Wabii Sanyii
6.51K subscribers
886 photos
26 videos
56 files
971 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
5 BENEFITS OF PERSONAL DEVELOPMENT.

1. Self-Awareness and Emotional Intelligence: Personal development encourages self-reflection and introspection, enabling individuals to gain a deeper understanding of themselves. By exploring their strengths, weaknesses, values, and beliefs, people can develop greater self-awareness. This enhanced self-awareness also fosters emotional intelligence, allowing individuals to recognize and manage their own emotions effectively, as well as understand and empathize with others.

2. Continuous Learning and Growth: Engaging in personal development means actively seeking new knowledge, skills, and experiences. It encourages a mindset of lifelong learning, promoting personal growth and development in various areas of life. By acquiring new knowledge and honing existing skills, individuals can expand their capabilities, boost their confidence, and open doors to new opportunities.

3. Goal Setting and Achievement: Personal development involves setting specific, measurable, achievable, relevant, and time-bound (SMART) goals. By setting clear goals, individuals gain direction and focus in their lives. They can break down their goals into smaller, actionable steps, which helps them make progress and achieve their desired outcomes. Regularly setting and accomplishing goals boosts motivation, increases productivity, and enhances self-discipline.

4. Improved Relationships and Communication: Personal development encompasses interpersonal skills, such as effective communication, active listening, conflict resolution, and empathy. Developing these skills allows individuals to build stronger and healthier relationships with others, whether in personal or professional settings. Effective communication and empathy foster better understanding, collaboration, and harmony, leading to more fulfilling relationships and improved teamwork.

5. Increased Confidence and Resilience: Personal development helps individuals build confidence and resilience. As they gain new knowledge, skills, and experiences, they become more capable and competent, which boosts their self-confidence. Additionally, personal development encourages individuals to face challenges, embrace failures as opportunities for growth, and develop resilience in the face of setbacks. Increased confidence and resilience empower individuals to overcome obstacles, take risks, and pursue their goals with greater determination.
Please add More*

Namoota #jaallattan

Positive mind find opportunity in everything.
https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Seenaa koo kanneen yeroon kaasu hiriyoota koof fakkeenya ta'uuf malee of himuuf akka hin taane himuun barbaada. Si'achi jireenya rakkisaa akkasii jiraachuu dhiisuu waanan danda'uuf! #BirqeeGassee

Fb irraa #Share godha
https://www.facebook.com/100070669717820/posts/pfbid0PEJvr6tiAkwrAaNcRn8xHndc9QYt9Vi975AHL1uoVxsczz7BjhGYZn4ihH3Bgc1yl/?app=fbl
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Maqaan Koo Birqee Gassee jedhama. Kanan dhaladhe Naannoo Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Coomman Guduruu, Magaalaa Gabatee 01 keessattidha. Barnoota sadarkaa tokkoffaa bara 2000ttin eegale. Kutaa sadaffaa irraa kaasee hojiiwwan humnaa tokko tokko hojjechuun meeshaalee barnootaaf na barbaachisan guuttachuun barnoota koo itti fufe. Yoo xiqqaate deemsa daqiiqaa 40f isaa ol ta'u aduu saafaa akka ibiddaa boba'u keessa lafoo adeemeen barachaa ture. Kan na guddise eessumni koos haadha manaa waan hin qabneef  isaaf nyaataa  bilcheessaan barnoota koo sadarkaa tokkoffaas itti fufe.  Ta'us rakkoowwan kunneen hunduu kaayyoof mul'ata koo karaatti  hin hambisne, inumaayyuu morodee qara na baase malee. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaas kutaa lammaffaa irraa kaasee hanga saddeetiitti sadarkaa duraa qabachuun gaafa ayyaana maatii badhaasa guureen galaa ture. Bara 2008titti immoo gara bakka dhaloota kootti deebi'een barnoota koo sadarkaa lammaffaa eegale. Ergan gara biyyaatti deebi'ee boodas jireenyi daran natti hammaatte. Meeshaalee barnoota kanneen akka uffata dambii mana barnootaa kan mucaan adaadaa koo ittiin baratte fudhee, dabtara muraasa na hir'atee immoo dabtarawwanan duraan ittiin baradhe walitti hodhuun lakkoofsa isaa guuchiseen barnoota koo sadarkaa lammaffaa eegale. Yeroo gannaa guyyaa hojii ijarsaa hojjechaa, halkan immoo hojii ogummaa harkaa ykn hodhaa hodhuun bara barnootaa itti aanuuf meeshaalee barnootaa bitadheen of qopheessa. Haaluma kanaanis barnoota koo sadarkaa lammaffaa xumureen gara qophaa'inaatti darbe. Bara barnootaa kanas hojii Wal fakkaataa guyyaa sanbata xiqqaa fi dilbataa hojii ijaarsaa hojjechuun; bona waqtii midhaan sassabamu immoo guuraa xaafii fi quncisaa boqqolloo hojjechuun waantota humni maatii koo naaf guutuu hin dandeenye guuttachaan barnoota koo barachuu itti fufe. Uffata namaa miicuun, meeshaalee manaa qulqulleessuu fi midhaan namaaf qopheessuun hojiiwwan ani hiriyoota waliin kireeffadhee galu dhoksee hojjechaa turedha. Jireenya wal hin qixxaanne akkasii keessa darbuunis barnoota koo Mana Barumsaa Qophaa'inaa milkaa'ina guddaan xumureen kaadhimamtuu barattuu Yuunivarsiitii Asoosaa ta'e. Maatiin koos Waan qabu gurguree  gara Yuunivarsiitii Asoosaatti na erge. Anis achi akkan gaheen torban tokko booda bakka hojiin guyyaa itti argamu iyyaafachuun eegale. Guyyaa sanbataa fi dilbataas hojii idilee koo taasifachuun hojii ijaarsaa hojjechuun qaawwa jireenyaa tokko tokko guuttachaan  barnoota koo itti fufe. Waqtii gannaas osoon Yuunivarsiitii irraa hin galiin bakka hojii mijeeffaachuun na biratti baratamaadha. Haala kanaanis turtiin barnoota Kaampaasii keessaa qabu milkaa'ina guddaan xumuruun muummee Afaan Ingilizii irraa qabxii 3.94 fiduudhaan Yuunivarsiitii sanarraa gurra cabsaa taa'ee argamuun Geeba bara kanaa injifadheera.  Waanti kaleessa kuunnoo jennee fagootti ilaallu sun kunoo jennee ijaanis argineerra. "Gowwaan of irraa ilaalee bara; gamni garuu nama biraa irraa ilaalee bara," akka jedhu Oromoon, waantoonni ani olitti barreesse kunneen anaaf seenaadha, obboloota baay'ee na duubaan dhufaa jiraniif garuu barnoota, gorsa akkasumas muuxannoo ta'uu danda'a jedhee waanan yaadeefan seenaa jireenyaa koo muraasa isiniif qooduu barbaade.
                
                   ERGAA
Dhalli namaa hundi gaafa dhalatu jireenya addunyaa wal fakkaataatti hin dhalatu. Kanaaf  gaarii haa taatuu hamtuu hunduu hiree hiree isaa jiraachuuf dirqama. Jireenya  mo'atanii milkaa'uun immoo injifannoodha. Kanaaf  ani muuxannoo fi gorsa dhabuu irraan Kan ka'e fayyummaa qaamaa fi xiinsammuun midhamus akkasumas jireenyan dabarsuu qabu osoon hin dabarsiin hafus, obbolootni jireenya akkasii jiraachaa jiran yoo jiraatan barreeffama gababaa armaan olii kanarraa waan hedduu hubachuu danda'u jedheen yaada.

Hojiin xiqqoo hin qabu, hin tuffatamus, fayyummaa nama hanga hin miinettii fi safuu hawaasaa hanga hin cabsinetti kabajadha Waliif #Share
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Faayidaa Leenjii Guddina Dhuunfaa
(Benefits of Personal Development Training)

 1. Of-beekuu fi Sammuu Miiraa: Guddinni dhuunfaa of-ilaaluu fi of-ilaaluu kan jajjabeessu yoo ta’u, namoonni dhuunfaa waa’ee ofii isaanii hubannoo gadi fagoo akka argatan taasisa. Namoonni cimina, dadhabina, gatii fi amantaa isaanii qorachuudhaan of-beekuu guddaa horachuu danda’u. Of beekuun guddate kun sammuu miiraa kan guddisu yoo ta’u, namoonni dhuunfaa miira ofii isaanii haala bu’a qabeessa ta’een akka hubataniifi akka bulchan, akkasumas namoota biroo akka hubataniifi akka mararfatan kan taasisudha.

 2. Barnoota fi Guddina Itti Fufiinsa Qabu: Guddina dhuunfaa irratti bobba’uun beekumsa, dandeettii fi muuxannoo haaraa dammaqinaan barbaaduu jechuudha. Yaada barumsa umurii guutuu, guddinaa fi guddina dhuunfaa gama jireenyaa adda addaatiin guddisuu ni jajjabeessa. Beekumsa haaraa horachuu fi dandeettii jiru fooyyessuudhaan namoonni dhuunfaa dandeettii isaanii babal’isuu, ofitti amanamummaa isaanii guddisuu fi carraa haaraadhaaf balbala banuu danda’u.

 3. Galma Kaa’uu fi Galma Ga’uu: Guddinni dhuunfaa galma addaa, safaramuu danda’u, galma ga’uu danda’u, barbaachisaa fi yeroon itti murtaa’e (SMART) kaa’uu of keessatti qabata. Galma ifa ta’e kaa’uudhaan namoonni dhuunfaa jireenya isaanii keessatti kallattii fi xiyyeeffannoo argatu. Kaayyoo isaanii tarkaanfiiwwan xixiqqoo tarkaanfii fudhachuu danda’anitti caccabsuu kan danda’an yoo ta’u, kunis guddina akka argataniifi bu’aa barbaadan galmaan ga’uuf isaan gargaara.  Yeroo hunda galma kaa’uu fi galmaan ga’uun kaka’umsa ni guddisa, oomishtummaa ni dabala, akkasumas of adabuu ni guddisa.

 4. Hariiroo fi Walqunnamtii Fooyya’e: Guddinni dhuunfaa dandeettiiwwan namoota gidduu jiru kan akka walqunnamtii bu’a qabeessa, dhaggeeffachuu dammaqinaan, waldhabdee furuu fi gara laafina of keessatti qabata. Dandeettiiwwan kana guddisuun namoonni dhuunfaa haala dhuunfaa ykn ogummaa keessattis ta’e namoota biroo wajjin hariiroo cimaa fi fayya qabeessa ta’e akka ijaaran taasisa. Walqunnamtii fi gara laafina bu’a qabeessa ta’e hubannoo, tumsaa fi walsimsiisaa fooyya’aa kan guddisu yoo ta’u, kunis hariiroo caalaatti gammachiisaa fi hojii garee fooyya’aa ta’e fida.

 5. Ofitti amanamummaa fi dandamachuu dabaluu: Guddinni dhuunfaa namoota dhuunfaa ofitti amanamummaa fi dandamachuu akka ijaaran gargaara. Beekumsa, dandeettii fi muuxannoo haaraa akkuma horatanitti dandeettii fi gahumsa kan qabaatan yoo ta’u, kunis ofitti amanamummaa isaanii guddisa. Dabalataanis, guddinni dhuunfaa namoonni dhuunfaa qormaata isaan mudatan, kufaatii akka carraa guddinaatti akka fudhatan, akkasumas duubatti deebi’iinsa mudatu keessatti dandamachuu akka guddifatan jajjabeessa. Ofitti amanamummaa fi dandamachuu dabaluu namoota dhuunfaa gufuulee mo’uu, balaa fudhachuu fi galma isaanii kutannoo guddaadhaan akka hordofan humna isaaniif kenna.

 Please add More* Namoota #jaallattan
Namonni barbaadan keessan na dubbisaa

Positive mind find opportunity in everything.
https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
 ''Barruulee tokko barataa tokkoof''

UTUBA CHARITY ASSOCIATION
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
"Ofitti amanaa(Believe in yourself)"

1.Ofitti amani(Believe yourself):
•Milkaa’ina galmaan ga’uuf tarkaanfiin jalqabaa fi in duraa ofii fi dandeetti keetti amanuudha.

2.Milkaa'ina mul'isuu(Visualize success):
• Humna mul’ataa fayyadamuun kaayyoo kee galmaan ga’uu fi jireenya barbaadde jiraachuu of arguu jechuudha.

3.Mirkaneessitoota(Affirmations)
•Sammuu kee isa dammaqaa jalaa irra deebitee saganteessuu fi ofinni haasa’uu gadhee mo’achuuf mirkaneessa gaarii fayyadami.

4.Tarkaanfii fudhachuu(Take action):
•Milkaa’inni tarkaanfii waan barbaaduuf guyyaa guyyaan tarkaanfii xixiqqoo gara galma keetti siigessu danda'uu fudhadhu.

5. Kufaatii irraa baradhu(learn from Seccuss)
•Kufaatiin duubatti deebi'uu osoo hin taane carraa barachuu fi guddachuu keessa tokkoodha.

6.waan gaariin of marsi(surround yourself with positivity):
•Namoota gaarii fi dhiibbaa kaayyoo kee deeggaran offin marsii.

7.Jijjiirama hammachuu(Embrace change)
•Jijjiiramni waan hin oolle waan ta’eef hammachuu fi akka carraa guddinaatti itti fayyadamaa.

8.Furmaata irratti xiyyeeffachuu(Focus on solutions):-
•Rakkoo irratti xiyyeeffachuu mannaa furmaata barbaaduu irratti xiyyeeffachuu waan murteessadha.

9.Itti cichuu(Be persistent)
•Milkaa’inni yeroo baay’ee gufuulee mudatu keessatti cichuu fi cimina gaafata.

10.Itti gaafatamummaa fudhachuu(Take responsibility)
• Jireenya kee fi filannoo keetif itti gaafatamummaa fudhadhu, kufaatii keetiif namoota biroo hin komatin.... kufatni maddaa guddinatti yoo seeraan itti dhimma batte.

11.Galateeffannaa shaakali(Practice gratitude):
•Wanta sitti hirʼate irratti xiyyeeffachuu mannaa,wanta jireenya keessatti qabduuf ilaalcha galateeffachuu horadhu kanattu fayyidadha.

12.Yaada guddinaa horachuu(Develop a growth mindset)
•Yaada guddinaa qormaata akka carraa guddinaa fi barumsaatti ilaalu fudhachuu.

13.Of kunuunsi(Take care of yourself):
• Of kunuunsuun fayyaa qaamaa, sammuu fi miiraa eeguuf barbaachisaa dha.

14.Barachuu itti fufi(Keep learning):
•Ogummaa fi beekumsa haaraa barbaachisaa ta’ee itti fufuu fi itti madaquu itti fufiinsaan barachuu

Please add More*

Namoota #jaallattan

Positive mind find opportunity in everything.
https://t.me/+s8kdfRdWEjwzNTU0
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
The Law of Success in Fifteen Lessons was written by Napoleon

1.Decide on a Goal

2. Believe in yourself

3. Get in the Habit of Saving

4. Become a Leader

5. Be Creative

6. Be Enthusiastic

7. Develop Self Control

8. Do More Than You’re Paid For

9. Develop a Pleasing Personality.

10. Think Clearly

11. Focus

12. Work Well with Others

13. Learn From Your Mistakes

14. Practice Tolerance

15. The Golden Rule

Kitaaba kan dubbisaa

Osoo Afaan Oromootti hiikame dhaloota hedduu faayada itti yaada.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Seenaa dhugaadha!

Gurbaa harkaan deemu yookaan hannaan beekamu tokkotu ganda tokko keessa ture. Xiqqaa hanga guddaatti, waan inni hin hanne hinjiru, inuma sassaaba. Waan olkaa'an tokkotti deebi'uun abjuuma ta'e, hawaasa naannoo sanaa biratti.

Gochaa kanaan hawaasichi baay'eema miidhamee jira. Yeroo tokko tokkommoo, osooma isaan arganii qabeenya isaanii jalaa fudhatee fiiga. Mataa dhukkubbiifi madda rakkoo jabaa isaanitti ta'e! Yoo qaamni seeraa isa hidhes, akkuma mana hidhaadhaa baheen hanna eegala.

Akka nama leenjii mana hidhaa keessatti fudhachaa tureetti, hannaan kan duraarra caaleema itti deebi'a. Keessa fagaachuu isaa irraan kan ka'e, hannaan boonuu eegale, gurbaan.

Osooma kanaan jiruu guyyaa tokko,  waan ajaa'iba tokkotu isa mudata. Namicha wayiitu gara isaatti isa waama. Waamees akkana jedhaan; "Ofiikoo dalagaa tokkoon qabamee waan jiruuf, bakka ta'ettin si ergadha. Nan didiin; anuu gaaf tokko nan siif ergama." Dubbiin kun  gurbaa hannaaf araada qabu kanatti bitaa gale.

Kanaan dura halaalatti isa dheessuu irraan kan hafe, itti siiqanii haasofsiisuun waan amaleeffatame hin turre. Namichi sunimmoo keessuma darbee, ergaa isa ergachuuf jira. Kanatu bitaa itti galche. Osooma dubbichi gaaffii itti ta'aa jiruu, ergaa sana akka deemuufiif eyyamamaa ta'uu itti hime. "Qarshiin kun qarshii 5500 dha. Deemtee nama akkanaatti naaf kennitee dhufta." Ittiin jedha.

Akkuma tole jedhetti qarshii sana irraa fudhee qajeele. Hin fagaanne kan gurbaan imimmaan caccalamuu eegale. "Ani hattuudha. Sababa hannakoo kanaaf, hiriyootaafi naman itti dhiyaadhu qofaa miti, abbaafi harmeenkoo iyyuu edda akka namaatti na ilaaluu dhiisanii turanii jiru.

Akkamitti namichi kun haala kanaan na amanee qarshii hanga kana natti kennee? Silaa na beeka! Kanaan dura qabeenyuma isaayyuu hatuukoo innis anis ni yaadanna!" jechaa ofitti guungumuu itti fufe. Meeqa deemee siqaa, ofirraa taa'ee yaadaafi of ceepha'aa bakka jedhame sana gahee deeb'e. Ergaa ergames akkuma jedhametti rawwatee jira.

Yeroo kana namichi erge sun baay'ee ajaa'ibsiifate. Gurbaan sunis hannatti achumaan nagaa dhaammate. Kan nama aja'ibu, gurbaan hanna akka dhiisuun namichi yeroo sana afaanii baafatee hin gaafanne. Garuu gochaadhaan affeerraa guddaa inni ittiin amala badaa sana dhiisu dhiyeesseef. Boodarra, hojii inni hojjechuu qabu kennuufiidhaan waliin dalaguu itti fufani.

•>> Yeroo baay'ee, nama tokko irratti amala hin taane wayii gaafa arginu irratti odeessina, ni dheessinas; maqaa wayii kennineefiis ittiin waamna. Itti siiqnee haala nama sanaa hubachuus filannoo keenya hin godhannu. Gorsinee yookaan fakkeenyummaa gaariin gara daandiitti deebisuurra, jechoota itti darbinee haala nama sanaa kan duraarra hammeessina. Kanaaf fakkeenyi olii kun barnoota guddaa tokko ta'a jedheen yaada. Namaaf nama haa taanu! Yoo dandeenye sababa jijjiiramuu namaa, yoo dadhabamne immoo sababa ittiin namni tokko ittuma badu ta'uurraa of haa qusannu. Eeyyeen, namaa kamiifuu nama haa taanu! Galatoomaa! via Faana Milkaina

       ♥️°°°ʏᴇʀᴏᴏ ɢᴀᴀʀɪɪ°°°♥️
aal irraa Barannaa? 
 
   
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Maaltu nama nama taasisaa?

1.Sammuu akka namaatti yaadu qabaachuu.

Dhalli namaa bineensotaa fi uumama biroo irraa wanti adda taasisu, sammuu yaaduu qabaachuu isaati. Gulantaan namaa kan madaalamu sammuu isaatiini. Sammuu sirrii yoo qabaatan namummaa nama goonfachiisa.

Sammuun dhala namaa kan uumama kamiyyuu caala sababatti amana. Sababsaa ta'uun sammuu dhala namaa waan hojjetuufi hin hojjenne addaan baasee beeka. Kanaanis wanti dhalli namaa hojjetu hundi sammuun sababaan qaama ajajeeti.

Nama jibbuufi jaalachuun, barnoota barachuufi barachuu dhabuun, of
ajjeesuufi gaafa dhukkubsatan of yaalchisuun, gartuu tokko deeggaranii kan biraa mormuun sammuun dhala namaa sababsaa ta'uu irraan kan ka'edha.

 Sammuun dhala namaa waan hundayyuu sababaan akka amanu siif himeen ture. Waan sababa waliin amane kana immoo sobas haa ta'u dhugaa hojiirra oolcha. Sammuu yaadu qabaachuun dhala namaa wantoota adda baasee akka ilaaluufi hojjetu taasisa.

Sammuun nama nama taasisa.
Sammuu isa yaadu, hojjetuufi dhugaa hubatu. Sammuun akka dhalli namaa of beeku, ilaalcha sirrii qabaatu, kaayyoofi mul‟ata qabaatu akkasumas bineeldota kaan caalaa haala naannoo isaa hogganee akka jiraatu taasisa.

2. Nama nama kan taasisu, namummaa goonfachuudha.

Namummaan amala dhalli namaa goonfachuun nama ta'uu dha. Namummaan dhalli namaa akka bineelda kaan irraa adda ta‟u taasisa.
Waan tokko qoranii, qoraasanii, buusaanii baasuun, bitaafi mirga ilaalanii fudhachuufi dhiisuun amala dhala namaati. Namni namummaa kan goonfatu nama biraaaf onnee mararamuufi dhukkubsatu qaba.


Fakkeenyaaf, namni osoo karaa deemuu nama konkolaataan itti galagale yoo arge, hunduu rifatee, waan danda'u gochuun lubbuu nama sanaa oolchuuf ifaaja. As irratti yeroo balaa kanaa namni nama oolchuu malee amantii, paartii, sabafi gosa isaa namni gaafatu hin jiru. Adiis ta'e gurraacha, amanas ta'ee ka hin amanne wanti jedhamu hin jiru. Namummaa qofatu ilaalama.

3.Namni nama kan ta'u gaarummaa goonfateeti.

Gaarummaan immoo madda miidhagina keessooti. Dhalli namaa uumamaan gaarumman laatameefi jira.
Gaarummaan gaarii gochuu irra gaarii ta'anii argamuudha. Gaarummaan sagalee malee dhaga'ama. Fageenyaan hin daangeffamu.
Qabeenya irratti hin hirkatu.

Gaarummaan onnee namaaf maraarfamuufi sammuu waan gaarii yaaduun namaaf galaafama. Gaarummaan madda miidhagina keessa sammuu namaati. Dhalli namaas, ta'ee uumamni biroo bareeduuf waan hin goone hin qabu.

Hunduu miidhagee akka hundi afaan qabatee dhaabbatee ilaalu barbaada. Yeroo baay'ee dhalli namaa miidhagina ijaan argu faana osoo culuullatuu miidhagina isa ijaan hin mul'anne garuu kan nama nama taasisu dhaba. Qarshiin, aangoofi sadarkaan barnootaa qaamaafi uffataan nama miidhagsuu danda'a.

Garuu boqonnaafi gammachuu kan
namaaf kennu miidhagina sammuuti. Sammuun dabaafi gidiraa yaadu, saamichaafi ajjeechaa, akkasumas qaraafi qaroomina sabaafi nama biraa
balleessu boqonnaa hin argatu.

Akka fedhetti nyaatee dhuga garuu itti tolee akka fedhetti jiraachuu hin danda'u. Sababni isaas garaan quufee rafus sammuun gocha kee badaadhaaf murtii dura si dhaaba waan ta'eef! via leadership @segnigudeta

aal irraa Barannaa? 
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Kayyoon koo.
#Dhaloonni ilaalcha gaarii akka qabu #barsiisuuf,#leenjisuuf #fakkeenya ta'e #jiraachuu dha.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Hubachiisa fi #Akeekkachiisa Namoota maqaa namaan daldalaniif; Sababa malee, dubbii olii kana hin kaafne.  Gidduu kana odeeffannoo hedduutu na qaqqabaa jira
Namoonni maqaa namaan daldaltan salphachuuf jirtu waan ta'eef akka adabattan isanan hubachiisa.
Guyyaan isin salphisa! Kabajamtoonni fi hordooftoonni koo sinaan jaalladha galatoomaa.

 Fuula Barruu koo kan qofa hordofa
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Jiraa moo Du'aa ??
=============================
Guyyaa tokko jedhan 'Waraabessa'tu gaaffii tokko 'Leenca gaafate. Akkas jedheen "Ati maaliif namni suuraa kee namni jaalata. Masara mootummaa keessatti illee suuraa kee ni jira. Garuu fakkii koo namni maaf na jibba?" jedhee gaafate.

Leenci deebisee akkas jedheen "anaa fi si gidduu garaagarummaan jira waan nuti soorannu irratti, ati du'aa irratti xiyyeeffatta anaaf garuu nyaanni koo waan lubbuu qabu qofa" jedheen. Waraabessi immoo deebisee "amma booda anillee si waliin waan jiraa nyaachuu eegala" jedhee leenca waliin deemsa eegalan.

Otoo adeemaa jiranii tasa foolii wayii funyaan waraabessaatti dhufe. Foolii waan du'aa/raqaa/ ti. Innis dhaabatee suufuu eegale. Itti gorees waan du'aa kana funaanuu eegale. Leenci garuu deemsa itti fufe.

Turtii xiqqoo booda yeroo Waraabessi quufee dhufu Leenci 'Bosonuu' fayyaa kuffisee nyaachuuf irra dhaabata ture. Gaafa kana Waraabessi miira gaabbiin otoon si biraa hafuu baadhee gaarii ture jedhe. Leencis akkas jedheen "Eyyee ati waan du'aa barbaaduutti isa jiraa dhabde" jedheen !!

Kanaafuu, waan du'aa barbaaduutti fayyaa/jiraa hedduu akka of hin dabarsine kan jedhu dhaamsa kooti.

Kan ati barbaadu du'aa moo jiraa dha ?? 🤔 Guyyaa Gaarii 🙏 Via Naol Abera
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
KENNAA UUMAMAA

๏ Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyuu ittiin to'atu, sammuu kenne.
๏ Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba
๏ Narvii gargaartuu Tiriliyoona kudhan.

๏ sammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo (memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda'uu fi aangoon isaa (power) 20W dha.

➲ Kun ta'ee osoo jiruu, haa ta'u malee, namni meeshaa isaa kana walqixa itti hin fayyadamne; gareen tokko sammuu isaatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattuu akka taatuuf gahee isaa bahe; biyya isaas jijjiire.

๏ Faallaa kanaan, gareen biraa immoo kutaa sammuu isaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa'ee xinxalee booda, yaadaa fi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda'uu, dhibaa'ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kan kana fakkaatan walitti funaanuun gara sammuu isaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare. Balbalas itti tolchuun, ol seenee marmaratee keessa taa'e.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Jireenyi guyyaa guyyaan qormaata namaaf qopheessiti.Jiruun biyya lafaa kun walii faallaa dha. Kufanii ka’uu, dhabanii argachuu, qoramanii kufuu, osoo hojjetanii namaaf darbuu dhabuun waan jireenya keessatti nama mudatani dha. Kanafuu jireenyi #filannoodha moo #carradha..? Sababa waliin barreessa yaada keessan.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Waadaa kee eegdee mul'ata kee galmaan ga'uuf namoota huunda booda rafi, hunda durammoo barii barraaqaaan ka'i akkasummas namoota si waliin sochootu addaan baafadhu.

Egaa gaafa ati Mul'ata kee hojiitti hiikuuf kaatu mul'anni kee namoota gosa lama si faana sochoosa
1ffaa. Namoota mul'ata kee si jaallatanii,mul'ata kee deeggaran siif kaasa, 2ffaa. Namoota mul'ata warraa faallaa kee deemuun siins mul'ata kee awwaaluu barabaadan immoo sirratti kaasa. Kanafuu obbolee koo namoota si faana socho'an addaan baafacha adeemi. Kun qajeelfama milkaa'inaa kee isa tokko.
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
 
Ilmaa keessan! have a good monday

Dream big, work hard,stay focused, surround yourself with good prople,and enjoy the journey



https://www.facebook.com/100070669717820/posts/323435080022147/?mibextid=eimWu5Utm3dJgHwj
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
 
Ilmaa keessan! have a good monday

Dream big, work hard,stay focused, surround yourself with good prople,and enjoy the journey

Fb koo kan qofa.

https://www.facebook.com/100070669717820/posts/323435080022147/?mibextid=eimWu5Utm3dJgHwj
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Sammuu kee Leenjisi!(Train your mind)
---------
Leenjiin ilma namaatiif waan murteessaadha. Namni waan hin beekne beekuuf yaaluu qaba. Ilmi namaa yoo shaakaluu barachuu dhiise malee wonni inni hin dandeenne hin jiru. Kun kan agarsiisu, ilma namaa keessa dandeettiin addaa jiraachuu agarsiisa.

Fakkeenya salphaa yoo fudhanne, namni kamiiyyuu yoo hin yaalin ykn yoo shaakalin barreessuu tasuma hin danda'u, konkolaataa oofuu hin danda'u, afaan dubbachuu hin danda'u, shaakala sport adda addaa gochuu hin danda'u...ilmi namaa bu'aa waan leenji'eeti jechuudha.

Sammuu leenjisuun waan hunda leenjisuudha! Waaqayyo sammuun keennaan, hafuuraan akka geggeeffamu godhee ilma namaa dadeera/uumeera. Kun uumama hundarraa adda nu taasisa. Sammuun waan nuuti leenjisne kamiiyyuu leenji'uuf qophiidha. Waan gaarii, milkii, ni dande'aa yoo leenjisne waan dansaa nutta agarsiisa, sodaa, shakkii, dadhabina, hin dande'uu yoo deddeebinee itti himne, isuma shaakala bu'aa isas ni argina.

➣Kutaa qaama keennaa kan biras akkuma leenjifnu, waan dansaa yaadutti sammuu haa leenjifnuu.

Addunyaan kun garuu, warra sammuun naaffatanii fi warra sammuun hir'uun malee warra qaama miidhamaniin tasumaa hin baddus, hin badaddus.

 Silaa naaffachuun qaamaa milkaa'ina namaatti daangaa osoo godhee Pireezendatiin Ameerikaa 32ffaan, Roozveelti wheelchariirra taa'ee hoogganaa hin ta'u ture.

Helen Keler isheen ija ittiin libsattu hin qabne akkasumas duudaa taate, barreessituu fi nama siyaasaa cimtuu ifa biiftuu jalaa hin taatu ture.

 Rakkoon naafummaa sammui caale hin jiru. Gidiraan sammuun gabroomuu caale hin jiru, hin jiraatus. Rakkoo kana jalaa bahuuf immoo sammuu keenya leenjisu qabna. Sammuun leenji'e burjaajjii irraa nu bilisoomsee yaada keessoo keenyaa akka jiraannuu fi hiika dhalachuu keenyaa akka jiraannu nu taasisa!

Fayyaa fi nagaa qabaadhaa!
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Dhaloonni kun hanga garagarummaa #ilaalchaatti hanga hin amanetti eessa iyyuu hinga'u. Waan irratti waliif gallu irratti waliif gallee dabarra. Waan irratti waliif hingalle ammoo akka irratti waliif hingalle waliif gallee ilaalcha walii waliif kabajnee waliin jiraanna! Ilaalchi dhuunfaa kiyya kanuma kiyyaa; keetis akkasuma.

Garuu osoo ani ilaalcha kee siif kabajuu ati kan koo yoo tuffatte ani kan kee nin tuffadha beekii..dursee kan kee siif kabajuun koo garuu kan kee waan naa caaleef osoo hin taanee yaadaafi hubannoon sii amansiisuuf fedhii koo obsaan waan dangeesseef.

Ilaalchi keef kiyya wal dhiibuun anaaf ati wal dhabuu hinta'u. Garuu; "Ilaalcha koo qofaatu sirriidha, waanan dubbadhu qofaatu haqa, akkanatti yaadi, akkanatti jiraadhuu,!....." jedhanii ilaalcha dhuunfaa ofii nama biroo irratti fe'uuf yaaluun wallaalummaadhas, wal garboomsuudha.

"Garaagarummaa ilaalchaa waliif kabajuunis dirqama ta'uu hubannee garaagarummaa ilaalchaa keenya moggaatti dhiisnee wal kabajnee jaalalaan waliin haa jiraannuu!
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
🎴Ethiopian Airlines🎴🚩For Fresh Graduates

▪️1 - Trainee Pilot
▪️2 - School Of Finance Trainees
▪️3 - Trainee Customer Service Agent
▪️4 - Trainee Cabin Crew
▪️5 - Trainee A/C Mechanic
▪️6 - Trainee Aircraft Maintenance Technician
▪️7 - Trainee A/C Power Plant, Trainee A/C Avionics, Trainee A/C Mechanical Component, Trainee A/C Cabin Maintenance And Trainee A/C Structure Maintenance
▪️Find More Details here
          💧💧💧💧💧
https://corporate.ethiopianairlines.com/AboutEthiopian/careers/vacancies

▪️🚩Registration period: August 21 to 25, 2023
▪️🚩 የምዝገባ ጊዜ፡- ከ ነሐሴ15 እስከ 19 ቀን ፣2015 ዓ.ም
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
#Hubaachisa/Attention

#Kabajamtootaaf #Jaalatamtoota hordoftoota toora miidiyaa hawwasaakoo huundaaf Ani beeksisa guyyaa guyyan bahu isin gahu malee #Faddala miti hojataa fi hojachiisa waliit hin fidu ,Odeeffannoo beeksisa maxxansuu malee hojii nama galchuu hin danda'uu

Kanaafuu kabajamoo hordooftoota toora miidiyaa hawwasaakoo kan taatan martuu ani toora Facebookiis ta'e telegiramii kan isin ittin na beektan addatti akkan hin qabnee akka naaf hubattan kabajaanin isin gaafadha. Namoota maqaa nama daldaluu  irraa of eeggannoo godha saaxila

#Kayyoon koo. Dhaloonni ilaalcha gaarii akka qabu barsiisuuf, leenjisuu fi fakkeenya ta'e jiraachuu dha..

Hojii idileeti. Ogeessa Baankiit, leenjiisaa PD, Tola Oola fi Abbaa Biizinasii of danda'a dha. #beeksisa wayitawaa guyyaa guyyan bahu maxxansuu qofa dha

➦➣Facebook Page #follow godha
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820

Hordoftoota 49 ,910 kan qabu qofa

➦➣Telegiramii  page
t.me/segnigudeta #Join godha
koo #Subscriber 127,728 ol kan qabu dha.