaalalaan nama hundumaa dhiigaa keen kan bittee
Mootii mootota Waaqayyoo hundumaa sidha gooftaani

Maalummaakoo jaallatte kan naaf dhiigdee ati?
Ani maalin siif godhee garafeen sii dhiiksee kalee
Badiinkoo guddaadha naaf dhiiftee gooftaakoo ati
Abbummaa keetin argatte kabaja lubbuunkoo hamilee

Fuulakee gaafan ilaaluu fuulakootu dhiigaa uffataa
Reebicha irraan kan ka'ee lafeenkee bakkeetti mula'ata
Rakkinaa kee argee eenyuutu siif hubatee dirmatee?
Qofaa kee naaf duutee ananimmoo lubbuukoo oolfatte

Kabaja bara baraa siif haa ta’uu cubbaaman arrabnikoo
Galatoomi waaqakoo teessoo keerraatti argadhuu ulfinaa
Naaf galatoomi dhugaa ani siifan jiraadha Abbaakoo
Galanni Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf dhiifnaa

Deessee kan nuu badhaafteef deessuu waaqayyoof
Irrattii fannifamee kan nu fayyisee fannoo waaqayyoof
Eegumsa isaaniin kan nu eegan ergamoota waaqayyoof
Kadhannaa isaaniin kan nu gargaran qulqulloota waaqayyoof
GALANNI HAA TA'U BARA HAMMA BARAATTI AMEEN❗️❗️❗️

...............................itti fufa.........................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu
Walaleessaan Walaloo Dn/Sanyii Mulaatuu Ittaanaa
Oromiyaa,Finfinnee
Fuulakee gaafan ilaaluu fuulakootu dhiiga uffataa
Reebicha irraan kan ka'ee lafeenkee bakkeetti mula'ata
Rakkinaa kee argee eenyuutu siif hubatee dirmatee?
Qofaa kee naaf duutee ananimmoo lubbuukoo oolfatte
Nutti Araarami💔
Cubbuu Keenyaaf Dhiifama
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokkotti Ni Amanna
Ashamaa akkam jirtuu hundii keessani
Biyya alaaf keessaa martuu bagaa geessanii
Ayyaana waggaa ayyaantuu argaa dhugumaani
Isin ishoo baga geessani hundumtii keessanii
...Duuti Sin Moone!!!...
Waaqa Abbaa keenyaa du'aa mo’ee
Galatan ka'ee inni samiitti ol ba'ee
Ergamootaan marfamee du'aa ka'ee
Aangoo isaatiinis du'aa ka’uu danda'ee

Ilmii Maariyaami cubbuu keenyaaf jedhe
Ulfina isaa dhiisee gadii of deebisee
Guyyaa sadii booda du'aa nan ka’a jedhee
Durbeen nu badhaaftee kunooti deesse

Yihuudonni qaana’uun of wallaalanii
Gooftaan du'aa ka'uu ijaan gaafa arganii
Itti fakkaatee waan ekeraan jiraatee
Innoo foon uffatee du'aa ka'a kanaa kakate

Aangoonkee guddaa ofiin du'aa ka'unkee
Nama aja'ibaa waa'een hojii Waaqummaakee
Waaqni akka keeti hin jiru dinqiidha hojiinkee
Addunyaan hundi argeera aangoof jabinakee

Seexanni Diinni hidhaatti gadi darbatamee
Lubbuu Ijoollee waaqaaf jireenyi labsame
Kan du’aaf yaadamee jireenyaaf akeekaame
Duuti keenya hafee jireenyaaf yaadamee

Abdii dhabnee gaafa yaaddoon miidhamne
Gammachuu dhabnee gaddaan guutamnee
Gooftaa dagachuun Seexanaan garboomne
Afuura xuraa’oo Seexanaan kan ulfoofnee

Danda'an hundumaa gooftaan bara baraa
Waaqni qulqullootaa nuuf ta'eera araraa
Gochaa diina nurraa kaaseera gooftaani
Galatoomi Waaqayyoo nuuf jecha duuteeni

Du'a hin sodaattu simachuuf itti deemtaa
Goota lafaaf samii ati hundumaa mootaa
Cubbuu keenyaaf kan du’ee sumaa gooftaa
Abdiin keenyaa sumaa nun nuu boqochiifta

Guyyaa sadiif garaa lafaa keessa jiraattee
Gaafa ka'umsakee ergamootaan marfamtee
Aangoo yihudoota waan hundaan qaanessite
Du'i keenya hafeera kunoo jireenyaatti jijjiirtee

Galanni kan keetii kaleessas harras ta'uu borii
Ani yoomiyyuu kan keetii dhugaa ilmaakeeti bari
Ani simalees hin qabu ati abbaakoo na gargaari
Du'aa bara baraarra maqaa keetiif jedhii na baraarii

Ililleen Gammada hundumtuu ka'eera du’aa gooftaani
Gammachuun nuuf ta’eera du'aa moo'e ka'uusaatini
Gammadeetan ililchaa anis cubbaama arrabaa kootiini
Galannikeeti samiif lafaa gubbaarrattis ati mootiini
...........................................Itti Fufa.......................................
@yaaqulqulleettiinuufkadhadhu👈Join join taasisaa itti makamaa.
Walaleessaan Walaloon D/n Sanyii Mulaatuu.
BAGA GEESSAN!!!💠
Yihuudonni qaana’uun of wallaalanii
Gooftaan du'aa ka'uu ijaan gaafa arganii
Itti fakkaatee waan ekeraan jiraatee
Innoo foon uffatee du'aa ka'a kanaa kakate
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Sadaan Waaqa Tokkoon Ameen
Nagaan Waaqayyoo isiniif yaa baayyeetu akkam jirtu yaa maatii Sillaasee nagaa keessani? Anis nagaa kootii galata Sillaasee kootii.
Maal jedheen dhiifama isin gaafadha laata?😭 Maal jedheen fuula keessan dura dhaabbadhaa? Maal jedhee akkan eegaluun dhabee sababnisaas namoonni hedduun keessan walaloo mataa duree hedduu naaf ergaa turtani.Anis deebii isiniif laachuu hin dandeenye kanaaf garaan keessan akka nattii gaddu,nattis gaddee tilmaamuun nan rakkisuu.ta'uus arguus dhaga'uus dhabee miti yeroo sanatti haala rakkisaa keessan turee.keessuma obboleessaako maqaan isaa ❝NUGEEKOO❞ jedhee banatee addattin dhiifama si gaafachuun barbaadaa waadaakee siif milkeessuu dadhabuu kootti dhiifama maqaa sillaaseen siin jechuun barbaada. Obboleessakoo kanaa qofaas miti namoonni muraasni keessan jirtu kanaaf anis rakkoo/qormaata hamaa keessan turee.Qormaatichas haga harraatti hin milkoofnee wal dhaansootti jirra.utuun qorumsa hama kana keessa jiru maatii gruop kanaatin maqaa Sillaaseen warri nattii gadditaan dhiifama*3 Eeyyama isaa ta'ee bor walaloo mataa dureen isaa ❝waanuma naaf hin taanee hin jiru❞ kan jedhuun dhufaan jira.

Adaraa keessan Uumaa keenyaa Qüļqűllëěţţïį Sillaasee akka naaf kadhattan isin gaafadha.GARBICHA TSAADIQ🤲🤲🤲
Dn Sanyii Mulaatuuti.
Nagaa Wajjiin