Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Maaltu nama nama taasisaa?
1.Sammuu akka namaatti yaadu qabaachuu.
Dhalli namaa bineensotaa fi uumama biroo irraa wanti adda taasisu, sammuu yaaduu qabaachuu isaati. Gulantaan namaa kan madaalamu sammuu isaatiini. Sammuu sirrii yoo qabaatan namummaa nama goonfachiisa.
Sammuun dhala namaa kan uumama kamiyyuu caala sababatti amana. Sababsaa ta'uun sammuu dhala namaa waan hojjetuufi hin hojjenne addaan baasee beeka. Kanaanis wanti dhalli namaa hojjetu hundi sammuun sababaan qaama ajajeeti.
Nama jibbuufi jaalachuun, barnoota barachuufi barachuu dhabuun, of
ajjeesuufi gaafa dhukkubsatan of yaalchisuun, gartuu tokko deeggaranii kan biraa mormuun sammuun dhala namaa sababsaa ta'uu irraan kan ka'edha.
Sammuun dhala namaa waan hundayyuu sababaan akka amanu siif himeen ture. Waan sababa waliin amane kana immoo sobas haa ta'u dhugaa hojiirra oolcha. Sammuu yaadu qabaachuun dhala namaa wantoota adda baasee akka ilaaluufi hojjetu taasisa.
Sammuun nama nama taasisa.
Sammuu isa yaadu, hojjetuufi dhugaa hubatu. Sammuun akka dhalli namaa of beeku, ilaalcha sirrii qabaatu, kaayyoofi mul‟ata qabaatu akkasumas bineeldota kaan caalaa haala naannoo isaa hogganee akka jiraatu taasisa.
2. Nama nama kan taasisu, namummaa goonfachuudha.
Namummaan amala dhalli namaa goonfachuun nama ta'uu dha. Namummaan dhalli namaa akka bineelda kaan irraa adda ta‟u taasisa.
Waan tokko qoranii, qoraasanii, buusaanii baasuun, bitaafi mirga ilaalanii fudhachuufi dhiisuun amala dhala namaati. Namni namummaa kan goonfatu nama biraaaf onnee mararamuufi dhukkubsatu qaba.
Fakkeenyaaf, namni osoo karaa deemuu nama konkolaataan itti galagale yoo arge, hunduu rifatee, waan danda'u gochuun lubbuu nama sanaa oolchuuf ifaaja. As irratti yeroo balaa kanaa namni nama oolchuu malee amantii, paartii, sabafi gosa isaa namni gaafatu hin jiru. Adiis ta'e gurraacha, amanas ta'ee ka hin amanne wanti jedhamu hin jiru. Namummaa qofatu ilaalama.
3.Namni nama kan ta'u gaarummaa goonfateeti.
Gaarummaan immoo madda miidhagina keessooti. Dhalli namaa uumamaan gaarumman laatameefi jira.
Gaarummaan gaarii gochuu irra gaarii ta'anii argamuudha. Gaarummaan sagalee malee dhaga'ama. Fageenyaan hin daangeffamu.
Qabeenya irratti hin hirkatu.
Gaarummaan onnee namaaf maraarfamuufi sammuu waan gaarii yaaduun namaaf galaafama. Gaarummaan madda miidhagina keessa sammuu namaati. Dhalli namaas, ta'ee uumamni biroo bareeduuf waan hin goone hin qabu.
Hunduu miidhagee akka hundi afaan qabatee dhaabbatee ilaalu barbaada. Yeroo baay'ee dhalli namaa miidhagina ijaan argu faana osoo culuullatuu miidhagina isa ijaan hin mul'anne garuu kan nama nama taasisu dhaba. Qarshiin, aangoofi sadarkaan barnootaa qaamaafi uffataan nama miidhagsuu danda'a.
Garuu boqonnaafi gammachuu kan
namaaf kennu miidhagina sammuuti. Sammuun dabaafi gidiraa yaadu, saamichaafi ajjeechaa, akkasumas qaraafi qaroomina sabaafi nama biraa
balleessu boqonnaa hin argatu.
Akka fedhetti nyaatee dhuga garuu itti tolee akka fedhetti jiraachuu hin danda'u. Sababni isaas garaan quufee rafus sammuun gocha kee badaadhaaf murtii dura si dhaaba waan ta'eef! via leadership @segnigudeta
Ⓜaal irraa Barannaa?

#Kayyoon koo.
#Dhaloonni ilaalcha gaarii akka qabu #barsiisuuf,#leenjisuuf #fakkeenya ta'e #jiraachuu dha.

#Hubachiisa fi #Akeekkachiisa Namoota maqaa namaan daldalaniif; Sababa malee, dubbii olii kana hin kaafne. Gidduu kana odeeffannoo hedduutu na qaqqabaa jira
Namoonni maqaa namaan daldaltan salphachuuf jirtu waan ta'eef akka adabattan isanan hubachiisa.
Guyyaan isin salphisa! Kabajamtoonni fi hordooftoonni koo sinaan jaalladha galatoomaa.
Fuula Barruu koo kan qofa hordofa
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820

Facebook
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Jiraa moo Du'aa ??
=============================
Guyyaa tokko jedhan 'Waraabessa'tu gaaffii tokko 'Leenca gaafate. Akkas jedheen "Ati maaliif namni suuraa kee namni jaalata. Masara mootummaa keessatti illee suuraa kee ni jira. Garuu fakkii koo namni maaf na jibba?" jedhee gaafate.
Leenci deebisee akkas jedheen "anaa fi si gidduu garaagarummaan jira waan nuti soorannu irratti, ati du'aa irratti xiyyeeffatta anaaf garuu nyaanni koo waan lubbuu qabu qofa" jedheen. Waraabessi immoo deebisee "amma booda anillee si waliin waan jiraa nyaachuu eegala" jedhee leenca waliin deemsa eegalan.
Otoo adeemaa jiranii tasa foolii wayii funyaan waraabessaatti dhufe. Foolii waan du'aa/raqaa/ ti. Innis dhaabatee suufuu eegale. Itti gorees waan du'aa kana funaanuu eegale. Leenci garuu deemsa itti fufe.
Turtii xiqqoo booda yeroo Waraabessi quufee dhufu Leenci 'Bosonuu' fayyaa kuffisee nyaachuuf irra dhaabata ture. Gaafa kana Waraabessi miira gaabbiin otoon si biraa hafuu baadhee gaarii ture jedhe. Leencis akkas jedheen "Eyyee ati waan du'aa barbaaduutti isa jiraa dhabde" jedheen !!
Kanaafuu, waan du'aa barbaaduutti fayyaa/jiraa hedduu akka of hin dabarsine kan jedhu dhaamsa kooti.
Kan ati barbaadu du'aa moo jiraa dha ?? 🤔 Guyyaa Gaarii 🙏 Via Naol Abera

KENNAA UUMAMAA
๏ Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyuu ittiin to'atu, sammuu kenne.
๏ Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba
๏ Narvii gargaartuu Tiriliyoona kudhan.
๏ sammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo (memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda'uu fi aangoon isaa (power) 20W dha.
➲ Kun ta'ee osoo jiruu, haa ta'u malee, namni meeshaa isaa kana walqixa itti hin fayyadamne; gareen tokko sammuu isaatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattuu akka taatuuf gahee isaa bahe; biyya isaas jijjiire.
๏ Faallaa kanaan, gareen biraa immoo kutaa sammuu isaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa'ee xinxalee booda, yaadaa fi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda'uu, dhibaa'ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kan kana fakkaatan walitti funaanuun gara sammuu isaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare. Balbalas itti tolchuun, ol seenee marmaratee keessa taa'e.

#Jireenyi guyyaa guyyaan qormaata namaaf qopheessiti.Jiruun biyya lafaa kun walii faallaa dha. Kufanii ka’uu, dhabanii argachuu, qoramanii kufuu, osoo hojjetanii namaaf darbuu dhabuun waan jireenya keessatti nama mudatani dha. Kanafuu jireenyi #filannoodha moo #carradha..? Sababa waliin barreessa yaada keessan.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Waadaa kee eegdee mul'ata kee galmaan ga'uuf namoota huunda booda rafi, hunda durammoo barii barraaqaaan ka'i akkasummas namoota si waliin sochootu addaan baafadhu.
Egaa gaafa ati Mul'ata kee hojiitti hiikuuf kaatu mul'anni kee namoota gosa lama si faana sochoosa
1ffaa. Namoota mul'ata kee si jaallatanii,mul'ata kee deeggaran siif kaasa, 2ffaa. Namoota mul'ata warraa faallaa kee deemuun siins mul'ata kee awwaaluu barabaadan immoo sirratti kaasa. Kanafuu obbolee koo namoota si faana socho'an addaan baafacha adeemi. Kun qajeelfama milkaa'inaa kee isa tokko.
Egaa gaafa ati Mul'ata kee hojiitti hiikuuf kaatu mul'anni kee namoota gosa lama si faana sochoosa
1ffaa. Namoota mul'ata kee si jaallatanii,mul'ata kee deeggaran siif kaasa, 2ffaa. Namoota mul'ata warraa faallaa kee deemuun siins mul'ata kee awwaaluu barabaadan immoo sirratti kaasa. Kanafuu obbolee koo namoota si faana socho'an addaan baafacha adeemi. Kun qajeelfama milkaa'inaa kee isa tokko.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Ilmaa keessan! have a good monday
Dream big, work hard,stay focused, surround yourself with good prople,and enjoy the journey
https://www.facebook.com/100070669717820/posts/323435080022147/?mibextid=eimWu5Utm3dJgHwj
Facebook
Log in to Facebook
Log in to Facebook to start sharing and connecting with your friends, family and people you know.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Ilmaa keessan! have a good monday
Dream big, work hard,stay focused, surround yourself with good prople,and enjoy the journey
Fb koo kan qofa.
https://www.facebook.com/100070669717820/posts/323435080022147/?mibextid=eimWu5Utm3dJgHwj
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Sammuu kee Leenjisi!(Train your mind)
---------
Leenjiin ilma namaatiif waan murteessaadha. Namni waan hin beekne beekuuf yaaluu qaba. Ilmi namaa yoo shaakaluu barachuu dhiise malee wonni inni hin dandeenne hin jiru. Kun kan agarsiisu, ilma namaa keessa dandeettiin addaa jiraachuu agarsiisa.
Fakkeenya salphaa yoo fudhanne, namni kamiiyyuu yoo hin yaalin ykn yoo shaakalin barreessuu tasuma hin danda'u, konkolaataa oofuu hin danda'u, afaan dubbachuu hin danda'u, shaakala sport adda addaa gochuu hin danda'u...ilmi namaa bu'aa waan leenji'eeti jechuudha.
Sammuu leenjisuun waan hunda leenjisuudha! Waaqayyo sammuun keennaan, hafuuraan akka geggeeffamu godhee ilma namaa dadeera/uumeera. Kun uumama hundarraa adda nu taasisa. Sammuun waan nuuti leenjisne kamiiyyuu leenji'uuf qophiidha. Waan gaarii, milkii, ni dande'aa yoo leenjisne waan dansaa nutta agarsiisa, sodaa, shakkii, dadhabina, hin dande'uu yoo deddeebinee itti himne, isuma shaakala bu'aa isas ni argina.
➣Kutaa qaama keennaa kan biras akkuma leenjifnu, waan dansaa yaadutti sammuu haa leenjifnuu.
Addunyaan kun garuu, warra sammuun naaffatanii fi warra sammuun hir'uun malee warra qaama miidhamaniin tasumaa hin baddus, hin badaddus.
Silaa naaffachuun qaamaa milkaa'ina namaatti daangaa osoo godhee Pireezendatiin Ameerikaa 32ffaan, Roozveelti wheelchariirra taa'ee hoogganaa hin ta'u ture.
Helen Keler isheen ija ittiin libsattu hin qabne akkasumas duudaa taate, barreessituu fi nama siyaasaa cimtuu ifa biiftuu jalaa hin taatu ture.
Rakkoon naafummaa sammui caale hin jiru. Gidiraan sammuun gabroomuu caale hin jiru, hin jiraatus. Rakkoo kana jalaa bahuuf immoo sammuu keenya leenjisu qabna. Sammuun leenji'e burjaajjii irraa nu bilisoomsee yaada keessoo keenyaa akka jiraannuu fi hiika dhalachuu keenyaa akka jiraannu nu taasisa!
Fayyaa fi nagaa qabaadhaa!

#Dhaloonni kun hanga garagarummaa #ilaalchaatti hanga hin amanetti eessa iyyuu hinga'u. Waan irratti waliif gallu irratti waliif gallee dabarra. Waan irratti waliif hingalle ammoo akka irratti waliif hingalle waliif gallee ilaalcha walii waliif kabajnee waliin jiraanna! Ilaalchi dhuunfaa kiyya kanuma kiyyaa; keetis akkasuma.
Garuu osoo ani ilaalcha kee siif kabajuu ati kan koo yoo tuffatte ani kan kee nin tuffadha beekii..dursee kan kee siif kabajuun koo garuu kan kee waan naa caaleef osoo hin taanee yaadaafi hubannoon sii amansiisuuf fedhii koo obsaan waan dangeesseef.
Ilaalchi keef kiyya wal dhiibuun anaaf ati wal dhabuu hinta'u. Garuu; "Ilaalcha koo qofaatu sirriidha, waanan dubbadhu qofaatu haqa, akkanatti yaadi, akkanatti jiraadhuu,!....." jedhanii ilaalcha dhuunfaa ofii nama biroo irratti fe'uuf yaaluun wallaalummaadhas, wal garboomsuudha.
"Garaagarummaa ilaalchaa waliif kabajuunis dirqama ta'uu hubannee garaagarummaa ilaalchaa keenya moggaatti dhiisnee wal kabajnee jaalalaan waliin haa jiraannuu!

🎴Ethiopian Airlines🎴🚩For Fresh Graduates
▪️1 - Trainee Pilot
▪️2 - School Of Finance Trainees
▪️3 - Trainee Customer Service Agent
▪️4 - Trainee Cabin Crew
▪️5 - Trainee A/C Mechanic
▪️6 - Trainee Aircraft Maintenance Technician
▪️7 - Trainee A/C Power Plant, Trainee A/C Avionics, Trainee A/C Mechanical Component, Trainee A/C Cabin Maintenance And Trainee A/C Structure Maintenance
▪️Find More Details here
💧💧💧💧💧
https://corporate.ethiopianairlines.com/AboutEthiopian/careers/vacancies
▪️🚩Registration period: August 21 to 25, 2023
▪️🚩 የምዝገባ ጊዜ፡- ከ ነሐሴ15 እስከ 19 ቀን ፣2015 ዓ.ም

#Hubaachisa/Attention
#Kabajamtootaaf #Jaalatamtoota hordoftoota toora miidiyaa hawwasaakoo huundaaf Ani beeksisa guyyaa guyyan bahu isin gahu malee #Faddala miti hojataa fi hojachiisa waliit hin fidu ,Odeeffannoo beeksisa maxxansuu malee hojii nama galchuu hin danda'uu
Kanaafuu kabajamoo hordooftoota toora miidiyaa hawwasaakoo kan taatan martuu ani toora Facebookiis ta'e telegiramii kan isin ittin na beektan addatti akkan hin qabnee akka naaf hubattan kabajaanin isin gaafadha. Namoota maqaa nama daldaluu irraa of eeggannoo godha saaxila
#Kayyoon koo. Dhaloonni ilaalcha gaarii akka qabu barsiisuuf, leenjisuu fi fakkeenya ta'e jiraachuu dha..
Hojii idileeti. Ogeessa Baankiit, leenjiisaa PD, Tola Oola fi Abbaa Biizinasii of danda'a dha. #beeksisa wayitawaa guyyaa guyyan bahu maxxansuu qofa dha
➦➣Facebook Page #follow godha
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820
Hordoftoota 49 ,910 kan qabu qofa
➦➣Telegiramii page
t.me/segnigudeta #Join godha
koo #Subscriber 127,728 ol kan qabu dha.

#Sammuun akka iddoo biqiltuuti.!
Mul'ata keessan namoota Ijaarama sammuu guddataa fi qajeelaa qabu qooda malee namoota Sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbata qabu hin qoodiin.
↪ Yoo akka gaariitti misoomsite daraaraa gammachuu fi gammachuutiin ni daraara. Garuu yoo tuffatte margi negaatiivii fi gadadoo bakka isaa ni biqila.
↪️ Yaadni kee akka sanyii ati facaaftu ti. Yaada gaarii yoo facaafte bu’aa gaarii argatta. Garuu yaada gadhee yoo facaafte, waan hamaa qofa haammatta. Filannoon kan keeti.
↪️ Gammachuun waan ari’amuu ykn horachuu danda’u miti. Duraan si keessa jira. Laayiyeroota isa haguugee jiran balleessuu qabda.
↪️ Milkaa’inni dhugaa qabeenya qaama ykn aangoo kuufachuu osoo hin taane jireenya hiika qabu kan namoota biroo fayyadu jiraachuudha.
↪️ Of beekuun guddina dhuunfaa fi jijjiirama dhuunfaaf furtuudha. Yaada, miiraa fi amala keenya caalaatti yommuu hubannu, jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu jalqabuu dandeenya.

Yoyyaa!
Galmee leenjii/qacarrii Daandiin Qilleensa Itiyoopiyaa gegessaa jiru ilaalchisee gama adda addaatiin yaada fi gaaffiin nuuf ka'aa jira.
Yaada fi gaaffii qabdan irraa dubachuuf galgalaa harraa sa'aatii 2:00 tti gama #Live nan dhufa. Beellama ha qabannu!
Ammasittuu yaada fi gaaffii dabalata qabdan nuuf barreessaa!
Via #KiyyaLemmaa Hoogana Daandiin Qilleensa Itiyoopiyaa

Deebii gaafiif yaada keessan
Galgala sa'a 2:00 live eega
Galmee Beeksisa Daandiin Qilleensa Itiyoopiyaa irratti.
Galmaa'aa, Dorgomaa!!
Caarraa gaarii isiniif hawwina!
Galgala sa'a 2:00 live eega
Galmee Beeksisa Daandiin Qilleensa Itiyoopiyaa irratti.
Galmaa'aa, Dorgomaa!!
Caarraa gaarii isiniif hawwina!
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
kabajamoo hordooftoota toora miidiyaa hawwasaakoo kan taatan martuu ani toora Facebookiis ta'e telegiramii kan isin dura ittin na beektan #SanyiiGuddataa kan jedhun kanaan addatti akkan hin qabnee akka naaf hubattan kabajaanin isin gaafadha.
Namoota maqaa nama daldaluu irraa of eeggannoo godha saaxila
Kayyoon koo. Dhaloonni ilaalcha gaarii akka qabu barsiisuuf, leenjisuu fi fakkeenya ta'e jiraachuu dha..
➦➣Facebook Page #follow godha
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820
Namoota maqaa nama daldaluu irraa of eeggannoo godha saaxila
Kayyoon koo. Dhaloonni ilaalcha gaarii akka qabu barsiisuuf, leenjisuu fi fakkeenya ta'e jiraachuu dha..
➦➣Facebook Page #follow godha
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Qubee Electronics giddugala gurgurtaa meeshaalee elektirooniksii yoo ta'u, Computer, Laptop, Tablet, Bibiloota smart ta'anii fi aksaseeroota garaa garaa orjinaala isaa amanamummaadhaan isiniif dhiyeessa. Biiroleef, bakkeewwan hojii dhuunfaaf, barsiisota, barattootaa fi daldaltootaaf meeshaalee elektirooniksii armaan olitti caqafaman bakka jirtanitti ni dhiyeessa."
➖ Caalaa Kaffalaa dhuguma dhaloota qubeeti. Bara 2020 Yuunivarsiitii Finfinnee irraa Chemical and Bioengineering qabxii olaanan eebbifame. Hiriyootasaa waliin ta'anii hojii uummatan. Har'a ofirra darbanii nama biraaf hojii uumaniiru.
➖ Anis har'a Qubee electronics *tti gore muuxannoo biizinasii hedduu irraa baradhe bilbila irraa bitadhe gale Walitti gurguruu, wal irraa bituun jabaateera. Ammas jabaatee itti fufuu qaba.
Teessoon; Finfinnee, Boolee Madaaniyaalem, Gamoo Oromiyaa (Oromia Tower) keessatti argamna.Lakkoofsa Bil; +251911539551
#HUB. Namonni waliin hojjechuu barabaadan nu dubbisaa galatoomaa.

Kabajamoo hordoftoota toora miidiyaa hawasaa koo kan taatan martuu ani toora #Facebook's ta'e #Telegram kan isin dura ittiin na beektan #SanyiiGuddataa kan jedhuun addatti akkan hin qabne akka naaf hubattan kabajaanin isin gaafadha. Namoota maqaa namaan daldalaniif; Sababa malee, dubbii olii kana hin kaafne. Gidduu kana odeeffannoo hedduutu na qaqqabaa jira.
Ani beeksisa guyyaa guyyaan ba'u isiniin gahuu malee #Faddaalaa miti, hojjetaa fi hojjechiisaa walitti hin fidu. Odeeffannoo beeksisaa maxxansuu malee hojii nama galchuu hin danda'u.
Namoonni maqaa namaan daldaltan salphachuuf jirtu waan ta'eef akka adabattan isinan hubachiisa. Guyyaan isin salphisa!
Kaayyoon koo "Dhaloonni ilaalcha gaarii akka qabaatu barsiisuu, leenjisuu fi fakkeenya ta'ee jiraachuu dha".
➦➣Facebook Page koo #follow godha
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820
Telegiramii koo t.me/segnigudeta join godha