Walaloo koo
182 subscribers
1 link
Channel kana jalatti walaloo jaalalaa, jibbaa, nama bashannansiisu fi qoosaa gara garaa kan jalaa argattani dha. Kanaafuu join godhuu akka hin daganne
Download Telegram
Channel created
Channel photo updated
MOOTII AARTII OROMOO
DR ALI BIRRAA

Nama saba isaaf
Jiraate umrii isaa
Akka utubaatti
Ijaare saba saa

Halkanii fi guyyaas
Saba saaf carraaqee
Heddu itti dadhabee
Aadaa isaa ol qabee

Jireenya isaa guutuu
Saba isaaf dabarse
Har’a lubbuun bade
Aartii nuuf mul'isee

Gahee inni taphateen
Aartiin arra gahe
Guddisee mul'isee
Bilcheesse nuun gahe

Gaafa ijoollumma
Isaarra eegalee
Eega sabaaf ka'e
Takkuma yoom gale

Saba koof jiraate
Umrii isaa guutuu
Yoom qusatee beeka



Guyyaa rabbiin qabeef
Bira namuu hin darbuu
Jennata haa kennuf
Rabbiin aangoo qabu

Jiraachuu yoo baates
Arra lubbuun isaa
Seenansaa hin baduu
Jiraatee lallisaa
2
Guyyaan si dubbisan
Mataa ol qabattaa
Namarra dheerattee
Funnuq funnuq jetta

Taa'ii dhiisii akkana
Haalli kun badaadhaa
Deemsi akkasii sun
Galmi hallayyaadhaa

Fageessiitii mil'adhu
Dhiphistee hin yaadinii
Boonnii hirbaatan tahu
Nyaatanii hin bulanii

Kee kun ajaa'ibaa
Hedduu nama dhibaa
Dhala nama jibbuun
Maal bu'aa siif qaba

Yoomuu gaarii mitii
Nama tuffachuunii
Bor si caaluu malaa
Rabbiin gargarranii

Nama tuffachuusaan
Kan milkaa'e jiraa?
Hin dhageenye garuu
Ani arraan duraa

Addan osoo qoqqodne
Kabaji nama hunda
Addaan filuu hin qabduu
Nama xiqqa fi guddaa

Kabajamuu kee dura
Nama kabajuu qabdaa
Yoos atiis kabajamtee
Jiraachu ketti gammadda

Boonni yeroo hammaate
Tuffitti nama geessaa
Suuta suuta jedheeti
Amala kee balleessaa

Kana booda siif dhufa
Amalli akka jibbinsaa
Guyyoota lakka'atee
Namummarra si baasa

Wantin kana sii dhaamef
Akka obboleessatti
Tarii beekullee baadhu
Wal yaadachiisu taatii

Jedhen barreesse malee
Waa si miidhuufii miti
Sheenan galgala dhufa
Utuu waan fedhe tehe
Arruma itti hojjedhu
Yeroon kee amma gahe

Daba hin hojjetini
Umrii dargaggummaa kee
Deebi'ee suma miidhaa
Gaafa deemu umriin kee

Nama guddaa tahitii
Mul'adhu akka gaara
Bal'isii itti yaadi
Hojjechuu keetiin dura

Kallattii ittiin deemtu
Rabbiin sitti argisiisa
Isumatti hirkadhu
Hin yaadin ati tasa

Hin barbaadin kan namaa
Keetuma amanfadhu
Tasumaa shira dhiisi
Onnee qulqullefadhu

Badhaasa siif kennameef
Rabbiin galatefadhu
Gonkumaa hin jarjarin
Obsumaan hunda baadhu
3
Kan waa'ee keen beekne
Waan fedhe xibaaraa
Kanaaf hin deebi'in
Ejjennoo keetirraa

Wanti ati yaadde
Dafee hin milkaawuu
Kan ati barbaaddu
Carraan siif hin ta'uu

Kan carraa milkaa'uus
Dhaabbataa hin tahu
Obsaan bira darbuu
Hin jiru wanti gahuu

Namoonnii tuffatee
Milkaa'ina turtuu sehaa
Hundi sirraa darbe
Seenaa gaarii tahaa

Obsiitoo jabaadhu
Waan irra jirtutti
Milkaa'ina arguuf
Yeroon fagoo miti

Dinqisiisaa dhugaa
Ilma kaayyoo qabu
Kan hojiin mullisu
Hunduu hin dhaqqabu

Nam feete gaafadhu
Kan beekkumsa qabu
Nama ejjennoon deemu
Abbaan fedhe hin dhaabuu

Kanumaan siin jedha
Tan obbolummaatii
Beeke osoon taanee
Yaadannoof ni taatii
1
Dafqa Qixxee Dhiigaa

Osoo beekee qondaalli
Jimaan dhiigaan biqiluu
Koontorbaandiidha jedhee
Paatrooliidhaaf waan bilbiluu

Dhaabee, kunuunse
Akkatti itti dafqee
Huurkaan dhukkee bukeesse
Nafaaf kafanaas marqee
Akkasiin asiin gahe
Eelee eelaan balaqee
Osoo takkaa hin miicin
Uffanni aduun baqaqee
Kattaa dhagaa giddutti
Qaamni isaa bashaqee
Qabbanaaf hafiggaadhaan
Harakaa miilli baqaqee

Obseetuma eeggatee
Dikees jalatti naqee
Naan boqodha gaaf tokko
Dafqa koos qarshiin haqee
Madda galii naaf taha
Maatii kiyyaas nafaqee
Osoo jedhee abdatuu
Jimaan karaarraa maqee
Paatrooliidhaan reebee
Sukkara itti naqee
Gubamee gaafa dhagahu
Jaarsi rifatee baqee
Akkas jedhee abaare
Yaa rabbii hunda khalaqe
Midhaan gubee silaahuu
An hin tolchu araqee
Nu haa garsiisu gooytaan
Tana nurraa xaraqee
1
An anuma silaa
Nama biraa hin tahu
If taheen jiraadha
Nama hunda hin tahu

An kan ati beektu
Kan bara dur mitii
Yoo akkasitti hubatte
Dogongorte ati
Hiriyoota qaalii
Kessoo koo yaa tiruu
Addunyaa hundarra
Kan sin caalu hin jiruu

Jiraadha naaf darbaa
Waggaa daanga hin qabnee
Rabbiin nu haa godhuu
Warra adda hin baanee

Join
https://t.me/oropoemb
3
Guyyaan si dubbisan
Mataa ol qabattaa
Namarra dheerattee
Funnuq funnuq jetta

Taa'ii dhiisii akkana
Haalli kun badaadhaa
Deemsi akkasii sun
Galmi hallayyaadhaa

Fageessiitii mil'adhu
Dhiphistee hin yaadinii
Boonnii hirbaatan tahu
Nyaatanii hin bulanii

Kee kun ajaa'ibaa
Hedduu nama dhibaa
Namaan caalaa yaaduun
Maal bu'aa siif qaba

Yoomuu gaarii mitii
Nama tuffachuunii
Bor si caaluu malaa
Rabbiin gargarranii

Nama tuffachuusaan
Kan milkaa'e jiraa?
Hin dhageenye garuu
Ani arraan duraa

Addan osoo qoqqodne
Kabaji nama hunda
Addaan filuu hin qabduu
Nama xiqqa fi guddaa

Kabajamuu kee dura
Nama kabajuu qabdaa
Yoos atiis kabajamtee
Jiraachu ketti gammadda

Boonni yeroo hammaate
Tuffitti nama geessaa
Suuta suuta jedheeti
Amala kee balleessaa

Kana booda siif dhufa
Amalli akka jibbinsaa
Guyyoota lakka'atee
Namummarra si baasa

---------- --------------
----------JOIN TO MY-------- -----------CHANNEL-------
👍21
Midiyaa hawaasa
Fayyadamnu gubbaa
Wanti deemaa jiru
Baay'ee nama dhiba

Gaariidha if godha
Miidiyaarra taa'ee
Kan hawaasa gube
Hundinuu ol bahee
Si gorsuu barbaada
Inspire tahee

Murteessuu barbaada
Dhimma kee irratti
Kan isaatu hin beeku
Yoom hubatte ati

Duubni isaa dhugaa
Akka sanii mitii
Kan nama darare
Kaan buusee walitti

Afaan haxaawwatee
Deddeeme as gubbaa
Waan hunda yoo haasawu
Garaa kee si guba
1
Kan xiqqaafi guddaa
Dhiiraa fi dubartiini
Baga as eydanii
Eid kana geessanii
Suuta hatte hattee
Ija koo na laaltaa
Siin jaalladha qashtii
Ati hunda caaltaa
1
Ani siin jaalladha
Boontuu biyya kootii
Ijji too yoomillee
Suma arguu feetii
Ana jechuun sidhaa
Si jechuun anadhaa
Irbuu walitti hidhaa
Waadaatu kanadhaa!
~
Hunda waliin qabnaa
Adda adda hin baanuu
Anaaf ati wal wajjin
Malee hin bareednu
~
Sin dhoksu tasumaa
Dhugaan sittimaatii
Anaaf ati akkumaa
Jireenya! Jechuutii
~
Utuu daandii hundaa
Jaalalaan naaf bantuu
Anaan na dhukkubaa
Gaafati miidhamtu.!
1