Wabii Sanyii
6.49K subscribers
886 photos
26 videos
57 files
971 links
Namni waan danda'uun nama
gargaaru doqna hin jedhamu
Download Telegram
World Vision Ethiopia ሰራተኞችን አወዳድሮ መቅጠር ይፈልጋል።

Position: - Gender based violence prevention case worker

📚ትምህርት ዓይነት እና ደረጃ:-
University degree in social work, sociology, psychology, child protection and relevant fields of social sciences.

🇪🇹 የስራ ቦታ ፡ አፋር

🧭የምዝገባ ጊዜ ፡ እስከ ጥር
17 /2015 ዓ.ም
📌 ሰለ ሰራው ሙሉ መረጃ ለማየት ይህንን ሊንክ ይጠቀሙ/Odeeffannoo guutuu ilaaluuf link kana fayyadamaa👇
👉 Read Details https://orojops.com/jobs/gen/



🌍Telegram:- https://t.me/oromiatecno
🔥National Bank of Ethiopia

Position : 1 Senior Banking Service Officer I
Position 2 : Senior Payment and Settlement Officer I
Position : 3 Senior Payment Systems Oversight and Development Officer I
Position 4 : Senior Market Liaison Officer

Deadline: 01.27.2023

Employment: Full time

Salary: Very Attractive with different benefit packages

Location: Addis Ababa
📌 ሰለ ሰራው ሙሉ መረጃ ለማየት ይህንን ሊንክ ይጠቀሙ/Odeeffannoo guutuu ilaaluuf link kana fayyadamaa👇
👉 Read Details https://orojops.com/jobs/the/



🌍Telegram:- https://t.me/oromiatecno
🔥Aybar Engineering PLC Vacancy

1. Gender Equality and Social Inclusion (GESI) Specialist
2. Monitoring, Evaluation and Learning Expert
3. Marketing Manager
4. Finance Manager
Deadline Jan 28,2023
📌 ሰለ ሰራው ሙሉ መረጃ ለማየት ይህንን ሊንክ ይጠቀሙ👇👇
👉Click here to apply:- https://orojops.com/jobs/ay/

🔴Share and Support your friend /እባክዎ ለወዳጅዎ ያጋሩት
📌 ሰለ ሰራው ሙሉ መረጃ ለማየት ይህንን ሊንክ ይጠቀሙ/Odeeffannoo guutuu ilaaluuf link kana fayyadamaa👇
👉 Read Detail:https://orojops.com

🔰ከተለያዩ ድርጅት የሥራ ማስታወቂያዎች
በዚህ ሊንክ ዌብሳይቱ ላይ ይመልከቱት👇👇
=>See Detail:- www.orojops.com

🌍Telegram:- https://t.me/oromiatecno

መረጃውን #Share /ሸር/ በማድረግ ለሌሎችም/ በስራ ፍለጋ ላሉ ወገኖቻችን
🔥Prominent Engineering Solutions PLC For Fresh & Exp

Required No:26
1 - Driver
2 - Junior Civil Engineer
3 - Senior Contract Engineer
4 - Surveyor
5 - Messenger
6 - Janitor

Deadline: February 01/2023
📌 ሰለ ሰራው ሙሉ መረጃ ለማየት ይህንን ሊንክ ይጠቀሙ/Odeeffannoo guutuu ilaaluuf link kana fayyadamaa👇
👉 Read Details :-https://orojops.com/jobs/pro/

🔰ከተለያዩ ድርጅት የሥራ ማስታወቂያዎች
በዚህ ሊንክ ዌብሳይቱ ላይ ይመልከቱት👇👇
=>See Detail:- www.orojops.com

🌍Telegram:- https://t.me/oromiatecno

መረጃውን #Share /ሸር/ በማድረግ ለሌሎችም/ በስራ ፍለጋ ላሉ ወገኖቻችን
🔥Lucy Insurance S.C. Vacancy 2023

BA/BSC Degree in Economics, Management, Marketing Management, Statistics or a related field of study.

BSC Degree in Computer Science or a related field of study.

Deadline Jan 27,2023

📌 ሰለ ሰራው ሙሉ መረጃ ለማየት ይህንን ሊንክ ይጠቀሙ/Odeeffannoo guutuu ilaaluuf link kana fayyadamaa👇
👉 Read Detail:https://orojops.com/jobs/lucy/

🔰ከተለያዩ ድርጅት የሥራ ማስታወቂያዎች
በዚህ ሊንክ ዌብሳይቱ ላይ ይመልከቱት👇👇
=>See Detail:- www.orojops.com

🌍Telegram:- https://t.me/oromiatecno

መረጃውን #Share /ሸር/ በማድረግ ለሌሎችም/ በስራ ፍለጋ ላሉ ወገኖቻችን
#Galatoomaa/ThankYou

Telegiramii 116,110 t.me/segnigudeta
Telegiramii 10,123 t.me/segnigudeta
Telegiramii 7,425 t.me/wabisegni

Odeffannoo beeksisa wayitawaa guyyaa
guyyan bahu argachuuf join godha hordofa
Waliif #Share gochuu hin dagatinaa
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
Ethiopian Civil Service UniversityLocation: addis-ababaJob Posted on: February 14, 2023Deadline: February 28, 2023 ( 13 Days left)Number of Positions: 66 -positions 0 EXPProfessions: accounting,architecture-and-urban-planning,civil-engineering,cooperative-management,curriculum-studies,environmental-science,finance-management,highway-engineering,international-relations,law,leadership,logistics,management,peace-security,political-scienc e,project-management,psychology,public-polic,social-work,traffic-engineering

Waliif #Share gochuu hin dagatinaa
Hiyyeessotaa fi dureessota!

Poor dad kana jala phd cirtificate baatee hiyyeessa akkamitti ta'e,Richi dad kana jala immoo kutaa 8 qofa baratee duroomeera...akkamitti?

Barnoonni callaatti yoo hin jijjiiramne kaanserii sammuu namatti ta'a,warreen akkasii akka isaan hin jijjiiramne kan godhu confort zone(haala keessa jiran haala mijataadha jedhanii of amansiisuu isaaniidha)kanaaf kallattii kamiin iyyuu waanta biraa yaaduu fi hojjechuun kufaatii itti fakkaata,jireenyi isaanii miindaa ji'aa isaanii qofaan daangeffamaa jechuudha,Kanaaf yeroo kam beekumsa utuu qabanii garba ta'anii jiraachuuf saaxilamu,yeroo hunda maallaqni isaan argatan isaan waan hin geenyeef wantota gurguddaa karoorsuu hin danda'an,kanneen wantoota guguddoo fedhan immoo hatuu,matta'aa fudhachuu fi k.k.f n hawwaasaa fi waaqaan wal dhabanii jireenya gammachuu hin qabne jiraatu.

Kana hunda kan isaanitti fide of ilaaluu dadhabuu isaaniiti,utuu dhuguma dandeettii isaanii beekanii akkas garba ta'anii hiyyummaa jala hin jiraatan ture. Yoona uffata meeqa jijjiirrachuuf guyyaatti 3 foon nyaattee dhugaatiin garaa of ruurressaa ooluun jireenya sitti fakkaata ta'a,of hin gowwomsin lafa kanarratti kan ati uumamteef hojjechaa ooltee biddeen nyaattee buluuf miti,namni hundi akeekaa fi kaayyoo waaqayyo isa uumeef qaba,gara addunyaa kanaa gaafa dhuftu iccitii addunyaa kanaaf furmaata ta'u waaqayyo si keessa kaa'eeraa jechuudha,ati garuu isa hubattee ofiifis dhalootaafis furmaata ta'uu irra biiroo namaa keessa ruuqamtee waa'ee qaala'insa jireenyaa mataa cabaa oolta.

Qarshiin duroomuun siif hawwaa jira sitti hin fakkaatin,qarshii danuu qabaatee mandarakee keessa raata'aan meeqatu jira,Wanti an siif hawwu inni guddaan mul'ata qabaachuu keedha,yeroo tokko tokko nama danuutti gaa'ila dhaabanii daa'imman barsiifatanii hojii qabsiisuun mul'ata itti fakkaata,Mul'anni maaliree.....akkamiin mul'ata kee beektee irratti hojjechuu dandeessa? Birmadummaa dinagdee akkamiin goonfachuu dandeessa?

Kanan dubbisee irraa.

@segnigudeta @wabisegni
Bakka Biizinaasii Guraagee yoo dhaqxe, akkuma ol-seenten akka nama dur si beekutti gooftaa siin jedhee si simata, bakka daldaalaa Oromoo fayyadamuu yoo dhaqxemmoo, fuunyaan dhaabetu akka waan isa saamuu dhaqxeetti taa'ee si ilaala🥺

Afuurri kun Oromoo irraa haa rukutamuu qaba 🕺
Mee.. Leel LeelDerara Dinka Chalchisaisaisaisaisa dhugaa dubbatee obbolleessa kan guyyaa guyyan arginaa

Akkamiiti biizinaasii keessa seenuu dandeenya.?
Biizinaasii jeechuun maalii.? Namni tokko, matii tokko madda galii godhate, hojatee, ifaajaafi, humna isiin of jirachuu hundii biizinaasii jedhamaa. /Employee, Self Employed, Business Owner and Investors/ of keessaa qaba.

Biizinaasii jalqabuun dura karoora dhimmoota ilaalamuu qaban. Yaada biizinaasii bilchaataa qabaachuu, Beekumsaa fi dandeettii qabachuu,Gabaa fi fedhii jiru qorachuu, Baasii ittin jalqaban, Dorgomii, bakka biizinaasii filachuu fi humnaa nama teeknooloojii fayadamuu.fkk Kitaabota biizinaasii fi Xiin-sammuu dubbisuu.

Biizinasii tokko hojjachuuf tooftaalee 【10】:

【1】Iccitii itti namaa waliin hojjettu malee iccitii hojii keetii gonkumaa namaaf hin himin!

【2】Waan si harka hin geenye abdattee hin gammadin, yoo dhabde ni miidhamta.

【3】Hojii gosa tokko qofa hojjechuun bakka yaadde hin geessu, waan dandeessu hundaa hojjedhuu!

【4】Waan xiqqoo hojjatteen mul'achuuf hin ariifatin, hojiin kee iyyu sii mul'isaati.

【5】 Amma dura hojiin kee yoo siif hin milkoofne san yaaddee of hin jeeqin sababa kufaatii keetii san irraa baradhu malee!

【6】Yoo dandeesse nama gargaari malee maallaqa liqeessuu hin heddummeessin, maallaqa kees dhabdee nama sanas dhabdaati.

waan hojjattu hunda irratti nama fakkeenya godhattu qabaadhu! akka isaa/ishee ta'uuf osoo hin taane isa/ishee caaluuf hojjadhu!

【7】 Waan guddaa bor hojjattu ilaaltee xiqqoo har'aa hin tuffatin yookiin hin balleesin! maaliif seete, xiqqoon kun guddaa san bira gahuuf riqicha ce'uumsaati.

【8】 Waan hojjechuuf yaadde dursitee hin odeessin! Namni qabeenyaan si caalu suma irraa dhaga'ee si dursuu danda'aati.

【9】 Yoo dandeesse abbaa ogummaa waan tokkoo ta'uuf yaali! Maaliif seete? Ogummaan akka qarshii miti, argattee kaatee hin dhabdu.

【10】 Kaayyoon kee yoo galma siif gahe of qofaaf hin jiraatin! Lammii keetiif waan gochuu dandeessu hunda godhi maaliif seete:-

●️ Dandeettii osoo qabuu kan carraa dhabetu jira, karaa itti argisiisi!
●️ Maallaqa osoo qabuu kan nama (hiriyaa) dhabetu jira, amanamiif!

Waliif #Share gochuu hin dagatinaa
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
EEBBIFAMTOOTA HAARAAF
#GORSAWWAN BARBAACHISOO

Hojii qacaramuuf gorsawwan barbaachisoon isiniif qooda.Barnoota waggaa meeqaa booda gara hojiitti dhufuun kallattii jireenyaa isa biraadha.Kanaafuu,akkamitti gara boqonnaa kanaatti akka salphaatti dhufuun akka danda'amu waliif haa qoodnu.

1.Cimina keenya beekuun qormaata barreeffamaa yookiin gaaffii afaaniif dhiyaachuuf baay'ee barbaachisaadha.
Ta'us garuu qabxii olaanaa waan qabduuf qofa qacaramuu ni dandeessa jechuu miti.Gaaffii afaanii irratti adda duree ta'uu qabda.Qormaanni barreeffamaas yoo jiraate akka salphaatti akkamitti darbuu dandeenya kan jedhu beekuun murteessadha.Qabxiin jalqabarratti qormaata irratti dhiyaachuuf carraa nuuf kenna.

Carricha fayyadamuun immoo dhimma biraati.Gaaffiin afaanii baay'ee barbaachisaa waan ta'eef namootni baay'een waan hundumaa darbaniit asirratti geggeeffamu.Cimina keenya beekuu jechuun digirii waan qabnuuf qofa yookiin qabxii olaanaa waan qabnuuf jecha akka milkaa'ina guddaatti lakkaa'uu osoo hin taane hanqinoota keenya beekuu fi guutuun baay'ee barbaachisaadha

Qabxii olaanaa yoo qabaanne qormaata barreeffamaa,gaaffii afaanii fi qormaata gochaaf qophaa'uun gaariidha.Qabxiin keenya gadaanaa yoo ta'e immoo xiyyeeffannaan keenya muuxannoo hojii irratti ta'uu qaba.Ji'ootaaf ykn waggootaaf waan eebbifamteen hojii yoo hojjattee fi muuxannoo hojii seera qabeessa yoo qabaatte qacarrii fooyyee qabu
yoo barbaadde, muuxannoo hammam qabda? kan jedhu malee qabxiin yuunivarsiitii ykn kollejjii kee meeqa? jedhanii hin gaafatan.Kanaafuu,hojii osoo hin tuffatin miindaan hammam iyyuu haa ta'uu hojiin ati hojjattu ogummaa ati ittiin eebbifamteen yoo ta'e akka qacaramtu ni gorfama. Muuxannoo yoo qabaatte gara hojii barbaadduutti dhufuu dandeessa.

2.Namootni hojii dhabdoota ta'an biyya kana keessatti naannoo miliyoona hedduu ta'a.Kanaafuu,ati warra kaanirraa adda taatee argamuu qabda.Akkamitti? Tolaan hojjachuun guyyaa eebbifamterraa eegalii kanfaltii malee hojjachuu of barsiisi.Tajaajila tola ooltummaa kennuun muuxannoo fudhachuu fi akkamitti akka hojjatamu baruu dandeessa.

Namni kanfalee ni barata. Kanaafuu,hanga qacaramtutti hin taa'in.Namoota dhuunfaa ykn dhaabbata si waliin hojjachuuf fedhii qabu waliin hojjadhu.Leenjiiwwan gaggabaabaa fi qormaata "COC" qoramuun waraqaa ragaa kan kennan yoo jiraatan fudhadhu.

3.Ogummaa kee malee qarshiif hin bitamin.Qarshiif jettee hojii ogummaa keen wal hin qabanne yoo hojjatte gara hojii ogummaa ittiin eebbifamteetti carraan deebi'uu xiqqaadha.Yeroon erga deemeen booda digiriin kee akka ati homaa ittiin hin hojjanneetti lakkaawwama.
Muuxannoon hojii kee 0'n yeroo itti fufu kan barattes nidagatta. Kanaafuu,kanfaltii irratti osoo hin taane hojiin hojjadhu kun ogummaan baradhe waliin ni deemaa? jedhii of gaafadhu.Muxannoon hojii hammam barbaachisa? Yeroo xiqqoof ogummaa keetiin qarshii xiqqoon yoo hojjatte yeroo muraasa booda barbaadamaa taata.

4.Toorawwan intarneetii beeksisa qacarrii irratti hojjatan,miidiyaalee hawaasaa,telegiraamii,fesbukii
fi gaazexaa garaagaraa irraa beeksisa hojii hordofi.

5.Hojii osoo hin filatin ogummaa ittiin eebbifamteen yoo ta'e kanfaltii gadaanaa yoo ta'e iyyuu waan argatte hojjachaa hojii fooyya'aa barbaaduun barbaachisaadha.

6.Waajjiroota mootummaaf duursa kenni.Kanfaltiin waajjiraalee mootummaa fooyya'aa jira.

Akkasumas tajaajilawwan kanneen akka barnoota,mana,konkolaataa fi carraawwan biroo argachuu dandeessa.

7.Qormaata barreeffamaa fi gaaffii afaaniif wayita waamamte,yoo argatteef namoota kanaan dura achitti qacaraman ykn toora intarneetii irraa odeeffannoo barbaachisu funaannadhuu dhaqi.Hammamiyyuu ani cimaadha yoo ofiin jette namni odeeffannoo qabu si caala.Kanaafuu, odeeffannoo qabaannaan luka tokkoon akka seente beeki.

8.Beeksisa hojii ogummaa kee waliin deemu hundumaa yaaluu qabda.Namni inni barbaadu tokkos ta'ee sanaa ol akkasumas miindaan isaa xiqqaas ta'u guddaa yaaluu qabda.

Beeksisa hojii kamiyyuu argaachuuf

➦➣Facebook Page #follow godha
https://www.facebook.com/profile.php?id=100070669717820

➦➣Telegram page
t.me/segnigudeta Join godha
Forwarded from Sanyii Guddataa (Sanyii Guddataa)
GATII GAARII OFIIF KENNI!
    •|• Ofiif dhimmi!
    •|• Yaadaa fi mul'ata keetif eeggannoo barbaachisaa godhi!

■ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.

■ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee?

■ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture.

■ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu.

⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu!
⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu!
⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu!
⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu!

⁃ Isaan wallaalota,
⁃ Isaan jibbitoota,
⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha.
⁃ Isaan koree jibbiinsaati,
⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha.

➾ Ati immoo abbaa kaayyooti,
➾ Ati immoo abbaa mul'ataati.
➾ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha.

● Maalif isaan dhaggeeffattaree?
● Maalif jechi isaanii kaayyoo keetti shakkii uumuree?
● Maalif miirri kophummaa sitti dhagahamaree?
● Maaf miira jibbamuu keessummeessiftaree?
● Maalif kolfa gowwummaa isaaniitti aartee of miitaree?
● Maalif ofitti banbanuun karoora isaanii milkeessitaafiree?

Isaan hin dhaga'in! Daandii sirrii irra waan jirtuuf itti fufi! Baay'ina jibbitoota kee hin lakkaa'in! Gochaa gowwootaatti hin aariin! Fuuldura isaaniitti fuula kee hin gurraachessin! Atiif isaan dachee tokko irra jiraattu malee addunyaa tokko keessa hin jirtan.

@segnigudeta @wabisegni

Waliif #Share gochuu hin dagatinaa