Walaloo koo
182 subscribers
1 link
Channel kana jalatti walaloo jaalalaa, jibbaa, nama bashannansiisu fi qoosaa gara garaa kan jalaa argattani dha. Kanaafuu join godhuu akka hin daganne
Download Telegram
Suuta hatte hattee
Ija koo na laaltaa
Siin jaalladha qashtii
Ati hunda caaltaa
1
Ani siin jaalladha
Boontuu biyya kootii
Ijji too yoomillee
Suma arguu feetii
Ana jechuun sidhaa
Si jechuun anadhaa
Irbuu walitti hidhaa
Waadaatu kanadhaa!
~
Hunda waliin qabnaa
Adda adda hin baanuu
Anaaf ati wal wajjin
Malee hin bareednu
~
Sin dhoksu tasumaa
Dhugaan sittimaatii
Anaaf ati akkumaa
Jireenya! Jechuutii
~
Utuu daandii hundaa
Jaalalaan naaf bantuu
Anaan na dhukkubaa
Gaafati miidhamtu.!
1
Sumaatu naan jedhee
Gurbaa an si jibbee
Osoon siif maraadhuu
Lafatti na darbee
Jalalaafi waan maraan
Mirga kiyya dhiibee
Siin wal baruu kootti
Aniis ittiin gaabbee
Tuffatamuun kiyyaaf
Hedduun if taajjabee
Kanaatu dirqiidhaan
Afaan kiyya qabee
Callisuu filadhe
Onnee koo sossobee
Itti hime onnee too
Akkaan jaallee dhabee

Yeroon sitti dhihaadhu
Akkan si malee hin beekne
Yeroon ani kolfuus
Waaniin hin miidhamne
Beeka yoon callisuus
Wallaala akka hin jenne
Siin jaalladhe malee
Aniis goowwaa hin taane
Anaatu callisee
Mirga guutu siif kennee
Ofitti wallaaltee
Itti hin fayyadamne

Kanaan booda garuu
Ati anaaf homaa miti
Iddoo tokko hin qabdu
Jiruu koo kessatti
Anis jijjiiramee
Kan dur beektu miti
Hooggansi onne koo
Sirraa buutee jirti
Nagayaan jiraadhu
Akka barbaaddetti
Onnee kootti taphachuun
Garuu haftee jirti
Homaallee siin jechuun
Anaaf gaarii miti
Jabaadhuun siin jedha
An obbolessi keetii

Just for poem
👍2
Teetuma irraa qabadhu ati

Waan rabbiin siif kaayerra
Ida'ee irra siin kaayu namni
Yoo taateef hir'isuuf yaala
Kana hubachuu qaba gamni

Qoodee kee sii quudhuu dadhabee
Hangamuu yoo beexalee
Booddee numa dhaabbata
Humnaaf yaadaan beegalee

Uumamni garuu raajiidha
Faallaaf laphee nu baachisaa
Gaariirraa duuba aansee
Hamtutti nama kaachisaa
Miidhamuu kee caalaa
Milkaawuu keetu yaachisa

Isa kee banaa dagattee
Qaawa biraatti quba qabda
Humna kee ala fixxee
Mana keef humna dhabda
Kanaaf waan arra eegalte
Osoo hin xumurin dhaabda

Waan biraatti hin tartu
Boruus isa haarawa jalqabda
Takkatti hin gabaabbattu
Kanaas kaaniis ni yaabdaa
Hunda tuttuqxee dhiistee
Maalumaaf dhiiga nu dhaabdaa?

Yeroon hafuura fudhannu
Hobbaafannee waan komii
Hin dhihaannee yaa waaqa ?
Atumti mee nuu himi yoomii?

Gaafa dadaa oggollee
Gadadoodhaaf mirqaanuu
Nutuu waliif hin taanee
Maal nuu taati firqaanuu
1👍1
Pain makes you stronger
Tears makes you braver
Heartbreaks makes you wiser
So thank the past for better future
Hiriyaa koo gaarii
Heddun si jalladha
Kankee hime hin fixu
Ati dawwitiidhaa

Si kessatti of laalen
Boona ol jadheetii
Eenyus tahe kaamuu
Kan si caalu miti

Ati anaaf waa maraa
Fakkenyumma kooti
Wlhi siin jaalladhaa
Hunduma olitti

Kan naaf goote ibsuuf
Jechi na hanqatti
Darbii naaf jiraadhu
Bara baraan ati

Warronni na miidhaan
Jiraatus fakkesse
Hamtuu jara kaaniis
Kan kee laalen obsee

Si naa hin gitu kamuu
Uumamni lafarraa
Warra sobaan kolfan
Hundarra siit jiraa

Siin qaba tiruuko
Ati naaf waa maraa
Iddon an dadhabetti
Siif rabbitu na furaa

Gorsa kee mi’aawaa
Akka nadhi damma
Dhugaa namni akka kee
Argachuun ni cimaa

Tole siin eebbisaa
Mee aammin naaf ja'ii

''Dagaagi mul'adhu
Hunda caala tahi
Kaayyoo fi galma kee
Hunda bira gahi
Teessoo milkaa'inaa
Gubbaa bahi taa'ii
Milkaa'i milkaa'ii
Ammalle milkaa'ii
By
Bukhari Ahmed ❤️❤️

💪💪Follow me💚💚
1👍1
Kophummaan dhugaadhaa
Kan natti dhagahamu
Yeroo bilbilli koo
Charge fixee dhaamuu😂
4
Ati naaf qorichaa
Kan dhukkubbii onnee
Sagaleen kee dawaa
Ogeessi naaf kennee

Baay'ee na dhukkuba
Yoonin si hin fudhannee
Yeroon naaf bilbilu
Akka hin daganne

Ganamaaf galgalaas
Barii fi yeroo kamuu
Si waliin yoo hin taane
Dhiigni koo hin raabsamuu

Ani fayyaa hin tahuu
Onneen na dhukkubaa
Sammuniis yaada kee
Oliif fi gad qabaa

Qoosuu kiyyaa mitii
Ati naaf dawaadhaa
Sin of biraa dhabuun
Miira koo na miidhaa

Onneen akka miidhamtee
Dhiiga hin balleessine
Ganamaaf galgalaas
Narra akka hin baadnee

Silaa ganama bariin
Haasaa kee fudhadhee
Sa'aa 6 fi galgalaas
Irraatti dabaladhee

Akkasittin fayya
Onnee kootiin dhinee
Si waliinin turaa
Akka natti hin deebinee

Nama takkoof
5
Ifaan fuula keetii
Hundumaa hawwataa
Kan si arge hundaaf
Guyyaa bareechistaa

Si waliin haasofnaan
Ija keessaa si ilaalaa
Bareedina uumaa fi
Gaarummaa amalaa

Iddooma tokkotti ittiin
Bashannanaa oolaa
Galuu hirraanfatee
Si biraahuu ni bulaa
4
Maqaa inni hin qabne
Hedduu isaaf buuftee
Namni yoo qama'e
Kana godha jettee

Mirqaanee sakhranee
Gamoo irraa if qaarsaa
If irratti fincaanee
Qaama if tortorsaa

Machaa'ee if wallaalee
Maatii isaan wal dhabaa
Gara fayyaatiin illee
Dhiibbaa guddaa qabaa

Nuun jedhe sheiktichi
Jimaan kun haraamaa
Parsantii 100%tti jala
Mureen siif himaa

Lakki jimaan gonkuma
Nama hin macheeysuu
Dhiibbaa hawaasumma
Takkalle hin geessisuu

Namaatu qama'eef
Gamoo hin utaalchisuu
Garuu faalla sanii
Hojjette if si jijjiirsisuu

Si'eeysee kakaasaa
Hamilee hojii kee
Yoo baay'isuu baatte
Siin gaha kaayyoo kee

Jibbansa ummataaf qabdan
Ibsachaatiin kan jirtan
Ajandaa uumuudhaaf
Fatwaa jimaatiin dhuftan

Cubbuu jimaan hin qabne
Irra hin kaayinaa
Bu'aa fayyaas qabaa
Kana maal wal sobnaa

Sukkara qaama namaa
Namarraa xiqqessee
Ulfaatina hin feesisne
Qaama irra buusee

Dhibee gara garaa
Nama irraa ittisaa
Garuu yoo guddisteesi
Hin hafu miidhaan isaa

Buddeenni guddatehu
Fayyummaa ballessaa
Kanaafu waan hundumaa
Dooziin isaa murteessa

Isin amma jimaadhaaf
Maqaa buusuu dhiisaa
Yoonif ragaa qabaattan
Kan qur'aanaf hadiisaa
Kootta gamtaa ulamaa'ii
Harargee amansiisaa

Jedhaan sheekni keenya
Kabajamoo shiek muusaan
Kitaaba qabadhaa koottaa
Online afuufuu dhiisaa
6
Anaaf yaaduu itti dhiisii
Jireenya kee jiraadhu
Waa'ee kootii sin galchuu
Keetuma sirreffadhu

Ajandaa guddaa uumtee
Haasoofta dhimma namaa
Jiruun kee akkam jira
Maal irra jirta amma

Deemii sirreessi borii kee
Kan namaa hin borcinii
Miila kee xurii sanaan
Nu keessa hin utaalinii
2
Osoon suma yaaduu
Kalee guyyaa oolee
Yaadaa keen gubachaa
Halkan edaas bulee
Dila kana hunda
Maaf badde naan gallee
Eegeen si dadhabee
Maal taate yaa kuullee
1