Computers Soln
2.06K subscribers
23 photos
32 links
Download Telegram
Channel created
🏠Smart Home Maali?

Yeroo har’aa kana technology’n jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qabata. Bilbila keenya irraa hojii hojjenna, internetiin wal qunnamna, AI’n hojii keenya salphisa. Garuu technology’n amma mana keenya keessattis seenaa jira.

Kanaaf yeroo ammaa maqaan tokko baay’ee dhaga’ama:

👉 “Smart Home”

Garuu Smart Home jechuun maal dha?
Akkamitti hojjeta?
Dhugumaan jireenya namaa salphisaa jiraa?

Mee salphaatti haa hubannu.

💡 Smart Home jechuun Maali?

Smart Home jechuun: 👉 mana technology fi internet waliin walitti hidhame dha.

Kana jechuun:

meeshaaleen mana keessa jiran

internetiin wal qunnamu

ofumaan hojjechuu danda’u

bilbila ykn sagaleedhaan to’atamuu danda’u

Fakkeenyaaf: 📱 bilbila kee irraa:

ifa banuu fi cufuu

TV to’achuu

camera ilaaluu

balbala cufuu

AC ykn fan hojii jalqabsiisuu

dandeessa.

Kun Smart Home dha.

🌐 Smart Home Akkamitti Hojjeta?

Smart Home technology “Internet of Things (IoT)” irratti hunda’a.

IoT jechuun: 👉 meeshaaleen internet waliin wal qunnaman.

Smart Home keessatti:

smart bulb

smart TV

smart lock

smart camera

smart speaker

walitti hidhatu.

Meeshaaleen kun: 📶 WiFi fayyadamu
📱 app waliin wal qunnamu
🧠 yeroo tokko tokko AI fayyadamu

Kanaaf mana kee bilbila irraa to’achuu dandeessa.

📱 Fakkeenya Smart Home

Mee jireenya guyyaa guyyaan keessatti haa ilaallu.

💡 Smart Light

Ifni:

yeroo ati mana seentu ofumaan banuu danda’a

yeroo ati baatu ofumaan cufamuu danda’a

🔐 Smart Door Lock

Balballi:

password

fingerprint

bilbila

tiin banamuu danda’a.

📹 Smart Camera

Camera’n:

yeroo namni manaatti dhufu si beeksisa

bilbila kee irratti live video agarsiisa

🗣️ Smart Speaker

Akka:

Alexa

Google Assistant

Sagalee kee hubatu.

Fakkeenya: 👉 “light on” jettee yoo dubbatte ifa bana.

🚀 Smart Home Faayidaa Maal Qaba?

Smart Home faayidaa hedduu qaba.

✅ Jireenya Salphisa

Wantoota hedduu bilbila irraa to’achuu dandeessa.

✅ Yeroo Qusata

Meeshaaleen ofumaan hojjetu.

✅ Electricity Qusata

Ifni yeroo hin barbaachifne ofumaan cufama.

✅ Security Gudda

Camera fi alarm system nageenya dabalu.

✅ Comfort

Jireenya ammayyaa fi salphaa uuma.

⚠️ Garuu Rakkoo Hin Qabuu?

Qaba.

Technology hundi akkuma faayidaa qabu rakkoolees qaba.

❌ Hacking

Internet waliin wal qabatee waan hojjetuuf: 👉 hackers miidhuu danda’u.

❌ Baasiin Guddaa

Meeshaaleen Smart Home yeroo baay’ee qaala’oo dha.

❌Internet Irratti Hirkata

Internet yoo hin jirre: 👉 hojii isaa hir’achuu danda’a.

🌍Gara Fuulduraatti Smart Home Maal Ta’a?

Hayyoonni akka jedhanitti: 👉 gara fuulduraatti manni hedduun smart ta’a.

Yeroo sana: 🏠 manni:

ofumaan ifa to’ata

temperature sirreessa

security eegaa

nyaata ajaja

AI waliin hojjechaa jiraata

Kana jechuun technology’n mana keenya keessaa kutaa guddaa ta’a.

🧠 Barnoota Guddaa

Smart Home nu barsiisa:

👉 technology’n jireenya salphisuu irratti hojjechaa jira
👉 internetiin wantoonni walitti hidhamaa jiru
👉 addunyaan gara smart world tti deemaa jira

Garuu yaadadhu:

💡 Technology’n nu gargaaruu qaba malee nu to’achuu hin qabu.

🔚XUMURA

Smart Home jechuun mana internet fi technology waliin walitti hidhame dha. Har’a: 📱 bilbila irraa mana to’achuun danda’ama
💡 ifni ofumaan banuu danda’a
🔓 balballi smart ta’uu danda’a

Kanaaf:
👉 Smart Home technology yeroo dhufu keessaa isa guddaa dha
👉 jireenya keenya caalaatti jijjiiruu danda’a

💡 Dhugaan guddaan tokko jira:

“Dur namni mana isaa keessa technology galche… gara fuulduraatti immoo technology’n mana guutuu keessatti jiraata.”

🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❤3👏3🔥2
Namoonni qodaa gara garaa Aliexpress irraa ajajachuuf jettanii Postal code magaalaa keessaanii kan wallaaltan yoo jiraate as irraa ilaallachuu dandeessu.❤
⬇️⬇️⬇️⬇️


👑Addis Ababa (Capital City)

🧠Addis Ababa (general) – 1000

🧠Bole International Airport – 1000

💜Alem Gena (various subdivisions such as Liddetta Airport, Mebrat Hayel Stadium) – 1000 or 1150 depending on specific area

🔥Ak’ak’i Besek’a – 1230

➿➿➿➿➿➿➿
Dire Dawa

⚪️Dire Dawa (general) – 3000

⚪️Dire Dawa (with stadium) – 3000

⚪️Melka Jebti – 3020

⚪️Alemaya – 3220

➿➿➿➿➿➿➿
Harar (Harari Region)

🔥Harar (general) – 3200

🔥Harar Jugol (historic fortified town), Harrar Bira Stadium – 3200

➿➿➿➿➿➿➿➿
➡️Oromia Region (e.g., Arssi Zone)

🔴Abomsa / Adele / Bekeksa / Dino / Seru – 2040

🔴Agere Sisay / Asasa / Bek’oji / Bilbilo / Buccio / Kofele / Sire – 2120 or 2140, depending on area

🔴Gena / Gobesa / Robe (Arssi zone) – 4500


Bale Zone (Oromia Region)

🍽Adaba – 4520

🍽 Agarfa / Galcia / Meliyu / Mena / Megalo – 4540

🍽Aldie / Darde / Gurgur / Ramo – 4580

Dodola / Nansebo / Kokosa – 4560

🔔 Afar Region

🔻Zone 1 (e.g., Afambo, Asayita, Deda’i) – 7260

🔻Zone 1 (e.g., Alito, Dubti, Harbu) – 7240

🔻Zone 2 (e.g., Aroley, Asale, Berahle, Dalol) – 7220

🔻Zone 3 (e.g., Amibara, Awash, Gawani) – 7240

🔸Gambela Region

🔻All zones and towns (Gambela, Itang, Abobo, etc.) – 5440


🔻Southern Nations, Nationalities, and People’s Region (SNNPR)

🔻Derba (Amaro Special Woreda), Gembo (Burji), Bambu, Bebeka, Chele, Jemu, Kibish, Maji, Mui – 4400, 5060, or 5140 depending on the specific area

🔻Debub Omo Zone (including Jinka, Bako) – 4420

➿➿➿➿➿➿➿➿
🔹Tigray Region

🔹Mek’ele – 7000

🔹Kwiha – 7000

🔹Adi Hana / Adi K’eyih – 7020

🔹Adwa / Aksum / Abi Adi – 7060

🔹Abiy Adi / Aksum area – 7080


Additional Example Cities (from Wikipedia)

Gode (Somali Region) – 3040

Sodo (Wolaita Sodo, SNNPR) – 4620

Goba (Bale Zone, Oromia) – 4540 (matches Bale zone codes)

🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍4🔥2👏2
🔐Smartphone’n Akkamitti Hojjeta?

Har’a smartphone jechuun bilbila itti bilbillu qofa miti. Inni camera keenya, mana barumsaa keenya, bankii keenya, TV keenya, kaartaa daandii keenya fi meeshaa hojii keenyaa ta’eera. Guyyaa tokko smartphone malee jiraachuun namoota hedduuf ulfaataa ta’eera.
Garuu yeroo baay’ee gaaffiin tokko ni ka’a:
👉 "Smartphone’n dhugumaan akkamitti hojjeta?"

Mee salphaatti haa hubannu.
🧠 Smartphone'n "Sammuu" Qaba

Smartphone tokko qaamolee hedduu walitti qabuun hojjeta. Isaan keessaa inni guddaan Processor (CPU) dha.
Processor jechuun:
👉 "sammuu smartphone" jechuu dandeenya.
Akkuma sammuun namaa hojii qaamota keenya to’atu, processor’nis:
app banuu
suuraa kaasu
video taphachiisuu
internet fayyadamuu to’ata.
Processor’n saffisaa yoo ta’e, smartphone’nis saffisaan hojjeta.

💾RAM fi Storage Maal Fayyadu?

Namoonni baay’een RAM fi Storage wal fakkaata jedhu; garuu hojii isaanii adda.
RAM jechuun:
👉 bakka hojii yeroo ammaa itti hojjetamu.
Yoo RAM guddaa qabaatte:
apps hedduu yeroo tokko banuu dandeessa
smartphone’n hin suutu.

Storage immoo:

👉 bakka suuraa, video, sirboota fi files kuufaman.

🪫Battery Akkamitti Hojjeta?

Battery’n humna elektirikii smartphone’f kenna.
Yeroo charger irratti hidhdu: ⚡️ battery’n humna kuufata.
Yeroo bilbila fayyadamtu:
☎️ humna sana itti fayyadama.
Kanaaf apps baay’ee bananii taphachuun battery saffisaan fixa.

🔗Internet Smartphone Keessa Akkamitti Gena?
Smartphone’n internet argata karaa lamaatiin:
✅ Wi-Fi – Router irraa internet fudhata.
✅ Mobile Data (4G/5G) – Tower network irraa internet argata.
Kana booda:
🌍 website bana,
📹 video taphata,
💬 ergaa erga.
📸 Camera Smartphone Maaliif Bareeda?
Camera smartphone ammayyaa keessatti Artificial Intelligence (AI) ni fayyadama.

AI’n:
ifa sirreessa
halluu fooyyeessa
fuula namaa adda baasa
suuraa qulqullina guddaa qabu kaasa
Kanaaf smartphone xiqqaan suuraa baay’ee bareedaa kaasuu danda’a.

⚠️ Smartphone Sirnaan Fayyadamuun Maaliif Barbaachisa?

Smartphone’n faayidaa hedduu qaba; garuu sirnaan yoo hin fayyadamne rakkoo uumu danda’a.
❌ Yeroo baay’ee balleessuu danda’a.
❌ Ija fi fayyaa miidhuu danda’a.
❌ Odeeffannoo dhuunfaa saaxiluu danda’a.
Kanaaf:
yeroo fayyadamaa daangeessi
apps amanamoo qofa buufadhu
password cimaa fayyadami
software bilbilaa yeroo yerootti haaromsi.

❤️‍🔥Cuunfaa
Smartphone jechuun bilbila qofa miti; computer xiqqaa harka keenya keessa jiru dha.
Processor, RAM, Storage, Battery fi Internet wal ta’uun smartphone akka saffisaan hojjetu godhu.
💡 "Smartphone gaarii qabaachuun qofti gahaa miti; akkaataa itti fayyadamnu beekuun isa caalaa barbaachisaa dha."
Technology’n jireenya keenya salphisa; garuu beekumsa fi itti gaafatamummaa waliin yoo fayyadamne qofa bu’aa guddaa arganna. 🔐🚀
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❤3👍3🔥2
🌍 Elon Musk says AI & Robots "will be able to do everything, resulting in universal high income."

"Work will be optional." 🌐
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍4❤3🔥2
✅Dhaabbanni meta Facebook fi messenger irratti "passkey" fayyadamuu jalqabuuf jedha.📱

Hanga ammanatti, Facebook fi messenger irratti seenuuf password qofa fayyadamaa turre. Amma garuu:-

👩‍🎨 Pin code
👩‍🎨 Fingerprint
👩‍🎨 face authentication
👩‍🎨 Authentication App

.... Fayyadamuu Akka daanda'amu *meta* beeksise jira.

Kun immoo nageenya account Facebook fi messenger keenyaa cimsuu fi accountin keenya saffisaa fi amansiisumaa dabalataa Akka qabaatu taasisa jechuudha
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👏4❤3🔥2🥰1
⌨️ Save Your time with Short Cuts: 👩‍💻

Ctrl + A - Select All
Ctrl + B - Bold
Ctrl + C - Copy
Ctrl + D - Fill
Ctrl + F - Find
Ctrl + G - Find next instance of text
Ctrl + H - Replace
Ctrl + I - Italic
Ctrl + K - Insert a hyperlink
Ctrl + N - New workbook
Ctrl + O - Open
Ctrl + P - Print
Ctrl + R - Nothing right
Ctrl + S - Save
Ctrl + U - Underlined
Ctrl + V - Paste
Ctrl W - Close
Ctrl + X - Cut
Ctrl + Y - Repeat
Ctrl + Z - Cancel
F1 - Help
F2 - Edition
F3 - Paste the name
F4 - Repeat the last action
F5 - Goto
F6 - Next Pane
F7 - Spell Check
F8 - Extension of the mode
F9 - Recalculate all workbooks
F10 - Activate Menubar
F11 - New graph
F12 - Save As
❤5
🤖 Artificial Intelligence’n Maali?
(AI jechuun maal jechuu dha?)


Yeroo har’aa kana “AI” yookiin “Artificial Intelligence” jechuun waan yeroo hunda dhageenyu ta’eera. Social media irratti, bilbila keenya keessatti, hojii technology adda addaa keessatti maqaan isaa yeroo baay’ee ni ka’a. Namoonni gariin AI’n addunyaa jijjiiruu jedhan; gariin immoo hojii namaa guutummaatti bakka bu’a jechuun sodaatu.
Garuu gaaffiin guddaan tokko jira:

👉Artificial Intelligence jechuun maal dha?

Salphaatti yoo ilaalle, Artificial Intelligence jechuun technology akka namaatti “yaaduu”, “barachuu” fi “murtee kennuu” danda’u dha. Inni sammuu namaa guutummaatti hin qabu, garuu hojii tokko tokko akka namaatti hojjechuu danda’a.
Fakkeenyaaf:
sagalee kee hubachuu danda’a
gaaffii deebisuu danda’a
suuraa adda baasuu danda’a
afaan hiikuu danda’a
konkolaataa ofiin oofu danda’a
Kun hundi AI dha.

🧠AI Akkamitti Hojjeta?

AI’n akka namaatti hojii hojjechuuf odeeffannoo baay’ee irraa barata. Akkuma daa’imni yeroo dheeraaf barachuun guddatu, AI’nis data irraa barataa guddachaa deema.
Fakkeenyaaf:
📸 Yoo AI’n suuraa adurree adda baasuu baratu:
suuraa kuma hedduu ilaala
suuraa sana keessaa halluu, ija, qaama fi bifa adda baasa
booda yeroo suuraa haarawa argutti “kun adurree dha” jechuun beekuu danda’a
Kana jechuun AI’n yaada ofii isaa irraa osoo hin taane, waan irraa barate irratti hundaa’ee hojjeta.

📱 AI Jireenya Keenya Keessa Jiraa?

Eeyyee—baay’ee!
Namoonni hedduun AI fayyadamaa jiru, garuu yeroo baay’ee hin hubatan.
Fakkeenyaaf:
YouTube video siif filu
TikTok content si agarsiisu
Google gaaffii kee deebisu
bilbilli kee fuula kee beeku
Translator afaan hiiku
👉 Kun hundi AI dha.
Har’a AI technology keessaa kutaa guddaa ta’eera.

🚀AI’n Maal Jijjiiraa Jira?

AI hojii hedduu saffiseera. Namni yeroo dheeraa keessatti hojjetu, AI’n sekondii keessatti hojjechuu danda’a.

Akka:
doctoroota gargaaruu
barnoota salphisu
hojii office saffisiisuu
animation fi suuraa uumuu
hojii warshaa hojjechuu
Kanaaf biyyoonni hedduun AI irratti hojii guddaa hojjechaa jiru.
Sababni isaa:
👉 Namni AI fayyadame saffisaan guddachuu danda’a.
⚠️ Garuu AI’n Rakkoo Hin Qabuu?
Qaba.
Technology hundi akkuma faayidaa qabu, rakkoo illee qaba.
Namoonni hedduun sodaa kana qabu:
hojii namaa hir’isa
odeeffannoo sobaa uumuu danda’a
namoonni technology irratti hirkatan baay’achaa jiru
Kanaaf AI’n sirnaan fayyadamamuu qaba.
AI’n ofii isaa badaa miti—akkaataa itti fayyadamnu irratti hundaa’a.

🌎Gara Fuulduraatti AI Maal Ta’a?

Hayyoonni hedduun akka jedhanitti, gara fuulduraatti AI:
hojii baay’ee keessatti iddoo guddaa qabaata
barnoota jijjiira
hojii daldalaa fooyyeessa
yaala fayyaa saffisisa
technology sadarkaa bira ga’a
Kana jechuun:
👉 Namni AI barate carraa guddaa qabaata
👉 Namni irraa fagaatu duubatti hafuu danda’a

🔥 Barnoota Guddaa
Artificial Intelligence nu barsiisa:
👉 Technology’n saffisaan guddachaa jira
👉 Addunyaan gara digital tti jijjiiramaa jira
👉 Barachuun dirqama ta’aa jira
Garuu yaadadhu:
💡 AI’n sammuu qabaachuu hin danda’u akkuma namaa.
👉 Inni waan namni uume dha.
👉 Kanaaf namni yeroo hunda caala.

🔚Goolabbii

Artificial Intelligence jechuun robot nama bakka bu’u qofa miti.
Inni technology akka namaatti hojii hojjechuu danda’u dha.

Har’a AI’n:

bilbila kee keessa jira
internet keessa jira
hojii addunyaa jijjiiraa jira
💡 Dhugaan guddaan tokko jira:
“Namni technology barate yeroo waliin guddacha… namni irraa fagaatu yeroo irraa hafaa jira.”
Kanaaf:
👉 AI sodaachuu qofa hin barbaachisu
👉 Hubachuu fi sirnaan fayyadamuun barbaachisaadha.
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍5❤2
💟Baankiiwwan kanneen keessaa kam verify godhachuu barbaadda?

Manuma keessan taa'uudhaan Herrega Baankii keessanii Fayda ID waliin wal qabsiifachuuf ykn verify godhachuuf linkiiwwan armaan gadii fayyadami.

1. CBE ~  https://cbefayda.cbe.com.et/
2. CBO ~ https://my.coopbankoromiasc.com/harmonization
3. Bank of Abyssinia ~ https://cs.bankofabyssinia.com/fayda_connect

4. Awash Bank ~ https://fayda.awashbank.com/en

5. Hijra Bank ~ https://apps.hijradigital.com/fayda/v2/acctVerf

6. Siinqee Bank ~ https://fayda.siinqeebank.com:7443/

7. Oromia Bank ~
https://share.google/GUWsaxoIAESFRp2hM

8. Dashen Bank ~ https://dashensuperapp.com/dashen-fayda

9. Wegagen Bank ~ https://fayda.wegagenbanksc.com.et/harmonization

10. Rammis Bank
~ fayda.rammisbank.et https://share.google/plT5HzQvm1tv8UNXv

11. Bunna Bank
~Bunna Bank S.C https://share.google/A0hUwRAMgdnLtlbzo

12. Hibret Bank
~ Hibir KYC https://share.google/i51ZxAdL9Un0akwdQ

13. Zamzam Bank
~ Zamzam Bank Self Care https://share.google/xGGSSeRFdT1CIbhNy

14. Zemen Bank
~ Zemen Bank - Fayda Harmonization Public Portal https://share.google/suZir106gcgnGBmq0

15.Tsehay Bank
~Tsehay Bank - Secure Authentication https://share.google/kth9Jhv6ZUYBkjplw

16. Nib International Bank
~ Nib-Fayda Harmonization https://share.google/L5ZLh3L8fejwRZuwz

17.  Goh Betoch Bank
~ Goh Betoch Bank- National Id https://share.google/ctaQjZ5hn9oM14V8v

18. Enat Bank
~ Link Fayda ID - Bank Account Entry https://share.google/ylkI3uBltBHjEfQDT

19. Development Bank of Ethiopia
~ DBE-National ID https://share.google/rJZuO1Pgr89iRk78y

20. Anbesa Bank
~Fayda Account Harmonization https://share.google/TZRz6F7D1vyh0drad

21. Ahadu Bank
~ Welcome | Ahadu Bank - Ahadu Fayda https://share.google/AWGS37Dz6lBUjnpc9

22. Addis International Bank
~Home - FaydaOnline https://share.google/VvAB1Q3Ptz5BMeHzg

23. Abay Bank
~ Abay Bank KYC Verification https://share.google/w8Vbv2NE8iKEFmaoG

24.  Sidama Bank
~ Sidama Bank – Fayda Harmonization https://share.google/761CzPTAIDMgDZfq7

25. Tsedey Bank
~ Tsedey Bank – Fayda Harmonization https://share.google/sTOqWWmX7Q9mfREKN

26.  Amhara Bank
~ ABa Fayda Integration System https://share.google/Vv4h7sacieT0EIrXA

27. Berhan Bank
~Source: nationalidharmonization.berhanonline.et https://share.google/mmNkJ7YisczE9C6yK

To get all links tegether press the following link
National ID https://share.google/D1KV8dm1ZcLYwrX6a

National bank of Ethiopia 🇪🇹
Home - National Bank of Ethiopia https://share.google/diEOL8VzfbyedwCTu
National ID Ethiopia
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍6
Shift + F1 - What is it?
Shift + F2 - Edit cell comment
Shift + F3 - Paste the function into the formula
Shift + F4 - Search Next
Shift + F5 - Find
Shift + F6 - Previous Panel
Shift + F8 - Add to the selection
Shift + F9 - Calculate the active worksheet
Shift + F10 - Popup menu display
Shift + F11 - New spreadsheet
Shift + F12 - Save
Ctrl + F3 - Set name
Ctrl + F4 - Close
Ctrl + F5 - XL, size of the restore window
Ctrl + F6 - Next Workbook Window
Shift + Ctrl + F6 - Previous Workbook Window
Ctrl + F7 - Move window
Ctrl + F8 - Resize Window
Ctrl + F9 - Minimize the workbook
Ctrl + F10 - Maximize or Restore Window
Ctrl + F11 - Inset 4.0 Macro sheet
Ctrl + F1 - Open File
👍2
☑️ 🔐 Telegram Kee Hack Ta'uu Irraa Eeggadhu?

💡 Namni tokko lakkoofsa bilbilaa kee argachuun qofa Telegram kee seenuu danda'a jechuun yaaddeertaa?

❌Dogoggora!

✅ Two-Step Verification hojii irra yoo oolchite, password dabalataa malee eenyullee account kee seenuu hin danda'u.

📌Akkaataa itti hojii irra oolchitu:

1️⃣ Telegram bani
2️⃣ Settings seeni
3️⃣ Privacy and Security filadhu
4️⃣ Two-Step Verification tuqi
5️⃣ Set Password filadhu
6️⃣ Password cimaa galchi
7️⃣ Recovery Email dabaladhu
8️⃣ Code email irraa siif ergame mirkaneessi
━━━━━━━━━━━━
⚠️ Two-Step Verification hin qabdu taanaan:

❌ SIM kee yoo si jalaa badde accountn kee hatamuu danda'a
❌ Code Telegram kee namni argate account kee seenuu danda'a
❌ Odeeffannoo dhuunfaa kee argachuu danda'a
━━━━━━━━━━━━━

✅ Two-Step Verification qabda taanaan:

🔒 Account kee eegatta.
🔒 Chats fi datan kee ni tikfama.
🔒 Hackers irraa eegumsa dabalataa argatta.
🔒 Nagaan Telegram fayyadamta.

━━━━━━━━━━━━━
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❤2🥰2👍1
⚠️  Eeggannoo ❗️

❌ Link hiriyootaan isiniif ergamu calliftanii banuun,....
1. Hackeridhaaf isin saaxila
2. Yakki account keessaniin hojjetamnaan dhaabbanni telegram banned akka taatan godha!

✅ Account keessan eeggachuuf:
1. Two-step verification code fayyadamaa!
2. Security management keessan yeroo hundumaa ceck godhaa!
3. Link adda addaa isiniif ergamu, adda baaftanii utuu hin hubatin hin tuqinaa!
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❤1🔥1👏1
Dhufa Jecha Kompitaraa.

Jecha "kompitara" jedhu kan jalqaba fayyadame barreessaa biyya Ingilaandi Richard Braithwait kitaaba isaa “The yong mans gleanings” jedhu keessatti ture.

Jechi kun kitaabicha keessatti nama shallaga hojjatu kan ibsu ture, hiikaan jecha kompitara jedhus akkaata kanaan hanga jaarraa 20ffaa walakeessatti itti fufe.

Dhuma jaarraa 19ffaatii kaasee garuu, hiikan jecha kompitaraa gara maashinii shallaga hojjatu kan jedhu kanatti jijjiiramaa deeme.


Maddi | Wikipedia
😘3❤2🥰2