Wabii Sanyii
6.72K subscribers
857 photos
26 videos
55 files
962 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Gatii Sammuu Beekuu

Sammuun dhala namaa kallattii sirriidhaan yoo ttiin hojjetan bu'aa buusa. Kallattii hamaatti yoo oofan miidha fida. Itti fayyadamuu dhiisnaan immoo bu'aa malee hafa.

#Sammuun qaama dhala namaa keessaa isa tokko tahee kan yaaduu, hubachuufi murtee kennuuf fayyadudha. Kana jechuun sammuun dhala namaa qaama hooggansaati jechuudha. Qaamni hooggansaa warra isa jalatti hoogganamaniif yaada ajajafi erga dabarsa. Warri isa jala jiranis dirqama isa irraa fudhatu. Dirqama isa irraa fudhatanis hojitti hiiku. Kanaaf sammuun dhala namaa madda yaadota haaraafi kalaqoota haaraati. Namni itti fayyadamu muraasa tahus.

Xiyyeeffannoon dhala namaa garuu sammuu gaariidhaan addunyaa gara gaariitti jijjiiruu irra osoo tahee bu'aa qabeessa ta'a. Yeroos addunyadhaaf furtuu tahuun danda'ama waan taheef.

Garuu, wanti nama gaddisiisu immoo namootni baay'een sammuu isaanitti hinfayyadamani. Warri kaan immoo sammuu kanaan hamaa hojjechaa diigaa oolu. Via Moonaa Fikaaduu

@segnigudeta @WABIISG